tgindex
Jama'aa Dargaggoota Musliima Dheeraa

Jama'aa Dargaggoota Musliima Dheeraa

Статистика

“Namni waan gaarii irratti nama qajeelche,isaafis mindaa akka isa dalagee argata.” ~[Nabi Muhammad ﷺ] Kun toora telegraama Chaanaala Jama'aa Muslima Magaalaa Dheeraati ይህ የዴራ ሙስሊም ጀመኣ ይፋዊ የቴሌግራም ገፅ ነው comment @deramuslimjemea1_bot

Последний пост
23 июн.
Последнее чтение
13 авг.
Постов за неделю
0
Всего постов
30
Тип
открытый
Язык
om
В каталоге с
13 авг.
Подписчики
4 523
+5 за 2 дн.
Сутки
0
0,00%
Неделя
 
Месяц
 
Просмотров на пост
1 798
30 постов
Вовлечённость
39,8%
к подписчикам
Постов в день
0,0
всего 30
Упоминаний
0
каналов
Охват размещения
оценка
1/24сутки в ленте
1/48двое суток
1/72трое суток

Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.

Посты

  • 23 июн.1 2673

    Ergaa #SOOMA_AASHUURAA Guyyaan Boruu Guyyaa 9ffaa Aashuuraati. 🔹 Aashuuraan guyyaa 10ffaa ji'a Muharram keessaa kan dhufuudha Innis Guyyaa Kamisaatti. 🔹 #Sababni_soomamuuf: Rabbiin Nabi Muusaa (AS) fi ummata isaanii diina isaanii Fir'ana Faa irraa baraaree, Fir'oonii fi hordoftoonni isaa immoo galaan keessatti Halaakaman. Kanaaf Nabi Muusaan (AS) galata Rabbiin Isaan tiksee Isaaan Moosiseef jechuun soomn. Nabiin keenya Nabi Muhammad (S.A.W) illee Soomanii Akka Soomnu nu ajajan. Isaan Gaafa Guyyaa 10ffaa Soomanii Yahuudaa Faallessuuf Waggaa Dhufu Yoo gaheef Gaafa 9ffaas itti Dabaladha Jedhan. 🔹 #Sadarkaa_isaa: Sooma guyyaa 9ffaa fi 10ffaa walitti aansuun soomuun irra caalaa fi Jaalatamaadha. Yoo hin dandeennee guyyaa 10ffaa qofa soomuun ni danda'ama. Namni sooma Aashuuraa soome cubbuun waggaa darbee isaaf irra darbama jechuun hadiisni ibsa. "Soomni guyyaa Aashuuraa cubbuu waggaa darbe irraa araarama argamsiisa." Rabbiin nu haa milkeessu. Aamiin. https://t.me/derajemea

  • 15 июн.1 4852

    Bara Haaraa Barri Hijraa 1448ffaa Seeneera Gaafa Roorroon Jabaattee Makkarraa Gara Madiinaatti Godaanan Gaafa Kana Seenaa Addaatuu Tahe. Taatee Guddaa Kanaan Kalandariin Isalaamaa Yeroo Bulchiinsa Umar Ibunul Kaxxaab Keessa Mirakanaahee Dhalootarraa Dhalootatti Darbee Kalandariin Isaalaamaa Lakkaahamaa Arra Gahe. Kunoo ALHAMDULILLAAH Amma Waggaa 1448ffaa Geenneerra. Baga Geettaniin Ergaa Kootii

