Oromo - Positive
СтатистикаWe give you the best positive quote and life advice's every single day. Stay with us and benefit alot.
- Последний пост
- 5 мая
- Последнее чтение
- 13 авг.
- Постов за неделю
- 0
- Всего постов
- 20
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- В каталоге с
- 13 авг.
- 1/24сутки в ленте
- —
- 1/48двое суток
- —
- 1/72трое суток
- —
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
Namoota yeroo nama hunda biratti hin mul’anne si argan jaalachuu 1. Hiika yaadaa kanaa hubachuu Yaadni “namoota yeroo nama hunda biratti hin mul’anne si argan jaalachuu” jedhu, namoota yeroo rakkoo, dhiphinaa fi yeroo namni biraa si hin hubanne, si waliin dhaabbatan ibsa. Namoonni akkanaa, yeroo gammachuu qofa osoo hin taane, yeroo dukkanaa keessattis si argu; jechuunis, rakkoo kee, miira kee fi dhugaa jireenya kee sirriitti hubatu. Kanaaf jaalalli isaanii ifaa fi dhugaa dha. 2. Namoota dhugaa si hubatan filachuu Namoonni hundi si wajjin ta’uu danda’u, garuu hundi si hubachuu hin danda’an. Namoota si dhaggeeffatan, si kabajan, fi yeroo si barbaachisu si bira dhaabbatan adda baasuun barbaachisaa dha. Namoonni akkanaa yeroo baay’ee baay’ina hin qaban, garuu gatii guddaa qabu. 3. Yeroo rakkoo keessa si waliin dhaabbachuu isaanii Namoonni si jaallatan dhugaan, yeroo rakkoo keessa si hin dhiisan. Yeroo namoonni biroo fagaatan, isaan ammoo si bira dhaabbatu. Kun jaalala isaanii kan dhugaa ta’uu agarsiisa. Kanaaf namoota akkasii beekuu fi kabajuun barbaachisaa dha. 4. Jaalala isaanii deebisanii kennuu Namoota siif dhaabbatan jaalachuun qofti gahaa miti; jaalala isaanii deebisanii argachuu qabu. Akkuma isaan siif dhaabbatan, atis yeroo isaanii barbaachisanitti isaanii bira dhaabbachuun dirqama. Kun hariiroo cimaa fi waaraa uuma. 5. Of ta’anii jiraachuu siif hayyamuu isaanii Namoonni dhugaan si jaallatan, akka ati of taatee jiraattu siif hayyamu. Si hin jijjiiran, si hin dirqisiisan. Akkuma jirtutti si simatu. Kun mallattoo jaalala qulqulluu fi kabajaa dha. 6. Amanamummaa fi iccitii eegu Hariiroon gaariin amanamummaa irratti hundaa’a. Namoonni yeroo dukkanaa si argan, iccitii kee eegu, si hin gurguran. Amanamummaa isaanii kun siif tasgabbii fi nageenya kenna. 7. Gatii isaanii beekuu fi hin daganne Namoonni akkanaa salphaa hin argaman. Kanaaf gatii isaanii beekuu fi yeroo hunda yaadachuun barbaachisaa dha. Yoo isaan dagatte, yeroon boodarra deebisuun rakkisaa ta’a. Kanaaf yeroo isaan siif qaban kabajuu fi jaalala isaanii tikfachuun murteessaa dha. Xumura irratti namoota yeroo nama hunda biratti hin mul’anne si argan jaalachuun, jireenya keessatti murtii guddaa dha. Isaan kun warra dhugaa siif dhaabbatan waan ta’aniif, jaalala isaanii tikfachuu fi kabajuu qabda. 🔑Join🔑 @Oromo_Positive ♻️share
Namoonni dachee kana irra jiraatan yeroo hunda yaadoota lama maddisiisaa oolu. Kana immoo yoo hirama itti laanne ilaallu:- ❶Namoota Yaada gaarii yaadan (optimistic). ➋Namoota Yaada hamaa yaadan (pessimistic) jechuun hiruun nii danda'ama. Yaadonni nuti sammuu keenya keessatti maddisiisaa Oollu galaa jireenya nuti gara fuulduraatti jiraannuti. Toora milkaa'inaa keessa seenuuf yaadoota gaarii ta'an kan kennaa kee waliin deeman maddisiisuun mala ittin tooricha keessa seenani milkoomaniidha. Har'a yaada nagatiivii ta'an yaadda yoo ta'e bor jireenya ati jiraattu jireenyuma gad-aanaa ta'a jedhuudha. Sababni isaa Sammuu nagatiivii yaaduun jireenya poosatiiviin argamsiisa jedhanii yaaduu irra Samiin dachee ta'i, dacheen immoo samii ta'i jedhanii ajajuutu salphata. Samiin dachee ta'uu akkuma hin dandeenye, dacheenis samii ta'i jenne yoo ajaja laanneef ta'uu akkuma hin dandeenye sammuu nagatiiviidhaan jireenya poosatiivii nuuf gumaachi jechuun amma iyyuu itti ida'uun yeroo keenya qaalii qisaasessuu taati malee fala nuuf hin argamsiisu. 🔑Join🔑 @Oromo_Positive ♻️share
