Ogeessa Fayya Sammuu(Psychiatric Professional)
СтатистикаMental health professional (Bsc.Feyisa Gelgelu)
- Последний пост
- 13 авг.
- Последнее чтение
- 15 авг.
- Постов за неделю
- 1
- Всего постов
- 22
- Тип
- открытый
- Язык
- und
- Категория
- Новости и СМИ (по похожим)
- В каталоге с
- 13 авг.
- 1/24сутки в ленте
- 156
- 1/48двое суток
- 178
- 1/72трое суток
- 192
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
#Walqunnamtii_saalaan walqabatee rakkinoota dhiirota irratti mul'ataniif sababoonni maal fa'a? 🟢 Sigaaraa xuuxuu, alkoolii baay'isanii dhuguu, qorichoota hadoochan fayyamuu 🟢 Dhukkuba dhiibbaa dhiigaafi sukkaaraa 🟢 Hormooniin dhiiraa hir'achuu 🟢 Qorichoota adda addaa fudhachuu 🟢 Dhukkuba narvii 🟢 Maatii lamaan gidduu walii galteen yoo hin jiraanne 🟢Ofitti amanamummaa dhabuu 🟢Hojiitiin walqabatee waan itti dhiphatan yoo jiraate 🟢Saal_qunnamtiin walqabatee kanaan dura rakkoon yoo mudateera ta'eefi kkf. 🙏Fayyaa Sammu hunda keenyaf haa ta'u. ☆☆☆☆☆ #Share👇👇👇 @FeyisaOfficial ✍️Feyisa G.(Ogeessa fayya Sammu)
—————————— Sababoota Gurguddoo Dhukkuba Sammuutiif Nama Saaxilan 👇 1. Sababoota Uumamaa fi Sadarkaa Dhuunfaa • Dhiibbaa Sanyii/Dhaala: (Fkn: maatii keessatti dhukkubni sammuu fi araadni yoo jiraate) • Hiyyummaa ulfaataa keessatti gudachuu • Araada yeroo dheeraa (Fkn: alkoolii, chaatii, sigaraa fi kanneen biroo) • Balaawwan onnee namaa madaessan (Fkn: gudeeddaa/dhiibbaa saalaa, muuxannoo waraanaa, gaa'ela umurii malee) • Dhukkuboota qaamaa yeroo dheeraa kan deeggarsa ogummaa gahaa hin arganne (Fkn: dhukkuba gagabdoo/epilepsy, HIV/AIDS, TB, kaansarii fi kanneen biroo) • Dhiibbaa fi yaaddoo barnootaa 2. Sababoota Maatii Waliin Wal-qabatan • Sababa godaansa, hiikkaa gaa'elaa, ykn du'aatiin maatii malee gudachuu fi deeggarsa saayikoloojii, qaamaa fi hawaasummaa gahaa dhabuu • Aadaa guddisa daa'immanii badaa (Fkn: daa'imman reebuu, garmalee aaruu, ceephoo fi arraba baay'isuu) • Jeequmsa keessa manaa kan qaamaa ykn saayikoloojiyaawaa • Maatii araada yeroo dheeraa keessa jiran giddutti gudachuu • Maatii sababa dhukkubaan, lolaan ykn godaansaan dhabuu 3. Sababoota Hawaasummaa fi Naannoo • Sababa hir'ina qaamaa ykn dhukkuba qaamaa birootiin hawaasa irraa boqochuu/fagoo ta'uu (stigma/discrimination) • Araada waaraa (persistent addiction) • Dhiibbaa/miidhaa saayikoloojii hiriyoota saalaatiin geessifamu • Babal'ina magaalotaatiin walqabatee dhiphina uumamu • Wal-dhabdee sabootaa fi buqqa'iinsa • Tasgabbii dhabuu siyaasaa 4. Sababoota Dinagdee fi Hojii Waliin Wal-qabatan • Hiyyummaa fi hojii dhabdummaa • Dhiphina bakka hojii (Workplace stress) • Harkatti hafuu dinagdee dubartootaatiin walqabatee jeequmsa keessa manaa uumamu 5. Sababoota Aadaa fi Hawaasaa • Jeequmsa saala irratti hunda'e (Gender-based violence) • Gochaalee aadaa miidhaa geessisan (Fkn: gaa'ela umurii malee) 6. Sababoota Barnoota Waliin Wal-qabatan • Miidhaa saayikoloojii manneen barumsaa keessatti raawwatamu (Fkn: barsiisotaan ykn hiriyootaan miidhaa saayikoloojii ykn qaamaa) • Dhiphina qormaataa (Exam stress) 7. Taateewwan Jireenyaa Saddoo fi Jijjiirama Jireenyaa Haaraa • Dhiphina godaansaan walqabatu (Keessattuu baadiyyaa gara magalaatti godaanuu ykn hojii manaatiif biyya alaatti godaanuu) • Wal-dhabdee naannoo • Gadda fi hoonga'insa sababa caama, beela, dhukkuba daddarbaa ykn wal-dhabdeetiin uumamu • Naannoo haaraatti madaquu (Fkn: qubsuma baqattootaa ykn bakka haaraa kamittiyyuu godaanuu) • Jijjiirama jireenyaa haaraa (Fkn: gaa'ela dhaabbachuu, eebbifamuu, kolleejjii seenuu, kkf...) —————————— "Dhimma fayyaa sammuutaf xiyyeeffannoo haa kenninu!" 💚💚💚💚💚 Hiriyoota keessaniif qooduun duula kanaatti makamaa! ✍️ Feyisa Gelgelu (Ogeessa fayya Sammu) 👇👇👇 @FeyisaOfficial.
