Shaggar City Communication
Статистика- Последний пост
- 31 июл.
- Последнее чтение
- 15 авг.
- Постов за неделю
- 0
- Всего постов
- 41
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- Категория
- Новости и СМИ (по похожим)
- В каталоге с
- 14 авг.
- 1/24сутки в ленте
- 3 359
- 1/48двое суток
- 3 849
- 1/72трое суток
- 4 151
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
Magaalaa Shaggaritti duula guyyaa tokkootiin biqiltuuwwan miliyoona 3 ol dhaabuuf qophiin taasifamuu Waajjirri Qonnaa Magaalaa Shaggar beeksise ----- Sagantaa dhaabbii biqiltuu Ashaaraa magariisaa marsaa 8ffaa akka biyyaatti dhaadannoo "Egeree magariisaaf hundi keenya abdii haa dhaabnu" jedhuun gaggeeffamaa jiru milkeessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira. Magaalaa Shaggarittis sagantaa ashaaraa magariisaa milkeessuufi ganna kana biqiltuuwwan gosoota garagaraa sosochii kenna tajaajila lammummaafi hirmaannaa hawaasaan dhaabamaa kan jiran yoo ta'u yoo ta'u kanaanis hanga ammaatti biqiltuuwwan miliyoona 15.6 dhaabamaniiru. Biqiltuuwwan dhaabaman kunneenis kanneen nyaataaf oolan dhibbeentaa 30, biqiltuuwwan miidhaginaa dhibbeentaa 50fi biqiltuuwwan bosonaa dhibbeentaa 20 dhaabuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuun ibsameera. Ittigaafatamaa Waajjira Qonnaa Magaalaa Shaggar Obbo Dajanee Baqqalaa akka himanitti, hojii sagantaa ashaaraa magariisaatiin hojjetame eegumsa madaala qabeenya Uumamaa tiksuurra darbee wabii nyaataafi carraawwan hojii guddisuu keessatti gahee olaanaa bahachaa jiraachuu himaniiru. Kanaanis hojii waggoottan darbanitti hojjetaman dabalatee biqiltuuwwan miliyoona 60 dhaabuun kan danda'ameefi kanaanis wabii nyaataa mirkaneessuurra darbee uwwisa bosona Magaalichaa dhibbeentaa 11.7 irraa dhibbeentaa 21.98tti guddisuun kan danda'ame ta'uu kan himan, bara kanas milkaa'ina sagantichaaf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu himaniiru. Haaluma kanaan ganna kana sadarkaa Magaalichaatti biqiltuuwwan miliyoona 18.8 buufataalee biqiltuutti kan qophaa'an yoo ta'u hirmaannaa dhaabbilee garagaraa saganticha irratti taasisan dabalatee waliigala biqiltuuwwan miliyoona 19.1 ni dhaabamu. Duula guyyaa tokkootiinis biqiltuuwwan gosoota garagaraa miliyoona 3.06 lafa heektaara 875 irratti dhaabuuf qophiin taasifamuun ibsameera.
