tgindex
Al-risala-tube

Al-risala-tube

Статистика

..........╔╦╦═╦═╦═╗.....… Al-risala-tube - Gaarommina qalbii Inshaa'allaah🎙Da'awaalee fi ergaawwan miidiyaalee Islaamaa argattu. Alrisalatube.blogspot.com 📩 @qilqil_bot

Последний пост
15 мая
Последнее чтение
15 авг.
Постов за неделю
0
Всего постов
21
Тип
открытый
Язык
und
В каталоге с
13 авг.
Подписчики
3 694
−7 за 4 дн.
Сутки
−1
−0,03%
Неделя
 
Месяц
 
Просмотров на пост
2 539
21 постов
Вовлечённость
68,7%
к подписчикам
Постов в день
0,0
всего 21
Упоминаний
3
каналов
Охват размещения
оценка
1/24сутки в ленте
1/48двое суток
1/72трое суток

Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.

Посты

  • 15 мая2 1988

    без подписи

  • 16 мар.1 7891из risalaTube

    📜 #Leeylatul-qadr, carraa waggaatti yeroo tokko kana haa fayyadamnu. ℹ️Hubadhu Halkan Leeylatul-Qadrii waan bararu kan samii gubbaa barbaadamu kan mullatuu miti. Halkan Leeylatul Qadrii Malaaykaan Jibriilii wajjiin gadi buuti garuu waan ilmi namaa samii keeysa ol ilaalee arguu miti. Wanti Nurraa eeggamu Ibaadaa kudhanan boodaa kana itti jabaachuudha. #Salaata Fardii, Sunnaa Halkanii, Quraana, Zikrii,Du’aaii itti jabaachuudha. Namni tokko halkan Leylatul qadrii beekee ykn dhiiseef miti dubbiin, wanni barbaadamu guddoon Ibaadaatti cimuudha. #Namni halkan Leeylatul Qadrii hin beyne tokkos niyyatee halkan san dhaabbatee salaatuun, du’aa'iin, Qur'aanaan yoo dabarse Rabbiin badii isaa tan dabarte isaaf dhiisee, Ibaadaa baatii kuma 1000 olii isaaf ni galmeeysa. Yaa allaah nu waffaqi. ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩

  • 15 мар.1 1763

    #Hiikkaa Qur’aanaa Suuraa Al Qadr 🎙Sh/Rashaad ⏳ 1.5 MB 🎵 6:11 📜【BOQONNAA MURTEE】📜 ० بسم الله الرحمن الرحيم #Maqaa Rabbii Arrahmaan, Arrahiim ta'eenin (jalqaba) 1 ) إِنَّا أَنزَلْنَاهُ فِي لَيْلَةِ الْقَدْر ①#Nuti halkan murtii keessa isa(qur'aana) buufne.} 2) وَمَا أَدْرَاكَ مَا لَيْلَةُ الْقَدْرِ ②#halkan murtii maal akka ta'e maaltu si beeksise? } 3) لَيْلَةُ الْقَدْرِ خَيْرٌ مِّنْ أَلْفِ شَهْرٍ ③#halkan murtii ji'oota kuma irra caalti. 4) تَنَزَّلُ الْمَلائِكَةُ وَالرُّوحُ فِيهَا بِإِذْن ِ رَبِّهِم مِّن كُلِّ أَمْرٍ ④#Maleeykonnii fi Hafuurichi (Jibriil) isii keessa hayyama Gooftaa isaanitiin ajaja hunda irraa (qabatanii) bu'u.} 5) سَلامٌ هِيَ حَتَّى مَطْلَعِ الْفَجْرِ ⑤#isiin (halkan murtii) hanga ifti barii (fajriin) ba'utti nagaa taati (sheeyxaanni isii keessatti sharrii (miidhaa) dalaguu hin danda'u. } #Ji'oota kuma caalti: kana jechuun ibaadaan halkan sana keessa hojjatamu ibaadaa ji'oota kuma yookaan waggoota 83 ol hojjatamu irra caalmaa qaba jechuudha. rabbi nu haa milkeessu.

