tgindex
W

WAATAA AI ACADEMY

Статистика
@WaataaTechnologyанглийский

"Transforming Ideas into Innovation, Skills into Careers, and Technology into Opportunity."

Последний пост
2 июл.
Последнее чтение
ещё не заходили
Постов за неделю
0
Всего постов
19
Тип
открытый
Язык
английский
В каталоге с
15 авг.
Подписчики
1 069
−1 за 3 дн.
Сутки
0
0,00%
Неделя
 
Месяц
 
Просмотров на пост
507
19 постов
Вовлечённость
47,4%
к подписчикам
Постов в день
0,0
всего 19
Упоминаний
0
каналов
Охват размещения
оценка
1/24сутки в ленте
1/48двое суток
1/72трое суток

Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.

Посты

  • без подписи

  • без подписи

  • без подписи

  • без подписи

  • без подписи

  • без подписи

  • Oduu Aagaa! Guyyaa har’aa Kolleejjii Pooliteeknikaa Buraayyuu fi Teeknooloojiin Waataa (Waataa Technology) gidduutti waliigalteen walhubannoo uumuu(Memorundum of Undersanding) uumuu mallatteeffame. Akkuma beekamu jaarraan amma keessa jirrukun jaarraa teeknooloojiin saffisaan itti guddachaa jiru waan ta’eef namni kamuu ogummaa ga’aa qabaachuun dorgommii addunyaa kanaa keessatti injifannoodhaan jiraachuu akka danda’uuf dammaqinaan of irratti hojjechuu akka qabu yeroo keessa jirrutu nu dirqamsiisa. Kanaafis dhaabbileen mootuummaa fi dhuunfaa dhimma kana irratti halkaniif guyyaa hojjetan ammoo ga’ee isaanii ba’achuu irratti argamu. Kolleejjiin keenya kolleejjiin Pooliiteeknika Buraayyuu hundeeffama isaa irraa eegalee HOJIIWWAN BOONSAA fi SEENA QABEESSA hojjechaa as ga’e. Dhaloonni kolleejjii kanatti baratee ba’e yeroo ammaa kana jiruu fi jireenya isaa jijjiiruu irra darbee sadarkaa gurguddaa irra ga’ee akka jiru ragaawwan qabatamaa lafarra jiruun mirkaneeffachuu ni dandeenya. Akka lafee dugdaatti dargaggoonni ogummaa isaan barbaachisu baratanii hojii argachuu fi hojii uumuudhaaf kan isaan dandeessise kolleejjiin kun, kunoo guyyaa har’aa ammoo Teeknooloojii Waataa waliin hojjechuudhaaf waliigaltee dhaloota daran humneessuu fi ga’oomsuu danda’u godhee jira. Kolleejjiin keenya kolleejjiin Pooliiteeknikaa Buraayyuu yaada keenya kabajaan keessummeessuudhaan dhangaa nuyi dhalootaaf qabannee dhiyaanne kana simatee nu deeggaree dhaloonni daran akka jabaatu nu waliin hojjechuuf murteessuu isaaf hedduu galateeffanna. Akkuma armaan olitti ibsuuf yaalletti Teeknooloojiin Waataa, Waataa AI Academy keessatti ogummaawwan yeroon ammaa kun barbaadu hunda walitti fiduudhaan namuu akka fedhaa fi dandeettii isaatti baratee bu’aa qabatamaa ta’e tokko akka buufatuuf halkaniif guyyaa hojjechaa as geenye. Carraawwan arganne hundatti fayyadamuudhaan hulaa argame maraan dhaloonni kun teeknooloojii akka baratu irratti hubannaa gaarii ummaa turreerra. Beekumsa teeknooloojii alatti milkaa’uun hedduu ulfaataaadha. Bara hubannoon nam-tolchee “EMERGE” godhee jiru kanatti ammoo qophaa’ina cimaa tokkoon tokkoo keenyaatu barbaachisa. Kanaafis haala mijataa yeroo ammaa kana teeknooloojiin Waataa qopheessee jiru kanatti dhaloonni keenya iiti fayyadamee yoo of ga’oomse ABBAA CARRAA fi TARREE WARRA MILKAA’ANII dhaabbachuu ni danda’a. Namni kamuu jechuunis Barattoonni kutaa gara gadii Barttoonni kutaa 9ffaa hanga 12ffaa Barattoonni kolleejjii fi yuunibarsiitii Eebbifamtoonnii fi hojibarbaaddonni IMX fi Intarpiraayizoonni Startups fi Enteprenours Hojjettoonni mootummaa fi miti mootummaa Gaggeessitoonni dhaabbileewwanii Abbootiin qabeenyaa fi k.k.f teeknooloojii barachuu fi ittiin hojjechuun faayidaa malee miidhaa akka hin qabne hubatanii, akkasumas teeknooloojii malee gara fuulduraatti adeemuun dorgommiiwwanii fi carraawwan qabata teeknooloojiin dhufaniin ala waan nama godhuuf akka AJANDAA tokkootti qabatanii barachuu fi ittiin hojjechuu feesisa. Akka “Waataa AI Academy’tti” hubannoo teeknooloojii irratti ummuu fi ogummawwan teeknooloojii kanneen akka The Digital Era Foundation & Industrial Evolution AI-Powered Full-Stack Web Development (MERN Stack) Artificial Intelligence and Cyber Securtity Promt Engineering Machine Learning & Data Analysis Global Startup Preparation & AI Integration Tajaajila gorsaa teeknooloojii irratti xiyyeeffatee fi k.k.f waan kennamuuf namuu dhufee barachuu, akkasumas gorsa barbaachisaa fi faayidaa qabeessa ta’e argachuu ni danda’a. Sagantaa bareedaa akkasii kana qopheessuudhaan gaggeesitoonni kolleejjii warreen sadarkaa kana irra akka geenyuuf haala mijeesitan hundi keessanuu galatoomaa, ulfaadhaa! Dhumarratti barnnoonni teeknooloojii cgama keenyaan jiru yeroo dhiyootti waan eegalamuuf akka of qopheessitan kabajaan isin affeerra. WAATAA | | HUMNA MUL’ATAA Adoolessa 2, 2026 Shaggar, Oromiyaa

