Dr. Abdisa Ejeta
СтатистикаChaanaalii kana keessaan:- Kitaaboleefi barreeffamoota barsiisoo garagaraatu argama. Itti goraa!👇 @Orobook
- Последний пост
- 13 авг.
- Последнее чтение
- 15 авг.
- Постов за неделю
- 2
- Всего постов
- 25
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- Категория
- Новости и СМИ (по похожим)
- В каталоге с
- 13 авг.
- 1/24сутки в ленте
- 1 400
- 1/48двое суток
- 1 604
- 1/72трое суток
- 1 730
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
BUNA DHUGUU ******* Bu'aan qorannolee woggoota hedduuf namoota buna dhugan irratti godhaman akka muldhisanitti: Bunni keemikaala 'Kaafiin' jedhamu of keessaa qaba. Keemikaalli kun ammoo sammuu si'eessuun kaka'umsaa fi humna namaa uumuun, miira dadhabbii hirdhisuun, beekama. Hammi 'Kaafiniin' nama si'eessuu fi jijjirraa haalaa-amalaa namaa irratti fidu garuu namaa namatti garaagarummaa qaba. Kaafiniin: ● Kaafiiniin Dhukkuba Tiruu Yeroo Dheera fi Kaansarii Tiruu ittisu irratti gahee qaba. Tiruun dhukkubsatte akka gadaanisa uumtee hin dadhabne tursiisuu irratti faayida qaba ● Baattuun hadhooftuu akka dhangala'aa hadhooftuu bullaayinsa nyaataaf barbaachisu akka gadi lakkiftu waan si'eessuuf uumamuu cirracha hadhooftuu ni hirdhisa. ● Kaafiniin amala "Theophylline" qoricha yeroo tokko tokko dhukkubaa Asmii yaaluuf kennamuun wolfakkaatu waan qabuuf ujummooleen qilleensaa akka babaldhatan gochuun hafuurri nama hanqachuu yeroo Asmi nama mudatu ni hirdhisa. Kaafiniin kana gochuuf garuu buna sinii hanga afuri dhuguu nama barbaachisa. ● Carraa dhukkuba sirna narvii kan qaamni ajaja malee akka sosocho'uu fi hollatu godhu "Parkinson's Disease" ni hirdhisa. Dhukkuba Sukkaara Gosa Lammeessoo, Dhukkuba Onnee Akka Tasaa, Kaansiriilee qaama garagara hirdhisu irratti gahee muraasa wohii qabaachuu akka danda'u qorannoolen dhihoo bahan ni muldhisu. ● Kaafiniin qorichoota dhukkubbi woyyeesan (antipain) heddutti makamuun dhukkubbi woyyeessuu irratti gahee qaba. Akkasumas dhugaatilee humna kennan (energy drink) adda adda keessatti dabalamuun humna akka kennu ni godhama. Qorichoota ulfatinna qaamaa hirdhisuuf tajaajilan irratti dabalamuun namonni humna argatanii sochii qaamaa akka godhan si'eessuf jecha itti dabalamee ni tolchama. --- ● Sammuun keenya si'eessummaa Kaafinii kana barachuu danda'a. Kanaaf araada namatti ta'uu, si'a'inna san argachuuf hamma dhugnus yeroo gara yerootti akka daballu nu gochuu danda'a. Dhuguu barree tasa addaan kutuun ammoo bowwoo, biibbaa, tasgabbii dhabuuf nu saaxila. ● Kaafiniin hobbaatiin godhee daa'ima gadaamessa keessatti guddinna irra jiru bira waan dhaquufi akkasumas haadhootii ulfaa irratti dafee dhiiga keessaa waan hin xuuxamnee fi hamma dhiigaa hobbaatiif daa'imni argatan waan hirdhisuuf yoo baay'ate ulfi akka nama irraa dhangala'u gochuu danda'a. Kanaaf haati ulfaa takkaa fi ulfaayuu barbaaddu guyyatti buna sinii lamaa olii otoo fayyadamuu baattee ni gorfama. ● Hormoonota hirriba akka rafnu godhan irratti dhiibbaa gochuun hirriba sirritti akka