Dr Bulti Health Tips
СтатистикаYour daily dose of trusted health tips, medical insights, wellness advice, and disease prevention strategies! Learn, stay healthy, and live better. #YouTube kiyya link gadii kana SUBSCRIBE👇 godhaa🙏🥰 https://www.youtube.com/@drbulti
- Последний пост
- 15 авг.
- Последнее чтение
- 20:28
- Постов за неделю
- 2
- Всего постов
- 25
- Тип
- открытый
- Язык
- английский
- Категория
- Видео
- В каталоге с
- 13 авг.
- 1/24сутки в ленте
- 465
- 1/48двое суток
- 532
- 1/72трое суток
- 574
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
#DHUKKUBA_AMEEBAA (AMOEBIASIS) Ameebaan, dhukkuba orgaanizimii maxxantuu xixiqqoo 'Entamoeba Histolytica' jedhamaniin kan dhufudha. Ameebaan irra caalaatti mar'immaan keenya kan miidhu yeroo ta'u, mar'immaanii alattis tiruu, onnee akkasumas somba keenya miidhuu danda'a. 📌 KA'UMSA: Dhukkubni kun yeroo nyaanni nuti nyaannuufi dhugnu orgaanizimii dhukkuba kana fiduun yeroo faalamu kan nama qabudha. Dhukkubni kun haala salphaa ta'een namarraa namatti daddarbuu danda'a. 📌 MAALTU DHUKKUBA KANAAF NAMA SAAXILA? 👉Nyaataafi dhugaatii faalame fayyadamuun 👉Yeroo nyaata qopheessan qulqullina eeggachuu dhabuu 👉Yeroo baqaqsanii yaaluu faalamuu meeshaalee wal'aansaa 👉Anal intercourse 👉Ulfa (pregnancy) 👉Daa'imman 📌 MALLATTOOLEE: 👉Garaa dhukkubbii/ciniinnaa 👉Fedhiin nyaataa hir'isuu (loss appetite) 👉Garaa yaasaa dhiigaan makame (bloody diarrhea) 👉Dadhabbii qaamaa 👉Mataa dhukkuubbii 👉Ulfaatinni qaamaa hir'isuu 👉Haqqisiisuu (vomiting) 👉Hoo'ina qaamaa 📌 KARAA ITTIIN OFIRRAA DHORKAN: 👉Yeroo nyaata qopheessan qulqullina ofiis ta'e kan meeshaalee itti fayyadamnuu sirriitti eeggachuu. 👉Bishaan qulqulluu ykn danfisanii dhuguu 👉Kuduraafi muduraalee sirriitti bilcheessanii nyaachuu 👉Mana fincaanii erga fayyadamanii boodaafi nyaata qopheessuun dura harka sirriitti dhiqachuu 👉Bakka daa'imman itti haasawan qulqulleessuufi harkasaani afaansaanii keessa akka hin galchine eeguufi kkf. dha. ~~~ © Dr. Bulti Likisa(Bultoo), 2024 #FOLLOW & #SHARE🙏❤ 👇👇👇 @Fayyaa_egeree
#QUFAA 🔹️🔹️🔹️🔹️🔹️🔹️ Qufaan yeroo baay'ee ariifachiisaa kan ta'eefi ujummoolee qilleensaa qulqulleessuuf kan yeroo gabaabaaf turu(torban 3 gadi)ykn yeroo dheeraaf(torban 4 ol) kan namarra turu ta'uu danda'a. #Qufaa_maalfaatu_namatti_fida? 🔰Utaalloo 🔰Influenza 🔰Alarjii 🔰Keemikaalota garaagaraa 🔰Nimooniyaa(Saambaa michii) 🔰Tiibii(TB) 🔰Asimii 🔰Infeekshinii saayinesii 🔰Qorichoota tokko tokko 🔰Kaansarii sombaa 🔰Dhukkuba onnee 🔰fi kkf... #Qufaa_mana_keessatti_akkamitti_of_yaalla? ✅️ Shayii damma, loomii ykn jinjibilaan danfe ✅️ Waan dhangala'aa fayyadamuu ✅️ Aara bishaan danfee ulachuu ✅️ Bishaan ashaboo of keessaa qabuun lulluuqachuu ✅️ Kuduraalee adda addaa fayyadamuu ✅️ Juusii anaanaasiifi kan biroo fayyadamuu. 🙏Fayyaa nutti hin waakkatiin🙏💓 ☆☆☆☆☆ © Dr. Bulti Likisa, 2026. #SUBSCRIBE & #SHARE❤️🔥 👇👇👇 https://youtube.com/@drbulti?si=0mCRuwDaIRQ_hqUL
