tgindex
Kana Beektuu?

Kana beektuu laata? Koottaa baradhaa beekumsa walii galaa argadhaa!

Последний пост
13 авг.
Последнее чтение
15 авг.
Постов за неделю
1
Всего постов
22
Тип
открытый
Язык
om
В каталоге с
13 авг.
Подписчики
4 906
−8 за 5 дн.
Сутки
−1
−0,02%
Неделя
 
Месяц
 
Просмотров на пост
667
22 постов
Вовлечённость
13,6%
к подписчикам
Постов в день
0,1
всего 22
Упоминаний
9
каналов
Охват размещения
оценка
1/24сутки в ленте
17
1/48двое суток
19
1/72трое суток
21

Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.

Посты

  • без подписи

  • 🔸Bot Kun Habesha Farmer l jedhama. 🔰Nama affeeruu fi task hojjechuun kaffala 🔸Task 1 yoo hojjettan birrii 25 kenna 🔰Nama 1 yoo affeertan birrii 2 argattu 💸 Kaffaltii keessan karaalee gadiitiin fudhachuu dandeessu 🔸Telebirr 🔸CBE 🔸Binance 🔗 Eegaluuf 👉 https://t.me/Habesha_farmerbot?start=5204557115 https://t.me/AmuTechn https://t.me/AmuTechn

  • 💲 Qarshii karaa online hojjechuu warri barbaaddan qofaaf Yoo Telegram irratti Active taatan guyyaatti Qarshii 500+ hojjettanii karaa Telebirr yookaan karaa CBE Withdraw goochuu dandeessu. Step kana sirnaan hordofaa 1️⃣ Bot kanaa gaditti argitan Start godhaa https://t.me/Fana_Ads_bot?start=6dda1192 2️⃣ Channel warra siniif dhufan tokko tokkoon Join goochuun Verify membership kan jedhu tuqaa 3️⃣ Yoo channel qabaattaniifi kaayyoon keessan qarshii argachuu ta'e I want to Earn Money kan jedhu tuqaa. 4️⃣ Bilbila keessan Verify Godhaa. 5️⃣ Channel yoo qabaattan My channels jala seenuun Add godhachuu dandeessu. https://t.me/Fana_Ads_bot?start=6dda1192 ✅ Step kanneen sirnaan yoo xumuurtan akka xumuurtaniin Qarshii 1 ETB akka bonus tti siniif kennama. 👱 Nama tokko yeroo affeertan Qarshii 1 ETB siniif laatama.✅ https://t.me/Fana_Ads_bot?start=6dda1192 🔗https://t.me/AmuTechn ⭐ 🔗https://t.me/AmuTechn ⭐

  • Airdrop haaraa 67 jedhama Airdrop gatii guddaa baasu jedhamee eegamaa jira. Hundeessaan Telegram @monk hojii kana duuba jiru. Booda gaabbuu irra amma hojjechuu yoo jalqabdan isiniif wayya. Jalqabuuf👇 https://telegram.me/sixsevenclub_bot/app?startapp=ref_26e83b11 https://t.me/AmuTechn https://t.me/AmuTechn

