tgindex
Mental Health Media

Mental Health Media

Статистика

Licensed Mental Health Professional [+] Certified Marriage & Couples Therapist ➡️Gaafii Ykn Yaada Yoo qabaattan: 👉 @BaekiMare ✓Dabalataan: ➡️ Tiktok:👇👇 tiktok.com/@mentalhealthmedia1 ➡️Facebook page:👇👇 www.Facebook.com/@MentalHealthMedia1

Последний пост
13 авг.
Последнее чтение
13 авг.
Постов за неделю
2
Всего постов
27
Тип
открытый
Язык
om
В каталоге с
13 авг.
Подписчики
3 725
−5 за 5 дн.
Сутки
0
0,00%
Неделя
 
Месяц
 
Просмотров на пост
1 394
23 постов
Вовлечённость
37,4%
к подписчикам
Постов в день
0,3
всего 27
Упоминаний
2
каналов
Охват размещения
оценка
1/24сутки в ленте
223
1/48двое суток
255
1/72трое суток
275

Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.

Посты

  • без подписи

  • #Seexana_Moo_Numatu_of_Qora? ✓Yeroo baay'ee jireenya keenya keessatti dogoggora Yeroo raawwannu seexanatu na qore jenna! Fkn: ✓Alkoolii dhugnee machoofne Seexanatu na qore jenna! ✓Chaatii garmalee qamaanee hirriiba malee bullee seexanatu naqore jenna! √Gocha sagaagalummaa irratti hirmaannee, seexanatu na naqore jenna! ✅Yeroo hunda dogoggora ofiif osoo beeknu raawwanneef maaliif Seexana qofa komachuun barbaachise?Numatu dogoggore, Seexannis haamilee nuuf kenne osoo jenne hin wayyu ture?Kan balleessaa raawwatu nu'i kan Itti gaafatamummaa fudhatu garuu Seexana qofa? ✓Dogoggora har'a raawwanneef itti gaafatamummaa hin fudhannu yoo ta'e,borus dogoggora walfakkaataa raawwachuu dandeenya.Kanaaf dogoggora keenyaaf dursa nuti Itti gaafatamummaa haa fudhannu!Itti aansee seexana komachuu dandeenya;furmaata sirriis fiduu dandeenya! ✓Walumagalatti Sammuu keenya Karaa sirrii ta'een leenjisnee itti fayyadamuun abshaalummaadha. ➡️Odeeffannoo biroof:👇👇 www.facebook.com/@MentalHealthMedia1 Nagaa ta'aa!🙏 ©Baeki M•[Mental health professional]

  • #Bilchina_Miiraa[Emotional Maturity] Bilchinni miiraa akkaataa yaada, miira fi amaloota ofii  sirnaan beekuu, too’achuu fi miira nama biraa hubachuu danda’uudha. ➡️Maaliif nu barbaachisa? ✓ Rakkoolee fi jeequmsa sammuu karaa gaarii ta'een hiikuuf ✓ Namoota waliin waliigaltee gaarii fi kabaja irratti hundaa’e uumuuf ✓Yeroo aarii, gaddaa ykn gammachuu cimaa keessa jirru yaada fi gocha keenya sirnaan too’achuuf ✓Nama biraa hubachuu, miira isaa yaaduu fi kabajuuf ✓Dogoggora ofii fudhachuu, irraa barachuu fi of fooyyessuuf murannoo qabaachuuf nu fayyada. Galatooma!🙏

  • Fayyaa Afuuraa [#Spiritual_Health] ✓✓✓✓✓✓✓✓✓✓ Fayyaan Afuuraa nageenya keessoo keenyaa ,amantii Fi amaloota keenya wal walsimsiisuun ittiin jiraachuu dha. -Fayyaan Afuuraa amantii qofa irratti kan hunda’e miti, hiika jireenya, walitti dhufeenya fi dhugaa qabatamaa irratti xiyyeeffata. ☑️Fayyaa afuuraa qabaachuuf: ✓Maaliif akka jiraannu beekuu fi gocha keenya gara kaayyoo keenyati qajeelchuu barbaachisa. ✓Uumaa Fi Uumama waliiin hariiroo gaarii qabaachuu qabna. ✓Gara-laafina, jaalalaa fi qajeelummaan jiraachuu qabna. ✓Rakkoolee fi qormaata keessatti tasgabbii ykn obsaa qabaachuu Fi ✓Waa'ee gara fuulduraaf abdii ykn amantii gaarii qabaachuutu nurraa eegama. ∆Odeeffannoo biroof: 👇👇👇👇👇 Facebook.com/MentalHealthMedia1 Galatooma!🙏

