- Последний пост
- 11 авг.
- Последнее чтение
- 13 авг.
- Постов за неделю
- 0
- Всего постов
- 53
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- В каталоге с
- 13 авг.
- 1/24сутки в ленте
- 137
- 1/48двое суток
- 157
- 1/72трое суток
- 169
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
Irra jabduu Hojii Takka hojjatee Ergamaa Rabbii nama Guyyaa qiyaamaa saahibu tahe… Huzeeyfaa Ibnul Yamaan akkana ja’a ; Halkan san qabbana jabduu fi bubbee cimaa, goojjoo namni keessa qubate buqqistuutu dhufe. Nutis Ergamaa Rabbii (ﷺ) bira taa'aa turre.. Yeroo tana Ergamaan Rabbii (ﷺ) gaafatan: "Namni odeeffannoo diinaa naaf fidu eenyu? Ka Rabbiin Guyyaa Qiyamaa anaa wajjin isa taasisu..." Yaa jabeenya amrii badhaasni guddaa tahuu waliin !! Halkan kana keessa, qabbana cimtuu tana keessatti eenyutu boolla (khandaqa) san achi dabree, gidduu waraana kaafiraa seenee odeeffannoo dhaggeeffatee Ergamaa Rabbiitiif (ﷺ) fida..?? Namni deebise tokkolleen hin jiru. Sahaabonni gurguddoon hundi isa bira taa'utti jiran.. Nabiyyiin (ﷺ) irra deebi'anii: "Eenyuutu deemee odeeffannoo diinaa naaf fidaa?" ja'an, ammaas namni dubbate hin jiru.. Nabiyyiinis (ﷺ) yeroo sadaffaatiif: "Namni deemee odeeffannoo diinaa naaf fidu eenyu?" ja'an, namni dubbate hin jiru.. Dhumarratti Nabiyyiin (ﷺ): "Ka'i yaa Huzeeyfaa!" Oduu naaf fidi: "Garuu waan tokko isaan keessatti hin uumin ,oduu qofa naaf fidi," ja'en. Huzeeyfaan : "Qabbanarraa haalaan holladhuun gad ba'e. Garuu akkumaan iddoon Ergamaa Rabbii faa bira ture san keessaa ka’ee deemeen, akka waan mana oowwa bareedaa qabu keessa deemaa jiruu qaamni kiyya hundi naaf oowwe! Ja’a. Boolla (khandaqa) achi dabree gara waraana kaafiraa bira ga'e, waraana keessaas seene. Abu Sufyaan xarafa ganda Yahudaa banii Qureeyzaa isaa dhaabbatee jiruun arge. Xiyya kiyya fudhadhe isa ajjeesuu fadhee garuu jecha Nabiyyii (ﷺ): (Waa tokko isaan keessatti hin uumin) ja’u san yaadadhe, xiyya kiyya deeffadhe. Dukkanti jabduudha osumaan deemu jiru Abu Sufyaan hooggantoota isaatiin: "Gama kiyyatti walitti qabamaa.. na biratti walitti qabamaa.." ja'ee lallabu dhaga'e. Namoonni muraasnis walitti qabaman, anis suuta ja'ee giddduu isaanii seenee taa'e..dukkana waan ta'eef namni wal arguun hin danda'amu.. Abu Sufyaan akkana ja'e: "Iccitii guddoo tokkon isiniif hima, Garuu..Basaastonni Muhammad nu gidduu jiraachu malan, waan nuti dubbannu akka hin dhageenyeef, namni bitaa fi mirga keessan jiru eenyu akka ta'e tokkoon tokkoon keessan mirkaneeffadhaa.." Huzeeyfaan yeruma tanaan dafee : "harka nama mirga kiyyaan jiru qabadhee: 'Ati eenyu..?' ja'ee gaafadhe. Inniis : 'Amr ibn al-Aas' naan ja'e. Ammas harka nama bitaa kiyyaan jiru qabadhee: 'Ati eenyu..?' ja'een. Innis: 'Ikrimah ibn Abi Jahl' naan ja'e. Anis: 'bareedaadhaan dachiin nagaya itti fufiin..' ja'e. Osoo isaan isa hin gaafatin inni dafee gaafachuun faxinummaa isaati , namni biraa deebi’ee isa shakkee akka hin gaafanne godhe. Abu Sufyaan akkana ja'e: "As turuun keenya gatii hin qabu, qabbanaa fi bubbeen jabaattee jirti, kanaafuu ani gama makkaa deemuuf murteeyse isinis ka'aa deemaa.." Huzeeyfaan dafeetiin boolla achi dabree gara Nabiyyii (ﷺ) deebi'ee.. Akkumaan achi deebi’een Ergamaan Rabbii salaatu jira qabbanarraa bira taa’ee hollachaa hanga inni salaata fixatu eegutti seene..!! Ergamaan (ﷺ) salaata isaanii akkuma fixateen qabbana natti jirtu arginaan fitti na qabe uffata Tokko na uwwise. Eeganaa Rasuulli (ﷺ) gaafatan: "maalargite..?" Huzeeyfaan : "Waraanni Ummata kaafiraa sababa qilleensaa fi bubbeen itti jabaatteef deemuuf murteessan, Abu Sufyaanis namni hundi akka yaabbatee gama Makkaa deemu ajaja dabarseeti jira” ja’een .. Ergamaan Rabbii (ﷺ) injifannoo fi gargaarsa Rabbii isaaniif kannee akkasuma waraanni ummata kaafiraa salphachuu isaaniitiif Rabbiif galata galchan. Akkasitti Huzeeyfaa Ibnu Yamaan abbaa iccitii Ergamaa Rabbii tahuun alattiis nama guyyaa qiyaamaa isaa wajjiin tahu mirkanneeffate. 📚 Maddi ; 1.Siiraa Ibnu Hishaam Volu :2 ,page ;231 2.Xabaqaata ..Vol ;2 page ;424.