  • ALIENS 👽 Gaaffii guddaa qorattoota heddu yaaddeessuu fi gammachiisu tokkotu jira. Innis "Addunyaa irraa jiraanuu kana qofatu lubbuu jiraachisaa? Ykn immoo addunyaa ykn pilaaneetii biroo irras lubbuun jira?" kan jedhu. Mee altokko dubbisuu osoo itti fufin dura, suura armaan olii kana sirriitti ilaalaa,maal akka ta'e dubbadhaa. Muraasni keessan aliens dha jettu ta'a, muraasni keessan immoo maal akka ta'e hin beeku jettu ta'a ykn immoo nama foon irraa dhumee ykn nama awwaalame ka'e jechuu dandeessu. Tarii kan waan biraa jedhus jiraachuu danda'a. Gaariidha. Deebii isaa argachuuf dubbisuu itti fuufaa! Gaaffii jalqabaaf deebii barbaaduun "Alien" ykn immoo "Extraterrestrial" jedhamuun beekama. Garuu Alien jechuun maal jechuudha? Duursa jechi Alien jedhu jecha laatiinii Alienus irraa kan dhufe dha. Hiikni isaas " kan biraa, orma, kan ofii kan hin taane" tti hiikama. Akki inni gara afaan ingliziitti dhufe immoo jalqaba afaan laatiinii irraa gara afaan faransayii durii, itti aansun immoo gara afaan ingliziitti jechuudha. Achiin booda saayinsii keessatti Alien jechuun jalqabame. Egaa akka saayiinsiitti, uumama pilaaneetii lafa jedhamtu kanaa ala jiraatu jechuudha. Gabaabatti Afaan Oromootiin "Alien" jechuun "Lubbuu qabeeyyii lafa keenya irraa ala ta'an" jechuudha. Isaan kun pilaaneetii biraa ykn urjii (star) biraa irraa dhufu jedhamee amanama. 1. Aliens Gosa Akkamiiti? Saayintistoonni yeroo waa'ee Alien dubbatan, wantoota sadii yaadu: •  Microbes (Lubbuu ijaan hin mul'anne): Akkuma baakteeriyaa lafa keenya irraa, piilaaneetii yk urjii biraa keessatti bishaan ykn dhagaa keessa jiraachuu danda'u. Kun gosa Alien hunda caalaa argamuuf carraa qabuudha. •  Complex Life (Lubbuu walxaxaa): Bineensota ykn biqiltoota lafa biraa irra jiraatan. Isaan kun ogummaa  akka namaa qabaachuu dhiisuu danda'u. •  Intelligent Civilizations (Namoota Ogummaa qaban): Isaan kun warra teeknoolojii qaban, xiyyaara hawaa (UFO) uumanii samii keessa imalaniidha. Fiilmiin baay'een waa'ee kanaa dubbata. 2. Eessa Isaan Barbaanna? Hawaan (Universe) baay'ee bal'aadha. Kanaaf saayintistoonni bakka sadii irratti xiyyeeffatu: •  Mars (pilaaneetii Diimtuu): Mars irra kanaan dura bishaan akka ture ragaaleen ni jiru. Kanaaf, baakteeriyaan durii achi keessa jiraachuu danda'a jedhamee yaadama. • Ji'oota (Moons): Ji'oota akka Europa (kan Jupitar) fi Enceladus (kan Saturn) jedhaman jala bishaan baay'een jira. Bishaan bakka jirutti immoo lubbuun jiraachuu danda'a. •  Exoplanets: pilaaneetoota aduu keenya irraa ala jiran. Teleskooppii gurguddaan (akka James Webb) fayyadamanii qilleensa isaan keessa jiru ilaaluun oksijiinii barbaadu. 3. Maaliif Hanga Ammaatti Isaan Hin Arganne? Hawaa keessa urjiilee biliyoona hedduutu jira. pilaaneetonni immoo biliyoona dhibba hedduu ta'u. Maaliif hamma ammaatti namni isaan qunnamne? •  Fageenya: Hawaan baay'ee bal'aadha. Fageenyi urjiilee irraa ka'ee nu gudduu jiru waggaa kuma hedduu itti fudhata. Wal qunnamuun baay'ee ulfaataadha. •  Yeroo: Addunyaan waggaa biliyoona 13 ol jiraatte jedhamee amanama. Tarii isaan nu dura jiraatanii badaniiru ta'a, ykn immoo nuti isaan dura dhalanne. Akkuma fakkeenya urjoota amma jechuudha. •  Nuti Adda: Tarii lafti keenya qofti lubbuu ogummaa qabu uumuuf carraa addaa qabdi ta'a. 4. Fiilmii vs Dhugaa (Fiction vs Reality) • Fiilmii (Fiction):  Fiilmii keessatti Alien-nonni mataa guddaa, ija gurguddaa fi bifa magariisa qabu. Kun yaada namootaa qofaadha. Suura olii yaadadhu. •  Dhugaa (Science): Alien-nonni yoo jiraatan, bifa akkamii akka qabaatan hin beekamu. Tarii bifa bishaanii, bifa gaasii, ykn bifa nuti takkaa hin argine qabaachuu danda'u. 5. Dhugaan Jiru Maali? Hanga har'aatti, saayinsiin ragaa qabatamaa "Alien-nonni jira" jedhu hin arganne. Garuu, saayintistoonni baay'een "hawaa bal'aa kana keessa nuti qofaa jiraachuu keenya hin fudhannu" jedhanii amanu. Kanaaf barbaaduun itti fufee jira. Gabaabsinee yoo ilaallu: Alien jechuun lubbuu lafa irraa osoo hin taane iddoo biraa hawaa keessa jiruudha. Hanga ammaatti ijaan hin argamne, garuu qorattoonni, teleskooppii fi roversii fayyadamanii samii keessa barbaadaa jiru. Ati maal yaadda? Hawaa bal'aa kana keessa nuti qofaa keenya jirra moo, ollaa (neighbors) nuti amma ammaatti hin argine qabna? GALATOOMAA 🥰 🔗@KanaBeektuul 🔗@KanaBeektuul