  • Mental Health Media pinned «#Rakkoo_hirriiba_dhabuu_qabduu?? ✓Mee video kana daawwadhaa! 👇👇👇👇 https://www.facebook.com/share/r/1Bo4Z6nYCF/ Galatooma!🙏🙏»

  • #Rakkoo_hirriiba_dhabuu_qabduu?? ✓Mee video kana daawwadhaa! 👇👇👇👇 https://www.facebook.com/share/r/1Bo4Z6nYCF/ Galatooma!🙏🙏

  • #Tarkaanfiiwwan_Shan_fayyaa_sammuu eeggachuuf: ✅1.Nagaa kee eegadhu! Namoota, haalotaa fi yaadota sammuu si dhiphisan irraa fagaadhu.Yeroo barbaachise immoo 'lakki' jechuu hin saalfatin. ●Odeeffannoo biroof: https://www.facebook.com/share/r/1ETDbjojoZ/ ✅2.Qaama kee sochoosi! Sochii qaamaa (yoo xiqqaate deemsa miilaa ) gochuun sammuun akka tasgabbaa'uu fi dhiphina hir’isuuf ni gargaara. ✅3.Waan si rakkisu dubbadhu! Sodaa fi yaaddoo keessaa jiru dhoksitee qofaa Kee hin rakkatin.Maatii ykn hiriyyaa kee waliin haasa’i!Yoo nama itti haasoftu dhabde yaadannoo Kee irratti barreessi!Haalichi yoo sitti ulfaate immoo ogeessa dubbisi. ●Odeeffannoo biroof: facebook.com/MentalHealthMedia1 ✅4.Amma keessa jiraadhu! Sammuun kee yeroo ammaa irratti akka fuulleffattu leenjiisi.Waa'ee kaleessaf jettee of ceepha'uu dhiisi! Isa boruuf jettees garmalee hin yaada'in!Xiyyeeffannoo Kee amma irratti gochuun waa'ee kaleessaf ykn boruuf jecha dhimmoota si dhiphisan hir'isuuf si gargaara. ✅5.Sammuu kee waan gaarii nyaachisi! Odeeffannoo si dhiphisan hordofuu xiqqeessi.kitaabota Sammuu Kee gabbisan filadhuu dubbisi, qophiilee si gammachiisan ilaali, yookaan namoota si kakaasan waliin ta’i.Namoota anniisaa 'negative' sitti gadhiisan irraa fagaadhu! ✓Odeeffannoo biroof: @MentalHealthMedia1 Fayyaa ta'aa!🙏 ©Baeki M•[Mental Health Professional]

