tgindex
Asoosama AO

Asoosama seenaa dhugaa irratti hundaa'e kan baay’ee namatti tolaniifi qalbii namoota hedduu harkisan asii ni argattu. Asumaan Channel kana Join godhi waan danuu irraa baratta.

Последний пост
13 авг.
Последнее чтение
13 авг.
Постов за неделю
2
Всего постов
21
Тип
открытый
Язык
om
В каталоге с
13 авг.
Подписчики
2 647
−5 за 4 дн.
Сутки
−4
−0,15%
Неделя
 
Месяц
 
Просмотров на пост
394
21 постов
Вовлечённость
14,9%
к подписчикам
Постов в день
0,3
всего 21
Упоминаний
9
каналов
Охват размещения
оценка
1/24сутки в ленте
27
1/48двое суток
30
1/72трое суток
33

Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.

Посты

  • без подписи

  • 13 авг.2удалён 14 авг.

    без подписи

  • 13 авг.3удалён 14 авг.

    без подписи

  • 🔸Bot Kun Habesha Farmer l jedhama. 🔰Nama affeeruu fi task hojjechuun kaffala 🔸Task 1 yoo hojjettan birrii 25 kenna 🔰Nama 1 yoo affeertan birrii 2 argattu 💸 Kaffaltii keessan karaalee gadiitiin fudhachuu dandeessu 🔸Telebirr 🔸CBE 🔸Binance 🔗 Eegaluuf 👉 https://t.me/Habesha_farmerbot?start=5204557115 https://t.me/AmuTechn https://t.me/AmuTechn

  • 💲 Qarshii karaa online hojjechuu warri barbaaddan qofaaf Yoo Telegram irratti Active taatan guyyaatti Qarshii 500+ hojjettanii karaa Telebirr yookaan karaa CBE Withdraw goochuu dandeessu. Step kana sirnaan hordofaa 1️⃣ Bot kanaa gaditti argitan Start godhaa https://t.me/Fana_Ads_bot?start=6dda1192 2️⃣ Channel warra siniif dhufan tokko tokkoon Join goochuun Verify membership kan jedhu tuqaa 3️⃣ Yoo channel qabaattaniifi kaayyoon keessan qarshii argachuu ta'e I want to Earn Money kan jedhu tuqaa. 4️⃣ Bilbila keessan Verify Godhaa. 5️⃣ Channel yoo qabaattan My channels jala seenuun Add godhachuu dandeessu. https://t.me/Fana_Ads_bot?start=6dda1192 ✅ Step kanneen sirnaan yoo xumuurtan akka xumuurtaniin Qarshii 1 ETB akka bonus tti siniif kennama. 👱 Nama tokko yeroo affeertan Qarshii 1 ETB siniif laatama.✅ https://t.me/Fana_Ads_bot?start=6dda1192 🔗https://t.me/AmuTechn ⭐ 🔗https://t.me/AmuTechn ⭐

  • Airdrop haaraa 67 jedhama Airdrop gatii guddaa baasu jedhamee eegamaa jira. Hundeessaan Telegram @monk hojii kana duuba jiru. Booda gaabbuu irra amma hojjechuu yoo jalqabdan isiniif wayya. Jalqabuuf👇 https://telegram.me/sixsevenclub_bot/app?startapp=ref_26e83b11 https://t.me/AmuTechn https://t.me/AmuTechn