  • 3 июн.1 701

    ምነው የተከበረው የሰው ልጅ ህይዋት እንዲህ እረከሰ ?!!! ♻️♻️♻️♻️♻️ ደመ*ና—ደም መና!! በምስራቅ አርሲ በውድ ወገኖቻችን ላይ የተፈፀመውን አሰቃቂ ጥቃት በመስማቴ የተሰማኝን ጥልቅና መሪር ሐዘን ለመግለፅ እወዳለሁ። የብዝኃ ኃይማኖትና ብሔር ብሔረሰቦች እናት የሆነችውን ሀገራችንን ሰላም ለማናጋት፤ ለዘመናት የተገነባውን የሕዝቦች የእርስ በርስ የጠበቀ ትስስር ለመበጠስ፤ ብሎም የዜጎችን ነፍስ ለርካሽ ዓለማዊ ግባቸው ማሳኪያ ለመጠቀም ያሰፈሰፉ እኩያን በተደጋጋሚ እየፈፀሙት ያለውን ሀገር አጥፊ ድርጊት አጥብቄ እኮንናለሁ። አወግዛለሁም። የሰውን ልጅ ክቡር ህይዎት የሚያጠፉና የሃገራችን ኢትዮጵያን ዕድገት የሚገታ እኩይ ተግባር ላይ ተሰማርተው በተለያዩ የሀገራችን ክፍሎች እየፈፀሙት ያለውን መጠነ ሰፊ ጥፋት የሚመለከተው አካል አፋጣኝ እርምጃ በመውሰድ የዜጎችን በሰላም ወጥቶ የመግባት ሰብዓዊ መብት ማረጋገጥ ይገባዋል። በሰላም ወጥተው ስለመግባታቸው መተማመኛ የሌላቸውን ዜጎች ያቀፈች ሀገር ወደፊት የመራመድ ዕድሏ የቀጨጨ፣ የማደግ ተስፋዋ የመነመነ ነውና ስለ ሀገሬ ያገባኛል፣ ይመለከተኛል የሚል ሁሉ ‹ሀይ› ሊል ይገባል። ከምንም በላይ ደሞ መሰል አስነዋሪ ድርጊቶችን እንደመልካም አጋጣሚ በመጠቀም በሕዝቦች መካከል አለመተማመንን የሚዘሩ ኃላፊነት የጎደላቸው ግለሰቦች የጉዳዩን አደገኛነት ከግምት በማስገባት ከድርጊታቸው እንዲቆጠቡና ቆም ብለው እንዲያስቡ አበክሬ ለመግለፅ እወዳለሁ። አላህ የተበዳዮችን እምባ እንዲያብስ፤ ለበዳዮችም የእጃቸውን እንዲሰጣቸውና ፍትሕን እንዲያሰፍንልን የበረታ ዱዓዬ ነው። ሰላም ለሀገራችን! (ግንቦት 27 ቀን 2018 ዓ.ል) https://t.me/derajemea