  • #Dhugaatii_Alkoolii_Fi_Fayyaa_Sammuu Alkoolii fi fayyaan sammuu walitti hidhata guddaa qaba.Garmalee dhuguun fayyaa sammuu keenya irratti dhiibbaa uumuu danda’a.Namoonni tokko tokko immoo yeroof mallattoo dhukkuba sammuu irraa dandamachuuf yeroo alkoolii dhugan ni agarra.Garuu garmalee dhuguus ta'ee yeroof mallattoo dhibee Sammuu irraa dandamachuuf alkoolii fayyadamuun gaarii miti. #Namootni_Maaliif_Alkoolii_dhugu? ✓Ayyaanota adda addaa kabajuuf❗ ✓Hawwaasummaa cimsuuf, mararfachuuf❗ ✓Ija jabina ykn ofitti amanamummaaf❗ ✓Miira aarii, dhiphina ,Yaaddoo hir'isuuf❗ ✓...... Kkf❗ #Alkooliin_Akkamitti_sammuu_keenya_Miidha? #1-Alkooliin amala 'Depressant' {sammuu dhiphisuu,mukeessuu ykn hadoochu} qaba. Madaallii keemikoolota {neurotransmitters Or chemical messengers) sammuu keenya keessa jiran jeequun miira, yaada fi amala keenya irratti dhiibbaa uumuu danda’a. #2-Alkooliin kutaa sammuu miira keenya too’atu irratti dhiibbaa waan uumuuf, erga dhugaatii dhugnee yeroo muraasaaf miirri boqonnaa,yaaddoon xiqqaachuu fi ofitti amanamummaan nutti dhaga’amuu danda'a. Miirri kun dafee ni dhumata(sirraa bada). Garuu jijjiiramni madaallii keemikaaota {Neurotransmitter ) sammuu keessatti sababa alkoolii garmalee dhuguun uumamu miira gadhee kan akka aarii, dhiphina sammuu ykn yaaddoo dabalataa nutti fida. #3-Alkooliin akkaataa sammuun keenya wantoota ittin hubatu gadbuusuu danda'a.kunis dhuguma maaltu akka nutti dhaga’amuu fi bu’aa gocha keenyan dhufuu danda’u adda baasuun rakkisaa ta'uu danda'a. ✓Fkn Namni machaa'ee ofiif dhaabachuu hin dandeeny yeroo nama rukutuuf yaaluu❗ Walumaagalatti garmalee alkoolii dhuguun madaallii keemikaalota Sammuu keenya keessatti argamanii jeequun miira yaaddoo,dhiphinaa Fi rakkoolee sammuu biroof nu saaxila.Miira rakkisaa kana salphisuuf immoo caalaatti dhuguu akka barbaadnu nu gochuu danda’a. #Xiyyeeffannoo!❤️ ✅1•Bu’aan alkoolii yeroo muraasaaf qofa. Dhiphina, yaaddoo ykn miira rakkisaa irraa dandamachuuf alkoolii fayyadamuu bartee Yoo godhatte,dhugaatii yoo dhiifte ykn hir’iste jireenyi maal akka ta’u yaadda'uu dandeessa. Garuu waaqayyoo bilisummaan dandeetti meeqa waliin si uume dhiistee alkoolii irratti hirkachuun mataan isaa rakkoodha. ✅2•Rakkoo Fayyaa Sammuu alkoolii garmalee dhuguun dhufu irraa dandamachuuf gargaarsa gaafachuu fi hariiroo alkoolii waliin qabnu irratti karaa kamiinuu [#Scientifically or #Spiritually}sirreeffama gochuuf yaaluun Filannoo sirriidha. Fayyaa ta'aa! ©Baeki Mare [Mental Health Professional]

  • Mental Health Media pinned «Gaa'ela jechuun maali? ✓✓✓✓✓✓✓✓✓✓✓✓ Ati Gaa'ela yeroo jedhamu yaada kee keessatti maaltu sitti dhufa? Jecha kanaaf hiika dhuunfaa kee yoo kennitu maal jetta? ●Odeeffannoo biroo argachuuf: @MentalHealthMedia1 ----------------------- ​Marsariitiin dhimma gaa'elaa…»

  • Gaa'ela jechuun maali? ✓✓✓✓✓✓✓✓✓✓✓✓ Ati Gaa'ela yeroo jedhamu yaada kee keessatti maaltu sitti dhufa? Jecha kanaaf hiika dhuunfaa kee yoo kennitu maal jetta? ●Odeeffannoo biroo argachuuf: @MentalHealthMedia1 ----------------------- ​Marsariitiin dhimma gaa'elaa irratti yaada gadi fageenya dhiyeessuun beekamu tokko hiika gaa'elaa yeroo cuunfu akkas jedha: ~Gaa'ela jechuun walitti dhufeenya namoota adda addaa lamaati. ~​Gaa'ela jechuun ofittummaa fi of qofa jaalachuu dhiisuudha. ~​Gaa'ela jechuun dhaloota haaraa bocuudha. ~​Gaa'ela jechuun jijjiiramuu, barachuu fi guddaachuudha. ​Walumaagalatti gaa'ela jechuun nama isa nu irraa adda ta'e tokko fudhachuu fi adeemsa walitti dhufeenya sana keessatti rakkoolee qunnaman waliin fashaleessuun aantummaa dhugaa waliif qabaachudha! ☆Wantoota ijoo sadi(3) hariiroo gaa'elaa miidhaan daawwachuuf: 👇👇 https://www.facebook.com/share/r/1Cpi6ukfGz/ ☝️☝️ Galatooma!