  • 15 мар.820из risalaTube

    #Fazzakir - 27/Ramadan : Yaadachiisota: Qabxiilee barbaachisoo tahan 📖 Qur'aanni halkan murtii( halkan leeylatal qadrii) keessa buufame jechuun: akkami? 1• Qur'aanni halkan leeylatul qadrii sana keessa yeroo jalqabaaf buufame. ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ 2• Qur'aanni kun waliigala/hunduma isaa loowhal-mahfuuz irraa fuudhamee halkan darajaa/gatii guddoo qabdu keessa samii lafatti gadi aantutti buufmee, achirraa hanga amata 23 keessatti ergamaa keenya muhaamad (salallaahu aleeyhi wa sallam) irratti xiqqo xiqqoon buufme. 【ﻭﻗﺎﻝ ﺍﺑﻦ ﻋﺒﺎﺱ (r.a) ﻭﺟﻤﺎﻋﺔ : ﺇﻧﻪ ﺃﻧﺰﻝ ﺇﻟﻰ ﺍﻟﺴﻤﺎﺀ ﺍﻟﺪﻧﻴﺎ ﻓﻲ ﺭﻣﻀﺎﻥ ﻓﻲ ﻟﻴﻠﺔ ﺍﻟﻘﺪﺭ، ﺇﻟﻰ ﺑﻴﺖ ﺍﻟﻌﺰﺓ ﺑﻴﺖ ﻓﻲ ﺍﻟﺴﻤﺎﺀ ﺍﻟﺪﻧﻴﺎ ﻳﻘﺎﻝ ﻟﻪ : ﺑﻴﺖ ﺍﻟﻌﺰﺓ، ﻭﻛﻞ ﺳﻤﺎﺀ ﻓﻴﻬﺎ ﺑﻴﺖ ﻟﻠﻤﻼﺋﻜﺔ ﻳﺘﻌﺒﺪﻭﻥ ﻓﻴﻪ، ﻭﺑﻴﺖ ﺍﻟﻌﺰﺓ ﺑﻴﺖ ﻓﻲ ﺍﻟﺴﻤﺎﺀ ﺍﻟﺪﻧﻴﺎ ﻳﺘﻌﺒﺪ ﻓﻴﻪ ﺍﻟﻤﻼﺋﻜﺔ،.......】 🖇Dabalataaf:-https://binbaz.org.sa/fatwas/15369/تفسير-قوله-تعالى-انا-انزلناه-في-ليلة-القدر اللهمَّ إنك عفوٌ تحبُّ العفوَ فاعفُ عني. #Yaa rabbii keenna ati irra namaaf dabraadha, irra namaaf dabruus jaallatta, irra nuu darbi.

  • 9 мар.1 0543из risalaTube

    #Fazzakir - 21/Ramadan : Yaadachiisota: Qabxiilee barbaachisoo tahan. #Leeylatul-qadr: carraa waggaatti halkan tokko. ℹ️Hubadhu Halkan Leeylatul-Qadrii waan bararu kan samii gubbaa barbaadamu kan mullatuu miti. Halkan Leeylatul Qadrii Malaaykaan Jibriilii wajjiin gadi buuti garuu waan ilmi namaa samii keeysa ol ilaalee arguu miti. Wanti Nurraa eeggamu Ibaadaa kudhanan boodaa kana itti jabaachuudha. #Salaata Fardii, Sunnaa Halkanii, Quraana, Zikrii,Du’aaii itti jabaachuudha. Namni tokko halkan Leylatul qadrii beekee ykn dhiiseef miti dubbiin, wanni barbaadamu guddoon Ibaadaatti cimuudha. #Namni halkan Leeylatul Qadrii hin beyne tokkos niyyatee halkan san dhaabbatee salaatuun, du’aa'iin, Qur'aanaan yoo dabarse Rabbiin badii isaa tan dabarte isaaf dhiisee, Ibaadaa baatii kuma 1000 olii isaaf ni galmeeysa. اللَّهُمَّ إِنَّكَ عَفُوٌّ تُحِبُّ الْعَفْوَ فَاعْفُ عَنَّا Yaa Rabbi, Ati Araaramaa dha, araarama jaallatta, nuufis araarami.

