tgindex
Fayyaan Faaya

Gorsaa ogeeyyii fi odeeffanno dhimmoota fayyaa.

Последний пост
20 нояб.
Последнее чтение
14 авг.
Постов за неделю
0
Всего постов
20
Тип
открытый
Язык
om
В каталоге с
14 авг.
Подписчики
7 173
−7 за 3 дн.
Сутки
−4
−0,06%
Неделя
 
Месяц
 
Просмотров на пост
3 793
20 постов
Вовлечённость
52,9%
к подписчикам
Постов в день
0,0
всего 20
Упоминаний
0
каналов
Охват размещения
оценка
1/24сутки в ленте
1/48двое суток
1/72трое суток

Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.

Посты

  • Tooftaa Ittisaa Dhibee Vaayirasii Maarbergi - Tuttuqqaa dhangala'aa (imimmaan, fincaan, dhiiga) nama dhibameerraa of eeguu - Nama dhibeen vaayirasii Maarbergi qabe yoo kunuunsinu haguuggii afaaniifi funyaanii (maaskii) godhachuufi golgaa harkaa (gilaavii) fayyadamuu - Harka saanitaayizariin yookaan saamunaafi bishaaniin sirritti dhiqachuu

  • Dhibeen Vaayiraaii Maarbergi Akkamiin Daddarba: - Dhiiga, fincaan, imimmaaniifi dhangala'aa qaama dhibamaarraa bahu yoo tuqan, - Huccuu, uffataafi afata siree, lilmoofi meeshaalee biroo kan dhangala'aa qaama nama dhibamee yookaan dhibee Maarbergiin qabamee du'e keessaa bahuun faalame yoo tuttuqan - Simbira halkanii dhibee Maarbergiin qabaman irraa namatti nidarba

  • 29 окт.4 51014

    Wantoota Dhibee Waa Irraanfachuutif Nama Saaxilan: ************ 1. Dhugaatii alkoolii, sijaaraa aarsuu. 2. Dhibee marsaa dhiigaa, kanneen akka olka'uu dhiibbaa dhiigaa. 3. Dhibee sukkaaraa qabaachuu. 4. Balaan mataa namaatirra gahuu. 5. Sochii qaamaa dhabuu. 6. Ulfaatina gar-malee. 7. Kophummaa yeroo dheeraa. 8. Of dhagahuu dhabuu/of too'achuu dhabuu. 9. Rakkoon xiinsammuu nama gahuu. 10. Hojii ulfaatafii nama hifachiisu/dabbaru yeroo dheeraf fedhii malee hojjachuu fa'a. ********** Fayyaa sammuu malee fayyaan hin jiru! Galatoomaa walif share godha. Ulfaadhaa! ©️ Dr. Hamzaa Jamaal

  • Namoota dhukkuba gaaraachaa qabdaniif - Fayyummaa Gaaracha Keessaniif: ***** 1. Waantoota dhukkuba garaachaa fidan akka: alkoolii baay’isuu, tamboo xuuxuu, qorichoota ajaja ogeessa fayyaa malee kennaman fayyadamuu fi of dhiphisuu irraa fagaachuu. 2. Nyaata dhukkuba garaachaa nutti cimsan irraa fagaachuu: nyaata kana baay’inaan abbuma dhukkubsatu sanatu beeka, yoo kan nyaatnaan nutti cimsu beekne nyaata sanarra fagaachuu qabna. Walumaa galatti garuu mi’eessitoonni akka barbaree, buna, nyaatotaaf dhugaatii erga hojjetamanii turanii afaaniitti hadhaa’an (fkn farsoo ba’ee ture) namatti kaachisu. 3. Nyaata dhukkuba garaachaa irraa fayyuuf nu gargaaran nyaachuu: isaan keessa dammi isa hangafa fi fayyuu garaacha madaa’eef kan gargaarudha. Qullubbiin adiin (garlic) baakteriyaa H. pylori jedhamu sanaaf akka haalli hin mijanne taasisa, kuduraa fi muduraaleen ammoo vitaaminii hedduu waan of keessaa qabaniif yoo nyaanne garaachi keenya dafee akka fayyu taasisa. 4. Gara mana yaalaa deemuun yoo baakteriyaan H. pylori jiraate qoricha isaa fudhachuu qabna. *** Fayyaan faaya.

