tgindex
Oromoamedia Network (OMN)

Oromoamedia Network (OMN)

Статистика

OMN a reliable News channel

Последний пост
3 янв. 2025 г.
Последнее чтение
15 авг.
Постов за неделю
0
Всего постов
20
Тип
открытый
Язык
und
Категория
Новости и СМИ
В каталоге с
15 авг.
Подписчики
905
мало замеров
Замеров пока мало
Сутки
 
Неделя
 
Месяц
 
Просмотров на пост
1 732
20 постов
Вовлечённость
191,4%
к подписчикам
Постов в день
0,0
всего 20
Упоминаний
0
каналов
Охват размещения
оценка
1/24сутки в ленте
1/48двое суток
1/72трое суток

Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.

Посты

  • https://www.youtube.com/live/hTGPElgPW4o?si=tdkSK5qmeU-RKQBY

  • OMN Telegram channel, [2024-08-15 5:39 AM] Godina Arsii aanaalee garagara keessatti wal-waraansa Waraana mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo giddutti deemaa jiru hordofee hawaasni gaaga'ama hamaa keessa jiraachuu himan. Sakkattaa Waraana Bilisummaa Oromoo…

  • OMN Telegram channel, [2024-08-15 5:39 AM] Godina Arsii aanaalee garagara keessatti wal-waraansa Waraana mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo giddutti deemaa jiru hordofee hawaasni gaaga'ama hamaa keessa jiraachuu himan. Sakkattaa Waraana Bilisummaa Oromoo jedhuun Aanaalee Sirkaa fi Roobee Diida'aa keessatti haalli deemaa jiru baay'ee nu yaachisee jiraa jedhu jiraattonni aanaalee lamaan irraa OMNf yaada laatan. Aanaalee Godina Arsii heddu keessatti qabata hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo Waliin qabduu fi sakattaa WBO jechuun namoota nagaha ajjeesuu, reebuu, qabeenya ibiddaan gubanii barbadeessuu fi dararaa adda addaa irratti adeemsisuun akkuma itti fufetti jira jedhan. Hagayyaa 9 bara 2024 aanaa Sirkaa ganda Gallabee Amajaa bakka addaa Gaara Xiribbaa, Gaara Shakakkoo, Raasaa Burkutaa fi Raasa Dambal keessatti walitti bu'iinsa WBO fi Waraana mootummaatiin namoonni nagayaa ajjeefamaniiru jedhan. Manguddoo biyyaa kan umrii 75 ta'u Sheek Kamaloo Subii jedhaman humnoonni mootummaa ajjeesanii reeffi kaafamee akka hin awwaalamne guyyaa tokko oliif dhoorkaa ooluu jiraattonni himani jiru. Manguddoon kun nama hidhata siyaasaa hin qabneefi jaarsa biyyaa akkasuma immoo qonnaan bulaa cimaa oomisha gaarii oomishuun beekkaman ta'uu jiraattonni naannoo himaniiru. Ganda Biduu Baalaa jedhamu keessatti manneen namoota nagayaa 30 ol waraana mootummaatiin gubatee mancaafamuu jiraattota irraa dhageenye. Haaluma wal-fakkaatuu Godinichuma aanaa Roobee Diida'aa keessatti waraanni mootummaa sakatta'a WBO jedhuun bahaa fi gala hawaasa dhoorgaa jiraachuu maddeen OMNtti himan. Aanaa Roobee Diida'aa ganda Jenaa Gadamsaatti dargaggoo Ziyaad jedhamu hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo waliin qabda jechuun waraanni mootummaa ajjeesuu jiraattonni OMNtti himan. Kana malees ganda Jenaa Gadamsaa keessatti maqaa sakkattaa WBO jedhuutiin manneen jiraattotaa gara 50 ta'u qabeenya waliin ibiddaan gubanii barbadeessaniiru jedhan. Ummanni nagayaa qabeenyi irraa saamamee irraa manca'e daa'imman waliin yeroo roobaatiin haala rakkisaa keessa jirra jechuun himataa jiru. Dhimma kana irratti bulchaa Aanaa Sirkaa obbo Xaahir Amaan fi kan Roobee Diida'aa Obbo Balaay Gammadaa dubbisuuf itti bilbille bilbilli isaanii ni yaama garuu nurraa hin kaasan. Yoo isaan bilbila nurraa kaasan yaada isaan lameeniituu kan isin biraan geenyu ta'a. OMN Telegram channel, [2024-08-15 5:39 AM]