🎗️🧠 HIV FI FAYYAA SAMMUU: HIV'n Akkamitti Dhibee Sammuutiif Nama Saaxila? 🚨 Namoonni baay'een HIV'n dhibee qaamaa qofa jedhanii yaadu. Haa ta'u malee, akkuma vaayirasiin kun qaama miidhu, kallattiidhaan sammuu fi miira namaa irratti miidhaa jabaa fida. Saayinsiin Fayyaa Sammuu (Psychiatry) akka agarsiisutti, HIV'n karaalee gurguddoo sadiin (3) dhibee sammuutiif nama saaxila: —————————— 1. Kallattii Biyooloojii fi Neervii (Neuro-HIV) 🧬🧠 • Vaayirasiin HIV jalqaba irraa kaasee hidda dhiigaa qaxxaamuree seelota sammuu (Microglia/Brain cells) seenuun sammuu madaa'imsa (neuroinflammation). • Kuni dandeettii yaaduu fi xiyyeeffannoo sammuu miidhuun dhibeewwan kan akka HAND (HIV-Associated Neurocognitive Disorder), Dementia, fi HIV-Associated Psychosis (maraatummaa) fida. 2. Kallattii Saayikooloojii fi Hawaasummaa (Psychosocial Impact) 💔👥 • Namni vaayirasicha qabu dhibee sana waliin jiraachuu yommuu beeku: • Sodaa du'aa fi yaaddoo boruu, • Tuffii fi loollee hawaasaa (Stigma & Discrimination), • Miira yakkamummaa fi qofummaa keessa gala. • Kuni daddaafee dhibee Muukuu Haamaa (Major Depression), Yaaddoo Daangaa Darbe (Anxiety), fi Yaada Of-Ajjeesuu (Suicidal Ideation) fida. 3. Infeekshinoota Dabalataa fi Miidhaa Qorichaa (OIs & ART Side Effects) 💊🦠 • Infeekshinoota Carraqqaaddotaa (Opportunistic Infections): Madaalliin ittisa qaamaa yoo gadi bu'u, infeekshinoonni sammuu (kan akka Toxoplasmosis fi Cryptococcal Meningitis) ka'uun dhibee sammuu jabaa fidu. • Miidhaa Qoricha ART: Qorichoonni ART tokko tokko (fkn: Efavirenz) miidhaa sammuu kan akka hirriba dhabuu, abjuu sodaachisaa, dhiphina, fi psychosis fiduu danda'u. —————————— 💡 Guduunfaa "Yaalli HIV akka milkaa'uuf, yaala qoricha ART qofa osoo hin taane, Yaala fi Deggersa Fayyaa Sammuu (Mental Healthcare) dabalachuun dirqama! Dhibeeni fi yaaddoon sammuu yaalamee kan fayyu dha." —————————— 👤 Feyisa G. Ogeessa Fayyaa Sammuu 💬 Telegram: @FeyisaOfficial
Dhiphina sammuu (Stress) *** Dhiphinni sammuu jijjiirama miiraa qaamni yeroo dhiibbaa naannoo irraa ( external trigger) nurra gahu umamuudha. Kunis hamma barbaadamu ol yoo ta’e rakkowwan fi mallattoolee garaagaraa qaama keenya irratti fiduu danda’a. Asirratti dhiphinni kun kan turu hammi wanti nu jeeqe sun turu qofattiidha. * karaa biraan, cinqamni sammuu (Anxiety) ‘n sababa tokko malee yeroo dheeraa ji’a 6 oliif dhiphachuu sammuu yoo ta’u, kun rakkoo xinsammuuti fi yaala kan barbaadu dha. SABABOOTA DHIPHINA SAMMUU SAMMUU fidan: * ✅waayee wanta tokkoo baayyisanii yaaduu ✅jijjiirama gudda tasa jireenya keenya muudatu keessaattuu muudannoo badaa ✅Namoota jaallannu tasa of biraa dhabuu ✅Balaa ykn mudannoo cimaa dabarsuu fkn gudeeddii, balaa konkolaataa kkf ✅Itti gaafatamummaa guddaa bahan qabaachuu ✅Hojjii dhabdummaa ✅Dhukkuba yeroo dheeraaf hin fayyine qabaachuu fkn dhukkuba sukkaaraa,HIV ✅Namatti ykn hiriyyoota keenyaan of madaala ✅Karoora humnaa olii karoorsuun rawwachuuf cinqamuu fi kkf MALLATTOOLEE ISAA: *** ➡️Hirriiba dhabuu ➡️Xiyyeeffannoo gochuu dadhabuu ➡️Yeroo hunda mukaa’uu ➡️Yeroo hunda aaruu, ➡️Murtoowwan badoo fi bilchina hin qabne murteessuu ➡️Namaan walii galuuf rakkachuu ➡️Araada garaa garaa keessa dhokachuu ➡️Bowwoo mataa, ➡️Dhukkubbiin