hin rafne ykn nu hin qabne gochuu danda'a. Haalli kun garuu adaduma namni bunaa dhugaa Kaafiiniin wolbaratuun hirdhataa deema. Haala kanaaf buna gara galgala yeroo hirribaaf deemanitti dhuguu dhiisuun ni danda'ama. ● Onnee si'eessuun yeroo gababduuf dhahannaan onnee fi sosocho'iinsi dhiigaa akka dabalu gochuu danda'a. Akkasuma yeroo gababduu dhugame san booda jirtuuf dhiibbaa dhiigaa kan olkaasu ta'ullee; dhiibbaa dhiigaa dhaabbiin ol hin kaasu. ● Namoota Yaaddoo garmalee (Cinqaa Sammuu) qaban irratti, kaafiiniin hedumminaan (sinii afurii ol yeroo tokko) yoo fudhatame sodaa, tasgabbii dhabuu, naasuufi cinqaa san itti hammeessuu danda'a. Garuu namoota Muukuu qaban irraa muukuu woyyeessuu irratti gahe qaba. ● Namoota tokko tokko irratti gubaa-laphee aasidiin garaachaa gara kallatti kokkee oldeemuun uumamu (GERD) - 'Singiggoo' hammeessuu danda'a. Akkasuma haadholii garmalee buna baay'isan irratti carraa lafeen haphachuu ni dabala. --- Bunni Kaafiniin alas Vaayitaminoota (B2, B3, B5) fi albuudota akka magnesium, manganese, potassium of keessaa waan qabuuf wolnyaaticha garagara qaama keessatti godhanis garagaaru danda'a. Daa'immaniif ijoollee umriin isaanii woggaa 12 gadi ta'an buna akka hin dhugne gorfama. Dhahanna onnee fi dhibbaa dhiigaa dabaluun, sodaaf cinqaan,hirriba dhabuun, jijjiramni haalaa-amalaa isaan mudachuu waan danda'ufi. --- --- Fayyaa ta'aa! Bunaaf nagaa hin dhabinaa! Horaa, bulaa, deebanaa! --- Via Dr. Nuredin Luke @Orobook
Kabajamtoota miseensoota chaanala kiyyaa, nagaan hunduma keessaniif haa ta'u! Yaadaafi gaaffii dhimma fayyaan wal qabatu yoo qabaattan karaa saanduqa yaadaa asii gaditti argamu kanaan naaf barreessuu dandeessu. Gaaffiin keessan tartiibaan siniif deebi'a. Fayyaa hin dhabiinaa! Dr. Abdiisaa Ejjetaati @Orobook
Namni tokko wal-qunnamtii saalaa marsa tokko (single act of unprotected sex) keessatti carraan inni dhukkuba #HIV qabamuu 0.08% dha. Kan vaayirasii tiruu gosa B (#HBV) garuu 20–30% dha! Look at how dangerous it's 😳 Fayyaa hin dhabinaa! Dr Abdi Adugna (MD)
Har’a Guyyaa Kulkula Tiruu Addunyaa (World Hepatitis Day) ti! Guyyaan kunis waggaa waggaan akka addunyaatti Adoolessa 28 (July 28) kabajama. Kaayyoon isaa hubannoo waa’ee kulkula tiruu, keessumaa kulkula tiruu vaayirasiin (viral hepatitis) dhufu uumuu fi babal’isuudha. Kana malees, dhukkuba kana ofirraa ittisuuf, qorannoo yeroo yerootti gaggeessuu, talaallii dhukkubicha ittisuuf gargaaru dursanii fayyadamuu, karaalee dhukkubichi itti daddarbu hubachuu, akkasumas yoo vaayirasiin kun dhiiga keessatti argame ta’e, saffisaan yaala barbaachisaa argachuuf kakaasuudha. Tarkaanfiiwwan kunneen du’aatii dhukkuba kanaan dhufu hir’isuuf gahee olaanaa qabu. Keessumaa biyya keenya keessatti dhukkubni kun baay’inaan mul’achaa kan jiruufi lubbuu namoota hedduu galaafateedha. Kanaafuu, namni hundi qorannoo kulkula tiruu akka godhatu ni gorfama. Odeeffannoo fayyaa argachuuf #link https://t.me/drabdiadugna miseensa ta'aa! Dr. Abdi Adugna(MD) Fayyaa hin dhabinaa!