  • 26 мая1 7994

    KAROORA GUYYAA ARAFAA !! #guyyaan Arafa guyyaa mana itti qulqulleysan, guyyaa magaala itti deeman fi guyyaa hirribaati fi raahati miti! #Inni guyyaa Rabbiin kabaje fi guyyaa Rabbiin guddise. #guyyaa Rabbiin ibidarraa itti nama bilosomsudha, guyyaa ibaadati. irra caaltun du'aa'iitis du'aa'ii guyyaa arafaati! #Guyyaan Arafaa guyyaa Rabbiin warra Arafaatin malaaykaa isaatti dhaadatudha! #yoo halkan leylatul qadrii wallaalama tahe guyyaan arafaa beekkamadha! Yoo halkan leeylatul qadrii maleykaan gad buute, guyyaa Arafaa Rabbiitu akka isaan malutti samii duniyarratti gad bu"a.!! #guyyaa guddaa kana keessatti karoora kanaan deemi... 1. halkan Arraa galgalaan rafi, akka Ibaadaa Rabbiirratti jabaattuuf. 2. Salaanni subhii osoon gahin Lafaa ka'ii raka'aa 2 ykn 4 salaati. 3. Sujuuda keessatti fi Salaata booda Ija imimmaaniitiin haajaa duniyaa fi Aakhiraa hunda Rabbii kee kadhadhu. 4. salaata subhiitin duratti yeroo hanga takka "istigfaara" godhi, akka Rabbiin warra istigfaara godhu keessatti si katabuuf... 5. sunnaa salaata subhii hin dagatin. 6. erga subhii salaattee bakkuma itti salaatte taa'ii Rabbii kee kadhadhu, hanga aduun bahuf dhihaatutti qur'aanas qara'i (azkaara ganamaatis hin irraanfatin). 7. erga aduun baatee xiqqo turree booda raka"a 2 salaati, akka sawaabni hajji fi umraa nama Rasuula wajjin godhetti siif katabamuuf. 8. Ati amma filannaa lama qabda... A. Yoo guyyaa guutuu rafuu dhabuu dandeesse jabaadhuu keyrii dalagi... secondiin tokkallen Atii zikrii fi qur'aana jiruu malee sirra hin dabrin. B. ykn sa'aa takka rafi akka ibaadarratti jabaattuuf... 9. erga hirriibaa kaate wadda'adhuu raka'aa Afur salaata duhaa salaati.. Ibaada gosa adda addaa godhi, akka hin hifanneef... Ammo jecha "laa ilaaha illa laahu wahdahuu laa shariika lahuu, lahul mulku walahul hamdu wahuwa Alaa kulli shay'in Qadiir" jedhuu heddumeessi. 10. .salaata zuhrii salaati. sunnaa "rawaatibaa 12n guyyaa kanaa hin irraanfatin " san booda qur"aana irratti jajjabaadhu. 11. salaata Asrii yeroo isaa irratti salaati, zikrii galgalaatis hin irraanfatin. 12. hanga magriibni seenuuf sa'aan tokko hafutti Qur'aanaa fi zikritti jabaadhu. Hoggaa magriibaaf sa'aan tokko qofti hafe du'aaii eegali, qalbii Rabbi sodaattuun, Qalbii Rahmata Rabbii Abdattuun keyrii Duniyaa fi Akhiraa hunda Rabbi kadhadhu, du'aa'ii keessatti obboleyyan kee kan islaamaatis hin irraanfatin. 13. osoo Rabbin ibiddarraa si hin bilisomsin Aduun Arafaa Akka hin seenne Ammaa Ammatti Rabbitti himadhu. Anaa fi isnis warra Guyyaa kana keessatti milkaawurraa Rabbiin nu haa godhu.!! #Galatoomaa! Zikrii Fi Du'aa'ii https://t.me/derajemea

  • 21 мая1 6662

    Sagantaan Muhadaaraa Guddaa fi Sagantaa Baniinsa Galmee Miseesummaa Kaawnsilii Dargaggoota Musliima Magaalaa Dheeraa Mataduree Dargaggoon Sirnaan Ijaaramee Milkaa'ina Waaraaf Jedhuun Gaafa Guyyaa Dilbaata 16/09/2018 Bakka Aaliiman gurguddoon,keessummoonni adda addaa fi Hawaasni Musliima Magaalaa Dheeraa hedduun argamanitti Galma Bulchiinsaa Aanaa Doddotaatti ni Gaggeeffama. Kanaafuu Hawaasni Musliima Magaalaa Dheeraa fi Naannawa Isii Hundi keessan Sagantaa kana irratti afeeramtanii jirtuu. MISEENSUMMAAN KOO ISLAAMUMMAA KOOF!!