  • Ergaa Muhaadara Qeebaltii Ramadaanaaf Masjida Ansaar Ayyertena Muftii Dr. Jeylan Kadiirin dabaran keessa qabxiilee muraasa isiniif qooduu hamile.

  • 18 мая 2025 г.4 02313из risalaTube

    Dubbii hikmaa xiinxallaa barbaadu. ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ 💬 Hayyuun islaamaa tokko akki jedhe. "Dadhabbiin karaa rabbii keessatti dadhabde ni dabarti, ajriin isiidha ammoo siif ol kaayamti. Mi'aan yeroo dilii dalgduu ni kutti, adabbiin isiis oluma kaayamti. #Rabbii wajjiin tahi, waan biraa hin yaadin. Dukkana halkanii keessa harka kee isatti ol qabii, Yaa Rabbi kiyya jedhiin! Duniyaan zikrii tee malee hin toltu, Aakhiraanis Afwii keetiin malee, jannannis si arkuun malee hin bareeddu!" #Hoggaa wanni ati jireenya koo keessatti gammachuu naaf laata jettee yaaddu si jalaa bade, dhugoomsi wanni rabbiin sirraa balleesseef akka sababa dilii sitti hin taaneefi. Irra namaaf dabri, dhiifama namaaf godhi, Namaafis laaffisis! Dhimma Uumamatoota rabbuma isaan uumeef dhiisi! Nutiifi isaanis asirraa deemuuf jirra. Dalagaa keeyriidhaa, Hangam xiqqaattus hin tuffatinii toltuu hojjadhu; toltuu keysaa tan Jannata si galchita hin beytuu!" ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ Yeroon keysan Zikrii Rabbiitiin haa bareddu!!

  • #Fazzakir - 29/Ramadan : Yaadachiisota: Qabxiilee barbaachisoo tahan #Halkan 29ffaa har'aa kuni, Halkan Kaayyoo Guddaa niyyaa gaariin dabarsani, Isiin halkan Witrii(Qeenxee) Kurnaan boodaa keessaa kan irraa boodaati. #hayyuun islaamaa akki jedhan: "Dalagaa halkan kana keessaa Bareechaa(tolchaa); Halkan kana keessaa takkaa leeylatul qadrii Qunnamtu, yookiin immoo Dhuma ji'a keessanii keessatti Toltuu baay'ifattu" #Rabbiin keeyrii halkan kana keessaa nu haa waffaqu.