Aayatni Qur’aana Isaaf jacha gad bu’e ,Hadiisni guddaaniis sababa isaatti dubbatame..Eenyu inni ?! Eega Ergamaan Rabbiiti (ﷺ) fi Sahaboonni isaa Makkarraa gara Madiinaatti godaananii booda; nama dadhabaa, kan dullumti hambiste ykn rakkoo godaansaa keessatti nama qunnamtu danda'uuf humna hin qabne malee namni tokkolleen Makkatti hin hafne. Warra dhukkubaa fi dullumti Makka keessatti hambiste keessaa tokko Sahaabticha kabajamaa Dumraa ibnu Jundub (Rabbiin isarraa haa jaalatu) isa Tokko ture. Imaltuu deemsaatiif rakkoo fi ho'a gammoojjii dandamachuu waan hin dandeenyef, odoo inni hin feene Makka keessatti hafe. Rabbiiniis Hijraa dirqamaa godheeti jira an akkamittiin Ergamaa isaa irraa booda aana ja’e qalbiin isaa yeroo hunda rakkatti akkasuma mushrikoota jidduu taa'uu waan jibbeef, dhukkuba isaati fi dulluma isaatiif odoo hin jilbeeffatin gara Madiinaa godaanuuf murteeffate. Yeroo gara Madiinaa deemuuf Makkaarraa bahu, osoo kararra deemutti jiru dhukkubni itti jabaatee gara fuulduraatti deemuu akka hin dandeenye beeke. Madiinaas dhaqqabuu akka hin dandeenye oggaa hubatu, harka isaa wal gubbaa kaayee: "Yaa Rabbi! Tun ahaddii teeti," ja'e. Ammaas harka isaa kan biraa wal gubbaa kaayee: "Tuni immoo ahaddii Nabiyyi keetiiti," ja'ee, san booda Ruuhiin isaa qaama isaa keessaa baate..! Jibriil (A.S) samiirraa gara Rasuulaa (ﷺ) dhufeeti waan Dumraa mudate kana itti hime. Eegana jachi Rabbii isa keessatti gad bu'e: ﴿ وَمَنْ يُهَاجِرْ فِي سَبِيلِ اللَّهِ يَجِدْ فِي الْأَرْضِ مُرَاغَمًا كَثِيرًا وَسَعَةً وَمَنْ يَخْرُجْ مِنْ بَيْتِهِ مُهَاجِرًا إِلَى اللَّهِ وَرَسُولِهِ ثُمَّ يُدْرِكْهُ الْمَوْتُ فَقَدْ وَقَعَ أَجْرُهُ عَلَى اللَّهِ وَكَانَ اللَّهُ غَفُورًا رَحِيمًا ﴾ “…Namni mana isaatirraa Rabbiif jacha godaane, eegana osoo kararra jiru duuti isatti geessu, sawaabni fi mindaan isaa Rabbirratti mirkanaa'eef.” Ergamaan Rabbii (ﷺ) sahaboota isaa walitti qabee waa'ee Dumraa kana itti hime. Eegana hadiisa beekamaa kan kitaabonni akka Arba'iinaa, Riyaadus-Saalihiini fi Bukhaarii ittiin banaman: "Innamal A'amaalu bin-niyyaat..." ja'e. Akkasitti Dumraan kabajaa fi caalmaya namni biraa dhandhamachuu hin dandeenye argate; Aayanni Qur'aanaa isaaf jacha bu'e, Hadiisni guddaanis isarratti dubbatame. Gorsa Seenaa Kanarraa Argannu: • Karaan gara Rabbii dheeraadha; galma dhaqqabuun dirqama miti, garuu odoo kararra jirtu duuti sitti dhaqqabuun gahaadha. • Dalagaan ati Rabbiif hojjattu hanga xumuraa gahuun dirqama miti; garuu odoo ati qulqullinaan karaa isaarra deemtu, niyyaan tee gaarii taanaan yoo duutellee akka nama galma gahetti sawaabni siif barreeyfama. • Karaa Rabbii irratti obsaan itti fufuuf qalbii teenya iimaanaan jaaruu qabna; yoo Rabbiin nu tiiyse malee qalbiin teenya dadhabduudha, fitnaa heddutu karaarraa nama jallisa. Yaa Rabbi! Qalbii teenya gara keetitti nuuf deebisi, fitinaa dhokattuu fi mul'atturraahis nu tiysi.
Dhaamsa galgala kanaa… Namni waan isaa fi Rabbi jidduu jiru tolche , Rabbiin waan isaa fi jireenya isaa jidduu jiru tolchaaf. Yaa Rabbi qalbii teenya gama keetitti nuuf qajeelchi ,Umrii fi dalagaa teenya keessaas barakhaa nuuf kaayi.