⏰️ "Gatiin jireenyaa dheerina guyyootaa keessa utuu hin taane akkaataa itti fayyadama guyyoota sanaa keessa jira. Namni tokko waggaa dheeraa jiraatee jireenya xiqqoo jiraachuu danda'a." (Michel Montaigne) 👍 Dhugaan jiru jireenya kee akka feete gochuu dandeessa. Garuu si'a tokkoo ol jiraachuu hin dandeessu. Namootni guddaa yaadan jireenya isaanii guutummaatti jiraatu. Isaan muuxannoo isaanii guddifachuun addunyaa isaanii bal'ifatu. Kanaaf yeroo baay'ee namoota sammuu dhiphaa caalaa milkaa'odha. 📌 Gatii Yeroo Yeroon jireenya, jireenyi yeroo dhaan murtaa'a. Yeroon akkaataa jireenyi keenya bu'a qabeessa ta'u murteessa. Yeroo hogganuu hin dandeessu, yeroo keessatti garuu jireenya kee hogganuu dandeessa. Yeroon qabeenya qabeenya caaluudha. Yerootti fayyadamuu jechuun ofiif yaaduu jechuudha. Ammas yerootti fayyadamuun jireenya kee gaggeessuuf murtoo jalqabaa fi olaanaadha. 🕖 🔑Join🔑 @Oromo_Positive ♻️share
"Harka namaa ilaaluurra, halkan ka'anii hojjechuu wayya," jedhu Chaayinoonni. Dhuguma, ofii cimanii yoo hojjetan, kan argatanis guduunfachuun dirree hojii biraatti yoo ce'an milkaa'ina. Walitti fufiinsaan jabaatanii yoo hojjetan, maallaqa furdaa kuufatu; maallaqni sunimmoo: • Mana akkamii keessa akka jiraattu murteessa. • Gosa nyaataa akkamii akka soorattu murteessa. • Hiriyyoonni kee eenyu akka ta'an murteessa. • Milkaa'ina ijoollee keef qooda qaba. • Fayyaa fi umurii keessaallee harka qaba. • Tarii yoo dhukkubsattes, eessatti akka yaalamtuu fi dawaa akkamii akka fudhattu murteessa. Kanaafuu aadaa hojii cimaa gabbifadhu! Sooromuuf murteessi! Hiyyummaa hadheeffadhu! Jabaadhuu hojjedhu! 🔑Join🔑 @Oromo_Positive ♻️share
Wanti ati qabdu qabaa barbaada! ◈ Ilaalchi gaariin dhalootaaf riqicha ta'u, namoota gaarii qabaa qabeenya isaanii eeggatan keessa jira. ◈ Qabeenyi guddaan kan mootummaan hin beekne ati duwwaan beekuu qabdu si keessa jira. ◈ Bara namni jireenya dhiisee bara lakkaa'aa jiru kanaatti amala qabeenya keef eegdu ta'u kudhaammattee kaayyoo uumamteef jiraachuun gatii jabeessa guddaadha. ◈ Amalli ati qabdu qabeenya keef orma ta'uu danda'a. Amala qabeenya keef orma ta'e keessaa ba'i! ◈ Bara namni waan qabu miti ofiisaa of qabu dadhabe kanatti atimmoo of qabii waan gaarii si keessa dhokatee jiru achi baafadhu! ◈ Yoo qabaa isaa beekteef albuudni guddaan karaa kee duwwaa gara addunyaatti bahuuf qophaa'e tokko sii keessa jira; innis eeyyaama kee malee gara dhalootaatti achi bahuu hin danda'u. ◈ Beekumsa si keessa jiru gara hojiitti fiduuf bilchinni ati eenyummaa qabeenya kee baachuu danda'uuf aarsaa ta'uuf qabdu murtessaadha. ◈ Qabeenya guddaa si keessa jiru qabachuu dadhabuu keetiin ajjeessuu keerraa ofii kee lubbuun darbuu wayya. ◈ Jiraa du'aa baatee deemu hin ta'iin! Akka awwaalcha keessa isaatti du'aa baatu, alaan bifa qabu hin ta'in. waan qabdu sirriitti qabaachuu dadhabuun salphina. ◈ Karaa namni hunduu deemu irra nan deema yoo jette waan gaarii si keessa jiru ajjeessuu dandeessa. ◈ Jireenyaa fi adeemsa albuuda si keessa jiruuf karaa ta'u qabaadhu! ◈ Namoonni baay'een jireenya namaa