Oromia Times
СтатистикаTelegiraam chaanaalii kana irratti oduu fi odeeffannoo Oromiyaa fi addunyaa ni argattu. Yaada: @fayisa8 Youtube 👉👉 https://youtube.com/channel/UCLPTQfMXS6we7aTT4g9MwCw
- Последний пост
- 14 авг.
- Последнее чтение
- 15 авг.
- Постов за неделю
- 22
- Всего постов
- 353
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- Категория
- Видео
- В каталоге с
- 13 авг.
- 1/24сутки в ленте
- 4 070
- 1/48двое суток
- 4 664
- 1/72трое суток
- 5 030
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
#Pomotion 🎮 Buy Premium Gift Cards Instantly! 💳 Steam | PlayStation | iTunes | Xbox ⚡️ Delivered to you in seconds! 💲 Pay securely with USDT 🌐 Website: lvlkey.com 📢 Channel: @lvlkey
💎 Barattoota Qormaata Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa Bara Kana (2018) fudhatanii xumurtaniif Chaanaalii barattoota baayyeedhaan filatamaa ta'ee fi barattoota yuunivarsiitii gargaaraa akkasumas qormaataf qopheessaa jiru kana join godhaa. 🔗 101% Akka jaallattan mirkanaa'aadha 👌 Arguun amanuudha 🥰 Ammuma miseensa ta'aa🏃♂➡️🏃➡️ Join ⬇️⬇️⬇️ https://t.me/knowledgy_hub https://t.me/knowledgy_hub
#Yeroo filannoo Yunivarsiitii guuttan wantoota beekuu qabdan muraasa 🔶 Yunivarsiitiin bakka waggoota hedduuf itti barattan waan ta'eef, yeroo filannoo yuunivarsiitii guuttan wantoota armaan gadii beekuun barbaachisaa dha. 1. Duraan dursee, yunivarsiitiileen isin filattan field/department barbaaddan akka qaban mirkaneeffadhaa. Kun wanta hundarra barbaachisaa dha. Yoo ammayyuu field/department barachuu barbaaddan hin murteessine ta'e, amma irraa jalqabee filannoo gabaabaa (shortlist) qopheeffadhaa. 2. Yunivarsiitii sana keessatti qulqullinni barnootaa akkam akka ta'e qoradhaa; keessumaa field/department isin barbaaddan keessatti sadarkaan barnootaa akkam akka ta'e sirriitti odeeffannoo isaa funaannadhaa. 3. Yunivarsiitii fi magaalaa filattan YouTube irratti ilaalaa. Akkasumas barattoota achitti baratan gaafadhaa. Yoo obboleessi ykn obboleettiin keessan kan yunivarsiitii baratu jiraates, isaaniinis gaafadhaa. Isaan barattoota mana barumsaa sadarkaa lammaffaa waliin baratan kanneen yunivarsiitii adda addaa seenan beekuu waan danda'aniif odeeffannoo gaarii isiniif kennuu ni danda'u. 4. Fakkeenyaaf, Addis Ababa University (AAU) keessatti department' wwan baay'ee barbaadaman kanneen akka Medicine fi Software Engineering seenuun baay'ee ulfaataa dha. Yoo qabxii gaarii hin qabaanne ta'e, department baay'ee barbaadamu seenuun ulfaataadha. Kanaaf department filannoo keessan hin taanetti ramadamuu dandeessu. 5. Yeroo filannoo yunivarsiitii guuttan, hiriyoota kutaa keessanii ykn obboleessa/obboleettii yunivarsiitiitti baratan wajjin mari'adhaa guutaa. 