  • https://youtu.be/T_2eTp4CHnc?si=GA_85xsRpwe3q6ph

  • без подписи

  • без подписи

  • без подписи

  • без подписи

  • без подписи

  • የሰሜን አሜሪካ ኦሮሞ ማህበረሰብ አባላት እና ምሁራን ሐምሌ 26 ቀን 2016 በሚኒሶታ ግዛት በሚኒያፖሊስ ከተማ ጉባኤ ማደረጉን ገለፀ። በጉባኤው ላይ የኦሮሚያን፣ የኢትዮጵያን እና የአፍሪካ ቀንድን አሁናዊ ሁኔታ የዳሰሰ ሰፊ ውይይት ማድረጉን ገልጿል። ጉባኤው ከውይይቱ በኋላ የአቋም መግለጫ አውጥቷል። ጉባኤው በሀገሪቱ የተንሰራፋውን የፖለቲካ ቀውስ፣ የኢኮኖሚ ውድቀት፣ የፀጥታ አለመረጋጋት፣ የማህበራዊ ህይወት ስብራት እና በሀገሪቱ ክልሎች መካከል ያለው በግጭቶች የተሞላው ግንኙነትና በውጥረት ውሰጥ የገባውን ከጎረቤት ሀገራት ጋር ያለው ግንኙነት እንዲሁም የአለም አቀፍ የፖለቲካ ጉዳዮች ላይ በቀረቡ ሰፊ ትንተና ባዘሉ ጥናቶች ላይ በመወያየት ጥልቅ ግምገማ ማድረጉን አስታውቋል። ጉባኤው የኦሮሞን ህዝብ ጥቅም ማዕከል ያደረገ የመፍትሄ ሃሳብ በዝርዝር አስቀምጦ መሰረታዊ በሆኑ ጉዳዮች ላይ ስምምነት ላይ መደረሱንም አስረድቷል። ጉባኤው በደረሰባቸው ስምምነቶች እና ባስተላለፋቸው ውሳኔዎች ላይ በመመርኮዝ ባወጣው የአቋም መግለጫ፣ የኦሮሞ ህዝብ እና እንደ ኦሮሞ ሁሉ የተጨቆኑ በኢትዮጵያ ውስጥ ያሉ ብሄሮች ባደረጉት መራራ ትግል፤ በተለይም የኦሮሞ ወጣቶች ከ2007 እስከ 2011 ባደረጉት የህይወትና የአካል መሰዋዕትነት የተከፈለበት ትግል የታየው የለውጥ ጭላንጭል በሥልጣን ጥማት በሰከሩ እና የህዝብ ንብረት ዘረፋ በተሰማሩ ሀይሎች እጅ በመውደቁ ህዝባችንን ለሰቆቃና ለሰቃይ ተዳርጓል ብሏል። ሃገሪቱን ደግሞ የትርምስና የጦርነት ቀጠና እንድትሆን ማድረጉን ገልጿል። በወቅቱ ሥልጣን ለአብይ አህመድ የተሰጠው ኦሮሞና የሌሎች ብሄር ብሄረሰቦች ያነሷቸውን ጥያቄዎች ለመመለስና በህዝብ ወደ ተመረጠ መንግስት የሚደረገውን ሽግግር ስኬታማ ለማድረግ ነበር ብሏል የጉባኤው መግለጫ። ነገር ግን የኦሮሞን ጥያቄ ሙሉ በሙሉ ወደ ጎን በመተው የሥልጣን ጥማቱን ለማሟላት እንዲያስችለው በኦሮሞ ህዝብ ላይ ጦርነት አውጆ ኦሮሚያን የጦርነት አውድማ በማድረግ በኦሮም ህዝብ ላይ ጅምላ ግድያ፣ ንብረት ዘረፋ እና በሺዎች የሚቆጠሩ የኦሮሞ ተወላጆችን በማሰር ይቅር የማይባል ወንጀል መፈፀሙን ገልጿል። ዛሬ የኦሮሞ ጥያቄ ያለመመለስ ብቻ ሳይሆን፣ የኦሮሞ ህዝብ የነፃነት ትግል በ1983 ያስመዘገባቸው ፖለቲካዊ እና ታሪካዊ ድሎች እየተቀለበሱ ነው ያለው መግለጫው፣ የኦሮሞ ህዝብና ሌሎች የተጨቆኑ ብሄሮች በጋራ ያጡትን የራስን እድል በራስ የመወሰን መብት ለማስመለስ ለብዙ አመታት ያደረጉት ትግል ህገ መንግስታዊ መሰረት ያለው፣ አለም አቀፍ ህግ የሚፈቅደው እና የኦሮሞ ህዝብ ድጋፍ ያለው ነው ብሏል። የችግሩ ምንጭ የሆነው ጠቅላይ ሚኒስትር አብይ አህመድ እና ፓርቲያቸው የገነቡት ስርዓት ካልተወገደ ኦሮሚያ፣ ኢትዮጵያ እና የአፍሪካ ቀንድ ሰላምና መረጋጋት እንደማይመጣ የጋራ ግንዛቤ ላይ መደረሱን የጉባኤው መግለጫ አስረድቷል። የአብይ አምባገነናዊ አገዛዝ ለመዘርጋት ሲባል በኦሮሚያ የኦሮሞ ቀዬ ወደ ሀዘን ቤትነት ተቀይሯል ያለው መግለጫው፣ ሰዎች በየቀኑ ተገድለው በጫካ ውስጥ በወንዝ ዳርና በከተማ ድንበሮች እየተጣሉ የዱር አራዊት እራት መሆን የተለመደ ሆኗል ብሏል። ይህ ገደብ የለሽ የሰብአዊ መብት ጥሰት የሚቆመው ሰፊውን ህዝብ ያሳተፈ የነፃነት ትግል በማቀጣጠል እንደሆነ በአንድ ድምፅ መስማማቱን ገልጿል። የብልጽግና ፓርቲ የዘረጋው አገዛዝ ሰፊውን የኦሮሞ ህዝብ በጦርነት ከማሰቃየት አልፎ በረሃብም እየፈጀው ነው ብሏል።

