BARRUU BARATAA
Статистика- Последний пост
- 22 июл.
- Последнее чтение
- 14 авг.
- Постов за неделю
- 0
- Всего постов
- 22
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- Категория
- Образование (по похожим)
- В каталоге с
- 14 авг.
- 1/24сутки в ленте
- 78
- 1/48двое суток
- 89
- 1/72трое суток
- 96
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
видео или голосовое, без подписи
Barattoota Kuma 61 Ta'antu Kufan! Biiroon Barnootaa Oromiyaa bu'aa qormaata biyyaalessaa kutaa 8ffaa naannichaa ilaalchisee odeeffannoo dabalataa ifoomseera. Itti Aanaa Hoogganaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Bultoosaa Hirkoo akka beeksiisanitti, bu'aan qormaataa kan gadhiifame yoo ta'u, waliigala barattoota qormaaticha fudhatan keessaa dhibbeentaan 86 darbaniiru. Akka Biiroon Barnootaa beeksisetti, qabxiin ceumsaa (passing mark) dhibbeentaa 50 fi isaa ol ta'uun murtaa'eera. Akka ibsa Dr. Bultoosaatti, naannoo Oromiyaa keessatti waliigala barattoota kuma 415 ta'antu qormaata kutaa 8ffaa fudhate. Kanneen keessaa barattoonni kuma 354 ta'an qabxii darbiinsaa fiduun gara kutaa 9ffaatti kan darban yoo ta'u, barattoonni kuma 61 ta'an immoo qabxii darbiinsaa osoo hin fidin hafaniiru. @XirrooMedia
Alaabaan Falasxiin sirna gammachuu Waancaa Addunyaa har'a Ispeen keessatti geggeeffamaa jiru irratti hirmaatee jira. ⚽🏆🇵🇸 🇪🇸🇪🇸
📎 Linkiin galmee: https://t.me/AkaadaamiiAfrikaa ⭐ Ammuma Galmaa'ii... 📱 Toora Onlaayiniin 💵 Bilisaan 1️⃣ Waggaa Tokko 🎊 Ragaa Dippiloomaa 👳🏽♂️ Ulamaa'ii Babbeekamoon ✨ Yeroo kamittuu ↩️ Namoota Birootiif qooduun ajrii argadhu.
« Yeroon as deemtu tun yeroo boqonnaa hedduu barattootaa fii garii hojjettootaa mootummaa fii dhuunfaati. Sheekkan,ustaazoonni,haadhaa fii abbaan,namni itti gaafatamummaan ilmaan islaamaa isaan yaachistu hundi yeroo boqonnaa kana ijoollee KG irraa hanga nubarsitiitti jiran akka diin isaanii barachuun yeroo boqonnaa gannaa kana fayyadamaniif ammumaan qophii godhuutu barbaachisa. »ღ Muharram 1,1448H
« Barattoonni Dhaabbilee barnootaa ol'aanoo irraa gara maatii deebitan Beekumsa shari'aa diin keessanii barachuun boqonnaa dabarsuu irratti xiyyeeffachuun isin irra haa jiraatu. Yeroon keessa jirru yeroo kamuu caalaa diin keenya beekuu fii sirriitti hubachuu nu dirqamsiisa. yeroon boqonnaa gannaa kun immoo yeroo qaalii namni rabbiin ﷻ isa waffaqe gama barnoota diin isaatiin hedduu itti of jijjiiruu fii waan hedduu itti baratuudha. Boqonnaan bareedaa fii irra caalaan boqonnaa kheeyrii dalaguun dabarsan caale hin jiru. Kheeyriin dhimma diin ofii barachuu caalte maaltu jira.?. Bakka kana itti dammaquu nu dirqamsiisa. »ღ Muharram 1,1448H
🌹 Harmee ❤️ 🌹 Harmeen jechuun ifa mana keessaa, gaaddisa yeroo rakkoo, jajjabina yeroo kufaa. Halkan mootummaa raftee, nuti akka boqonnuuf hojii irratti dadhabdi. Imimmaan ishee dhoksiti, seeqachuun keenya qofaaf. Harmeen jechuun jaalala safuu hin qabne, Harmeen jechuun mootummaa mootummaa caalu, warqee irraa qaalii, qalbii irraa hin dagatamne. ❤️ Addunyaa guutuun yoo si dhiise illee, harmeen kee si bira dhaabbatti. Yaa harmee koo, jechi galataa siif jedhu xiqqaadha. Rabbi umurii dheeraa, fayyaa fi nagaa siif naa haa kennu. 🌹 Mom 🫶🙏
✍️...Namoonni Akka Si Hubatan Barbaaduun Dura Namoota Hubatuuf Yaali (Seek First to Understand, then to be Understood) Al tokko tokko hubatamuudhaaf yaaluun qofti gahaa miti. Namni tokko waan godhu tokko (badaas tahee gaarii) maalif godha ja'anii hubachuuf yaaluun barbaachisaadha. Namaan waan hamaa jechuu keenyaan dura nama san garaa guutuudhaan hubachuuf yaaluun haalaan gaariidha. Akkuma waan onnee keessa jiruufi miira keenya isa sirrii namni akka nu hubatu feenu nama biraatis akkasitti hubachuun barbaachisaa tahuu isaa hubatuun murteessaadha; Namootaaf quuqamuu jechuun miira isaanii isaan waliin qooddachuu jechuudha. Rakkinni isaanii rakkina kee tahuu gammachuun isaanii gammachuu tee tahuu agarsiisuu jechuudha. Miira nama tokkoo beekuun jaalala isaanii argachuuf si gargaara. Aliyi Shafi (Caamsa 7/2026) Ciro, OBU
Seenaa jireenya keetii yoo barreessitu, gonkumaa namni biraa akka qalama qabatu hin godhin.