"Guyyaa Mu'mintoonni Fuula Rabbii Isaanii Argan..! Osooma warri jannata seene soora jannataa keessatti qanani’aa jiranii, dingata lallabba malaaikichi tokko isaaniif lallabu dhagahan; tan akkana jettu: "Yaa warra mu'mintootaa kan jannata keessa jirtan..." Morma isaanii ol fuudhanii laalanii dhaggeeffatan; qananii keessa jiran irraa jijjiiramuu waan hin feeneef "Ajajni maali?" ja'an.! Malaaikichi akkana ja’ee isaan gammachiisa: "Yaa warra jannataa, Rabbiin keessan isin ziyaaruu fedha; ka'aatii Isa ziyaaruuf deemaa!" ja'an. Isaanis: "Dhageenye, ajaja goone!" ja'an. Akka sadarkaa isaaniitti wanti isaan yaabbatan isaaniif dhufti; duyda isii irratti yaabbatanii gama Rabbi isaaniitti deeman. Inni irra gadiitilleen "Namaatu na caala" ja’e kan hin yaanne Isaan hundi akka sadarkaa isaaniitti ta'an.. Warra jannata keessatti kan gad aanu hin jiru! Ammas sagalee takka dhagahan; kunoo sagaleen san sagalee Rabbiiti! (Ta guddina isaati fi ol tahiinsa isaatiin malte) , Rabbiin Isaanii isaan irratti salaamtaa qara'a, akkana ja’a: "Assalamu alaykum yaa ahlal jannah." Isaanis akkana ja’anii deebisan: "Allahumma Antas-Salam wa minkas-Salam, tabarakta yaa Zál-Jalaali wal-Ikram." Rabbiinis: "Yaa warra jannataa, waan dabalattan ni barbaaddanii? Waanuma feetan Na gaafadhaa, isiniifin kennaa!" Ja’a. Isaanis: "Yaa Rabbi keenya, fuula keenya nuuf hin ibsineee? Ibidda irraa nagaa nu hin baafnee? Jannata nu hin seensifnee?" ja'aniin. Ammas Rabbiin itti deebi'ee isaan gaafata; boodarra isaan: "Rabbiin waan nuti feenu hanga Isa kadhannutti nu hin dhiisu" jachutu isaaniif galutti. Isaanis: "Yaa Rabbi keenya, akka Ati nurraa jaallattu barbaadna" ja'aniin. Rabbiinis: "Yaa gabroottan Kiyya, osoo isinirraa jaallachuu baadhee jannata Kiyya isin hin naqu; waanuma feetan Na gaafadhaa isiniifin kennaa!" Ja’aan. Isaanis: "Yaa Rabbi, fuula Keeti laaluu feena, nu agarsiisi!" ja'aniin. Arra yeroon Rabbiin hijaaba Isaa fi isaan jidduu jiru saaqu sun geesseeti jirti. Hijaaba Isaa firraa saaqnaan, mu'mintoonni fuula Rabbi isaanii isa guddaa san ni laalu; kan tokkoon isaanii walitti hin rakkifne (wal hin dhiibne)! Gammachuun guyyaa san gammadan guddoo waan taateef, fuulli isaanii osoo Rabbi ilaaltu ifteeti hafti. Qananiin guddon warra jannataatiif kennamu fuula Rabbi arguu dha. ﴿ وُجُوهٌ يَوْمَئِذٍ نَّاضِرَةٌ ، إِلَىٰ رَبِّهَا نَاظِرَةٌ ﴾ "Fuulli gariin guyyaa san ni ifti, gama Rabbi isaaniiti ilaalti." Yaa Allaah, Yaa bareedina yeroo tanaa!! Yaa Rabbi guyyaa kana nu waaffaqi, warra as keessaa dhabamu nu hin godhin.
Intalti takka yeroo hedduu yoo hiikamte bultii isii akka itti jabeeyfattu wallaalteeti miti,ammoo jaarsa isiin hin malle jalaa nagaya baate tahuutu mala. Gurbaan bultiin isaa duraa diigamtee hundinuu dadhaba taheeti miti,ammoo jaartii isaan hin malle jala nagaya baheeti tahuu dandaha.!! Oggaa jireenyi isin wajjiin qabdan akka jaarsa fi jaartitti addaan fixattan wal sattaruu hin irraanfatina. Jacha rabbitis hin dagatina.. (ولا تنسو الفضل بينكم) “Toltu isin jiddu turte hin irraanfatina.” Yoo maalif hiikte siin ja’an ? Qooda anaa fi isin wajjin qabnutu dhume ,isin ammoo haadha ilmaan kiyyaati cufa kabajaati na biraa qabdi nama gaariidha ja’i hiree isiitillee tolchiif. Atis maalif jaarsa keetin addaan baatan yoo sin ja’an? Nama si gaafateen “Qooda kiyya fi ka isaatu addaan dhume, inni abbaa ilmaan kiyyaati ,jireenyuma addaan nu baase male inni nama gaariidha ja’i” Wallaahi deebisaan tun ija namaa keessatti sadarkaa teeysanillee ol fuuteti ,qalbii teeysanillee hafuura fudhachiifti.!! Yeroo bultiin diigamt yoo ilmaan isin jidduu jiraate ,abbummaa fi haadha tahuun hin dhabamtu. Jaarsa kiyya fi jaarti tiyya jachun ni dhumti ammoo isin lachuu oggaa ilmaan keessan himattan.. ilma kiyya fi intala tiyya jachun hin dhumtu.!! Yaa Obboletti tiyya keeysattu oggaa jaarsa keetin adda baate ilmaan kee abbaa isaani hamtuu inni qabu biratti hin haasawin..isa jibbisisetin if jaalachisa osoo jattuuti ilmaan kee akka abbaa isaanitti mataa jabaatani duniyaa fi Aakhiratti hongawan godhu jirta. Hireetu addaan nu baase malee abbaan keeysan nama gaariidha ja’in akka isaan tola sittille oolani isattis oolan jaalala rabbiitis argatan godhi.!! Bultiin zamana keenya kana diigamu heddummatte Rabbiin mana islaama hunda haa tiiysu.!!