  • #Yaadachiisa! Maloota ijoo #3 Dhiphina Sammuu hir'isuuf nu gargaaran: ✓Guutuu isaa dhaggeeffachuuf👇👇👇👇 https://www.facebook.com/share/r/19Pzs5Q2kK/ Galatooma!

  • 30 июн.1 46618

    #Yaada_ofii_irratti_Yaaduu ✓✓✓✓✓✓✓✓✓✓✓✓✓ Yaada kee irratti yaaddee beekta? Fkn-Ganama yeroo hirriiba kaatu,yaadni "guyyaan har'aa sirrii miti" 🎤jedhu sammuuti si dhufuu danda'a⁉️Yaada kana akkamitti keessummeessita? Sammuun keenya dandeettii yaada isaa ofiin sakatta'uu,too'achuu fi madaaluu qaba! ✅️Yaada kee irratti gaafa yaaddu: ✔️1.Of baruuf carraa argatta ✔️2.Ilaalcha dogoggoraa sirreessita ✔️3.Murtii sirrii fi madaalawaa kennita ✔️4.Ogummaa fi hubannoo kee cimsita Walumaagalatti konkolaachisaan yaada keetii suma waan ta'eef ,Yaada kee irratti yaaduun sirreeffama barbaachisu gochuu qabda! 👇👇👇👇👇 @MentalHealthMedia1 👆👆👆👆👆👆 Galatooma! #mindset #metacognition #mentalhealth

  • Mental Health Media pinned a photo

  • 26 июн.1 769163

    #Sammuu fi #Yaada ------------------- Sammuun keenya lafa qubannaa yaada keenyaati; yaadni nuti har'a sammuu keenya irra qubachiisnu jireenya keenya boruuf firii ta'a!kanaaf yaada har'a iddoo kennineefi sammuu keenya irra qubachiisnu,har'uma xiyyeeffannoon ilaaluu fi gulaaluu qabna! 👇👇👇👇👇 @MentalHealthMedia1 👆👆👆👆👆 Galatooma!

  • Mental Health Media pinned «#Xiyyeeffannoo! Fayyaa sammuu jechuun dhibee sammuu irraa bilisa ta’uu qofa miti: • ​Haala nuyi itti yaadnu, haala itti waa hubannuu, fi haala gocha itti raawwannu, • ​Dandeettii nuyi dhiphina jireenyaa keessatti nu mudatu dandamachuuf qabnu, • ​Hariiroo nuyi…»

  • 27 апр.1 926193

    #Xiyyeeffannoo! Fayyaa sammuu jechuun dhibee sammuu irraa bilisa ta’uu qofa miti: • ​Haala nuyi itti yaadnu, haala itti waa hubannuu, fi haala gocha itti raawwannu, • ​Dandeettii nuyi dhiphina jireenyaa keessatti nu mudatu dandamachuuf qabnu, • ​Hariiroo nuyi namoota biroo waliin qabnu fi murtoo nuyi jireenya keessatti murteessinu hunda of keessatti qabata! ◇Kanaafuu sammuu keenyaaf xiyyeeffannoo addaa haa Kenninu! 👇👇👇 《Odeeffannoo biroof:》 @MentalHealthMedia1 ☝️☝️☝️ Galatooma!🤝

  • 24 апр.1 817203

    #Hubannoof: Sammuu keenya kunuunsuun, jireenya keenya hunda kunuunsuudha.Of-eeggannoon nuti sammuu keenyaaf goonu bu'aa nuti jireenya guyyaa guyyaa keessatti argannu irratti kallattiin mul'ata. Galatooma!🙏🙏