  • без подписи

  • Faayidaa bishaan qabbanaawaan qaama dhiqachuun qabu Fayyaan Faaya ********* 1. Hormooniin indoorfiin jedhamu akka burqu taasisa. Hormooniin kun akka gammaddu si taasisa. Torbaanitti yeroo 2 ykn 3 bishaan qabbanaawaan yoo shaawara fudhatte mukaa'uu ykn dabbaramuu sirraa oofa 2. Marsaan dhiigaa akka fooyya'u godha. Iddoo kanatti warri baayyee itti fayyadamaa jiru atileetoota. Yeroo ispoortiirratti qaamni isaanii miidhame bakka sana cabbii itti godhu. Kuniis iddoon san akka hin kulkullee fi daftee fayyitu godha. Kana malees namni bishaan qabbanaawaan yeroo hedduu qaama dhiqatu ifaa fi bareedaa deema 3. Dhukkuboota tokko tokko akka ofirraa qolannu nu godha fkn utaalloo 4. Meetaaboolizimii qaama keenyaa waan dabaluuf cooma qaama keessaa diiguudhaan ulfaatina hin barbaachifne akka hirrifnu nu godha! 5. Madiinummaa ykn dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu qaama keenyaa olkaasa 6. Dandeetti dhala argachuu dhiiraa dabala. Sababni isaatiis cidhaan teempireechara qaamarra qabbanaawaa waan barbaaduuf bishaan qabbanaawaan qaama dhiqachuun fedhii isaa ni guutaaf 7. Ganama akka daddaftee hirriibarraa kaatu si godha!! Fayyaa argadhaa!! Horaa bulaa!!

  • 🌬️ Cilee/Kasalaa Yeroo Gannaa fi Rakkoo Fayyaa Qaqqabsiisu Cileen ykn Kasalli ✅ nyaata bilcheessuuf, ✅ ho’a maddisiisuu fi ✅ industiriiwwan gara garaatiif oola. Garuu! Yeroo Gannaa, miidhaa cimaa fayyaa irraan gahu danda’a. Rakkooleen yaalaa gaddisiisaa garmalee nama tuqan keessaa: ☠️ Ukkamfamuu, ☠️ Summii hamaa qaqqabuu, ☠️ Du’a aara Cileetiin dhufu. 🏠 Yeroo Gannaa mana ho'isuuf Cilee hin fayyadaminaa! Yoo dirqama ta’e malee, balbalaa fi foddaa bananii qilleensa wal jijjiiru hin dagatinaa. “Aarri badeera” jettanii of gowwoomsuu hin ta’in! 🛑 Cileen summii cimaa of keessaa qaba. 😷 Rakkoo Fayyaa Cileen Qaqqabsiisuu Danda’u Maal Fa’a? 1️⃣ Alarjii sirna hargansuu kakaasa 2️⃣ Faalama Kaarboon Monoksaayidii – summii hafuuraan seenu nama ajjeesuu danda’u ☠️ 3️⃣ Rakkoo sirna narvii – yaadachuu dhabuu 🧠, jeequmsa aarii 😤 fi sochii qaamaa 🧍🏽‍♂️ ⚠️ Kaarboon Monoksaayidiin (CO) – summii aara keessaa hin urgaannu, hin arginu, garuu du’aaf nama saaxiluu danda’u! 👶 Fayyaan Daa’immaniif! Isaaniif cilee irraa fagaadhaa. Qaama miidhamaa ta’uuf nama duraa daa'immani!

  • без подписи

  • FAAYIDAA SHUNBURAA ==================== 1.Dhukkubbii mataaf. 2. Jijiiraamu sagaleetiif, 3. Dhukkuubbii laagaaf. 4. Dabaliinsa qaamaaf, (dabaluu qamatiif.) 5. Daballii sparm (rakkiina walqwalqunnaamtii saala damma waliin makaa nyaadha ) 6. Raammo garachatiif. 7. Dhukkuubbii lappee irriisuf. 8. Dhukkuubbii dugdaaf, kessaattu warreen lapii toppi fayyadamaaniif. 9. Dhibee sonbaatiif. 10. Cirraacha kalee basuuf, kessaattu gurrattiin isii yoo dammaan makaani nyataan. 11. Dhìibbaa dhiigaatiif. 12. Gogaa kenyaaf. 13. Ciixxoo (Hoqsiisu qaama) irrisuuf.. 14. Fayyaa rifeensaaf. 15. Dhibee ilkaaniif. 16.dhiiguu irgoo keenyaatiif. 17. Fayyaa onneef. 18. Fayyaa sammuu keenyaatiif.

