Madda Seenaa
СтатистикаSeenaa Hedduu barsiisoo ta'an ni argattu. Join Gochuun Channel keessan guddifadhaa. 🔰"Seenaa rirmi hin nyaatu".🔰
- Последний пост
- 13 авг.
- Последнее чтение
- 13 авг.
- Постов за неделю
- 4
- Всего постов
- 21
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- В каталоге с
- 13 авг.
- 1/24сутки в ленте
- 62
- 1/48двое суток
- 71
- 1/72трое суток
- 76
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
видео или голосовое, без подписи
видео или голосовое, без подписи
видео или голосовое, без подписи
🔸Bot Kun Habesha Farmer l jedhama. 🔰Nama affeeruu fi task hojjechuun kaffala 🔸Task 1 yoo hojjettan birrii 25 kenna 🔰Nama 1 yoo affeertan birrii 2 argattu 💸 Kaffaltii keessan karaalee gadiitiin fudhachuu dandeessu 🔸Telebirr 🔸CBE 🔸Binance 🔗 Eegaluuf 👉 https://t.me/Habesha_farmerbot?start=5204557115 https://t.me/AmuTechn https://t.me/AmuTechn
💲 Qarshii karaa online hojjechuu warri barbaaddan qofaaf Yoo Telegram irratti Active taatan guyyaatti Qarshii 500+ hojjettanii karaa Telebirr yookaan karaa CBE Withdraw goochuu dandeessu. Step kana sirnaan hordofaa 1️⃣ Bot kanaa gaditti argitan Start godhaa https://t.me/Fana_Ads_bot?start=6dda1192 2️⃣ Channel warra siniif dhufan tokko tokkoon Join goochuun Verify membership kan jedhu tuqaa 3️⃣ Yoo channel qabaattaniifi kaayyoon keessan qarshii argachuu ta'e I want to Earn Money kan jedhu tuqaa. 4️⃣ Bilbila keessan Verify Godhaa. 5️⃣ Channel yoo qabaattan My channels jala seenuun Add godhachuu dandeessu. https://t.me/Fana_Ads_bot?start=6dda1192 ✅ Step kanneen sirnaan yoo xumuurtan akka xumuurtaniin Qarshii 1 ETB akka bonus tti siniif kennama. 👱 Nama tokko yeroo affeertan Qarshii 1 ETB siniif laatama.✅ https://t.me/Fana_Ads_bot?start=6dda1192 🔗https://t.me/AmuTechn ⭐ 🔗https://t.me/AmuTechn ⭐
Airdrop haaraa 67 jedhama Airdrop gatii guddaa baasu jedhamee eegamaa jira. Hundeessaan Telegram @monk hojii kana duuba jiru. Booda gaabbuu irra amma hojjechuu yoo jalqabdan isiniif wayya. Jalqabuuf👇 https://telegram.me/sixsevenclub_bot/app?startapp=ref_26e83b11 https://t.me/AmuTechn https://t.me/AmuTechn
NICHOLAS TESLA Gaafa 𝑟𝑒𝑚𝑜𝑡𝑒'dhaan bakkuma jirtu teessee Tv irraa waan feete jijjiirrattu argannoo isaa fayyadamaa jirta. ✵Gaafa 𝑠𝑤𝑖𝑡𝑐ℎ fayyadamtee ibsaa bantus argannoon isaa keessa jira. ✵Ogeessonni fayyaa dhukkubsattoota gaafa raajii kaasan (x-ray) argannoo isaa fayyadamu. ✵Sagale-guddiftuu, raadiyoo fi bilbilakee dabalatee, waan 𝑤𝑖𝑟𝑒𝑙𝑒𝑠𝑠'dhaan daddarbu kamuu gaafa fayyadamtu argannoo isaa fayyadamaa jirta. Tesilaan wantoota nuti jireenya keenya guyya-guyyaa keessatti itti fayyadamnu argannoolee dhibbootaan lakka'aman qaba. Garuu nama oolmaa haga kanaa addunyaadhaaf oole kanaaf bakki kenname faallaadha. Bara 1884 yeroo hojii argannoo isaaf bilchaatetti Toomaas Ediisan biratti qacaramee ture. Ta'us garuu yeroo muraasa booda waliif galuu hin dandeenye. Ediisan karaa daddarbiinsa kaarentii