  • 23 апр.1 710102

    #Kadhannaa Fi #dhiphina_Sammuu ✓✓✓✓✓✓✓✓✓ Kadhannaa gochuun dhiphina sammuu hir'isuu keessatti gahee guddaa qaba.Mee haala armaan gadiin haa ilaallu: ​1.Tasgabbii Keessoo Uumuu! ​Kadhannaan yeroo baay'ee bakka sagaleen hin jirreefi iddoo qulqulluutti waan raawwatamuuf, sammuun akka boqotuufi yaadota dhiphina uuman irraa akka fagaannu ni gargaara.Kunis akkuma gocha "Meditation" sammuun gara bakkasagalee tokkootti akka xiyyeeffatu (focus) gochuun tasgabbii uuma. ✓​2.Hormoonota Dhiphinaa Hir'isuu! ​Qorannooleen tokko tokko akka agarsiisanitti, kadhannaan ykn sochiin hafuuraa ​hormoonii dhiphinaa kan ta'e Cortisol ni hir'isa.Akkasumas ​dhiibbaa dhiigaa sirreessuun sirna narvii keenyaa (parasympathetic nervous system) akka boqotu taasisa. ✓​3.Abdii fi Amantii Cimsa! ​Dhiphinni baay'een kan uumamu dhimma gara fuulduraa irratti sodaa qabaachuu irraayi. Kadhannaan garuu ​humna ofii ol ta'e tokkotti dhimma ofii kennuun, ba'aa sammuu irratti nutti dhaga'amu salphisa. ​"Wanti hundinuu ni sirraaya" jedhanii amanuun abdii uuma, kun immoo dhiphinni gara dhiphina sammuu cimaatti akka hin deemne ittisa. ✓​4.Of-Ilaaluu (Self-reflection)! ​Kadhannaa keessatti namni tokko miira isaa, dogoggora isaa fi hawwii isaa waan dubbatuuf, miira badaa of keessaa baasuuf tajaajila.Kunis dhiphinni sammuu keessatti kuufamee jiru akka ba'u gargaara. ​5.Galateeffachuu (Gratitude) ​Kadhannaan yeroo baay'ee galataa qaba.Wantoota gaggaarii jireenya keessatti qabnu irratti xiyyeeffachuun sammuun keenya wanta nu hirdhate qofa ilaalee akka hin dhiphanne gargaara.Ilaalchi akkasii kun "positive mindset" ijaara. ​#Xiyyeeffannoo! Dhiphinni sammuu kan uumamu sababoota adda addaatiini.Kadhannaan karaa hafuuraa dhiphina hir'suuf gaarii ta'us, dhiphinni sun yoo hammaate fi jireenya guyyaa guyyaa irratti dhiibbaa yoo uume, ogeessa fayyaa sammuu mariisisuun yaala barbaachisu argachuun ni dandaa'ama! Galatooma! ©Baeki M•[Mental Health professional]

  • 15 мар.2 1243

    без подписи

  • 15 мар.2 110133

    Galata(Gratitude) fi Fayyaa Sammuu ✓✓✓✓✓✓✓✓✓✓ Galatni wantoota gaarii jireenya keenya keessatti argaman hubachuu fi ittin galateeffachuu dha.Kun fayyaa sammuu keenyaaf gargaarsa guddaa qaba. Faayidaa Galanni fayyaa sammuu irratti qabu: 1️⃣ Miira gaarii dabala! Namni wantoota gaarii jireenya isaa keessatti yaadatu gammachuu fi tasgabbii sammuu argata. 2️⃣ Yaada hamaa hir’isa! Yeroo galata irratti xiyyeeffannu, yaadonni gadheen akka gadda fi mufannaa ni xiqqaatu. 3️⃣ Dhiphina sammuu hir’isa! Qorannoon akka ibsutti galata qabaachuun mallattoolee dhiphina sammuu ykn yaaddoo hir’isuuf ni gargaara. 4️⃣ Hariiroo namaa cimsa! Namoota nu gargaaran galateeffachuun jaalala fi walii galtee nama gidduu jiru cimsa. 👇👇 www.facebook.com/@MentalHealthMedia1 👆👆 Walumaagalatti galanni yaada keenya jijjiira.Yoo waan qabnu irratti xiyyeeffanne, sammuun keenya fayyaa fi tasgabbii argata. 👇👇 @MentalHealthMedia1 👆👆 Galatooma!