tgindex
Wangeela afaan oromoon

Wangeela afaan oromoon

Статистика

" Nuyi garuu nama biyya waaqa irraa ti; "Gooftaan keenya fayyisaan keenya Yesus Kristos achi nuuf dhufa" jennee eegganna." (Filiphisiiyus 3: 20) Yaadaaf @biyya46

Последний пост
9 авг.
Последнее чтение
15 авг.
Постов за неделю
0
Всего постов
20
Тип
открытый
Язык
om
В каталоге с
13 авг.
Подписчики
3 383
−3 за 5 дн.
Сутки
+1
+0,03%
Неделя
 
Месяц
 
Просмотров на пост
3 594
20 постов
Вовлечённость
106,2%
к подписчикам
Постов в день
0,0
всего 20
Упоминаний
1
каналов
Охват размещения
оценка
1/24сутки в ленте
299
1/48двое суток
342
1/72трое суток
369

Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.

Посты

  • без подписи

  • Yaadonnike kan si irrat aangoo qabaatan yemmuu isaan amantu qofaadha. Yaada at yaaddu sun mirkaneeffannaa at kennituun sin hooggannuu jireenyakee murteessu, dhiibbaa sirratti uumuuf eegala. Yaada at yaadu osoo hin taane aangoo at yaada sanaaf laatteen jireenyikee to'atamaa jira. Yeroo at yaadi sun dhugaadha jettee amantee ka'ee qaamni sammukkee (subconscious mind) yaada sana jiraachuu eegala. Jireenyakee irratti jijjiirama uumuuf sammuukee (subconscious mind) dhiibbaa irratti hin uumiin. Yaadakee to'adhu, yaada gaarii( positive thoughts) yaadi, wanta gaarii amani. Ergasii sammuunkee (subconscious mind) wanta sana jiraachuu eegala. Yaadota at irra deddeebiin amantu, jireenya at experience gootu taha. MADDA: The power of subconscious mind. Dr joseph murphy dhaan. @wangelawaka