  • без подписи

  • без подписи

  • без подписи

  • 🚀 BRIDGE THE GAP: FROM LEARNING TO BUILDING! ​At Waataa Technology we don’t just teach—we build the future. ​Are you ready to stop watching tutorials and start deploying real-world enterprise applications? Take your seat at the table with industry innovators. The bridge between raw code and production-level deployment starts right here . ​🌟 NOW OPEN: Official Registration 🌟 ​"AI-Powered Full-Stack Website Development (MERN Stack)" ​🎓 Exclusively at Waataa AI Academy ​Accelerate your engineering career by mastering the modern web ecosystem augmented by cutting-edge AI methodologies. ​💡 Why Waataa AI Academy? ​Comprehensive Full-Stack Mastery: Dive deep into MongoDB, Express.js, React, and Node.js (MERN) to build seamless end-to-end applications. ​AI-First Integration: Learn how to engineer, deploy, and scale autonomous features and intelligent workflows directly into production. ​Production-Ready Engineering: Go beyond localhost. Bridge the gap with system architecture, optimization, and real-world deployment challenges. ​📲 Secure Your Spot Today ​Join our official registration and community hub on Telegram to secure your seat: ​👉 Join the Registration Channel 📞 Direct Contact: +251 930 300 252 ​"Don't just learn. Build the project that bridges the gap. Take a seat with us!"

