Abjuu Egeree
СтатистикаJireenyi abjuu hin qabne hiika hin qabu. Abjuun kaartaa jireenyaati, sammuu keetiif fakkii dhumaa kenna. Abjuun ibidda jijjiramaa si keessatti qabsiisa. Jireenyi ati jiraachuu barbaaddu duraan dursee sammuu kee keessatti dhalachuu qaba. Kf Abjuu qabaadhu!
- Последний пост
- 13 авг.
- Последнее чтение
- 13 авг.
- Постов за неделю
- 2
- Всего постов
- 22
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- В каталоге с
- 13 авг.
- 1/24сутки в ленте
- 17
- 1/48двое суток
- 19
- 1/72трое суток
- 21
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
без подписи
без подписи
без подписи
🔸Bot Kun Habesha Farmer l jedhama. 🔰Nama affeeruu fi task hojjechuun kaffala 🔸Task 1 yoo hojjettan birrii 25 kenna 🔰Nama 1 yoo affeertan birrii 2 argattu 💸 Kaffaltii keessan karaalee gadiitiin fudhachuu dandeessu 🔸Telebirr 🔸CBE 🔸Binance 🔗 Eegaluuf 👉 https://t.me/Habesha_farmerbot?start=5204557115 https://t.me/AmuTechn https://t.me/AmuTechn
💲 Qarshii karaa online hojjechuu warri barbaaddan qofaaf Yoo Telegram irratti Active taatan guyyaatti Qarshii 500+ hojjettanii karaa Telebirr yookaan karaa CBE Withdraw goochuu dandeessu. Step kana sirnaan hordofaa 1️⃣ Bot kanaa gaditti argitan Start godhaa https://t.me/Fana_Ads_bot?start=6dda1192 2️⃣ Channel warra siniif dhufan tokko tokkoon Join goochuun Verify membership kan jedhu tuqaa 3️⃣ Yoo channel qabaattaniifi kaayyoon keessan qarshii argachuu ta'e I want to Earn Money kan jedhu tuqaa. 4️⃣ Bilbila keessan Verify Godhaa. 5️⃣ Channel yoo qabaattan My channels jala seenuun Add godhachuu dandeessu. https://t.me/Fana_Ads_bot?start=6dda1192 ✅ Step kanneen sirnaan yoo xumuurtan akka xumuurtaniin Qarshii 1 ETB akka bonus tti siniif kennama. 👱 Nama tokko yeroo affeertan Qarshii 1 ETB siniif laatama.✅ https://t.me/Fana_Ads_bot?start=6dda1192 🔗https://t.me/AmuTechn ⭐ 🔗https://t.me/AmuTechn ⭐
Airdrop haaraa 67 jedhama Airdrop gatii guddaa baasu jedhamee eegamaa jira. Hundeessaan Telegram @monk hojii kana duuba jiru. Booda gaabbuu irra amma hojjechuu yoo jalqabdan isiniif wayya. Jalqabuuf👇 https://telegram.me/sixsevenclub_bot/app?startapp=ref_26e83b11 https://t.me/AmuTechn https://t.me/AmuTechn
Wantoota #Shan(5) #Jireenya Fi #Ilaalcha Keenya Jijjiiruu Danda'an! ✓1.Waan hunda namootatti himuu dhiisi! •Namoonni baay'een dhimma kee hin qaban, gariin immoo dhoksaan akka ati kuftu barbaadu. Kanaaf waan hunda namootatti himuu dhiisi. ✓2.Hiriyyoota kee ogummaadhan filadhu. •Karaan saffisaan ittin fooyya'uu dandeessu namoota fooyya'oo ta'aniin of marsuudha. Kanaaf hiriyyoota Kee ogummaan filadhu! ✓3.Waan dandeessu hunda gochuu fi adeemsa isaa amanachuu. •Hamma cimtee hojjettu carraa argatta.Kanaaf wanta dandeenyu Itti amannee ciminaan you hojjanne carraa hedduu qabatee nuuf dhufuu danda'a. ✓4.Namoota biroo osoo hin taane of too'adhu! •Of too'achuun humna dhugaatii.Kanaaf waa'ee nama biraa dhiisnee dursa of too'achuu irratti haa xiyyeeffannu! ✓5.Dhimma Sin ilaalle irratti deebii kennuu dhiisuu baradhu! • Dhimmoota akka dhuunfatti nuun ilaalle hedduutu jira!Kanaaf wantoota akkanaa irratti yeroo keenya balleessu irra dhimma nu ilaallatuu irratti hojjachuun filannoo sirriidha. https://t.me/AbjuuEgeree https://t.me/AbjuuEgeree ♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤
#Dubbistan_malee_hin_darbiinaa! 😰 Seenaa kana irraa waa hubattu jedheen yaada. Dubartii wahiitu saree tokkotti Daa'imaa Ishii itti kennachaa turte. sarichiis Daa'imaa ishii iraa fuudhee qabaafii ture! Sana booda saricha amanuu irraa kan ka'e guyyaa tokko Daa'ima Itti dhiistee lafaa fagoo biraa deemte. Yeroo ishiin galtu lafti marti dhiiga ta'uu argitee sarichis siree jalaa yoo itti gadi bahu afaan isaa martii dhiiga ta'uu isaa argitee of wallaalte. Sana booda dubartiin tun Sareen kuni Daa'ima kiyya nyaatee fixe jettee sarichaa reebdee lubbuu isaa baafte! Lubbuu sarichaa erga baafteen booda yeroo ishiin siree dhiigaa duubaa naannoftu Daa'imni ishii achi duubaatti taphataa jira . achii booda siree dhiigaa kanaa jalaa yoo ishiin ilaaltu bofatu achii jala jira! Sareen ammoo lubbuu Daa'ima tanaa baraaruuf jecha bofaan waal fixanii dhiigaan lafa ballessan. Garuu sarichi lubbuu daa'imaa baraaree lubbuu isaa dhabe! Namoonii yeroo hedduu osoo waa hin hubatiin waa balleessuuf ariifatu Baay'eetu jira . Kanafuu obsaan waa addaan bafachuun barbachisaadhaa. Dafnee waa balleessuu irraa of haa qusannuun ergaa kooti. https://t.me/AbjuuEgeree https://t.me/AbjuuEgeree ♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤
1. Gola Oromiyaa 🔗@GolaOromiyaaa 2. Kana Beektuu 🔗@KanaBeektuul 3. Madda Seenaa 🔗@Maddaseenaa 4. Kitaabilee Xinsammuu 🔗@KitaabileeXinsammuu 5. Qoraasuma Media 🔗@QoraasumaMedia1 6. Furtuu Kaayyoo 🔗@Furtuukaayyoo 7. Abjuu Egeree 🔗@AbjuuEgeree 8. Jecha Beektotaa 🔗@JechaBeektota 9. Afoola Oromoo 🔗@AfoolaOromooAO 10. Asoosama Afaan Oromoo 🔗@AsoosamaAO 11. Ergaa Jaalalaa 🔗@Ergajaalalaa
Faayidaa kitaaba dubbisuu keessaa 10'n 1. Sammuu kee banuuf Kitaabni yaada haaraa si barsiisa. Akkuma nyaanni qaamaaf barbaachisu, kitaabni ammoo sammuu kee guddisa. 2. Jechoota haaraa baruuf Dubbisuu yoo jalqabde, haasa’uun kee ni fooyya’a. Namoonni si dhaggeeffachuu jalqabu. 3. Yaada gadi fageenyaan yaaduuf Kitaabni akka wanta tokko irratti gadi fageenyaan yaaddu si barsiisa, osoo hin ariifatin murtee kennu akka dandeessu si taasisa. 4. Ofitti amanamummaa dabaluuf Beekumsi humna siif kenna. Yoo dubbiftee waan haaraa bartu ofitti amanamummaan kee ni guddata. 5. Dhiphina xiqqeessa Yeroo dubbistu, yaanni kee ni taasgabbaa'a. Stress ni hir’ata. 6. Yaada kee too'achuuf Kitaaba dubbisuun sammuu kee leenjisa. Akkuma qaama leenjiftu, sammuu kees ni leenjifta. 7. Namoota milkaa’oo irraa barachuuf Kitaabni gara muuxannoo namoota milkaa’ootti si geessa 8. Kaayyoo ifa godha Dubbisuun jireenya kee irratti ifa siif kenna—maal gochuu akka qabdu si hubachiisa. 9. Hojii uumuuf si kakaasa Kitaabni yaada (idea) siif kenna. Idea → hojii → galii. 10. Jireenya kee jijjiira Namni dubbisu nama kaleessaa miti. Guyyaa guyyaan jijjiiramaa deema https://t.me/AbjuuEgeree https://t.me/AbjuuEgeree ♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤
Saayikooloojiin Amala Nama Bakka Gurguddaa Sadiitti Qoodee Kaa'a. 1.Passive_person( Suutee) ✓ Namni kun yeroo hundaa moo’amaadha, waan namni jedhe hunda tole jedhee fudhata, waan isaaf ta’u adda baasee hin beeku, waanuma hiriyaan isaa/ishee gootu ilaalee godha. ✓Ofitti amanamummaa hin qabu, waanuma sirrii dhiisi kun sirrii miti yoo jette ni dhiisa. ✓Namni akkasii kun jireenyi isaa kufaadha. 2.Aggressive_person (Ofittoo) ✓Namni akkasii immoo Kan Koo malee jechuu baay’isa, yaada nama biraa qooddatu,ni dheekkama, lafuma fayyaa si dhaanuu, ooduu, barbaada ija diimeffata. ✓Namni kun ija jabinaan dorgooma hin qabu. ✓Ana malee, of tuula, ana malee namni hin jiru jedha, sin kabaju, qoma dhiibee deema dhimma kee hin qabu. ✓Hiriyaa akkasii sirraa haa qabu malee guyyaa adii qullaa si hambisa. ✓Hanga ati sagalee qabdu qofa si kabajaa Irraa isin haa baraaruu!!!!!! 3.Nama sammuu banaa qabu (open minded person), ✓Yaada nama biraa giddu galeessa godhee fudhata, waan isaaf ta’u adda baasee keessaa gadi fageessee fudhata, yaada isa ijaaruuf isa diigu beeka. ✓Namni akkasii kun yaada namoota biroo fudhachuuf sammuunsaa qophaa’aadha. ✓Ilaalcha madaalawaa qaba, siin hin mormu, erga yaada kee hubatee si amansiisuuf ragaadhaan deeggaree yaadasaa dhiyeeffata. ✓Yeroo hunda ilaalcha qajeelaa qaba, nama hundaaf gaarii yaada, ilaalcha naannummaa, gandummaa, sanyummaa fi lagummaa of keessaa hin qabu, haasa’aan isaa ogummaan kan guutameedha. ✓Fageessee yaada, fageessee tarkaanfata, hamma dubbatuun ol hojjeta, odeessuurra hojiidhaan agarsiisuu filata. ✓Namni sirriin isa kana. Ati kam keessa jirta? https://t.me/AbjuuEgeree https://t.me/AbjuuEgeree ♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤
Jechoota wareegamtoota Oromoo muraasa 1. ''Namni seenaasaa hin beekne bishaan gabateerraati, gara argetti jallata'' Ebbisaa Addunyaa 2. ''Gabrummaarra duuti bilisummaadha'' Elemoo Qilxuu 3. ''Qawwee dandeenyu haa tolfannu, qabeenya qabnuun haa bitannu, dadhabnu diina keenyarraa haa hiikkannu'' Jaarraa Abbaa Gadaa 4. ''Uummanni Oromoo barachuu qaba; lammiin barate ammoo mirgasaaf falmata'' Jeneraal Taaddasaa Birruu 5. ''Gabrummaa dandeennu hiddaan biqqifna, dadhabnu ilma itti guddifna'' Waaqoo Guutuu 6. ''Duutii koo du'a gootaati. Dhiigni kiyyaa dhiiga bilaash dhangala'e miti. Dhiiga saba kiyya bilisoomsuuf dhangala'ee dha'' Maammoo Mazammir 7. ''Ofumaa dhamaatu malee ana rasaasni na hin danda'u'' Agarii Tulluu https://t.me/Maddaseenaa https://t.me/Maddaseenaa