#Dhukkubbii_yeroo_konkolaataan_karaa_deemanii (#MOTION_SICKNESS) ☆☆☆☆☆ Namni konkolaataan ykn aeroplane karaa deemu ofiisaa ykn namni biraan yeroo dhukkuba kanaan rakkatu ni argina. Singiggoo, ol deebisuu, mataa dhukkubbiin guutummaatti deemsa sana jibbisiisaa taasisa. Namoonni tokko tokkommoo aarri konkolaataa sana keessaa bahu gaafa itti bahu isaan dhukkuba. Konkolaataa keessatti akkasumas aeroplane keessatti sababa dhukkuba kanaaf namootaaf yeroo feestaalli kennamuuf ni argina. #Garuu_dhukkubni_kun_qoricha_hin_qabuu? Namoonni hedduun qorichi akka jirus hin beekan, gariin immoo qoricha tokko qofa fudhatanii homaa naaf gochuu dide jechuun dhiisu. Dhukkubni kun gaafa konkolaataan, dooniin, aeroplanefi kkf gaafa deeman kana namatti dhagahamudha. Namoota 4-20% ta'an irratti mul'ata. Dubartootaafi namoota dhukkuba migraine kan qaban irratti ni heddummata. Karaa walmaraa yeroo deemaniifi na dhukkuba jedhanii namoota sodaatanirrattis ni mul'ata. #Akkamitti_ofirraa_dhorkuun_danda'ama? Yeroo karaa deemtan; 1.Wanta fagoo irraa nutti mul'atu ilaaluufi irratti xiyyeeffachuu 2.Kitaaba dubbisuu dhiisuu, mobile fayyadamuu dhiisuu 3.Bakka gara fuulduraa (gabbiinaa)taa'uu 4.Shayii jinjibilaan dhuguu 5.Loomii ykn burtukaana fooliisaa suunfachuu, 6. Maaskii godhachuu #Qoricha_ni_qabaa? Qorichoonni bitannee osoo karaa hin eegaliin fudhachuu qabnu ni jiru. Baay'eensaanii miira hirriba kan namatti fidanidha. Yoo tokko hojjechuu dide, deemsa biraafimmoo gosa qoricha biraa yaaluun gaariidha. Akkaataa itti fudhachuu qabnu ogeessaa fayyaa mari'achuun gaariidha. Qorichoonni muraasni kanneen akka; Dimenhydrinate, scopolamine, diphenhydramine, Metoclopramide jedhaman isaan filatamoodha. Yeroo Umuriin dabalaa deemus mallattooleen kun hir'isaa deemu. 🙏Fayyaa nutti hin waakkatiin🙏💓 ☆☆☆☆☆ © Dr. Bultii Likkiisaa, 2024 #JOIN & #SHARE❤ 👇👇👇 @Fayyaa_egeree
OF AJJEESUU? Biyya keenya keessatti gochi of ajjeesuufi du'a suukkanneessaa tahe hedduu mul'ataa jira. Dhaloonni ammaa keessumaa dargaggoonni aarii xiqqoo ishee qabaannaan of balleessuu filatu. Kun maaliif ta'e jennee yoo ilaalle, inni jalqabaa abdii dhabuudha. Namni abdii, obsaafi amantii hin qabne murtoo fokkisaa fudhata. 