tgindex
Xurumba Media

Channalaa kanaa kessaattii Odeefannoo waa'ee Barnoota Hundaa argaattuu Yaadaaf @sglkny Gaaffiif @sayid_hasen Channaalaf @Xurumbaamedia

Последний пост
12 авг.
Последнее чтение
13 авг.
Постов за неделю
2
Всего постов
175
Тип
открытый
Язык
om
В каталоге с
13 авг.
Подписчики
2 339
+10 за 6 дн.
Сутки
−2
−0,09%
Неделя
 
Месяц
 
Просмотров на пост
533
40 постов
Вовлечённость
22,8%
к подписчикам
Постов в день
0,3
всего 175
Упоминаний
1
каналов
Охват размещения
оценка
1/24сутки в ленте
195
1/48двое суток
223
1/72трое суток
241

Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.

Посты

  • #BEEKSISA #Galmeen_Barattoota MBBAfi MBA Guyyaa 2 Qofatu Hafa; #Guyyaan_Qormaataa Hagayya 20/2018 Ta'uunis Beekame. --------- BBO - Hagayya 06/2018 Barattootni Qormaata Naannoo Kutaa 8ffaa Bara 2018 Qabxii Olaanaa Gameessisuun Manneen Barnootaa Ifa Boruu Bultuu Addaa, Manneen Barnootaa Bultii Addaa Waldaa Misoomaa Oromiyaafi Manneen Barnootaa Addaa Sad. 2ffaa Oromiyaa Galuuf fedhii qaban #galmeen_hanga_Hagayya_08/2018 qofa ta'uu ibsuun keenya ni beekama. Haaluma kanaan #Guyyaan #Qormmaata_Seensaa itti kennamu immoo #Hagayya_20/2018 Waan Ta'eef Giddu Gala Filattanitti Ganama Sa'aatii 1:30tti Argamuun Qormaata '#online'n /Kompitaraan(CBT) akka fudhattan isin beeksifna. @xurumbaamedia

  • #Breaking #Grade_12 #Kutaa_12ffaa Bu'aan Qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa bara 2018 yoom ifooma? Yeroo ammaa kanatti ifatti odeeffannoon bahe jiraachuu dhabuyyuu, maddeen garaa garaa irraa odeeffannoowwaan waa'ee guyyaa ifoomuu bu'aa qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2018 akka ibsanitti; Bu'aan qormaata biyyaalessaa bara 2018, Fulbaana 5 dura akka ifoomu ibsameera. Barattoonni karaa AI qormaata hojjetanis bu'aan isaanii 100% akka haqamu ibsameera, kana adda baasuufis hojimaata mataa keenya hojiimaata mataa keenyaa hojii irra oolchineerra jedhaniiru. Kanas qormaata bahumsaa irratti hojii irra oolchanii akka tures himameera. Kunis qabxiin barattoota hedduu haqamuuf sababa ture. Dhimma kana irratti odeeffannoo guutuu kan isin biraan geenyu ta'a! Channel keenya hordofaa! @xurumbaamedia

  • Beeksisa ---------- Barattoota Manneen Barnootaa Bultii Addaa Sad. 2ffaa Federaalaatti Barachuu Barbaadan Hundaaf ----------- BBO - Hagayya 05/2018 Manneen Barnootaa Bultii Addaa Sad. 2ffaa Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa Hundesse 9 Keessatti Kutaa 9ffaafi 10ffaa dorgomee galuu barataan barbaadu liinkii asii gadii kana banuun '#online'n galmaa'uu ni dandeessu. #Guyyaan_Galmee:- Ammarraa Jalqabee Hanga Hagayya 15/2018tti tura. A) Manneen Barnootaa Bultii Addaa Sad. 2ffaa Barattoota #Kutaa_9ffaafi_10ffaa Simatan: 1) Walisoo 2) Bu'ii 3) Bongaa 4) Gaambeellaa 5) Jigjigaa yoo ta'an; B) Manneen Barnootaa Bultii Addaa Sad. 2ffaa Barattoota #Kutaa_9ffaa_Qofa Simatan Immoo: 1) Dirre Dawaa 2)ArbaaMinci 3) Asoosaa 4) Baahir Daar fa'a ta'uu beekun carraatti fayyadamuuf akka galmooftan isin beeksifna. C) Ulaagaa Galmee Kutaa 9ffaa: - Qormaata Naannoo Kutaa 8ffaa Qabxii Giddu Galeessa(Average) 85% fi oliifi Gosa Barnootaa Herregaafi Ingiliffa 'qabxii 80% fi ol galmeessisan galmaa'uu ni danda'u #Kutaa_10ffaa: #Bara 2017 Qormaata Naannoo Kutaa 8ffaa Qabxii Giddu Galeessa (Average) 70 fi ol galmeessisaniifi #Qabxiin Tiraansikriiptii kutaa 9ffaa 95%fi oliifi barnoota herregaafi Ingiliffaa qabxii 80% fi ol qaban galmaa'uu ni danda'u jechuu Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa beeksiseera. Kanaafuu, Galmaa'aa! Liinkichis: https://sbs.moe.gov.et/apply #HUBACHIISA: Galmeen Manneen Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sad. 2ffaa, MB Bultii Addaa WMO Sad. 2ffaafi Manneen Barnootaa Addaa Sad. 2ffaa Naannoo keenyaas hanga Hagayya 08/2018 qofa kan turu waan ta'eef #Carraa_Lachuttuu_Akka_Fayyadamtan Haata'u! Carraa Gaarii ! Odeeffannoowwan haaraa hordofnee isin biraan geenyaa nu hordofaa @xurumbaamedia

