tgindex
𝗜𝗰𝗰𝗶𝗶𝘁𝗶 𝙅𝙞𝙧𝙚𝙚𝙣𝙮𝙖💡

𝗜𝗰𝗰𝗶𝗶𝘁𝗶 𝙅𝙞𝙧𝙚𝙚𝙣𝙮𝙖💡

Статистика

Channel kun namoota kaayyoo isaani milkeessuf ifaaja jiran onnachiisuufi akkaata namoonni isaan dura milkaawan keessa dabran qoodudhafi You are going to be successful one day and make your parents proud💯

Последний пост
14 авг.
Последнее чтение
13 авг.
Постов за неделю
7
Всего постов
23
Тип
открытый
Язык
om
В каталоге с
13 авг.
Подписчики
1 067
−1 за 2 дн.
Сутки
0
0,00%
Неделя
 
Месяц
 
Просмотров на пост
274
23 постов
Вовлечённость
25,7%
к подписчикам
Постов в день
1,0
всего 23
Упоминаний
0
каналов
Охват размещения
оценка
1/24сутки в ленте
80
1/48двое суток
91
1/72трое суток
98

Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.

Посты

  • видео или голосовое, без подписи

  • видео или голосовое, без подписи

  • видео или голосовое, без подписи

  • видео или голосовое, без подписи

  • Seenaa Ayyo Makoo Ayyo Makoon naannoo Oromiyaa keessatti argamu keessaa tokko yoo ta’u, seenaa fi aadaa hawaasa Oromoo waliin walitti dhufeenya qaba. Seenaa isaa keessatti jireenyi hawaasaa, qonna, horsiisa beeyladaa, aadaa fi duudhaan Oromoo gahee guddaa qabu. Duraan, uummanni naannoo Ayyo Makoo irra jiraatu baay’inaan qonnaa fi horsiisa beeyladaa irratti hirkataa ture. Hawaasni wal gargaarsaa fi hariiroo cimaa qabaachuun jireenya isaa gaggeessaa ture. Afaan Oromoo, aadaan, duudhaan, akkasumas sirni bulchiinsa aadaa hawaasaa keessatti bakka guddaa qabu. Yeroo keessa jijjiiramoonni hawaasummaa fi bulchiinsaa gara naannichaa dhufan. Barnootni, tajaajilli mootummaa, gabaan, daandiin fi tajaajiloonni biroon guddachaa dhufuun jireenya uummataa irratti dhiibbaa qabaatan. Haa ta’u malee, aadaan fi eenyummaan hawaasaa ammallee bakka guddaa qabu.

  • Gafaniif Ati Ofike Tatu Umamni Hundisa Si Wajji Dhabbatu!! @NUUMANTP

  • Dhugaa dha, ilmi namaa gammachuu dhugaa yoo argachuu fedhe, Rabbiin waliin walitti dhiyaachuudha. Namni Rabbiin irraa fagaate, qabeenya, sadarkaa, beekumsaa fi wanta addunyaa hunda qabaatus, qalbii isaa keessatti dhugaan tasgabbii hin argatu. Yeroo namni Rabbiin irraa fagaatu, gadda fi dhiphina hedduu keessatti kufa. Sababni isaas, jireenya dhugaa fi ibsa qalbii kan kennu Rabbiin qofa waan ta’eef. Kanaaf, namni gammachuu barbaadu, kaayyoo jireenya isaa keessa milkaa’uu barbaadu, Rabbiin irraa dhiibamu osoo hin ta’in itti dhiyaachuu qaba. Hojiin cimaan kamuu, nama Rabbitti amananiif fi akka Rabbiin isaan dhagahu beekanif salphaadha. Sababni isaas, hojiin sun akka hojii isaa miti, akka hojii Rabbiitti ilaala. Akkuma Qur’aana keessatti jechi: "Dhugumatti, namoota Rabbiin sodaatan irratti hojii isaanii salphifna." (Qur’aana, Al-A’raaf 7:96) Kanaaf, waan hundaa keessatti Rabbiin waliin jiraachuu, hojii keenya Rabbiif taasisuu fi dhugaan Isatti hirkachuu, gammachuu fi milkaa’ina dhugaa namaaf fida.Ilmi nama osoo Gammachuu Rabbiin Wal arkuu Fi itti dhiyaachuu ni beeka tahe, silaa gaddaa fi dhippinatuu itti dhagahama Rabbiin isaatin Wal gahuu dhabuudhaf. March-19:2025 https://t.me/of_uum