без подписи
без подписи
без подписи
без подписи
Maxxansa fuula Whatsapp keenya argachuuf 👇 Follow the Shaggar City Communication channel on WhatsApp: https://whatsapp.com/channel/0029VbDQGTuIHphR1HGDzY0I
"Ashaaraan magariisaa Wabii ijaarsa sirnaafi dhalootaati"_Aadde Sa'aadaa Abdurrahmaan_Afa-yaa'ii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa Magaalaa Shaggaritti sagantaan dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa eegalameera. Sagantichi bakka hooggantootni olaanoofi kutaaleen hawaasaa garagaraa argamanitti kutaa Magaalaa Buraayyuu Aanaa Aannee Diimaatti eegalchiifameera. Magaalaa Shaggaritti sagantaa dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa bara kanaatiin biqiltuuwwan gosoota garagaraa miliyoona 19.1 dhaabuuf hojjetamaa jira. Ashaaraan magariisaa Inisheetiivii misooma magariisaa sadarkaa hundatti mirkaneessuun badhaadhina hawaasummaafi dinagdee biyyaa dhugoomsuuf ministeera muummee Itiyoophiyaa Abiy Ahmediin kan eegalame yoo ta'u,kanaanis sodaa jijjiirama qilleensaaf wabii ta'uun cinatti wabii midhaan nyaataafi magariisummaa biyyaa dhugoomsuun danda'ameera. Haaluma kanaan Magaalaa Shaggaritti sagantaan dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa eegalameera. Sagantaa jalqabsiisa dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa kana irrattis Afa_yaa'ii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa Aadde Sa'aadaa Abdurrahmaan, sadarkaa itti Aanaa Pirezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti kantiibaa Magaalaa Shaggar Tashoomaa Addunyaa (PhD) dabalatee hooggantootni sadarkaan jiran argamaniiru. Afa-yaa'ii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa Aadde Sa'aadaa Abdurrahmaan,Ashaaraan magariisaa wabii ijaarsa sirnaafi dhalootaa ta'uu kan himan, kunis magariisummaa dabaluun dinagdee maddisiisuufi carraa hojii babal'isuu akkasumas Oomishtummaa dabaluun wabii midhaan nyaataa kan mirkaneessedhas jedhan. Hirmaannaa Uummatni duula ashaaraa magariisaa irratti taasiseefi taasisaa jirus calaqqee qooda fudhannaa hawaasni ijaarsa biyyaa keessatti qabu kan ittiin mul'atedhas jedhan. Kana malees Ashaaraan magariisaa ijaarsa gaaddisa dhaloota egeree kaa'uu ta'uu himuun biqiltuuwwan dhaabamanis kunuunsuufi eeguun kaayyoo qabame galmaan gahuuf gahee ofii bahachuu akka qabanis dhaamaniiru. Sadarkaa itti Aanaa Pirezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti kantiibaa Magaalaa Shaggar Tashoomaa Addunyaa (PhD) sagantaa kana irratti ergaa dabarsaniin ammayyummaan Magaalaa qabeenya Uumamaa eeguufi kunuunsuufi dinagdee utubuun kan calaqqisudhas jedhan. Hundeeffama Magaalaa Shaggariin boodas hojii magariisummaafi dinagdee utubuu hojjetameen milkaa'inootni argamuu kan himan waggoottan darbanittis Magaalichatti biqiltuuwwan miliyoona 71 ol dhaabamuu kan himan kanaanis gurgurtaa kaarboonii keessatti qooda qabaachuus himaniiru.
без подписи
без подписи
без подписи
без подписи
"Magaalaa Shaggar giddugala dinagdee Addunyaa taasisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira"_Tashoomaa Addunyaa (PhD) ----- Manni maree Daldalaafi Waldaalee Seektara Shaggar sagantaa sirna galateeffannaafi waliigaltee waliin hojjechuu seektaroolee qindoominaa waliin gaggeessaa jira. Mootummaan sirna daldalaa dorgomaa, haqa-qabeessaafi ammayyaa'aa taasisuuf riifoormiiwwan garagaraa taasisaa jira. Kanaanis dhaabbilee wabummaa sirna daldalaa milkeessan cimsuun gahee damechi guddina dinagdee biyyaa keessatti qabu akka guddatu taasisaa jira. Haaluma kanaan Manni Maree Daldalaafi Waldaalee seektra Shaggar sagantaa sirna galateeffannaafi sirna mallattoo waliigaltee waliin hojjechuu seektaroolee qindoominaa waliin gaggeessaa jira. Manni marechaa kaayyoowwan mirgaafi faayidaa daldaltootaa mirkaneessuu, daldalaafi Investimentii bu'a qabeessa taasisuu, Oomishaafi tajaajila daldalaa beeksisuu, gahumsaafi dandeettii daldaltootaa cimsuu akkasumas Mootummaafi hawaasa gidduutti riqicha ta'uuf Eebila bara 2015 hundeeffamuun hojiitti kan gale yoo