qaama keenya hundarraa nutti dhagaayamuu , ➡️Ilkaan qaruu , ➡️Qooma keenya keessa dhukkubbii fi ➡️Dhahannan onnee dabaluu faadha. YAALA: *** Yaaliin isa cimina dhiibbaa mallattoolee kun fidan irratti hunda’a, yaaliis qaba. Yoo Mallattoolee armaan oliin ofii irratti argite Ogeessa fayyaa sammuu hasoofsiisi Baruumsa fayyaa qaama namaa bifa salphaa fi namaaaf galuun afaan keessaniin barachuuf fuula #TikTok koo Feyisa_Official follow godhadhaa! Gaaffii keessan karaa keessaa yookiin comment jalatti barreessaa! Hiriyyoota kessaaniif #share godha ✍️ Feyisa G.(Ogeessa fayya Sammu) @feyisaOfficial
без подписи
#Hirriiba_Gahaa_Rafuu Dhabuun_miidhaalee akkamii geessisaa? #Obsan_dubbisi_sii_fayyada. ➡️1.Sammuu keenya adoocha. Daandeetti yaaduu, yaadachuu, xiinxaluu fi madaaluu hir'isa. ➡️2.Dhukkuboota hedduuf akka salphaatti akka saaxilamnu taasisa.Kanneen keessaa: Dhukkuba onnee, dhiibbaa dhiigaa fi sammuu keessatti dhiigni itituu ykn dhiiguu. ➡️3.Balaa tasaaf nama saaxila.Fkn. Balaan konkolaataa namarraan ga'uu. ➡️4.Fedhii walqunnaamtii saalaa gadi buusa. Keessumaa dubartootaaf hirriba ga'aa hin rafne taanaan fedhiin walqunnaamtii saalaa dhabu. ➡️5.Dhiphina sammuu fida.Namni yeroo ga'aa hin rafne turtii keessa sammuun isaa ofjibbuu, gadda fi dhiphina keessa seenaa deema. ✓6.Gogaan keenya dafee dulloomaa akka deemu taasisa.Kunis akkuma namni tokko yoo hirriba dhabu bulee ganama daalachaa'u turtii yeroo keessa immoo gogaan isaa miidhamaa deema. ✓7.Sammuun keenya waan hojjetaa oolle akka dafee irraanfatu godha.Sammuun keenya yoo rafnu waan guyyaa hojjetaa oolle process/xiinxalaa bula.Hirribni dhabamnaan kun hafeeti waan hunda hirraanfata. ✓8.Ulfaatinni qaamaa akka dabalu godha. Kunimmoo miidhaa kan biroo hedduuf nama saaxila. ✓9.Carraa dhukkuboota gara garaan du'uu dhala namaa olkaasa. Research biyya Englanditti hojjetame tokko akka ibsutti namoonni hirriba ga'aa argatan umuriin isaanii isaan hin arganne caalaa dheeraadha. ✓10.Murtoo kennuu irratti sammuu keenya dogoggorsa. Fayyaan Faaya © Feyisa G.(OFS) Odeeffannoo biroo argachuuf: 👉TikTok koo👇 tiktok.com/@feyisalgelgelu 👉Telegram👇 @FeyisaOfficial
MUUKUU HAAMAA (Major Depressive Disorder): Malloottoolee gurguddoo , Akka ulaagaa saayinsawaa Dhaabbata Fayyaa Sammuu Addunyaa (DSM-5)-tti, yoo mallattooleen kanaan gadii keessaa yoo xiqqaate 5 ta'an walitti fufinsaan torban lamaa (2 weeks) ol sitti mul'atan, daddafaa ogeessa mariisisi: —————————— 🚨 Mallattoolee Gurguddoo 9 kan "Muukuu Haamaa" (Major Depression): 1. Gadda Dhuma Hin Qabne: Guyyaa guutuu, guyyaa guyyaadhaan miira gaddaa, duwwummaa, fi abdii kutannaa jabaa keessoo ofitti dhandhamuu. 2. Fedhii fi Gammachuu Dhabuu: Wantoota kanaan dura si gammachiisan (fkn: hojii, ispoortii, hiriyoota waliin haasa'uu) hundumaatti fedhii guutumaatti dhabuu. 3. Jijjiirama Ulfaatinna Qaamaa fi Nyaataa: Fedhii nyaataa garmalee dhabuu ykn baay'isuu. Kuni ulfaatinni qaamaa akka daddaafee jijjiiramu godha. 4. Rakkoo Hirribaa: Halkan hirriba dhabanii dhiphachuu yookiin guyyaa guutuu garmalee rafuu filachuu. 5. Dadhabina Qaamaa Madaala Hin Qabne: Hojii xiqqoo hojjettee humna dhabuu, qaamni garmalee lallaafuu fi humna guutuun qaama keessaa dhumachuu. 