irratti DC wayya yoo jedhu, Teslaan ammoo argannoosaa kan ta'e AC filate. DC'n wantoota akka tirikkaafaa irratti nu fayyada. AC'n garuu fageenya dheeraa deemuu kan danda'uu fi warshaalee humna ibsaa guddaa gaafataniif kan fayyaduudha. Wal morkiin kun isaan gidduutti yoo ka'u, Ediisan beekamtii guddaa waan qabuuf AC'n miidhaa fiduu akka danda'u agarsiisuuf arbi ibsaadhaan qabamee akka du'u godhee Tv'dhaan mul'isee ture; gama baay'eedhaanis irratti duule. Ummatis kanaaf isa balaaleffatanii turan. (Har'a addunyaan kan isheen fayyadamaa jirtu garuu caalmaatti AC'dha). Tesilaan ilaalcha siyaasaa yeroo sana turerraa adda ta'e waan qabuuf kara mootummaa hacuucamaa ture; miiltoo wajjin hojjetu irraas qarshii guddaa haalamee ture; laaboraatoriin isaas boodarra jalaa waan gubateef argannoo baay'ee dhabe. Yaadotni argannoo isaa yeroo hatamanittis, "wanti guddaan argannoon dhala namaa fayyadu hojjetamuu isaati" jedhee dhiisaa ture. Nama kallattii jireenya isaa hundumaan gufuun itti baay'ate ture. Xalayaa yeroo tokko haadha isaatiif barreesse irratti, "Waggaa hamma kanaa dhala namaa gargaaruuf hojii an hojjedhe galata hin arganne; arrabsoo fi tuffatamuu qofan buufadhe." Jedhee ture. Tesilaan yaada kalaqoota hedduudhaaf qabu baay'ee hojiitti hiikuuf danqamee, suuraa irraa akka mul'atutti waan nyaatullee hamma dhabuttis hiyyoomee bara 1943 qofaasaa hoteela keessatti du'ee argame. Argannoolee silaa har'a addunyaa kana fayyadan baay'eetu sammuu Tesilaa duukaa awwaalaman. Yeroo sanatti dhiibbatamee haala nama gaddisiisuun du'us, har'a maqaansaa ol ka'ee haasa'ama. Waggaatti yeroo tokko jaalattootni isaa addunyaarra jiran baay'een guyyaa dhaloota isaa ni kabajuuf. Abbaa qabeenyaa 1'ffaa kan ta'e Iloon Maski illee maqaa dhaabbata isaa guddicha 'Teslaa' jedhee yaadannoo isaaf moggaase. Gaarummaan osoo bifa qabaattee Tesilaa fakkaatti. Gufuu fi rakkoo heddu keessa darbanis, kaayyoo fi yaada ofiitti amanamanii itti fufuun murteessaa dha; bu’aan isaa yeroo booda mul’achuu danda’a. Galatoomaa 🥰 ➡️@Maddaseenaa ⭐ ➡️@Maddaseenaa ⭐
видео или голосовое, без подписи
видео или голосовое, без подписи
wuu itti fufuu malee Dargii isa nama hacuucu akka hin fudhanne ifoomsan. Shoora Dargiin Warraaqsa Itoophiyaa too'achuu keessatti tabachuu qabu irratti garaagarummaa hadhaawaa qabaataniyyuu, MEISON fi EPRP "sagantaa walfakkaatu baasan". Akka Ottaways, kan mormii kana ijaan arge jedhutti, "Itoophiyaanonni hedduun, warrumti baratanillee hubachuu hin dandeenye". Ottaways akka jedhanitti: Beektonni Itoophiyaa hunduu Maarkisizim-Leeninizimii keessa of galchuuf dirqaman. Barreessitoonni kun pirofeesaroota yuunivarsiitii kan mormii siyaasaa kanaan baayyee jaanja'anii fi hubachuuf jecha kitaabota duriii hedduu dubbisani arganiiru. Barattoonni yuunivarsiitii waggaa sadaffaa fi afraffaa barruu Addis Zamanirra jiranii fi paamfiletii dhoksaan maxxanfaman hiikanii nuu kennan