Latii Show
Статистика- Последний пост
- 12 авг.
- Последнее чтение
- 15 авг.
- Постов за неделю
- 3
- Всего постов
- 22
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- В каталоге с
- 15 авг.
- 1/24сутки в ленте
- 27
- 1/48двое суток
- 30
- 1/72трое суток
- 33
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
Namoonni telegram chanalii 28k waantota akka bizinesii adda addaa irratti hojjechuu feetan gatii maadaalawwaa ta'een bitachuu feetan 👉 @Dani0l1 Nama dursee na gaafateef dursan kenna
Namoonni telegram chanalii 28k ta'e bitachuu feetan 👉 @Dani0l1 Nama dursee na gaafateef dursan kenna
𝐊𝐚𝐧𝐧𝐞𝐞𝐧 𝐀𝐤𝐤𝐚𝐦𝐢𝐢 𝐃𝐮𝐛𝐛𝐢𝐬𝐮𝐮 𝐁𝐚𝐫𝐛𝐚𝐚𝐝𝐝𝘂?
Oduu Ammee biiroon barnootaa baase. BBO ibsa haaraa baaseen barattoonni keenya kutaa 6ffaafi 8ffaa guyyaa...more Odeefannoo guutuu Argachuuf More Jechuun Dubbisaa
➺𝐀𝐤𝐤𝐚𝐦 𝐣𝐢𝐫𝐭𝐮? Namonnii Channeliin Kessaan Akkaa Isiinif Guddaatuu Barbaddan! Guyyaa Muraasa Qofaa Kessattii Member Hedduu Hora𝐜𝐡uu𝐟 𝐍𝐚 𝐪𝐮𝐮𝐧𝐚𝐦𝐚𝐚. ◦◦◦◦◦◦◦◦◦◦◦◦◦◦◦◦◦◦◦◦◦◦◦◦◦◦◦◦◦◦◦◦◦◦◦◦◦ BAKKA Lamaan ➺ Above ➣ 1K+ subscribers ➺ Above ➣ 5K+ subscribers Na 𝐪𝐮𝐮𝐧𝐚𝐦𝐮𝐮𝐟👉 @MN_SMN 👈 Bakki muraasni waan hafeef Daddafaa Dabalataan 1k+ view channel cross promotion Loogoo social media keessanii fi paid promotion ni hojjanna. DM👉 @MN_SMN na Quunamaa. More information @MN_Promotion
Oduu Ammee biiroon barnootaa baase. BBO ibsa haaraa baaseen barattoonni keenya kutaa 6ffaafi 8ffaa guyyaa...more Odeefannoo guutuu Argachuuf More Jechuun Dubbisaa
Abdiin kee gogee turee Dagaagee gaafa latuu Seenaan kee jijiiramee Ifee gaafa mul'atuu... ~ Karoorri kee raawwatee Hunduu gaafa argamuu lyyati kee fuudhamee Galmeen gaafa banamuu ~ Lubbuu keetif sodaattee Utuu hin deemiin shakkaa Dubbiin kee kabajamee Gaafa argattu bakkaa ~ Warra xiqqaa fi guddaa Gosa kee yookaan firaa Hin dagatiin lammii kee Gatiin isaa sirra jiraa.....! Jabaako nuf jiraadhu bayye si jalana @Coach_motii @Latiishow698
Haacee koo - goota dhiiraa Gumgumtuu akka bakakkaa Ati ofiiyyuu siidaadha Siidaa onnee walakkaa Warqee bakka hin buufamne Qaalii tilmaama hin qabne Nutti hir'ate karaa kee Akka hin taanetti cabne... Siidaa... Haa ijaaran gaariidha Akka dhaloonni ilaalu Nuuf garuu siidaan kamuu Dhugaafi gumaa kee hin caalu! Ni dhufti guyyaan tokko Turtee....taatus fageenya Gaafa dhugaan kee baate Isheedha #siidaan keenya! @Latiishow698 @Latiishow698 @Latiishow698
#Haada_foota Ija tuffiitiin na ilaaltaa Akkan taanetti Na madaaltaa Akka waanan Qurcii ta'ee Akka waanan Siin gad ta'ee Akka waan natti Aduun dhiitee Akka waan siif Hunduu guutee Afaan kan kee damma gootaa Na dudduubaan Haada footaa Na qeeqeemaa Bar Na haaltaa Osooman jiruu Na awwaaltaa 👍 ❤ ♂️ ˡⁱᵏᵉ ʳᵉᵃᶜᵗ ˢʰᵃʳᵉ Join godhaa tuqaatii 👇👇👇 ╔══━▒๑•ั🌹•ั๑▒━━═╗ @Latiishow698 @Latiishow698 @Latiishow698 ╚═━━▒๑•ั⭐️•ั
Nama jabaa jechuun☝️☝️ ISa guddaasaa dhaggeeffatu Xiqqaammoo jabeeffatu Ololaaf Jibba dhiisee Beekaasaa safeeffatu Xiiqeffataaf kutataa Tabba dhiibee bahu Jabaa onneen isaa gaaraa Isa amma jedheef gahu Ogeessa maarshaal aartii Fakkii yaadaa Kanaaf master yeroo Hunduu si barbaadaa Xiqqaa sammuun guddaa Hayyuu jechi furdaa Gargaaraa Nama hundaa Kanaaf namni hunduu Si arginaan iyyaa Master yerosan jechuun Anaaf barsisaa kiyyaa 🤌 #Join_share_reacted_gochuun_najajjabesa @Latiishow698 @Latiishow698 @Latiishow698