  • #BBO Beeksisa Qacarrii Barsiisotaa Biiroon barnoota Naannoo Oromiyaa Qacarrii Barsiisota Manneen Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sad. 2ffaa gosoota barnoota garagaraa irratti akkasumaas gosoota afaanota biyya alaa barsiisaniif Warra Ulaagaa guutan qacaree hijjachiisuu barbaada: 👉 Gosoota Barnootaa: 1. Afaan Ingilizii 2. Barnoota seenaa (History) 3. Geography 4. Barnoota diinagdee (Economics) 5. ICT 6. Mathematics 7. Physics 8. Biology 9. Citizen/Ship 10. A/Study 11. Physics Lab. 12. ICT Technician kan barsiisan yoo ta'u, 👉 Barsiisota Afaan Biyya Alaa Barsiisan immoo: 1- Afaan Arabiffaa 2.- Afaan Faransaay barsiisan qacaree Manneen Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sad 2ffaa ramaduu barbaada. Kanaafuu, Barsiisotni fedhii qabdaniifi ulaagaa qacarrii guuttan galmaa'uu ni dandeessu. @xurumbaamedia

  • #BBO Barattoota mana barumsa bultii addaa fi mana barumsa addaa kutaa 9ffaa seenuuf fedhii qabdan hundaaf: BBO- 03/12/2018 Akaakuu Barnootaafi Qabxii Madaallii Qormaata Seensa Kutaa 9ffaa MBBAfi MBA ilaallata. Akaakuu qormaatni seensaa Kutaa 9ffaa Manneen Barnootaa Bultii Addaa 2ffaaf Keessaa bahan: 1 - Afaan Oromoo 2 - Ingiliffa 3 - Herregaafi 4 - Saayinsii Walii Galaa keessaa kan qophaa'u waan ta'eef itti qophaa'aa kan jedhu ergaa biiroo barnoota Oromiyaa tahuu hubattanii haaluma kanaan, dursitanii ' online'n: Galmaa'uufi Buufata Qormaataa filachuu akkan daganne dabarsina! Liinkin Galmee:- https://exam.oeb.gov.et/ 👉 Qabxii Madaalli Ulaagaalee ~ Qabxiin Qormaata Seensaa barreeffamaan kennamu - 80% ~ Qabxiin Qormaata Naannoo Kutaa 8ffaa Bara 2018 - 15% ~ Qabxiin Tiraansikriiptii kutaa 7-8 parsantii 5% keessaa kan qabamu yoo ta'u, 100% keessaa barattootni walduraa duubaan caalmaa galmeessisan gara Manneen Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sad. 2ffaa, Mana Barnoota Bultii Addaa Waldaa Misoomaa Oromiyaa Sad. 2ffaafi Manneen Barnootaa Addaa Sad. 2ffaatti kan ramadaman ta'uun beekameera. Kanaafuu, Ammaa achi qormaata seensaa 'online'n kennamu irratti xiyyeeffannoon qophaa'un murteessaa ta'uu hubachuun barbaachisaadha. @xurumbaamedia