6. Of-tuffachuu fi Miira Yakkamummaa: "Jireenya kanatti ani faayidaa hin qabu, dhibee maatiiti" jedhanii of-tuffachuu fi balleessaa hin qabneef of-yakkuun dhiphachuu. 7. Yaada Wal-furaa fi Xiyyeeffannoo Dhabuu: Yaada ofii daddaafee burjaaja'uu, xiyyeeffannoo dhabuu, fi murtoo dhuunfaa salphaa dabarsuu dadhabuu. 8. Sochii Qaamaa Suuta Jiraachuu/Daddafuu: Qaamni garmalee suuta sosocho'uu (psychomotor retardation) ykn daddafanii sochii baay'eessuu (agitation). 9. Yaada Du'aa ykn Of-Ajjeesuu: Mallattoo isa hundumaa caalaa balaa qabu dha! Yeroo hunda waa'ee du'aa yaaduu, "Osoon du'ee dhiisee naf wayya" jedhanii yaada of-duubattii fiduu. —————————— 💡 Guduunfaa "Injineera Sammuu": "Muukuu Haamaa" (Depression) dhibee daddafanii yaalamuun guutumaatti fayyu dha. Mallattooleen kunniin yoo sitti mul'atan, kophaa kee of keessatti baachuu dhiisi. Ogeessa fayyaa sammuu daddaftee mariisisi. ——————————. Fayyaan Sammuu hunda keenyaf haa ta'u. ✅ Oddeffanoo biroo Argaachuf.👇👇 @FeyisaOfficial 👤 Feyisa G. (Ogeessa Fayyaa Sammuu)
Channel photo updated
#Tarkaanfii_Shanan_fayyaa_sammuu eeguuf barbaachisan: ✅1.Nagaa kee eegadhu! Namoota, haalotaa fi yaadota sammuu si dhiphisan irraa fagaadhu.Yeroo barbaachise immoo 'lakki' jechuu hin saalfatin. ✅2.Qaama kee sochoosi! Sochii qaamaa (yoo xiqqaate deemsa miilaa ) gochuun sammuun akka tasgabbaa'uu fi dhiphina hir’isuuf ni gargaara. ✅3.Waan si rakkisu dubbadhu! Sodaa fi yaaddoo keessaa jiru dhoksitee qofaa Kee hin rakkatin.Maatii ykn hiriyyaa kee waliin haasa’i!Yoo nama itti haasoftu dhabde yaadannoo Kee irratti barreessi!Haalichi yoo sitti ulfaate immoo ogeessa dubbisi. ✅4.Amma keessa jiraadhu! Sammuun kee yeroo ammaa irratti akka fuulleffattu leenjiisi.Waa'ee kaleessaf jettee of ceepha'uu dhiisi! Isa boruuf jettees garmalee hin yaada'in!Xiyyeeffannoo Kee amma irratti gochuun waa'ee kaleessaf ykn boruuf jecha dhimmoota si dhiphisan hir'isuuf si gargaara. ✅5.Sammuu kee waan gaarii nyaachisi! Odeeffannoo si dhiphisan hordofuu xiqqeessi.kitaabota Sammuu Kee gabbisan filadhuu dubbisi, qophiilee si gammachiisan ilaali, yookaan namoota si kakaasan waliin ta’i.Namoota anniisaa 'negative' sitti gadhiisan irraa fagaadhu! ✓Odeeffannoo biroof: @FeyisaOfficial hordoofa Fayyaa ta'aa!🙏 © Feyisa G.•[Mental Health Professional]
#Mallattoolee_4_Fayyaan_Sammuu Kee Miidhamuu Agarsiisan! ✅1.Rakkoo Hirriibaa! ✓Hirriiba dhabuu ykn garmalee rafuu baay'isuu ✓Ganama yeroo malee haala hin baratamneen hirribaa dammaquu ✓Halkan sa'aa malee dammaquu Fi hirribni deebi'ee nu qabuu diduu ✅2.Of-qooduu/hawwaasa irraa adda ba'uu! ✓Maatii, hiriyoota, waldaa amantaa ykn hojii irraa fagaachuu ✓Wantoota duraan jaallattu/tu irraa gammachuu dhabuu ✅3.Yaada fi miiraa ofii too'achuu dadhabuu! ✓Xiyyeeffannaa dhabuu, dagachuu, murteessuu dadhabuu ✓Dheekkamsa saffisaa, mufannaa cimaa ykn miira duwwaa taʼuu ✓Rakkoo xixiqqoo illee baayʼee ulfaataa fakkeessani yaaduu ✅4.Jijjiirama yaada fi amalaa balaa cimaa fidan agarsiisuu! ✓Abdii kutannaa,garmalee of-qeequu fi gad-ofbuusuu ✓Alkoolii ykn qoricha sammuu jeeqan baayʼinaan fayyadamuu ✓Yaada akka “Ani nama hin barbaachifne” ykn “jiraachun koo hiika hin qabu” jedhu qabaachuu #Xiyyeeffannoo! Mallattooleen kun yoo itti fufan ykn yoo hammaatan, addatti immoo yoo of-miidhuu ykn lubbuu ofii balleessuuf yaadame ykn yaalame gargaarsa saffisaa waan barbaachisuuf dhaabbilee fayyaa deemuun gargaarsa barbaachisu argachuun ni danda'ama! ✍✍✍✍✍✍ ✅ Odeeffannoo biroof Argachuuf:⬇️ @FeyisaOfficial 👆👆👆👆👆 Fayyaa ta'aa! © Feyisa G•[Ogeessa Fayyaa Sammuu]