  • без подписи

  • 29 мар.1 41014

    Bineeldota keessaa Roobiin guyyaatti bishaan leetira 300 ol dhuga. @KanaBeektuul

  • 29 мар.1 2448

    Addooyyeen sirna durbi lama umriisaanii guutuu obboleettii walii ta’uuf waadaa waliigalaniidha @KanaBeektuul

  • 29 мар.1 1938

    Alaabaan umrii dheeraa qabdu Alaabaa Deenmaarki @KanaBeektuul

  • 29 мар.1 1127

    Saaykiliin yeroo jalqabaaf bara 1893 Finfinnee seene @KanaBeektuul

  • Addunyarratti biyyi ji’oota lamaaf aduun hindhiine Fiinlaandi @KanaBeektuul

  • 26 мар.7156из GolaOromiyaaa

    1. Gola Oromiyaa        🔗@GolaOromiyaaa 2. Kana Beektuu        🔗@KanaBeektuul 3. Madda Seenaa        🔗@Maddaseenaa 4. Kitaabilee Xinsammuu       🔗@KitaabileeXinsammuu 5. Qoraasuma Media        🔗@QoraasumaMedia1 6. Furtuu Kaayyoo        🔗@Furtuukaayyoo 7. Abjuu Egeree        🔗@AbjuuEgeree 8. Jecha Beektotaa        🔗@JechaBeektota 9. Afoola Oromoo        🔗@AfoolaOromooAO 10. Asoosama Afaan Oromoo        🔗@AsoosamaAO 11. Ergaa Jaalalaa        🔗@Ergajaalalaa

  • 20 мар.64661из Maddaseenaa

    Jechoota wareegamtoota Oromoo muraasa 1. ''Namni seenaasaa hin beekne bishaan gabateerraati, gara argetti jallata''   Ebbisaa Addunyaa 2. ''Gabrummaarra duuti bilisummaadha''   Elemoo Qilxuu 3. ''Qawwee dandeenyu haa tolfannu, qabeenya qabnuun haa bitannu, dadhabnu diina keenyarraa haa hiikkannu''    Jaarraa Abbaa Gadaa 4. ''Uummanni Oromoo barachuu qaba; lammiin barate ammoo mirgasaaf falmata'' Jeneraal Taaddasaa Birruu 5. ''Gabrummaa dandeennu hiddaan biqqifna, dadhabnu ilma itti guddifna''   Waaqoo Guutuu 6. ''Duutii koo du'a gootaati. Dhiigni kiyyaa dhiiga bilaash dhangala'e miti. Dhiiga saba kiyya bilisoomsuuf dhangala'ee dha''   Maammoo Mazammir 7. ''Ofumaa dhamaatu malee ana rasaasni na hin danda'u''    Agarii Tulluu https://t.me/Maddaseenaa https://t.me/Maddaseenaa

