Mana Barnootaa Madarasatu-salaam
СтатистикаTooraa Tiktokaa Mana barnootaa Madarasatu-salaam ✓https://www.tiktok.com/@madarasatusalaam1963?_t=ZM-8x0VCCBmWow&_r=1 Tooraa Faceebook Mana barnootaa Madarasatu-salaam ✓ https://www.facebook.com/profile.php?id=100086251356550
- Последний пост
- 31 июл.
- Последнее чтение
- 13 авг.
- Постов за неделю
- 0
- Всего постов
- 21
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- Категория
- В каталоге с
- 13 авг.
- 1/24сутки в ленте
- 137
- 1/48двое суток
- 157
- 1/72трое суток
- 169
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
без подписи
без подписи
𝐁𝐚𝐫𝐧𝐨𝐨𝐧𝐧𝐢 𝐔𝐦𝐮𝐫𝐢𝐢 𝐇𝐢𝐧 𝐆𝐚𝐚𝐟𝐚𝐭𝐮! 𝗢𝗯𝗯𝗼 Abbadho Qaasiim fi Sheikh Abdurhiman Birmajii Umurii Isaanii 𝟓𝟎 Olitti 𝐐𝐨𝐫𝐦𝐚𝐚𝐭𝐚 𝐌𝐢𝐧𝐢𝐬𝐭𝐢𝐫𝐢𝐢 𝐊𝐮𝐭𝐚𝐚 6𝐟𝐟𝐚𝐚 𝐁𝐚𝐫𝐚 𝟐𝟎𝟏𝟖 𝐅𝐮𝐝𝐡𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮𝐧 𝐐𝐚𝐛𝐱𝐢𝐢 gaarii 𝐅𝐢𝐝𝐚𝐧𝐢𝐢 𝐉𝐢𝐫𝐮 "Yeroon darbe jechuun barnootaaf dhuma miti; kaayyoon jiraannaan milkaa'inni ni dhufa." 𝗢𝗯𝗯𝗼 Abbadho Qaasiim fi Sheikh Abdurhiman Birmajii umriin isaanii 50 ol ta'an qormaata ministirii kutaa 6ffaa bara barnootaa 2018 fudhatanii qabxii darbiinsaa galmeessuun isaanii gammachuu keessa keenyatti kan uumedha. Milkaa'inni isaanii bu'aa qormaataa qofa osoo hin taane, ergaa guddaa hawaasaaf dabarsuudha. Ergaan sunis, "Barnoonni umurii hin gaafatu; fedhii fi murannootu nama gaafata." kan jedhuudha. Yeroo hedduu namoonni baay'een carraa barnootaa dhabuu, hojii jireenyaa fi rakkoolee garaagaraatiin barnoota isaanii addaan kutu. Garuu namoonni akka 𝗢𝗯𝗯𝗼 Abbadho Qaasiim fi Sheikh Abdurhiman Birmajii jedhamu, umurii isaanii osoo hin ilaalin kaayyoo isaanii haaromsanii barnoota itti fufuun qormaata fudhatanii milkaa'ina argachuun isaanii, abdii haarawaa dhalootaaf kan ibsuu qofa osoo hin taane, namoota "yeroon na darbe" jechuun abdii kutatan hundaaf kan fakkeenya gaarii ta'uudha. Kun seenaa nama tokko qofa miti; seenaa murannoo, obsaa fi hojii cimaa dha. Namni fedhii barachuu qabu kamiyyuu, bakka fi yeroo kamiyyuu irraa ka'ee milkaa'ina gonfachuu akka danda'u hojii isaanii irraa baruun ni danda'ama. Har'a 𝗢𝗯𝗯𝗼 Abbadho Qaasiim fi Sheikh Abdurhiman Birmajii ofii isaanii qofaaf hin milkoofne; maatii isaanii, hawaasa isaanii fi dhaloota dhufuufis fakkeenya gaarii ta'anii jiru. Milkaa'inni isaanii, "barnoonni umurii hin daangessu" jedhu hojii irra mirkaneesseera. Kanaaf, namni kamiyyuu umurii isaa lakkaa'ee abdii hin kutatin. Barnoonni balbala isaa nama kaayyoo qabu hundumaaf banaa dha. Murannoo qabaadhu, carraa fayyadami, hojii jalqabi; guyyaan ati itti milkooftu si eeggachaa jira. Barattoota keenyaaf bari 2019 bara barnoota gaarii!
без подписи
без подписи
без подписи
без подписи
без подписи
без подписи
без подписи
без подписи
без подписи
без подписи
без подписи
без подписи
MAASHAA ALLAAH M/B Madrasatu-Salaam Barattootni kutaa 6ffaa Qoramaata Naannoo qoraman qabxii gaarii galmeessuun gara kutaa 7ffaatti dabraniiru. Waliigala barattoota 107 qoraman keessaa barattootni 106 darbaniiru.
Qabxii_Qormaataa kutaa 6ffaa ilaallachuuf #Liinkii asii gadii fayyadamuun ilaaluu danda’u. Liinkii :- https://oromia6.ministry.et irratti ilaaluu akka danda’an ibseera.
без подписи
Qabxiin Qormaata Kutaa 6ffaa Bara 2018 Ibsame. ====================== Adoolessa 24/2018 Naannoo Oromiyaatti Qormaatni Naannoo Xumura Barnoota Sad. 1ffaa Kutaa 6ffaa Bara 2018 Waxabajjii 08- 09/2018 kennamee tura har'a qabxiin barattootaa ifoomeera. Qabxiin darbiinsaas 50%fi ol ta'uun murtaa'eera. Qormaata kan fudhatan barattoota dhiira 267,307 dubara 249,902 #walitti :517,209 ta'an keessaa qabxii darbiinsaa (50%fi ol) galmeessisuun gara kutaa itti aanuutti kan darban dhiira - 243,827 (91.2%) dubara -221,012 (88.4%) #walitti - 464,839 (89.9%) ta'uun beekameera. Haaluma kanaan qabxii ilaallachuuf #Liinkii asii gaditti dhihaate banuun; #Lakkoofsa Galmee keessan/Registration Number/ galchuun #Itti aansuun Maqaa keessan kan jalqabaa galchuun qabxii keessan ilaallachuu ni dandeessu. Liinkii:- https://oromia6.ministry.et
Qabxii_Qormaataa kutaa 8ffaa ilaallachuuf #Liinkii asii gadii fayyadamuun ilaaluu danda’u. Liinkii :- oromia.ministry.et irratti ilaaluu akka danda’an ibseera.