👉 OBSA: Namootni obsa qaban akkuma warqee ibidda keessatti meeqa gubatee bahee morma, quba, addaafi gurra irra taahuu gaaf tokko ni barbaadamu! Jireenya jiraannu kana keessatti qorumsaafi gadadoo akka carraa jireenyaatti ilaaluu qabna malee carraa du'aaf itti fayyadamuu hin qabnu! Jireenya namoota nuyi dinqisiifannuu hedduun isaanii kufaatii hamaa keessaa dhufanii olbahanii ifu! Sababni obsadha! 👉ABDII: Abdiin humna borutti ittiin cehaniifi carraa jiraachuu kan ittiin argataniidha. Abdii kutachuu dhiisuun tarkaanfiin jireenyaa akka itti fufu taasisa. Kan nyaatanirra kan abdatantu caala jedha Oromoon!! Abdii qabaannaan ni baratta, ni daldalta, bultii ijaarta, qabeenyas ni argatta; abdii hin qabdu taanaan osoo hojjettee carraa hedduu bira gahuu dabdeessuu harka olkaastee du'atti of kennita!!! Itti yaadi....Boriikeef waan gaarii yaadi....!! 👉AMANTII: Namni amantaa isaatti jajjabina hin qabneefi uumaa isaa hin sodaanne, adeemsa inni deemu itti bitaacha'a! Jireenyuma jiraatuun kiyyeeffamaa oola; Uumaa isaa waliinis walitti bu'a! Jireenyi hafuuraa haalaan barbaachisaadha! Akka jireenyaa, hojii, uumaafi uumamaa baruuf amantii ofii Waaqa irra kaawwachuun dhimma filannoo hin qabneedha!!! Walumaagalatti, waanan jedhu yoo jiraate; 1. Waan girrisee dabruuf of hin dabarsiin !!! 2. Qabeenya dhabuun hiyyoomuu, jaalalaan miidhamuu, kasaaruu, jibbamuu, lolamuu, dagatamuu....kkf tahuu mala! Kan hin dabarre waan hin jirreef dhimma lubbuu Waaqayyo nu keessa kaahetti murteessuu kana irraa dhalootni of qusadhaa!!!! Hub: Obboloonni keenya biyya adda addaa irraa ofan ajjeesa; Sagalee koo ishee dhumaan waraabaa jira 'bye bye' jettan xiqqoo itti yaadaa!!! Rakkinni haaraan ilma namaa irra gahee hin beekne, sirra hin geenye !!!! Nagayaan naaf turaa......!!!! 🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏 Via: Turaa #share 👇 @Fayyaa_egeree
#YouTube kiyya #Subscribe godhaan affeerraa kooti 🙏 👇👇👇 https://youtube.com/@drbulti?si=0mCRuwDaIRQ_hqUL
💢 DHIBEE KINTAAROTII (Hemorrhoids) ⚠️ Mallattoolee Kintaarotii 🤕 Dhukkubbii yeroo baay'ee 🔥 Hooksisuu fi gubuu 🌵 Naannoo munnee dhiita’uu 🩸 Dhiiguu danda’a 📊 Sadarkaa Dhiitoo 1️⃣ Sadarkaa 1: Meeshadhaan malee hin mul’atu. 2️⃣ Sadarkaa 2: Yeroo hagan ykn ittanuu gadi baha, ofumaan ol deebi’a. 3️⃣ Sadarkaa 3: Yeroo harkaan ol deebisan ni deebi’a. 4️⃣ Sadarkaa 4: Ol hin deebi’u, gadi baheetuma hafu. 🎯 Sababoota Nama Saaxilan 👵 Umuriin ol siquu 🚽 Yeroo baay’ee ittanuu 💺 Yeroo Dheera mana fincaanii irra turuu 🍔 Furdinaa Dabaalu 🧳 Ba’aa ulfaataa yeroo dheeraa ol fuudhuu 🧼 Hudduu akka malee riguu 🧍♀️ Dhaabbannaa fi taa’umsa yeroo dheeraa 🤰 Ulfa 🚨 Rakkoolee Hordofsiisuu Danda’u 🩸 Hir’ina dhiigaa 🧱 Dhiigni dhiita keessatti itituu 🦠 Dhiitan 'infection' ta’uu 🩹 Madaa’uu ❌ Sagaara qabachuu dadhabuu ✅ Maloota Ittisa Kintaarotii 💧 Bishaan gahaa