Falaasama Addunyaa
СтатистикаMindset | Philosophy | Motivation Yaada kee jijjiiri, jireenya kee jijjiiri. fuula Facebook Keenyaa:https://www.facebook.com/profile.php?id=61557676583508 Owner: @Wakjira_abraham Buy ads: https://telega.io/c/Falaasama_Addunyaa
- Последний пост
- 12 авг.
- Последнее чтение
- 13 авг.
- Постов за неделю
- 3
- Всего постов
- 25
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- В каталоге с
- 13 авг.
- 1/24сутки в ленте
- 1 680
- 1/48двое суток
- 1 925
- 1/72трое суток
- 2 076
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
Injifannoon dirree waraanaatti argame cufti dandeetti loltoota waraana sana irratti hirmaatan irratti kan hundaa'e ta'uu isaa seenaan dhala namaa kan waggoota kumatti lakkaa'amuu ni hubachiisa.Nuti tokkoon tokkoon keenya dandeettiilee fi kennaalee jireenyi keenya akka milkaa'u gochuu danda'an baay'ee qabna. Dandeettilee fi kennaalee kanneeniin "loltoota" jennee waamuu ni dandeenya. Dandeettii fi kennaan kamiyyuu gatii mataa isaa qaba. Tokko kaan irra caalaa tuffatamuu hin qabu. "Qabsoo jireenyaa" mo'uuf godhamu injifannoodhaan akka ceenuuf "loltoonni" tokkoon tokkoon waan gumaachan ni qaban. "Loltoota" si keessa jiran garuu addaan baasiitii beeki.Akka "loltoonni" kunniin si keessa jiran beekiiti qabsoo ati jireenya mo'uuf gootu irratti si cina akka hiriiraniif yaalii gochuu qabdu hunda godhi.
видео или голосовое, без подписи
видео или голосовое, без подписи
Yeroo jalqaba 𝐓𝐡𝐞𝐨𝐫𝐲 𝐎𝐟 𝐑𝐞𝐥𝐚𝐭𝐢𝐯𝐢𝐭𝐲 ifoomse, Alberti Enisteyin af-gaaffii tokko irratti afeeramee, "waan ati jettu kana nama meeqatu hubachuu danda'a jettee yaadda?" Jedhamee gaafatamee, "addunyaa irraa namni 12 caalaan waan hubatan natti hin fakkaatu" jedhee ture jedhama. (Namoota yeroo sana turan). Atis siif galuu yoo dide hin komatamtu; anaafis hin gallewoo! Qorannooleen hawaa baay'een isaanii tiyoorii isaa kana irratti waan hunda'aniif namni waa'ee hawaa hubachuu fedhu haga ta'e yoo dubbise gaariidha. Sanaaf kitaabilee wayya. Ammatti waan si'a baay'ee an raajeffadhu qofan keessaa gabaabsee barreessa. Akka tiyoorii kanaatti yeroo (time) irratti dhiibbaa kan qaban wantoota lama:saffisaa fi humna harkisaa (gravity). Inni jalqabaa, wanti tokko hammuma saffisaan adeeme yeroon isa biratti suuta jedha isa jedhuudha.Akka isaan jedhanitti yeroon akka nutti fakkaatu san dhimma turtii (duration) qofa osoo hin taane, akkuma sochiilee kaanii 'relative' kan ta'eedha. Fakkeenyaaf, meeshaan saffisa guddaa kan