  • 23 апр.1 16192

    Bu'aa ba'ii Kutaa 30ffaa Sana booda ibsaan murteesaatti garagalee ilma haadhaa jedhee kaballaan dhahe. yogguu kana dinqeen naatee iyyitee "narraa ba'i ba'i" jetteen. Ibaaanis ba'ee adeeme dinqituun mucaashee aammatte bo'uu eegalte ijoollee warri kaanis dhufanii itti marmanii waliin boo'uu eegalan. dinqituun yogguu kana ofitti deebitee ijoollee aossobdee callisaan taa'uu eegalan, silaa àyyaanan kan gammadanii oolan ibsaan gammachuu isaanii booressee ofiif obboleettii isaa bira deemeee nyaatee dhugee, waan uumame hundas itti hime isheen silayyuu kanà barbaaddi ijaa ta'eef gammaddee, " dhiis isheen nii quufte situ jala deemee akkas ishee taasise ammas taànan an ishee hiiktee jennaan durba manaa hin baanen sitti heerumsiisa!" Jettee ilaalten innis akka seequu tahee " silaammaa kanin fuudhu anuu beeka" jedheen. Raggaatunis gammaddee jala buutee "natti himi eenyudha isheen , magartuudhaa? Intala amala qabeettii sana" jette seeqxee. Innis "turekàa garuu an abbaa ijoolleti isheef hin màlu maal godha jedhe" isheenis isa jajjabeessitee akka tahu itti himte, baayy'ees haasawanii kokkolfaa ayyaana achumatti dabarse dinqituun garuu aaridhaan osoo nyaata afaanin ofin tuqin oolte. Ijoollenis gaddaafii aaraa oolanii galgalas dhufee osoo homaa itti hin dubbatin rafe. ganama yogguu ka'u dinqituun diimaafii ollaa kan biroo walitti waamtee teessistee isa eegaa turte. Innis nahee akkam bultan jedhee deemee taa'e. Itti fufa... https://t.me/AsoosamaAO https://t.me/AsoosamaAO

  • Bu'aa ba'ii Kutaa 29ffaa Inni garuu, ija tuffiitin ilaalaa wanti dhoksaan hin jiru haasa'i asumatti jedheen. yogguu kana dinqituutti miirri addaa itti dhagahamee as deebite jalqaba bakka bulte natti himimee gooftaa kiyya! Jetteen aaridhaa innis seeqaama "ijoollee hiriyaa koo waliin haasawaa turree natti galgalaa'ee jennaan isaan bira bule" jedheen. tuffiin isaa baayy'ee ishee aarsus gaaffii ishee gaafachuu hin dhiifne dinqituun ittuma fuftee "eenyu hiriyoonnikee kan nuti hin beekne mee natti himi ati dargaggeessa miti kan baatee bakka feete bultu abbaa dargaggeessotaa akka taate nii dagatte moo? eenyu jettee ofikee yaadda atumti" jetteen egaa kun isa dhumaa fakkaata ibsaanis bakka taa'ee ka'ee " amma ati ibsaan hin dulloome jechaa jirtaaree? si qofatu ijoolledhakaa ani silaa dulloomeeraa, sitti himuu situ dulloomeera tolee yaada dulloomaa baattee joorta dulloomtuu" jedheen itti siqee, yogguu kana ijoollen nahanii bakka jiranii fiiganii gidduu isaanii seenan murteesan abbaatti ija babaasaa "dhiisi harmeetti hin dheekkamin kan eenyu balleessetti eenyu gaafatama? Ati hin saalfattuu ala bultee dhuftee harmee koo arrabsitaa" jedheen sana booda ibsaan murteessatti garagalee ilma haadhaa jedhee kaballaan dhahe. Itti fufa... https://t.me/AsoosamaAO https://t.me/AsoosamaAO

  • Bu'aa ba'ii Kutaa 28ffaa Imimmaan isaa lakkuu lakkuu kana ofirraa haxaawaa deemee haadhatti hirkatee murteessan " an si dhabuun barbaadu harmeekoo, akkanatti na jalaa aaraa jiraachuun dandeessu eeyyen siifin ta'u taanan adda ba'i abbaa koorraa anuu kophee namaa haxaawee namaaf ergamee sin jiraachisa hin yaadda'in tolee! haadhakoo" jedhe murteessan hojjaan isaa dheeraa waan ta'eef hadhatti qaqqabeera ofitti ishee qabee imimmaan irraa haxaawaa "hin boo'in an sii qaqqabeera" jedheen. dinqituunis homaan dubbanne mucaashee ija keessa ilaalama xiqqoo akka seequu taate keessa isheettis edaa mucaankoo naaf yaaduu bira ga'eera uff baguman si qabaadhe baga isinis naaf jiraattan jettee ilma isheetti obsite. Kan bulterra kan barfatte jedhe oromoon yoo mammaaku ibsaan buluu isaa irra ammayyuu kunoo erga bari'ee tureera, guyya'eera manatti hin galle. Ayyaanni akka boruu ta'eera, ijoollen huccuu nuuf bitaaf eegun dinqituun wantoota mana keessaa hanqatan bita jettee isa eegdi, innis barfateema guyyaa keessa dhufe. ol seennanis ijoollen itti fiiganii bor ayyaana ijaa ta'eef akka huccuu bituuf isa gaafatan. dinqituunis ijoolletti dheekkamtee "nama alaa ol seenutti akkas jedhuu? dadhabeetu dhufaa jira dhiisaa haa boqatu" jetteen. Innis "boqonnaanuu nan barbaachisu boqodheen dhufe! garuu, qarshii hin qabu ijaa ta'eef wantan siniif bitu hin qabu narraa usaa" jedheen. Ayyaana irratti huccuun osoo hin bitaminiif hafee hin beeku ijoollen nahaniiru! Dinqituunis kophaatti haasofnuu? jettee golatti waamten inni garuu ija tuffiitin ilaalaa wanti dhoksaan hin jiru haasa'i asumatti jedheen. Itti fufa... https://t.me/AsoosamaAO https://t.me/AsoosamaAO