"Qalbii keessa madaa fi banaa Rabbiitti garagalun malee wanni walitti qooybaa hin jirreetu jira. Gubbaa isiitiis kophaammummaa fi boohartii dhabuu Rabbii waliin kophaa bahuu malee wanni irraa oofu hin jirreetu jira. Keessa isiitiis gadda Rabbi beekuu fi dhugaadhaan Isaaf ajajamuun malee wanni irraa deemsisaa hin jirreetu jira. Cinaacha isii irraas sodaa fi yaaddoo Rabbitti dhihaachuu fi Isuma biratti dheessuun malee wanni tasgabbeessu hin jirreetu jira. Walii gala isii irraas ibidda sheenaa kan ajaja Isaa, dhoorgaa Isaati fi qadara Isaatti gammaduun malee wanni dhaamsu hin jirreetu jira." "Yaa Rabbii ati irra namaaf dabru jaalatta, irra nuuf dabri." — Ibn Qayyim Al-Jawzii.
без подписи
Waan hedduu natti dhagahame kanaan isiniif hima… Sheekni oggaa podkastiin jalqabame yaa Shek Ziyaad oggu Takka naaf obsi hayyamaan si gaafachuu fadhaa ja’een. Sheekni amala gaarii fi qulqullina qalbii isaanitiin, akkana ja’anii gaafatan: "Yaa Sheekh Ziyaad... Yeroo mana kee dhufe san wudu'achuuf ja’eetiin mana ficcaanii seenuuf hayyama si gaafadhe. Garuu yerumaan seene, manni ficcaanii dhiqannaafis kan mijeeffamee tahuu arginaan... Anis qaama dhiqadhe. Duuba an hamma bishaan wudu'aatiif qofa si hayyamsiise, malee bishaan qaama dhiqannaaf itti dabale san sin hayyamsiifne naaf hayyamtee dhiifama naaf gootee jirtaa?" Sheekh Ziyaad ajaa'ibsiifachaa fi jaalala guddaan akkana ja’ee deebiseef: "Yaa sheeka keenya! Nuti bishaan bahara guutuu as siif finna !" Garuu Sheekh Musxafaan sodaa Rabbii fi amanamummaa isaanii irraa kan ka'e, irra deebi'anii mirkanaaffachuu fedhan: "Yaa Sheekh Ziyaad mee naaf deebisi, bishaan dabalataa san dhiifama naaf goote?" Sheek Ziyaad : Ee Wallaahi isiniif godhe ja’en..! Seenaan xiqqoon tun jireenya keenya keessatti waa hedduu sirreeysu akka qabnu nu barsiifti…! Pod kaastii bareedaa Sheekni keenya Musxafaa al Adawiin ,Ziyaad Amaashaaa waliin dhiheeyfame kun irra bareedaa podcaasti kaniin dhaggeeyfadhe natti tolee fi faayidaa guddaa irraa baradheedha. Sheekni nama aalima ta'e kan qoma isaa keessatti beekumsa adda addaa Rabbiin walitti qabeef; tafsiira, hadiisa, fiqhii, aqiidaa,nahwii fi muuxannoo da'awaa irraa dhageessa. Qabxii tokko irraa gara qabxii biraatti wajjin ceeta, fi yaada si fayyadu tokko irraa gara isa biraatti, akka waan daqiiqaa Takka keessatti hulaa beekumsaa haaraya cufti siif banamtutti si barsiisa. Guddina beekumsa isaati wajjiin akka yeroo bira kabajaa fi guddinni irraa mul’atu san malettis nama dubbii laaffisu ,qoosaa bareeddu qoosu fi nama nama irratti hin ulfaanne ka namni isaa wajjiin taa’aa oolu daran itti gammadu akkasuma haasawni isaa hundi sodaa Rabbititti achi si dhiheeysaa deemu tahu podcaastii irraa dhageeysa.
Dhugaa Tana Namni hedduun irraa dagate .. Yeroo Suuraa Baqarah qara’uu lakkiftu .. Mana kee qiraatii Qur'aanaa qofarraa hin hanqisne.. 1️⃣ Mana kee Barakaa fi Tasgabbii dhoorgite: sababa Suuraa tana qara’uu lakkisuutiin Tasgabbii qalbii teetiin qabbaneessitu, barakaa rizqii tee ittiin bal'istu fi hiraar sitti jiruuf furmaata argattu mana kee hanqiste. 2️⃣ Eegumsa fi Rahmata dhabde: Warra mana keetii rahmata isaanirratti bu'u, ifaa dukkana qalbii deemsisuu, fi eegumsa Rabbii ka hammeenya ati ijaan hin garre hedduu irraa isaan tiiysu sanirraa isaan dhoorgite. 3️⃣ Ilmaan kee dhiibbaa gaarii Qur'aanni amala fi lubbuu isaaniirratti fidu dandahu san isaan dhoorgite. Lubbuu teetis gammachuu qabeenya fi aangoon namaaf hin kannine if dhoorgite. 4️⃣ Mana kee tika guddaa sanirraa hanqiste; Akka Nabiyyiin (ﷺ) dubbatanitti, Sheyxaanni mana Suuraan Baqarah keessatti qara'amu irraa baqata. Eega Suura tana Qara’uu lakkifte Booda Hubachuu Jalqabda .. Wal-dhabdeen wantoota xixiqqoo fi gatii hin qabnerratti ka'uu jalqaba! Jechi xiqqoon rakkoo guddaa uumti, Qalbiin teeysan ni dhiphatti, Barakaan yeroo keessaa ni dhabamti, Namni hundi odoo sababa isaa hin beekin yaadaa fi hiraar ulfaataan isatti dhaga'ama. Saniin Booda Sababa Isaa Barbaduu Jalqabna: Al-tokko: "Kun dhiibbaa jireenyaati (rakkoo zaamanaati)" janna. Al-tokko immoo: "Hinaaffaa fi ija namati" janna. Al-tokko immoo: "Namaatu jijjiirame" janna. Garuu nama waaxiqqoo qofaatu of gaafata: "Mani kun erga Suuraan Baqarah keessatti qara'amee hangam Takka ni taha ?" Oggaa akkana jannu yeroo hundaa rakkoon hundi sababa Suuraa Baqarah dhiisuu qofaani jechuu miti, garuu dhugumatti manni jechi Rabbii keessatti qara’amuu fi manni Qur'aanni keessatti dhiifame yoomillee wal hin qixxaatan. Suuraa Baqarah gara manneen keessaniitti deebisaa. Wallaahi, Qur'aanni mana tokko keessa hin seenu, tasgabbii, barakaa fi rahmata..Rabbii malee namni biraa hin beeyne manni san badhaafamu malee hin taane.