  • #Fazzakir - 27/Ramadan : Yaadachiisota: Qabxiilee barbaachisoo tahan 📖 Qur'aanni halkan murtii( halkan leeylatal qadrii) keessa buufame jechuun: akkami? 1• Qur'aanni halkan leeylatul qadrii sana keessa yeroo jalqabaaf buufame. ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ 2• Qur'aanni kun waliigala/hunduma isaa loowhal-mahfuuz irraa fuudhamee halkan darajaa/gatii guddoo qabdu keessa samii lafatti gadi aantutti buufmee, achirraa hanga amata 23 keessatti ergamaa keenya muhaamad (salallaahu aleeyhi wa sallam) irratti xiqqo xiqqoon buufme. 【ﻭﻗﺎﻝ ﺍﺑﻦ ﻋﺒﺎﺱ (r.a) ﻭﺟﻤﺎﻋﺔ : ﺇﻧﻪ ﺃﻧﺰﻝ ﺇﻟﻰ ﺍﻟﺴﻤﺎﺀ ﺍﻟﺪﻧﻴﺎ ﻓﻲ ﺭﻣﻀﺎﻥ ﻓﻲ ﻟﻴﻠﺔ ﺍﻟﻘﺪﺭ، ﺇﻟﻰ ﺑﻴﺖ ﺍﻟﻌﺰﺓ ﺑﻴﺖ ﻓﻲ ﺍﻟﺴﻤﺎﺀ ﺍﻟﺪﻧﻴﺎ ﻳﻘﺎﻝ ﻟﻪ : ﺑﻴﺖ ﺍﻟﻌﺰﺓ، ﻭﻛﻞ ﺳﻤﺎﺀ ﻓﻴﻬﺎ ﺑﻴﺖ ﻟﻠﻤﻼﺋﻜﺔ ﻳﺘﻌﺒﺪﻭﻥ ﻓﻴﻪ، ﻭﺑﻴﺖ ﺍﻟﻌﺰﺓ ﺑﻴﺖ ﻓﻲ ﺍﻟﺴﻤﺎﺀ ﺍﻟﺪﻧﻴﺎ ﻳﺘﻌﺒﺪ ﻓﻴﻪ ﺍﻟﻤﻼﺋﻜﺔ،.......】 🖇Dabalataaf:-https://binbaz.org.sa/fatwas/15369/تفسير-قوله-تعالى-انا-انزلناه-في-ليلة-القدر اللهمَّ إنك عفوٌ تحبُّ العفوَ فاعفُ عني. #Yaa rabbii keenna ati irra namaaf dabraadha, irra namaaf dabruus jaallatta, irra nuu darbi.

  • #Hiikkaa Qur’aanaa Suuraa Al Qadr 🎙Sh/Rashaad ⏳ 1.5 MB 🎵 6:11 📜【BOQONNAA MURTEE】📜 ० بسم الله الرحمن الرحيم #Maqaa Rabbii Arrahmaan, Arrahiim ta'eenin (jalqaba) 1 ) إِنَّا أَنزَلْنَاهُ فِي لَيْلَةِ الْقَدْر ①#Nuti halkan murtii keessa isa(qur'aana) buufne.} 2) وَمَا أَدْرَاكَ مَا لَيْلَةُ الْقَدْرِ ②#halkan murtii maal akka ta'e maaltu si beeksise? } 3) لَيْلَةُ الْقَدْرِ خَيْرٌ مِّنْ أَلْفِ شَهْرٍ ③#halkan murtii ji'oota kuma irra caalti. 4) تَنَزَّلُ الْمَلائِكَةُ وَالرُّوحُ فِيهَا بِإِذْن ِ رَبِّهِم مِّن كُلِّ أَمْرٍ ④#Maleeykonnii fi Hafuurichi (Jibriil) isii keessa hayyama Gooftaa isaanitiin ajaja hunda irraa (qabatanii) bu'u.} 5) سَلامٌ هِيَ حَتَّى مَطْلَعِ الْفَجْرِ ⑤#isiin (halkan murtii) hanga ifti barii (fajriin) ba'utti nagaa taati (sheeyxaanni isii keessatti sharrii (miidhaa) dalaguu hin danda'u. } #Ji'oota kuma caalti: kana jechuun ibaadaan halkan sana keessa hojjatamu ibaadaa ji'oota kuma yookaan waggoota 83 ol hojjatamu irra caalmaa qaba jechuudha. rabbi nu haa milkeessu.