видео или голосовое, без подписи
13. Badhaasa Battalaa fi Badhaasa Boodaa Sammuun keenya bu'aa yeroo dheeraa caalaa gammachu/badhaasa battalaatiif dursa kenne. Amala kee itti fufsiisuuf badhaasa battalaa (fkn, amala raawwatte kalandarii irretti mallatteessuu) fayyadam 14. Amala Hordofuu fi Seera "Yeroo Lammaffaa Hin Kufin" Amala kee guyyaa guyyaan galmeessuun kee onnee siif ta'a. Yoo guyyaa tokko sababa adda addaatiin dogoggorte, Lamaffa itti hin deebi'in. 'Lama Nan suufan!' jedhiitii hatattamaan gara sarara keetti deebi'i. 15. Seera Madaallii (The Goldilocks Rule): Namoonni kaka'umsa guddaa kan argatan hojii dandeettii isaaniitiin wal-simate, baay'ee ulfaataa kan hin taane, baay'ee salphaas kan hin taane yoo hojjataniidha. Diinni guddaan guddina keetii nuffiidha malee kufaatii miti. Mohammedamin Jeylan-tu qindeesse. @Orobook
📚 📖 "Atomic Habits" ....Kitaabni Kun Kitaaba akka Daawitiitti keessatti of ilaalani. Ani Cuunfaa kitaabicha akkasiin isiniif fideeera, dubbisaa , yoo jaalattan waliifis qooda, Kitaaba akka isiniif cuunfu barbaaddan mention naaf godhaa. 1. Sirna Irratti Xiyyeeffadhu, Galma Qofa Irratti Hin Rarra’in: Galmi kallattii agarsiisuuf gaariidha, garuu sirni (system) fi adeemsi guyyaa guyyaa guddina dhugaa fida. Gareen injifatuus ta’e kan injifatamu galma walfakkaataa qabaachuu danda'u; waanni isaan gargar baasu sirnaa fi akkaataa itti hojjetaniidha. 2. Seera 1% (Tarkaanfii xinnoo ): Guyyaa guyyaan 1% qofa fooyya’uun, waggaa tokko keessatti dachaa 37 akka jijjiirama guddaa fidu si taasisa. Jijjiiramni xixiqqaan guyyaa tokkoo waan hin mul’anne fakkaatus, yeroo dheeraa keessatti bu’aa ajaa'ibsiisaa fida. 3. Sadarkaa Humna Dhokataa (Plateau of Latent Potential): Bu'aan tattaaffii keetii battalatti argamuu dhiisuu danda'a. Heddun keenya jijjirama Yeroo gabaaba feena. yoo San dhabne 'tattaaffiin koo bu'aa dhabe' jennee abdii kutachuutti fiigna. Atomic Habits garuu "humni kee ifaajeen kee , Si keessatti kuufamaa jira malee hin badne" jedha 4. Jijjiirama Eenyummaa Irratti Hundaa’e: Jijjiirama amala dhugaa jechuun eenyummaa kee jijjiiruudha. "Fiiguun barbaada" jechuu irra , "Ani nama fiigichaati" jedhi. Tarkaanfiin amala kee guyyaa guyyaa eenyummaa kee isa fuulduraatiif sagalee kennuudha. 5. Geengoo Amalaa (Habit Loop): Amalli tokko sadarkaa afur keessa darbee ijaarama: a. Dammaqsituu (Cue): Kun Amala sana akka yaadattu si taasisa. b. Hawwii (Craving): Kaka'umsa amala sana raawwachuuf keessa keetti uumamu. c. Deebii (Response): Amala sana raawwachuu. d. Badhaasa (Reward):bu'aa Amala sana raawwachun argattu. 6. Seerota Afran Jijjiirama Amalaa: Amala gaarii ijaaruuf seerota afran armaan olii irratti xiyyeefadhu, a) (Dammaqsituu), Akkamitti akka mul'atu taasisi. b) (Hawwii), Hawwataa taasisi. c) (Tarkaanfii): Salphaa taasisi. d) (Badhaasa) : Amala haara madaqfatteef badhaasa ofiif kenni. (Amala badaa balleessuuf seerota kana faallaa godhi: Dhoksi, tuffatamaa godhi, ulfaataa godhi, fi of adabi) 7. Murtoo Raawwii Karooraa : Amala badaa ykn gaarii jijjiruuf karoorfatte , 'Yoom? eessatti? fi akkamitti?' akka raawwattu ifatti murteessi. Formulaa kana fayyadami:> "Ani amala [X] yeroo [SA'AATII] iddoo [BAKKAA]tti nan raawwadha. Fkn : Ani [Kitaaba dubbisu] sa'atii [10-11] ,[Library ] keessatti Nan raawadha. 