  • без подписи

  • без подписи

  • Dhaabbanni mirga namoomaaf falmu Hiyuuman Raayit Waach “obboleessi Battee Urgeessaa ‘hatattamaan, haal-duree tokko malee’ akka gadhiifamu gaafate. Ajjeechaa siyaasaa qondaala Adda Bilisummaa Oromoo obbo Battee Urgeessaa booda to’annoo jala kan oolan obboleessi isaanii Miiloo Urgeessaa fi namoonni 11 biroo “haal duree tokko malee fi hatattamaan” akka gadi lakkifaman Hiyumaan Raayitis Waach (HRW) gaafate jira. Dhaabbata falmaa mirga namoomaa idil addunyaa kun baaseen, ajjeechaa Battee irratti qorannoo taasifamu keessa qaamoleen idil-addunyaa hirmaachuu akka qaban gaafatee jira. Hiyumaan Raayitis Waachitti Daayirektara Afrikaa kan ta’an Latishiyaa Baadar, "aanga'oonni Itoophiyaa obboleessa Battee fi kanneen biroo himannaa tokko malee hidhuun isaanii, mootummaan dhugaa jiru ifa baasuu caala dhugaan akka dhokatu ittisu irratti xiyyeeffachuu agarsiisa," jedhan. Hiyumaan Raayitis Waach akka ibsetti, manni murtii aanaa Maqii dhaddacha Waxabajjii 12 ooleen Miiloon akka gadhiifamu ajaja kan dabarse ta’uus, poolisiin ajaja mana murtii diduun ammallee hidhaa keessa tursiisaa jira. Namni dhimmichatti dhiyeenya qabu Hiyumaan Raayitis Waachitti akka himetti, “Qondaaltonni nageenyaa waa’ee isaa akka hin beekne, akka isaanin hin qabamne himu.” Abbaa ijoollee lama kan ta’e obboo Miiloo Urgeessaa baatilee darban keessa si’a baay’ee mana murtii dhiyaatee poolisiin yakka ittiin shakkame irratti ragaa dhiyeeffachuu waan hin dandeenyeef mana murtiidhaan bilisa jedhamuus poolisiin gadhiisuuf eeyyamamoo ta’uu dhiisuun mana hidhaa keessatti dararaa jira.

  • без подписи

  • Waldaan Hakiimota Oromiyaa uummata weerara dhibee addaa addaan lubbuu dhabaa jiraniif deggersi ogummaa hatattamaa akka taasifamu miseensota isaafi ogeeyyii fayyaaf waamicha taasise. Waldichi uummanni weerara dhibeewwan akka koleeraafi busaan miidhamaa jiraachuu miseensotaafi ogeeyyii fayyaaf ibse. Waldaan Hakiimota Oromiyaa ragaa dhiyeenya miseensota isaafi qooda fudhattoota biroo naannoo miidhaan ga'aa jiru irraa argateen  tarkaanfii hatattamaa fudhachuun barbaachisaa ta'uu argisiisa jedhe. Weerarri dhibeewwanii kun addatti naannoowwan waraanaan miidhaman Godinaalee Oromiyaa lixaatti argaman afur, Iluu Abbaaboor fi Jimma dabalatee miidhaa geessisaa jiraachuu ibse. Akkasumas Godina Gujii keessattis dhibeen koleeraa deebi'ee mul'achaa jira jedhe. Waldaan Hakiimota Oromiyaa sochii idilee isaatiin alatti  qooda fudhattoota waliin ta'uun rakkoolee fayyaa hatattamaa kana furuuf sochiitti jiraachuus  beeksiseera. Yeroofi bakka sochiin taasifamaa jiruufi  itti raawwatamu ilaalchisee qophii akka xumureen ibsa addaa akka kennus ibseera. Waldichi yeroo murteessaa kanatti miseensota isaafi ogeeyyii hawaasa isaanii tajaajiluuf fedhii fi kutannoo itti fufinsa qabu argisiisan galateeffateera. Weerara ittifamuu danda'u garuu lubbuu ilma namaa balleessu kana qolachuuf carraaqqiin keessan olaanaa dha jedhee jira.

