- Последний пост
- 8 июн.
- Последнее чтение
- ещё не заходили
- Постов за неделю
- 0
- Всего постов
- 53
- Тип
- открытый
- Язык
- английский
- В каталоге с
- 13 авг.
- 1/24сутки в ленте
- —
- 1/48двое суток
- —
- 1/72трое суток
- —
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
Mootiin Ottoomaan Turkii durii Ahmed gara waraanaatti deemuuf jedhee haadha manaa isaa (mootittii bareedduu) kutaa tokko keessatti balbala itti cufee furtuu balbalichaas hiriyyaa isaa dhiyoo kan ta'e Muusaaf kennee akkas jedheen, "guyyaa afur booda yoon hin deebi'in, kutaa sana banadhuutii haadha manaa koo fuudhi" jedhee farda isaa yaabbatee gara dirree waraanaa deeme. Sa'aatii walakkaa booda of duuba garagalee gaafa ilaalu nama isa duuba dhukkee (awwaara) kaasaa itti fiigu argee dhaabbate. Gaafa itti dhiyaatu hiriyyaa isaa Muusaadha. "Maaltu si mudate?" jedhee mootichi isa gaafate. Hiriyyaan isaa baay'ee fiiguu isaarraa kan ka'e hafuura ciccitaa baafachaa "furtuu dogoggoraa naaf kennite" jedhee deebiseefi. Mootichis ajaa'ibsiifannaa fi naasuudhaan isa ilaalaa "maal jette?..." jedhen. Hubadhaa, furtuu isaaf kennameen kutaa san banee haadha manaa mootichaa jalaa fudhachuuf guyyaa afurii mitii sa'aatii afurillee obsuu hin dandeenye. Yeroo takka takka nama yaada garaa keetii hunda itti himattee, nama kooti jettee itti dhihaattu, kan waliin nyaattan, gaddaa fi gammachuu kan waliin dabarsitan,... haala mijataa eegee si ganuun isaa hin oolu. Nama sirritti adda bafatte malee, nama hunda of eeggannoo fi hubannaan waliin jiraadhu malee tasuma hin amanin. Ati isaaniif waan gaarii yaaduufii oolmaa gaarii ooluu dandeessa, isaan garuu du'a siif hawwuu malu, boolla siif qotuu danda'u waan ta'eef of eegi. Amanamaan Rabbii Tokkicha Qofa!!!! https://t.me/Maaliif_Hintaane
Miseensota qulqulluu, kanneen dubbisa jaalatan 800 horannee jirra. Galmi keenya miseensa baay'ee osoo hin taane muraasa dubbisa jaallataniidha. Imaalli itti fufa, galatoomaa isin jaallanna. Mee jaalala keessan nutti garsiisaa! ❤️😍🙏....
Baga Eid Al-Adhaa kan bara kanaa nagaadhan geessan. ayyaanni kan gammachuu fi kan milkaa’inaa nuuf haata'u! Eid Mubarak!🙏
без подписи
без подписи
без подписи
без подписи
Sirna Eebba Kitaabaa!📚📚 Akkuma mata duree irratti kaasuuf yaale, Sanbata guddaa fuuldura keenya jiru, Caamsaa 16 bara 2018 akka lakkoofsa Itoophiyaatti, kitaabni ogummaa fi hawwii keessaa burqe, maqaan isaa “Amal” jedhu; kan Afaan Oromoo, Afaan Ingiliffaa fi Afaan Arabaan qophaa’e, gaazexeessaa #OBN, Abdushakuur idriisiin barreeffame, sirni eebba isaa bifa miidhagaa ta'een ifatti eebbaaf dhiyaateera. Sagantaan kun: 📍 Magaalaa Adaamaa Riizoortii gadaatti, 🕒 Ganama sa’aatii 3:00 irraa eegalee hanga sa’aatii 7:00 tti Bakka , hayyoonni, abbootiin amantaafi keessummoonni adda addaa argamanitti nigaggeeffama. Kanaafuu: Jiraattonni magaalaa adaamaa fi naannoo ishee ogummaa fi hojii barreessuu deeggaruu barbaaddan hundi, eebba kana irratti akka argamtan kabajaan isin affeerra.🙏