  • #BBO Barattoota mana barumsa bultii addaa fi mana barumsa addaa kutaa 9ffaa seenuuf fedhii qabdan hundaaf: BBO- 03/12/2018 Akaakuu Barnootaafi Qabxii Madaallii Qormaata Seensa Kutaa 9ffaa MBBAfi MBA ilaallata. Akaakuu qormaatni seensaa Kutaa 9ffaa Manneen Barnootaa Bultii Addaa 2ffaaf Keessaa bahan: 1 - Afaan Oromoo 2 - Ingiliffa 3 - Herregaafi 4 - Saayinsii Walii Galaa keessaa kan qophaa'u waan ta'eef itti qophaa'aa kan jedhu ergaa biiroo barnoota Oromiyaa tahuu hubattanii haaluma kanaan, dursitanii ' online'n: Galmaa'uufi Buufata Qormaataa filachuu akkan daganne dabarsina! Liinkin Galmee:- https://exam.oeb.gov.et/ 👉 Qabxii Madaalli Ulaagaalee ~ Qabxiin Qormaata Seensaa barreeffamaan kennamu - 80% ~ Qabxiin Qormaata Naannoo Kutaa 8ffaa Bara 2018 - 15% ~ Qabxiin Tiraansikriiptii kutaa 7-8 parsantii 5% keessaa kan qabamu yoo ta'u, 100% keessaa barattootni walduraa duubaan caalmaa galmeessisan gara Manneen Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sad. 2ffaa, Mana Barnoota Bultii Addaa Waldaa Misoomaa Oromiyaa Sad. 2ffaafi Manneen Barnootaa Addaa Sad. 2ffaatti kan ramadaman ta'uun beekameera. Kanaafuu, Ammaa achi qormaata seensaa 'online'n kennamu irratti xiyyeeffannoon qophaa'un murteessaa ta'uu hubachuun barbaachisaadha. @xurumbaamedia

  • Field Yeroo Ammaatti Barattoota Hedduudhaan Barbaaddamu fi Yunivarsiitiiwwan Hunda Keessatti dorgommii Guddaa Qabu SOFTWARE ENGINEERING dha. Yunivarsiitiiwwan Biyya Keenyaa Field Kana Barsiisan. 🟡 Addis Ababa Science and Technology University (AASTU) 🟡 Addis Ababa University 🟡 Adama Science and Technology University (ASTU) 🟡 Arba Minch University 🟡 Bahir Dar University 🟡 Bule Hora University 🟡 Debre Berhan University 🟡 Debre Markos University 🟡 Dire Dawa University 🟡 Haramaya University 🟡 Injibara University 🟡 Jigjiga University 🟡 Jimma University 🟡 Mekelle University 🟡 Wachamo University 🟡 Wolkite University 🟡 Wollo University @xurumbaamedia @xurumbaamedia

  • 9 авг.1 19312

    Oddeeffaannoo Qabxii Reemeediyaalii fi firiin Qormaata Biyyaalessaa kutaa 12ffaa Bara 2018tti yoom akkaa ifoofaamuu akkaasumaas beksiisaa garaa garaa akkaa beskifaameen argaachuuf linkii kana gadii xuqquun chanalaa telegiramaa kenyaattii makamaaa 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇 @xurumbaamedia @xurumbaamedia @xurumbaamedia

  • #Update #Kutaa_8ffaa #BBO Galmee Barattoota Manneen Barnootaa Bultii Addaafi Addaa Sad. 2ffaa Dorgommiin Galuu Barbaadan Hundaaf Biiroon Barnootaa Oromiyaa Barattoota Bara Barnootaa 2018 Qormaata Naannoo Kutaa 8ffaa fudhachuun qabxii olaanaa galmeessisuun gara kutaa 9ffaatti darbaniifi Manneen Barnootaa Ifa Boruu Bultii Adaa Sad. 2ffaa, Manneen Barnootaa Bultii Addaa WMOfi Manneen Barnootaa Addaa Sad. 2ffaa dorgommiin Seenanii barachuuf fedhii qaban hundaaf Adoolessa 29/2018 beeksisa baasuun ni yaadatama. Haaluma kanaan: Ergaawwan sirrachuu qaban lama yoo ta'an; 1. Iddoo Galmee :- Iddoon Galmee ibsaman sunniin hin barbaachisan. Kanaafuu, Galmeen karaa online waan ta'eef barataan kamiyyuu linkm armaan gadii fayyadamuun lakkoofsa galmee (Registration Number) kan kutaa 8ffaa ittiin qormtan galchuun, itti aansuun maqaa Akaakayyu galchuu, itti aansee filannoon isiniif dhufu ammoo, bakka itti qoramuu barbaaddan giddu gala qormaataa yoo ta'u, bakka qoramuuf isinitti dhihaatu filachuun iyyachuu ni dandeessu. Guyyaan Galmee har'a (01/12/2018) irraa kaasee hanga Hagayya 08/2018 qofa bakka jirtanitti Giddu Gala Itti qoramtan karaa online filachuun galmaa'uu ni dandeessu Link galmee :- https://exam.oeb.gov.et Guyyaan qormaataa gara fuulduraatti kan ibsamu ta'a Wanta isin rakkise karaa keessaa nu gaafachuu dandeessu! @xurumbaamedia