🧠 Fayyaan Sammuu maal? ————————— 🧠 Fayyaa Sammuu Gabaabsamatti! 🌿✨ Hawaasa keenya keessatti yeroo baay'ee "Fayyaa Sammuu" yommuu jennu, daddafnee kan yaadnu dhibee sammuu (maraatuu) qofa dha. Garuu hiikni isaa baay'ee salphaa dha: Fayyaan sammuu jechuun dhibee dhabuu qofa osoo hin taane, dhiphina jireenyaa jidduutti keessoo ofiitti nagaa, tasgabbii fi bilchina qabaachuu dha. ⚖️ Kuni kutaalee sadan kanaan jireenya keenya keessatti mul'ata: 1. Yaada Keenya (How we Think): Yaada madaalawaa, qajeelaa, fi abdii boruu qabaachuu. 💭 2. Miira Keenya (How we Feel): Aarii, gadda, fi dhiphina dhufe daddafanii to'achuu danda'uu. ❤️ 3. Gocha Keenya (How we Act): Qormaatni jireenyaa (stress) yommuu nu qunnamu, abdii kutannaa malee furmaata uumuu fi namoota waliin walii galuu. 🤝 🧠 Yaadannoo Ogeessaa: Akkuma qaamni keenya dhibee heddu dhukkubsatu, sammuun keenyas ni dhukkubsata, Ogeessa mariisisuun ykn "naa dhukkuba " jechuun dadhabina miti; gootummaa keessoo ofii oolchuu ti! —————————— 🛡️ Ati Injineera Sammuu Kee Ta'i! 🧠✨ 👤 Feyisa Gelgelu. Ogeessa Fayyaa Sammuu 💬 Telegram: @feyisalpsych! @FeyisaOfficial
🤕 Mata-Dhukkubbii (Headache): Gosoota, Mallattoolee fi Yaala Isaa! 🧠💊 Mata-dhukkubbiin dhukkuba qofaa isaa dhabate osoo hin taane, mallattoo qaamni ykn sammuun keenya dhiphachaa jiraachuu agarsiisu dha. Hawaasa keenya keessatti namni mata-dhukkubbiin isa hin beekne hin jiru. Haa ta'u malee, gosoota isaa addaan baasanii beekuun yaala sirrii argachuuf murteessaa dha. Mee gosoota gurguddoo mata-dhukkubbii, mallattoolee, fi yaala isaanii haa ilaallu: —————————— 📌 1. Gosoota Gurguddoo fi Mallattoolee Isaanii A. Mata-dhukkubbii Dhiphinaa (Tension Headache) 💆♂️ • Maal fakkata: Gosa mata-dhukkubbii isa hunda caalaa baay'atamaa dha. Akka waan fo'on ykn mormi jabaan mataa kee hunda marsee dhiphisutti sitti dhagahama. • Kaka'umsa: Dhiphina sammuu (stress), yaaddoo (anxiety), hirriba dhabuu, fi dadhabina jabaa irraa dhufa. B. Miigreenii / Garan-gallee (Migraine) ⚡ • Maal fakkata: Dhukkubbii jabaa mataa gara tokkoo qofa dhahatu (throbbing pain) dha. Sa'aatii muraasaa hanga guyyaa sadiitti turuu danda'a. • Mallattoolee dabalataa: Miira haqqisaa (nausea), ifa aduu fi sagalee jabaa jibbuu. C. Mata-dhukkubbii Naannoo Ijaa (Cluster Headache) 👁️ • Maal fakkata: Dhukkubbii garmalee jabaa ija keessaa fi naannoo ija tokkoo qofa mudatu dha. Yeroo baay'ee dhiitootaa fi imimmaan ijaa waliin dhufa. • Amala isaa: Guyyaa guyyaatti sa'aatii wal-fakkaatatti deebi'ee ka'uu danda'a. D. Mata-dhukkubbii Saayinasii (Sinus Headache) 👃 • Maal fakkata: Dhukkubbii naannoo addaa, dhiitoota ija jalaa fi bofla funyaanii irratti mul'atu dha. Yoo gadi jannatan dhukkubbiin isaa ni dabalata. —————————— 💊 2. Yaala fi Ittisa Mata-dhukkubbii (Treatment & Prevention) Yaaliin isaa akka gosa mata-dhukkubbii sanaatti garaagarummaa qaba: • Yaala Mana Keessaa (Home Remedies): • Bishaan