  • Rakkinnoota Moo’adhu! ~••» Namni tokko Wiilcherii irra taa’ee yoo arginu jalqaba wantii yaada keenna keessa dhufu namichii nama guutuu ta’uu dhabuu isaati. isumaayyuu haala innii keessa jiruuf gadduu keenna agarsiisuu yaalla. Namoota arguu hin dandeenne, Harkii isaanii naafa ta’e, Warra okkolan, Namoota harka tokko qofa qabaniifi kan qaama hirdhuu jedhaman Akka waan isaanii nama guutuu ta’aniitti hin ilaallu. Ga’umsa dhokataa isaan irra daangaa keenya. Dhaabbii isaaniin namoota madaalla. Ati garuu nama dhaabbiin madaalamuu miti. Addunyaa irratti namoonni Sammuu gurguddaa qaban tokko tokko Wiilcherii irratti argamu. Wiilcherii irra kan turan pirezidaantii Ruusiveltiin isan yaadachiisa. Namoonni qaamaan miidhama ta’an hoogganaa biyyaa guddaa ta'uu danda'u jettanii yaaddanii beektuu?! dhi’oo kana seenaa dargaggeesa tokkoo dubbiseen jira. Dargaggeessi kun hayyuu Herregaa Guddaa ta’ullee dhukkuba lafee namaa miidhuun gidirfamaa jira. Namni kun qaamii isaa baayyee miidhamaa ture. Ulaagaa nuti Bareedinna jennee keennuun yoo madaalame gaddisiisaadha. fuulii isaa miidhamaa waan tureef fuullee ijaa(ilaa) yoo godhatu irraa bu’a; Funnaan isaa irra hin jiru jechuuttuu salphata. Ilkaan isaa manca’eera. Walumaa galatti bocii qaama isaa babbadeera. Barreeffama barreessuu hin danda'u. Garuu dargaggeessi kun hayyuu Herregaa Guddaa akka ta’e ni dubbatamaaf. Piroofeeseroonni gara Mana isaa deemuun waan innii dubbatu barreessu. Beekumsa Sammuu nama kanaa keessaa madduunis kitaabonnii Yuunivarsiitiiwwan keessatti barattoonnii irraa baratan ni qophaa’u. ••~ilaali; Dhukkubni nama kana qabate sun ga’umsa dhokataa keessa isaa jiru balleessuu hin dandeenne. Dandeettiin Sammuu isaa innii guddaan miidhama qaama isaan hin miidhamne. Wantoota waaqii keessa isaa kaa’e fayyadamuudhaan rakkinnoota isa mudatan mo’ate. (Kitaaba; Understanding your potential) Jedhu kana Ebisa Bayissa hiike irraatii. Atis rakkinnii fedheeyyuu ga’umsa dhokataa kee si keessatti hin ijjeesin. Daayyaa teetillee hin maseensin. haalota kamiiyyuu keessattis jabaadhu.... Jabaadhu! https://t.me/of_uum

  • -Tumaan Guddoon Diina Koo Tumu -Ajjeechaan Hamtuun Diina Koo Ajjeesu -Gumaan Dansaan Diina Koo Kafalchiisu; ■Kaayyoo Koo Irratti Jabaadhe Hujjadhee, Milkeessudha----Milkaawudha! Siin jedha laal😊 ................. Milkii koottu isaan ajjeesa @Ramiiz1l