8. Amaloota Walitti Firoomsuu (Habit Stacking) : Amala haarawa amala fiixaan baastee amaleeffatteetti dabalii maxxansiisi. Formulaa :> *"Erga [AMALA DURAAN AAMALEFFATTE] xumuree booda, battalumatti [AMALA HAARAWA] nan raawwadha. Fkn: Akka Hirribaa ka'een cal jedhee [Bilbila ilaaluu /Doomscroling] dhiiseen booda battalumatti , [Kitaaban dubbisa] 9. Haala Qabatama Naannoo kee Caalaa Onnee Qofatti Hin Rarra’in... Haalli naannoo keetii wanta keessatti aadaa fi amala kee bocu keessaa isa tokkoodha. Wanta gaarii hojjechuuf si gargaaru fuldura keetti qopheessi—wanta amala badaatti si geessu ammoo ija kee duraa dhoksi. Kutannoo qofaan amala jijjiiruun ulfaataadha waan ta'eef. 10. Wanta Barbaadduu fi Wanta Si Eeggamu Walitti Makuu Wanta raawwachuu barbaaddu fi wanta akka dabiitiitti si eeggamu walitti maki. Fakkeenyaaf, tapha kubbaa kan ilaaltu yeroo bishaan dhugdu/fiigicha gochuuf utaaltu qofa akka ta'u murteessi. 11. Seera Daqiiqaa 2 Amala haarawa yoo egaltu, daqiiqaa lamaa gad kan fudhatu akka ta'u taasisi. Fakkeenyaaf: "Kitaaba fuula 30 nan dubbisa" jettee daqiqa lama booda lafatti darbuu irra "Har'aaf Fuula tokko nan dubbisa" jedhii egali. Xumuri! 12. Jijjirama Amalaa: Amala badaa gaaridhaan Bakka buusuf , Amala gaariidhaaf daandii salphisi (fkn, uffata hojii irraa galgala qopheessi), amala badaaf ammoo daandii ulfeessi (fkn, bilbila kee siree kee irraa fageessi).
видео или голосовое, без подписи
DHIBEE SUKKAARAA Dhibeen kun akka addunyaatti saffisa guddaan dabalaa kan jiru yoo ta'u bara 2040tti namoota Miliyoona 642 tu Dhibee kanaan qabama jedhamee tilmaamama. Dhibeen Sukkaaraa sababa hormoniin Insuliin jedhamu qaama keenya keessatti hangi barbaadamu madduu dhiisuu ykn hojii isaa sirriitti hojjechuu dadhabuu irraa kan dhufuu dha. Sababa kanaan qaamni keenya Sukkaara qaama keenya keessa jiru gara annisaa fi humnaatti jijjiiruu dadhaba. Yeroo kana hangi sukkaara dhiiga keessaa olka'aa ta'a jechuu dha. MALLATTOOLEE DHIBEE SUKKAARAA : Dhibeen kun harki caalaan dafee mallattoo hin agarsiisu. Sababa kanaaf namootni erga sadarkaa walxaxaa irra ga'ee yaala barbaadu. Kaan isaanii immoo dhibee biraaf ilaalamuuf yommuu dhufan dhiiga isaanii keessatti argamee itti himama. Garuu namoota muraasa keessatti mallattooleen akka daddafee beelessuu, bishaan ammaaf amma dheebossuu, fincaan daddafee qabuu, ulfaatinni qaamaa gadi bu'uu fi dadhabsiisuu itti dhaga'amuu danda'u. Dhibeen kun dafee yoo hin yaalamin hafe qaamota akka Kalee, ijaa, onnee fi narvii miidhuu danda'a. Dabalataan dhibeen Sukkaaraa dhibeewwan akka dhiibbaa dhiigaa, Ulfaatina garmalee fi olka'iinsa kolestroolii wajjin walfaana mudachuu danda'a. # DHIBEE KANAAF MAALTU NAMA SAAXILA? 1. Maatii keessaa namni dhibee sana qabu jiraachuu (Kara Sanyii darbuu danda'a). 