saffisa ifaatti siquun adeemuu danda'u tokko hojjetamee, namni tokko ittiin osoo adeemee yeroon isaa fi kan namoota lafarra jiranii garaagara; isaaf suuta jedha. Namni sun yeroo inni ija isaa libsatee banatu, turtiin isaaf sekoondii tokko ta'e qofti nu warra lafa irraaf guyyaa tokko ta'uu danda'a.Osoo saffisa ifaatiin deemuun danda'amee ammoo (akka tiyoorichaatti hin danda'amu jedhaaf malee) yeroon nama sana biratti ni dhaabata. Kana jechuun, namni sun bara-baraan jiraata jechuu miti; yeroon inni saffisa sanaan adeemu yeroon isaa kan warra lafaa waliin wal bira yoo qabamu tasuma hin adeemu. Namni sun saffisa ifaatiin adeemaa ija isaa yeroo inni itti libsatu qofti, nu biratti dhaloota meeqatu darba; yeroon isaaf dhaabbateera! ('Maal jechuudha?' Jettee? Maalan beeka an!). Wanti sun saffisa ifaa caalaatti adeemuu osoo danda'ee ammoo namichi achi keessaa sun gara yeroo darbee (back in time)'tti deebi'uu danda'a jedhan.Yaadni fiilmiilee garaa garaa irraa 𝒕𝒊𝒎𝒆 𝒕𝒓𝒂𝒗𝒆𝒍 jedhamus asirraa dhufe. Namni tokko waan saffisa ifaa caalaa imaluun yeroo murtaa'e adeemee osoo deebi'ee gara kaleessaatti deebi'uu danda'a jedhu.(Fiilmii 𝐴𝑣𝑒𝑛𝑔𝑒𝑟𝑠: 𝐸𝑛𝑑 𝐺𝑎𝑚𝑒 ilaali).Wanta kana hojiitti hiikuun akkamitti akka danda'amu akka addunyaatti qorattoota baay'eedhaan qoratamaa jira. Yaada kanarratti wanti namaaf hin hubatamin jiru baay'eedha. Fakkeenyaaf, 𝒕𝒊𝒎𝒆 𝒕𝒓𝒂𝒗𝒆𝒍 fayyadamtee waggoota torbaatama of-duuba deebitee akaakayyuukee ajjeefte haa jennu. Ati jiraachuu dandeessa akka hin jenneef akaakaakee kan abbaakee dhalchuuf jiru ajjeefteetta; hin jirtu akka hin jedhamneef ammoo jirta! Kun 'grandfather paradox' jedhama. Walumaa galatti, yaadonni 𝒕𝒊𝒎𝒆 𝒕𝒓𝒂𝒗𝒆𝒍 waliin wal qabatan baay'eensaanii ifa ta'uu baatanis, ammatti sadarkaa tiyooriitti gara yeroo darbeetti deebi'uun ni danda'ama jedhu. Inni lammataa ammoo yeroo irraan dhiibbaa ga'uu kan danda'u humna harkisaa (gravity)'dha. Wanti tokko hanguma 'gravity' cimaa qabaate yeroon isa biratti suuta jedha jedhama. Wanta akka 𝑩𝒍𝒂𝒄𝒌 𝑯𝒐𝒍𝒆 'gravity' guddaa qabaachuu isaarraan kan ka'e ifti illee danda'ee harkisa isaa jalaa hin miliqne biratti ammoo yeroon ni dhaabata jedhu.Osoo ni danda'ama ta'ee namni tokko 𝐁𝐥𝐚𝐜𝐤 𝐡𝐨𝐥𝐞 irratti umrii isaa dabarsee, warra lafarra jiran biratti umuriin darbu hagana hin jedhamu akka jechuuti. Nama Waaqawoo, in cima mitii?🤗 Dabalataaf kitaabilee: 1) Brief Answers To Big Questions- Stephen Hawking 2) Physics Of The Impossible- Michio Kaku Dubbisuu dandeessu. Galatoomaa!!