📜 “Sheekul Islaam” jaarraa kanaa ja’amee sheeka beekkamu ni beeytanii..?! Sheekni kun oggaa maqaan isaa dubbatame Qur’aana fi Tafsiira qur’aanatu yaadatama. Yoo sheekkan Tafsiiraa gurguddaa Xabarii , Qurxubii Fi ibnu Kasiir hin argin isa arguun jara gurguddaa san akka yaadattuu si godha. Jaarraa kana keessatti namni hanga isaa Tafsiira qur’aana keessatti beekumsa Rabbiin kanneef hin argamne yoo ja’ame haqarraa hin fagaanne. Albaaniin “Namni Tokko yoo Shekul islaam zamana kana jacha ja’u haqa godhate” isa taha ja’e. Bara 1907 magaala “Qarwi” ja’amtu biyya muritaaniyaatti dhalate. Isaa Qur’aana juuza “Ammaa” qara’utti jiru abbaan isaa du’e. Eegas joollummaan eeysuma isaa biratti gale achitti guddate. Oggaa amata 10n gahe Qur’aana Tajwiidaa fi hifziidhaan xumure. San booda Fiqhii ,Lughaa Arabaa fi kitaabban hadiisa jalqaba jaartii eeysuma isaa irratti barate. San booda sheekkan biraa irratti kitaabban Sunanaa ,Nahwii fi Manxiqa haffazuu irraa kan ka’e library lafarra deemu jachuu turaniin. Lubbuu isaa irraa oggaa dubbatu akkana ja’a “Ayata qur’aana keessa jiru Tokkolleen yoon kopha kophatti qara’e malee hin taane ,wanni warri duraa itti hiikee fi warri boodaa itti hiikees yoo beekumsi isii na biratti tahe malee hin taane “ ja’e. Kitaabni isaa beekkamaan Tafsiira qur’aanaa “Adwaa’ul bayaan” ja’ama. Oggaa Tafsiira inni hiiku beekumsi inni qaburraa kan ka’e mataarra hanga miilaatti beekumsaan guuttame malee hin jattu. Guyyaa Tokko Ayata “اهبطو مصر" ja’u osoo jacha Tokko oggu Lama irra hin deebi’in ,osoo Ma’anaa isaa keessaa hin bahin jacha Lamaan kana qofa sa’aa Afur Tafsiira godhe. Bakka inni taa’utti akka namni nama hamatu hin hayyamu ,gaafilee ‘Xalaaqaa’ hin deebisu ,irra hedduun jacha isaa oggaa gaafatame jacha “hin beeku” ja’un deebisa. Barattoota isaa irraa beekkamoon : Sheek Ibnu Baaz ,Sheek Useeymiin ,Sheek Ahmad Shaakir faadha. Qur’aana yeroo lama Tafsiira godhee taraa sadaffaa oggaa Ayata : ( أولئك حزب الله ألا إن حزب الله هم المفلحون) (Isaan garee Rabbiiti Dhagayaa! Dhugumatti, (gareen) Rabbii isaantu milkaawoodha.) Ayata kanarraa gahe du’e. Guyyaa Kamisaa January 10 bara 1974tti eega hajjii godhe booda du’e. Msjidul haraam keessatti salaata janaaza irratti salaatanii qabrii khadiijaa fi sahaabonni hangi Takka itti awwaalaman “Ma’allaat” itti awwaalame. •Maqaan isaanii Aalimaa guddaa Muhammad Amiin Ashinqiixi ja’ama. Rabbiin rahmata bal'aa haa godhuuf, firdowsiin haa qananiisu..