2. Sochii qaamaa hojjechuu dhabuu 3. Ulfaatina qaamaa garmalee(Obesity). 4. Nyaata sukkaarri itti baay'atuu fi kaalorii olka'aa qaban irra deddeebiin fayyadamuu. 5. Qorichoota ajaja Ogeessota fayyaan ala fudhachuu( Keessumaa Qorichoota steroid jedhaman kanneen akka prednisolone fi dexamethasone). 6. Umurii (gosa 2ffaadhaaf). KANAAF MAAL GOCHUU QABNA? - yeroo yerootti sakatta'amanii ilaalamuu. - Sochii qaamaa hojjechuu - Mallattoo dhibee kanaa yoo ofirratti argine gara dhaabbata Fayyaa deemnee ilaalamuu. - Kuduraalee fi muduraalee baay'inaan fayyadamuu. - Qorichoota ajaja Ogeessota fayyaan ala fudhachuu dhiisuu. FAYYAA HIN DHABINAA @Dr Wakjira Amanu @Orobook
#ARGATINNUU_LAATA...? Abbaa manaafi haadha manaadha. Edda wal fuudhanii waggoota 12 lakkoofsisanii jiru. Haga kana waliin jiraatanillee, dhala godhachuu hin dandeenye. Kun madda dhiphina isaanii yeroo hundumaati. Si'a tokkollee ta'u, dhala dhabuun isaanii kun ajandaa isaanii hin ta'iin oolee bulee hin beeku. Dhiphachuu qofaanis hin dhiifne. Yeroo yerootti mana yaalaa deemuun furmaata barbaadaa turanii jiru. Wareega meeqas wareeganii jiru. Yeroo dheeraaf obsuufi furmaata dhabuun booda, wal hiikuufillee yeroo baay'ee dhumarra gahanii deebi'aa turani. Kana hunduma keessatti, kan dhiphina lama dhiphachaa jiru haadha warraadha. Tokko kan dhala dhabuu, inni biraan dhiibbaa karaa garagaraa irratti ta'u! Abbaan warraa 'dhala naaf godhachuu dhabde' jedhee itti guunguma, maatiin abbaa warraa 'ilma keenya dhala malee habifte' jedhanii guyyaa isheen qe'ee isaanii gadhiiftee deemtu eeggatu, ollaafi naannoon, akkanuma hiriyyoonni 'dhala dhabuu' jedhanii quba itti qabu. Dhiphina maatiin isheen isheef dhiphatanis ni dhiphatti. Kana irraan kan ka'e, si'a baay'ee lubbuu ishee balleessuuf yaalii gootee jirti. Yeroo mana yaalaa deeman hunda, jalqabaa kaasee akka isheen dhala godhachuu hin dandeenyeetti himatti. Sababa ka'umsa dhala dhabuushee baruuf qorannaan hafe tokko hin jiru. Akanuma wareegni wareegamu hundis akka isheen dhala godhachuu dandeessuufidha malee namni waan biraa shakkee beeku hin jiru. Asittidha dogoggorri guddaan! Amma qe'ee gadhiiftee deemuun dura carraa dhumaa yaaluu akka qaban irratti walii galani. Bakka dura itti yaalamaa turtee irraa rifeerii fudhatanii hospitaala biraa deemani. Bakki kun bakka itti furmaanni argamedha. Asitti haadha warraa qofa irratti hin turre kan qorannaan guutuun godhame, abbaa warraas kan dabalate ture. Haga ammaayyuu inni qoratamuuf eeyyamamaa hin turre ture. Sababni isaas, osoo haadha warraa isaa ishee kana hin fuudhiin dura haadha warraa biraa irraa mucaa tokko qaba ture. Isheen mucaa tokko deesseen booda boqottee jirti. Kanaaf namni isa shakke tokko hin turre. Waan nama ajaa'ibu garuu, kan dhala godhachuu hin dandeenye abbaa warraa ta'ee argame. Kana qorannoo yaalaatu mirkaneesse. Sanaan booda gara yaala furmaata fiduu danda'utti itti fufame. Argatinnuu laata....? Argitanii? Dhala dhabuun rakkoo dubartootaa qofa fakkaatee mul'achuu har'allee itti fufee jira. Garuu dubbiin akkana miti; dhala