Addunyaa ulaagaa baastu keessa jirra.Ulaagaan ulaagaadhumaan osoo ni ba'a ta'ee baay'ee bu'aa qaba ture.Garuu, rakkinni addunyaa kanaa yeroo ammaa ulaagaa ulaagaa malee ba'utu baay'ate. Barnoonni barnoota malee kennamu akkuma nu rakkise,wanti baay'een ulaagaa malee ulaagaa ta'ee ba'aa jira.Ba'aas ture. Boris ni ba'a.Addunyaa kana waan ijaan mul'atu caalaa waan hin mul'annetu ishee geggeessa. Addunyaan kun nuti waanuma arginu argaa jirra malee isheen harka lafa jalaatiin geggeeffamaa oolti. Dubbii qoosaa fakkaatu, garuu hiika qabu tokko akkas jedha; "mucaa tokkotu waggaa baay'ee erga baratee booda, gaafa eebba isaa carraa gaaffii gaafatamuu argatee akkas jedhe, barsiisota keenya warra osoo hin baratiin nu barsiisanii asiin nu gahaniif galanni haa ga'u" jedhee dubbate jedhan. Kana jechuun eenyu irraafi maal baratee achi ga'e jechuudha? Osoo hin baratin warra barsiisan yoo taane, dhaloota osoo hin baratin barsiisuuf qophaa'u oomishna jechuudha.Kunis ulaagaa ulaagaa malee ba'e jechuudha. Addunyaa ulaagaa baastee ulaagaa malee baay'ee geggeeffamtu baay'ee argineerra. Kan akka ulaagaa baasuu salphatu hin jiru. Ulaagaa beektota baay'een qophaa'u argineerra.Warrumti ulaagaa sana qopheessan immoo ulaagicha cabsuuf ulaagaa biraa osoo isaan qopheeffataniis argineerra.Ulaagaa malee ulaagaa baasuu fi ulaagaa ba'e cabsuufis ulaagaa ba'utu nu rakkise. Addunyaan ulaagaa baay'ee baaftee waliin jiraachaa as geesse. Garuu yeroo hundumaa ulaagaa baay'een yeroo ilaalamu ulaagaa malee ba'e. Sirna beekamtiin kennameef caalaa sirna beekamtii hin qabnetu caala. Murtoon addunyaa rakkisaa jiru isa sirnaan murtaa'e osoo hin taane, kan lafa jalaan murtaa'edha. Ulaagaa ulaagaa malee ba'e jechuun ulaagaa akka namni ittiin jiraatuu fi ittiin of gaggeessu ta'ee kan ba'e, garuu yeroo sirriitti ilaalamu ulaagaa guutuu kan hin dandeenye jechuudha.Yeroo ulaagaa baastu atumti ulaagaa baasuuf ulaagaa akka guuttu mee of ilaali mee.Jiraachuutti maalif hin jiraannee?
20K seenneerra.Galatoomaa warri page kana jaallattan.Like 👍 fi react ❤ keessaniin ibsaa kan page kana jaallattan.Kan hin jaallanne immoo dislike godhaa.
Hafuura hamaa tokkotu si gowwoomsaa jira jennee haa yaadnu. Hafuurichi sun wanta soba ta’e dhugaa sitti fakkeessuu waan danda’uuf, waan argituu fi yaaddu amanuu hin dandeessu. Akka wanta ati harka qabduutti sitti fakkeessinaan malee, tarii ati harka hin qabdu. Tarii wanti magariisa sitti fakkaatu magariisa miti. Tarii 2 fi 2 ida’amanii 4 hin dhufan. Namootni ati argitu hundi isaanii tarii hin jirani. Akkuma gaafa abjoottu abjuun sun addunyaa dhugaa sitti fakkaatu, tarii jireenyi kee kunis akkasuma. Haala akkasii keessatti, wanti ati shakkii tokko malee amanuu dandeessu maaltu jira? Firii ida'ama 2 fi 2 dabalatee, wanta iji kee arguu fi sammuun kee yaadu hunda erga shakkitee, wanti ati shakkii malee amanuu dandeessu maaltu jira? Hafuurichi hamaa fi jabaa ta'e sun, wanta inni irratti si gowwoomsuu hin dandeenye jiraa? 𝑅𝑒𝑛𝑒 𝐷𝑒𝑠𝑐𝑎𝑟𝑡𝑒𝑠 gaaffii kana erga kaaseen booda, wanti inni shakkii malee amanuu danda’u tokko akka jiru barreesse—jiraachuu isaa! Shakkaa jirta yoo ta’e, yaadaa jirta jechuudha. Yaadaa jiraachuu kees yoo shakkite, ammas yaadaa jirta. Bakka shakkiin jiru kamuu yaadis jira. Bakka yaadi jiru ammoo eenyummaatu jira. Qaamni hin jirre hin gowwoomfamu! Qaamni yaadu yoo hin jiraanne, yaadis hin jiraatu! Himni isaa beekamaa ta’e sunis kana irraa ka’uun dubbatame: 𝐶𝑜𝑔𝑖𝑡𝑜, 𝑒𝑟𝑔𝑜 𝑠𝑢𝑚 (𝐼 𝑡ℎ𝑖𝑛𝑘, 𝑡ℎ𝑒𝑟𝑒𝑓𝑜𝑟𝑒 𝐼 𝑎𝑚).
