Ispoort Time™️
СтатистикаChaanaalii kana jalatti Oduu Ispootii yeroo yeroodhaan Ni Argattu #Taphoota_Liigota_gurguddoo #Awurooppaa_shanan_kallattiin_hordofuu_ni_dandeessu. Imalli keessan Dirree ispoortii faana ha ta'u
- Последний пост
- 22 мар. 2025 г.
- Последнее чтение
- 13 авг.
- Постов за неделю
- 0
- Всего постов
- 20
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- В каталоге с
- 13 авг.
- 1/24сутки в ленте
- —
- 1/48двое суток
- —
- 1/72трое суток
- —
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
🚨✅#TeamItoophiyaa 🇪🇹 Gareen biyyaalessaa Itiyoophiyaa "Waaliya" tapha gulaalli waancaa addunyaa Masrii waliin taasise 2 fi 0n injifannoo Fara'ooniin xumurame. Mohaammad Saalaa fi Zizou goolii injifannoo Fara'oonif galchaniiru. Mohaammad Saalaah galchiiwwan 6 galchuun sadarkaan dursaa jira. Injifannoo kana hordofuun Masriin qabxii ishee gara kudha sadiitti guddisuun garee kana irratti dursummaa qabdu cimsiteetti. Sadarkaan ramaddii isaanii 1️⃣ Masrii :- Qabxii 13 2️⃣ Burkina Faasoo: qabxii 8 3️⃣ Seeraaliyoon: qabxii 8 4️⃣ Giinii-Bisaawuu: qabxii 6 5️⃣ Itiyoophiyaa :- Qabxii 3 6️⃣ Jibuutii: - Qabxii 1 Taphi isaanii itti aanu - Itoophiyaa fi Jibuutii waliin - Masrii fi Seeraaliyoon waliin Share godhaa @Ispoort_time @Ispoort_time
видео или голосовое, без подписи
видео или голосовое, без подписи
видео или голосовое, без подписи
видео или голосовое, без подписи
🚨✅#TeamItoophiyaa 🇪🇹📸 🎥 Waliiyaa fi Fara'oon sagantaa dorgommii waancaa addunyaa har'a galgalaaf . Gareen biyyaalessaa lamaan shaakala isaanii isa dhumaa halkan walakkaa Istaadiyeemii Laarbii Zaawwii bakka taphichi itti gaggeeffamutti gaggeessaniiru. Warri Waliyaan magariisa, keelloo fi diimaa barame uffachuun dirree seenu. Tapha gareewwan biyyaalessaa lamaan gidduutti galgala kana sa'aatii 6:00 PM irratti ni taphatama. Suuraa shaakala dhumaa gareewwan biyyaalessaa lamaan armaan olitti qabamee jira. Carraa gaarii Itoophiyaaf Share godhaa @Ispoort_time @Ispoort_time
🚨✅''Arsenaal Shaampiyoonsi Liigii ni injifata,'' Odegaard Taphataan sarara gidduu Ganners Maartiin Odegaard waggoota dhufan keessatti Arsenaal waliin waancaa dabalataa injifachuu akka barbaadu dubbateera. ''Arsenaal Shaampiyoonsi Liigii bara kanaa ni injifata,'' jedha Odegaard. Waggoota sadan itti aanan keessatti maal akka hojjachu akka danda'u gaafatamee, Maartiin Odegaard, "Arsenaal waliin waancaa hedduu injifachuu" jechuun deebise. Share godhaa @Ispoort_time @Ispoort_time
🚨✅Deenmaark, Jarmanii fi Kirooshiyaa hundi isaanii morkattoota isaanii injifataniiru. Deenmaark tapha Poorchugaal waliin taasisan goolii Raasmus Hoylund galcheen 1 fi 0n injifatte. Jarman Xaaliyaanii waliin taphatan 2 fi 1n injifatte. Kirooshiyaan tapha Faransaay waliin taphatte galchiiwwan Budimiir fi Perisic galchaniin 2 fi 0n injifatte. Gareen biyyaalessaa Ispeen ammoo Nezerlaand waliin 2 fi 2n qixa bahee. Gaakpoo fi Reen Nezerlaandiif goolii yoo galchan, Niikoo Wiiliyamsii fi Miikeel Meerinoo ammoo ispeeniif. Share godhaa @Ispoort_time @Ispoort_time
