Arsi Communication Office
Статистика- Последний пост
- 9 сент. 2025 г.
- Последнее чтение
- 15 авг.
- Постов за неделю
- 0
- Всего постов
- 20
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- Категория
- Новости и СМИ (по похожим)
- В каталоге с
- 15 авг.
- 1/24сутки в ленте
- —
- 1/48двое суток
- —
- 1/72трое суток
- —
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
Qaammee 4 Jalqabbii Olka'iinsaa!!! Hidha Haaromsi Guddichi Itoophiyaa Laga Abbaay xumuramuun tajaajilaaf banaa ta'uutti kan gammaddan ta'uu jiraattotni godina Arsii himan. Bu'uruma kanaan jiraattotni aanaa Leemmuufi Bilbiloo eebbifamuu hidha Haaromsa Guddicha Laga Abbaay sababeeffachuun gammachuu isaanii hiriira deeggarsaatiin ibsataniiru. Aanichatti guyyaa olka'iinsaa bu'ura gochuun pirojektootni misoomaa garagaraa fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuf hojjataman eebbifamuun tajaajilaaf qaqqabaniiru. Bulchaan godina Arsii Obbo Ibraahim Kadiir Hidha haaromsi Guddichi Itoophiyaa pirojektii hirmaannaa hawaasaatiin ijaarame olkaa'insa biyyattii adunyaatti mul'iseedha jedhan. Hawaasni godinichaa sadarkaan jiru pirojektii qindoominaafi tokkummaa sabaafi sablammootaa daraan cimsuu bira dabre guddummaa Itoophiyaa mirkaneesse ijaaramee xumuramuu isaa keessatti hirmaannaa bakka bu'ummaa hin qabne bahachuus ibsaniiru. Pirojektiiwwan bu'uraalee misoomaa ijaaramuun tajaajila kennuu eegalanis ummatni kunuunsa gochuun ittifayyadamuu akka qabus dhaaman. Bulchaan Aanaa Leemmuufi Bilbiloo Obbo Zawuduu Taarikuu guyyaa jalqabbii olka'iinsaatiin pirojektoota bu'uraalee misoomaa rakkoolee bulchiinsa gaarii hiikuun fayyadamummaa hawaasaa milkeesuu danda'an eebbifamuun tajaajilaaf banaa ta'uun carroomuudha jedhan. Hidhi Haaromsa Guddicha Itoophiyaa ifaajee hawaasaa hundaan ijaarame eebbifamuun tajaajilaaf banaa ta'uu isaattis gammachuun kan itti dhagame ta'uu himan. Pirojektiiwwan bu'uraalee misoomaa hojjatamuun tajaajilaaf banaa ta'anis rakkoolee bulchiinsa gaarii gaafachaa turan kan furuuf ta'uus himan. Odeeffannoo waktaawaa argachuuf Join Telegram channel https://t.me/arsicommunication Facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=100066391
без подписи
без подписи
без подписи
без подписи
без подписи
без подписи
Qaammee 3 Guyyaa Oomishtummaa!!! Godina Arsii aanaa Digaluufi Xiijootti qaammee 3 guyyaa Oomishtummaatiin kilaastarri kunuunsa omisha misooma qamadii daaw'atameera. Bulchaan godina Arsii Obbo Ibraahim Kadiir godinichatti lafti hektaara kuma 900 ol omisha midhaan garagaraatiin misoomaa jiraachuu himuun,kana keessaa immoo afti hektaara 750 qamadiin kilaastaraan facaafamee misoomaa jira jedhan. Guyyaa Omishtummaa sababeeffachuun qonnan bultootni omisha kilaastaraan facaafamee misoomaa jiru daaw'achuun cinaatti muuxannoo gahaa argachuun omishaafi omishtummaan qonnaa dachaan dabaluu akka danda'uuf kutannoon akka hojjataniif kan gargaaruu ta'uus himan. Bulchaan aanaa Digaluufi Xiijoo Obbo Mahaammad Abbishuu aanichatti lafti hektaara kuma 48 omisha midhanii garagaraatiin misoomaa jiru keessa lafti hektaara kuma 30 kilaastara qamadiitiin facaafamee