Walaloo jaalala 💚💖🌹💐⚘
СтатистикаBaga nagaadhaan gara Channel keenyaatti dhuftan! Channel keenya join taasifadhaa!
- Последний пост
- 14 авг.
- Последнее чтение
- 15 авг.
- Постов за неделю
- 2
- Всего постов
- 42
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- В каталоге с
- 13 авг.
- 1/24сутки в ленте
- 52
- 1/48двое суток
- 59
- 1/72трое суток
- 64
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
BUNA ☕️ Si’eessituu sammuu Burqisiistuu yaadaa Dhangaa jaallatamtuu Addunyaaf araadaa. Qorsa dhibee mukuu Dawaa qaamaa-qalbii Simboo Eebbaan uumee Nu badhaase Rabbi... Urgaa funyaan taree Ruuhiin nama suufu Dhugaa kan si bare Unatee sin quufu. Albuuda mi’ooftuu Nu keessaa magartee Miidhagdee qaaloftee Aalamaaf dabarte. Bu’uura dinagdee Biyyaaf wabii taatee Afrikaa, Ameerkaa Biraaziliin baate. 'Shammattuu' doolaarii Hammattuu mooraalii.... Marartuu faannikee Addunyaa weerare, Meeqatu siif sirbee Maqaa keen geerare. Namaaf firii laatta Kanniisaaf daraaraa, Guca nagaa ollaa Yaa faajjii araaraa... Silas gaafa sibinnu Gatiidhaan warqii gittaa Gaafa si gurgurannu Nuuf hin jijjiirtuu kittaa, Ta’us yaa suusiikoo Ulfoo haadha sugaa, Jiraadhu bunakoo Jiraadheen si dhugaa! :¨·.·¨: 💔 `·. @ https://t.me/walaloojalal ❤️ ➖➖➖➖➖➖➖➖
HIN ARGATTU! Akka garaa keetiitti Hin argattu waan feetu Wol bira daddabarsa Gara-galchee hireetu Kaniti ofii barbaaddu Garagalee sin laaluu Innis barbaacha deema Kan fedha isaa madaaluu Ati isa tokkoof joortee Ibidda lulluuqqattaa Tokko mmoo duuba keeti Siif boo'ee guggubataa Ati isa duuba keeti Quban qabdu fedha saa Inni ati barbaaddus Quba sin qabu tasaa Carraatu akkas godhee Daddabarsa wol biraa Kaniti feetu tokkoo Kan si hawwu kan biraa Isa hawwinu dhabnee Kajeelaa hin jiraannuu Bira nun dabarsin gaa Wanta ofii barbaannuu 🥰🥰🥰🥰🥰🥰🥰🥰 :¨·.·¨: 💔 `·. @ https://t.me/Jalalaadh ❤️ ➖➖➖➖➖➖➖➖
Kanniisan hiddamteef Damma'saa lagattaa? Jaalattee miidhamteef Jaalala himattaa? Kan si miidhe nama Kan miidhame si'i Qorri maaf si tuma Iddoo kuftee ka'i Kan jaalatte jibbii Jaalala kunuunsi Namoota jaalattuuf Jaalala addaan baasi! :¨·.·¨: 💔 `·. @ https://t.me/Jalalaadh ❤️ ➖➖➖➖➖➖➖
https://youtu.be/rWam_wDGPX4?si=85kJeBVD53LaS3sQ
Walaloo jaalalaa babareduu argachuu yoo barbaadan #Join godha
Wal hin beeknu turre. Wal barre. Yeroo dheeraas wal beeknee jiraanne. Nuti qaama tokko jennees yaadne. Amma garuu wal barree wal wallaalle. Yaadannoo qofa qooddannee addaan tamsaane. @ https://t.me/walaloojalal
Wal irraa fagaanne kunoo Dugdaa fi garaa taane Natti dhiistee deemte atisoo Seenaa garaa hin baane Achi buuteenkee dhabame Akka miila Bakar Waaree Bareeddittii tokkittiiko Wal jaalachaa wal dhabnaaree? @ https://t.me/walaloojalal