🚨✅Gareen biyyaalessaa Seeraaliyoon tapha isaa garee biyyaalessaa Giinii Bisaawu waliin taasise 3-1n injifachuu danda’eera. Injifannoo kana hordofuun Seeraaliyoon qabxii saddeet galmeessisuun gara sadarkaa lammaffaatti ol dhufeera. Boru galgala Masrii waliin kan taphatu gareen biyyaalessaa Itoophiyaa qabxii sadiin sadarkaa 5ffaa irra jira. Taphoonni garee kanaa boru galgala taphataman. - Itoophiyaa fi Masrii akkasuma - Burkina Faasoo Jibuutii waliin. Taphni Garee C" Beeniin fi Zimbaabuwee gidduutti taphatame kan abbaa murtii lammii Itoophiyaa Baamlak Tessemaan durfame 2 fi 2n xumurame. Taphoota waancaa addunyaa biroo irratti - Moozaambiik Yugaandaa 3-1n - Naamibiyaa Maalaawii 1-0n - Keep Verde Maorisiyaa 1 fi 0n injifate. Share godhaa @Ispoort_time @Ispoort_time
🚨✅Komin Keller Liivarpuul gadhiisuu danda'a! Taphataan goolii eegaa Liivarpuul lammii Aayilaandi Koomiin Keelar kilabicha gadhiisee gara kilabii biraatti akka seenu himamaa jira. Keelar kanaan dura Liivarpuul keessatti yeroo tapha gahaa argachuu dhabuu isaatti quufa dhabuu isaa ibsuun isaa hubatamuu qaba. Goolii eegaa kun ganna dhufu kilabii goolii eegaa lakkoofsa tokko ta'uu danda'u barbaadaa akka jiru The Athletic gabaaseera. Koomin Keller kontiraata isaa Liivarpuul waliin bara dorgommii tokkotu hafe. Boornemaawuz, Cheelsii, Tootinaam fi Liidsi goolii eegaa kana argachuuf fedhii akka qaban himamaa jira. ♡ ㅤ ⎙ㅤ ⌲ ✉️ ˡᶦᵏᵉ ˢᵃᵛᵉ ˢʰᵃʳᵉ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿ @Ispoort_time @Ispoort_time
🚨✅''Waancaa Shaampiyoonsi Liigii Awrooppaa kan keenya,'' jechuun Laamiin. Taphataan sarara fuulduraa Baarseloonaa Laamiin Yamaal carraan Shaampiyoonsi Liigii Awrooppaa amma Liivarpuul bahuu hordofee kan keenya jedha. ''Carraan Shaampiyoonsi Liigii Awrooppaa injifachuu kan keenya, sababiin isaas Liivarpuul dorgommii ala waan ta'eef waancaa kanaaf dhihoo jirra,'' jedheera Laamiin Yamaal. ''Nuti maatii Lamine Yamal ti,'' jechuun gareen tapha waggaa tokko dura PSG waliin taasisaniin achi ture kana booda hin jiru jedheera. @Ispoort_time @Ispoort_time
видео или голосовое, без подписи
видео или голосовое, без подписи
🚨✅Fara'oononni Morookoo ga'aniiru! Gareen Masrii garee biyyaalessaa Itiyoophiyaa waliin wal morkatu har'a ganama Morookoo akka seene beeksifameera. Gareen biyyaalessaa Masrii taphattoota itti affeeraman waliin Morookoo kan gahe shaakala isaa jalqabaa galgala kana ni gaggeessa. Qondaaltota federeeshinichaa waliin kan wal argan Mohaammad Saalaa, "Taphattoonni garee hundi taphoota Itoophiyaa fi Seeraaliyoon taphachuuf qophaa'aniiru" jechuun dhaga'ameera. "Hirmaannaa waancaa addunyaa kanaan dura galmaan geenye irra deebi'ee akkan raawwadhu waadaa nan gala" jedha Mohaammad Saalaa Waliyyaan har'a Morookoo kan galan yoo ta'u, galgala shaakala jalqabaa ni gaggeessu jedhamee eegama. ♡ ㅤ ⎙ㅤ ⌲ ✉️ ˡᶦᵏᵉ ˢᵃᵛᵉ ˢʰᵃʳᵉ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿ Share godhaa Ispoort Time™️ @Ispoort_time @Ispoort_time