  • Maaliif Kitaaba Humna Sammuu Keeysaa (The Power of Your Subconscious Mind) kan Joseph Murphy dubbisuun fardii taate? Katabni kun Bara 1963 keeysa yeroo jalqabaaf adunyaa dubbistootatti gadi baye, The Power of Your Subconscious Mind ja'ee toopika jabduu tanaan harka dubbistoota seene. Kitaabota dadhabbinna irraa gama jabinnaatti of jijjiiruf nu gargaaran keeysa dhiibbaa jaboo  uumun tarree duraa qubatee taa'e. Joseph Murphy ilaalcha namoota, qajeeltoowan (Ittiin Bulmaata) jireenya namoota, fi akkum san sirni sammuu keeysaa akkamitti jireenya namoota akka ijaaru balbaloomsa. Dhaamata/Barmoota Jaboo Katabbii Keeysaa  funaanamte; - Sammuu keeysatti yaadota yookanis ilaalchota namoonni deddeeybisan  sammuun amanee kaawata. Yaadawwan yeroo hunda sammuu keeysaa kaawaman gocha fi bu'aa jireenya namoota irratti dhiibbaa guddaa qabu. -Yaada, gochaa fi Ilaalcha taye Dhugaadha Jettee ofitti himnaan keeysi sammuu kee osoonif ati itti hin yaadin hujii isa hujjatee xumra. - Yaadni fi dhiibban namoonni dhiboo gama kee qaban/taasisan si too'achu yookanif si dhaabu hin dandayu yoonif ati keeysa sammuu keetitti himuu baatte! «"Yaadni yookaan gorsi namoota dhiboo humna tokkollee si irratti hin qabu keessa sammuu keetti himuu baannan."» - Yaadni kee muuxannoo jireenya kee ta'a. Yaaduun aarifa akkasuma si ijaaraa bu'aa dansaadhas siif uuma; sodaa fi shakkiin immoo bu'aa badaawa ta'e fida. - Yeroo hunda filannoo qabda. Haalli jireenya kee maal iyyuu haa ta'u, deebii kee fi waan amantu filachuu ni dandeessa. «"Jireenya fili! Jaalala fili! Fayyaa fili!"» Maaliif dubbisuu qabda? Yoo ilaalcha sammuu (mindset), ofitti amanamummaa, fi akka yaadni kee jireenya kee irratti dhiibbaa geessisu hubachuu barbaadde, kitaabni kun yaadawwan  yeroo dheeraaf dubbistoota miliyoonaan lakkaa'aman kakaasan siif dhiyeessa. @Nuumaan1TP or @Ramiizo1l

  • Maaliif Kitaaba Humna Sammuu Keeysaa (The Power of Your Subconscious Mind) kan Joseph Murphy dubbisuun fardii taate?.........

  • Hiriyyaa dhugaa jechuun isa gaafa addunyaa guutuun mana keetii baatu,Mana kee dhufee ol seenuudha.Hiriyyaa keetiif #Share godhi @Ramiiz1TP Like Roobsa Meega😊HaY

  • ■Kaayyoo kee jabeessii qabadhu; Yoo kaayyoon duʼe, Jireenyi akka simbira Baalleen cabdeeti Kan balaliʼuu hin dandeenye. ■Yoonif kaayyoo kee dhiiste, Jireenyi akka lafa onaa, Cabbiin uwwifamtee Kan homaa hin biqilchineeti. @Ramiiz1TP

  • Icciiti Guddaa Jireenya Keessatti Milkaa'inaaf nu Gargaaran -Boriin keennaa milkii gaariin guuttamee akka nu eegaa jiran yeroo hunda amanu. -Ati duubatti hin hafne. -Yeroon kee hin darbine. -Dogoggora yookaniif seenaa kee darbeen carraa kee hin balleessin. -Hireen jireenya haaraan tokko seenaa jireenya kee guutuu jijjiiruu danda'a. -Amantii fi abdii qabaadhu; deemsa kee hin dhaabin. ■Kutaawan jireenya keessaa hundarra gaariin haala hundarra ulfaataa ta'an keessa darbuudhan arkamu. ■Tan Dabarteef Qalbii hin Cabsin ▪︎Ardhuma jabeeffadhu Dhiiromi□Gootomi!! @Ramiiz1TP