kunuunfamaa jiraachuu himan. Birmaddummaa biyyaa mirkaneessuun imala badhaadhinaa dhugoomsuuf inisheetiiviiwwan qonnaarratti xiyyeeffannoin hojjachuun gahee bahachaa jiraachuus himan. Tekinolojii qonnaa guututti fayyadamuun gurmaa'anii kilaastaraan facaasuun omishaafi omishtummaan dachaan akka dabaluu kan taasisu ta'uu himan. Odeeffannoo waktaawaa argachuuf Join Telegram channel https://t.me/arsicommunication Facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=100066391
без подписи
без подписи
без подписи
без подписи
без подписи
Hawwattummaafi miidhagina magaalotaa akka dabalu gochuun cinaatti giddugala daldalaafi turizimii gochuuf hojjatamaa jiraachuu Inistitiyuutiin Misooma Magaalota Oromiyaa damee Kibbaa beeksise. Bu'uruma kanaa godina Arsiitti,Inistiyutiitiin Pilaanii Magaalota Oromiyaa damee Kibbaa akkaataa magaalota pilaaniin bulchuun danda'amurratti qooda fudhattoota wajjiin marii gaggeesseera. Iddoon magariisummaa,industirii,investimentii adda bahe misoomuu dhabuun,wal harkaa fuudhiinsa daangaarratti rakkoon jiraachuufi lafa magaalotaa qindoominaan daangeessuu dhabuun rakkoo pilaaniin hogganamuu dhabuu magaalotaatiin hanqini uumamaa turuun ibsameera. Ittigaafatamaan Inistiyutiitii Pilaanii Magaalota Oromiyaa damee Kibbaa Obbo Kaliifaa Haaruun pilaaniin magaalotaa bifa iftoominaafi qulqullina qabuun akka raawwatamu gochuun badhaadhina diinagdee magaalotaa mirkaneessuuf hojjatamaa jiraachuu himan. Magaalotni pilaaniin akka hogganaman gochuun giddugala diinagdee taasisuuf hirmaannaa ummataafi qindoominaa sekteraalee cimsuun hudhaalee gurguddoo qindoominaafi tokkummaan furuuf karoorfamee hojjatamaa jiras jedhan. Bulchaa ittaanaan godina Arsii Obbo Hirphaa Dhaabaa mootummaan tarsiimoo misooma magaalaa diriirsuun jiruufi jireenya hawaasaa jijjiiruuf kutannoon hojjachaa jiraachuu himan. Haaluma kanaan magaalota godinichaa miidhagsuufi hawwattuu gochuurra dabree maddootaa galii taasisuurrattis xiyyeeffannoon hojjachaa jiraachuu himan. Magaalotni hundi pilaaniin hogganamuun qisaasama lafaafi qabeenyaa hir'isuuf karoorfame hojjatamaa jiras jedhan. Odeeffannoo waktaawaa argachuuf Join Telegram channel https://t.me/arsicommunication Facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=100066391
без подписи
без подписи
без подписи
без подписи
без подписи
Koreen ogeeyyii waajjira paartii badhaadhina damee Oromiyaa aanaalee godina Arsii keessatti duub-deebii deeggarsaafi hordoffii hojiilee kenna tajaajila lammummaarratti gaggeessaa turanirratti qooda fudhattoota sekteraaleetiif dhiyeessuun irratti mari'atameera. Godinichatti hojiileen kenna tajaajila lammummaa aanaalee,gandootaafi sekteraalee mootummaa keessatti hojjatamaa jiran aantummaa ummataa kan mirkaneessan ta'uun ibsameera. Bulchaa ittaanaan godina Arsii Obbo Hirphaa Dhaabaa inisheetiivii humnoota waloo kan ta'e kenna tajaajila lammummaatiin hojiiwwan fayyadamummaa hawaasaa milkeessan hedduun hojjatamaa jiraachuu himan. Odeeffannoo waktaawaa argachuuf Join Telegram channel https://t.me/arsicommunication Facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=100066391