  • 🚰 Namni ga’eessi tokko guyyaa tokko keessatti bishaan hagam dhuguu qaba? ✍️ Shamarraniif – 💧 2.7 Litira ✍️ Dhiiraaf – 💧 3.7 Litira ✅ Bishaan dhuguun fayyaa qaamaa fi sammuu eeguuf murteessaadha!

  • Amala Namoota Sammuu Cimaa Qabanii: ➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖ 1⃣ Haala hamaa Keessattillee 'Positive' ta'anii itti fufu. 2⃣ Dogoggora isaanii ni amanu. 3⃣ Rakkoo ofiif nama hin komatan. 4⃣ Furmaata irratti Xiyyeeffatu. 5⃣ Namoota summii qaban akka badan/ Neutralize/ godhu. 6⃣ Ofitti amanamtoota malee of_ tuultota miti. 7⃣ Kufaatii gara carraatti jijjiiruun imala isaanii itti fufsiisuuf cichanii hojjetu 8⃣ Jijjiirama hammatu. 9⃣ Gaarummaa, gara laafina fi waliif yaaduu baratu. 🔟 Dhimma Ofiitiin yeroo rakkatan illee nama gargaaru. #followme #formore #additional #tips Master Chimdessa

  • без подписи

  • ✅ FAAYIDAA QULLUBBII ADII FI DAMMAA 1️⃣ Fayyuummaa Onnee Dabala ❤️ 2️⃣ Dhiibbaa Dhiigaa Gadi Buusa 🔽🩸 3️⃣ Kolestroolii Olka’aa Hir’isa 🧬 4️⃣ Dhiiga Qallachuu Ittisa 🛡️🩸 5️⃣ Ujummoo Dhiigaa Dhibuu Ittisa 🫀 6️⃣ Baakteeriyaa Ittisa – Infekshinii Cimaa Dhabamsiisa 🦠🚫 7️⃣ Vaayirasiirratti Ittisa Cimaa Kenna 🧫💪 8️⃣ Ifa fi Fayyaa Gogaa Keessanitti Fayyada ✨🧖 9️⃣ Alarjii Irraa Bilisa Taasisa 🤧➡️😊 🔟 Ittisa Qaamaa Ni Cimsa – Immune System Cimsuu Danda’a 🛡️👨‍⚕️ 📝 AKKAMITTI FAYYADAMNA? 🧄 + 🍯 = ✅ 👉 Qullubbii adii urgooftuu fi damma kubbaayyaa tokko (330g) walitti maki. 👉 Ganamaa, garaa duwwaa irratti fayyadamuu ni wayya. 👉 Guyyaa keessa irra caalaa lama ol hin ta'in! Galatoomaa!!! Fayyaan faaya!!! Fayyaa ta'aa!!!