Kana Beektuu? 111,111,111 × 111,111,111 = 12,345,678,987,654,321 !!!!!!!!!!!
видео или голосовое, без подписи
Waa'een doktiriinii fayyinaa (𝑆𝑜𝑡𝑒𝑟𝑖𝑜𝑙𝑜𝑔𝑦) dhimmoota falmiin itti baay'atu keessaa tokkodha. Kiristaanummaan fakkeenya fudhadha. Yesus fayyisaa ta'uu isaa, dhugaa tokkicha ta'uu isaa amanteetta yoo ta'e, amantee fayyuu keef sababa kan ta'e eenyuudha? Karicha ni filatte moo, siif filame? 1) 𝐶𝑎𝑙𝑣𝑖𝑛𝑖𝑠𝑚: fayyuu kee keessaa ga'ee tokkoyyuu hin qabdu. Hojii fayyinaa kan hojjete si akka hin taane silas ifaadha, kan jedhamaa jiru garuu, kan ati amanteyyuu sababa duruma murtaa'ee tureef malee, sababa ofiin filatteef miti. Waaqayyo namoota amananii fayyuuf jiran uumamuu isaaniin dura akka fedha isaatti murteesse. Namni kamuu ofii isaatiin dhugaa fayyinaa beekuu bira ga'uus ta'e, bira ga'uudhaaf hawwuu hin danda'u. Fayyuu fi fayyuu dhabuun wanta tasuma amala ykn tattaaffii namaa irratti hundaa'u miti. Warri duruma yaadaan qabamanii turan hundi isaanii fayyuuf jiru; isaaniin alas eenyuyyuu hin fayyu. 2) 𝐴𝑟𝑚𝑖𝑛𝑖𝑎𝑛𝑖𝑠𝑚: hojii fayyinaa kan hojjete Waaqayyo ta'us, karicha kan filatu si'i. Waaqayyo fayyina nama tokkoo dursee akka murteessetti yoo dubbatame, murteessuun isaa dursee beekuu isaa irratti waan hundaa'uufi. Murtee nama sanaa dursee beekuu isaa malee, fayyina nama sanaa ofiin murteessuu isaa miti. Nama tokkotu hojii dadhabsiisaa siif hojjetee, qarshii hojicha irraa argamu ammoo akka ati fudhattuuf sitti hiixate yoo ta'e, hojicha kan hojjete si ta'uu baatus, qarshii sana fudhachuus ta'e dhiisuun garuu filannoo keeti. Akka 𝐶𝑎𝑙𝑣𝑖𝑛𝑖𝑠𝑚'tti qarshicha fudhachuu dhiisuu hin dandeessu; hojicha qofatu siif hojjetame osoo hin taane, bu'aa hojichaa fudhachuu fi dhiisuun kees faanuma siif murtaa'e. Akka 𝐴𝑟𝑚𝑖𝑛𝑖𝑎𝑛𝑖𝑠𝑚'tti garuu hojichi kan siif hojjetame ta'us, fudhachuu fi dhiisuu kan murteessu si'i. 3) 𝑀𝑜𝑙𝑖𝑛𝑖𝑠𝑚: fayyina sana kan filate si'i; addunyaa ati fayyina sana keessatti filatte kan murteesse garuu Waaqayyodha. Fakkeenyaaf, biyya biraa fi haala biraa keessatti dhalatte osoo ta'ee, tarii fedha bilisaa kee fayyadamtee karaa fayyinaa sana hin