  • Guyyaan yemmuu bari'u(eegalu) giyyaa sana waan uumamuuf deemu beekuu baannus guyyaa waaqaan nuuf krnnametti nun illee dabarfamnee kennamee jirra. Falmiin guyyaaf yeroo faana taasifnu jireenya keenya dha Namni jireenyi isaa yeroo famlii yeroo faana taasisu irraa bilisa ta'uu hin danda'u. Guyaa dhalanne boo'udhaan waldhaansoon nun yeroo waliin taasisuun eegalle guddachaaf jabaachaa yeroo dhufnu caalaatti yeroo sana moo'achuuf yookaan dandamachuuf tattaafachuu eegalla. Kun jireenya keenyadha Yeroon takka takka si dhowwata argachuuf yaalta dhabaa jedhamta, al takka takka siif kenna qabaattee mul'atta. Al takka takka si dursee deema bira ga'uuf fiigda(hammasit duubatti hafaa jedhamta) Al takka takka yeroo waliin tarkaanfatta(nama yeroo sanaa jedhamta) Al takka takka ammoo yeroo dursitee deemta(nama qaroome jedhamta) Al takka takka wal aansoo wal qabuun in rukkutamta, in miidhamta al tokko tokko ammoo in rukkuta in sodaatamta. Kun jireenya namaa dha. Yohaannis 4 irra durbartiin samaariyaa fakkeenya jireenya namaa ta'uu dandeessi. Dadhabbiif tattaaffii namni yeroo waliin wal'aansoo wan qabaa jiraachuu itti fufuuf taasisu. Jireenya ishee 1. Nama waan taateef dhuguu nyaachuu qabdi. Irra deedeebiin yeroo hunduma nuffii tokko malee waa'ee jireenyasheef barbaachisu in raawwatti. Dhokattee illee ta'u. 2. Eenyummaa isheef ishee Wangeela Yohannis 4:7 Dubartiin Samaariyaa tokkos bishaan waraabbachuudhaaf dhufte; yommus Yesus, ?Bishaan dhugaatii anaaf kenni!? ittiin jedhe. Wangeela Yohannis 4:9 Dubartiin Samaariyaa sun, ?Attamitti ati Yihudii taatee, ana dubartii Samaariyaa bishaan dhugaatii gaafatta?? ittiin jette. Yihudoonni warra Samaariyaa wajjin qodaa tokkotti hin sooratan. Yeroon gad ishee buusee jira. Waan gaarii isheef hin kennine. "Ani kana" jettee inni isheen fudhatte, jaallattee osoo hin taane, waan gootu waan hin qabneefi. Isheen waarra yeroo sanaan hin carroomne keessa tokkodha. 3. Abbaa manaa ishee miti Wangeela Yohannis 4:16-18 Yesus immoo, ?Dhaqi! Abbaa manaa kee waamii kottu!? jedheen. Dubartittiin deebiftee, ?Anoo abbaa manaa hin qabu? jetteen; Yesus immoo, ?Isa ?Abbaa manaa hin qabu? jette, ba'eessa dubbatte. Abboota manaa shan qabda yoo turte iyyuu, inni amma sii wajjin jiru abbaa manaa kee miti'o; kana dhugaa dubbatte? ittiin jedhe. Jireenyi ishee kun jireenya ishee hamaa isa kan biraadha. Guyyaa dhalattee kaatee hubannoo mataakee ati qabaattuufii murtoowwan at murteessaa dhuftu dogoggora ta'uu isaanii irraa kan ka'e dogoggoora dogoggorootaan dhalateen marfamnee of arguu dandeessa. Kun jireenya ishee dha, jireenya namaa. Jireenya nama ta'e Wangeela Yohannis 4:10 Yesus immoo deebiseefii, ?Kennaa Waaqayyoo utuu beektee, inni ?Bishaan dhugaatii anaaf kenni!? siin jedhe kunis eenyu akka inni ta'e utuu hubattee, silaa situ isa kadhata, inni immoo bishaan yeroo hundumaa jiraatu siif in kenna ture? jedheen. Jireenyi tokkochi yeroo faana wal'aansoo hin qabne yeroo injifatee, to'ate jireenya kanadha. Jireenyichi isuma mataa isaadha. Jireenyi kun kennaa waaqaati. Nuuf kennamee jira. Jireenya keenya akka jiraannuuf osoo hin taane jireenya kana jireenya keenya taasifannee jireenya kanaan akka jiraannuuf waamamnee jirra. Yeroo hundumaa ofiikeen yeroo moo'attee, to'attee jiraachuu hin dandeessu. warreen nun akka isaanii ta'uuf hawwinu, jiraachuu dadhabanii osoo arginuu yeroo harca'an argaa jirra. Jireenyi lola nun ofii keenyaan moo'achuuf tattaaffii nun gochaa jirru miti. Jireenyi isa dha. Iyyesuus kiristoos. Wangeela Yohannis 4:13-14 Yesus immoo, ?Bishaan kana irraa kan dhugu hundinuu deebi'ee in dheebota; bishaan isa ani kennuufiif jiru irraa inni dhugu garuu, bara baraan hin dheebotu; bishaan inni ani kennuufiif jiru, isa keessatti burqaa bishaanii isa jireenya bara baraatiif burqu in ta'ao? ittiin jedhe. Jireenya isa jireenya isaa ta'e. Dubartittiin yommus okkotee ishee achumatti dhiifte, gara mandaraa dhaqxee namootattis dubbattee, Wangeela Yohannis 4:28 Jireenya at jiraachaa jirtu jireenya isa kam akka ta'e in beeksisa. @wangelawaka

  • Yisakor niguse አድራሻዬ @wangelawaka @wangelawaka

  • Waaqayyo yemmu qormaata hedduudhaan haalota garaa garaan jabaa si taasisuuf siin si hojjetu. Booru siin siif nama jabaa taasisuuf miti. Hojii waaqayyoo akka hojjetuuf jiraachuukee keessaan waaqummaa waaqayyoo haa mul'atuuf jabinakeen jajjabina namaa akka taatuufidha. Bakka dhaabbatte hundumaa haala keessa seente keessatti yaada waaqayyoo bakka sanaaf, nama sanaaf jiraadhu. Waaqayyo sikeessaan mul'achuuf si qopheesse. Hawwiif fedha at ofiikeef qabdu caalaa itti gaafatamummaan waaqayyo siif kenne si miidhagsa. @wangelawaka @wangelawaka