  • 9 апр.2 6571

    видео или голосовое, без подписи

  • 9 апр.2 8151

    видео или голосовое, без подписи

  • 9 апр.2 4751

    видео или голосовое, без подписи

  • 9 апр.1 8541

    Biyya Keenya Ethiopia Bakka bu'uudhaan Dorgommi Hifzii Qur'aanaa , Akka Addunyaatti Taasifame Irratti Kan Hirmaate, Ilmi Sheeka Keenya Sheikh Naasir Abdurrahmaan Guyyaa Har'aa Nagaan Gara Magaalaa Jimmaatti Deebiheera. Ummanni Magaalattis, Buufata Xiyyaara Abbaa Jifaaritti simannaa Ho'aa Taasisaniiruufi. Gumaacha Ilma Kana Keessatti qooda Guddaa Bahachuudhaan, Sababa Milkaa'ina Guddaa kan taate Haati manaa Sheikh Naasir Abdurrahmaan fakkeenya Durbartootaas Taatee Dubbatamaa Jirti. Wolumaa Galatti Baga wol argitan...

  • 6 апр.2 3681

    Harargee irraa hanga Gaazaa፦ Karoora Qubannaa Yihudootaa 🍁🍁🍁🍁🍁🍁🍁🍁🍁🍁🍁🍁🍁🍁🍁🍁 Bakkeewwan biyya Yihudootaa hundessuuf filataman keessaa tokko Harargee keenya turte. Karoorri kun utuu milkaa'ee jiraate, har'a dhiphuun Filisxeem irratti argu kun Harargee fi naannoo ishee irratti raawwatama ture. Bara 1944 (G.C.) "Harrar Council" jedhamuun Niiw Yoorkitti kan gurmaa'an Yihudoonni Awurooppaa irraa dhufan, lafa Harargee keessatti bulchiinsa of-danda'e hundessuuf mootummaa niguusichaatti gaaffii dhiyeessanii turan. Karoorri kun lafa Harargee ballina iskuweer maayilii 60,000 hanga 70,000 ta'u akka kennamuuf kan gaafatu ture. Mootummaan Itiyoophiyaa Adoolessa 4, 1944 deebii kenneen gaaffii kana guutummaatti kufii gochuun uummata Harargee balaa seenaa guddaa irraa oolcheera. Atsee Hayila Sillaaseen karoorri kun guutummaatti akka dhaabbatu ajajuun isaanii, har'a Harargee keessatti buqqa'iinsa, fixinsa sanyii fi badinsa eenyummaa uumamuu danda'u kan hanqise murtii seenaati. Har'a weerarri qubannaa fi gochi fixinsa sanyii Filisxeem irratti mul'atu kun utuu karoora sanaan ta'ee, har'a qonnaan bultoota Oromo Harargee, Somaalee fi Itiyoophiyaanota biroo irratti raawwatama ture. Kanaafuu, Jeneevaatti "No" jechuun, seenaa keessatti lafa keenya Harargee weerara alagaatiif dabarsanii kennuuf yaalamuu "hin mormu" jechuu waliin tokkodha. Eenyummaa ”Abbaa Lafa” fi Waamicha Sirreeffama Seenaa 🎒🎒🎒🎒🎒🎒🎒🎒🎒🎒🎒🎒🎒🎒🎒🎒 Kabajamoo Ministira Muummee, jijjiiramni isin gara aangootti fane bu'urri isaa sochii mirga muslimoota Itiyoophiyaa (Sagaleen Keenya haa Dubbatamu) fi mormii uummata Oromoo (Oromo Protest) karoora 'Maaster Pilaanii' Finfinnee "Lafti keenya lafee keenya!" jedhuun ka'eedha. Kanaafuu, mormii saamicha lafaatiin gara aangootti kan dhufe hogganni, har'a lafa uummata biroo irratti weerara qubannaa raawwatamuuf Jeneevaatti mormii agarsiisuu dhabuun isaa wal-faallessuu seenaa kan nama gaddisiisudha. Isin hoggantoota hawaasa Oromoo keessaa baatan akka taatun, gaaffiin abba biyyummaa uummata Oromoo keessatti kabaja "Abbaa lafummaa" fi qabsoo lubbuu itti wareegamame akka ta'e sirriitti ni beektu. Goolaba 🔴🔴🔴 Itiyoophiyaan yeroo qabsoo apaartaayidii Neelsan Maandeelaaf leenjii waraanaa kennuun, paaspoortii Itiyoophiyaa fi deeggarsa maallaqaa gochuun qoodni isheen bilisummaa Afriikaa Kibbaatiif qabdu boonoo keenya. Har'a garuu Afriikaan Kibbaa seenaa dhiphuu ishee osoo hin irraanfatin mana maree idil-addunyaatti Israa'el irratti himannaa fixinsa sanyii (Genocide) yoo dhiyeessitu, Itiyoophiyaan deeggarsa kennuu dadhabuun ishee seenaa Paan-Afriikaanummaa keenya kan xureessudha. Hogganni Muziyaamii Adwaa ijaarsise, biyya Liig oov Neeshinsii irratti haqaf falmatte hogganu, weerara lafaa fi buqqa'iinsa iddoo kamittuu raawwatamu mormuuf dirqama seenaa fi moraalii qaba jedheen amana. Kanaafuu, Itiyoophiyaan bara Najjaashii qabee cunqurfamootaaf gaachana ta'uu ishee, sagalee dhugaa fi faana haqaatti akka itti fuftu; mootummaan keessan murtee kana irra deebi'ee akka laaluu fi sirreeffama seenaa barbaachisaa akka godhu kabaja guddaan gaafadha. Ahmaddiin Jabal Nuhordofaa Telegram 👇👇 https://t.me/derajemea Tiktok 👇👇 https://www.tiktok.com/@abde_3736 Facebook 👇👇 https://www.facebook.com/abdalla.hussein.9693