garuu mormiin dhaabota siyaasaa adda addaa gidduu jiru maal akka ta'e hubachuu akka hin dandeenye dubbatu. Hoggantoonni hojii hiikaa Ejensii Oduu Itoophiyaa keessatti hojjatan hiikaa dhaamsota mootummaa kan tiyoorin guuttaman kan Biiroo Siyaasaarraa dhufan akka hin hubanne dubbatu. Haala kana keessatti, Hayilee Fidaa walitti hidhata Dargii wajjin qabu cimse. Hagayya 1975, Hayileen Sisaay Haptee kan Koree Dhimma Siyaasaa Dargii ture wajjiin rakkoo Eertiraa keessa jirurratti biyyoota Arabaa ja'a wajjin mari'achuuf bobba'e. Jechaan kan wal moo'uu dadhaban mormitoonni kun gara tarkaanfii humnaatti ce'an. Namni jalqaba tarkaanfin irratti fudhatame Tiyoodor Baqqalaa yoo ta'u gaafa Gurraandhala 25 1977 ajjeefame. Tiyoodor Baqqalaa miseensa MEISON fi hogganaa Tokkummaa Hojjattoota Guutuu-Itoophiyaa ture. Kun jalqaba Goolii Diimaa ture, yeroo kanas namoonni dhibbatamatti lakkaawwaman yoo du'an moo'amuu EPRPtin xumurame. Namoonni goolii kana jalaa ba'an Finfinneedhaa gara Tulluu Asiimbatti baqatan. EPRP baqatuyyuu, haalli jiru Hayilee Fidaafis ta'ee MEISONf hin fooyyofne. Adoolessa 10 1976, fonqolchi Mangistuu aangorraa buusuf godhame fashale, Sisaay Haptee guyyaa sadi'i booda gargaartotasaa 17 wajjin ajjeefame. Kana booda dhuma bara 1976 keessa, mormiin Mangistuu fi MEISON gidduutti uummame. Kana booda Mangistuun miseensota MEISON kan mootummaa keessa jiran aangoorraa kaasuu jalqabe. Filannoo ministerotaa Bitootessa 11 1977 godhamerratti MEISON aangoo tokkoyyuu odoo hin argatin waan hafeef haalli jiru ittuu hammaate. Waxabajjii 14 hoggansi POMOA MEISONirraa fudhatame. Hayilee Fidaa fi miseensonni MEISON tarkaanfin itti aanu hamaa akka ta'u waan baraniif dafanii tarkaanfii fudhatan: Hagayya 19 hoggantoonni MEISON 19 fi kaadiroonni 500 ta'an ifatti socho'uu dhiisanii lafa jala socho'uutti geeddaran; Finfinneedhaa baqatanii gara baadiyyaatti baqatan. Mangistuun haasaa guyyaa shan booda godherratti MEISON balaleffate. Hagayya 26 Hayilee Fidaa fi hoggantoonni MEISON kaan naannoo Finfinneetti qabamanii Gibbii durii kan biiroon Dargii keessa jiru keessatti hidhaman. Hoggantoonni MEISON baayyen dhukaasa humnoota Dargii fi isaan gidduutti godhameen du'an. Nagadee Goobazee qofatu gara Yamanitti baqatee lubbuun hafe. Hayilee Fidaa mana hidhaa keessatti yeroo dheeraaf hanga dhumarratti ajjeefamutti haala hamaa keessa jiraachaa ture. Haalii ajjeechaasaa ifa miti, garuu Andaargachoo Xurunash Hayileen erga hidhamee waggaa lama booda, bara 1979tti ajjeefame jedhe. Hayileen dura ta'aa Tokkummaa Barattoota Itoophiyaa kan Yuurooppi ture. https://t.me/Maddaseenaa https://t.me/Maddaseenaa