filattu ta'a. Biyyaa fi haala amma keessa jirtu kana keessatti garuu fedha bilisaa keetiin karicha filatta ta'a. Waaqayyo addunyaawwan lamman kana (isa ati keessatti fayyituu fi hin fayyine) keessaa kan barbaade 𝑎𝑐𝑡𝑢𝑎𝑙𝑖𝑧𝑒 gochuu danda'a. Addunyaa ati keessatti hin fayyine keessa jirta yoo ta'e, addunyicha kan murteesse Waaqayyo ta'us, kan ati fayyina dhabde fedhuma bilisaa kee fayyadamteeti. Bifa kanaan 𝑠𝑜𝑣𝑒𝑟𝑒𝑖𝑔𝑛𝑡𝑦'n Waaqayyoo fi fedhi bilisaa keenya wal faana adeemu. Yaadotni kun bakkaa bakkatti ibsa an kenneef irraa adda kan ta'es qabu; baay'ee bal'atus. Gabaabsuu irratti waanin xiyyeeffadheef, caqasawwan yaadota sana faana ka'anis hin eerre. Sadeen keessaa (tarii kanneen hafan biroo keessaas) kan ilaalcha kee ibsu kami? Caqasa kam sababa godhatte?
Si'ii fi nama tokkotu yakka ta'e tokkoof shakkamtanii wal faana to'atamtan haa jennu. Sin lamaan keessaa yakkicha kan raawwate eenyu akka ta'e murteessuuf ragaa ga'aan hin turre. Kanaaf, namni si faana hidhame sun yakkicha akka raawwate dhugaa akka irratti baatuuf filannoon siif dhiyaate. 1) Yoo yakkicha kan raawwate nama si faana shakkame sana akka ta'e dubbatte, ati bilisa baatee, namni sun ammoo waggaa 5f hidhama. 2) Yoo ati dubbachuu dhiiftee, namichi ammoo akka ati raawwattetti dhugaa ba'e, inni bilisa ba'ee, ati ammoo waggaa 5f hidhamta. 3) Yoo lachan keessan wal faana wal irratti dubbattan, sin lachuu waggaa 3f hidhamtu. 4) Yoo lachan keessanuu wal irratti dubbachuu dhiistanii callistan, waggaa 1f hidhamtu. Garuu, filannoon kun kan siniif dhiyaate kutaa adda addaa keessatti waan ta'eef, lachan keessanuu filannoo walii dhaga'uu ykn beekuu hin dandeessan. Haala kana keessatti akkam goota? (Deebii micciiramaa hambisuudhaaf, dhugaa dubbachuu caalaa, faayidaa ofittummaa kee irratti xiyyeeffattee jirta jennee haa qabannu.🤗) Yoo callifte, waggaa 1 hidhamuu fi waggaa 5 hidhamuu keessaa tokkotu si eeggata. Yoo nama sanarratti dubbatte, waggaa 3 hidhamuu fi bilisa ba'uu keessaa tokkotu si eeggata. Akkam goota?🙂 (Gaaffichi bifa baay'een dhiyaachuu danda'a. 𝑃𝑟𝑖𝑠𝑜𝑛𝑒𝑟'𝑠 𝐷𝑖𝑙𝑒𝑚𝑚𝑎 jedhamee beekama.)