6. Yoo yunivarsiitiin isin filattan magaalaa keessaan ala ta'e, waa'ee nageenyaa fi tasgabbii magaalaa sanaa odeeffannoo walitti qabaa. 7. Akkasumas haala qilleensaa magaalaa yunivarsiitiin sun keessa jiruu tilmaama keessa galchaa. Barattoonni tokko tokko bakka baay'ee ho'aa ta'e keessatti waggoota hedduuf jiraachuun isaan rakkisuu danda'a. Join 👇 👇 👇 👇 👇 👇 👇 https://t.me/knowledgy_hub https://t.me/knowledgy_hub Join 👇 👇 👇 👇 👇 👇 👇 https://t.me/Oromiastudent_s https://t.me/Oromiastudent_s
видео или голосовое, без подписи
Beeksisa Ministeerri Barnootaa, beeksisa hojii gaggeessitoota manneen barnootaa addaa (Special Boarding Schools) qacaruu ilaalchisee gaafa Adooleessa 20, bara 2018 A.L.I. karaa interneetii (Online) baase irratti hundaa’uun, iyyattoonni maqaan keessan armaan gaditti tarreeffame qormaataaf kan filatamtan waan taataniif, Kibxata, Hagayya 12, bara 2018 A.L.I. sa’aatii 8:00 irratti waajjira muummee Ministeera Barnootaa, galma (hall) keessatti argamuun qormaata barreeffamaa akka fudhattan isin beeksifna. Hubachiisa: Dorgomtoonni yeroo qormaataaf dhuftan: Ragaa muuxannoo hojii; Ragaa barnootaa isa jalqabaa (Original); Dokumentoota barbaachisoo biroo beeksisa qacarrii irratti ibsaman Original fi Copy; Akkasumas eenyummaa keessan kan mirkaneessu waraqa eenyummaa (ID) qabattanii akka dhuftan isin yaadachiifna. https://t.me/Oromiastudent_s https://t.me/Oromiastudent_s
Bara barnootaa 2019 irraa eegalee, dameewwan ogummaa 11 sirna barnootaa idile keessatti hojiirra oolan irratti waltajjiin marii gaggeeffameera. Waajjirri Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee, Waajjirri Hojii fi Dandeettii Bulchiinsa Magaalichaa, akkasumas bakka Diinonni Kolleejjota Teeknikaa fi Ogummaa argamanitti, waa’ee dameewwan ogummaa kanneen irratti mariin gaggeeffameera. Dameewwan ogummaa kanneen hojiirra oolchuu kan dandeessisu kurikulumii, moojuulii barataa fi qajeelfama barsiisaa Ministeera Barnootaatiin qophaa’uun ibsameera. Bara barnootaa 2019 irraa eegalee, dameewwan armaan gadii qaama sagantaa barnootaa idilee ta’anii ni kennamu jedhameera: 1. Hojiilee sibiilaa 2. Teeknooloojii 3. Teeknooloojii konkolaataa (Automotive Technology) 4. Teeknooloojii uffataa 5. Hojii sarara elektirikii gamoo (BEI) 6. Hojii ujummoo bishaanii (Plumbing) 7. Guddina sooftiweerii (Software Development) 8. Oomisha midhaanii 9. Tajaajila kunuunsa fayyaa 10. Tajaajila hoteelaa 11. Hojii rifeensaa fi tajaajila miidhaginaa 12. Qophii nyaataa https://t.me/Oromiastudent_s https://t.me/Oromiastudent_s