  • без подписи

  • Hayyuun seenaa Piroofeesar Abbaas Nyamoo Oromoon hegeree isaa murteessuuf marii biyyaalessaa mootummaan Itoophiyaa adeemsisaa jiru fudhatama dhabsiisuu qaba jedhan. Piroofeesar Abbaas Nyamoo turtii OMN wajjiin mata dure "Hegeree Oromoo fi Oromiyaa” jedhuun taasisaniin ummanni Oromoo eenyummaa isaa fi biyya diiggumsa irraa tiksuuf marii biyyaalessaa qaamni biyya bulchu qofti qooda irraa fudhataa jiru kana fudhatama dhabsiisuu qaba jechuun himan. Mariin Biyyaalessaa mootummaan Itoophiyaa adeemsisaa jiru waraana mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu sabaaf sablammootaa irratti banamee fi sirna federaaliziimii sabootaa diiguuf aggaamameedha jechuun hayyoonni siyaasaa fi seenaa qeeqa bal'aa dhageesisuu itti fufanii jiru. Mootummaan Biltsiginnaa ilaalcha eenyummaa biyyaalessaa akka furmaata rakkoo Itoophiyaatti dhiyeessuun eenyummaa saboota balleessuuf hojjataa jira kan jedhan hayyoonni siyaasaa fi seenaa, kanaaf jalqaba heera mootummaa eenyummaa saboota jajjabeessuu balleessuu fi sirna federaaliziimii saboota dhabamsiisuuf hojjataa jira jedhan. Mariin Biyyaalessaa ammoo furtuu sirna federaalizimii ittiin diiganii fi heera mootummaa ittiin balleessaniidha jechuun ibsaa jiru. Hayyuun Seenaa OMN wajjiin turtii taasisan Piroofeesar Abbaas Nyamoo “Oromoon Hegeree isaa murteessuuf marii biyyaalessaa kana fudhatama dhabsiisuu akka qabu himan. Mariin Biyyaalessaa Itoophiyaa ulaagaa Dhaabbanni Mootummoota Tokkoomanii kaa'e kan hin guunnee fi aangoo sirna Biltsiginnaa qofa jabeessuuf kan fakkeefamaa jiruudha jedhan. Kaayyoon Marii kanaa Ummata Oromoo Guddaa fi Oromiyaa guddoo diiganii gara bulchiinsa xixiqqaa fi federaaliziimii teessuma lafaatti deebisuudha kan jedhan Piroofeesar Abbaas, ummanni Oromoo biyya isaa balaa kana irraa tiksuuf mirga hiree murteefannaa heerri mootummaa hayyametti dhimma bahuu danda'a jechuun eeran. Mootummaan kun marii kanaan sirna federaaliziimii diigee eenyummaa tokko jalatti bulaa yoo jedhe Oromoon gaafii isaa ganamaa biyya walabaa ijaarachutti deebi'uu qaba jedhan. Oromoo dinagdee, lafaa bal'aa fi ummata guddaa qaba waan ta'eef hiree isaa murteefachuuf wanti isa danqu hin jiru jechuun mootummaa isaa ijaarachuu danda'aa jedhan. Federaalimiizii sabootaa kun hojii irra yoo oole ummanni Oromoo gaafii gaafataa tureef deebii gahaa argachuu qaba, gaafiin abbaa biyyummaa deebii argachuu qaba, Afaan isaatiin akka barbaadetti fayyadamee hojjachuu qaba jechuun himan. Oromoon biyya san keessatti waan hundaan dhibbeentaa 60 qooddata kan jedhan Piroofeesar Abbaas Nyamoo, utubaan biyya sanii ummata Oromoo ta'u eeran. Ummanni Oromoo walgahee yoo federaalizimiin kun diiggame garamitti akka deemuu qabu mari'atuu qaba jedhan. OSFNA Ameerikaa keessatti hawaasa Oromootiin waggaa waggaan qophaa'u irratti hayyoonni Oromoo dhimma Hegeree Oromoo fi Oromiyaa irratti akka mari'ataniif hojjatamaa jira.

  • https://youtu.be/SwAY7wfKfFs?si=fG69s9LH0I4K8rHI

  • https://www.gofundme.com/f/ybt8h3-support-oromia-media-network

  • https://youtu.be/VIdCX-AraL8