  • 6 апр.1 5671

    Ustaaz Ahmaddiin Jabal Muummicha Ministeeraa Dr Abiyyii Ahmadiif Xalayaa dhimma Fixinsa Sanyii Harargee fi Mormii Jeneevaa Irratti Barreessaniif. *** JDMMDH 06/2026 H Ustaaz Ahmaddiin Jabal Muummicha Ministeeraa Dr Abiyyii Ahmadiif Xalayaa dhimma Fixinsa Sanyii Harargee fi Mormii Jeneevaa Irratti Barreessaniif.¹ Kunoo Akkaa Armaan Gadiiti Fixinsa Sanyii Harargee fi Mormii Jeneevaa 💢💢💢💢💢💢💢💢💢💢💢💢💢💢💢 Ahmaddiin Jabal irraa 🌀🌀🌀🌀🌀🌀🌀🌀🌀🌀🌀 Kabajamoo Ministira Muummee Dr. Abiy Ahimadiif፦ 🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴 Kabajamoo Ministira Muummee; Kabajni Itiyoophiyaan fulaa idil-addunyaatti qabdu seenaa bilisummaa waggoota dheeraa lakkoofsise fi sagalee jabaa haqaf qabdu irraa kan maddu ta'uu nan amana. Hata'u malee, dhiheenya kana walga'ii idilee 61ffaa Mana Maree Mirga Namummaa Mootummoota Gamtoomanii (UNHRC) Jeneevaatti taasifame irratti, ijaarsa qubannaa seeraan alaa Israa'el fi sarbamoota mirga namummaa lafa Filisxeem weerarame keessatti raawwataman kan balaaleffatu yaanni murtii (Resolution A/HRC/61/L.36) dhiyaatee ture. Waltajjii seenaa qabeessa kana irratti biyyoonni 34 haqaa fi olantummaa seera idil-addunyaatiif sagalee isaanii yoo kennan, mootummaan keessan garuu murtii ijaarsa qubannaa kana mormu deeggaruu dhiisuun sagalee "Hin mormu" (No) jedhu filateera. Sagaleen maqaa Itiyoophiyaatiin kenname kun sammuu seenaa biyya keenyaa, qajeelfama dippilomaasii keenyaa fi seenaa uummata keenya "gabrummaa hin fudhadhu" jedhee dhiphuu inni dabarse waliin guutummaatti kan wal faallessudha. Kanaafuu, murtiin kun bu'uraalee seenaa, moraalii fi siyaasaa armaan gadii irratti hundaa'uun akka sirreeffamu akka lammii tokkootti kabaja guddaan gaafadha. Dhaalmaya Adwaa, Boonoo Musiyamii fi Wal-faallessuu Sagalee Jeneevaa 🏀🏀🏀🏀🏀🏀🏀🏀🏀🏀🏀🏀🏀🏀🏀🏀 Eenyummaa Itiyoophiyaummaa keenya kan cimsan keessaa tokko dirree waraana Adwaatti kan mirkanaa'e 'dhugaaf dhaabbachuu' fi 'weerara jabaatanii mormuu' kan jedhu aadaa keenya isa moofadha. Injifannoon Adwaa bara 1896 abbootii