Namootaan marfamtee osoo jirtuu kophummaan sitti dhaga'amee beekaa? Eeyyee, yeroo tokko tokko addunyaan guutuun namootaan guutamtee osoo jirtuu, sagaleen kolfaafi haasaa isaanii gurra keetti yoo iyyu, keessi kee garuu gammoojjii duwwaa ta'a. Akkuma nama galaana keessa dhaabatee dheeboteeti; namoota kumaatamaan marfamtee, garuu nama tokko yookiin ofuma keetiyyuu dhabdee bitaa sitti gala. Bakkuma waca namootaa gidduu teessuu, lubbuun kee qofummaa isheetti haguugamtee boossi. Miira jechoonni itti xiqqaatan, dandeettiin namaa illee fuula waraqaa irratti ibsuuf yoo dadhabu dhuguma nama dhiphisuunillee yeroon guutamnu jira. Garaa kee keessaa jeequmsa guddaatu jira; dambalii yaadaatu sitti ka'a, garuu afaan kee irraa sagaleen ba'aa jiru cal'iisa qofa. Yeroo kana, imimmaan ija kee irra osoo hin taane, onnee kee irra yaa'a. Hoo'a yookiin qorra ta'uu isaa waan hin beekneef, miirri kun maaliif akka sitti dhaga'amu deebii dhabdee mataa of qabda. Sagaleen kee inni guddaan cal'iisa kee keessa dhokateera. Sababa qabatamaa tokko malee, yookiin sababoota xixinnoo nuti hin hubanne walitti qabatee, keessi keenya dukkana uffata. Utuu gaddi mul'ataan si hin qunnamin lubbuun kee ni dhiphatti. "Maaliifi?" jettee of gaafatta. Deebiin isaa garuu hin jiru. Tarii laafina keenya isa dhokataadha, yookiin dadhabbii jireenyaafi dhukkubbiiwwan xixinnoo suuta suutaan kuufamaniitu humna godhatanii nu rukutan ta'a jenneema of gaafannee ofitti obsinee jiraanna. https://t.me/Maaliif_Hintaane
без подписи
#Hunduu_yeroo_qaba! ⏳🔥 Yeroon kee siif dhufa… hin shakkin. Namni biraa yoo si dura milkaa’e, isaafis guyyaa isaatu gahee milkaa'e—atis kan kee jiraachaa jirta, daandii kan kee irra jirta, guyyaa kees eeggachaa jirta. Hin dhaabatin. Hin dadhabin! Guyyaan ati itti ofitti amantu, guyyaan ati gammaddee rakkinoota kee dagattu jireenya keetti dhufaa jira. Rakkoon har’a si quunnamu, humna boru ittiin jabaattu siif kennee deema. Tarkaanfii xiqqoon ati har’a fudhattu, boru siif guddata. 👉 Of amani… itti fufi… yeroon kee ni dhufa! 💪✨ Eeyyen yeroon kee nidhufa!🫡🫡 #HunduuYerooQaba #OfAmani #IttiFufi #Motivation #Jireenya
Tiisisa kan tuffachiise uumama ishee osoo hin taane iddoo oolmaa isheeti. Oolman kee hanga kee ibsa, bakka ooltu filadhu!🫵🫵
без подписи
#Taatee_fokkisaa😢😢 Ijoollee Haramanee sadan kana. Haati keenya waan duuteef mana isheen keessa jiraattu gurgurannee qarshii isaa akka adda qooddannu nuuf haa eeyyamamu jedhanii mana Murtiitti iyyatani. Haati isaanii du'uu isheefis ragaa dhiyeefatani. Manni Murtii waanticha qulqulleessuuf yoo qoratu Haati isaanii iji ishee lamaan akka hin argine, Lubbuun garuu akka jirtu fi nama ishee deeggaru dhabdee deeggarsa ollaadhaan rakkachaa akka jiraachaa jirtu bira gahani. Haadha mana Murtii fidanii waan ta'aa jiru yoo itti himan ni boosse. Manni Murtii Giddaa Ayyaanaa Mana Harmeef deebisee ijoollee hidhaa ji'a sadii sadiin adabe. Umurii guutuu immoo sammuun isaanii isaan adaba. Maali ijoolleen abaaramoo akkasii ? Namni 1 hamaa ta'uu danda'a sadiin akkamitti waliin hamaa ta'u ? Sanuu dubartoonni lameen Barsiisota. 💔
Soomni ramadaanaa guyyaa boruu eegala. Hawaasni muslimaa baga ittiin isin gahe!!