  • Bu'aa ba'ii Kutaa 27ffaa Seenaa ishee kana hunda kan dhagahe ibsaan caalatti itti dhiyaachaa adeeme. Kana hundumaa dhageessee gurraa qabdi! Dinqituun garuu, ammas obsa addaa keessa jirti. jireenyuma kana qabachuuf jettees dhama'aa jirti. Osooma kanaan jiranii barri haaran dhufee ayyaana qaammeef qophii eegalan, Wantoota ayyaanaf ta'anis hunda qopheeffachuu eegalte dinqituun ijoollee hundattuu hojii kennitee hojjechiiftis ture mootin geeshoo tuma, murteessan mooraa qulleessa, boontun meeshaa dhiqaa fi beektun mana keessa wantoota jiran irraa daaraa/ xurii haruun walgargaaraa hojii hunda hojjechaa oolan. Dinqituinis gadin teenye kana sana hojii jedhamu hojjechuu baattullee daqiiqafillee hin boqanne. Hojjetaama oolanii galgala dadhabanii abbaa isaanii eeguu jalqaban, ayyaanni ga'eera waan ta'eef huccuu ayyaanaa nuuf biti jechuufis isa eegu garuu, sa'aatin halkan keessa sa'a 3 darbeera ibsaan ammoo haga yoonaa manatti hin galle! ijoollen dadhaban ijaa ta'eef bakkuma jiranitti mugan. Dinqituunis kan dandeesse baattee kaan ammoo suuta jettee kaaftee kara iddoo hirriiba isaanii geessitee kophaa teessee ibsaa eeguu jalqabde. Inni garuu ammayyuu dhufuu hin dandeenye yeroon halkan keessaa sa'a 5 darbeera, dinqituunis bakkuma teessetti mudee yogguu ija banattu bari'eera naatee kaatee kara siree isaanii yoo deemtu sireen duwwaa jira. amma baayy'ee naatee aartee kun amma maal jedhama? Mee maal jedhama jettee kophaa ishee iyyitee haasa'uu eegalte. osoon turinis mirteessan hirriibaa ka'ee fiigaa dhufee "harmee maal taate? Aabban hin dhufnee? Natti himi ala bulee mii" jedheen isheenis, imimmaan irra yaa'e ofirraa hartee, " lakki homaan taane ibsaan reefu ba'e bar hojii ariifachiisaa tokko qaba kanaaf ganamaan deeme" jetteen. Murteessanis deebisee, " nan sobin harmee wanta uumamaa jiru kana mara nan beeka obsa kees argeera garuu harmee haga yoomitti obsita? natti himi haga si dhabnutti eegnaa? harmeekoo najalaa miidhmaa jirtaam argeera" jedhe imimmaan isaa lakkuu lakkuu kana ija isaa irraa haxaawaa. Itti fufa... https://t.me/AsoosamaAO https://t.me/AsoosamaAO