keenyaan galmaa'e kun anaaf milkaa'ina biyya tokkoo qofa osoo hin taane, faana bilisummaa uummata gurraachaa fi cunqurfamoota addunyaa maraati jedheen amana. Finfinneenis teessoo Gamtaa Afrikaa akka taatu kan filatamteef, Adwaa irratti weerartuu Xaaliyaanii waliin falamuun injifannoo bilisummaa galmeessiteen fi uummata biroof jabaattee dhaabbachuu isheetini. Hata'u malee, ijaarsa qubannaa Israa'el seeraan alaa ta'uu isaa kan mirkaneessu yaada murtii dhiyaate biyyi koo deeggaruu dhabuun ishee guddaa na gaddisiiseera. Muziyaamii Yaadannoo Adwaa handhuura Finfinnee Piyaassaatti ijaaramuun isaa akka lammii tokkootti gama gaariitiin kanin arguudha. Keessattuu maqaan «Adwaa 00» jedhu iddoo bilisummaa biyya keenyaaf itti wareegamame ta'uu isaa hiika guddaa qaba. Mootummaan ijaarsa akkasii ijaarsise hiika Adwaa eenyuun ol ni hubata jedheen amana. Hata'u malee, sagaleen Jeneevaatti kenname boonoo koo waliin walitti bu'eera. Hiikni Adwaa anaaf "lafa koo hin laadhu, bilisummaa koo hin hifadhu" kan jedhu dhaamsa abba biyyummaa fi haqaati. Biyyoonni 34 haqaf yoo dhaabbatan, biyyi koo biyyoota lama qofaan adda baatee weerara mormuu dhiisuun ishee, maqaa seeraa biyya keenyaa kan xureessu fi gahee hogganummaa moraalii Itiyoophiyaan qabdu kan balleessudha. Qajeelfama "Collective Security" Liig oov Neeshinsii fi Sagalee Jeneevaa 🌐🌐🌐🌐🌐🌐🌐🌐🌐🌐🌐🌐🌐🌐🌐🌐 Itiyoophiyaan bara 1935 weerara Faashistii Xaaliyaaniin yoo qabamtu, waltajjii Liig oov Neeshinsii irratti gaaffiin haqa ishee dhiyeessite bu'ura dippilomaasii keenyaati. Gaafas Niguusichi 'Har'a kan nu irratti ga'e bor isin irratti ga'a' jedhanii kan akeekkachiisan qajeelfama 'Nageenya Waliinii' (Collective Security) yoo ta'u, kunis weeraraa fi saamicha lafaa kamiyyuu kan mormu ture. Murtii kana deeggaruu dhabuun, yeroo Faashistiin weerara raawwatutti Atsee Hayila Sillaaseen miidhaa uummata Itiyoophiyaa irratti ga'e adunyaatti yoo mul'isan olaantummaa moraalii qaban kan faallessudha. Seenaan Filisxeemoota har'aaf sagalee dhugaa akka taanu nu dirqisiisa.