  • 𝗜𝗰𝗰𝗶𝗶𝘁𝗶 𝙅𝙞𝙧𝙚𝙚𝙣𝙮𝙖💡 pinned a photo

  • DHIIBII!--------SII WAD! Yeroo hedduu gaafa imala keenna xumuruuf kaanu keessi keenna fi miirri keenna akka dhaabachu qabnu nutti hasaasa. . Namoonni hedduun milkii isaanii erga arguuf fageenyi xiqqaan, hafu abdii muruun dhaabbatu. Ati garuu nama akkasii ta'uu hin qabdu haala hundaa keessattu dhiibuudha qabda! Dhiibii! Har'a dadhabde taanaan, Dhiibii! Rakkoon sitti ulfaate taanaan, Dhiibii! Namni dandeettii kee yoonif shakkes, Dhiibii! Sababni isaas, wanti har'a si dhiphisu bor seenaa injifannoo kee ta'a. DHIIBI! Hin dhaabin. Har'a dadhabde taanaan, Dhiibii! Rakkoon sitti ulfaate taanaan, Dhiibii! Namni si shakke taanaan, Dhiibii! Sababni isaas, wanti har'a si dhiphisu bor seenaa injifannoo kee ta'a. DHIIBI! Hin dhaabin. @Ramiiz1l

  • Ati ofii keetiif amanamaa ta'i. Yaada kee, dubbii kee, gocha kee, sochii kee, jireenya kee guyyaa guyyaa  keeysatti nama dhugaa fi amanamaa ofiif ta'i. Amanamummaan wantoota dhugumaan arkachuu feetu irraa si hin dhorku. Namoonni na haa fedhaniif jettee  eenyummaa kee dhoksuun yookaniif immoo haguuguun gammachuu dhugaa siif hin fidu. Fuula sobaa uffachuun gatii fi amanamummaa kee hir'isa. Yaada, “Namoonni waa'ee koo maal jedhu?” jettee akka hin nyaadhamne of eeggadhu. Ofii keetiif of ta'i, ofi hin sobin. Haalli fi yaadni namoonni si ittiin ilaalan yeroo hunda jijjiiramaa deema; kanaaf waa'ee ofii keeti irratti xiyyeeffadhu. Wanti caalaatti barbaachisu ofii kee wajjin hammam tasgabbaa'aa fi gammadaa akka taate, akkasumas guddinna ati taasisaa jirtu hammam akka si gammachisu ilaali. Kanaaf eenyummaa kee isa dhugaa osoo hin gurgurin of ta'i jiraadhu. Kan fedhe si haa fedhu kan si dide haa didu at garuu yeroo hundaa of ta'i. Hanga namoota biroo kabajaa fi gaarummaan wajjiin jiraacha  jirtutti■Of ta'i! Wariya Of-tahuun Of-Fedhuudha---Of-Fedhi💚

  • I'm Back🫡

  • 18 мая856115

    Iddoo dukkanaa hamaa keessaattis, ifni ni argama✨ Jireenyi yeroo baay’ee hamilee nama cabsuu danda’a. Rakkoolee, dadhabbii fi gufuuwwan jireenya akka urjii ifa keessattis dhokatanii argamuu danda’u. Garuu akkuma urjiin bishaan cuquliisa keessa ifa ta’ee, abdiin fi qajeelfamni yeroo hamaa keessa illee ni jiraatu. 💡 -Jireenyi Addunyaa siif mijatee ifaa fakkaattus, rakkooleen dhokatan jiraachuu danda’u. - Yeroo dukkana keessatti waan haftu sitti fakkaatus, abdiin kee iddoo tokkoo sitti ni mul’ata. Deemsa kee itti fufi. - Yeroo tokko tokko, bareedina keessa kee fi naannoo kee jiru dhugumaan argachuuf gara gadi seenuu qabda rakkoolee takka hin arkin dhandhamuudha qabda. Yaadadhu: Urjiin aduu waliin dorgomu hin barbaadu – dukkana keessatti tasgabbiin ifee jiraata.ofii kee isa sirrii argadhu. ofii kee fudhadhu. Haala hunda keessattis of jaaladhu. Haala hamaa fedhe keessattis wanti gaariin jira waan taheef.

  • Namoonni baay’een dubbii armaan gadii kana sirnaan hin hubatan; sababni isaas beekumsa ykn waa beekuu irratti qeeqa waan qabu itti fakkaata. Garuu akkas miti. Dubbiin kun kan qeequ du’a fedhii qorannoo fi waan haaraa barachuuti (curiosity) dha. 👇👇👇 Here is…

𝗜𝗰𝗰𝗶𝗶𝘁𝗶 𝙅𝙞𝙧𝙚𝙚𝙣𝙮𝙖💡 — tgindex