#GradingSystem #GPA #CGPA 📚 Mooraa ykn Yuunivarsiitii keessatti Qabxiin ykn «Grade» akkamitti hojjetama? 🎓 GPA ykn CGPA jechuun maal jechuudha? Barattoota kutaa 12ffaa fi Yuunivarsiitii baratan hundaaf #Share taasisaa! ✍️ Akkuma beekamu grading system Yuunivarsiitiiwwan biyya keenya keessaa hedduu wal fakkaataa dha. Tokkoon tokkoon Seemisteeraatti: 🔸 20%–30%: Test, Quiz, Group work ykn Assignment 🔸 20%–30%: Qormaata Mid 🔸 50%: Qormaata Final 📊 Tokkoon tokkoon koorsii xumura seemisteeraa sadan isaayyuu walitti ida'aamee, bu'aan ida'ama isaa koorsiiwwan hunda waliin walitti ida’aamee hiramee Grade hojjetama. 🎯 Gireediin ida'aama Koorsiiwwan sana hundaa erga walitti ida’aamee booda, qabxiin argamu sun department filachuuf gahee ni qabaata. ➡️ GPA jechuun: Qabxii ykn Gireedii Seemisteera tokko irratti galmeessinu ➡️ CGPA jechuun: Avereejii qabxii ykn Gireedii Seemisteera hunda irratti argamu 📌 Fakkeenyaaf: 🧑🎓 Barattoota department filatan: Seemisteera 1ffaa qofaan filatamu: GPA qofa ilaalama Seemisteera 2ffaa fi 1ffaa walitti ida’amee: CGPA irratti hunda’a 📉 Department filachuuf: • Qormaata kutaa 12ffaa: 20% • CGPA: 50% • Qormaata dabalataa (iddoo tokko tokkotti): 30% 📘 Fakkeenya Seemisteera 1ffaa 📝 Koorsiiwwan: • Critical Thinking.......... 5 ECTS • General Psychology............ 5 ECTS • Economics .................. 5 ECTS • Communicative English I .... 5 ECTS • Geography ..............5 ECTS • Mathematics...........5 ECTS • Physical Fitness – (Pass/Fail) 📊 Walumaa galatti: 30 ECTS (Physical fitness hin lakkaa’amne) 👤 Fakkenya barataa Tolaa ; 1. Critical Thinking - 77 (B+) 2. General Psychology - 82 (A-) 3. Economics - 59.9 (C) 4. Mathematics - 42 (D) 5. Communicative English I - 68 (B-) 6. Geography - 64 (C+) 7. Physical Fitness - 70 (P) 🔢 Grading Scale: 🟢 A+ = 90–100 = 4.00 🟢 A = 85–90 = 4.00 🟢 A- = 80–85 = 3.75 🟡 B+ = 75–80 = 3.5 🟡 B = 70–75 = 3.0 🟡 B- = 65–70 = 2.75 🟠 C+ = 60–65 = 2.5 🟠 C = 50–60 = 2.0 🟠 C- = 45–50 = 1.75 🔴 D = 40–45 = 1.0 ❌ F = <40 = 0 📐 GPA'n Tolaa: ✓ 5×3.5 = 17.5 ✓ 5×3.75 = 18.75 ✓ 5×2 = 10 ✓ 5×1 = 5 ✓ 5×2.75 = 13.75 ✓ 5×2.5 = 12.5 Total: 77.5 ÷ 30 = 2.58 Ida'aamni isaa 120 keessaa 77.5 ta'a kanas baay'ina ECTS 30'f hirra sunis 2.58 dhufa. Qabxiin Tolaa 2.58 jechuudha. 📊 Seemisteera jalqabaa irratti GPA'n: ✅ 1.75 – 4.00 ➡ Promoted ⚠️ 1.50 – 1.75 ➡ Warning 🔫 1.00 – 1.50 ➡ Academic Dismissal ❌ 0.00 – 1.00 ➡ Complete Dismissal 📌 Kuni Yuunivarsiitii gara Yuunivarsiitiitti garaa garummaa qabaachuu danda’a. Join 👇 👇 👇 👇 👇 👇 👇 👇 https://t.me/Oromiastudent_s https://t.me/Oromiastudent_s Join 👇 👇 👇 👇 👇 👇 👇 👇 https://t.me/knowledgy_hub https://t.me/knowledgy_hub