без подписи
без подписи
Mootummaan dhugaa har'a tan eenyuuti? Kalee galgala sa'aatii 2:30 irratti, suuraa gama bitaatiin jirtu tana eega ka’e booda sa'aatii muraasa booda, "Lindsey Graham" akkuma yeroo kaan mana isaatti deebi’utti manatti deebi’e. Gonkumaa dhukkubsataa hin turre; inumaa faallaa kanaa, daawwannaa warshaa diroonotaa Yukireen qabdu xumuree deebi'ee, Raashiyaa irratti qoqqobbii haaraya kaayuuf qophaahaa ture. Marsaa filannoo haarayaaf karoorfata jira, dubbii isaa isa dhumaa kan ittiin Pirezidaantii Ameerikaa adeemsa nageenyaa keessaa akka bahu amansiise qorataa ture. Akkaataa bishaan Hormuz to'atu, fi dhiyoo kana haasawa isaa kan " Ameerkaan namni ajjeestu nama Aalama irratti shororkeessa tahe qofa ja’u " san yaadachaa ture. Akkasumas, bulchiinsa baayiden irratti dhiibbaa gochuun akka Israeloota deeggaruu itti fufan godhaa ture. Filisxiinootaa Boombii Nukleraa Lama irratti darbuu qabna ja’eti dhaadachaa ture. loltuu qilleensaa Ameerikaa keessatti waggoota 30 ol tajaajilee waraana Ameerkaan Iraaq fi Afgaanistaan weerarte irratti hirmaateeti jira. Har'a sagantaa “Meet the Press” irratti dhihaachuuf qophaahaa ture; akkamitti akka koree baajataa irraa maallaqa argatu fi biyyoota meeqa akka rukutu yaadaa ture. Tarii waa'ee gurbaa wajjiin akka jaartitti jiraatu herregaa ture, sababni isaa inni gonkumaa dhalaa hin fuune gama biraatin (guy) jachuudha, makiinaa caalaa “baskela” akka jaallatus ni beekama. Hanga dingataatti, lapheen isaa dhukkubbiin itti kaatutti. Dadhabbii hojiitiif jacha laalaan yeroo gabaabaaf natti dhuftee ni dhaabbatti ja’eeti yaade, garuu dhukkubbiin itti fufte. Onnee isaa qabate, obsuu dadhabe. Ambulansii ariitiin bilbile, laalaan caalaatti itti dabale. "Dhuguma kun xumura ta'uu danda'aa? Akka kanaan dingataaniin du’aa? Egaa aangoo fi murteewwan harka isaa jiran kan hiree ummata hedduu murteessan gatii hin qabanii? Eegaa dura ta’ummaan Rippabiliikaanotaa hoo? Akka wanni hundi duniyaa irraa dhumtee deemtutti aniis akkanattin deemaa?" Daqiiqaa 25 booda Ambulaansiin dhufte kuno isaa lafa irratti gorora dhangalasaa, kufe isa argan. Isa dachaasanii gara ambaalansii keessatti fuudhuuf yaalan, garuu inni asiin duratti lubbuun isaa darbitee jirti. Maallaqni ,aangooni fi sadarkaan inni qabu humaa isa hin fayyanne. Dilii dhiiga namoota dhibbaa fi kumaatamaa kanneen sababa fedhii dhuunfaa isaa guuttachuuf jacha ajjeese osoo baadhatuu deeme. Arra Fuula Rabbii gabroottan isaa jiddutti haqa murteeysu dura dhaqeeti jira. Addunyaan isaan irratti oltahiinsa barbaaduuf lallaban sun, salphumatti kanuma..! Namni gorfamu..?!
без подписи
📄✍️"Osoo Raka'aa Takka Hin Salaatin Jannata kan Seene: Seenaa Angafa Phaaphaasota Rooma ‘Sagaaxir’ !" Seenaa tana kan nuuf gabaase sahaabaa jabaa Abuu Sufiyaan bin Harbiiti (RA). Tarii Rabbiin (Subhaanahu wa Ta'aalaa) iimaana Abuu Sufiyaan tursiisuu isaatiif sababaan, akka inni seenaa ajaa’ibaa kan goota Addunyaa raase kanaa dhalootaaf dabarsuufi. Gootni kun, yeroo sanitti aangoo diinii inni qabu irraa kan ka'e, dandeettii fi humna jabaa dachee tanarra jiru keessaa isa olii qaba ture; kabajaan inni ummata Roomaa biraa qabuus kabajaa Mootii guddaa Roomaa Hiraqla caalaati. gootni kun Muslima ta'ee hin dhalanne, akkasuma iimaanni daqiiqaa muraasa qofa ture. Rabbiif jecha raka’aa takkallee hin salaanne. Garuu, iimaana yeroo xiqqoo saniin maqaa isaa galmee gootota ummata Muhammad (ﷺ) keessatti bishaan ijaatiin barreessee dabre. Hundee seenaa kanaa yoo iaallu: Eega araarri (Sulhiin) Hudaibiyaa jidduu Qureeyshii fi Nabiyyii keenya Muhammad (ﷺ) tti godhamee booda, Nabiyyiin (ﷺ) sahaabaa jabaa Dihyaa bin Khaliifaa Al-Kalbii xalayaa wajjiin gara Hiraqla Mootii Roomaatti ergan. Yeroo sanitti Hiraqla magaalaa Qudsitti argama ture. Xalayaan tunis waamicha dhiifamaa fi iimaanaa kan akkana ja’u qabdi turte: «Islaamawi, nagaya argattaa, Rabbiin mindaa kee dachaa lama siif kennaa...» San booda, Hiraqla xalayaa tana keessa waan jiru mirkaneeffachuuf daldaltoota Arabaa yeroo san Gaazaa turan kan akka Abuu Sufiyaan if dura dhaabe waa'ee Nabiyyii irraa gadi fageenyaan gaafate. Eegasii, amalaa fi dhugaa Nabiyyii (ﷺ) erga hubatee booda, Hiraqla ifatti akkana ja’e: "wallahi akka zamanni Nabiyyin ergamu dhihaate niin beeka garuu Araba keessa baha ja’e hin yaanne (Araba akka waan tuffateeti )Yoo wanni ati dubbattu kun dhugaa ta'e, Nabiyyiin kun bakka miilli kiyya kun jiru ni dhuunfata. Osoo bira gahuu danda'ee, miila isaatiin dhiqaaf ture!" Haa ta'u malee, Hiraqla "Yoon amane ja’e , ummanni Rooma na ajjeesanii" waan sodaateef, Dihyaadhaan akkana ja’e: "Gara Sagaaxir (Angafa Phaaphaasotaa) bira deemi, inni Roomaa biratti na caalaa kabajamaa dha, dubbiin isaas fudhatama qabdi, mee maal akka siin ja’u laali.” Yeroo kanatti, Dih-yaan gara Sagaaxir deemee waan jiru hundi itti hime. Sagaaxir osuma dubbiin hin dhumarin: "Wallahi saahibni kee Nabiyyi Ergamedha, kitaaba keenya keessattis maqaa isaatiin isa argina," ja’e amane. Eeganaa uffata isaa gurraacha firraa basee, uffata adii uffatee, ulee isaa qabatee iimaana isaa ifatti labsuuf gara kaniisaa (church) deeme. Kaniisaa erga gahee booda, sagalee ol kaasee akkana ja’e: "Yaa ummata Roomaa, xalayaan Ahmad irraa nuuf dhufteee jirti, gara Rabbii guddaatti nu yaama. Ani ragaa niin baha Rabbii malee gabbaramaan dhugaa akka hin jirre, Ahmadis garbicha isaa fi Ergamaa isaa akka ta'e..." Garuu osuma inni dubbii isaa hin fixatin, namoonni dur gadi ja’anii isaaf sagadaa turan hundi akka bineensaatti irratti utalanii, tumutti seenan. Inni ammoo osoo tumamaa lubbuun isaa baatuu, hamma dhumaatti sagalee dadhabduun: "Ashhadu an laa ilaaha illallah wa ashhadu anna Muhammadan rasoolullah" ja’e irra daddebi’ee achiin shahiide tahe. Xumura irratti, Dih-yaan yeroo oduu kana Hiraqlatti deebi’e himu, Hiraqla gaddaan akkana ja’e: "Sitti himeen ture nuti Roomaa ni sodaanna ja’e, Sagaaxir wallahi isaa biratti nama guddaa fi dubbiin isaa fudhatamaadha , ka isattu akkana hojjatan an maal natti hojjatan ja’en." Hiraqla eegas ummata walitti qabee itti hime isaan oriinaan isinumaan fattanuufi ja’en…inni osoo Ergamaan Rabbii Nabiyyi tahu beeku kufrii irratti du’e. Madda ; Musnada Ahmed (Tahqiiq Shueybi Arna’ux) page ;194 ,Vol ;4. 🔺Yoo dubbistee fixxe (Salawaata) Ergamaa Rabbii (ﷺ) irratti buusi.
https://youtu.be/2X_25eXBpik?si=nbKgbLGFGNSJ_xA6
Guyyaa Paakistaan Dhukaasa Israa'il Jalaa Baate! Israa’il yeroo tokko dhukaasa waraanaa guddaa Paakistaan daaraa godhudhaaf deemu isii irratti banuuf deemtu, dingata karoora isii dhaabbiste. Wanti hunda jijjiire sun maali? Bara 1980’an keessa, Paakistaan pirojekttii meeshaa niwukilaraa tolfachuuf sa’aatii wajjiin wal dorgomaa turte. Hayyoota fi saayintistoonni Paakistan kan Abdul qadiir khaaniin hogganamu, abjuu biyyaa milkeessuuf bakka “Kahutaa” jedhamutti guyyaa fi halkan walitti dhaabaa hojjachaa turan. Osoo beela keessa citaallee nyaannee Nukhlera ni tolfanna ja’anii Murannaan itti fufan. Garuu Tel Aviv biratti, abjuun kun abjuu hamaa fi sodaachisaa ture. Bu’uraa fi ilalchi waraana Israa’il ifaa dha: "Gatii kamittillee ,Biyyi Islaamaa takkalleen meeshaa niwukilaraa akka qabaattu hin hayyamamu!" San booda, karoorri hamaan jalqabame. Israa’ilii fi Hindii waliin ta’anii karoora baasuu jalqaban. Karoorri sun: Xiyyaarota waraanaa Israa’il kan lafa Hindii keessaa ka’aniin, sa’aatii muraasa keessatti meeshaa “Kahutaa” guutummatti dhabamsiisuu, bakka niwukilaraa hunda balleeysuu fi saayintistoota Nuklara ajjeesuu ture. Xiyyaaroonni waraanaa 50 ol ta’an qophaa’anii, opreeshinicha jalqabuuf daqiiqa muraasa qofaatu hafe. Garuu iccitiin ni saaxilame! Sabaaba jabeenya “Mukhaabaraata” Paakistaaniitiin, karoorri Indii fi Izra’el dursee harka isaanii seene. Dhukaasni sun jalqabamuuf yeroo gabaabduun yoo hafu, Paakistaan labsii waraanaa ariifachiisaa labsite. Saayintistoonni isii sarara diimaa bira dabru hin dandeenye jachuu ibsite. Eegumsa jabaa kanaan booda, eessatti akka socho’anii fi jiraatan namni beeku dhabame, kanaanis yaaliin ajjeechaa hundi fashalaa’e. Dhiibbaa jabaa kanaan, Ameerikaan dhimma kana keessa galte oggaa Isarel mala dhabuu argite boodarratti faayidaa isii waraana Xaalibaan irratti banu jirtu paakistaan akka isii gargaartuuf jacha, Israa’il akka if duuba deebitu goote. Xiyyaarri