ABC News Afaan Oromoo
СтатистикаBaga Nagaan Dhuftan!! Welcome to ABC News Afaan Oromoo!!
- Последний пост
- 20:47
- Последнее чтение
- 15 авг.
- Постов за неделю
- 172
- Всего постов
- 245
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- Категория
- Новости и СМИ
- В каталоге с
- 13 авг.
- 1/24сутки в ленте
- 442
- 1/48двое суток
- 506
- 1/72трое суток
- 546
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
Imala Itiyoophiyaa, miseensa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa ta'uuf... Finfinnee, Hagayya 12, 2018 (FMC) - Itiyoophiyaan miseensa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa (WTO) ta'uuf marii taasisaa jirtu milkaa'inaan xumuruuf fooyya'iinsa hedduu fi hojiiwwan marii garaagaraa geggeessaa jirti. Ministirri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasaahun Goofee akka ibsanitti, mariin miseensummaa Itiyoophiyaa waggoota 23 ol fudhate, bara 2026 keessa akka xumuruuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira. Itiyoophiyaan adeemsa miseensummaa ishee ilaalchisee biyyoota garaagaraa waliin marii taasisaa turte. Har'as garee marii mootummaa Yunaayitid Kiingdam waliin carraa gabaa miseensummaa irratti mariin biyyoota lamaanii Finfinneetti eegaleera. Mariicha irratti adeemsa kana keessatti hojiiwwan ijoo hojjetaman ilaalchisee miseensota garee mariichaaf ibsi kennamuun ibsameera. Dooktar Kaasaahun yeroo kanatti tumsa itti fufiinsa qabu Yuunaayitid Kiingdam adeemsa miseensummaa Itiyoophiyaa irratti taasisaa jirtuuf galateeffataniiru. Itiyoophiyaan, dhiyeessiin gabaa ijaarsaa fi furmaata irratti xiyyeeffate fi fedhii misoomaa isheen walgitu gaafachaa turuun ibsameera. Hanga ammaattis biyyoota 11 waliin marii xumurteetti. Waltajjiin kun guyyoota lamaaf kan turu yoo ta'u, mariin Yunaayitid Kiingdam waliin taasifamu waliigaltee ifatti mallatteessuu kan dandeessisu bu'aa gaarii akka argamsiisu abdatama. Kunis adeemsa Itiyoophiyaan miseensa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa ta'uuf geggeessaa jirtu daran akka saffisiisu odeeffannoon ministeerichaa ni mul'isa. Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @drhoneliat12em💌
без подписи
без подписи
без подписи
Paarkii Araadaa carraa hojii fi tuurizimii guddisuuf gahee olaanaa qaba - Kantiibaa Adaanech Abeebee Finfinnee, Hagayya 12, 2018 (FMC) — Paarkiin Araadaa magaalaa Finfinnee keessatti ijaarame carraa hojii uumuu fi tuurizimii guddisuuf gahee olaanaa qaba jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee. Kantiibaa Adaanech Abeebee ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti barreessaniin, Paarkiin Araadaa kennaa magaalaan Finfinnee hawaasaaf walqixxummaan dhiyeessite ta'uu ibsaniiru. Paarkichi kutaalee hawaasaa hunda karaa hammatuun bilisaan kan dhiyaate, bakka tajaajila waliinii ta'uu ibsaniiru. Paarkichi lammiilee hedduuf carraa hojii bal'aa uumuu fi tuurizimii guddisuun dinagdee waliigalaa keessatti gahee olaanaa kan qabu ta'uu Kantiibaa Adaanech ibsaniiru. Hawaasni yeroo isaa maatii fi hiriyoota waliin Paarkii Araadaa bareedaa kana keessatti haala gaariin akka dabarsuunis hawaasa affeeraniiru. Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @drhoneliat12em💌
без подписи
без подписи
без подписи
без подписи
без подписи
без подписи