  • Bu'aa ba'ii Kutaa 26ffaa Obboleettin isaa ammoo akka ishee hiikee nama kan biraa fuudhu gorsuu jalqabde. " bar osoo ishee hiiktee anuu durba bareedduu isheen siif barbaada. maal ishee malee hin agarremoo? na birayyuu durbi reefu manaa baate guutteetti" jechuun akka ishee hiiku jabeesditeema gorsuu ittuma fufte innis yeroodhaa gara yerootti jaalalliif kabajni dinqituuf qabu hir'achaa adeeme. Isheenis obsi ishee jalaa dhume. jireenya fokkisaa hiikan qabne tokko jiraachaama guyyaa achi siksuu eegalan. Ibsaan garuu mana dhugaatii itti deddeebi'u kanatti baayy'inaan waan deddeebi'uuf intala abbaa qabeenyichaa dabalatee namoota achi keessa hojjetan baayy'ee faana/ waliin walii galuu eegale. dabalees affeerufii affeeramuu itti fufe intalli abbaa mana bunicha caalumatti itti dhiyaachun seenaa ishee itti himuu eegalte. Magartuu kumsaa jedhamti kan biyya arabaa turtee dhufte amma abbaashee waliin hooteela isaanii keessa hojjetti. Magartuun umuriin ishee fagaatullee sababa ala turteefii hojiidhaan qabamtuu taatef haga yoonaa hin heerumne. Seenaa ishee kana hunda kan dhagahe ibsaan caalatti itti dhiyaachaa adeeme. Itti fufa... https://t.me/AsoosamaAO https://t.me/AsoosamaAO

  • Bu'aa ba'ii Kutaa 25ffaa Ibsaan gidduutti waan dubbatu wallaalee obboleettii isaa fuudhee gadi ba'ee, " maali raggeekoo nu araarsuu dhuftee atuu itti dabalamtee ittiin walloltaa?" jedheen baayy'ee gaddee isheen garuu, aarii keessa jirti ammayyuu. " nii quuftee bar silaa jireenyichi isheef hin malu, mana namaatti galtee hojjettuu ta'uutu isheef mala ture kara deemtuu kana nama goonan deebii natti deebiftii?" Jettee afaan darbaa baayy'ee isheen dubbannaan Ibsaan itti aaree " dhiis egaa isheen naan walloltee aartee jirtiim isheetti hin qabamin hubadhuun bar dhugaa qabdii" jedheen. Raggaatun ammoo jecha isaatti aartee "deemii jala gugguufi ati silayyuu obboleessa koo miti" jettee gattee baate. Jaarsummaan isaanis addaan cite. walitti deebi'aniis hin haasofne ibsaanis asumaan ba'ee mana dhugaatii deemee machaa'ee galgala gale dinqituunis homaan jenneen galeetuma rafe. Kana hundumaa kan hubate murteessan haadha isaaf baayy'isee quuqamaaf ture. yaadni kun ammoo barnoota isaa irrattillee dhiibbaa uumuu eegale baayy'ellee gad bu'uu baatu dandeettin isaa kan duriirra jalaa gad bu'e. Boontun garuu omaa yaada hin qabdu hunduma waliin walii galteema jiraachuu ishee ittuma fufte. Ibsaanis darbee darbee obboleettii isaa raggaatu bira deemufii mana dhugaatiitti galgaleessun bartee itti ta'e. yogguu kana dinqituun aarin itti baay'te, obboleettin isaa ammoo akka ishee hiike nama kan biraa fuudhu gorsuu jalqabde. Itti fufa... https://t.me/AsoosamaAO https://t.me/AsoosamaAO