  • 🔴 Komii Barattoota Qormaata Sagantaa Remedial Barattoonni bara 2018 A.L.I. qormaata biyyaalessaa Sagantaa Remedial fudhatan, bu'aan keenya hanga ammaatti osoo hin ibsamin ture jechuun komii isaanii dhiyeessaa jiru. Barattoonni, "Qormaata erga xumurree ji'oonni lama jechuun ni danda'ama, yeroo dheeraa kana keessatti bu'aan keenya osoo hin ibsamin turuun sirrii miti," jechuun ibsaniiru. Akkasumas, "Bu'aan keenya guyyaa 57 guutuu osoo hin ibsamin turuun nu dhiphisee, yaaddoo fi dhiibbaa hamaaf nu saaxileera. Mootummaan hatattamaan bu'aa keenya akka beeksisu gaafanna," jechuun komii isaanii irra deebi'anii dhiyeessaniiru. Tikvah University yeroo bu'aan qormaata Remedial itti ifoomu mootummaa qaamolee dhimmi ilaallatu gaafachuuf yaalii taasise garuu deebii argachuu hin dandeenye. Tajaajilli Madaallii fi Qormaata Barnootaa akkasumas Ministeerri Barnootaa yeroo odeeffannoo mootummaa bu'aa qormaata Remedial ilaalchisee baasan, isiniif ni dhiyeessina. @xurumbaamedia @xurumbaamedia

  • ‎#BEEKSISA_ARIIFACHIISAA ‎######## ‎BBO, Adoolessa 29/2018 Hoggantootni barnoota Godinaaleefi Bulchiinsa magaalotaa hundi barattoota kutaa 12ffaa xumuranii ulaagaa sartifikeetii barachuu barbaadan leenjii Kaadhimamtoota barsiisotaa Barnoota Bu'uura Boruu sadarkaa…

  • Adoolessa 29/2018 A.L.I. BEEKSISA;- Manneen Barnoota Bultii Addaa (WMO fi Ifa Boruu BBO) Barattoota Haaraa Fudhatu! Barattoota kutaa 8ffaa qormaata naannoo dabranii kutaa 9ffaatti darban hundaaf: Manneen Barnoota Bultii Addaa (WMO fi Ifa Boruu BBO) barattoota dorgomsiisee fudhachuuf qophaa'aa jiru. Kanaaf, barattoonni qormaata naannoo kutaa 8ffaa irraa qabxii giddu-galeessaa (average): • Dhiironni: 83% fi isaa ol • Shamarran: 80% fi isaa ol galmeessitan, qormaata seensaaf gamanumaa akka qophooftan ibsina. Galmeen Waajjiraalee Barnootaa Aanaa fi Magaalotaatti gaggeeffama. Guyyaan qormaata seensaa toora kanaan fuulduratti kan beeksifamu ta'a. Tokkummaan Misoomaaf! @xurumbaamedia

  • Bu'aan Qormaata Kutaa 6ffaa fi 8ffaa Bara 2018 naannoo Kibba Itoophiyaa gadhiifamee jira. Naannoo Kibba Itoophiyaatti bara barnootaa 2018tti qabxiin darbiinsaa qormaata Kutaa 6ffaa fi Kutaa 8ffaa 50 fi isaa akka tahe ibsame. Barattoota deeggarsa barbaadaniif ammoo qabxii 48 akka ta'e Itti Gaafatamaan Biiroo Barnootaa naannichaa, Obbo Abiyoot Damssee, ibsaniiru. 👉Manneen barnootaa 476 barattoota isaanii hunda dabarsaniiru. 👉Faalaa sabii Manneen barnootaa 81 ammoo barataa tokkollee hin dabarsine jedhame. Bu'aa Kutaa 8ffaa ilaaluuf: [se.ministry.et](https://se.ministry.et/?utm_source=chatgpt.com#/result) Bu'aa Kutaa 6ffaa ilaaluuf: [se6.ministry.et](https://se6.ministry.et/?utm_source=chatgpt.com#/result) @xurumbaamedia