dhuguu 🥗 Soorata faayibarii (fiber) qaban fayyadamuu 🚽 sagaran yoo si qabee yeroo dhufu, tursisuu dhisuu ⚖️ Ulfaatina hir’isuuf yaali 🏃♂️ Sochii qaamaa gochuu 📦 Ba’aa ulfaataa yeroo dheeraa ol fuudhuu dhiisuu 🩺 YAALA KINTAAROTII 🥦 Soorata gogiinsa garaa ittisan fayyadamuu 💧 Bishaan sirritti dhuguu 🚽 Yeroo baay’ee ittanuu dhiisuu 🛁 Bishaan hoo’aa keessa taa’uun madaa tasgabbeessuu 🧼 Hagan booda bishaan ho’aan dhiqachuu 🚫 Gogaan hudduu akka hin haqamne eeggachuu 💊 Qoricha dhukkubbii hanbisu – ajaja ogeessa fayyaa irratti 💉 Qoricha buubbu keessatti kaa’amu 🌿 Qoricha naannoo buubbu dibamu 🏥 Yeroo barbaachisaa ta’ee yaala baqaqsaa (surgery) gochuu – ogeessa waliin mari’achuun gaariidha! Dr. Mohammed Kedir ~~ #share #Subscribe #YouTube 👇👇👇 https://www.youtube.com/@drbulti
без подписи
#TETANASIIN MAALI? Tetanasiin infeekshinii baakteeriyaa biyyee keessatti argamuun dhufudha. Baakteeriyaan kunis karaa madaa ykn uraa gogaa gara qaama keessaatti gala. Baakteriyaan kun kutaa qaama keenya keessaa kan sammuu hubudha. #MALLATTOOlEE 👉Maashaaleen qoonqoofi mormaa goggoguu 👉Dhukkubbii maashaalee qaamaa 👉Dafqisiisuu 👉Dhahannaan onnee dabaluu 👉Hoo'a qaamaa 👉Yoo kan hammaate ta'emmoo, rakkoo hargansuufi liqimsuu dadhabuu, qaamni diriiree goguu 👉Hanga du'aattillee geessisuu danda'a. #TALAALLII Tetanasii (Tetanus toxoid(TT)vaccine 👉Talaalliin kun dubartootaaf keessumaa yeroo ulfaa haatiifi daamni dhukkuba kanaaf akka hin saaxilamneef gargaara. 👉Yoo taalalli kana hin fudhanne ta'e, daa'imni dhalatu 'Neonatal Tetanus' kan jedhamuuf saaxilamuu danda'a. 👉Dubartiin tokko talaallii tetanasii(TT) 5 fudhachuu qabdi. 👉Yoo kan yeroo ulfaa fudhachuu eegalte ta'emmoo hanga 3 fudhachuu dandeessi, kan hafe 2 immoo erga deesseen booda fudhachuu dandeessi. Walumaagalattti, talaalli tetanasii shananuu fixuuf waggaa 2fi ji'a 7 itti fudhata. 🙏Fayyaa nutti hin waakkatiin🙏💓 ** © Dr. Bultii Likkiisaa, 2026 YouTube kiyya #Subscribe godhaa🙏 👇👇👇 https://www.youtube.com/@drbulti
Karaa #YouTube gorsa waa'ee fayyaa gaggabaaboo ta'an argachuuf link gadiin seenaa, #SUBSCRIBE godhaa🙏 👇👇👇 https://www.youtube.com/@drbulti
Subscribe🙏
Fayyaa jechuun maali? Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ykn WHO'n hiika Fayyaa akkamitti kaa'a? Guutummaasaa dhaggeeffachuuf YouTube kiyya kana seenuun dhaggeeffadhaa, Subscribe gochuu hin dagatiinaa! https://youtube.com/shorts/iz-JSi01CCg?si=PYMAKwY6eB2sfZ7l
Karaa #YouTube gorsa waa'ee fayyaa gaggabaaboo ta'an argachuuf link gadiin seenaa, #SUBSCRIBE godhaa🙏 Coming soon 👌 👇👇👇 https://www.youtube.com/@drbulti