akkeessuuf jedhanii harka duwwaatti hafan, baay'een immoo utuu hin bilchaatiin eenyummaa isaanii agarsiisuuf jedhanii namummaa isaanii gatan. ◈ Namni miira isaaf garbicha ta'e qabeenya keessa isaa jiru eeggachuu hin danda'u. ◈ Egaa ati qabeenya guddaa duuka uumamte. Qabeenya guddaa kana qabattee immoo maasii qabeenya kee balleessuu keessa hin taa'in. ◈ Addunyaa kana irratti namni qofaa isaa bakka guddaa gahe hin jiru. kanaafuu nama duukaa jiraachuu bari! Kunis ati mataan kee qabeenya dha. ◈ Amala waan qabdu siif qabu qabaadhu!! 🔑Join🔑 @Oromo_Positive ♻️share
Ganama Yommuu Kaatu Wantoota Gochuu Qabdu (3) 1ffaa. Karooraa fi yaada gaariidhaan ka’i! Galgala karoorfadhuu buli, ganama yommuu hirriiba irraa kaatu immoo karoora sana hojiitti hiikuu jalqabi. Ganama yeroodhaan akka kaatuuf galgala yeroodhaan rafuun gaarii ta’a. Namootni hojii isaaniitti milkaa’an baay’een ganama sa’aatii 11:00 booda ka’uudhaan guyyaa isaanii jalqabu waan ta’eef ganama sardama hin taane keessa hin galani. Galgala galaniimmoo karoora sana madaalu. Atis ganama yeroon kaatee akkaataa karoora keetiin yoo jalqabde, galgala immoo galtee yoo of madaalte guddinaaf baay’ee sigargaara. 2. Sochii qaamaa taasisi Ganama yommuu hirriiba irraa kaatu sochii jabeenya qaamaa taasisuun dhiphina sammuu hir’isuuf, humna dabalataa siif kennuuf, kaka’uumsa hojiidhaaf qabdu siif dabaluuf akkasumas oolmaa guyyaa kee si’aayinaan akka xumurtu si gargaara. 3. Waan gaarii yaaduudhaan, ilaalcha ‘positive’ ta’een lafaa ka’i! Ani nan milkaa’a, guddachuu nan danda’a, hojii harka kiyyaas Waaqayyo naaf eebbisa jedhanii jalqabuun guyyaa keenya irratti dhiibbaa guddaa qaba. Yaada booyichaatiin jalqabuurra yaada moo’ichaatiin jalqabuun guyyaa keenya nuuf bareecha. Isa kanaaf immoo faarfannaa, lallabaa fi barsiisa onnachiisaa gara garaa dhaggeeffachuudhaan, kitaabotaa fi barreeffamoota akkasii dubbisuudhaan jalqabuun nama fayyada. Guyyaan kun guyyaa Waaqayyo siif kennedha, itti gammadi, gammachuu kees dhageessisi! Akka amantii keenyatti Kadhannaa dhaan guyyaan jalqabame mooyichaan xumurama! karaa kee, oolmaa kee Waaqatti yoo kennatte, Inni oolmaa kee siif bareecha, karoora diinaa si duraa kaasa, eebbaa fi gammachuu addaa keessa si oolcha! Guyyaa kee booyichaan osoo hin taane moo’ichaan si xumursiisa! 🔑Join🔑 @Oromo_Positive ♻️share
Mala Rakkoo - የችግር ዘዴ ✅ ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ 🗣️ Namtichatu mootii biyyaati, bara qaroominni hedduun hin babal’atin. Guyyaa tokko miilaan, kophee malee, garee isaa waliin ta'ee daandii dheeraa deemee deebi’e. Karaa dheeraa deemuu isaa irraan kan ka’e yoo mana galu miilli isaa ni dhiige. Namtichi kun aangoo guddaa qaba. Rakkoo isa mudate kana hiikuudhaaf tajaajiltoota isaa waamee ajaja tokko dabarse. Ajajni sunis daandiin biyya inni bulchuu hundi itilleedhaan/waan nama hin quuqneen akka afamu/uwwifamu kan ajaju ture. Tole yaa mootii jedhanii waan inni jedhe hojiirra oolchuuf biraa ba'an. 