  • без подписи

  • FAAYIDAA AANNANII 👉Aannan dhangala’aa gosa nyaataa adda addaa kan akka Pirootinii,Vaayitaminii,Albuudotaa fi Faatiin kan badhaadheedha. 👉Faayidaawwan aannanii qorannoodhaan mirkanaa’an keessaa muraasni: ➊.Jabeenya Ilkaaniif Aannan viitaminii D fi kaalsiyeemii waan of keessaa qabuuf ilkaan akka hin tortoree fi salphaatti hin nyaatamne godha ❷..Fayyaa Lafeef Aannan nyaata fayyaa fi jabeenya lafeetiif barbaachisaa ta’an kan akka Kaalsiyeemii,Viitaminii D,Foosfarasii fi maginiziyeemii of keessaa qaba;isaan kun immoo jabeenya lafeetiif baayyee barbaachisaadha ❸.Guddina Maashaawwaniif Aannaan pirootinii qaamaaf barbaachisoo ta’aniin kan badhaadheedha,pirootiniin immoo akkuma beekamu ijaarsa qaamaaf baayyee barbaachisaadha ❹.Dhiphina Sammuu Ni Hir’isa Vaayitaminoonnii fi albuudonni aannan keessaati argaman dhiphina hirs’isuuf fayyadu,kanaaf namoonni sa’aatii dheeraaf hojii irra turan gidduutti aannan dhuguun faayidaa qabeessa. ❺.Akka Mi’eessituuttti ni Fayyada Aannan buna,daabboo,shoorbaa…..waliin yoo fudhatame akka mi’eessituutti fayyaduu danda’a ❻.Dhukkuboota Tokko Tokko Ni Hir’isa Aannaan olka’iinsa dhiibbaa dhiigaa,istirookii,dhukkubbii laphee fi kkf hir’isuuf ni tajaajila ❼.Madda Anniisaati ❽.Ulfaatina Qaamaa Hir’isuuf Fayyaan Faaya

  • без подписи

  • 🔺Gannaafi Balaa Elektirikii maaltu walquunnamsiisa? Jiidhinnii fi roobni balaa elektirikii fiduuf sababa ta’uu danda’a. Kanaafuu, yeroo gannaa kana balaa elektirikii ittisuufi miidhaa qabeenyaa, bineeldotaa fi nama irra gahu ittisuuf of eeggannoo gahaa ta’e gochuun barbaachisaa dha. ⚠️Balaan elektirikii maali? Balaan elektirikii humna ibsaatiin dhufu yeroo fi bakka kamittiyyuu mudachuu danda’a.Lubbuu fi qabeenya dhala namaa irratti miidhaa yeroof ykn dhaabbataa geessisuu danda’u. Balaan kun bakka of eeggannoon hin godhamne kamittuu mudachuu kan danda’u ta’us, carraan mudachuu isaa ji’oota gannaa(ji’oota jiidhina qaban) keessatti ol’aanaa ta’uu isaa ni arganna. ⚠️ Balaa Elektirikii fi walitti hidhamiinsa Gannaa Maddi humna ibsaa biyya keenyaa baay'inaan bishaan irraa akka argamu ifadha.Haa ta’u malee, itti fayyadama isaa ilaalchisee ibsaa fi bishaan wantoota guutummaatti wal tuquu hin qabnedha. Qilleensi qorraa bishaanii fi jiidhina walitti fida waan ta’eef, carraan Elektirikiifi fi bishaanii walitti hidhamiinsa guddaa waan qabuuf balaa geessisuu danda’a. ⚠️Balaan haala akkamii keessatti uumama? ➡️ Yeroo kanatti qilleensi cimaa fi roobni cimaan walitti makamuun kufaatii utubaa elektirikii fiduu danda'a. ➡️ Sokkeettii balaa geessisan fayyadamuu ➡️ Ogeessa elektirikii irraa hojjetu osoo hin ta’in ofiin suphuudhaaf yaalii geggeessuun mudaawwan kanneenii fi kanaan walqabatan yeroo kanatti balaa geessisuu danda’u. ➡️ Kana malees, balaan erga mudatee booda nama miidhame baraaruuf ariifachuun balaa biraa fiduu danda'a. ⚠️Balaan erga uumamee boodaa fi osoo hin uumamin dura maaltu godhamuu qaba? Balaan elektirikii erga mudateen booda to’achuun rakkisaa waan ta’eef balaa lubbuu namaa fi qabeenyaa kanaan dhufu dursanii ittisuun murteessaadha. ➡️ Kanaaf hawaasni tajaajila elektirikii fayyadaman yeroo kanatti of eeggannoo addaa gochuun irraa eegama. Haaluma kanaan:- ➡️ Yeroo gannaa hordofuun qilleensi cimaan yeroo dhufutti sarara humna ibsaa irraa fageenya ofii eeggachuun socho’uu. ➡️ Shiboo elektirikii sababa roobaan ykn qilleensaatiin kufe ykn miidhame kamiyyuu tuquu irraa of qusachuun, toora bilbila bilisaa 905/904 irratti bilbiluun ykn fuula miidiyaa hawaasaa dhaabbatichaa irratti gabaasuu. ➡️ Yeroo roobaa fi jiidha qabu utubaa elektirikii tuquu irraa of qusachuu. ➡️ Balaan erga mudatee booda, nama balaan sun irra gahe baraaruuf yaaluu manna, lakkooftuu humna ibsaa(Meter reading) dhaamsuu irratti xiyyeeffachuu. #Odeeffannoo_waqtaawaa_hubannoo_fooyya’aadhaaf Odeeffannoowwan Wayitawaaf; [Facebook] http://www.facebook.com/EEUOfficial [Telegram] https://t.me/eeuethiopia [Website] http://www.eeu.gov.et [YouTube] https://www.youtube.com/@EthiopianElectricUtility [Tiwtter] https://x.com/EEUEthiopia [TikTok] https://www.tiktok.com/@ethiopian.electri [Whatsapp] https://whatsapp.com/channel/0029VbAAvBDE50UZXJlIl507 #TajaajilaElektirikiiItiyoophiya