  • #Fazzakir - 23/Ramadan : Yaadachiisota: Qabxiilee barbaachisoo tahan, #Eenyutu Leylatul Qadriin argata?! #Guyyaa sana beekuuf beekuu dhabuu miti dubbiin, Kurnan xumuuraa keeyritti cimuudha malee. Namni halkan san niyyaa tolfatee tattaafate kamuu badhaasa kana ni goonfata!  #Dhukkubsataan hospitaala siree gubbaa jirus, Imalaan imala irra jirus Namuu bakka jirutti halkan kana zikrii fii waan shari'aan hojjachuu isaaf hayyamte yoo hojjate ni argata! #Halkan kana maaltu dalagama :Salaata (Magribarraa qabee hanga subhiitti,salaata sunnaalees), Qur'aaana qara'uu, Zikrii heddummeessuu fi Sadaqaa kennachuu, wanta keyri jedhame, hundaa hanga danda'ameen godhuu dha! ☀Du'aa'ii halkan leeylatal qadrii jedhamtu☀ سألَتْهُ صلى اللهُ عليهِ وسلَّمَ عائشةُ رضي الله عنها : إنْ وافقتُها فبِمَ أدعو؟ قال قولي : اللهمَّ إنك عفوٌ تحبُّ العفوَ فاعفُ عني. 🏷Allaahumma innaka afuwwun, tu hibbu al-afwa fa'afu annii. #Yaa rabbii kiyya ati irra namaaf dabraadha, irra namaaf dabruus jaallatta, irra naa darbi.

  • #Fazzakir - 21/Ramadan : Yaadachiisota: Qabxiilee barbaachisoo tahan. #Leeylatul-qadr: carraa waggaatti halkan tokko. ℹ️Hubadhu Halkan Leeylatul-Qadrii waan bararu kan samii gubbaa barbaadamu kan mullatuu miti. Halkan Leeylatul Qadrii Malaaykaan Jibriilii wajjiin gadi buuti garuu waan ilmi namaa samii keeysa ol ilaalee arguu miti. Wanti Nurraa eeggamu Ibaadaa kudhanan boodaa kana itti jabaachuudha. #Salaata Fardii, Sunnaa Halkanii, Quraana, Zikrii,Du’aaii itti jabaachuudha. Namni tokko halkan Leylatul qadrii beekee ykn dhiiseef miti dubbiin, wanni barbaadamu guddoon Ibaadaatti cimuudha. #Namni halkan Leeylatul Qadrii hin beyne tokkos niyyatee halkan san dhaabbatee salaatuun, du’aa'iin, Qur'aanaan yoo dabarse Rabbiin badii isaa tan dabarte isaaf dhiisee, Ibaadaa baatii kuma 1000 olii isaaf ni galmeeysa. اللَّهُمَّ إِنَّكَ عَفُوٌّ تُحِبُّ الْعَفْوَ فَاعْفُ عَنَّا Yaa Rabbi, Ati Araaramaa dha, araarama jaallatta, nuufis araarami.

  • #Fazzakir - 20/Ramadan : Yaadachiisota: Qabxiilee barbaachisoo tahan. I’itikaafa: Hiikni isaa namni muslimaa kan sammuun guutuu qabu ibaadaa niyyatee masjiida keessa taa’u dha. Namichi I’itikaafa godhu hadasa guddaa irraa qulqulluu ta’uu qaba.  Namni I’itikaafa irra jiru yoo wanti irraa hafuu hin dandeenye kan akka nyaataa, mana fincaanii seenuu, dhiqannaa waajibaatif ta’e malee masjiida irraa ba’uu hin qabu. Yoo dhimma cimaaf malee masjiidarraa ba’ee fi qunnamtii saalaa godhe I’itikaafni isaa ni bada. I’itikaafni yeroo hunda sunnaadha; Ramadaana keessaa garuu irra jabaata. Guyyoota kurnan dhumaa ammoo akkaan jabaata. Yeroon isaa kan irra xiqqaa sa’aatii tokko. Garuu halkan tokkoo fi guyyaa tokkorraa gadi hirdhifamuudhabuun isaa jaallatamaadha. Dubartiin hayyama abbaa warraa isiitin ala I’itikaafa gochuu hin qabdu. Namni I’itikaafa irra jiru ibaada fi ajaja Rabbii raawwachuu irratti sardamuu qaba. Wantoota “halaala” ta’an baay’isuu dhiisu fi waan faaydaa homaatuu hin qabne irraa fagaachuu qaba.