видео или голосовое, без подписи
видео или голосовое, без подписи
Namni hammuma si baraa adeemu si tuffatu,ammallisaa haalakee utuu hin taane amallisaa gadaanaa akka ta'e agarsiisa. Haallikee garuu utuu namichi sin beekinis ta'e erga inni si beekees sanuma.Kan jijjiirame haala namichaati. Namni duraan si kabajaa ture amma sababa si bareef yoo si tuffate ,taatee gidduutti uumameen sitti akka dhiyaatuuf sababa iyyamteef odeeffannoo argachuu isaatiif si tuffata. Haala isaa akka gaariitti qoradhu. Namichi kun odeeffannoo duraan waa'eekeetiif hin qabne amma waan argateef ,ilaalchi isaa tuqamee waan badeef,atimmoo dabaree kee odeeffannoo sirraa argateen sitti jijjiiramuu isaa yommuu hubattu,ilaalchi kankees yoo tuqamee bade isin lamaan gidduu addaa addummaan tokkollee hin jiru. Karaa faallaa immoo,hammuma waa'eekee hubate kan sitti dhiyaatee si gargaaruuf dhama'u argitee beekta jedheen yaada.Hiriyyaa kee kun duraan waa'eekeetiif odeeffannoo ga'aa kan hin qabne yoo ta'u,utuu akka gaariitti sin hubatin kan ture ta'ee,odeeffannoo waa'eekeetii erga dabalatee booda akkuma qabatetti tursiifateeti ta'uu ni danda'a. Tarii kan duraarra kan caalu ittumaa si kunuunsuutti caalchisuu ni danda'a.Tarii kan duraarra kan caalu fedhiin inni si kunuunsuuf qabu dabalaa dhufuu ni danda'a.Addaa addummaan ilaalcha namoota kana lamaanii gidduu jiru yommuu ilaaltu,haalli isaa kan sirratti hundaa'e utuu hin taane,ilaalchaa fi eenyummaa isaanii irratti kan hundaa'e akka ta'e yaaduun nama in rakkisu. @Falaasama_Addunyaa
Amantaan tokko sirrii ta'ee namatti mul'annaan maddi isaa xiyyeeffannoo maaf ta'a? Namni tokko fudhachuufi dhiisuudhaaf qabxiin murteessaa ta'e wantichi 𝐚𝐦𝐚𝐧𝐬𝐢𝐢𝐬𝐚𝐚 ta'uu fi dhiisuu irratti hunda'a malee, 𝐦𝐚𝐝𝐝𝐚 irratti hin hundaa'u. An akkasittan hubadha. Asumaan, amantaaleen aadaa hawaasaa irratti dhiibbaa akka qaban ifaadha. Garuu, sun sababa amantaa fudhachuu dhiisuu ykn ganuu nama tokkoof quubsaa miti.Ammoo, nama tokkoon amantaan kee sababa aadaa keenya dhiibbatuuf dhiisi jechuun waan hin fakkaanneedha.Nama amantaasaa jaalatuuf sun tasuma amantaasaa caalaatti dhimma ijoo ta'ee waan itti hin mul'anneef. Kanan jechuu fedhe baay'ee ta'us, ijoo yaadakoo ibsadheera jedheen abdadha. Ijoolleen amantaa Waaqeffannaa keessa jirtanis ta'e, warri amantaa kam jalayyuu hin jirre si'a baay'ee sababni nuti dhiyeessinu hanga malu bilchaatoo miti. Waa'een Of-ta'uu dhabuu isaanii fi waa'een amantaa ormaa hordofuu isaanii waan si'a baay'ee dubbatamuufi ijikoo irra deddeebiin arguudha. Kun lachuu akka kootti sababa miidhagoo miti. Sababoota dhibbootaan lakka'aman hedduun osoo jiranii kanatti cichuun hin tolu. Yooma ta'ellee sababootni dhiyaatan kanarra haa ce'an. Qajeeltoo akka na hubattan nan abdadha. Yaada addaa yoo qabaattan ibsachuu dandeessu.