Oduu gammachiisaa konkolaachistoota Bishooftuu keessa jirtaniif! 🎉 Yango Bishooftuu keessatti hojii isaa jalqabeera! 💛 Galii dabalataa akka argattaniif Yango dhufeera! Amma konkolaataa fi bajajii keessan fayyadamuun galii argadhaa! 🚕💰 🎁 Bonasiin qofa guyyaatti hanga 1,170 Birrii argadhaa! 🔥 Konkolaachisaa Yango ta’aa, galii keessan dabalaa! 📱Yango Pro App amma buufadhaa, galmaa’aatii hojii keessan jalqabaa! “Linkii cuqaasaa ⬇️⬇️⬇️⬇️⬇️ https://ya.cc/t/3nVOkmT99fvrCa
видео или голосовое, без подписи
BEEKSISA Galmeen Barattoota MBBAfi MBA Guyyaa 2 Qofatu Hafa (Hanga Hagayya 08, 2018 qofa); Guyyaan Qormaataa Hagayya 20/2018 Ta'uunis Beekame. BBO - Hagayya 07/2018 Barattootni Qormaata Naannoo Kutaa 8ffaa Bara 2018 Qabxii Olaanaa Gameessisuun Manneen Barnootaa Ifa Boruu Bultuu Addaa, Manneen Barnootaa Bultii Addaa Waldaa Misoomaa Oromiyaafi Manneen Barnootaa Addaa Sad. 2ffaa Oromiyaa Galuuf fedhii qaban galmeen hanga Hagayya 08/2018 qofa ta'uu ibsuun keenya ni beekama. Haaluma kanaan Guyyaan Qormmaata_Seensaa itti kennamu immoo #Hagayya 20/2018 Waan Ta'eef Giddu Gala Filattanitti Ganama Sa'aatii 1:30tti Argamuun Qormaata 'online'n /Kompitaraan(CBT) akka fudhattan isin beeksifna. https://t.me/Oromiastudent_s https://t.me/Oromiastudent_s
Mee waa'ee department filattanii xiqqoo isiniif haa himnu Waggaa tokkoffaa(freshman )simisteera jalqabaa erga barattee booda department ni filatta GPA simisteera jalqabaa irratti hundaa’uun jechuudha. Fakkeenyaaf, simisteera jalqabaa erga xumurtee booda kanneen armaan gadii keessaa filachuu dandeessa: 1 anesthesia 2 pharmacy 3 Medicine 4 veterinary medicine 5 nursing 6 Engineering 7 Other Natural Science Kanneen keessaa department wwan shanan 1 hanga 5 ta’an bu’aan kee simisteera tokkoffaa erga ilaalamee booda kan galtuudha. Fakkeenyaaf, barataan tokko GPA semestera tokkoffaa 3.9 fidee Medicine seenuu yoo barbaade, filannoowwan kana keessaa Medicine 1ffaarratti guutee kanneen hafan akka fedhii isaatti tartiibaan ni kaa’a. Sana booda, bu'aan barataan kun fide medicine in galcha yoo ta'e, medicine seenee semisteera lammaffaatti barnoota medicine barachuu eegala. Kana jechuun warri kaanis hanga Narsiitti kan jiran haala walfakkaatuun filatama jechuudha. ✨ Kan biraan Injinariingiidha. Barataan Injinariingii barachuu barbaadu immoo filannoowwan jiran keessaa Injinariingii jalqaba irratti ni guuta. Bu'aan inni fide Injinariingii kan galchu yoo ta'e semisteera lammaffaa barataa Pre Engineering ta'ee C++ fi Applied Maths Koorsiiwwan kanneen biroo irraa adda ta'e ni barata. Dhumarratti semestera lammaffaa erga xumuree booda department wwan Pre Engineering jalatti barsiifaman ni filata. department wwan pre engineering Jala jiran mooraa irratti hundaa’uun garaagarummaa yoo qabaatus, mooraa baay’ee keessatti department wwan kun 10 ol ta’uu kan danda’u, isaan keessaa muraasni Software engineer, computer science, civil engineering, biomedical engineering