Biko🥰 Isan..., Dheebuutti gaggabe Eeguutti dadhabe, Isan..., Fagoo laalee of qixeessee Abdii muruut as dhiyeesse, Akkan..., Si dhiisee hin deemne Fuul dura koo gortee Afaan qadaaddattee Na dura dhaabbattee, Mararteen na lolta! Garaa koo na corta! Jaalalaan na moota! Waan feete na goota! Ana of keessat-n baqsite Maashota koo sirreessitee, Isan laafe jabeessitee Galmee keenya haaressite! Natti mul'achuu keen gammachuun mirqaanaa, Jiruun haaromsadha deebi'ee si faana! Natti dubbachuu keen deebi'ee ofitt-aanaa, Bara baayyeen hawwa jiraachuuf si faana! @Latiishow698 @Latiishow698
Bara tokko Waggaa torban har'aa - Sagadi jennaan sagade 'Nagadi' jennaan 'nagade' Koottu jennaan dhufe Darbi jennaanis lufe Hafi jennaan hin geenye Rafi jennaan hin teenye Ammammoo, Barrisi waan jetteef akka allaattii Koochoo hin qabu egaa nagaatti! Obbobbosh, Dhibdee bitaa gara ceekuu Isa akkanaa argee hinbeeku! * * * @Latiishow698 @Latiishow698 @Latiishow698
JANNATA ARGE Gaafas argeen ture qananii manichaa Akkaan ilaaleera gammachuu gamichaa Hedduu nama hawwata urgooftuun achirraa Namas komachiisa jireenya dachiirraa Gaafas; Gorora kee dhamdhamuuf sitti na rarraasise Hidhii keetti of fannisuu akkaan na dharraasise Gaafas; Nadhii sirraa utuun dhuguu yaadakoon samii uree Dhungoo afaan kee keessatti jannatayyuu argeen ture. ✍️ ....@Latiishow698 @Latiishow698 @Latiishow698
An... Galmee kee cufeera Haqadhee tufeera Lamuu si barbaacha, qalbii koon dhamaasu Si mil'achuu fedhee, ija koon facaasu Yaada koon rarraasu Galaa siin galaasu Malaa siin malaasu! Lapheen koo dhubbeera Siif ofii koo lubbeera Amma na haa ga'uu Horma kee haa ta'u Yoos... Tirika koo ibsee halkan sin barbaadu An lammee deebi'ee raawwadhee sin yaadu Situ kan jaalalli maluuf miti Narraa citi @Latiishow698 @Latiishow698
Anaaf si gidduutti..., Wal hubannaan akka dhibee Ija jaalalaa daaraa dibe Afaan walii akka wallaallee Ija dadhabbiin wal ilaalle, Gar gar bahuuf jibba dhabne Wal jaalachuus humna dhabnee Hidhaa harkisuutti akka cabne Waliin deemuu akka dadhabne, Walii gallee yoo niyyanne Isa gubbaatti yoo iyyanne Waanti kamuu sitti hir'atee Fedha qabdaa yoo sirrate? @Latiishow698 @Latiishow698 @Latiishow698
Urjiin sami irraa kufu Akka waan siin naa fidee dhufuu Jiini halkan iftu Akka waan siin naa tuftuu Dukkana firoomfadhee baatii hiriyoomfadhee Halkan halkan... akkan samii ilaaletti akkan asii ol si eegetti Ganni dhufee bonni darbe Si eeguun yoom haamilee na sarbe? Erga deemtee Kabajni koo Hammam akka salphate Maaltu akka na mudate Ji'a gaafadhu An danda'ee hin himadhu! Hammamtaa caba koo dhageessee Naa gadditee hin dhufiin, Atimmoo yaa lubbuu koo... Ishee eeguu hin nuffiin! ✍️... @Latiishow698 @Latiishow698
Onneen tokko tokko, akka dhagaati; dhagaa lagaati Bakkaa hinka'u Baqaa hinta'u Garuu... humni addaa akka ibiddaa akka tasaa gaafa tuqu Tokko jettee barta, waa'ee baquu! * * * @Latiishow698 @Latiishow698
( H A A D H A ) Isheen lubbuu laattu Isheen lubbuuf taatu Gaariin akka waaqaa Ulfoon akka maqaa Jaallatamtuun HAADHA! ... @Latiishow698 @Latiishow698
#Gaabbii_koo! #Isan gaabbe sitti himuu? Isan onnee tokko fuudhee Aarsaa godhee si'iif qale Isan otoo'ti nan waamiin Dhufee bobaa keetti gale Isan dhufee sitti halladhe Isan safuu siif dagadhe Isan kumaatama dheessee Siti baqadhe Isan si argachuuf jedhee Of hanqadhe. #Isan_gaabbe! @Latiishow698 @Latiishow698
Hennas... Haasa'uuf; Jechoonni yoom dhiban fedhii haasaa fixxe Galmee banaa baattee callisatti lixxe! Si falmachuuf... Wawwaannan koo akka si aarsu Ana si lagee argaa si jaamsu Ejjennoo kee akka jabeessu Ana dhabuu-kka dandeessu... Erga naa galee; Isan dandeenye siif danda'ee Of ukkaamsee innan awwaale, Akka fedhii kankee ta'e Garuu situ narkaa daare! Dhiifama! Barbadaa callisakee innan boriif dibe Yerootu balleesse qabsiisuufin dhibe! @Latiishow698 @Latiishow698