Seenaa Duubaa Hayilee Fidaa Wallagga keessa magaalaa Arjootti dhalatee Naqamtetti guddate. Hayileen barnoota sadarkaa tokkoffaa Mana Barumsaa Arjootti yoo baratu sadarkaa giddu galeessa (kutaa 5-8) ammoo Naqamtetti mana barumsaa yeroo sana Mana Barumsaa Sadarkaa Lammaffaa Hayila Sillaasee I jedhamutti barate. Barnootasaa ittuma fufuun, sadarkaa lammaffaa Finfinneettii Mana Barumsa Jeneraal Wiingeetitti barate qaphxii olaanadhaan xumure. Kana booda barsiisaa ta'ee qacaramuun Dadaritti waggaa tokko barsiisaa ture. Bara 1961tti, Hayileen Yuunivarsiitii Finfinnee galee barnoota ji'ooloojii baratee qaphxii guddaadhan eebbifame. Dr Hayileen barata cimaa ture; barnoota sadarkaa lammaffaa A kudhanii fi B lamaan xumure. Yuunivarsiititti ammoo qaphxii 4.0 fiduudhan barata kabajaa ta'ee (great distinction) eebbifame. Erga eebbifamee booda, achuma Yuunivarsiitii Finfinneetti, Dippartimentii Ji'ooloojitti Gargaaraa Eebbifamaa ta'ee akka barsiisaatti qacarame. Yuunivarsiitii Finfinnee keessatti erga waggaa tokko barsiisee booda barumsa digirii lammaffaa itti fufuuf gara Firaansi deeme. Dr Hayileen Firaansitti jalqaba barumsa Ji'oofiiziksii, itti aansee waggaa lamaaf ammoo Sosooloojii baratee eebbifame. Hayileen sochii Tokkummaa Barattoota Itoophiyaa kan Yuurooppi keessatti godhurraan kan ka'ee fi mootummaa Hayilasillaasee waan balaaleffatuuf, paaspootii fi iskoolaasrhiippinsaa jalaa haqame. Sababa kanaaf biyyatti deebi'uu waan hin dandeenyeef, wagga lamaaf mana barumsaa Firaansi tokkotti qacaramee barsiisaa ture. Ittii aansee, paaspoortii dhoksaadhan imbaasin Itoophiyaa kan Jarmanii keenneefin gara Jarmanii deemee, Yuunivarsiitii Hambargitti waggaa lamaaf barsiise. Amajjii 1975 erga Warraaqsi dhoo'ee booda gara Itoophiyaatti deebi'e. Sochii Siyaasaa Yeroo Firaansi turetti, Hayileen Maarkisizimii Sooviyeetii fudhatee ture; Rene LaFort akka jedhetti Hayileen miseensa Paartii Koministii Firaansi ture. Waamicha Dargiin Itoophiyaanonni baratan gara biyya isaanitti deebi'anii akka tajaajilan godhe fudhachuun, Hayileen bara 1975 keessa gara biyyaatti achas deebi'e. Nagadee Goobazee, kan achuma Firaansitti barachaa ture wajjin naannoo Yuunivarsiitii Finfinneetti "mana kitaabaa tarkaanfataa" bane; kunis kitaabota Maarkisizim-Leeninizimii lammii biyyaattiitif dhiyeessuf ture. Manni kitaabaa dulloomaa fi dadhabaa ture kun barattootaan guuttame, kitaabonni haaraa dhufan battalumatti gurguramanii dhumu ture. Oduma baayyee hin turin Hayileen Dargiin biratti qofa odoo hin taane hogganaa Dargii Mangistuu Hayilamaariyam biratti beekkame, Dargiin yeroo sana deeggartoota siivilii fi gorsaa Maarkisizim-Leeninizimii barbaada ture. Muddee 1975, barreessan Dargii kutaa Biiroo Dhimma Ijaarsa Uummataa kan Yeroo (kan Ingiliffaan POMOA jedhamu) dhaabe, Hayilee Fidaas hogganaa godhe. Kaayyon POMOA Dargiin deeggarsa ummata biratti akka argatu gochuu qofa odoo hin taane siviloota bitaa warra kaan dhqqabuu ture. Hogganaa kutaa kanaa ta'ee odoo jiruuti kan Dr Hayileen Sagantaa Warraaqsa Dimokiraatawaa Biyyoolessaa kan qopheesse, dookimentin kunis dhaadhannoo Itiopiya Tikdem (Itoophiyaan haa dursitu) jedhu kan Dargiin akka kallattiitti itti fayyadamaa