fi kkf dha. ✨ Other Natural science Other Natural science'n qabxii seensaa tokkollee hin barbaadu. Barataan qabxii darbiinsaa qabu kamiyyuu galuu ni danda'a, garuu kana jechuun barattoota Fayyaa fi Injinariingii seenuu hin dandeenyetu seena jechuu miti. Other Natural science jalatti akkuma Injinariingii department wwan 30 ol of jalatti qabaachuu kan danda’u yoo ta’u, department wwan kana keessaa muraasni HO, Radiology, Optometry, fi kanneen biroo hedduu yoo ta’an, akka yunivarsiitiiwwanitti garaagarummaa qabaachuu danda’a. Odeeffanoo dabalataaf chaanaaliiwwan kanneen join godhaa. Join 👇👇👇👇👇👇👇👇 https://t.me/Oromiastudent_s https://t.me/Oromiastudent_s Join 👇👇👇👇👇👇👇👇 https://t.me/knowledgy_hub https://t.me/knowledgy_hub
Beeksisa Barattoota Manneen Barnootaa Bultii Addaa Sad. 2ffaa Federaalaatti Barachuu Barbaadan Hundaaf ----------- BBO - Hagayya 05/2018 Manneen Barnootaa Bultii Addaa Sad. 2ffaa Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa Hundesse 9 Keessatti Kutaa 9ffaafi 10ffaa dorgomee galuu barataan barbaadu liinkii asii gadii kana banuun 'online'n galmaa'uu ni dandeessu. Guyyaan Galmee:- Ammarraa Jalqabee Hanga Hagayya 15/2018tti tura. A) Manneen Barnootaa Bultii Addaa Sad. 2ffaa Barattoota Kutaa 9ffaa fi 10ffaa Simatan: 1) Walisoo 2) Bu'ii 3) Bongaa 4) Gaambeellaa 5) Jigjigaa yoo ta'an; B) Manneen Barnootaa Bultii Addaa Sad. 2ffaa Barattoota Kutaa 9ffaa Qofa Simatan Immoo: 1) Dirre Dawaa 2)ArbaaMinci 3) Asoosaa 4) Baahir Daar fa'a ta'uu beekun carraatti fayyadamuuf akka galmooftan isin beeksifna. C) Ulaagaa Galmee Kutaa 9ffaa: - Qormaata Naannoo Kutaa 8ffaa Qabxii Giddu Galeessa(Average) 85% fi oliifi Gosa Barnootaa Herregaafi Ingiliffa 'qabxii 80% fi ol galmeessisan galmaa'uu ni danda'u Kutaa 10ffaa: Bara 2017 Qormaata Naannoo Kutaa 8ffaa Qabxii Giddu Galeessa (Average) 70 fi ol galmeessisaniifi Qabxiin Tiraansikriiptii kutaa 9ffaa 85%fi oliifi barnoota herregaafi Ingiliffaa qabxii 80% fi ol qaban galmaa'uu ni danda'u jechuu Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa beeksiseera. Kanaafuu, Galmaa'aa! Liinkichis: https://sbs.moe.gov.et/apply HUBACHIISA: Galmeen Manneen Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sad. 2ffaa, MB Bultii Addaa WMO Sad. 2ffaafi Manneen Barnootaa Addaa Sad. 2ffaa Naannoo keenyaas hanga Hagayya 08/2018 qofa kan turu waan ta'eef Carraa Lachuttuu Akka Fayyadamtan Haata'u! Carraa Gaarii ! Odeeffannoowwan haaraa hordofnee isin biraan geenyaa nu hordofaa https://t.me/Oromiastudent_s https://t.me/Oromiastudent_s
Oromia Times pinned «Oduu gammachiisaa konkolaachistoota Bishooftuu keessa jirtaniif! 🎉 Yango Bishooftuu keessatti hojii isaa jalqabeera! 💛 Galii dabalataa akka argattaniif Yango dhufeera! Amma konkolaataa fi bajajii keessan fayyadamuun galii argadhaa! 🚕💰 🎁 Bonasiin qofa guyyaatti…»