Qormaata Bahumsaaf galma'aa! Qormaata Bahumsaa ykn Exit Exam barattoota Kaadhimamtoota Eebbifamtoota Digirii tokkoffaatiif kennamu galmeen isaa har'a eegalameera. Galmee kunis Ebla 26 hanga Caamsaa 7 bara 2018 tti kan gaggeeffamu ta'uu isaa tajaajilli Madaallii Barnootaa fi Qormaataa ibsuun isaa ni yaadatama. Barattoonni qormaata kana fudhatwn yeroo galmee ka'aame kana keessatti galmee keessan akka xumurtan. Barattoota isaan ilaallatu hundaaf share taasisaa! #Update #Exit_Exam #ExitExam
Oduu Gammachiisaa Barattoota Muslimaa Yuunivarsiitii Odaa Bultumii fi hawaasa magaalaa Ciroo hundaaf!! Jama'aan Barattoota Muslimaa Yuunivarsiitii Odaa Bultum sagantaa geggeessaa barattoota muslimaa bara kana eebbifamaniif taasisuuf qophii hunda xumuree jiraachuu isaa yeroo isin beeksifnu gammachuu guddaadhaani. Sagantaa kana irrattis keessummoota gurguddoo kanneen akka Ustaaz Najjaash Mohammad, Ustaaz Kadiir Hamzaa, Suheeybi Sheekh Amiin Ibroo fi Ustaaz Musxafaa fa'a kan argaman yeroo tahu, qophiiwwan barsiisoo, bohaarsoo fi bashannansiisoo tahanis ni dhihaatu. Kanaaf hundi keessanuu dhuftanii sagantaa kanarraa akka qooda fudhattan isin affeerra. Guyyaan: Alhada, 25/8/2018 Sunday, May 03, 2026 Iddoon: Masjiidu Salaam OBU Muslim Students Jema'a @obumsj1
#Kaayyoo Namni kaayyoo malee jireenyatti yoo bobba’ee kallattiin itti deemu harka baddi. Kaayyoo dhabuun bu’uura Ofitti amanamummaa dhabuuti fi burqaa miira gad-aantummaati. Nuti(Muslimni) kaayyoon keenya guddaan Jaalala Rabbii argachuu fi Jannataa seenudha. Kaayyoon kuni kaayyoo hojitti nama kakaasu fi yeroo hundaa gammachuu namaa kennuudha. Waan hojjachuu qabanii fi maaliif akka hojjatan namatti akeeka. hojii kam keessattu ofitti amanamummaa akka qabaannu nu godha.