  • #Fazzakir - 14/Ramadan : Yaadachiisota: Qabxiilee barbaachisoo tahan. Mindaa Aalimaatii fi caalmaa isaa : Sadarkaan beekaa fi nama beekumsaan ala Rabbiin gabbaruu akka sadarkaa ani nama gadi aanaa keessan irratti qabuuti. Ergamaan Rabbii (s a.w) ergasii akkana jedhan: «Rabbiin, maleeykonni Isaati fi warreen samiiwwanii fi dachii hundi hanga mixii boolla isii keessa jirtuun ba’utti, qurxummiinillee utuu hin hafin hunduu nama kheeyrii namoota barsiisuuf du’aa’ii godhu.» Rabbiin sodaatanii waan tokko dhiisuu : Ati Rabbiin sodaattee waan tokko yoo dhiifte, Rabbiin (subhaanahu wa ta'aalaa) waan sana caalu siif kenna.»

  • 11 мар. 2025 г.2 5715из risalaTube

    #Sujuuda Tilaawaa/Sajadaa. #sajdaan, Qur'aana keessa iddoo 15 jira. Isiin sujuuduun sunnaadha. #Sajadaan gosa lama #Gosti tokko kan Rabbiin waa'ee sujuuda Umamtootaa isaa dimshaashaafi kophaan ibsuudha, kanaaf ammoo namni qara'aa jiru kunis isaanitti fakkaachuuf jecha sujuuda gochuu qaba. #Fkn: ‏( ﻭَﻟِﻠَّﻪِ ﻳَﺴﺠُﺪُ ﻣَﻦ ﻓِﻲ ﺍﻟﺴَّﻤﺎﻭﺍﺕِ ﻭَﺍﻷَﺭﺽ #Gosti lammaffaa ammoo Aayaata Akka Rabbiif sujuudan ajajjuudha, Namni qara'u kunis Rabbii isaatiif ajajameera jechuun sujuuda. #Fkn: ( ﻳَﺎ ﺃَﻳُّﻬَﺎ ﺍﻟَّﺬِﻳﻦَ ﺁﻣَﻨُﻮﺍ ﺍﺭْﻛَﻌُﻮﺍ ﻭَﺍﺳْﺠُﺪُﻭﺍ #Hoggaa imaamni salaata keessa sajadaa bu'e, namni duubaan itti hidhatee salaatu sunis imaamicha hordofuu qaba. #Yoo kan imaamni salaata keessa sujuuda tilaawaa/sajadaa bu'e, namni itti hidhatee salaatu sun ammoo rukuu'a sehee bu'e, hogguma imaamni "Allaahu akbar" jedhu dhagahe. maal gochuu qaba? #iddoma jiru irraa imaamticha hordofuu qaba, yoo rukuu'a irra ture ol deebi'ee bakkuma imaamni jiruu itti fufuu qaba, sujuuda sahwii wanni bu'uufis hin jiru. Maddi keenya. 1🔗, 2🔗

  • #Fazzakir - 8/Ramadan : Yaadachiisota: Qabxiilee barbaachisoo tahan. Nama Rabbiif Jedhee akka si jaallatu siif ibseen waan jettu. Anas(r.a) irraa akka gabaafametti, namni tokko nabiyyii(s.a.w) wajjin odoo taa’uu namni biraa tokko isaan bira qaxxaamure, Yoos namni nabiyyii(s.a.w) bira jiru sun ‘yaa ergamaa Rabbii (s.a.w)! Ani nama kana ni jaaladha’ jedheen. Nabiyyiinis(s.a.w) “itti himtettaa?” jennaaniin. ‘Lakki’ jedheen. ‘Itti himi’ jedhaniin. Dhaqqabee ‘ani Rabbiif jechan si jaalladha’ jennaan. Innis ‘Inni ati Isaaf jecha na jaallatte sun si haa jaallatu’ jedheen.