🙏 Isa biraa ba'anii yoo mari’atanii, daandii hunda itillee/waan laafaa nama hin quuqne uffisuun salphaa akka hin taane hubatan. Isaan keessaa namni tokko, mootin kun hanga daandii hunda sirreessuuf yaalu, maalif miila isaa irratti waan isa tiksu/waan akka kophee/hin tolchineef jedhee yaada dhiyeesse. Yaada kana irrattis walii galanii mooticha bira dhaqan. Yaada isaaniis itti himan. Mootichis yaada sana dhageenyaan ni gammade. Qisaasa qabeenyaa guddaa utuu hin baasin, iddoo hunda geeddaruuf utuu hin yaalin, yeroo gabaabaa keessatti luka isaatiif fala barbaaduun salphaa ta'uu hubatee tole naaf tolchaa jedheen. Akkasitti rakkoon isaa salphaatti furamte. Al tokko tokko jireenya keenya keessatti akka kana taana. Rakkoo tokko furuudhaaf furmaatni nu cinaa utuu jiruu, yookin immoo utuu numa keessa jiruu iddoo biraa barbaanna. Utuu ofiif ilaalchaa fi sammuu keenya geeddarree fala of cinaatti arguu dandeenyuu isa kan biraa irraa, yookiin fageenya irraa fala barbaanna. Nama sammuun qophii qabuu fi ilaalchi qajeelaa ta'eef rakkoon furmaataa isuma cinaa jira. Kanaafuu, rakkoo si mudatu kamiifuu falli hin dhabamu, fala sana immoo fageenya utuu hin adeemin cinaadhuma kee barbaadi! ✍️ 🔑Join🔑 @Oromo_Positive ♻️share
Seera 15 Ittiin Jiraachuu Qabnu • Galateeffadhu! • Gaarummaa hojjedhu! • Barbaachisaa ta'i! • Jabaadhu! • Jaalala qabaadhu! • Kabajamoo ta'i! • Kabaja Qabaadhu! • Gonkumaa Hin Dhiisin! • Gonkumaa Hin Sodaatin! • Mo'amuu Didi! • Gammachuu Qabaadhu! • Fayyaa qabaadhu! • Amanamaa Ta'i! • Ofitti amanamummaa qabaadhu! • Gad of deebisi! 🔑Join🔑 @Oromo_Positive ♻️share
"Yaadni ati waa'ee wantootaaf qabdu si miidhuu yookiin si gargaaruu danda'a. Pozaatiivii ta'i." Positively Yaadi! Addunyaan ilaalcha yookiin yaada kee keessa jira; Yaadni kee dhugaa lafa kanarra jiru jijjiiruu yoo baatellee dhiibbaa jireenya kee irratti fidu ni hir’isa; Jireenya koo jijjiiruu hin danda'u jechuurra, jireenyi koo guyyaa guyyaan fooyya'aa jira jedhi! Na amani yaada gaarii yaaduu yoo dhiifte, jireenyi kee ni hammaata, kanaaf yaada gaarii qabaadhu!
1. 𝗞𝗮𝗮𝘆𝘆𝗼𝗼 𝗸𝗲𝗲 𝗶𝗿𝗿𝗮𝘁𝘁𝗶 𝘅𝗶𝘆𝘆𝗲𝗲𝗳𝗳𝗮𝗱𝗵𝘂. Jireenya keessatti maal galmaan gahuu barbaadda? Waan barbaaddu erga beektee booda humna kee galmaan ga’uuf xiyyeeffachuu jalqabuu dandeessa. 2.𝗪𝗮𝗻𝘁𝗼𝗼𝘁𝗮 𝘆𝗮𝗮𝗱𝗮 𝗻𝗮𝗺𝗮𝗮 𝗵𝗶𝗵𝗵𝗶𝗿𝗮𝗻 𝗱𝗵𝗮𝗯𝗮𝗺𝘀𝗶𝗶𝘀𝘂𝘂. Kana jechuun bilbila keessan cufuu, email keessan cufuu fi bakka tasgabbaa'aa itti hojjettan barbaaduu jechuudha. Akkasumas wantoota naannoo kee keessaa yaada namaa jeeqan kan biroo kan akka walxaxaa ykn sagalee balleessuu jechuudha. 3. 𝗪𝗮𝗻𝘁𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗱𝘂𝗿𝘀𝗮 𝗸𝗲𝗻𝗻𝗮𝗻𝗶𝗶𝗳 𝗸𝗮𝗮'𝗶. Hojiiwwan hundi walqixa hin uumaman. Hojiiwwan tokko tokko kanneen biroo caalaa barbaachisoo fi ariifachiisaa dha. Dursa hojiiwwan baay’ee barbaachisoo ta’an irratti hojjechaa akka jirtuuf dursa kennuufiin barbaachisaadha. 4. Hojiiwwan gurguddoo gara xixiqqootti qooduun. Hojiiwwan gurguddaan nama sodaachisuu fi baayʼee namatti ulfaachuu dandaʼu. Hojiiwwan xixiqqoo fi bulfamuu danda’anitti caccabsuun akka isaan hin sodaachifnee fi galma ga’uu danda’an fakkeessa. 5. Boqonnaa fudhachuu. Gubachuu irraa of eeguuf guyyaa guutuu boqonnaa fudhachuun barbaachisaadha. Ka'ii socho'i, ykn daqiiqaa muraasa fudhadhuu boqodhuu mataa kee qulqulleessi. 6. Hojiiwwan dabarsuu. Dandeettii hojii dabarsuu yoo qabaatte hojjedhu! Kunis hojiiwwan baayʼee barbaachisoo taʼan irratti xiyyeeffachuuf yeroo kee bilisa si godha. 7. Lakki jedhi. Keessumaa duraanuu yoo sitti dhagaʼame gaaffiidhaaf lakki jechuun homaa miti. Lakki jechuu barachuun kee yeroo kee eeguu fi wantoota dursa kennitu irratti xiyyeeffachuuf si gargaara. 8. Of badhaasi. Gaafa galma tokko galmaan geessan of badhaasi! Kunis kaka’umsa akka qabaattuu fi galma itti aanu irratti akka xiyyeeffattu si gargaara. 9. Milkaa'ina kee yaadi. Guyyaa guyyaan yeroo muraasa fudhadhuutii galma kee galmaan gaʼuu kee ofitti fakkeessi. Kunis xiyyeeffannaa fi kakaʼumsa akka qabaattu si gargaara. 10. Gonkumaa abdii hin kutatin. Yeroon abdii kutachuuf fedhiin sitti dhagaʼamu ni jiraata. Garuu obsuun barbaachisaa dha. Xiyyeeffannoo kee galma kee irratti qabadhu malee abjuu kee irratti gonkumaa abdii hin kutatin. 🔑Join🔑 @Oromo_Positive ♻️share