  • Bu'aa ba'ii Kutaa 24ffaa Waan gootu dhabdee aarin mattaatti ba'ee gubaachaama ol galtee intalaaf madaa wal'aantee ofiif garuu mala dhabde. akkasis jettee yaadde wantti dhufe haa dhufu irraan adda ba'a eeyyen obseera haga obsaa kana caala garuu deemuu hin danda'u jettee aaridhaan waa heedduu yaadde garuu, ijoollee isheef jecha haga dhumaatti yoo barbaachisaa ta'e haga wareegama lubbuutti obsuu akka qabdu yaadde. Akkuma isaattuu jireenya itti fufaniima jiraachuu eegalan. garuu, ibsaan isattiyyuu caalee imaaffaadhaan ishee rakkisa ture. maaf nama waliin haasofta, maaf kofalta, diiman akkamitti mana kana dhufaafii kanneen kana fakkaatan jechuun ishee dhukkubsa ture. Kana duwwaa miti dhugee macaa'ufii mana raggaatun bule jechuun ala bulurree ittuma fufeera. guyyaa tokko waldhabbiin baayy'annaan raggaatun jaarsummaa dhuftee himannaa jalqaban. dinqituun obsa dhabdee boochee hirqinfattee " mee ilaali miidhamakoo an biyya kanaa isinuman beeka raggaatuu keessattuu si amaneen ture garuu, wanta akkasiitu namuudate fira tokko of biraa hin qabu ijoollen koollee kunoo abbaa isaanitiin hacuucamaa jiru. mee natti himi maalinni balleesaankoo" jetteen imimmaan xaragachaa. "tole ibsaanoo maal jetta yaada dinqee irratti" jettee gaafatte raggaatu innis " wanta uumame hunhundaaf dhiifama gaafadheera garuu isheen diimatti maxxantee na arsiti an aaridhaanin akkasitti isheetti dubbadha malee jibbeen miti! kana isheenis beekti waa'ee ijoollee kootii ammoo isheenu na caala hin jaallattuun an akkamiinan isaan hacuucuu danda'a natti himi ijoollee koo mitimoo? ifa miti jechikee" jedheen akka qoosatti isheenis aaridhaan dubbachuuf kaannan " egaa jaarsummaafi mitiiree ani kanan as jiru waa xiqqoo akkan dubbadhuuf carraa naa kennaa malee" jettee ittuma fuftee " ibsaan balleesseera balleessaa koof ammoo dhiifama gaafadheera jedhe kanaaf, wanti hagas mara obsa nama dhoowwu waan jiru nattin fakkaatu ati bar haadha ijoollee lamaati waa hunda obsitee malee qilleensa of galchitee jennaan jiruun hin taatu namni waan kana caalu baayy'ee ta'a" jettee ittuma fufuuf jennaan " si ga'a na arrabsuuf dhufte taanan arrabni kan obboleesaa keeyyuu naga'a. ka'i deemi mana kanaa nagaadhan ba'uu barbaadda yoo ta'e" jetteen dinqeen lafaa utaaltee kaatee. akka seequu taatee raggaatun " haganuma quufte edaa giiftin! koottu na reebikaa" jetteen ibsaan gidduutti waan dubbatu wallaalee obboleetti isaa fuudhee gadi ba'e. Itti fufa... https://t.me/AsoosamaAO https://t.me/AsoosamaAO

  • Bu'aa ba'ii Kutaa 23ffaa Ibsaanis warreen kaanirra isa jaallata. garuu, goonkumaa jaalala isaa isattis ta'ee beektutti hin agarsiisu. sababiin isaas murteessaf beektun haadha isaanii waliin jiru ijaa ta'eef warreen hadha hin qabnemmoo inni bakka haadhas bakka abbaas bu'ee jaalala itti agarsiisuu waan barbaaduf murteessaafaa nii lola, sababa malees reeban. kun kan baayy'isee ishee aarsu dinqituun yeroo yerootti ibsaa loltti, ittiin ooddes ooltee bulti kanarraa kan ka'e mana keessa jireenya tasgabba'aa hin qaban jireenya boora'aa jiraatu. haaluma kanaan jiraachaa osoo jiranii guyyaa tokko boontun intalli ishee guddoon ibsaa beektuu waliin osoo qoosanii kuffiftee buruqsite yogguu kana dinqituun aaridhaan fiigdee deemtee boontuu kabalte. Ibsaanis fiigee dhufee "maal gochuu keeti intala abbaan illee hin hin beekamna kanaaf jettee mucaakoo kabaltaa" jedhee itti dheekkame isheenis naatee beektuu ofitti qabdee madaashee sukkuumaa, " maal jechuudha kunimmoo" jetteen innis yaada keessa seenee isa diiman osoo kan koo taatee waan isheef malu sin garsiisa ture jedheen yaadatee, "eeyyen diqaalaa kee kanaaf jettee" jedheen. Dinqituun ariishee obsuu hin dandeenye rukuttees baafachuu hin dandeessu baayy'ee aartee gubattee waan gootu dhabnaan seqxe qis qis jettee erga kofalteen booda "boontun kankeeti beektun diqaaladha mii? eeyyen sirrii jette at kabaja hin beektu kun hundis siif hin malu ture anabar durbummaadhan na argatte si garuu ijoollee lama waliin si arge. daaran daakutti kofalti jedhe beekaan yoomammaku bagan anuu shakkamekaa" jetteen. innis " daakuf daaran isaatuu walii hin beekamu" jedhee aarin ofitti gumgumaa ba'ee sokke. Dinqituun gama tokkoon madaa buruqa intalashee gama tokkoon ammoo madaa dubbii ibsaa lama itti ta'ee akkatti wal'aantu wallaaltee waan gootu dhabdee aarin mataatti ba'ee dhukkubseen. Itti fufa... https://t.me/AsoosamaAO https://t.me/AsoosamaAO