"#Waadaakee_hin_nyaanne_Harmee!" Kaalid Haati isaa du*utee osoo reeffi mana jiruu waadaa isheef seene kabajuuf jecha awwalcha duraafi awwaalcha booda barataa qormaata kutaa 8ffaa qorame!💔 Maqaan isaa Kaalid jedhama. Umriin isaa 14 yoo ta'u, ijoollee dhiiraa quxusuu lamaafi harmee isaa waliin magaalaa Shaggar, kutaa bulchiinsa Eekkaa Xaafoo jiraata. Abbaan isaa gaa'ila biraa ijaarratee isaanirraa fagaatee magaalaa Jijjigaa jiraata. Gidduu kana harmeen Kaalid dhukkubsataa sababa jirtuuf, "Ilma koo yoon maaluu ta'e barnoota kee waggaa guutuu itti dhama'aa baaterraa ooluu hin qabdu!" jettee waadaa galfatte. Haata'umalee, borumtaasaa qormaataaf sa'aatii muraasni wayta hafutti dhibeen itti cimee boqatte.😭 Kaalidis baay'ee gaddullee waadaa isheef gale kabajee reeffa ishee manatti dhiisuun waaree dura qoramee galuun erga awwaalmtee boodas qormaata isaatti deebi'uun qorame. Kunoo addunyaan akkana. Yeroo tokkotti umrii daa'imummaan qormaata garagaraan isa keessummeessite!😥 Waadaan harmee....! @Orobook
#Walqunnamtii_saalaan walqabatee rakkinoota dhiirota irratti mul'ataniif sababoonni maal faati? 🟢 Sigaaraa xuuxuu, alkoolii baay'isanii dhuguu, qorichoota hadoochan fayyamuu 🟢 Dhukkuba dhiibbaa dhiigaafi sukkaaraa 🟢 Hormooniin dhiiraa hir'achuu 🟢 Qorichoota adda addaa fudhachuu 🟢 Dhukkuba narvii 🟢 Maatii lamaan gidduu walii galteen yoo hin jiraanne 🟢Ofitti amanamummaa dhabuu 🟢Hojiitiin walqabatee waan itti dhiphatan yoo jiraate 🟢Saal_qunnamtiin walqabatee kanaan dura rakkoon yoo mudateera ta'eefi kkf. 🙏Fayyaa nutti hin waakkatiin🙏💓 ☆☆☆☆☆ © Dr.Bulti Likisa, 2024 #Follow_n_Share🙏🥰 👇👇👇 @Fayyaa_egeree
Channel photo updated
FOROFORII (Seborrheic dermatitis) #Foroforiin maali? ☆☆☆☆☆ Foroforiin gosoota dhukkuba gogaa keessaa tokko kan ta'eefi namarraa namatti kan daddarbudha. Foroforiin amalasaarratti hunda'uun jabaataa kan hin taaneefi mallattoo hedduus kan hin qabne (dandruff)jedhamuun kan beekamuufi jabaataa kan ta'e yeroo hedduu gogaa sammuu keenyaafi kutaa qaama keenyaa kan biroorrattillee kan mul'achuu danda'udha. #Foroforiin namoota akkamiirratti mul'achuu danda'a? -Daa'imman torban 2 hanga waggaa 1 jidduu jiraniifi namoota umurii ga'eessummaa ol jiran irratti mul'achuu danda'a. - Yeroo hedduu namoonni foroforii qaban dhibee biroo hin qaban garuu, namoonni tokko tokko HIV, Parkinson, gaggabdoo, dhiphina waliin walqabatee uumamuu danda'a. #Sababoonni foroforii fidan maalfaati? -Sababnisaa sirriitti kanadha jedhamuu baatus fangasii gogaa keenya wajjin waliigalanii jiraatan (normal flora)Malassezia jedhamuun dhufuu danda'a jedhamee yaadama. -Xannachoonni gogaa keenyaa bakkatti walitti qabamanitti (gogaa sammuu, fuula, naannoo qomaa, dugda gara olii, gurra gara