dhabuun dhukkuba sirna wal hormaataa dhiiraafi dhalaati. Rakkoon dhala dhabuu yoo maatii tokko keessatti mudate, abbaan warraafi haati warraa sababa ka'umsa ta'uuf carraa wal qixaa qabu (Sababa dhiiraan 30%, sababa dhalaan 30%, sababa lachaniin 30%, kan sababni isaa hin beekamnen 10 %). Akkanuma, kanaan dura dhala qabaachuun dhala dhabuu jalaa bilisa nama hin baasu. Waan yeroon boodaa mudachuu danda'udha. Kana hundachuu dhabuun miidhama xiin-sammuu gam-tokkee, jeeqama maatiifi hawaasummaafi qisaasa'insa diinagdee hammana hin jedhamne fida. Akkanuma ka'umsi dhibee kanaa akka yeroon hin argamne godha. Kanaaf, dhala dhabuun rakkoo dubartootaa qofaa jennee yaaduufi fudhachuu irraa of qusachuu qabna. Dhala dhabuun dhukkuba sirna wal hormaata dhiiraafi dhalaati. Kana kudhaammadhaa, waliif qoodaas! Fayyaa hin dhabiinaa! Dr. Abdiisaa Ejjetaati @Orobook
Via inbox Please share this! Currently, malaria is presenting with symptoms that differ from the previously recognized signs and symptoms. Case 1: A 67-year-old male patient reported experiencing a squeezing chest pain radiating to his left shoulder, lasting for a total of 10 hours. He experienced one episode of night sweats but had no history of fever or changes in mentation. He resides in a malaria-endemic area and has had previous exposure to the disease. His medical history is unremarkable, and physical examination findings were normal. Initially, a myocardial infarction (MI) was considered; however, both the ECG and troponin levels were normal, along with other investigations. Fortunately, a blood film was sent for analysis, which revealed stage 4 trophozoites of Plasmodium falciparum. After treatment, the patient improved and was discharged. Case 2: A 58-year-old woman presented with a similar scenario and ultimately received the same diagnosis, same treatment improved discharged. Case 3: A 7-month-old female infant came in with vomiting of ingested matter and blood-streaked mucoid diarrhea lasting two days. She exhibited no fever, chills, or rigors, and had no travel history to known malaria-endemic areas. She was well-nourished and alert, with no other significant medical history. On physical examination, she showed signs of dehydration with sunken eyes and tachycardia, but other findings were normal. Investigations revealed no abnormalities except for the presence of Plasmodium vivax, after which she was treated and improved. Dr. Anonymous @Nitsbinteam
видео или голосовое, без подписи
видео или голосовое, без подписи
видео или голосовое, без подписи
21 Lessons for the 21st Century by Yuval Noah Harari provides insights into the challenges faced by humanity in the present age. From politics to technology, Harari offers a timely analysis of issues that affect our society, and suggests ways we can handle them. ✈️✈️✈️#share✈️✈️✈️ 👇👇👇#join👇👇👇 @kitaabotaGaraagara