Repost Falaasama Addunyaa: Waaqeffataa ta'uufi dhiisuun safartuu of-ta'uu fi dhiisuu nama tokkoo miti! Waaqeffataan tokko nama of ta'e ta'uu danda'a; namni of-ta'e hundi garuu waaqeffataa ta'a jechuu miti! Waaqeffataa ta'uufi dhiisuun safartuu of-ta'uu fi dhiisuu nama tokkoo miti.An Musiliimas, Kiristaanas amantaalee kam irrayyuu harka qabaa hin jiru.Garuu, baay'een keenya Kiristaanummaa fi Isilaamummaa yeroo morminu sababni nuti dhiyeessinu bilchaataa natti hin fakkaatu. Sababootni biroon ka'uu danda'an lakkoofsa hin qaban. Nu biratti garuu si'a baay'ee kan irra deddeebiidhaan ka'u: 𝐎𝐟-𝐭𝐚'𝐮𝐮 𝐝𝐡𝐚𝐛𝐮𝐮 fi 𝐅𝐚𝐥𝐚𝐚𝐬𝐚𝐦𝐚 𝐨𝐫𝐦𝐚𝐚 𝐡𝐨𝐝𝐨𝐟𝐮𝐮 kanneen jedhaniidha.Akka naaf galutti sababootni kun lameenuu irra deddeebiin dhimma ka'uu malan miti. Jalqaba, of-ta'uu jechuun maal jechuudha? Waan sammuun ofii sababa ga'aa waliin itti amane raawwachuu jechuu mitii? Of-ta'uu jechuun wal ta'uu jechuudhaa? Namni tokko of-ta'ee, dhiibbaafi akkeessaa homaa malee sababeessa mataasaan Kiristaanas ta'e, Musiliima ta'uu hin danda'uu? Dhimmi of-ta'uu jedhamu akkamitti dhimma kanatti hidhame? Sabboonummaan haga ta'e sirruma sana ni ibsa. Innumtuu 𝐤𝐚𝐛𝐚𝐣𝐮𝐮 waliin dhimma wal-qabatu malee, 𝐟𝐮𝐝𝐡𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮 irratti waan hundaa'u natti hin fakkaatu. Amantaafi aadeffannaan hawaasaa hidhata cimaa qabaatus, amantaa tokko akka aadaa saba tokkootti ramadanii, nama sanaan ala imale akka waan qara ilaaleetti fakkeessuun gaarii miti. Aadaan dhimma waliin jireenya hawaasaati; waliin jiraachuuf waan itti fayyadamnuuf walitti qabna. Amantaan garuu dhimma hariiroo uumaa waliin qabnu waan ta'eef eenyuyyuu namatti hidhuu hin danda'u. Gaafa jiraannu waliin waan jirruuf aadaan barbaachise, gaafa duunu garuu ifaa waan hin taaneef amantaan barbaachise natti fakkaata. Aadaafi barsiifata hawaasaa kabajuun sirruma ofis kabajuudha; filmaata uumaan namaaf files fuula ifaan fudhachuudha. Garuu akkaataa jiruufi jireenya hawaasaa keessaa homaayyuu jijjiiruu dhiisuu jechuu miti. Butiin bal'inaan ta'uu baatus, barsiifata Oromoo keessa hin turree? Bartee fokkisaadha jennee dhiifne mitii? Barsiifata dhaqna qabaa shamarranii, adamoo, barsiifata maatiin misirroota walitti fidan... faan Oromoo bakka bu'uu baatanis, barsiifata Oromoo keessa hin turremoo? Kanneen mara hubaatii dhaqqabsiisu jennee, sirrii miti jennee erga dhiifnee, ilaalchota Oromoon dur qabu kaanis yoo nun amansiifne fooyyessuu ykn jijjiiruu akka hin dandeenye maaltu nu dhorka? Oromoon durii sirriima beekaa ture; garuu fiixee beekumsaa ture jedhee hin yaadu. An amantaa Waaqeffannaa nan jaaladha. Seenaa dabalatee, wantooti Oromoo baay'een sana waliin hidhata akka qaban beeka. Yaadota an uumaa ilaalchisee