baay'ee dhuguu: Dehydration (qaama keessaa bishaan dhumachuun) madda mata-dhukkubbii ti. • Kutaa dukkanaa'aa fi cal'isa qabu keessa boqochuu (keessumaa Miigreeniif). • Hargansuu tasgabbii (Deep breathing) fi morma suuta jassanii massage gochuu. • Qorichaan Yaaluu (Pharmacology): • Mata-dhukkubbii lallaafaaf: Paracetamol ykn Ibuprofen madaalawaan fudhachuu. (Hubachiisa: Qorichoota kana yeroo hunda baay'isanii fudhachuun ofuma isaatiiyyuu mata-dhukkubbii dabalataa fida). • Miigreeniif: Qorichoota addaa ogeessi ajaju (kan akka Triptans) fayyadamuun dirqama. • Fayyaa Sammuu (Mental Health Treatment): • Mata-dhukkubbii dhiphinaa (Tension) ittisuuf, dhiphina jireenyaa (stress) to'achuu barachuu, yaada dhiphinaa dhabamsiisuu, fi dandeettii of-tasgabbeessuu ijaaruu. —————————— ✍️.@FeyisaOfficial @feyisalpsych
Nama Hunda Gammachiisuun Hin Danda'amu! 👥❌ Jireenya keessatti yaalii nama hunda gammachiisuuf gootu dhaabi. Maaliif yoo jette: 1. Yoo furdatte, "Inni kun baay'ee nyaata" siin jedhu. 🍔 2. Yoo huqqatte, "Dhukkubsataa fakkaata, dhibee qaba" siin jedhu. 🏥 3. Yoo miidhagdee uffatte, "Of-argisiisa, of-tuulaa dha" siin jedhu. 👔 4. Yoo salphistee uffatte, "Hiyyeessa, homaa hin qabu" siin jedhu. 👕 5. Yoo calliste (serious taate), "Nama nuffisiisaa fi dhiphaa" siin jedhu. 🤫 6. Yoo taphattuu fi kolfitu taate, "Bilchina hin qabu" siin jedhu. 🤪 7. Yoo dhugaa garaa keetii ifatti dubbatte, "Naamusa-dhabeessa" siin jedhu. 🗣️ 8. Yoo kophaa kee taate (Single), "Nama nama faana walii hin galle" jedhanii si yaadu. 👤 9. Yoo milkaa'ina kee dubbatte, "Of-tuulaa fi dharra'aa" siin jedhu. 👑 10. Yoo rakkachuu kee argan, "Balleessaa dhuunfaa isaati, ni malaaf" siin jedhu. 📉 11. Yoo dhugaa dubbatte, "Gowwaa, jireenyi hin galleef" jedhanii si tuffatu. 🤝 Guduunfaa: Jireenya keessatti waan fedhe yoo goote, namoonni sitti dhiphachuu fi si qeequu hin dhiisan. Kanaafuu, dantaa fi yaada namootaa duubatti dhiisiiti, waan sammuu kee quubsu, kan dantaa kee fi bilisummaa kee kabachiisu qofa hojjedhu! Ati Injineera Sammuu Keeti! 🧠✨🛡️ Galatooma. ✍️Feyisal official @feyisalpsych @FeyisaOfficial
без подписи
Of danda’uuf qabxiilee ijoo barbaachisan 1. Ogummaa maallaqaa (Financial Intelligence) Galii fi baasii sirnaan to’achuu, akka humna kee hin caalleetti baasii raawwachuu Aadaa qusannaa horachuu, balaa tasaa fi karoora fuulduraaf maallaqa kaa’achuu Madda galii dabalataa uumu, hojii fi invastimantii haaraa barbaadu 2. Dandeettii murtee kennuu (Decision-making skill) Itti gaafatamummaa fudhachuu, milkaa’ina fi kufaatii ofii of irratti fudhachuu Murtee ofii irratti amanamummaa qabaachuu, odeeffannoo irratti hunda’uun murteessuu 3. Guddina dhuunfaa (Personal Development) Barnoota itti fufiinsa qabu barachuu, ogummaa haaraa horachuu Rakkoo ofiin furuu barachuu, yeroo rakkoon uumamu nama biraatti hin fiigin 4. To’annoo miiraa (Emotional Independence) Gammachuu of keessaa argachuu, nama biraa irratti hin hirkisuu Jabaachuu fi obsaan kufaatii keessaa barachuu 5. Karoora jireenyaa fi kaayyoo qabaachuu Mul’ata ifa ta’e qabaachuu (waggaa 5–10 keessatti eessa akka geessu beekuu) Yeroo sirnaan fayyadamuu, hojii fi barnootaaf itti fayyadamuu 💡 Hubannoo Of danda’u jechuun namoota irraa adda ba’uu miti; garuu jireenya kee ofiin dursuu fi itti gaafatamummaa guutuu fudhachuudha. @feyisalpsych ✍️ Feyisa Gelgelu