#Balaa_qaba! Yaaddee, yeroo dhukkubsataan siree dhukkubsataa qabatee ciisuu tokko suuta jedhee dhokatee, uffata ogeessa fayyaa godhatee, dhukkubsataa akkasaa yeroo lilmee waraanuufi qoricha maqaasaa hin beekne akka akaayiitti hammaaree kennuufii? Baay'ee nama sururaamii! Eeyyeen waan baay'ee ulfaatuufi balaa hammana hin jedhamne dhaqqabsiisudha. Balaa qaba! Akkuma kanaa, yeroo namni waan isa hin galchine keessa galu, waan ofii hin baranne nama barsiisu, gorsa ofii hin gorfamne nama gorsu, siyaasa quba hin qabnetti nama oofu, saayinsii hin hubanne nama hubachiisuu yaalu balaan uumamu salphaa miti. Balaa salphaa haga badii lubbuu dhaqqabsiisuu kan danda'udha. Eeyyeen, balaa qaba! Kanaaf xiyyeeffannaa argachuuf, faayidaa dhuunfaa argachuuf, hordoftoota baay'ifachuuf, akkanuma osoo hin beekiin kan goonu hagana balaa akka qabu beeknee of eeggachuun waan dansa. Dhalootaaf of eeggachuun jabina; jabaa ta'aa! Fayyaa hin dhabiinaa! @Orobook
Karaa #YouTube gorsa waa'ee fayyaa gaggabaaboo ta'an argachuuf link gadiin seenaa, #SUBSCRIBE godhaa🙏 Coming soon 👌 👇👇👇 https://www.youtube.com/@drbulti
Alkoolii yeroo dheeraa fi baay'inaan dhuguun qaama hunda irratti miidhaa geessisuu danda'a. Isaan keessaa: 😷Sammuu: yaadannoo hir'isuu, dandeettii yaaduu gadi buusuu. 😷Onnee: dhiibbaa dhiigaa olkaasuu, onneen guddataa dadhabuu (cardiomyopathy), onneen sirnaan hin rukutamne (arrhythmia). 😷Tiruu: dhibee tiruu dukkanaa'uu (fatty liver), hepatitis alkoolii, fi cirrhosis. 😷Kaansarii: carraa kaansarii afaanii, qoonqoo, ujummoo nyaataa, tiruu, mar'imaanii, fi harmaa dabala. 😷Dandeettii ittisa dhibee: qaamni dhibee ofirraa ittisuu ni laafa. 😷Narvii: harka fi miilli akka mudhii ykn gubatan (peripheral neuropathy). 😷Rakkoo walqunnamtii saalaa. 😷Hanqina nyaataa: keessumaa hanqina Vitamin B1 (Thiamine). 🎵Mallattoolee yeroo dheeraa: 👍Fuulli fi ijaan halluu bifa keelloo (jaundice) 👍Harka raafamuu. 👍Dadhabbii yeroo hunda 👍Miila fi garaa keessaa bishaan kuufamuu. Alkoolii irraa of qusadhaa! Fayyaa hin dhabiinaa! Via Dr Yoosan Abarraa(Hakima waligalaa) @Orobook
"#Waadaakee_hin_nyaanne_Harmee!" Kaalid Haati isaa du*utee osoo reeffi mana jiruu waadaa isheef seene kabajuuf jecha awwalcha duraafi awwaalcha booda barataa qormaata kutaa 8ffaa qorame!💔 Maqaan isaa Kaalid jedhama. Umriin isaa 14 yoo ta'u, ijoollee dhiiraa quxusuu lamaafi harmee isaa waliin magaalaa Shaggar, kutaa bulchiinsa Eekkaa Xaafoo jiraata. Abbaan isaa gaa'ila biraa ijaarratee isaanirraa fagaatee magaalaa Jijjigaa jiraata. Gidduu kana harmeen Kaalid dhukkubsataa sababa jirtuuf, "Ilma koo yoon maaluu ta'e barnoota kee waggaa guutuu itti dhama'aa baaterraa ooluu hin qabdu!" jettee waadaa galfatte. Haata'umalee, borumtaasaa qormaataaf sa'aatii muraasni wayta hafutti dhibeen itti cimee boqatte.😭 Kaalidis baay'ee gaddullee waadaa isheef gale kabajee reeffa ishee manatti dhiisuun waaree dura qoramee galuun erga awwaalmtee boodas qormaata isaatti deebi'uun qorame. Kunoo addunyaan akkana. Yeroo tokkotti umrii daa'imummaan qormaata garagaraan isa keessummeessite!😥 Waadaan harmee....! @Orobook
Hey everyone, this is my TikTok account. Join me and don't forget to follow! 👇https://vt.tiktok.com/ZSQ7mxtLu/