ture garuu kan ifa hin turin bakka bu'e. Tokkummaa warraaqsa hojjattootaa, qonnaan-bulaa fi burjaa xixiqqaa tarkaanfataatin, fiiwudaalizimii, impeeriyaalizimii fi kaappitaalizimiin barbadaa'anii dhumarratti Rippabiliika Dimokiraatawaa Ummataa Itoophiyaa uummame. Mangistuun Warraaqsa Dimokiraatawaa Biyyoolessaa fudhatamee hojiirra hooluusaa hiriira Ebla 20, 1976 irratti beeksise. Haa ta'u malee, POMOAn mormitoota siivilii wajjin walqunnamtii uumuu dadhabe. Namoota Duula irratti hirmaatan kan hojii baadiyyaatti irratti ramadaman dhiisanii gara magaalaatti deebi'anii wajjin mormitoonni Dhaabaa Warraaqsaa Ummattoota Itophiyaa (kan Ingiliffaan EPRP jedhamu) deeggaran; kunis lakkoofsa miseensotasa fi dhiibbaa inni uumu dabale. MEISON Dargii yoo deeggaru, EPRPn Dargiin sochii uummataa humna waraanatin akka ukkaamse dubbachuun balaaleffate. Karaan sooshaalistii inni qajeelton mootummaa uummataa kan dhugaa hundeessuf qabsaa
видео или голосовое, без подписи
Marfamee harka diinatti hinkennu jechuun boombii ofitti dhoosanii jaallewwansaa afur yeroo sana isa waliin turan waliin wareegame. Guutamaa Hawaas qabsoof bosona kan seene naannodhuma itti dhalate waan ta'eef bara 1979-85tti sababaa fi maqaa isaatin maatii inni irraa dhalate dabalate ummanni Oromoo kan naannoo sanii fi hiriyyoonnisaa osoo hinhafin Dargiin ajjeefamanii lafarraa duguugamaa turan. Obboleessasaa Muhaammad Roobalee bara 1980 keessa magalaa Abboomsa keessatti ajjeefame, akkasuma Obbolecttiisaa Lukku Roobalee Bara 1982 ji'a Ramadaanaa keessa bakka Dande jedhamutti bakka looniin godaantetti ganama manaa qabanii kaampi waraanaa Haroo Kambeelaa jedhamutti guyyaa guutuu qaamaa fi qalbi dararaa erga oolanii booda naannoo manaatti deebisuun rasaasaan tumanii biraa deeman. Namoonni ga'eeyyiin, maanguddoonni dhiiraa fi dubartii, dargaggoonni fi shamaran bakka tokko walitti qabamanii rasaasaan ajjeefamaan, mana keessatti ibiddaan gubamanii fi bakkoota gara garaatti ajjeefaman awwaalallee dhabuun bineessaa fi allaatiin nyaate naannoo nama 500 oliiti. https://t.me/Maddaseenaa https://t.me/Maddaseenaa
Guutamaa Hawaas maqaan dhalootasaa Jamaal Roobaleeti. Guutamaan bara 1945 keessa abbaasaa Roobalee Daadhii fi haadhasaa Gaashoo Tofoorraa Oromiyaa kibba-bahaa Arsii keessatti, aanaa Gololchaa, ganda Haaroo jedhamutti dhalate. Umuriin isaa barnootaaf akka ga'eenis mana barnootaa Gololchaa seenuun kutaa 1ffaa hanga 4ffaa kan barate yoo ta'u, kutaa 5ffaa hanga 12ffaatti ammoo gara Finfinnee dhaquun mana barumsaa Addis Katamaa jedhamutti baratee xumure. Akk barnootasaa xumureenis waaijira Boordii Bunaa jedhamu keessaan hojii jalgabe. Waajjira kanas damee Finfinnee fi Diillaatti aragmu keessatti yeroo muraasaaf ramadamee hojjate. Wajjirra kana keessatti bulchaa aanota garaa garaa, keessattuu bara 1975-1977tti naannoo Arba Guuguutti ramadamuun bulchaa aanaa Gololchaa ta'ee hojjateera. Itti aansee