  • 🚀 THE FUTURE OF WEBSITE DEVELOPMENT HAS ARRIVED IN SHEGER CITY! Stop learning traditional coding that takes years to master. The tech landscape has evolved. Artificial Intelligence is rewriting the rules, and WAATAA AI ACADEMY is here to bridge the gap. We are officially launching registration for Ethiopia’s most elite, production-first program: AI-Powered Full Stack Website Development (MERN STACK). 🛡️ WHY WAATAA AI ACADEMY? WE DON'T PROMISE, WE PROVE: 🏆 Officially Licensed: Authorized to train and certify tech talent by the Sheger City Job Creation and Labor Skills Bureau. 🏢 Incubated at MInT: Backed and hosted inside the Ministry of Innovation and Technology (MInT) Incubation Center. 🌍 Regional Recognition: Recognized and certified by the Oromia Region for driving digital innovation. 💻 Real Enterprise Proof: We don't just teach from slides. We build massive production infrastructure. Check out our latest live enterprise project: 👉 hmr-b.com (Built and deployed by our founding team!).

  • Hello Shegger!!

  • https://t.me/WAATAA2025/800

  • WAATAA TECHNOLOGY, [1/16/2025 1:42 PM] Fakkeenyaaf dhaabbata META kan ta’e facebook hojjetoota 3600 hojii irraa gaggeessuuf akka jiruu fi namoota dorgommii dinagdee isaa isa dorgomsiisuu danda’an haaraa qacaruuf akka jiru ibsa bal’aa baasee jira. Kun agarsiiftuu guddina teeknooloojii addunyaa kana keessatti qophiin ilma akkaan murteessaa akka ta’e agarsiisudha. Walumaa gala dhaloonni ammaa kun xiyyeeffannoon isaa inni jalqabaa kalaqa irra ta’uu akka qabu hubachiisuu feena. Yeroo ammaa kana booda qonni, barnoonni, daldalli fi hojiiwwan kanneen biroon teeknooloojiidhaan hin deeggaramne jalqabuma irraa ka’ee KUFAA akka ta’u dhuga baatuun keenya haala addunyaa amma nuyi keessa jirrudha. Kanaan dura hojii kalaqaa gama barnoota teeknooloojiitiin jiru kan Yosef Diriba hojjete isiniif gabaasuun keenya ni yaadatama. “BIYYI TEEKNOOLOOJII QABDU BAANKIIS, TAANKIIS QABDI!” WAATAA | | HUMNA MUL’ATAA AMAJJII 16, 2025 NAQAMTEE, OROMIYAA