  • 6 апр.1 4461

    видео или голосовое, без подписи

  • 6 апр.1 5941

    видео или голосовое, без подписи

  • 6 апр.1 5861

    видео или голосовое, без подписи

  • 6 апр.1 5061

    видео или голосовое, без подписи

  • Dorgommiin Qur’aana Qulqulluu Idil Addunyaa 34ffaan Taanzaaniyaa Daaru Salaamitti gaggeeffame JDMMDH:Bitootessa 27/2018 Dheeraa Dorgommiin Qur’aana Qulqulluu Idil Addunyaa 34ffaan Taanzaaniyaa magaalaa guddoo Daar es Salaamitti gaggeeffamaa ture guyyaa har'aa goolabameera. Dorgommii guduunfaa har'a istaadiyeemii Daares Salaamitti gaggeffame kana irratti Imaama Masjiida guddichaa Makkah Masjid al-Haram Sheyik Badr Al-Turkii dabalatee ulamaa'onniifi hayyoonni gurguddoon akkasumas hawaasni muslimaa 60,000 ol ta'an argamaniiru. Waltajjiin dorgommii kanaa Mana Maree Musliimoota Biyyaalessaa Taanzaaniyaatiin kan qophaa'e yoo ta'u, Ministeera Dhimma Islaamaa Sa'uudii Arabiyaatiinis deeggarameera. Dorgommiin kun Qur'aana kabajamaa haffazuufi qara'uu irratti bobba'uu jajjabeessuuf kan kaayyeffate ta'uun kan himan gabaasni midiyaalee biyyattii hirmaattonni biyyoota 26 irraa dhufan dorgommicha irratti hirmaachuu ibsaniiru.

  • 31 мар.1 9381

    Izraa'il Hidhamtoota Fala🇵🇸sxiin Du’aan Adabuufi * Knesset/Paarlaamaan I-zrael yaa'ii Wiixata har'aa taa'een labsii Fala🇵🇸sxiinota haleellaa lubbuu namaa galaafatuun himatanan jedhu du'aan akka adabama murteessuuf dandeessisu ba'ee turee sagalee caalmaan raggaasiseera. Yaa'ii kana irratti Ministirri Muummee I-zrael Daj-jaal Sheyixaaniyaahuunis kan argame yoo ta'u inni seericha deeggaree sagalee kenneera. Tarkaanfiin kun manneen murtii gaaffii abbootii alangaa malee fi sagalee guutuu osoo hin barbaachisin adabbii du’aa akka murteessan kan isaan dandeessisuudha. Manneen murtii waraanaa West Baankii kan I-zraeliin weer*armte keessa jiranis murtii du’aa akka murteessan aangoo kan isaaniif kennuudha. Akka wiixinee seeraa haaraa ragga'e kanaatti murtiin du'aa murtaa'ee guyyoota 90 keessatti ajj*eechaan ni raawwatama. Qondaaltonni waraanaa fi ministeeronni I-zrael tokko tokko labsiin kun seera idil-addunyaa kan cabsuu fi hojjettoota Izraa’el biyya alaa jiranfaa balaaf akka saaxiluu malu ibsuun labsii kana mormaniiru jechuun The Guardian gabaaseera. Sagalee kana booda gareen mirga namoomaa Izraa'el adda duree ta'e tokko mana murtii olaanaa biyyattiitti iyyata dhiyeessuu isaa beeksise. “Waldaan Mirgoota Siivilii Izraa’el har’a mana murtii olaanaatti iyyata dhiheesseera, seera adabbii du’aa kana, kan Knesset’n ragga'e akka haqamu gaafate,” jedheera. Ji’a darbe ogeeyyiin Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Izraa’el labsii kana akka hin raggaasisneefi akka dhiistu kan gaafatan yoo ta'u, kunis mirga lubbuun jiraachuu akka sarbuu fi Fala🇵🇸sxiinota naannoolee Izra'eliin weer*araman keessa jiraatan irratti loogiin akka raawwatuufi ta'e jedhame seera kanaan akka adamfaman akeekkachiisuudhani. Dhaabbileefi falmitoonni mirga namoomaa Idil-addunyaa tarkaanfii I-zrael kana seeraan alaafi ta'e jedhamee Fala🇵🇸 sxiinota irratti xiyyeeffachuuf kan qophaa'e jechuun balaaleffataniiru. Biriteen, Faransaay, Jarmanii fi Xaaliyaaniin seera kanaan “yaaddoo guddaa” qabaachuu kan ibsan yoo ta’u, seerri kun “waada Izraa’el qajeeltoowwan dimokiraasii ilaalchisee galte busheessuuf” balaa qaba jedhaniiru. Telegram 👇👇 https://t.me/derajemea Tiktok 👇👇 https://www.tiktok.com/@abde_3736 Facebook 👇👇 https://www.facebook.com/abdalla.hussein.9693