  • Bu'aa ba'ii Kutaa 22ffa Diimanis sossobee gorseenii deebisee galcheenii ibsaas haasofsiisee itti dheekkamee akkas jedheen " jalqaba kankoo hin taane malee waan dinqeef malu sin garsiisa ture" jennaan ibsaan aaree " kanas nii yaaddaa edaa?" jedheen walitti bu'aniis ka'ee adeeme. erga guyyaa sanaatii ibsaan inaafuu jalqabe. gonkumaa ishee waliin isa arguu hin fedhu. Raggaatun erga isaan walfuudhanii mana isaanii baayye'es hin dhuftu ture dinqituunis itti aartee waan turteef badaa ishee hin ho'iftu. Guyyoolinis deemee ji'a ta'ee ji'oonnis darbanii dinqituun mucaa lammaffaa ulfooftee durbas deessee maqaa ishees beektuu jedhamii itti moggaasan. Ibsaanis abbaa ijoollee afurii ta'ee, jireenya moo'achuuf jechas hojii dabalataa jalqabee, jireenya fooyya'aas jiraachuu jalqaban. garuu, gama diinagdeetin haa fooyya'an malee mana keessa nagaa hin qaban waldhabbiin baayyatteetti ijoollen gonkuma walii galuu hin dandeenye yeroodhaa yerootti garaa garummaan baatya'te dinqsenis ijoollee jibbite lola itti baayy'ifte. Murteessan garuu, guddatee haadha gargaara ture, baruumsa isaattis cimaa ture ibsaanis warreen kaanirra isa jaallata. Itti fufa... https://t.me/AsoosamaAO https://t.me/AsoosamaAO

  • Bu'aa ba'ii Kutaa 21ffaa Murteessaa hacuucaa turan. sababa kanaanis waldhabbiin baayyachaa dhufe. intalli obboleessa ibsaas dirribeen ijoollee isaan kaan waliin murteessaa hacucci ture. dinqituun isa dura ishee irraatti ta'eyyuu haga yoonaa amantee fudhachuu hin dandeenye, yogguu hacuccaa isaan murteessaa isheerran ga'an argitu ammoo caalumatti obsa dhabde, nama gadda ishee itti himattu tokkollee hin qabdu ollaan ishees akkuma isheen hundama beekaa itti seentetti yaadu. guyyaa tokko mootin mucaan ibsaa inni jalqabaa murteessadhaan dhiibee kuffisnaan murteessan haguma humna isaa dhagaa itti fudhatee akkuma tasaa burukseen yogguu kana dirribeen intalli obboleessa ibsaa murteessaa ulee guddaadhan haga inni gaggabutti reebden. finqituunis raftee turte wacni ishee kaasee waan ta'e hunda yeroo argitu aartee caammaashee baftee dirribeetti darbattee mucaashee qabattee aaridhaan fiigdee manaa baatee karaa konkolaatarra deemuu jalqabde. Eessa akka deemtullee hin beektu! callifteema osoo deemtuu nannoo dur itti buna gurgurtu karaa mana bunaa raggaatuu geesse. diimanis karaarra jira ture ol ka'ee "noruu nama bade eessaa mul'attan harr'a" jedhee qoosan yogguu ija ishee ilaalu imimmaanin tortoreera. "maali? maal taate dinqeekoo ibsaadhaa? natti himi sireebee? natti himi" jedheen isheenis imimmaanin hudhamaa "omaa hin taane" jettee irraa gortee deemte diimanis fhaabatee yogguu isheen deemtu ilaalaa " an sitti himuuf yaaleen ture garuu, na hin dhageenye, akkas jedhamaa miiree hima didduun du'a hin diddu kun siifi laal" jedhee deebi'ee ammoo gaddee ofirra gad taa'ee xiqqoo yaadee itti fiigee qaqqabeenii " ilaa dinqee koo haalli ati keessa jirtu naaf gala garuu, sirreessuu hin dandeesssu kanaaf barfatteetta danda'uu malee fala hin qabdu koottu deebi'i eessa deemta?" jedheen isheenis boossee waan ta'e hunda itti himte. Diimanis sossobee gorseenii deebisee galcheen Itti fufa... https://t.me/AsoosamaAO https://t.me/AsoosamaAO