  • WAATAA TECHNOLOGY, [1/16/2025 1:42 PM] KALAQA | | ROBOT | | START-UP | | WAATAA ============================ Iddoosaa Ol’aanii(Idosa Olani) jedhama. Dhalootaan Oromiyaa, Godina Wallagga Bahaa Aanaa Saasiggaa Ganda Gelaa Qarsaati. Yeroo ammaa kennaa uumamaa Waaqayyo isa keessa kaa’een achumatti kalaqawwan 30 ol hojjetee of harkaa qaba. Kalaqa isaa keessaa tokko kan ta’e “ROBOT” armaan gadiitti argitan kana dha. Akkuma beekamu addunyaan amma keessa jiraannu kun addunyaa bu’aawwan teeknooloojiitiin hojii guyyuu ittiin gaggeeffamaa jirudha. Bu’aawwan argannoo teeknooloojii kanaan dhaabbileen garaa garaa hojiiwwa isaanii kana karaa salphaa ta’een gaggeeffachuu irratti argamu. Bu’aan teeknooloojii guddaadha. Kalaqa keessa ofii kana deeggarsa humna teeknooloojii kana fayyadamuun ammo daran milkaa’inni keenya akka saffisu godha. Fakkeenyaan “ROBOT”’ kun dhaabbilee garaa garaa keessatti faayidaawwan garaa garaa kennuuf oolti. Isaan keessaa muraasni isaanii Hojii ROBOTA kun hojjechuu danda’u keessaa:- 1. Dhaabbilee kanneen akka Hoteelotaa keessatti nyaata/dhugaatii maamilaaf dhiyeessuu fi ajajamuu 2. Warshaalee garaa garaa keessatti meeshaawwan bakkaa bakka geessuu 3. Manneen barnootaa(KG, Elementary. Highschool, Preparatory, kolleejjii, Yuunibarsiitii fi dhaabbilee training garaa garaa keessatti ) keessatti teeknooloojii Hubannoo nam-tocheedhaan deeggarameen hojii barsiisummaa irratti bobba’uun barsiisuu 4. Manneen hojii mootummaa fi miti mootummaa keessatti akka secretary’tti xalayaawwan mallattoo gaggeessaa barbaadan geessuu fi fiduu. 5. Hojii mana keessaa akka hojjettuu/hojjetaa taatee/ta’ee hojjechuu fi hojiiwwan ilmi namaa hojjechuu danda’u mara hojjechuu akka dandeessu dha. Kalaqa kana dhugaa addunyaa keessa jiru wajjin walbira qabnee yoo ilaallu, ROBOT gurguddaa hojii ilmi namaa hojjetuu fi isaa ol hojjechuu danda’an, amanuuf illee nama rakkisan hedduu as yaa’aa jira. China, U.S.A, JAPAN kalaqoonni kunneen kalaqa qosa utuu hin taanee gara hojiitti erga seenanii waggoonni hedduun darbanii jiru. Bu’aan argannoo fi kalaqaa R & D dhaan deeggarame guddaadha. Rakkoo naannoo keenya jiran furuu hanga rakkoowwan addunyaa furuutti kanneen ga’an bu’aawwan argannoo haaraa kanneeniiti. Egaa argannoo kennaa uumamaa keenyaan argaman kanneen gara hojiitti galchuun daraggoonni keenya bu’aa kalaqa isaaniitiin qabeenyaa horachuu akka danda’an, carraawwan hojii dargaggoota keenyaaf uumuu akka danda’an, hiyyummaa hir’isuu hanga bal’eessuutti akka ga’an taasisuun ni danda’ama. Biyyoonni guddina dinagdee fi teeknooloojiittin addunyaa keenya hoogganaa jiran kunneen icciitiin guddina isaanii inni jalqabaa kalaqa irratti xiyyeeffachuun, kalaqa sana ammoo gara hojiitti galchuun qabeenya horatan irraati. Namoonni qabeenya isaaniitiin(ELON MUSK) addunyaa keenya AJAB jechisiisaa jiranis humna guddaa keessa(INTERNAL FORCE) isaanii jiruttti fayyadamuun ABDII KUTANNAA TOKKO MALEE, halkanii fi guyyaa hojjechuudhaan akkasumas mul’ata isaaniif bitamuudhaan rakkoo arganiif furmaata barbaacha gara milkaa’ina isaaniitti warra fulla’anidha. WAATAAn kalaqawwan kanneen ni jajjabeessa, ni deeggaras. Ilmaan keenya waan gaarii tokko hojjettee ofii ishee fi lammii isheef bu’aa buufte arguun kaayyoo keenya isa ol’aanaa fi hawwii keenya isa ijoodha. Akkuma jalqaba irraa kaanee dubbachaa turre, barsiisaa turree fi itti jirru kanatti ilmi namaa teeknooloojii hubannoo nam-tolchee wajjin dorgomuudhaaf teeknooloojii kana barachuu fi ittiin hojjechuu akka qabu gadi fageenyaan hubachiisaa jirra. Teeknooloojii barachuu fi ittiin hojjechuun filannoo keenya utuu hin taane, dirqama nuyi jireenya keenya irra aanuuf ba’annu ta’ee argamee jira. Akkuma ROBOT kana irraa hubachuun danda’amutti, teeknooloojiin hubannoo nam-tolchee hojii ilmi namaa hojjetu bakka bu’ee hojjechuu akka danda’u mirkaneeffannee jirra. Dhaabbileen gurguddoon kanneen akka IMF, WORLD BANK, WEF, NSCAI, McKinsey Global Institute waan isaan dhimma dhufaatii Artifial Intelligence ilaachisuun raagan hedduu nama raaja. Fagoodhas.

  • Hiriyoota keessan gara channel kanaatti affeeraa! https://t.me/WAATAA2025

  • https://t.me/WAATAA2025

  • без подписи