#Ofitti_amani! Ofitti amanuun waan guddaa dha. Namni ofitti amanu, addunyaa guutuu injifachuu isaa dura, ofuma isaa injifata. Sababni isaas, namni ofitti amanu sodaa of keessaa baasuu jalqaba; shakkii of keessaa balleessuu jalqaba; abdii of keessatti horachuu jalqaba. Yeroo baay’ee namoonni gara fuulduraatti tarkaanfachuu barbaadu, garuu “Ani hin danda’u” jedhanii of dhaabu. Kun immoo diina guddaa nama injifachuu dadhabsiisu keessaa tokko. Dhugaan garuu, “Ani nan danda’a” jechuun jalqaba milkaa’inaati. Yeroo rakkoon si mudatu, yeroo namoonni si xiqqeessan, yeroo hamileen kee laaffatu, yaadadhu: 👉 Ati of keessaa humna guddaa qabda. 👉 Ati injifachuu nidandeessa. 👉 Ati waan guddaa hojjachuuf uumamte. Milkaa’inni guddaan osoo hin jalqabin, amantiin guddaan jalqaba. Kanaaf, ofitti amani. Dandeettii kee hin xiqqeessin. Yaada kee hin laaffisin. Imala kee hin dhaabin. #Ofitti_amani! https://www.facebook.com/shananurjii.sabaa.3
#Ati_gatii_qabda! Namoota sin barbaanne hin barbaadin! Namni si hubatu si barbaada; namni si jaalatu si kabaja. Ati of gadi hin buusin, nama si tuffatu dura hin dhaabbatin. dhiisii deemi! Jireenya keessatti yeroo tokko tokko namoota sin barbaanne dhiistee deemuun filannoo hunda caalaa gaariidha. Ati nama of beeku, of jaalatu, of kabaju ta’i. Nama si hin barbaadne hordofuun yeroo kee hin qisaasessin! Ati gatii qabda, gatiin kee immoo harka kee jira. Feetu of qaalessi, feetu immoo rakasha of godhi, suni filannoo keeti. Namoota sin barbaanne barbaaduun immoo baay'ee rakasha akka sigodhu beeki!👌 https://t.me/Maaliif_Hintaane
Gaafa gammaddu barreessi Gaafa gadditu barreessi Qofummaa keessatti barreessi Namoota gidduuttis barreessi Utuu karaa adeemtuu barreessi Hirribaa dammaqii barreessi Yeroo rafuuf jettu barreessi! Yeroo hundumaa barreessi! Afaan sammuu kee keessa jiru qalama keetiin dubbadhu! Yeroo sana iccitii sammuu keetii hubatta! Dhibee keerraas fayyita! Deebii feetus argatta! Barreessi!!!🫵✍✍✍
🔥 Kaayyoon Kee Maatii Keetiif Abdii Dha! Yeroo dadhabbiin sitti dhagaahamu, yeroo abdii kutachuuf jirtu, ija warra keetii, ija ijoollee keetii ykn ija obboloota keetii yaadi. Ati milkaa'uun kee isaaniif gammachuu guddaadha. Har'a jabaadhu, boru maatii kee boonsita!💥 https://t.me/Maaliif_Hintaane
"Nan raawwadha" jechuun kee raawwachuu miti.❌ Raawwachuuf karoorfachuun kee raawwachuu miti.❌ Akkamitti akka raawwattu dubbisuun kee raawwachuu miti.❌ Waa'ee namoota raawwatanii dubbisuun kee raawwachuu miti.❌ Namoota raawwatanitti inaafuun kee raawwachuu miti.❌ Waan raawwachuu dhiisteef gaabbuun kee raawwachuu miti.❌ Yoo raawwachuu dhiiste akka nagaa hin arganne beekuun kee raawwachuu miti.❌ Barruu kana dubbisuun keeyyuu raawwachuu miti.❌ Raawwachuun raawwachuudhuma!✅✅ Waan raawwachuu qabdu raawwadhu!‼️