bara 1978-1979tti konyaa Arbaa Guuguutti itti gaafatamaa dhimma ummataa ta'ee hoijate. Haa ta'uyyuu malee mootummaan Dargii sochii qabsoo bilisummaa Oromoo waliin hidhatan qaba jechuun ba'uu fi galuusaa waan hordofuu jalqabeef, waajira kana gad lakkisuun gara hojii isaa jalgabaatti deebi'ee hojjechuu jalgabe. Qabsoosaa Guutamaan yeroo naannoo kana keessa hojii mootummaa kana hojjataa turetti miseensa ABO waan tureef, achuma keessa hojii ABO lafa jalaan hojjataa ture. Kunis, maadhee dhaabaa lafa jalan ijaaruu fi miseensonni dhaabaa karaa saniin gaaratti bahan dabarsuu irratti hojjataa ture. Hojii qabsoo inni lafa jalaan hoijataa fi hojjachiisaa ture waan diinaan jalaa saaxmeef, Guutamaan gara bosonaa seenuu fi guutummaan hojii qabsoorratti hirmaachuun dirqama itti ta'e. Akka kanaan bara 1979 keessa naannoma Arbaa-guuguu, Gololcha kanatti bosona seene. Qabsoon hidhannoo yoosuma sanuu naannoo sanatti eegalamee waan jiruuf, Guutamaan Waraana Bilisummaa Oromoo kan naannoo sanatti ramadamee jirutti makame. Guutamaan yeroo sanaa kaasee hanga gaafa wareegameetti itti gaafatama dhaabaa kan gara garaarra ture. Kunis bara 1979-1984tti miseensa koree Godina Kibba-Bahaa ture. Yeroo sanatti Godina Kibba-Bahaa kan jedhamu: aalee Diida aa, Baalee fi kutaa Harargee keessaa ammoo aanaa Daaroo-Labuu kan of keessaa qabu ture. Yeroo kana koree keessatti itti gaafatamni isaa dhimma hojii hawaasummaa ture. Bara 1983 jila miseensota ABO Godinoota Bahaarraa yaamamee fi hogganoota ABO kan wareegaman bakka buusuuf kutaa Harargee, Laga Raammis, bakka Raaree Aadam Boruu jedhamutti taa'erratti miseensa koree maatii fi jaallan isaa irraa jidduu ABO ta'ee filame. Bara 1984 keessa walga'ii koree gidduu-galeessaa 2ffaa kutaa Harargee, Aanaa Daaroo Labuu, bakka Sakattee Billiqaa jedhamutti taa'erratti gaafa waajjirri siyaasaa ABO jalgabaaf ijaaramutti miseensa Waajiira Siyaasaa ta'ee filame. Achumaan hoogganaa Damee Hawaasummaa ABO ta'uun ramadame. Bara 1989 yeroo Korri ABO 2ffaan kutaa Harargee, naanoo Laga Gobelleetti godhamuuf qophiirra jirutti, miseensa Koree Qindeessituu Kora Sabaa ABO ta'ee qindeessaa Itti-aanaa fi diinagdee koree kanaa fudhachuun ramadamee hojjate. Korarratti ammoo, yeroo lammaaffaaf miseensa Koree Jidduu fi Waajjira Siyaasaa ta'ee filame. Achumaan mataa Damee Diinagdee ABO ta'uun ramadame. Bara 1991, yeroo mootummaa ce'umsaa keessa ABOn seene, hirmaata hojii kan hoogganni dhaabaa yeroo san hojii mootummaa fi dhaabaa walitti qindeeffatuuf godhaterratti miseensa mana marii fi itti-gaafatamaa Zoonii Kibbaa ta'ee ramadame. Bara 1992 yeroo mootummaa Ce'umsaa keessaa ABOn ba'etti itti gaafatamummaa kanaan dirree qabsoo Zoonii Kibba Bahaa, kutaa Baalee, naannoo Gadabii fi Dalloo Bunaatti deebi'ee maroo lammaffaaf gaara seene. Yeroo sanatti waraanni Wayyaanee fi Shaabiyaa humna isaani walitti qindeeffachuun waraana Aadda Bilisummaa Oromoo dhabamsiisuuf lolaa guddaa yeroo isaan itti banan ture. Ebla 12 bara 1994ttis kutaadhuma kana aanaa Dalloo Mannaa, naannoo Laga Dayyuu, bishaan Haxiballaa jedhamurratti Waraanni Wayyaanee fi Shaabiyaa kun lola guddaa WBOrratti bananiin, lola hadhawaa guyyaa sad'iif geggeeffamerratti akka gootaatti lolee lolchiisaa erga tureen booda Ebla 14 naannoo Barraaq bakka Dhukkee jedhamutti lola geggeeffameerratti diinaan