видео или голосовое, без подписи
Oduu gammachiisaa konkolaachistoota Bishooftuu keessa jirtaniif! 🎉 Yango Bishooftuu keessatti hojii isaa jalqabeera! 💛 Galii dabalataa akka argattaniif Yango dhufeera! Amma konkolaataa fi bajajii keessan fayyadamuun galii argadhaa! 🚕💰 🎁 Bonasiin qofa guyyaatti hanga 1,170 Birrii argadhaa! 🔥 Konkolaachisaa Yango ta’aa, galii keessan dabalaa! 📱Yango Pro App amma buufadhaa, galmaa’aatii hojii keessan jalqabaa! “Linkii cuqaasaa ⬇️⬇️⬇️⬇️⬇️ https://ya.cc/t/3nVOkmT99fvrCa
видео или голосовое, без подписи
Oromia Times pinned Deleted message
видео или голосовое, без подписи
#BBO Beeksisa Qacarrii Barsiisotaa Biiroon barnoota Naannoo Oromiyaa Qacarrii Barsiisota Manneen Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sad. 2ffaa gosoota barnoota garagaraa irratti akkasumaas gosoota afaanota biyya alaa barsiisaniif Warra Ulaagaa guutan qacaree hijjachiisuu barbaada: 👉 Gosoota Barnootaa: 1. Afaan Ingilizii 2. Barnoota seenaa (History) 3. Geography 4. Barnoota diinagdee (Economics) 5. ICT 6. Mathematics 7. Physics 8. Biology 9. Citizen/Ship 10. A/Study 11. Physics Lab. 12. ICT Technician kan barsiisan yoo ta'u, 👉 Barsiisota Afaan Biyya Alaa Barsiisan immoo: 1- Afaan Arabiffaa 2.- Afaan Faransaay barsiisan qacaree Manneen Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sad 2ffaa ramaduu barbaada. Kanaafuu, Barsiisotni fedhii qabdaniifi ulaagaa qacarrii guuttan galmaa'uu ni dandeessu. https://t.me/Oromiastudent_s https://t.me/Oromiastudent_s
👩⚕️MEDICINE 👨⚕️ 👨⚕️ Namni department Medicine dhaan eebbifame tokko DOCTOR jedhama. 👨⚕️ Doktoroonni namoota dhukkubaa fi miidhaa qaamaa qaban qoratu, Akkasumas dhibee adda baasuun yaalu. Akkaataa leenjii fi falsafaa isaanii irratti hundaa’uun, karaa adda addaatiin yaala kennu. 👨⚕️ Jechi Medicine jedhu “yaala” jechuu dha. Innis dameewwan (Branches) hedduu of keessaa qaba. Fakkeenyaaf, kan namaa fi kan bineeldotaa fi kkf. 🟡 Doktoroonni hundi dhukkubsattoota isaanii yaaluuf mala beekamaa fayyadamu. Fakkeenyaaf, doktoroonni Osteopathic Medicine (DO) jedhaman yaala namaa guutuu irratti, ittisa dhukkubaa fi sirna maashaalee fi lafee (musculoskeletal system) irratti xiyyeeffatu. Doktoroonni Medicine baratan immoo yeroo tokko tokko Allopathic doctors jedhamanii waamamu. 👩🏫 Barnootni medicine Digrii jalqabaa keessatti waggaa meeqa baratama? 🌐 hammi turtii yeroo yuunivarsiitiiwwan irratti hundaa'uun garaagarummaa qaba Kunis giddu galeessaan waggaa 7_9 fudhachuu danda’a. Kanaaf turtiin waggaa biyyootaa fi yunivarsiitiiwwan gidduutti garaagarummaa Qaba. 