  • Ramadaanni deemus, Rabbi iimaana ji'a ulfaataa kana keessa guuttanne akka nu waliin tursiisu isa kadhanna. Iidni guyyaa gammachuu qofaa miti. Guyyaa hidhannoo keenya jabeeyfannee, bifa haarawaan ibaadaa itti fufnuudha. Rabbi soomana keenya, ibaadaa keenya, du'aa'ii keenya nurraa haa qeebalu. Bara baraan Ramadaana hedduu fayyaa guutuu fi iimaana jabaa waliin nu haa badhaasu. Iid Mubaarak 🌙🤍 Telegram 👇👇 https://t.me/derajemea Tiktok 👇👇 https://www.tiktok.com/@abde_3736 Facebook 👇👇 https://www.facebook.com/abdalla.hussein.9693

  • 18 мар.1 5611

    Oduu Ammee: Ayyaanni Iid al-Fixrii Jimaata Ta'uun Isaa Mirkanaa'e! Makkaa — Sa'ud Arabiyaatti har'a galgala (Roobii) guutuu biyyattii keessatti ji'a Shawaal barbaaduun yoo gaggeeffamaa turee iyyuu, ji'ichi hin argamne. Haaluma kanaan: Kamisa borii, guyyaa 30ffaa baatii Ramadaanaa ta'ee kan soomamu yoo ta'u, ayyaanni guddaan Iid al-Fixrii guyyaa borii booda, Jimaata, Bitootessa 11, bara 2018 (March 20, 2026) akka oolu Mana Murtii Ol-aanaan Sa'ud Arabiyaa ifatti beeksiseera. Ayyaanni kun guyyaa kabajamaa Jimaataa waliin walitti dhufuu isaatiin miira addaa fi qophii barakaa qabuun kabajama. Hordoftoota amantaa Islaamaa hundaaf, ayyaana Iid al-Fixrii 1447ffaa kanaan isiniin ga'e! Ayyaanni kun kan nagaa, jaalalaa fi gammachuu akka isiniif ta'u garaa guutuun isiniif hawwina. Akkuma sooma Ramadaanaa nagaan xumurre, ayyaanichas maatii, firaa fi hiriyoota keessan waliin tokkummaa fi wal-gargaarsaan akka dabarsitan dhaamsa keenya dabarsina. Telegram 👇👇 https://t.me/derajemea Tiktok 👇👇 https://www.tiktok.com/@abde_3736 Facebook 👇👇 https://www.facebook.com/abdalla.hussein.9693

  • 18 мар.1 9612

    Ayyaanni Iid Al-Faxir kan bara 2018 Bitootessa 11/2018 Jimaata ta'uun mirkanaa'ee jira. ጨረቃ ዛሬ ባለመታየቷ 1447ኛው የኢድ አል ፈጥር በዓል ከነገ ወዲያ ጁሙዓ መጋቢት 11/2018 እንደሚከበር ተረጋግጧል ።

Jama'aa Dargaggoota Musliima Dheeraa — tgindex