видео или голосовое, без подписи
1. Gola Oromiyaa 🔗@GolaOromiyaaa 2. Kana Beektuu 🔗@KanaBeektuul 3. Madda Seenaa 🔗@Maddaseenaa 4. Kitaabilee Xinsammuu 🔗@KitaabileeXinsammuu 5. Qoraasuma Media 🔗@QoraasumaMedia1 6. Furtuu Kaayyoo 🔗@Furtuukaayyoo 7. Abjuu Egeree 🔗@AbjuuEgeree 8. Jecha Beektotaa 🔗@JechaBeektota 9. Afoola Oromoo 🔗@AfoolaOromooAO 10. Asoosama Afaan Oromoo 🔗@AsoosamaAO 11. Ergaa Jaalalaa 🔗@Ergajaalalaa
Jechoota wareegamtoota Oromoo muraasa 1. ''Namni seenaasaa hin beekne bishaan gabateerraati, gara argetti jallata'' Ebbisaa Addunyaa 2. ''Gabrummaarra duuti bilisummaadha'' Elemoo Qilxuu 3. ''Qawwee dandeenyu haa tolfannu, qabeenya qabnuun haa bitannu, dadhabnu diina keenyarraa haa hiikkannu'' Jaarraa Abbaa Gadaa 4. ''Uummanni Oromoo barachuu qaba; lammiin barate ammoo mirgasaaf falmata'' Jeneraal Taaddasaa Birruu 5. ''Gabrummaa dandeennu hiddaan biqqifna, dadhabnu ilma itti guddifna'' Waaqoo Guutuu 6. ''Duutii koo du'a gootaati. Dhiigni kiyyaa dhiiga bilaash dhangala'e miti. Dhiiga saba kiyya bilisoomsuuf dhangala'ee dha'' Maammoo Mazammir 7. ''Ofumaa dhamaatu malee ana rasaasni na hin danda'u'' Agarii Tulluu https://t.me/Maddaseenaa https://t.me/Maddaseenaa
Ilma sabaa Mee waa'ee nama beekaa tokkoon xiqqooshee dubbadha Eenyu akka naan hin jenne nii beektu innoo ifadha Maqaa isaatu hundarra caala Dalagaa isaatu keessa keenya dhaala Hacee bifti bareedu Hacaaluu uffannaan irraa tolu Haceen haasaan nama simatu Hacaaluu seenaa sirrii qoratu Akkas jedheem Artist Alii Birraa, Sirbi hacee kootii kan hiika torbaati Tokkoon tokkoon wallee isaa waa tokkittiif miti Galaanan yoo dubbatu onneen hacee gaara gaara kiliimanjaaroo Ulee guddaa tureem haceen gaafa roorroo Hacee sagaleensaa sagalee ulullee Hacee diina falmachuuf gonkumaa hin hille Hacee dhugaa sabaa baasu Hacee sirbaan qabsoo raasu Raasuu duwwaa miti injifannoo argamsiisu Gootakoo waa'eekee dubbadhee hin fixu waraqaaf qalamni na hin ga'u Inna hafe egaa keessuma keenya haa taa'u Silaa gaddi kan kee boonyee hirqinfannee nu keessaa hin ba'u Waxabajjii 22 bara 2012 numudateem wanti ta'uu hin maalle Gaafa guyyaa sanaa shawaatu miidhame Wallaggaatu dhiige Booranatu dirmammaa'e Arsiitu gubate Walloof gujiin bo'etoo maraate Harargeetu cabee iyya keessaa kute Jimmatu hirqinfate Iluutu imimmaan buuse Maccaaf tuulama hin jenne boranaaf baareentuu Wareegamni kee gootakoo dugda kute oromiyaa guutuu Madaa keetu nutti ta'e dhukkuba koronaa Harr'a moo bor dhufta jennee si eegna haga yoonaa