  • 20 мар.43544из JechaBeektota

    𝗝𝗘𝗖𝗛𝗢𝗢𝗧𝗔 𝗕𝗘𝗘𝗞𝗧𝗢𝗧𝗔𝗔 ====================================== 1. “Dargaggeessi har’aa hogganaa boruuti; of qopheessi!” — Nelson Mandela 2. “Abjuun kee guddaa haa ta’u; yaaliin kee hin dhaabbatin.” — Barack Obama 3. “Yoo of amante, wanti hin danda’amne hin jiru.” — Muhammad Ali 4. “Kufaatiin dhuma miti; jalqaba barnootaa ti.” — Winston Churchill 5. “Hojii kee jaaladhu; milkaa’inni si hordofa.” — Steve Jobs 6. “Rakkoon si mudatu si cimsuuf dhufe malee si cabsuuf miti.” — Nelson Mandela 7. “Yeroo amma fayyadami; yeroo darbe hin deebitu.” — Benjamin Franklin 8.“Yaaliin tokko milkaa’inaaf tarkaanfii jalqabaa dha.” — Thomas Edison 9. “Dargaggeessi of amane addunyaa jijjiira.” — Napoleon Bonaparte 10. “Hojii jabaan carraa uuma.” — Thomas Edison 11.“Namni of hin jijjiirre jireenya isaa hin fooyyessu.” — Albert Einstein 12.“Abjuu kee hordofi; namni biraa si hin bakka bu’u.” — Tony Robbins 13.“Dargaggeessi yeroo isaa sirnaan fayyadamu mootummaa boruu ijaara.” — Haile Selassie 14. “Gammachuun hojii gaarii irraa dhalata.” — Mahatma Gandhi 15. “Milkaa’inni kufaatii keessaa dhalata.” — Winston Churchill 16. “Ofitti amanamummaan furtuu milkaa’inaa ti.” — Ralph Waldo Emerson 17. “Dargaggeessi hojii jalqabe hin sodaatu.” — Bill Gates 18.“Yoo yaadde ni dandeessa; yoo dandeesse ni milkoofta.” — Henry Ford 19. “Yeroo hunda of fooyyessi; bor si galateeffata.” — Confucius 20.“Rakkoon carraa keessa qaba; ilaaliitii fayyadami.” — John F. Kennedy 21 “Dargaggeessi hojii isaatti jabaate mootummaa ijaara.” — Haile Selassie 22.“Jireenya kee jijjiiruuf, yaada kee jalqaba jijjiiri.” — Albert Einstein 23. “Abjuun kee yoo si sodaachise, sirriitti guddaa dha.” — Steve Jobs 24. “Dargaggeessi of irratti hojjatu mootummaa isaa ijaara.” — Nelson Mandela 25. “Hojii jalqabuu qofatu gara milkaa’inaatti si geessa.” — Mark Zuckerberg https://t.me/JechaBeektota https://t.me/JechaBeektota

  • Kana beektuu laata? 1. Namoonni obbbolaa dubaraa lamaan fuudhan waliif GOBBAANII jedhamu. 2. Dhiirri hin fuudhin QEERROO; dubarri hin heerumin immoo QARREE jedhamti. 3. Obboleettiin kee haadha manaa keetiif SAYYUU jedhamti. 4. Horiin LOON yoo jenne; Hoolaaf Re'een immoo BUSHAAYEE jenna. 5. Aannaniif DHADHAA; Bunaaf RAJAA jenna. 6. Horiif DIL'UU yoo jenne, kotte duudaaf COOFIRA, Namaaf immoo OBBAATII jedhama. 7. Dubartiidhaan ulfi IRRAA BA'E yoo jenne horiin immoo GATATTE jenna. 8. Daa'ima abbaaf haati irraa du'an YETAAMA jedhama. 9. Sa'a jabbii malee elmamtuun HARKUU jenna. 10. Saani daftee dhaltu TAADHII jedhamti. 11. Saani Aannan baay'ee hin qabne BAAKKUU jedhamti. 12. Saani osoon elmamin bulte BIRRII jedhamti. 13. Saani Osoo hin dhalin dulloomte DHANKAAKA jedhamti. 14. Dubartiin deessee ciiftu ULMAA jedhamti. 15. Kormi Cidhaan tokkoo DABEENUU jedhama. 16. Namaaf MANA, Hoolaaf GOORUU, Gaalaaf MOONAA jedhama. 17. Horiif RIMAA qabatte, Gaalaaf immoo GOOJJE Jenna. 18. Intalli osoo hin heerumin mana warraatti yoo deesse QUMAANXAA deesse jedhama. 19. Kormi Gaalaa KARAADICHA jedhama. 20. Fardi dhaltuun QALAAMAA ykn GANYAA jedhamti https://t.me/KanaBeektuul https://t.me/KanaBeektuul

  • https://t.me/KanaBeektuul

  • Namni yeroo jalqabaaf ibsaa ykn balbii kalaqe Toomas Ediisan jedhama.

  • Itoophiyaa keessatti dubartiin yeroo jalqabaaf Piroofesara taate Yalemtsehay Mekonnen jedhamti.

  • Dubartiin yeroo jalqabaaf Peresedaantii (Prisdent) Itoophiyaa taate Saaleworqi Zawudee jedhamti.

  • 19 февр.1 092112

    Yeroo jalqabaaf Namni kaartaa Oromiyaa sarareefi maqaa ishee moggaase Luwis Craft jedhama. Kunis bara 1837-1850 ture. Namichii kun Oromaniyaa jedhee moggaase ture. Garuu bara 1970 keessa immoo Oromoo jedhamtee moggaafamte. Ittin aansuu bara 1976 immoo Oromiyaa jedhamtee moggaafamte.