  • 26 мар.2573из GolaOromiyaaa

    1. Gola Oromiyaa        🔗@GolaOromiyaaa 2. Kana Beektuu        🔗@KanaBeektuul 3. Madda Seenaa        🔗@Maddaseenaa 4. Kitaabilee Xinsammuu       🔗@KitaabileeXinsammuu 5. Qoraasuma Media        🔗@QoraasumaMedia1 6. Furtuu Kaayyoo        🔗@Furtuukaayyoo 7. Abjuu Egeree        🔗@AbjuuEgeree 8. Jecha Beektotaa        🔗@JechaBeektota 9. Afoola Oromoo        🔗@AfoolaOromooAO 10. Asoosama Afaan Oromoo        🔗@AsoosamaAO 11. Ergaa Jaalalaa        🔗@Ergajaalalaa

  • Bu'aa ba'ii Kutaa 20ffa Bor garuu na hin argitu jetteen. Ibsaanis nahee " lakki akkas hin godhin na arrabsi, na reebi, waan barbaadde na godhi malee na dhiiftee hin deemin! Isayyuu eessa deemtammoo maaloo akkas hin jedhin" jedheen. Isheenis garuu, eessan deema dhugayyuu, dinqee malee hin beeku ishesnimmoo akkas na goote eessan deemaree jettee keessa isheetti hasaasaa baayy'ee aarte. aaridhuma kanaan osoo haas'uuf jirtuu tasa kuftee lafa dhoofte. Ibsaanis itti fiigee " ka'i maal taatetu" jechaa iyye isheen garuu hin dhageechuni. Innis iyyee ollaa dhageessisee namnis birmateefii siree mukaa xiqqoo tokko irratti hidhanii kara mana yaalaa geessan. mana yaalas erga turanii booda ogeessi fayya takka gadi baatee abbaan warra si'ii? jetteen ibsaadhan innis utaalee eeyyen, jedheen. baga gammadde mucaan kees,haati warraa kees nagaadha , garuu hirri'ina dhiigaa qabdi ijaa ta'eef of eeggannoo gochuu qabdu jetteen. Ibsaan waan itti dhagahamu hubachuu hin dandeenye nahes gammades. Dinqeen gaafa kana dhageessu naatee, aartee garuu, waan gootu dhabdee jireenya itti fufani karaa tokkoon ulfa karaa kaanin ijoollee lama guddisaa dinqituun da'uumsa irras geessee deessee mucaa ishees murtessaa jettee maqaa itti moggaaste ijoollenis sadi ta'ani dinqituu gargaaruf ammoo intalli obboleessa isaa isaan waliin jiraachuu jalqabde. Dinqituun garuu kaayyoo ishee karaatti dhiiftee jireenya jalqabde itti fufteema jiraatte. Murteessanis waggaa lama ta'e warri kaanis gugufdatanii waliin taphatu garuu, murteessaa hacuucaa turan. Itti fufa... https://t.me/AsoosamaAO https://t.me/AsoosamaAO