SUMMAA’UU (POISINING) ******** *Summaa’uun balaa tasaa beekanii ykn osoo hin beekin summii fayyaa ykn lubbuu dhala namarratti gaaga’ama fidaniif saxila bahuu jechuudha.Kunis karaalee garaagaraa yoo tahu liqimsuu ykn dhuguun , qaamatti facaa’un , karaa hargansuu galuun fi kkf dha. Summiiwwaan bebbekamoon: 1.Alkoolii 2.Qorichoota farra aramaa 3.Qoricha farraa ilbiisaa Fkn malataayinii 4. Qoricha hantuutaa 5.Karboon monoksaayidii kunis wantoota gubatan akka manaa , konkolaataa 6.Asidii fi beezii 7.Qorichoota mana yaalaa hamma ajajamee ol fudhachuu Kanniin aramaan olii keessaa biyyaa keenya keessatti bekamoon qoricha farra hantuutaa , malataayinii fi qoricha farra aramaadha. NAMA SUMMAA’EEF MAAL GOONA? *********** 1. Akka namichi of beekuu fi kaan adda baasuu 2. Yoo of wallaale ta’e, ulaa hargansuu isaa banaa tahuu ilaali kunis arrabni isaa akka duubatti dacha’e hin ukkamsine ilaaluu 3.Afaan isaa fi qoonqoo isaa keessa akka homtuu hin jirre ilaali 4. Namichi harganaa jiraachuu isaa ilaaluu , yoo harganaa hin jiru tahe afaan itti qadaadun qilleensa kennuufi 5. Onneen rukutaa jiraachuu isaa ilaaluu, yoo hin jiru tahe sukkuummii onnee (Heart massage) hojjachuu ???????? Akkamittii???? Mata duree bal’aa waan taheef mata duree biraan itti deebina 6. Namichi of hin beeku yoo tahe cinaacha tokkootti fuula isaa gad garagalchinee kaa’uu 7. Summichi ijatti faca’ee yoo tahe bishaan qulqulluun daqiiqa 15 dhiquu, uffata irraa baasuu 8. Nama asidii dhugeef beezii hin kenninaa akkasumas nama beezii dhugeef asidiin hin kennamu. 9. Kana booda gosa summiichaa kan agarsiiisu danda’u raga ykn meeshaa summichi keessaa hunda qabannee saffisaan mana yaalaa fiduu! HUBACHIISA: . Kana hunda yeroo goonu ofii keenyaaf eeggachuu kunis summiiwwan tokko tokko karaa gogaa ykn hargansuu xuuxamuun nama gargaaraa jiru faaluu danda’u. Horaa bulaa……..deebanaa @feyisalpsych
без подписи
BUTUTUU YKN YEROO HUNDA DADHABUU QAAMAA (Fatigue) ************** *Dadhabbiin qaamaa yeroo baayyee sababa garaagaraaan muudachuu danda’a.Kunis sadarkaa garaagaraa kan qabu fi deeddeebiin inni itti muldhatus garaagara. Waa hojjachuuf humna fi kaka'umsa dhabuu, hirrribaaf yookin rafuuf fedha guddaa agarsiisuu akkasumas bakka rafanii ka'uu dadhabuu dha. Kunis jireenya guyyaa guyyaa nama irratti miidhaa yoo qabaatedha. SABABOOTA DADHABBII QAAMAA FIDAN. ************ *HUB. Dadhabbiin qaamaa baayyeen adeemsa uumamaa qaama keenya keessatti umamuun kan dhufuu fi sababoota kanneen akka: *Hiirriba gahaa dhabuu *Hojjii ykn sochii qaamaa baayyee taasisuu *Sochii qaamaa gochuu dhiisuu *Ulfa fi harma hoosisuu *Nyaata madalawaa argachuu dhiisuu *Qorichoota mana yaalaa tokko tokko *Gadda fi *Yaada baayyisuu irraa dhufuu danda’a. Inni kun rakkoolee armaan olii yoo foyyeessine ni bada. 2. Dadhabbiin qaamaa inni gara biraa kan dhukkuboota ciccimoo biraan walqabatuu fi yoo xiqqaate walitti fufiinsan ji’a 3 hanga 6 turuudha. Sababoonni isaas: *Mukaa’ummaa (depression) fi rakkoolee xinsammuu biroo *Gadda yeroo dheeraa ( grief) *Cinqama fi yaada humnaa olii *Dhukkuba kalee , tiruu , onnee