Qabeenyi kee inni guddaan bakki itti kuufamee argamu eessadha beektaayii? Sammuu kee keessatti; kanaaf sammuu keetiif eeggannoo godhadhu! Eeee... Waan hunda irraa ol fagaadhuu imali; adaduma ol siqaa deemtuun, wanti lafa irratti raawwatamu hundi, ijatti si xiqqaataa deemaa beeki; lubbuu malee sammuun kee waan qabatamaa hin qabne hin fudhattu, nagaan jiruu kee jiraattaa, mee al tokko ol siqii socho’i, kuufama beekumsa keetii raajii hedduu argitaa daawwadhu! Nama nana!... Nama hundumaaf dhiifama godhi, isa iccitii jiruu keetii hunda biraa qabdu immoo, kan ofii si gane, lammata amantee wajjin imalaa jirta taanaan, situ of gane, isa dhiisii ofitti araaramii; boqonnaa jiruu haaraa banadhu. 🔑Join🔑 @Oromo_Positive ♻️share
🔻 Yeroo hunda jijjiiramuu kan dandeenyu yoo yaada sammuu keenya keessaa burqu itti fayyadamnedha! Sababni isaa jijjiiramni inni dhugaan keessaa eegala! ✪ Yaadota sammuun keenya burqiisisu baafnee irratti hojjechuurratti sodaa qabna taanan sodaan keenya jijjiirama sadarkaa tokkorra akka turruu fi jijjiiramuu irraa nu dhorka! ✪ Kanaaf sodaa kana balleessuuf naannoo keenya kan sodaa itti mo'achuu dandeenyu uumuun irratti hojjechuutu nu irra jiraata. Yoos jijjiirama keenya harka keenya irratti arganna. 💯 🔑Join🔑 @Oromo_Positive ♻️share
Gatii Kee Beeki! | Know Your Value Bishaan qaruura tokko suuqii guddaa keessa jiru gatiin isaa 10ETB dha. Bishaan qaruura wal fakkaatu mana dhugaatii tokko keessatti gatiin isaa 15ETB dha. Mana nyaataa yookiin hoteela keessatti hanga 20ETB ta'a. Buufata xiyyaaraa yookiin xiyyaara keessatti kaffaltiin isaa 50ETB ta'a. Qaruuraa fi maqaan isaa tokko dha, wanti jijjiirama fide iddoo argama bishaanichaati. Tokkoon tokkoon iddoo argama bishaanichaa gatii adda addaa bishaan qaruura walfakkaataaf kenna. Bakka jirtutti gatii akka qabdu sitti dhaga'amuu yoo baate akkasumas namni naannoo kee jiru hundi gatii kee xiqqeessu yoo ta'e, naannoo sana hin turin, adeemi! Jijjiiramuuf hamilee qabaadhu. Bakkeewwan gatiin siif malu itti siif kennamu dhaqi. Gatii kee beeki, of dinqisiifadhu! Gatii xiqqaadhaan of hin sharafin! 🔑Join🔑 @Oromo_Positive ♻️share
❒ Barnootawwan 10n kitaaba "Lola Keessoo Kee Injifadhu" jedhu kan Deris Fooroo barreesse irraa fudhatame 1. Milkaa'ina kee irratti gufuun guddaan addunyaa si'in ala jiru osoo hin taane addunyaa keessa kee jirudha: Sodaan, shakkiinii fi tasgabbii dhabuun kee diina dhugaa injifachuu qabdudha. 2. Sodaan dhugaa miti: Sodaan miira yoo ta’u, miirrii immoo dhugaa miti. Sodaan sitti dhagahama waan ta’eef qofa, wanti sodaachuu qabdu jira jechuu miti. Sodaan miira humna guddaa qabu ta'us, waan ittiin to'atamuu qabdu miti. 3. Ati waan yaadde caalaa cimaadha: Waan hubattu caalaas dandeettii qabda. Sodaa kee mo'attee kaayyoo kee galmaan ga'uuf humna qabda. Sodaan kee jireenya kee isa gaarii jiraachuu irraa si hin dhowwiin. 4. Galma baafadhu akkasumas tarkaanfii fudhadhu: Lola keessoo kee injifachuu yoo barbaadde galma baafachuu fi tarkaanfii fudhachuu qabda. Waan galmaan gahuu barbaaddu qofa teessee abjuudhaan hin abjootin. Karoora baafadhuutii har'uma galma kee ga'uuf hojjechuu jalqabi. 