  • “Nuyi garuu, Kristos isa fannifame in lallabna; kun immoo warra Yihudootaatti gufuu dha, warra Yihudoota hin ta'initti immo ogowwummaa dha.” — 1Qor. 1:23 "But we preach Christ crucified: a stumbling block to Jews and foolishness to Gentiles," እኛ ግን የተሰቀለውን ክርስቶስን እንሰብካለን፤ ይህም ለአይሁድ መሰናክል፣ ለአሕዛብ ደግሞ ሞኝነት ነው። 1 ቆሮንቶስ 1:23 @wangelawaka @wangelawaka

  • @wangelawaka

  • без подписи

  • Qurxummiin bakki jireenya ishee bishaan keessa qofa osoo hin taane galaana/laga/garba waaqayyo  qurxummiin sun keessa haa jiraatuuf uumeefiidha. Qurxummiin wanta bishaan tahe kamuu keessa dandamatee turuu jiraachuu danda'a. Mana  ofiif waajjiroota gurguddoo keessatti illee akka miidhaginaatti qurxummiiwwan saanduqa daawwitii keessa in kaa'amu in jiraatus. Garuu ammoo bakki sun bakka jireenya isaanii miti. Akka barbaadan hin daakan. Nyaata waaqayyo isaaniif kaahe sana hin argatan. Kennaa uumama biraaf kennuu qaban guutummaatti hin kennan. Bakka jireenya jiraachuu qabdu sana guutummaan itti jiraattu jira. Bakka jireenyaa sana jiraadhu. Waaqeffannaaf kadhati fuula waaaayyoo dura jiraachuun kee bakka jireenyakeedha. Bakka kamuu jiraachuu dandamattee turuu dandeessa. Bakki jiraachuun siif malu garuu achidha. Bakka argamuu waaqayyo. Fuula isaa dura argamuu isaa keessa. @wangelawaka @wangelawaka

  • “Waaqayyo tokkicha, inni gidduu dhaabatee Waaqayyoo fi nama walitti fidus tokkicha, inni immoo Kristos Yesus isa nama ta'ee mul'atee dha.” — 1Xim. 2:5

  • Yeroonkee ammaa kun yeroo hojii hin qabne osoo hin taane carraa yeroo hojii biraa itti hojechuuf yookaan hojii qalqabde itti fufuuf sii kennameedha. Yeroon hojii hin qabne hin jiru.yeroon hunduu hojii mataa isaa qaba. Oogummaan guddaaf gamnummaan sirrii ammoo yeroo sanatti wanta raawwachuu siif malu abbaa yeroo sanaa hubachuudha. Yeroo at homaa itti hojechaa hin jirre jaallattes jibbites gubachaa jira. Dogoggorakee yeroo sanatti wanta hojjechuun sirra jiru hojjechuu dadhabuukee malee yeroon sun waan fedhu dhabdee miti. Resource yeroon kun barbaadu hundumaa qabda. Yeroon kun hojii qaba. Hojiin kun ammoo si bira jira Yeroon itti aanu, yeroo itti aanu ammadha Yeroo hundumaa amma hojjedhu. @wangelawaka

  • #HUNDINUU_GARAKOO_KOOTTAA Mat. 11 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ²⁸ Yesus itti fufee, "Isin warri itti dhamaatanii dadhabdan, ba'aanis kan isinitti ulfaatu hundinuu gara koo kottaa; ani boqonnaa isiniifan kenna. ²⁹ Waanjoo koo fuudhaatii baadhaa, ana irraas baraa; anoo garraamii dha kanan gad of deebises; boqonnaas lubbuu keessaniif in argattu. ³⁰ Waanjoon koo nama hin dhibu, ba'aan namni anaaf jedhee baatus salphaa dha" jedhe. Inni warra dadhaban waamu humnadha. Inni warra jibbaman waamu jaalaladha. Inni boqochisuuf waamu ofii isaa boqonnaadha. Inni gara wanta ofiisaa ta'eetti nu waame. Gara ofii isaatti nu waame @wangelawaka @wangelawaka