Waan leenjistoonni gurguddoon waa'ee Kiristiyaanoo Roonaaldoo dubbatan isaan murasaa Aleeks Faargusaan 🗣 "Murteen koo hundarra gaariin Ispoortiing Liisbaan irraa mallatteessisuu ture. Nama Maanchistar Yunaayitid Awurooppaa keessatti daran guddisedha." Joozee Mooriinihoo "Liyooneel Meesiin taphataa cimaa pilaaneetii kanaa yoo ta'e, Kiristiyaanoo Roonaaldoo taphataa cimaa addunyaa kanaati." Zineediin Ziidaan 🗣 "Gareen tokkoof akka rasaasaati, kilabni inni deemu kamiyyuu milkaa'aadha." Peep Gaardiyoolaa 🗣 "Kiristiyanoo Roonaaldoo taphataa tilmaamuun hin danda'amnedha, bakki isaa gadi bu'us garee koo irratti goolii galchuu hin dhiisu." Diyeegoo Simi'onee 🗣 "Amantaan isaa na ajaa'ibsiisa. Gonkumaa saayikoloojiidhaan isa mo'uu hin dandeessu." Kaarloo Anchelootii 🗣 "Taphataan yeroo hunda caaludha. Galata isaaf bara leenjisummaa kootti Shaampiyoonsi Liigii Awrooppaa akkan injifadhu baay'ee na gargaareera." @Ispoort_time @Ispoort_time
🚨✅ Taphataan sarara fuulduraa Atalantaa lammii Naayijeeriyaa Ademola Luckman shaakala irratti jilba isaa irratti miidhaan irra gahe jedhameera. Kana hordofuun Lookman tapha boruu galgala Baarseloonaa waliin taasisan irraa hafuu akka malu gabaafamaa jira. Atalantaan tapha Shaampiyoonsi Liigii Awrooppaa boru galgala sa'aatii 5:00 irratti Baarseloonaa waliin ni taphata. Tapha kana abbaa murtii Ingilizii Maayikeel Oliivar ta'a. Share godhaa Ispoort Time™️ @Ispoort_time
🚨✅Dorgommii garee waancaa Afrikaa ifoome! Dorgommii waancaa Afrikaa bara 2025f Morookoon qopheessitu carraan gareen gaggeeffamu daqiiqaa muraasa dura magaalaa guddoo Morookoo Raabaatti gaggeeffameen ifoomeera. Gareen biyyoolessaa 2️⃣4️⃣ waancaa Afrikaa irratti hirmaatan morkattoota garee isaanii baraniiru. Biyyi keessummeessituu waancichaa Morookoon garee tokkoffaan Maalii, Zaambiyaa fi Koomoroos waliin kan morkatan ta'a. Waltajjiin garee maal fakkaata? ⏩ Garee Tokko: Morookoo, Maalii, Zaambiyaa fi Koomoroos Garee Lammaffaa: Afrikaa Kibbaa, Masrii, Angoolaa fi Zimbaabuwee ⏩ Garee Sadii: Naayijeeriyaa, Tuuniziyaa, Yugaandaa fi Taanzaaniyaa Garee Afur: Senegaal, Koongoo, Beeniin fi Bootswaanaa ⏩ Garee Shanaffaa: Aljeeriyaa, Burkinaa Faasoo, Ikuwaatooriyaal Giinii fi Sudaan ⏩ Garee Jahaffaa: Ayvoorii Koost, Kaameeruun, Gaaboon fi Moozaambiik Share godhaa @Ispoort_time
🚨✅️Riyaal Vaalaadooliid Maanchistar Siitii himate! Kilabiin Laaliigaa Ispeen Riyaal Vaalaadooliid Maanchistar Siitiin taphataa Jumaa Baah kontiraata isaa akka addaan kutu affeere jechuun himate. Maanchistar Siitiin taphataa sarara ittisaa giddu galeessaa ganna 18 Jumaa Baah mallatteessisuuf waliigalteerra gahuun gabaafame. Taphataan kun garee akkaadaamii Riyaal Vaalaadooliid waliin waliigaltee kan qabu yoo ta'u, keewwatni gadhiifamuuf Yuuroo miiliyoona 6 akka ta'u himama. Taphataan kun garee akkaadaamii irraa akka garee guddichaaf Riyaal Vaalaadooliidiif mallatteessisuu gaafatame, garuu diduu isaa yeroo ifa ta'u Yuuroo miiliyoona 6 kaffalee kontiraata isaa akka addaan kutu gaafate. 👉Keewwatni gadhiifamuu Riyaal Vaalaadooliid osoo taphatichi kontiraata isaa garee tokkoffaaf mallatteessee gara Yuuroo miiliyoona 💶30tti ol guddata ture. Murtee taphaticha duuba Maanchistar akka jiru Riyaal Vaalaadooliid ibseera. Kilaboonni biroo jijjiirraa taphatichaaf maallaqa fooyya'aa akka dhiyeessan Riyaal Vaalaadooliid agarsiiseera. Share Share godhaa @Ispoort_time @Ispoort_time
видео или голосовое, без подписи
📊Kilaboota Awurooppaa bara dorgommii darbee kaasee hanga har'aatti galii hedduu sassaabbatan. ♡ ㅤ ⎙ㅤ ⌲ ✉️ ˡᶦᵏᵉ ˢᵃᵛᵉ ˢʰᵃʳᵉ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿ @Ispoort_time @Ispoort_time