fi sombaa isa suutaa * Kansariiwwaan gosa garaagaraa *Rakkoowwaan hormoonii garaagaraa madaala dhabuu *Hanqina dhiigaa *Dhukkuba sukkaaraa *Ulfaatina qaamaa humnaa olii *Sochii qaamaa gochuu dhiisuu 3. dhukkuba dadhabbii qaamaa turaa (Chronic fatigue syndrome) :Inni kun dhukkuba dadhabbii qaamaa yeroo dheeraa yoo xiqqaate ji’a jaha , dhukkubbii qaamaa salphaa fi rakkoo hirriiban walqabatuudha. YAALA: *** *Gosa fi sababa isaa irratti hundaa’ee yaala mataa ofii qaba. Garuu bututni qaamaa baayyeen isaa yeroo gabaabaf turan (transient) fi sababoota xixiqqoo armaan oliin dhufanii fi haala jireenyaa foyyeessun foyyaa’aniidha. 1.Hirriba gahaa fi qulqullina qabu argachuu 2. Dhugaatii alkoolii hir'isuu 3. Araada hambisuu 4.Nyaata madaalawaa soorachuu Waan akkas gootaniif galatoomaa! ✍️ Feyisa Gelgelu @feyisalpsych
🚨 AKKEEKKACHIISA CIMAA HORDOFTOOTAA KIYYAAF! 🚨 Jidduu kana Telegram irratti Hacking (saamichi herregaa) bal’inaan babal’achaa jira. Hakeronni (saamtonni) account namootaa erga fudhatanii booda, maqaa abbaa herregaatiin viidiyoo fi suuraawwan qaanessaa (badaa) fi linkiiwwan adda addaa namootatti ergaa jiru. Gocha kanaan namoonni hedduun maqaan isaanii xuraawaa, firoottan isaaniis goyyoomaa jiru. Nageenya keessaniif jecha dhimmoota armaan gadii gadi fageenyaan hordofaa. 1. Akkaataa Saamtonni Itti Nama Soban Linkii adda addaa: "Suuraa kee argitee?", "Viidiyoo kee dhuunfaa kanaan ilaali", ykn "VOTE naaf godhi" kan jedhu linkii garaa garaa sitti ergu. Maqaa fira keetiin: Ergaan kun kan sitti dhufu nama ati beektu fi amantu irraa ta'uu danda’a (sababiin isaas account nama sanaa dursa waan hataniif). Code gaafachuu: Yoo linkii sana tuqxan, Telegram keessan keessaa si baasee, code bilbila keessanitti dhufu akka galtan si gaafata. Yoo code sana galchitan, account keessan hatame jechuudha! 2. Akkamitti Of Eegdu? Linkii hin tuqinaa: Ergaan sitti dhufe firas ta'u kan baay'ee sitti dhiyaatus, linkii namni sitti ergu kamiyyuu dursa bilbilaan bilbiltee osoo hin mirkaneeffatin hin tuqin! Code kee eenyuufiyyuu hin laatin: Telegram irraa code dhufu eenyuuniyyuu (maatiis ta'u) yoo si gaafate deebii hin kenniniif 3. Tarkaanfii Nageenyaa Ammuma Fudhachuu Qabdan (Two-Step Verification) Ammuma herrega Telegram keessan keessatti eegumsa dabalataa (Two-Step Verification) banadhaa. Kun dandeettii hakeronni account keessan cabsuuf qaban guutummaatti ittisa. Akkamitti banama? 1 Settings ➡️ Privacy and Security seena. 2 Two-Step Verification kan jedhu tuqaa. 3 Password (jecha icciitii) cimaa ta'e galchaa. Ergaa kana firan, maatii fi hiriyoota keessaniif SHARE godhaa @feyisalpsych
NAMOOTA HIRRIBNI DIDEEF Waantoonni armaan gadii kun isin gargaaru danda'a. ** 1. Sa’atii walfakkaataatti gara siree ba’aa. 2. Ciisuu keessaniin dura aannan ho’aa dhugaa. 3. Bishaan ho’aan qaama dhiqadhaa ciisaa. 4. Kitaaba dubbisaa ciisaa. 5. Sa'aatii ammaa ammaa hin ilaaliinaa. 6. Nyaata baay’ee yokaan ulfaataa ciisuu keessaniin dura hin nyaatiinaa. 7. Bakkeewwa hedduu jaallattan suura isaanii maxxanfadhaa. 8. Ifa mana ciisicha keessaa balleessaa. 9. Bunaa fi waantoota isa fakkaatan ciisuu. dura hin fudhatinaa. 10. Rafuun dura sochii qaamaa taasisaa. ✍ Feyisa Gelgelu. @feyisalpsych