  • Bu'aa ba'ii Kutaa 19ffaa Jette raggaatunis akka aaruu taatee. "maal jechuudha baa'ee gadditeetti osoo nama biraa ta'ees kanumatu uumama ture, amma akkamitti akkan hubachiisu mala naaf himi" jedheen. isheenis " maal ho'ifta egaa ishee dura fuutee akka si jalaa duute itti himikaa kun waan haaraa miti" jetteen. ibsaan itti aaree na gorsitee duute jedhee keessa isaatti asaasee/gumgumee fiigee ba'e, iddoo yeroo aarufii gaddu deemu sana deemee kophaa taa'ee yaaduu jalqabe osoo manaa baddee na eegdeehoo jedhees yaade dhiphachaatuma ture, achumaan Kara galgalaa irra mana dhugaatii dhaqee machaa'ee kara manaa gale. yogguu mana ga'u namoota afuritu manatti eegen; meetii/ obboleettii, dinqituu, ilma isaa fii intala waggaa shanii turan. " innis ol seenee kolfee maatikoo jaallatamoo" jedhe macciidhan. ijoollenis abbaa jechuun itti fiiganii haammatan. dinqituun ammas naatee intallis kan isaati akka hin taane jette keessa isheetti. xiqqoos turanii irbaatni dhiyaatee nyaatanii keessummaas raffistee akkuma isaattiyyuu kara siree deemte omaas osoo itti hin dubbatin ifaa dhaamsitee rafte. Ganama ka'niis erga ciree nyaatanii, obboleettin an deemuu kiyya nagaa ta'aa jetteenii deemte. Ijoollee lameenuu gattee, amma akkatti hubachiisu dhabe ibsaan, isheenis waan jettu wallaaltee callifte, callisa heedduu booda " dinqee dhiifama guddaa sirriidha jalqaba si hubachiisun qaban ture garuu, sitti hin himne eyyen kana dura fuudhen ture, ijoollee lama erga naaf deessee isheenis boqatte. amma ammoo siinan argadhe bakka naaf buutes natti mul'atte sidhabuu hin barbaadufan si dhokse dhiifama! amma ammoo an hojjettuu siifan qacara ijoollenis si hin rakkistu kana caala na jaalaa calliftee nan dhiphisin maaloo" jedheen. Isheenis " hujjettuu jette qacaradhu bor garuu nan argitu" jetteen. Itti fufa... https://t.me/AsoosamaAO https://t.me/AsoosamaAO

  • Bu'aa ba'ii Kutaa 18ffaa Bilbila cufee yoo karra banee seenu dinqituun imimmaanin tortortee karra duuba jirti. " maa maal taate " jedheen naasuu guddaadhaan, isheenis siqi narraa isa jette hunda dhagaheera,maaf na dhoksite garuu maaf akkas goote maaf maaf maalif " jette iyyitee Ibsaanis itti siqee "akkas mitiim akka ati yaadde miti hundumtuu" jennaan ofirraa isa darbattee "maal na hubachiisufi mucaa osoo qabduu akka nama omaa hin beeknetti na waliin ta'uu kee moo, akka itti mucaa godhatte amma na hubachiisuu dhufta natti himi kun tuffii akkamiiti? ani maal balleessen kana hunda miita" jechaa baayyee iyyitee, itti dheekkamtee, arrabsitee itti dhiyaattee harkaan haga dandeessu reeba natti himi hin callisin dubbadhu jechaa gamsiiftef. Innis harkashee lamaan walitti qabee "na dhaggeeffadhu; si dhoksuu barbaadee wantin si dhokse hin jiru. hundumaa yeroo isaatti sitti himuufan ture situ dursee dhagahe malee. eeyyen muccaan qaba kana dhageessee mii kunimmoo seenaakoo kan darbeedha" jedheen qis qis qis jettee kofaltee kaatee " seenaa darbedhaa? natti himi wanti biraa na dhoksite hoo hin jiruu?" jetteen. Ibsaan kana caala haasa'uu hin dandeenye gateenii fiigee bahee obboleettii isaa bira deemee wan uumame hunda itti hime raggaatunis " kana hunda maaltu ishee aarseree mucaa tokko qabaachuu kee duwwaa dhageessee akkas kan taate waan hunda gaafa bartu akkam taati laata!" Jette raggaatunis akka aaruu taatee. Itti Fufa... https://t.me/AsoosamaAO https://t.me/AsoosamaAO