Mee maaltu si deebisa nutti himi maaluma siif goona Atumti ka'i malee anaafii qomoonkoo al dhibba siif duuna Akkas jetteem Hawwii tazarraatu, Osoo maqaa keen moggaafnee finfinnee handhuura oromiyaa Kunillee sin madaaluum gootakoo hacee kiyya Akkas jedhee laata haceen keenya afuura isaa dhumaan "Dhiigni koo hin dhangala'u bar akkasumaan Injifannoo Oromoof haa ta'u na yaadata bar seenan" Jedhee laata haceen itti dabaleema "Adaraa Oromoo walt'aa naa tokkooma Yoo sana baafattu kan kootillee gumaa Ijoollee kan koo ammoo naaf guddisaa yaa jamaa" Tole hacee keenya nutis nii tokkoomna Ilmaan kee guddifna Nut isaanif hin hanqannu sirnaan kunuunfanna At kana hin yaadda'in boqadhu nagaadhani Lubbuun kee haa boqatu sin argin gaannamni Seenaankee nii barraa'a dhugaa warqeedhani Siidaakee bareechinee sii dhaabna finfinneetti Siidaa kee miidhagsinee guutummaa oromiyaatti Siif keenya guyyaa tokko nii dabarsina dhalootatti. ✍ by SENA✍ ❤️💚 https://t.me/Maddaseenaa https://t.me/Maddaseenaa
𝗝𝗘𝗖𝗛𝗢𝗢𝗧𝗔 𝗕𝗘𝗘𝗞𝗧𝗢𝗧𝗔𝗔 ====================================== 1. “Dargaggeessi har’aa hogganaa boruuti; of qopheessi!” — Nelson Mandela 2. “Abjuun kee guddaa haa ta’u; yaaliin kee hin dhaabbatin.” — Barack Obama 3. “Yoo of amante, wanti hin danda’amne hin jiru.” — Muhammad Ali 4. “Kufaatiin dhuma miti; jalqaba barnootaa ti.” — Winston Churchill 5. “Hojii kee jaaladhu; milkaa’inni si hordofa.” — Steve Jobs 6. “Rakkoon si mudatu si cimsuuf dhufe malee si cabsuuf miti.” — Nelson Mandela 7. “Yeroo amma fayyadami; yeroo darbe hin deebitu.” — Benjamin Franklin 8.“Yaaliin tokko milkaa’inaaf tarkaanfii jalqabaa dha.” — Thomas Edison 9. “Dargaggeessi of amane addunyaa jijjiira.” — Napoleon Bonaparte 10. “Hojii jabaan carraa uuma.” — Thomas Edison 11.“Namni of hin jijjiirre jireenya isaa hin fooyyessu.” — Albert Einstein 12.“Abjuu kee hordofi; namni biraa si hin bakka bu’u.” — Tony Robbins 13.“Dargaggeessi yeroo isaa sirnaan fayyadamu mootummaa boruu ijaara.” — Haile Selassie 14. “Gammachuun hojii gaarii irraa dhalata.” — Mahatma Gandhi 15. “Milkaa’inni kufaatii keessaa dhalata.” — Winston Churchill 16. “Ofitti amanamummaan furtuu milkaa’inaa ti.” — Ralph Waldo Emerson 17. “Dargaggeessi hojii jalqabe hin sodaatu.” — Bill Gates 18.“Yoo yaadde ni dandeessa; yoo dandeesse ni milkoofta.” — Henry Ford 19. “Yeroo hunda of fooyyessi; bor si galateeffata.” — Confucius 20.“Rakkoon carraa keessa qaba; ilaaliitii fayyadami.” — John F. Kennedy 21 “Dargaggeessi hojii isaatti jabaate mootummaa ijaara.” — Haile Selassie 22.“Jireenya kee jijjiiruuf, yaada kee jalqaba jijjiiri.” — Albert Einstein 23. “Abjuun kee yoo si sodaachise, sirriitti guddaa dha.” — Steve Jobs 24. “Dargaggeessi of irratti hojjatu mootummaa isaa ijaara.” — Nelson Mandela 25. “Hojii jalqabuu qofatu gara milkaa’inaatti si geessa.” — Mark Zuckerberg https://t.me/JechaBeektota https://t.me/JechaBeektota
https://t.me/Maddaseenaa