5. Abdii hin kutin: Daandiin milkaa'ina yeroo hunda salphaa miti. Yeroon abdii kutachuu barbaaddu ni jiraata. Garuu yoo abdii kutatte gonkumaa kaayyoo kee galmaan hin geessu. Kanaaf qabsaa'uu itti fufi, gara fuulduraatti dhiibuu itti fufi, abjuu keetiif gonkumaa abdii hin kutatin. 6. Ofii keetiif gaarummaa qabaadhu: Ati qeeqaa kee isa hamaa dha. Garuu ofiif gaarummaa qabaachuu qabda. Dogoggora kee irratti of hin miidhiin. Isaan irraa barachaa itti fufi. 7. Yeroo ammaa keessa jiraadhu: Waan darbe keessa hin jiraatiin akkasumas waa'ee egeree hin yaadda'iin. Yeroo ammaa kana irratti xiyyeeffachuun imala keetti gammadi! 8. Waan qabduuf galateeffadhu: Waan hin qabne irratti xiyyeeffachuun salphaadha. Garuu waan qabnuuf galateeffachuun barbaachisaadha. Galateeffannaan wantoota gaarii jireenya kee keessatti argaman dinqisiifachuu fi yaada gaarii qabaachuuf si gargaara. 9. Namoota biroo gargaari: Namoota biroo gargaaruun addunyaa kana irratti jijjiirama fiduuf akkasumas ofiif miira gaarii akka qabaattuuf karaa gaarii dha. Akkasumas waan qabduuf caalaatti akka galateeffattu si taasisa. 10. Kaayyoodhaan jiraadhu: Kaayyoon jireenya kee maali? Maal irratti quuqama qabda? Kaayyoo kee barbaadiitii akkaataa sanaan jireenya kee jiraadhu. » Barumsi kun lola keessoo kee injifachuu fi jireenya gammachiisaa akka jiraattuuf akka si gargaaru abdiin qaba. 🔑Join🔑 @Oromo_Positive ♻️share
JIREENYA Jireenyi mana barumsaa cimaa addunyaa kana irraa dorgomaa hin qabneedha.Mana barumsaa namni hundi keessa darbuudha. Gaafa dhalattu mana barumsa jireenyaa tokko jettee eegalta. Gaafa duutu yoo qormaata jireenya mo'atte ni eebbifamta jechuudha.Eebbi kee immoo jireenya bara baraati. Kutaa meeqa akka geesse hin beektu.Callistee waan jireenyi si barsiisu baratta. Qormaata fuula duratti si mudatu hin beektu.Jireenyi barumsa si barsiisa, nama biraa immoo akkaataa biraan waan barsiisuuf, mana barumsaa jireenyaa keessatti qormaata wal irraa hatuun hin danda'amu. Sababiin isaa namni qormaata walfakkaataa qoramu tokkoyyuu hin jiru. Kanaaf jireenya keessatti namatu naaf jiraata kan jedhamu hin jiru.Abbaatu jiraattata.Abbaatu qormaata isaa qoramata. Kanaaf cimuu nama barbaachisa.Qormaata namatti dhufuuf jedhu waan hin beekneef cimaa ta'i! 🔑Join🔑 @Oromo_Positive ♻️share
Abdii hin kutin Namichi guyyaa guutuu hojii barbaacha oolee gara galgalaa akka tasaa dhaabbata tokko keessa akka hojjatu heyyamaniif. Gaheen hojii isaa qulqulleessadha. Guyyaa inni hojii eegalu itti himuuf e-mail kee nutti himi jedhaniin. Namichis technology irraa fagoo waan ta'eef e-mail hin qabu jedheen. Kun seera dhaabbatichaati si qacaruu hin dandeenyu jechuun isa gaggeessan. Innis ofitti gaddee hojii dhabuu isaatin abdii kutee gara mana isaa qajeele. Akka tasaa qarshii muraasa waan harkaa qabuuf qarshii sanaan timaatima🍎bitee mana manarra deemee gurguruu eegale, bu'aa waan argateef osuma akkas jedhuu gaaridhaan gurguruu eegale, itti fufee konkolaatadhaan🚚 gurguruu eegale. Dhumarra supermarket ofii banachuun magaalaa keessa jiraatu keessatti abbaa dhaabbata guddaa ta'uu danda'e. Yeroo kana maatii fi dhaabbata isaaf inshuraansi bituu barbaadee, gara dhaabbata inshuraansi tokkoo bilbile. Barreessan dhaabbatichaas odeeffannoo guutuu e-mail kee irrattan siif erga e-mail kee natti himi jedheen. Namichis e-mail hin qabu jedheen. Barreessan dhaabbatichaas rifatee osoo e-mail hin qabaatin kan akkas dureessa taate osoo qabaattee hoo akkam akka taatu yaaddee jedheen. Namichis yaadan gara duubaa deebi'ee EEYYEE dhaabbata guddaa tokko keessatti qulqulleessaa cimaan ta'a ture jedheen. Michuuwwan koo karaalee gara garaatin yeroo balballi isinitti cufamu tasallee ofitti hin gaddinaa. Sababni guddaan uuman keessan hojii tokko akka isin hin hojjanne isin milkeessuu dhiisuf hojiin suni wanta isin hin madaallefi. Maaltu beeka gara fulduraa bilballi baay'en isiniin qofa banamuu danda'u isin eeggachaa jira ta'a. 🔑Join🔑 @Oromo_Positive ♻️share