alaa, bobaa, harma jala)tti uumamuu danda'a. #Foroforiin akkamitti yaalama? - Shaampoowwan dhiqannaaf oolan kanneen akka ketoconazole 2%, Selenium sulfied, Ciclopirox , Zinc pyrithione of keessaa qaban fayyadamuun to'achuu dandeenya. - Shaampoo kana dibannee daqiiqaa 5-10 tursiifnee dhiqachuu, torbee tokkotti yeroo 2-3 deddeebisanii ittiin dhiqachuun barbaachisaadha. - Dabalataanis, yoo kan hooqsisuu ta'eefi, jabaataa ta'e, gogaa sammuun alattiifi dhukkubni biroon yoo jiraate, gorsa ogeessa gogaatiin qorichoota dabalataa fudhachuun barbaachisaadha. #Foroforiin maaliif namatti deddeebi'a? -Sababni fidu sirriitti waan hin beekamneefi fangasiin kun gogaa keenya waliin waliigaluun foroforiin akka hin fayyine (not curable) godha. Kanaafi kan namatti deddeebi'u; garuu, mallattoosaa to'achuufi hir'isuun ni danda'ama. #Foroforiin akka nutti hin deddeebineef maal haa goonu? -Hanga mallattoonsaa badutti shaampoon dhiqachuu barbaachisa(ogeessi gogaa qoricha dabalataa ajajuu danda'a), mallattoonsaa erga badees shaampoon torbeetti altokko ykn torban lamatti altokko dhiqachuun akka nutti hin deddeebineef nu gargaara. #Foroforiin akka rifeensi bubuqqa'u ni godhaa? -Sababa foroforiin rifeensi bubuqqa'uun kan barame miti garuu, kan hedduu nama hooksisuu yoo ta'e rifeensi bubuqqa'uu danda'a. #Dabalataanis, ogeessa gogaa osoo hin mari'atiin qorichoota fayyadamuu dhiisuun, gogaan keessan akka hin miidhamneef gargaara. 🙏Fayyaa nutti hin waakkatiin🙏💓 ☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆ © Dr. Bulti Likisa, 2026 #YouTube keenya #Subscribe godhaa! 👇👇👇 https://www.youtube.com/@drbulti
Sababoota Hafuu Marsaa Laguu (Amenorrhea) 1. Sababoota Uumamaa (Natural Causes) * Ulfa qabaachuu. * Harma hoosisuu. * Umurii marsaa laguu itti argan gahuu dhabuu (waggaa 15 gadi). * Umurii marsaan laguu itti dhaabbatu(waggaa 49 ol (menopause)) ga'uu. 2. Sababoota Dhukkuboota Garaagaraatiin Walqabatan (Medical Conditions) * Dhukkuboota akka xannacha mormaa (thyroid disease) fi dhukkuba sukkaaraa (Diabetes Mellitus). * Jeeqamuu hormoonota marsaa laguu to'atan; fakkeenyaaf, hormoonota xannacha #pituitary, #hypothalamus fi ovaarii irraa maddan. * Madaa'uu ykn miidhamuu keessoo gadameessaa. * Qaamni walhormaataa uumamaan cufamuu , fknf (imperforate hymen). 3. Haala Jireenyaa (Lifestyle Factors) * Ulfaatinni qaamaa garmalee gadi bu'uu ykn ol ka'uu (underweight ykn overweight). * Sochii qaamaa garmalee taasisuu; fakkeenyaaf, atileetota irratti yeroo baay'ee mul'ata. * Dhiphina sammuu garmalee (stress ykn depression). Hubachiisa Hafuun marsaa laguu mallattoo dha malee dhukkuba miti. Kanaafuu, yeroo mallattoon kun mul'atu, sababni isaa maali akka ta'e adda baasuuf mana yaalaa deemanii qorannoo gahaa taasisuun barbaachisaadha. Kunis fayyaa ofii eeguuf murteessaadha. Fayyaa hin dhabinaa! Dr Abdi Adugna! Odeeffannoo fayyaan wal qabatu argachuuf: https://t.me/drabdiadugna