𝗝𝗘𝗖𝗛𝗢𝗢𝗧𝗔 𝗕𝗘𝗘𝗞𝗧𝗢𝗧𝗔𝗔 ====================================== 1. “Dargaggeessi har’aa hogganaa boruuti; of qopheessi!” — Nelson Mandela 2. “Abjuun kee guddaa haa ta’u; yaaliin kee hin dhaabbatin.” — Barack Obama 3. “Yoo of amante, wanti hin danda’amne hin jiru.” — Muhammad Ali 4. “Kufaatiin dhuma miti; jalqaba barnootaa ti.” — Winston Churchill 5. “Hojii kee jaaladhu; milkaa’inni si hordofa.” — Steve Jobs 6. “Rakkoon si mudatu si cimsuuf dhufe malee si cabsuuf miti.” — Nelson Mandela 7. “Yeroo amma fayyadami; yeroo darbe hin deebitu.” — Benjamin Franklin 8.“Yaaliin tokko milkaa’inaaf tarkaanfii jalqabaa dha.” — Thomas Edison 9. “Dargaggeessi of amane addunyaa jijjiira.” — Napoleon Bonaparte 10. “Hojii jabaan carraa uuma.” — Thomas Edison 11.“Namni of hin jijjiirre jireenya isaa hin fooyyessu.” — Albert Einstein 12.“Abjuu kee hordofi; namni biraa si hin bakka bu’u.” — Tony Robbins 13.“Dargaggeessi yeroo isaa sirnaan fayyadamu mootummaa boruu ijaara.” — Haile Selassie 14. “Gammachuun hojii gaarii irraa dhalata.” — Mahatma Gandhi 15. “Milkaa’inni kufaatii keessaa dhalata.” — Winston Churchill 16. “Ofitti amanamummaan furtuu milkaa’inaa ti.” — Ralph Waldo Emerson 17. “Dargaggeessi hojii jalqabe hin sodaatu.” — Bill Gates 18.“Yoo yaadde ni dandeessa; yoo dandeesse ni milkoofta.” — Henry Ford 19. “Yeroo hunda of fooyyessi; bor si galateeffata.” — Confucius 20.“Rakkoon carraa keessa qaba; ilaaliitii fayyadami.” — John F. Kennedy 21 “Dargaggeessi hojii isaatti jabaate mootummaa ijaara.” — Haile Selassie 22.“Jireenya kee jijjiiruuf, yaada kee jalqaba jijjiiri.” — Albert Einstein 23. “Abjuun kee yoo si sodaachise, sirriitti guddaa dha.” — Steve Jobs 24. “Dargaggeessi of irratti hojjatu mootummaa isaa ijaara.” — Nelson Mandela 25. “Hojii jalqabuu qofatu gara milkaa’inaatti si geessa.” — Mark Zuckerberg https://t.me/JechaBeektota https://t.me/JechaBeektota
📌 #Beekamtii_Beekumsa_Malee_Dhufu! 📌 Beekamtiin waan gaarii dha. Namni beekamu ni kabajama, ni jaallatama, ni dhagahama. Garuu… beekamtiin beekumsa malee yoo dhufe hoo? 🤭 Har’a yeroo miidiyaan hawaasaa akka Facebook, TikTok fi YouTube babal’ate kana keessatti, namni beekamaa ta’uun salphateera. Garuu beekamaa ta’uun qofti gahaa miti; beekumsa, naamusa fi itti gaafatamummaa waliin deemuu qaba. 🔎 Beekamtiin beekumsa malee dhufu: * yeroo gabaabaa keessatti ni calaqqisa, * yeroo dheeraan booda garuu baduu danda’a. * Namni beekumsa malee beekamu, yaada hin madaalle tamsaasa. * Itti gaafatamummaa isaa hin beeku. 🌱 Beekumsa waliin yoo dhufe garuu: * Beekamtiin bu’uura cimaa qabaata. * Hawaasaaf fakkeenya ta’a. * Dhalootaaf bu’aa waaraa dhiisa. Kanaaf, beekamuu qofaaf hin ariifatin. ✍️ Of ijaaruu irratti hojjadhu. ✍️ Baradhu. ✍️ Of sirreessi. 👉 Yoo beekamtiin dhufu, beekumsa kee irratti haa hundoofu. ✨ Beekamtiin dhugaa, kan beekumsa irratti ijaarame, yoomiyyuu hin badu. #Beekamtii #Beekumsa #GorsaJireenyaa #YaadaGaarii https://t.me/AbjuuEgeree https://t.me/AbjuuEgeree ♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤
𝗚𝗼𝗿𝘀𝗮 𝗗𝗵𝗮𝗺a 𝗤𝗮𝗯u🌅 ================== 1, Qorumsi kan sitti baay'atuuf; Dadhabina kee mul'isuufi miti. hammam akka cimaa taate mul'isa. 2, Namni maaliif akka du'u hin beeyne maaliif akka jiraatus hin beeku. 3, Karaa si baasu hin beektu taanan imala hin eegalin. 4, Nama Gammachiisuuf jettee gammachuu kee hin dhabin. 5, Nama guddaa ta'uuf yaada xiqqaafi, Nama yaada xiqqaa irraa fagaadhu. 6, Dubartootni yeroo hedduu dhiira cal'isu jaallatu; Sababni yeroo mara waan isaan dhaggeeffatu itti fakkaata.!!! 7, Beekaa ta'uun humna siif kenna. Amala gaarii qabaachuun kabaja siif kenna. 8, Dhugaa keessa kee jiru himuu dandeessa ta'a,Garuu akka si amanuu gochuun ni ulfaata. 9, Namni baratee kitaaba hin dubbisneefi namni kitaaba dubbisuu hin dandeenye wal hin caalu. 10, Bakkuma jirtu dhaabbattee bakka gahuu barbaaddu hawwuun gowwummaadha. 11, Moo'ataa kan si taasisu Baay'ina deeggartootaa osoo hin taane; Yaadaafi ofitti amanamummaa ati qabduudha. Galatoomaa !❤ https://t.me/AbjuuEgeree https://t.me/AbjuuEgeree ♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤
#Namoota_Qarodhabeeyyiifi_Arba Yeroo tokko, ganda tasgabbaa’aa tokko keessatti, namoonni jaamaa(Qaroo dhabeeyyii) ja’a gara Arbaatti geeffaman.Hundi isaanii harka isaanii diriirsanii tokkoon tokkoon isaanii qaama adda addaa Arba sanaa tuqan. Tokko miila isaa tuqe: ✨“Oh! Kun cimaa fi jabaa dha — akka utubaa fakkaata.” Kan biraan eegee isaa tuqe: ✨“Lakki, lakki! kun akka funyoo fakkaata.” jedhe Sadaffaan afaan isaa qabate: ✨“Isin lamaan dogoggortan — kun akka bofaati.” jedhe Kan biraan gurra isaa tuqee: ✨“Dhugumaan, kun akka faanii yookaan afarsituu fakkaata.” jedhe Tokko garaa isaa tuttuqe: ✨“Kun akka keenyaani(Girgiddaa) fakkaata.” jedhe. Kan dhumaa ilkaan isaa tuqe: ✨“Sirriifi qara — akka eeboo fakkaata!” jedhe Yeroo muraasa booda tokkoon tokkoon isaanii “dhugaa” isaanii wal itti falmaa turan. Sagaleen falmii isaanii ol ka’e, obsi isaanii bade. Namni ogeessi tokko, sagalee isaanii dhaga’ee itti dhufe waan isaan irratti waldhaban isaan gaafate. Akkas jedhees deebii isaanii deebiseef: “Tokkoon tokkoon keessan sirrii dha, garuu hundi keessan dogoggora. Sababni isaa, tokkoon tokkoon keessan kutaa qaama qofa tuqxani. Guutuu isaa hin argine.” ittiin jedhe. Tasa callisni bakka sana guute. Namoonni jaamaan mataa isaanii gad qabatan. Callisaa sana keessatti hubatan. Dhugaan bal’aa dha, hubannoon keenya garuu xiqqaa dha. 🕊 Barumsa jireenyaa: Jireenya keessatti yeroo baay’ee akkuma namoota jaamaa(Qaroo dhabeeyyii) sanaa taana. Ilaalcha keenya xiqqaa irratti wal falmaa,suuraa guddaa daganna.Murtii kennuun dura dhaabannee of gaafachuu qabna. “Kutaa kamiin ani hin argine?” 🌸 Xiinxala: Namni hundi jireenya karaa gara garaan ilaala. Ilaalcha kee qofa mirkaneessuuf hin falmin. Guutuu hubachuuf yaali. Yeroo kutaaleen walitti makaman qofa, Ogummaan ni mul’ata. https://t.me/AbjuuEgeree https://t.me/AbjuuEgeree ♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤
📌Jireenya kee keessatti moo’achu yoo barbaadde amaloota kanniin of barsiisi✌️ AMALOOTA NAMOOTA MO'ATOO TORBAn (7n) * 1. Kufaatii isaanii dhoksuuf hin dhama'an, akka barumsa argatanitti yaadu. 2. Abdii hin kutani. Yoo kufan ka'uu akka danda'an beeku. 3. Waan gaarii fi cimina ofii isaanii fi kan nama biraa arguu danda'u. Hir'inaa isaaniirratti malee hir'ina namaa irratti hin xiyyeeffatan. Waan qabanii fi waan danda'anirratti xiyyeeffatu. 4. Namoota (hiriyyoota) gaarii ta'an naannoo isaaniitii qabaatu. Hiriyyoota kaayyoo, ergama fi ilaalchaan waltumsuu danda'an of biraa qabu. 5. Waa'ee doggoggora darbee deddeebi'anii yaadanii of hin dhiphisan, garuu irraa baratu. 6. Yeroo kaayyoof jedhanii miidhamni dhiphinni, rakkiinni irra ga'u waan isaan miidhe caalaa waan miidhama sana keessaa argatan yaadu. 7. Murtoo murteessuuf dudduuba hin deebi'an. Murtoon jireenya keessatti barbaachisaadha, namoonni mo'atoon ni murteessu. https://t.me/AbjuuEgeree https://t.me/AbjuuEgeree ♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤
MUL'ATA QABADHUU MUL'ATA KEE DHUGOOMSUUF HOJJEDHU!. Abdii Kutannaa keessa ba'ii!. Namtichi 'FORD MOTOR COMPANY' dhaabe #Henry_Ford jedhama. Erga guddatee hojii suphiinsa konkolaataa baratee booda gargaaraa ta'ee waggaa dheeraaf hojjete. Ta'us haga umuriinsaa 40 guututti hojiin isaa kun harkaa gara afaaniirra kan hin dabarre ture. 'Mekaanikii' ta'ee jireenya gadadummaa haa jiraatu malee mullata bira gahuuf hojjeta ture. Booda umuriisaa 40n bara 1906tti meeshaalee konkolaataa walitti funaanee konkolaataa ofiin hojjete. Bara 1907tti 'Ford Motor Company' hundeesse. Itti fufee gatii gadi bu'aadhaan konkolaataa gabaatti dhìheessuu fi hojjettoota isaatiif tajaajila garaagaraa dhiheessuun tooftaa biizinasii uummate. Innis 'fordism culture' jedhama. Haala kanaan waggoota 25 gidduutti 'Automotive industry' keessatti adda duree ta'e. Hardhas Ford Company niin harka dhala dhalasaatii keessa jira (Ford Family). 'at this time, total net Worth of Henry Ford estimated as, more than 200 Billion US DollNamtichi 'FORD MOTOR COMPANY' dhaabe #Henry_Ford jedhama. Erga guddatee hojii suphiinsa konkolaataa baratee booda gargaaraa ta'ee waggaa dheeraaf hojjete. Ta'us haga umuriinsaa 40 guututti hojiin isaa kun harkaa gara afaaniirra kan hin dabarre ture. 'Mekaanikii' ta'ee jireenya gadadummaa haa jiraatu malee mullata bira gahuuf hojjeta ture. Booda umuriisaa 40n bara 1906tti meeshaalee konkolaataa walitti funaanee konkolaataa ofiin hojjete. Bara 1907tti 'Ford Motor Company' hundeesse. Itti fufee gatii gadi bu'aadhaan konkolaataa gabaatti dhìheessuu fi hojjettoota isaatiif tajaajila garaagaraa dhiheessuun tooftaa biizinasii uummate. Innis 'fordism culture' jedhama. Haala kanaan waggoota 25 gidduutti 'Automotive industry' keessatti adda duree ta'e. Hardhas Ford Company niin harka dhala dhalasaatii keessa jira (Ford Family). 'at this time, total net Worth of Henry Ford estimated as, more than 200 Billion US Dollar' Abdii kutannaan eenyummaa guddoo tokko dhoksa. Abdii hin kutin, mullata qabaadhu! https://t.me/AbjuuEgeree https://t.me/AbjuuEgeree ♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤
MUL’ATA KEE DHUGOOMSUUF GATII BAASUU QABDA! ➥ Guyyaa tokko dargageessi tokko namicha beekamaa Giriikii Sooqiraaxas jedhamu bira dhaqe. Akkuma beekamu Sooqiraaxas seenaa Giriikii keessatti nama beekamaa fi hojii isaan fiixaan ba’iinsa qabudha. Dargaggeessichis akkamitti akka sooqiraaxas nama fiixaan ba’iinsa guddaa argatee fi beekamuu danda’e gaafate. ➲ Sooqiraaxasis dargaggeessichaan dhoksaa fiixaan ba’iinsa koo sitti himuu nan danda’a jedheen. Sana booda dargaggeessicha fuudhee naannoo laga ta’eetti isaa geesse. Lagicha bira yeroo ga’anitti amma dhoksaa fiixaan ba’iinsa koon si agarsiisa waan ta’eef, sirriitti na caqasi ittiin jedhe. Dargaggeesichis tole jedheen. ➲ Sooqiraaxas mataa dargaggeessichaa qabee bishaan keessa seensise. Humnaan bishaanichuma keessatti osoo dargaggeesichi keessaa ba’uuf wixxifatuu daqiiqaa muraasa bishaanuma sana keessatti qabee dhaabbate. ➲ Dhuma irratti erga dargaggeessicha gad dhiisee gaaffii tokko isa gaafate. Amma yeroo morma kee oliin bishaan keessa daqiiqaa ta’eef turte; maal hawwaa turtee jedheen. Dargaggeessichis hafuura guddaa baafachaa, humnaa olitti wanti ani hawwaa ture yoomuman ba’ee qilleensa argadha jedheen hawwaa ture jedhee deebiseef. Sana Sooqiraaxasis dhoksaan fiixaan ba’iinsa koos kanuma ittiin jedhe. Dargaggeessichis maal jechuudha jedhee gaafate. ➲ Akkuma yeroo bishaan keessa turte amma hawwii guddaan qilleensa argachuuf hawwaa turte, fiixaan ba’iinsas yeroo hundumaa akkasitti yoo hawwite bira ga’uuf wixxifatte jedheen. ➲ Gatiin nuti mul’ata keenyaaf baasnu galma ga’iinsa mul’ata keenyaaf murteessaadha. Ammatti gatiin isinirraa barbaadamu Obsa qabaachuudha Naamusa gaarii qabaachuudhaa Sodaa fi Shakkii Irraa bilisa ta'uudha Abdii fi kutannoo keessa kee jiru kunuunfachuudha https://t.me/AbjuuEgeree https://t.me/AbjuuEgeree ♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤
MAALIFAN DUBBISAA? ▬▬▬▬▬▬▬▬ ✧ Barachuuf, guddachuuf, kolfuuf, dadammaquuf nan dubbisa. ✧ Wantan hin beekne hubachuuf nan dubbisa. ✧ Dadhabbiin yommuu natti dhaga'amuu fi sodaadhu, jabina argachuuf akka na gargaaru nan dubbisa. ✧ Addunyaa kana hundatti yommuun mufadhu, nan dubbisa. ✧ Wanti hundinuu yommuu naaf mijatu nan dubbisa. ✧ Abdii barbaaduuf nan dubbisa. ✧ Jechoonni, barreeffamoonni yaada koo fi waan onnee koo keessa dhokate ni mul'isu. ✧ Jechoonni jiraatoodha. Lubbuu qabu. Yommuun seenaa jaalalaa argadhu irra deddeebi'ee nan dubbisa. ✧ Dubbisuun anaaf hiriyaa koo waliin yeroo dabarsuu dha. ✧ Kitaabni hiriyaa dha. ✧ Nyaanni sammuu dubbisa Dubbisuu dha. https://t.me/AbjuuEgeree https://t.me/AbjuuEgeree ♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