NAMOOTA MILKAA'OO✅ ▬▬▬▬▬▬▬▬ ➨ Yeroo hunda ni dubbisu! ➨ Yaada irratti dubbatu! ➨ Waliigaltee! ➨ Ofitti qabuu, Hammachuu! ➨ Dhiifama Gochuu! ➨ Barachuu! ➨ Kufaatii isaaniif itti gaafatamummaa fudhachuu! ➨ Galma gahuu fi Karoora jireenyaa cimsachuu! ➨ Maallaqa too'achuu, Maallaqa Qusachuu! NAMOOTA HIN MILKOOFNE 🔴 ⁃ Yeroo hunda Tv ilaaluu! ⁃ Namoota irratti dubbachuu! ⁃ Himannaa, Hammeessuu! ⁃ Sodaa, Sodaachuu! ⁃ Haaloo qabachuu! ⁃ Hunda beekna jechuu! ⁃ Kufaatii isaaniif nama biraa komachuu! ⁃ Gonkuma galma hin gahan ni fiigu malee! ⁃ Maallaqa too'achuu hin danda'an, Maallaqa baasuu! https://t.me/Barruubarataa
Guyyaan Qormaata Kutaa 12ffaa Ifoomeera. Tajaajilli Madaallii Barnootaa fi Qormaataa qormaata xumura barnoota sadarkaa lammaffaa (kutaa 12ffaa) Waxabajjii 24 hanga Adoolessa 17, 2018 A.L.I. tti akka kennamu beeksiseera. Gama biraatiin, qormaatni biyyoolessaa sagantaa Rimiidiyaalaa Caamsaa 17 hanga Caamsaa 20, 2018 A.L.I. (guyyaan Caamsaa 19 Iid Al-Adhaadha) kan kennamu yoo ta'u, qormaatni ba’umsaa barnoota digrii jalqabaa (Exit Exam) immoo Waxabajjii 2 hanga Waxabajjii 12, 2018 A.L.I. tti ni gaggeeffama. Dabalataan, qormaatni seensaa barnoota digrii lammaffaa fi isaa ol (NGAT) Adoolessa 29 hanga Adoolessa 30, 2018 A.L.I. tti akka gaggeeffamu ibsameera. @Barruubarataa
#RemedialExam Ministreerri barnoota Itiyoopiyaa qormaanni xumuraa barattoota remediyaalii bara 2018 kan kennamu jiddugala ji’a Caamsaa irraa eegalee akka ta’u ni eegama jedhe. Ministeerichi hanga ammaatti yeroo qormaanni Remediyaalii kennamu ifatti wanti beeksise hin jiru; garuu odeeffannoon yunivarsiitiiwwan irraa argame akka agarsiisutti, qormaanni kun Caamsaa 17–20/2018 gidduutti akka kennamu mullachaa jira. Barattoonni Remediyaalii bara 2018 ammoo giddugala ji’a Sadaasaa irraa eegalee barnoota isaanii irratti akka argaman ni beekama. https://t.me/Barruubarataa
Kophaakee Moo’uf Hin Yaalin (Think Win Win) :>Hariiroo namaan waliin qabdu keessattis tahee waanuma kamuu keessatti kophaakoon moo’ee argamuu qaba ja'anii yaaduun barbaachisaa miti. Hanga dandeessuun fedhiin kee qofa osoo hin ta’in fedhiin nama birootis akka guuttamuuf waan dandeeysu godhuuf yaali. Yoo tokko moo’ee waan hunda ifumaa argachuudhaaf fiigu walitti bu’iinsi, walitti mufachuunifii rakkoowwan adda addaa mudachuun ni mala. Kana hambisuudhaan, ofiifis, nama kan birootifis yaaduun gama tokkoon michuuwwan keenya akka baay’atan godha, gama birootiin ammoo nutis gammachuudhaan hawaasa keenya waliin akka jiraannu nu gargaara. Fkn'f Namni waa daldalu tokko Maammila horachuu yoo barbaade waan gaarii dhiyeessuu qofa osoo hin ta’in fedhiifii miira Maamiltoota isaa san beekuufii fedha san guutuu dandahuu qaba. Gaafa fedhii keenya malee jennee fedhiif miira maammila keenyaa irraanfanne boru maamilli keenya nu dhiisee nama meeshaa nuti gurgurru nurraa bitu akka dhabnu, Sun ammoo kasaaraa daldalaa akka nutti fidu dagachuun hin qabnu. Fakkeenyuma kanaan waan hunda keessattuu goggooginsaaf ofittummaa ofirraa fageessuudhaan waan nuufis qaama birootiifis toluu dandahurratti xiyyeeffachuun faaydaa guddaa nuuf qaba. #Guduunfaa: Gaafa waan namatti tolu jannu ammoo daangaa Rabbii eeggatuun dirqama Nama Gammachiistee Rabbi Dallansiifnaan dubbiin darani. Haalaafii Amala keenya hunda nuuf tolchee Karaa sirriirratti Nuhaa tissu. Hariiroo isa waliin qabu tolfatee Nama namaa waliinis jiraatu beekhu Ilaahiin nuhaa taasisu. Horaa bulaa deebanaa 🙏 ✍️ Ali Shafi Ebla 9/2026 Ciroo OBU.