  • ‎#BEEKSISA_ARIIFACHIISAA ‎######## ‎BBO, Adoolessa 29/2018 Hoggantootni barnoota Godinaaleefi Bulchiinsa magaalotaa hundi barattoota kutaa 12ffaa xumuranii ulaagaa sartifikeetii barachuu barbaadan leenjii Kaadhimamtoota barsiisotaa Barnoota Bu'uura Boruu sadarkaa sartifikeetaan qofaan ganna ji'a hagayyaa irraa eegalee leenjisuuf qophiin Kolleejjii Barnootaa Barsiisotaa Kampaasii Yunv.Naannoo Oromiyaa (OSU)fi Manneen Barnootaa Bultii Addaa (MBBA) waliin taasifamee waan jiruuf, guyyaan galmee Adoolessa 30/2018 - Hagayya 4/2018tti galmaa'anii, calalamanii, qoramanii, barattoonni darban gaafa 10/12/2018 irraa eegalee leenjiin kan eegalu ta'uu beektanii haala akka mijeessitan hubachiisaa, barattoonni ulaagaa guuttaniifi leenjitanii barsiisuuf fedhii qabdan KBB 13 qabnu hundarratti guyyaa armaan olitti taa'e keessatti deemtanii akka galmooftan hubachiisaa caasaan sadarkaa Godinaa/Bul.magaalaa hanga sadarkaa aanaa/kutaa magaalaatti jirtan beeksisni galmee guyyaa har'aa 29/11/2018 akka maxxansamu irra deebinee isin hubachiifna. @xurumbaamedia

  • ❗️❗️❗️❗️❗️❗️❗️❗️❗️❗️ ➡️Waggota Sadan Darban (2016 -2018) Bu'aan Barachuu Barattootaa Fooyya'aa Dhufe. BBO - Adoolessa 24/2018 Bu'aan Barachuu Barattootaa waggoota sadan darban keessa fooyyaa dhufuusaa qabxiin qormaata naannoo xumura barnoota Sad. 1ffaa kutaa 6ffaafi Xumura barnoota Sad. Giddu Galeessaa kutaa 8ffaa galmaa'e ragaa baheera. Qormaatni naannoo xumura barnoota  Sad. 1ffaa kutaa 6ffaa bara 2016 - 2018 kennamaa ture fooyya'insa bu'aa barachuu barattoota keenyaa agarsiisaa dhufeera. Haaluma kanaan, barattootni qabxii qormaataa 50%fi ol galmeessisuun kutaa 6ffaa irraa gara kutaa 7ffaa darban; ➡️bara barnootaa 2016  barattootni  81.6%, ➡️bara barnootaa 2017 barattootni  85.6%fi ➡️bara barnootaa 2018 immoo barattootni 89.9% kan darban yoo ta'u,  kunis kan bara 2017 kan bara 2016  irra fooyya'uun 4%n caalmaa kan agarsiise yoo ta'u,  kan bara 2018tis kan bara 2017 caalun 4.3% fooya'aa dhufeera. Haaluma walfakkaatuun, Qormaatni Naannoo Xumura Barnoota Sad. G/G Kutaa 8ffaas waggoota sadan darban keessa dhawaata dhawaataan fooyya'aa dhufuun fooyya'insa bu'aa barachuu barattootaa mirkaneesseera. Haaluma kanaan, barattootni kutaa 8ffaa bara walitti aanu sadi keessa qobxii darbiinsaa 50%fi ol galmeessisuun darban parsantiin dhihaateera. ➡️Bara 2016 barattootni 73.11% ➡️Bara 2017 barattootni 78.7%fi ➡️bara 2018 barattootni  86.4%  kan darban ta'uun beekameera. Walumaagalatti, haala qormaata darbuu barattoota kutaa 6ffaafi 8ffaa walitti fufiinsaan galmaa'aa jiruuf galatni guddaan kan barsiisotaafi hoggantoota manneen barnootaa yoo ta'u, hoggansa barnootaa sadarkaan jiru, maatiin barattootaafi Gumiin Tiraansifoormeeshinii Barnootaa(GTB) sadarkaan jiru barnootaaf xiyyeeffannoo kennuun deeggarsaafi hordoffii taasisaniin milkoofneerra. Kanaafuu, BBO'n qaama  abbaa/haadha milkii ta'an hunda galateeffateera. Galatoomaa! Dhumarratti, daandii milkaa'inaa har'a dhandhamachaa jirru kana sadarkaa hundattuu mirkaneessuufi sirneessuuf qindoominni keenya daran cimee akka itti dhaamsa biiroo keenyaati. Giraafii Fooyya'insa Qabxii Barattoota Kutaa 6 fi 8 (2016 - 2018) Qabxiin barattootaa Reemeediyaalii bara 2018 yeroo dhiyootti akkaa gadhiifaamuus dubaateeraa biriichii Obsaan egaadhaa @xurumbaamedia @xurumbaamedia