  • Sadarkaa fi Naamuusa Guyyaa Jum'aadhaa. Qopheessaan Dhaabbata Zaad TV Hiikaan Afaan Oromootti Al-risala-tube. 🎥 Video gabaabdu kana irraa argattu. ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ 📹1:32 🔗 6.4 MB Telegram | YouTube | Facebook | Tiktok 🌍 https://alrisalatube.blogspot.com

  • #Fazzakir - 6/Ramadan : Yaadachiisota: Qabxiilee barbaachisoo tahan. Yeroo obboleessi kee kan muslimaa haxxifate : “Tokkoon keessan yeroo haxxifate ‘Alhamdu Lillaah’ (faarun kan Rabbiiti) haa jedhu. Obboleessi ykn hiriyyaan isaa ammoo ‘yarhamukaAllaah’ (Rabbiin rahmata siif haa godhu) haa jedhuun. Yoo inni ‘yarhamuka Allaah’ jedheen, haxxifataan deebisee ‘yahdiikumullaahu wayuslihu baalakum’ (Rabbiin isin haa qajeechu; haala keessanis haa tolchu) haa jedhuun. Yoo kaafirri haxxifatee ‘Alhamdu Lillaah’ jedhe ‘yahdiikumullaah’ (Rabbi isin haa qajeelchu) jedhiin malee ‘yarhamuka Allaah’ (Rabbi rahmata siif haa godhu) hin jedhiniin.

  • #Fazzakir - 5/Ramadan : Yaadachiisota: Qabxiilee barbaachisoo tahan. Rabbiif jedhanii masjiidota ijaaruu: Namni masjiida ijaare, odoo akka mannee amallee ta’ee, Rabbiin jannata keessatti mana isaaf ijaara. Arjoomuu: “Guyyaa gabrichi bariisifatu hunda keessa maleeykonni lama bu’anii tokko ‘yaa Allaah! Nama arjoomeef bakka buusi’ jedha. Inni tokkommoo ‘yaa Allaah! Nama dhorgate jalaa balleessi’ jedha. Sadaqaa: “Sadaqaan qabeenya irraa hin hirdhistu; Rabbiinis gabrichaaf dhiifama gochuu isaatiinjabina malee homaa hin dabalu. Namni tokko Rabbiif gadi yoo uf qabe, Rabbiin ol isa kaasu malee hin hafu.»

  • #Fazzakir - 4/Ramadan : Yaadachiisota: Qabxiilee barbaachisoo tahan. 1 - Qaanfii : Saalfiin kheeyrii malee hin fidu.” “Saalfiin iimaana irraayi.” “Waa afur sunnaawwan ergamtootaa keessatti ramadamu. Isaanis: saalfii, shittoo dibachuu, ilkaan rigachuu fi nikaaha hidhachuudha." 2- Nagaan jalqabuu : “Namni tokko gara nabiyyii(s.a.w) dhufee ‘assalaamu aleeykum’ jedhe. Nabiyyiin(s.a.w)‘kudhan’ jedhan. Ergasii kan biraa dhufee ‘assalaamu aleeykum warahmatullaah’ jedhe. Nabiyyiin (s.a.w) ‘digdama’ jedhan. Achii booda kan biraa dhufee ‘assalaamu aleeykum warahmatullaahi wabarakaatuhuu’ jedhe. Nabiyyiinis(s.a.w)‘soddoma’ jedhan. Kana jechuun ‘toltuu hangas argata’ jechuudha. 3- Yeroo wal argan harka wal fuudhuu : “Muslimoonni lama wal arganii yoo harka wal fuudhan addaan ba’uu isaanii dura araara argatan malee hin hafan.”