Gidiraa jireenya Isa ormi naaf beeku Hidhaa yaada kooti Isa yeroon hiiku Hundumaa dagadhee Hunda obsaan baadhee Gammaduu lagadhe! Garuu ,...Jaalala kee Isa humtuu hin hubanne Dhukkuba qaama koo Isan hin dubbanne Yaaddoo yaada keetii Boqonnaa hin arganne
Gumaacha naaf laatte 🌟 Dhibee kee fudhadhee 🤝 Waan ati dubbatte 💬 Jaalalaan hubadhee ❤️ Fayyuuf fedhii dhabee 💔 Dideen dhukkubsadhe! 😢 :¨·.·¨: 💔 `·. @ https://t.me/walaloojalal ❤️ ➖➖➖➖➖➖➖➖
Waadaf amanamtee Hunda akkas seetee Jaalala abdattee Daangaa obsaa ceetee Nama osoo barbaadduu Gaafa ofii kee dhabdu Waa'ee boruu hin yaaddu Kaleessa hin qaqqabdu! Kanaaf.... Jaalala hin amanin Hin ce'in daangaa obsaa Jiidhinni baay'ate Muka jiidhaa gogsaa
Yeroon si argu hundaa Qalbiin koo ni gammaddi Sirraa fagaannaan garuu Turteen turtu ni baddi....! ~ Dhukkuba ta'aa jedhee Himadhus ogeessatti Maqaa keetu argame Onnee kiyya keessatti Obsee si barbaadee Waan hundaa danda'ee Dhoksee si jaalladhee Dhukkuba naaf ta'ee ~ Ba'aa jaalala kee Obsees dhoksees baadhee Utuun si jaalladhuun Sitti himuu sodaadhee! :¨·.·¨: ❤️ `·. @ https://t.me/walaloojalal 🎁
Utuun si jaalladhuu Onnee banaa dhiiftee Utuun si abdadhuu Summii jibbaa biiftee ~ Keessa koo waraantee Jaalalaan madeessaa Godaanuu filatte Onnee kiyya keessaa ~ Keessi koo si dhabee Halkan guyyaa fiigaa Madaan godaansa kee Kulkulee na dhiigaa ~ Akkaataan jiruu kee Sichi naaf hin ta'uu Sin jaaladhu garuu Si jibbuun danda'uu... :¨·.·¨: ❤️ `·. @ https://t.me/walaloojalal 🎁
An siif jechan ofiin citaa Foon maddii koon soofee fixaa Siifan laadhee onneef lubbuu Siifan ta'ee garba cubbuu Jaalala keen agabamee Badii maleen adabamee Ati garuu Onnee dhugaa cilee faaltee Daandii koorraa qara laaltee Kana turee kan naaf malu Miidhamni koo maaf siin galu Erga feetee na sakaaluu Siif haa laatu inni caaluu Biiftuun dhugaa naaf haa baatuu Kan hojii kee siif haa laatu 🙄
Abdii si godhachuun Yoo dhugaan siif gale Si waliin jiraachuun Yoo jaalalaa malee.. Qobummaa koof yaaddee Akkan qobaa hintaane Qalbiin kee naaf gaddee Akka manaa hin baane! @ https://t.me/Jalalaadh ❤️ ➖➖➖➖➖➖➖➖
Ijoolleen shamarranii gaafa bofa argan uuuu jedhanii iyyaa baqatu Akka waan wal hin beeknee. Dhiisaa nutoo barreerraa wal hin baqatiinaa firooma qabduu😂😂
Qorri mana kiraayii irriba na dhowwinaan irriba malee isn bulchaan jiraam. Halkan gaarii isiniif haa ta'u. Jaartiis naa barbaaduu hin dagatiinaa plssss 😂😂😂
Nama Ani jaalladhutu si qofaa tahe malee Namni na Jaallatu hedduudha.😐
Ilma namaaf jette ilma namaa hin miidhin lachuu ilmuma namaatii.
🙊Qoyi Qoyi Dhirri Ethiopia durbummaa balleessuu malee hiyyummaa balleessuu hin beekuu moo? 😂😂 😂 Rakkanne isin waliin😂
Kumaatamni kufaa Kumaatamni dhufaa Jireenyi itti fufa