👨⚕️ Medicine seenuuf maal barbaachisa? Medicine seenuuf, yunivarsiitii keessatti GPA simisteera tokkoffaa ( freshman first semester GPA) qabxii olaanaa qabaachuu qabda yoo xiqqaate GPA 3.8 fi isaa ol fiduu ,akkasumas qormaatni seensaa (COC) yoo jiraate, qabxii barbaachisaa fiduu qabda. Garuu yuunivarsiitii hunda irratti COC jira jechuu miti, yunivarsiitii irratti hundaa'uun garaagarummaa qaba. 👨⚕️ Namni Medicine baratu amala akkamii qabaachuun gaarii dha? 👨⚕️ Namni Medicine baratu baay’ee beekaa ta’uu qofa osoo hin taane, obsaa fi fedhii barachuu qabaachuun barbaachisaa dha. 👨⚕️ Akkasumas, nama dhiiga ykn miidhaa qaamaa yeroo argu sodaatee fiigu osoo hin taane nama obsaa fi tasgabbii qabu ta'uun gaarii dha. Garuu kun namni hundumaa dhalootaan dandeetti kana qaba jechuu miti; namoonni hedduun muuxannoo fi leenjii wajjin barachuu danda’u. 👨⚕️ Medicine keessatti koorsiiwwan bu’uuraa maal fa’i? Koorsiiwwan bu’uuraa Medicine keessatti kennaman baay’inaan Biology fi Chemistry, akkasumas hojiiwwan laaboraatoorii waliin walqabatu. koorsonni Kunis kanneen Akka Anatomy, physiology, pathology, Biochemistry, Microbiology fi kkf dha. 👨⚕️ namni medicine 'n Eebbifame tokko maal hojjechuu danda’a? 💻 namni Medicine'n Eebbifame tokko bakka adda addaatti hojjechuu danda’a. Fakkeenyaaf: ✅ Hospitaala mootummaa fi dhuunfaa Hospitaala waliigalaa ✅ Buufataalee fayyaa (Health Centers) ✅ Kilinikaalee dhuunfaa fi mootummaa ✅ Kilinika dhuunfaa ofii banuu ✅ Dameewwan yaalaa adda addaa keessatti hojjechuu Dabalataanis, leenjii fi ogummaa dabalataa argachuun dameewwan akka Pediatrics (yaala daa’immanii), Obstetrics & Gynecology (yaala ulfaa fi daa'immanii ) Akkasumas dhukkuboota sirna hormaataa, Family Medicine (yaala maatii) Surgery( baqaqsanii yaaluu ) Emergency Medicine (yaala hatattamaa) Internal Medicine( yaala keessaa ) keessatti hojjechuu danda’a. 👨⚕️ Medicine barachuun salphaa moo ulfaataadha? 👨⚕️ Medicine barachuun salphaa miti garuu nama jabaatee hojjetuu fi yeroo isaatti sirnaan fayyadamuuf ni danda’ama. Hubannoo, Shaakalaa fi Qophii sirrii barbaada. 💰 Doktoroonni mindaa meeqa argatu? Miindaan doktorootaa lakkoofsa tokko qofaan kan murtaa’u miti sababiinsaas Dhaabbata mootummaa ykn dhuunfaa, Muuxannoo, Sadarkaa hojii, Damee ogummaa, Magaalaa ykn bakka hojiiirratti hundaa’uun garaagarummaa qaba Kanaaf “doktoroonni hundi 10,000–30,000 ETB qofa argatu” jedhanii lakkoofsaan kaa'uun sirrii miti; galiin isaanii yeroo fi bakka irratti hundaa’uun garaagaradha.Yoo specialist Doctor taatan immoo 😊 miindaa baayyee olaanaa argachuu dandeessu. Join 👇 👇 👇 👇 👇 👇 👇 👇 https://t.me/Oromiastudent_s https://t.me/Oromiastudent_s Join 👇 👇 👇 👇 👇 👇 👇 https://t.me/knowledgy_hub https://t.me/knowledgy_hub