"Yes We do" "Eeyyeen ni dalgna" Eeyyeen InshaAllah ni dalagna. Wanti nudaangessu dhimma yeroo qofa. Yeroon ofiisaatiif nutti as deemaa, nutis achi itti deemna. Gaaf tokko walitti dhufana. Lammiilee keenya karaan harakaa badee oliif gadi dhamahu kana kallattii irra keenya. Kallattiin kan milkaa'inaati. Milkaa'inni isa waaru malee isa badu miti. Kadhaan, Godaansi, Wallaalummaan, doofummaan, yeroon itti goodanu nidhufa. Abdii fii onnee guutuun dubbanna. Ergamuu irraa gara ergachuutti, godaanuu irraa gara itti godaanamuutti yeroon itti ceenu nidhufa. Miliyoonota Miliyeenara taasisuu irraatti eeyyeen ni dalgana. Gahaan keenya Allah fakkiifii hiryaa hin qabne qofa. Isa waliin tarkaanfanna. Dubbiin keenyaafii karoorri keenya hunduu fedhii isaatiin niraawwata. Dhimmi kanuma yeroo qofa. InshaAllah kanaaf qoma dhiibnee dubbana. Akka Goobana Ji'aatti, akka ifaa Aduutti gaafa yeroochi gahe addunyaa daawwachiisna. Eeyyamni kan Allaah qofa. "Eeyyeen ni dalgna" "Yes We do"
Of Haaromsuu Hin Dagatin (Sharpen the Saw) Qabeenyi Jireenya kee keessatti galma dhugoomsudhaaf itti fayyadamtu tokko qabda. qabeenya kee tiksuun ammoo dirqama keeti. Qabeenyi guddan sun ammoo sihuma mataa keeti. Yeroo of jijjiirtee kaayyoof yaada kee galmaan gahuudhaaf Carraayxutti kallattii Afurii(4)n madaala kee eeguu qabda. Hoo Narraa! 🫳👇 1.(Physically) Qaamakee:- Sochii qaamaa godhuudhaan, Ispoortii hojjachuun, Boqonnaa fudhachuudhaan, Nyaata keetis sirnaan nyaachudhaan haaromsi; Makiinaa fayyaa qabdutti Gommaa jijjiiran waan ta'eef Waa'ee Fayyummaa Qaama keetii xiyyeeffannoo keessa galchi!, of jijjiruuf Qaama ofiitiif dursa kannuun murteessaadha. 2.(Emotionally) Miirakee:– Namoota waliin jiraattufi hawaasa keessa jiraattu waliin hariiroo gaarii uumudhaan haaromsi; Bashaasha ta'i tattaphadhu! seeqinsa kee hin qusatin. 3.(Mentally) Sammuukee:– Barachuudhaan, Dubbisuudhaan, Barreessudhaan akkasumas barsiisudhaan haaromsi; Guyyaa guyyaan waan haaraa baruuf tattaafadhu! waa baruuf Sammuu qopheessi( Ready) godhi!. 4.( Spiritually) Amantaakee:– Uumaa Rabbii dinqisiifachuudhaan, Kophaa kee teessee of dhageeffachuudhaan, Rabbiif Salaatuu/ Sagaduudhaan, Tajaajila bilisaa (Charity) kennuudhaaniifi wantoota kana fakkaatan godhuudhaan of haaromsi; Hariiroo Rabbii kee waliin qabdu jabeessi!. Horaa bulaa deebanaa 🙏 Suuraan: AI Generate dha. Ali Shafi......✍️ @XirrooMedia
видео или голосовое, без подписи
Iraan Gaafii Hulaa Galaana Itoophiyaa Deeggarte! Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Iraan Alii Akbar Raazaanii Itiyoophiyaan karaa nagaa karra galaanaa argachuuf tattaaffii taasisaa jirtuuf deeggarsa qaban ibsanii jiru. Ambaasaaddarichi gaaffiifi deebii Raadiyoo Ahadu waliin taasisaniin, guddinni dinaggee biyyattii fi guddinni baay’ina ummataa karra galaanaa seenuun barbaachisaa ta’uu ibsanii jiru. mootummaan dhimma kana karaa diploomaasiin furuuf kutannoon qabu tasgabbii fi walitti hidhamiinsa naannichaaf bu’aa guddaa qaba jedhan. Galatoomaa Kun Xirroo Mediadha.