ta'u, Waajjirooleefi dhaabbilee garagaraa waliinis hojjechaa jira. Manni marechaa sagantaa galateeffannaafi waliigaltee waliin hojjechuu seektaroolee qindoominaa sadarkaan jiran waliin Hoteela Ililliitti gaggeessaa jira. Sadarkaa itti Aanaa Pirezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti kantiibaa Magaalaa Shaggar Tashoomaa Addunyaa (PhD); Shaggar Magaalaa dinagdee taasisuuf hundeeffama irraa eegalee yaadama haaraan hojjechaa jiraachuu kan himan, kanaanis dinagdee maddisiisuun Oomishtummaa guddisuuf tumsiifi bu'aan manni marechaa argamsiise olaanaa ta'uu himaniiru. Kaayyoon mana marechaas walitti dhufeenya Magaalaafi dhaabbilee dinagdee cimsuu ta'uu kan himan, waggoottan sadan darbanittis hojii qindoomina Mana marechaan hojjetameen ijaarsa dinagdeefi sirna daldalaa milkaa'aa jiraachuus himaniiru. Dorgomtummaa sirna dinagdee cimsuun Magaalicha giddugala dinagdee Addunyaa taasisuuf hojjetamaa jiras jedhan. Itti Aanaa Kantiibaafi qindeessaa kilaastera dinagdee Magaalaa Shaggar Obbo Guyyoo Galgaloo, imala guddina dinagdee biyyaaf hojiin daldalaa olaanaa ta'uu himuun, Magaalaa Shaggarittis hojii gama kanaan hojjetameen bu'aawwan gurguddoon gama carraa hojii uumuu, guddina galiifi dinagdee tarkaanfachiisuun argamuus himaniiru. Tumsa dameen daldalaa guddinaafi babal'ina galii, carraa hojii uumuu, investimentiifi dinagdee biyyaa keessatti qabu dhugoomsuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiras jedhan. Pirezdaantii Mana maree Daldalaafi Waldaalee seektara Shaggar Mulgeetaa Mul'isaa (PhD); sagantaa kanaan qaamolee milkaa'ina argamaniif tumsa taasisan galateeffachuun qooda fudhattoota biroo waliin ammoo waliigaltee waliin hojjechuu kan mallattaa'u ta'uu himaniiru. Manni Marechaa hundeeffama irraa eegalee dhaadannoo "Waliim taanee egeree fooyya'aa ni ijaarra" jedhu qabatee hojii hojjeteen leenjiiwwan gahumsa daldaltootaa cimsuu, Oomishtummaan akka dagaagu taasisuun tasgabbii gabaa uumuun milkaa'inootni guddina dinagdee hirmaachisaafi qindaa'aa ta'an argamuus eeraniiru. Bara kanas guddinaafi ijaarsa dinagdee Magaalaa Shaggar milkaa'aa taasisuuf Waajjiroolee Galii, Carraa hojii Uumuufi ogummaa, Investimentiifi Waajjira daldalaa sadarkaan jiran waliin qindoomuun kan hojjetan ta'uu himuun, qaamolee tumsa hojichaaf taasisan galatoomfataniiru. Magaalaa Shaggar giddugala dinagdeefi Investimentii akkasumas fakkeenya Badhaadhinaa taate ijaaruuf xiyyeeffannoon kan hojjetan ta'uus eeraniiru. Odeeffannoowwan keenya ariitiin argachuuf: Facebook https://www.facebook.com/shaggarcitycommunication1 YouTube https://youtube.com/@shaggarcommunication?si=03UKwSTEZapXBvCp Tiktok https://www.tiktok.com/@shaggarcitycommunication Telegram Channel https://t.me/shagarcitycommunication Twitter /X https://x.com/ShaggarCityCom Website: https://shaggarcitycommunication.et
без подписи
без подписи
без подписи
без подписи
без подписи
"Sagantaawwan rakkoo mana jireenyaa furuun hojjettoota Mootummaafi hawaasa fayyadamaa taasisan qopheessuun hojjechaa jirra"_Aadde Masarat Abbabee ----- Magaalaan bakka hawaasni bal'inaan gamtoomee keessa jiraatuufi giddugala bu'uuraaleen jireenyaafi tajaajiootni hawaasaa keessatti dagaaguun beekamudha. Kunis dhimmoota sadarkaa guddina magaalaafi jireenyaa hawaasaa murteessuu keessatti gahee olaanaa qabanidha. Bu'uuraalee kanneen keessaa misoomni manneen jireenyaafi tajaajilootni hawaasaa wantoota madaallii guddinaa, dorgomtummaafi mijaa'ina ittiin mul'atudha. Mootummaan rakkoowwan mana jireenyaa hundeerraa furuuf hojiiwwan misoomaa manneenii irratti xiyyeeffachuun hojjechaa jira. Kunis gaaffii hojjettootaa deebisuun fooyya'insa sadarkaa jireenyaa kan dhugoomsudha. Haaluma kanaan Magaalaa Shaggaritti rakkoo mana jireenyaa furuun hojjettoota Mootummaafi hawaasa fayyadamaa taasisuuf sagantaawwan misooma manneenii garagaraa qopheessuun hojjetamaa jira. Hundeeffama Magaalichaa irraa eegalee fedhii mana jireenyaa furuuf hojii hojjetameen abbootii warraa 7,485 fayyadamaa taasisuun danda'ameera.