qabu kaanirra caalaa amantaa kanatu naaf ibsa natti fakkaata. Garuu akka qabxii murteessaa (𝐄𝐬𝐬𝐞𝐧𝐜𝐞) Oromoo tokkootti ilaalamuu waan qabu ta'ee natti hin mul'atu. Gara biroon, amantaan tokko sababa saba Oromoo alaa dhufeef kan Oromoo miti jechuun kun sirriidhaa? Afachu, falaasamoota Pilaatoofaa keessaa gaafa waa nu amansiisu, falaasamichi Giriikiitii waan dhufeef kan Oromoo miti jennee ni dhiifnaa? Saayinsiin yaada tokko qorannoo irratti hundaa'ee yoo ifoomsu, yaadichi yoo nu amansiise biyya bakkeetii sababa dhufeef fudhachuu ni dhiifnaa? Barreessaan biyya alaa tokko akkaataa jiruufi jireenyaa ilaalchisee gorsa yoo laatu, yoo gorsichi nu amansiise sababa maddi sun biyya ormaa ta'eef fudhachuu ni dhiifnaa? Kitaabileen nuti si'a baay'ee dubbifnuufi wabeeffannu kan biyyoota alaa mitimoo? Herrega keessatti argannoo Paayitaagoras rog-sadee irratti argate waan mirkaneeffanneef, waan nu amansiiseef fudhanne. Sababa maddi isaa Oromoo hin taaneef dhiifneerraa? Wantoota akka falaasamaa, saayinsii, xiinsammuu, argannoo... faa sababa dhiyaate gulaallee, waan nu amansiisaniif qooddanna mitii? Innumti kun amantaalee bira gaafa ga'u maaf dogoggora ta'ee mul'ataree?
#Breaking #Kutaa_8ffaa #Result Bu'aan Qormaata Naannoo kutaa 8ffaa naannoo Oromiyaa bara 2018 ifoomeera! Odeeffannoo fuula Facebook sirrii Biiroo Barnoota Oromiyaa irraa arganneen yeroo ammaa kana bu'aan qormaata naannoo barattoota kutaa 8ffaa bara 2018 kan Naannoo Oromiyaa ifoomuu isaa mirkaneeffanneerra. Barattoonni kutaa 8ffaa qormaata kana fudhattan armaan gadiin qabxii keessan ilaalladhaa! Website :- http://oromia.ministry.et Website isaani busy taha jira sababa taheef vpn fayyadamaa Carraa Gaarii! Barattoota kutaa 8ffaa hundaaf share taasisaa! @Falaasama_Addunyaa
видео или голосовое, без подписи
Warri gara mana amantaa, mana qulqullummaa fi masjiida dhaqanii Waaqayyoo fi ibaadaa Isaa barbaadan baay’ee wallaaltotaa fi naamusa hin qabne dha. Sababni isaas haadha manaa fi mucaa kee keessaa Waaqayyoon argachuu yoo dadhabde, daraaraa xiqqoo maasii kee keessatti biqilu kana keessatti Waaqayyoon arguu yoo dadhabde, ija intala xiqqoo taphaan nagaa si gaafattu sanaan arguu yoo dadhabde ta'e mana qulqullummaa keessatti Isa argatta jettee yaaduun gowwaa. Namni ogeessaa fi sammuu qabu guutummaa uumama cufaa akka mana qulqullummaa Waaqayyo irraa maddutti ilaala. Join:@Falaasama_Oshoo
Jechoota bareedoo fi barreeffamoota isaa - doofummaa isaanii irraa bilisa isaan baase kana yaadachuuf jecha waloo kanaaf magaala isaanii keessatti siidaa Waggaa-waggaadhanis yaadannoon dhaabaniifiiru. godhamuufii eegale. Garuu doofummaan dhala namaa hagam gara jabeessadhaa? @Falaasama_Addunyaa @Falaasama_Addunyaa