  • Kiristoos nagaa sii kennuuf bakka sii jijjiiruun, waan hedduun si marsee wantoota biyyi lafaa gaariidha jedhuun si badhaasee nagaa qabeessa si hin taasisu. Nagaa inni kennu nagaa isa keessa madduudha. Kennaan gaarii kiristoos hunduu eenyumaa isaa irraa kan maddan malee barbaacha ofiikee barbaaddu yookaan waaqayyo siif barbaacha deemee, si fidee dhufuun kan guutuu tahan miti. Namoonni baay'een "anoo waaqayyoon dheegee nan dadhabe" in jedhu. Waaqayyo osoo jiruu waa fidee dhufuu waaqayyoo dheegu. Garaan kiristoosiin argatee hin boqonne kiristoos irraa homaa argatee boqonnaa argachuu hin danda'u. Kiristoos ofiin siif kennuu irra darbee homaa siif kennee si hin sossobu . Dhugaa isumadha, isa qofaa. Dadhabina keenyaan dhugaan sun hin jijjiiramu . Yoh. 4 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ¹³ Yesus immoo, "Bishaan kana irraa kan dhugu hundinuu deebi'ee in dheebota; ¹⁴ bishaan isa ani kennuufiif jiru irraa inni dhugu garuu, bara baraan hin dheebotu; bishaan inni ani kennuufiif jiru, isa keessatti burqaa bishaanii isa jireenya bara baraatiif burqu in ta'ao" ittiin jedhe. Wanta nun barbaadnu sun dhufee nu hin jabeessu taanaan barbaadu keenyatu dadhabina keenya ture jechuudha. Far. 42 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ¹ Borofni akkuma bishaan yaa'u argachuu yaadu, lubbuun koos akkasuma si yaaddi, yaa Waaqayyo! ² Lubbuun koo Waaqayyoon immoo, Waaqayyoon isa jiraataa akka bishaanii in dheebotti; yooman dhufa, Waaqayyo koo durattis yooman argama! “yommus Yesus, "Ana buddeenni jireenyaa, gara koo kan dhufu hin beela'u, kan anatti amanus matumaa hin dheebotu.” — Yoh. 6:35 ክርስቶስን መምሰል ማንዴራደርበት አኗኗራችን ነው። kiristoosiin fakkachuun akkataa tokkicha itti jiraannuudha. Akkaata biraa yeroo hundumaas takka takkas itti jiraannu hin qabnu @wangelawaka @wangelawaka

  • Yeroo ta'e yaaliin wayii taasifame. Maal taha osoo goommaa konkolaataa sibiila irraa hojjenne? Goommaa sana sibiila irraa hojjetan. Konkolaataatti kaa'uun yaalii sana gaggeessan. Konkolaataan sun bifa inni itti adeemu, ariitii inni itti adeemu,karaawwan hedduu akka goommaa kaanaan duraa gaarii tahuu hin dandeenye. Goommaan ammaa kun goommaa jedhamus wanta inni raawwatu osoo hin taane akkataa inni itti raawwatu, garaagarummaa uume. Jireenya keenya  irratti illee akkaataa itti jiraannuuf sababni guddaan wanta irraa hojjetamneedha. Wanta siin si hojjechaa jiru sana akka salphatti hin laaliin boor bifa at itti mul'attuudha waan ta'eef. @wangelawaka @wangelawaka

  • kiristoosiin fakkaachuu @wangelawaka

  • waaqayyoon jaalala Faarfataa zekkii @wangelawaka @wangelawaka

  • @wangelawaka

  • @wangelawaka

  • @wangelawaka

  • @wangelawaka