  • без подписи

  • Bututtii sammuu (burnout) maaltu fidaa?? *** ¶Hojii ofii irraa bu'aa gar-malee guddaa eeguu ykn karoora ifa ta'e dhabuu. ¶Jireenya ykn hojii ofii irratti to'annaa dhabuu fi Jireenya ofiitiif madaala dhabuu..... hojii, bashanna, hariiroo maatii fi namootaa fi kkf walmadaalsisuu dhabuu. ¶Haala hojii namaaf hin mijanne, burjaajii ta'e keessaa hojjechuu. ¶Deggarsa maatii, hiriyaa fi kkf dhabuu. ¶Hojii walfakkaataa, kan jijjiirama/dorgommii hin qabne hojjechuu. ¶Nama mara gammachiisuuf yaaluu. ¶Hojiin namatti baayyachuu, Yeroo ofii seeraan fayyadamuu dhabuu. ¶Waan hin dandeenye, garmalee nama muddutti waadaa galuu ** FB ' Dr. Dawit (Speeshalistii dhibee sammuu).

  • HIRRIBA GA'AA RAFUU DHABUUN miidhaalee akkamii geessisaa? 1. Sammuu keenya adoocha. Daandeetti yaaduu, yaadachuu, xiinxaluu fi madaaluu hir'isa. 2. Dhukkuboota hedduuf akka salphaatti akka saaxilamnu taasisa. Kanneen keessaa: Dhukkuba onnee, dhiibbaa dhiigaa fi sammuu keessatti dhiigni itituu ykn dhiiguu. 3. Balaa tasaaf nama saaxila. Fkn. Balaa konkolaataa namarraan ga'uu yokaan namarra ga'uu. 4. Fedhii walqunnaamtii saalaa gadi buusa. Keessumaa dubartootaaf hirriba ga'aa hin rafne taanaan fedhiin walqunnaamtii saalaa dhabu. 5. Dhiphina sammuu fida. Namni yeroo ga'aa hin rafne turtii keessa sammuun isaa ofjibbuu, gadda fi dhiphina keessa seenaa deema. 6. Gogaan keenya dafee dulloomaa akka deemu taasisa. Kunis akkuma namni tokko yoo hirriba dhabu bulee ganama daalachaa'u turtii yeroo keessa immoo gogaan isaa miidhamaa deema. 7. Sammuun keenya waan hojjetaa oolle akka dafee irraanfatu godha. Sammuun keenya yoo rafnu waan guyyaa hojjetaa oolle process/xiinxalaa bula. Hirribni dhabamnaan kun hafeeti waan hinda hirraanfata. 8. Ulfaatinni qaamaa akka dabalu godha. Kunimmoo miidhaa kan biroo hedduuf nama saaxila. 9. Carraa dhukkuboota gara garaan du'uu dhala namaa olkaasa. Research biyya Englanditti hojjetame tokko akka ibsutti namoonni hirriba ga'aa argatan umuriin isaanii isaan hin arganne caalaa dheeraadha. 10. Murtoo kennuu irratti sammuu keenya dogoggorsa. Fayyaan Faaya