Roodriin Baarseloonaatti makame Finfinnee, Hagayya 12, 2018 (FMC) — Taphataan sarara gidduu lammiin Ispeen Roodriigoo Heernaandez, Roodrii jedhamuun beekamu, Baarsaloonaatti makameera. Roodriin waggoota torba Maanshester Siitii keessatti dabarseen, Shaampiyoons Liigii Awurooppaa tokkoo fi waancaa Priimarii Liigii Ingilizii afur dabalatee, waancaa hedduu kilabicha waliin mo'ateera. Badhaasa Baaloon Do'orii kan mo'ate Roodriin, waliigaltee Baarsaloonaa waliin hanga bara 2030tti isa tursiisu mallatteesseera. Duraan Viyaariyaal, Atileetikoo Maadriidii fi Maanshester Siitii keessa kan taphate taphataan kun, leenjisaa Baarsaloonaa Haansii Filiikii jalatti humna milkaa'inaa dabalataa ta'a jedhamee eegama. Abeel Niwaayiin Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @drhoneliat12em💌
Marichi dhaloota dhufuuf Itiyoophiyaa fooyyofte ijaaruuf carraa uuma - hirmaattota marichaa Finfinnee, Hagayya 12, 2018 (FMC) - Yaa'iin marii biyyoolessaa wal-dhabdee mariidhaan furuun, Itiyoophiyaa fooyya'iinsa qabdu ijaaranii dhalootaaf dabarsuuf carraa guddaa uuma jedhan hirmaattonni marichaa. Hirmaattonni akka jedhanitti, mariin kun adeemsa hirmaattota 10 irraa kaasee hanga kuna 4tti , mari'attoonni kutaalee hawaasaa adda addaa irraa bakka bu'an bilisaan yaada isaanii akka dhiyeessan carraa uumeera. Hirmaattuun marii kanaa Alamtsahaay Asaffaa akka jedhanitti, maricha keessatti hirmaataan dhuunfaa hundi bilisaan yaada isaa akka dhiyeessu taasifameera. Akkasumas adeemsi isaa gadi irraa kaasee bifa gurmaa'een sadarkaa hirmaannaa adda addaa dabarsee gaggeeffamaa jiraachuu eeran. Miidiyaalee hawaasaa irratti "murteen ni murtaa'a, hirmaattota irratti dhiibbaan ni taasifama" jedhamee ololli tamsa'aa ture dhugaa irraa fagaachuu cimsitanii hubachiisaniiru. Hirmaataan biraa Chuunkeed Deevid gama isaaniin, adeemsa marii kana keessatti hirmaattonni bilisaan yaada isaanii akka dhiyeessan carraan uumamuu ibsaniiru. Yaadonni marii irratti ka'an wal-hubannaa biyyoolessaa mirkaneessuufi biyya badhaate dhalootaaf dabarsuuf murteessaa ta'uu ibsaniiru. Mariin biyyaalessaa kun rakkoolee gad-fageenya qaban mariidhaan furuuf carraa guddaa ta'uu kan ibsan immoo hirmaataa biraa Adam Mahaammad. Rakkoolee kana humnaan furuuf yaaliin taasifame Itiyoophiyaa akka miidhaanture eeranii; marichi garuu dhaloota dhufuuf Itiyoophiyaa fooyya'iinsa qabdu ijaaruuf carraa akka kennu dubbatan. Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @drhoneliat12em💌
без подписи
без подписи
без подписи
Inistiitiyuutichi tumsa seektera barnootaa keessatti qabu cimsee itti fufa Finfinnee, Hagayya 12,2018(FMC) - Inistiitiyuutiin Teeknooloojii Bishaanii Federaalaa magaalaa Shaashamanneetti barattootaaf meeshaalee barnootaa Birrii miliyoona 1 fi kuma 500 olitti shallagamu barattootaaf gumaacheera. ' Inistiitiyuutichi damee bishaaniin humna namaa leenjisuu fi qorannoo gaggeessuu cinatti, hojii tajaajila lammummaas xiyyeeffannoon hojjataa jiraachuu Hoji-gegeessaan Inistiitiyuutichaa Dooktar Taammanee Haayiluu ibsaniiru. Akka ibsa isaaniitti, deeggarsi meeshaalee barnootaa kun damee barnootaa tumsuu kan kaayyeffateedha. Inistiitiyuutichi Mana Barnootaa Bu'uura Boruu Birrii miliyoona 100 oliin ijaaruufis dhagaa bu'uuraa kaa'eera. Kantiibaa itti aanaan Magaalichaa Dooktar Firaa'ol Hundeessaa gama isaaniin, magaalattiitti tajaajila lammummaatiin hojiiwwan gosa adda addaa 64 Birrii biliyoona 1.4 oliin hojjetamaa jiru. Mana harka qalleeyyii ijaaruun, arjoomni dhiigaa, ijaarsi daree barnootaa dabalataa, deggersi meeshaalee barnootaa hojiiwwan tajaajila kanaan hojjetamuuf karoorfaman keessaati. Hojjattoonni Inistiitiyuutichaa jiraattoota magaalichaa waliin ta'uun biqiltuu Ashaaraa Magariisaas dhaabaniiruu. Lammaa Tasfaayeetu gabaase Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @drhoneliat12em💌
без подписи
без подписи
без подписи