Gaaffilee Jireenya Milkaa'inaa Jiraachuuf Nama Kakaasan: ❏ Gaaffileen jireenyatti hiika godhan kunniin nama milkaa’ina hawwu tokkoof baay’ee murteessoo dha. ⁃ Ani eenyu ? ⁃ Maalifan Uumame? ⁃ Ergamni koo maali? ⁃ Karoorri koo maali? ⁃ Mul'anni koo maali? ⁃ Kaayyoon koo maali? √ Eessaan dhufe? √ Eessan Jira? √ Eessan Deema? √ Har'a maalin hojjedhe? √ Maal hojjechuun qaba? √ Wanta haaraan hojjedhu maaltu jira? ❏ Jireenya kee keessatti wanta hojjettee itti gammadduu fi si hin gammachiifne tarreessuu dhaan addatti maal gochuu akka qabdu hundumaa dursuun sammuu kee waliin marii gaggeessi! √ Your Future is on your hand! √ Success is behind you! 🔑Join🔑 @Oromo_Positive ♻️share
AMALOOTA NAMOOTA GUDDAA YAADANII A. Walitti fufiinsaan baratu. » Waan beekanitti yeroo kamiyyuu quufoo miti. Bakka haaraa daawwatu, kitaaba haaraa dubbisu, nama haaraan wal baru, dandeettii haaraa gabbifatu. Isaan umurii isaanii guutuu barattoota. B. Qalbii guutuun dhaggeeffatu. » Namootni guddaa yaadan akka waan baay'ee hin beekne of beeku. Kanaaf yaadaa fi hubannaa isaanii cimsuuf namoota hubannaa isaanirra qaban ni gaafatu. Kan hin beekne baruuf sirriitti dhaggeeffatu. Isaan dhaggeeffattoota gaariidha. C. Waa bal'isanii ilaalu. ✪ "Wantootni baay'een daangaa agartuu keenyaa qofa keessa waan seenaniif nutti hin mul'atani. Nutti mul'achuuf daangaa sammuu (yaada) keenyaa keessa seenuu qabu." (David Thoreau) ✪ Namni yeroo hedduu jalqabatti kan argu addunyaa ofii isaati. Eenyummaan kee maal akka ati argituufi akkaataa ati itti yaaddu murteessa. Namootni guddaa yaadan, addunyaa ofii isaaniin alatti addunyaa biraan akka jiru beeku. Kanaaf addunyaa ofii isaanii keessaa bahuun addunyaa namoota biraas ija isaaniin ilaaluuf carraaqu. Akkaataa namni tokko ilaalu beekuuf, dursa akkaataa namni sun itti yaadu beekuun barbaachisaadha. » Dhaggeeffataa gaarii ta'uun asitti nama gargaara. D. Guutummaatti jiraatu (live completely) » "Gatiin jireenyaa dheerina guyyootaa keessa osoo hin taane akkaataa itti fayyadama guyyoota sanaa keessa jira. Namni tokko waggaa dheeraa jiraatee jireenya xiqqoo jiraachuu danda'a." (Michel Montaigne) » Dhugaan jiru jireenyakee akka feete gochuu dandeessa. Garuu si'a tokkoo ol jiraachuu hin dandeessu. Namootni guddaa yaadan jireenya isaanii guutummaatti jiraatu. Isaan muuxannoo isaanii guddifachuun addunyaa isaanii bal'ifatu. Kanaaf yeroo baay'ee namoota sammuu dhiphaa caalaa milkaa'u. 🔑Join🔑 @Oromo_Positive ♻️share
#Sammuun Akka Iddoo #Biqiltuuti 🪴| ❍ Mul'ata kee namoota Ijaarama sammuu guddataa/#GrowthMindset fi qajeelaa qabaniif qoodi malee namoota sammuu Ego fi ijaarama sammuu dhaabbataa/#FixedMindset qabaniif hin qoodin! » Yoo akka gaariitti misoomsite daraaraan miidhagaa, namatti kan tolu ija godhachuuf kan daraaru ta'a. Garuu yoo tuffatte margi hin barbaachifnee fi qoraattiin bakka isaa biqiluu danda'a. » Yaadni kee akka sanyii ati facaaftu ti. Yaada gaarii yoo facaafte bu’aa gaarii argatta. Garuu yaada gadhee yoo facaafte, waan hamaa qofa haammatta. Filannoon kan keeti. » Gammachuun waan ari’amu yookiin horachuu danda’an miti. » Milkaa’inni dhugaa, qabeenya yookiin aangoo kuufachuu osoo hin taane, jireenya hiika qabu kan ofis, namoota biroos fayyadu jiraachuudha. » Of beekuun guddina dhuunfaa fi jijjiirama dhuunfaaf furtuudha. Yaada, miiraa fi amala keenya caalaatti yommuu hubannu, jireenya keenya irratti jijjiirama gaarii gochuu jalqabuu dandeenya. 🔑Join🔑 @Oromo_Positive ♻️share