HIR'INA VITAMIN B12 👍👍👍👍👍 MALLATTOO 1. Qaama ofii keessumaa harkaaf miilaa miira nama waraanuu, gubuu fi kkf namatti dhaga'amuu. 2. Sammuun daddafee waa hirraanfachuu. 3. Salphaatti aaruu, dheekkamuu, of jibbuu gadda garmalee (depression) 4. Dadhabbii garmalee. 5. Onneen daddaftee dha'achuu. 6. Afaan keessa madaa'uu yokaan afaan nama gubuu. VITAMIN B12 MAAL IRRAA ARGANNAA? Vitaamin B 12 kan argamu yeroo hedduu bu'aa beeyladaa kan ta'an akka: 🎵Hanqaaquu 🎵Foon diimaa 🎵Qurxummii 🎵Foon lukkuu fi kk irraa sirriitti arganna.Yoo kanneen dhabne mana yaalaa deemnee bifa qorichaatin fudhachuu qabna. Dr. Yoosan Abarraatin Fayyaa hin dhabiinaa! @Orobook
#FINNIISA (#acne_vulgaris) ~~~~ Finniisni rakkoo gogaa qaama keenyaa kan namoota hedduurratti mul'atuufi sababnisaas dibata gogaa keenyaan maddan ykn seelonni du'an yommuu qaawwaa gogaa keenyarratti uumamaan argaman yeroo cufanidha. #Finniisa maalfaatu nutti fida? >Hormoononni qaama keenyaa yommuu jijjiiramana(keessumaa naannoo umurii ga'eessummaa) >Qorichoota hormoonota adda addaa of keessaa qaban. >Marsaan laguu shamarranii yeroo dhufu. >Of dhiphisuu >Maatii keessa namni finniisaan rakkatu yoo jiraate(genetic) #Mallattoolee-gosuma finniisaa irratti hundaa'uun garaagara. -Finniisa adii ta'an (qaawwaansaanii dudduudaa) -Finniisaa gugurraacha(qaawwaansaanii babbanaa) -Finniisa madaa qabu -Finniisa malaa kuufate(infeekshinii baakteeriyaa kan godhate) -Finniisa gurguddaafi kan dhukkubbii qabu. #Yaalli finniisaa maalfaati? >Qorichoota dibataman(retinoid) >Yaala hormoonii >Yaala gogaa qaamaa(intralesional steroid, comedon removal) >Nyaata soorannu sirreessuu >Carallaa(PDT) #Ofirraa ittisuuf maal haa goonu? 👉Bakka finniisni itti bahe suuta qulqulleessuu, guyyaatti si'a lama dhiquu. 👉Wantoota dibata of keessaa qaban fayyadamuu dhiisuu. 👉Gogaa finniisaan miidhame harkaan tuttuquu dhiisuu. 👉Hojii humnaa erga hojjennee booda keessumaa yeroo baay'ee dafqan, qaama keenya saamunaan sirrriitti dhiqachuu. 👉Of dhiphisuu dhiisuu 👉Soorata mi'aawaa ta'an baay'inaan fayyadamuu dhiisuu 👉Soorata pirootiniin badhaadhan soorachuufi kkf. 🙏Fayyaa nutti hin waakkatiin🙏 ~~~~ © Dr. Bulti Likisa(Bultoo), 2023 #JOIN & #SHARE🙏❤ 👇👇👇 @Fayyaa_egeree @Fayyaa_egeree
Karaa #YouTube gorsa waa'ee fayyaa gaggabaaboo ta'an argachuuf link gadiin seenaa, #SUBSCRIBE godhaa🙏 Coming soon 👌 👇👇👇 https://www.youtube.com/@drbulti