без подписи
Qonna ammayyaa'e; ijaarsa dinagdee damdamataafi Badhaadhina hunda-galeessaaf ------- Mootummaan guddina dinagdee bu'uura jabaa irratti ijaaruuf cehumsaafi bu'a-qabeessummaa qonnaa irratti xiyyeeffachuun hojjechaa jira. Kunis wabii nyaataa sadarkaa hundatti mirkaneessuurra darbee carraa hojii babal'isuu akkasumas Oomishaalee alaa galan kan biyya keessaatiin bakka buusuun galmoota Badhaadhina biyyaa dhugoomsaa jira. Cehumsaafi bu'a-qabeessummaa damee qonnaa mirkaneessuufis tekinooloojiiwwan qonnaa ammayyaa hojiirra oolchuufi inisheetiiviiwwan garagaraa bocuun waqtiilee hunda Oomishaan dabarsuun bu'aawwan guddina dinagdee milkeessan argamaniiru. Magaalaa Shaggarittis tekinooloojiiwwan makaanaayizeeshinii qonnaafi Inisheetiiviiwwan addaa Mootummaan badhaadhina hunda-galeessa mirkaneessuuf diriirse hojiirra oolchuun galmoota qabaman dhugoomsuuf hojjetamaa kan jiru yoo ta'u, kunis Badhaadhina sadarkaa maatiifi biyyaa mirkaneessuu keessatti shoora olaanaa bahachaa jira. Haaluma kanaan Magaalaa Shaggar kutaa Magaalaa Sabbataatti sagantaan jalqabsiisa qonna waqtii gannaa eegalchiifameera. Itti Aanaa kantiibaafi qindeessaa kilaastera dinagdee Magaalaa Shaggar Obbo Guyyoo Galgaloo saganticha irratti argamuun,hundeeffamni Magaalaa Shaggar oomishaafi oomishtummaa dabaluun fooyya'insa jireenya qonnaan bultootaa kan dhugoomse ta'uu kan himan, kunis sochii qonna ammayyeessuu hojjetameen bu'aa argamedhas jedhan. Qonnaan bultoota dinagdeen fayyadamaa taasisuuf tekinooloojiiwwan qonna ammayyaatti fayyadamuun cehumsa gara Investimentiitti taasifamu milkeessuuf Aadaa qusannoo cimsuun hojjechuu akka qabanis himaniiru. Sagantaa jalqabsiisa kana irratti kan argaman Sadarkaa itti Aanaa kantiibaatti qindeessaa kilaastera Qonnaafi misoomaa Magaalaa Shaggar Obbo Girmaa Hayiluu, qonna ammayyeessuun Oomishaafi Oomishtummaa dabaluun cehumsa dinagdee mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan. Magaalaa Shaggaritti bara Oomishaa kanatti qonna gannaatiin lafa heektaara 95,500 misoomsuuf hojjetamaa kan jiru yoo ta'u, hanga ammaattis heektaarri 91,200 marsaa garagaraan qotamuun heektaarri 3,180 sanyiin uwwifameera. Qonna gannaa bara kanaatiin dhibbeentaa 80 makaanaayizeeshinii qonnaa fayyadamuun kan qophaa'e akkasumas heektaarri kuma 70 ammoo kilaasteraan misoomsuuf hojjetamaa jira. Milkaa'ina hojii qonna gannaa kanaafis callaa guddistuu kuma 60fi sanyiiwwan filatamoo qonnaan bultootaaf dhiyaachuus ittigaafamaa Waajjira Qonnaa Magaalaa Shaggar Obbo Dajanee Baqqalaa ibsaniiru. Waliigala bara kana qonna gannaa irraa bu'aa callaa kuntaala miliyoona 4.5 argamsiisuuf hojjetamaa jira.