  • ​Madaa namaa fayyisuu yoo dhiisteyyuu, isa madaawe irratti soogidda hin firfirsin. ●Gaarummaan jecha xiqqoodha, garuu onnee caccabe ni supha. 🔸️​Always choose kindness; it speaks louder than words. @xurumbaamedia

  • 31 июл.1 55322

    Hammaa kanaattii ansee kan ifoomaa kan Reemeediyaaliittii sanaa bodaa kan barattoota kutaa 12ffaattii chanalaa kenyaa waliin garaa funduraatii Akkaa gadhiifamee dafee isiin haa gahuu yoo feetaan nutii dabalamaa 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇 @xurumbaamedia

  • Qabxiin Qormaata Kutaa 6ffaa Bara 2018 guutumaatti gadhiifamee jira. Naannoo Oromiyaatti Qormaatni Naannoo Xumura Barnoota Sad 1ffaa Kutaa 6ffaa Bara 2018 Waxabajjii  08- 09/2018 kennamee tura har'a qabxiin barattootaa guutummaa naanichaatti ifoomeera. Qabxiin darbiinsaas 50% fi isaa ol ta'uun murtaa'eera. Barattoota qormaata kana fudhatan barattoota dhiira 267,307 l, barattoota dubaraa 249,902 waliigala 517,209 ta'an keessaa barattootni dhiiraa 243,827 (91.2%) akkasumaas barattootni dubartootaa  221,012 (88.4%) waliigala barattootni 464,839  (89.9%) qabxii darbiinsaa 50% fi sanii ol galmeessisuun gara kutaa itti aanuutti kan darban tahuu biiroon barnoota Oromiyaa beeksisee jira. Haaluma kanaan qabxii ilaallachuuf Liinkii asii gaditti maxxanfame banuun;  Lakkoofsa Galmee keessan/Registration Number/ galchuun Itti aansuun Maqaa keessan kan jalqabaa galchuun qabxii keessan ilaallachuu ni dandeessu. Liinkii:-  https://oromia6.ministry.et 📡 MIIDIYAA @xurumbaamedia

  • #BEEKSISA ------------- Barattoota Qormaata #Kutaa_6ffaa_Bara_2018 Fudhatan Hundaaf. ---- BBO - Adoolessa 23/2018 Qabxiin Qormaata Naannoo Kutaa 6ffaa Bara 2018 Guyyaa Boruu, Adoolessa 24/2018 Waaree Dura Sa'aatii 4:00 - 6:00tti waan ifoomuf fuula FB fi chaanaalii telegraama keenyarratti akka hordoftan isin beeksifna. @xurumbaamedia

  • #NGAT #GAT Galmee qormaata NGAT Galmee qormaata NGAT taasisuuf karaa Telebirr kaffaltii raawwachuu waliin rakkoon mudatee ture kaleessa galgala irraa kaasee kan furame akka ta'e ibsameera. Yeroo ammaa kanatti tajaajilichi hojjechaa waan jiruuf kaffaltii raawwachuun galmee keessan taasisuu dandeessu. Galmeen qormaata seensa Digirii lammaffaa ykn NGAT hanga Sanbata ykn Adooleessa 25 bara 2018 tti qofaa kan turu ta'uu isaa Tajaajilli Madaallii Barnootaa fi Qormaataa ibsuun isaa ni yaadatama. Galmaa'uuf link armaan gadii fayyadamaa! 👇 https://ngat.ethernet.edu.et Qormaata kana fudhachuuf National ID Fayda dirqama barbaachisaadha! @xurumbaamedia @xurumbaamedia