Dandeettii kee beeki! ✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨ 🖊Dhugaa kana osoo hin fudhatiin eessayyuu deemuuf hin yaalin! yeroo hunda dhugaan dhugaa waan ta'eef. Yoo jireenyi sitti ulfaate, yoo qormaanni sitti baay'ate, yoo namoonni si jibban, yoo yeroo baay'ee kufaatin si muudate, yoo waan barbaadde galmaan gahuu dadhabde , yoo nama biratti fudhatama dhabde, haala keessa jirtu keessatti yoo sitti toluu dide, yoo of jibbite jireenya fayya qabeessa jiraachuu yoo dadhabde, hiree kee murteessuu yoo dadhabde. Yoo akka rakkinaatti of ilaalte, namoota miliyoonaan lakkaa'aman kan si caalaa dachaa hedduu rakkachaa jiran yoo yaadachuudha baatte,jireenyi kee yoo si jibbisiise , Al tokko nyaachuun yoo sitti ulfaate, yoo namoonni naannoo kee jiran jireenya sii olii jiraatan , Kanaaf sababni akka nama gadi aanaa fi gatii hin qabneetti of ilaaltuf hin jiru. Ati nama waan taateef Uumaan loogii hin godhu, nama waan hin taaneef immoo miidhaan nuhi irra hin geenye. Hundi keenya eenyummaa fi bakka gahuuf yaadamneef uumamne. Kana jijjiiruuf humna hin qabnu. 👉Eeyyee! Goota koo..! Nageenya ofii keetiif cimina kee beeki. Ulfina uumaa keetiif mudaa kee hin lakkaa'in. Akka namaatti bifa Waaqayyootiin uumamuu caalaa kabajni akkanaa jiraachuu danda’a? Gariin dheerina hidhii isaanii akka sababaatti of jibbuu, gariin dheerina ykn dheerina dhabuu kaasu, gariin maatii itti dhalatan ykn hawaasa keessatti guddatan qeequ. Garuu wanti isaan irraanfatan tokko komachuu fi balleessaa barbaaduun dhugaa jiru gonkumaa hin jijjiiru. Namni ulfina qaama isaa keessa seene qaama isaa irratti fuulaa fi bifa uumaan kennetti qaana'uu hin danda'u. Qaamni dheerina ykn bal’ina jaalalaa safaru hin jiru.Namni dhiira ta'uusaa daangessu hin jiru, eenyummaan dhiirummaa inni guddaan , jaalala, ofitti amanamummaa fi eegumsa dha. Namni eenyummaa durba ta'uu bocaa fi bifaan kan daangessu hin jiru , eenyummaan dubarummaa gara laafina, ogummaadha, jaalala... 👉Eeyyee! Bifa alaatiin of xiqqeessuun sirrii miti. Hanga of kabajuu dandeenyutti namni kamiinuu kabajamuu hin dandeenyu. Tokkoon tokkoon keenya hanga ofii keenyaaf bakka kenninutti namni bakka nuuf kennuu hin danda'u. Waan abbaan qabeenyaa sirnaan hin qabanne eenyutu barbaada? "namni tokkollee hin jiru". Namni nu caalaa ofitti dhihaatu hin jiru, Namni tokko jireenyi kallattii hundaan osoo isa dhiibaa jiruu deebisee of dhiibuun akkamitti dhiphina ofitti qaba? Akkamitti ofitti gara jabeessa ta’ee diina ofii ta’uu danda’a? Namoota fuulduratti of salphisuu, yeroo hunda isaan gadi ta’uu fi kabaja isaaniif akka hin malle agarsiisuudhaan, ofii keetii malee namni siif dhimmamu akka hin jirre yaadadhu. Namni hundi ofiif jiraata, kanaaf ati yoomiyyuu nama hiyyeessa, waa'ee hin baafne kan ofiif jiraachuun itti ulfaatu, kan of tuffachuudhaan nama gammachiisuuf yaalu ta'ee of xiqqeessu hin ta'in. Kabaja kee eegi, jireenya kee akka siif mijatutti jiraadhu.Eenyuyyuu ofii kee irra siif hin caalu! Galatooma! 👀 Stay Tuned! @Oromo_Positive 🔑Join🔑 @Oromo_Positive ♻️share