Israel duubatti deebifamanii, opreeshinichi sa’aatii xumuraa irratti haqame. Waggoota muraasa booda, May 28, bara 1998 keessa, Paakistaan meeshaa niwukilaraa qabaachuu isii addunyaatti labsite. Yaalii jalqabaa milkaa’aa ta’e gochuun, Biyya Islaamaa ta tekinoolojii kanaan addunyaa irratti jalqabaa taate as baate..! Biiyti Islaamati fi namni Islaama hundi yeroo san Paakistan Nuklera hidhachuu isitti hedduu gammadan. Paakistaan waan Israa’il isii godhuuf yaaddee turte san takkaa hin irraanfanne. Keessumattuu yeroo ammaa kana kan waraanni Iraanii fi Israa’il gidduutti ka’etti, Paakistaan gara Iraan gortee dhaabbatte. Sababaaniniis, kaayyoo Israa’il “ biyya humnaa qabdu dhabamsiisuu akka ta’e ” waan sirritti beeytuufi. Yaa Rabbi.. Karoora fi hammeenya Yahuudootaa gara isaaniitti deebisi,
💎Namni Hundi Qorumsa Mataa isaati Qaba! 💎 Dubartoonni miidhagina jaallachuu fi Mul’achuu fadhuu irratti uumaman; Kanaafuu, qorumsi isaanii inni guddaan: •Uffata Shari’aan itti ajajje (Hijaaba) uffachuu.. •Yoo haajaan itti geeysite malee Mana keessa taa’uu fi dhimmi itti geeysu male mul’achuu dhabuun dirqama irratti godhame. Dhiironni immoo dubartoota jaallachuu fi fuuldura isaaniitti laafuu irratti uumaman; 🏹❤️ Kanaafuu, qorumsi isaanii inni guddaan: •Ija isaanii gadi qabachuu 👀 • Haajaan maletti dubartootaan walitti makamuu dhabuu Rabbiin dirqama irratti godhe. 📜 «Na boodatti qoruumsa dhiirota irratti dubartoota caalaa miidhaa geessisu hin Lakkifne.» —Rasuula (صلى الله عليه وسلم) | 📚 💡Xumura irratti: Namni hundi qoruumsa mataa isaa keessa jira! Keyriin jirtu tokko tokkoon keenya qorumsa ofii keenyaa fi waraqaa teenya irratti xiyyeeffachuu qabna, malee waraqaa nama biraa laaluu irratti tahuu hin qabu! 📝
"Wanti hundarra nama rifachiisuu fi nama sodaachisu maal akka ta'e beeytaa? 🤔 Addunyaan guutuun maqaa kee bahaa fi dhihatti si faarsanii... Ati garuu Rabbii biratti gatii dhabuu keeti! ⚖️ " Nama meeqa ka ati if gaditti laaltee tuffattu…inni ammoo Rabbi biratti nama akka keeti kumaatama irra kan caalu..! Yaa Rabbi gabroottan isaan jaalatte keessaa Tokko nu taasisi.
🔥Aalimticha Mootii Roomaati fi Phaphaasota Afaan Qabsiise! Khaliifaan Abbaasiyyaa “Adud dowlaa “ ja’amu guddina amantii Islaama beeysisuuf yeroo biyya Roomaa keessatti amantii hundarra beeytoonni walitti qabamee wal falmuuf deemutti Aalima yeroo sanii abshaala hunda caalu Qaadii Abuu Bakr Al-Baqilaanii gara masaraa mootichaa Roomaatti erge. Mootichi garuu namni Islaama waan namaaf hin sujuudan jachuu beekuuf mala baase saniis waraana isaatiin, "Yommuu alimichi dhufee ol seenu, akka gad godhatee seenuuf hulaa manaa gad gabaabsaa!" jedhee ajaje. Waraanni isaa: Abuu Bakr yommuu ol seenu, gadi jedhee akka rukuu'aatti akka ol seenuuf hulaa gad gabaabsan.” Abuu Bakr garuu hulaa bira yommuu gahu, shira mootichaa dafee hubate! Innis maal godhe sitti fakkaata? Duubatti garagalee dugda isaatiin gadi ja’ee ol seene! Kanaanis mataa isaa utuu hin taane, dugda isaa mooticha afaan dura dhaabe! Mootichis yeroo kana alimichi nama abshaalaa fi mala-qabeessa ta'u isaa ifatti hubate. --- 🔥Yommuu inni mana marii mootichaa seenu, mooticha bira Molooksootaa (phaapasota fi beektota bataskaanaa hedduutu taa'ee ture. Abuu Bakr jalqaba irratti moloksoota saniin akkana ja’a gaafate: "Akkam jirtu? Maatiin keessanii fi ijoolleen keessan akkam jiru?" Moloksoonni yeroo kana aaranii dallanan. Mootiin Roomaas dallane akkana jedhe: "Isaan kuun moloksoota bultii fi joollee irraa qulqulluudja! Isaan haadha manaa fi ijoollee godhachuu irraa kabajamoof qulqulluudha." Abuu Bakr yeroo kana sagalee isaa ol kaasee: "Allahu Akbar!" Ja’e. San booda akkana jedhe: "Isin namoota kanneen bultii fi ijoollee irraa ni qulqulleessitu, garuu Rabbii keessan immoo Maryamitti qabdanii joollee qaba jattani himtu! Maaliif Rabbiin bultii fi ijoollee irraa hin qulqulleessine ree?" Mootichis dallansuun if wallaale! ⚡ Mootichi aaree gaaffii xaxamaa dhiheessee akkana ja’e: "Waa'ee Aa'ishaa (haadha manaa Nabii) fi seenaa sobaa (Ifki) ishee irratti uumamee sanaaf deebiin kee maali?" Abuu Bakr akkana jedhee deebiseef: "Aa'ishaan heerumtee joollee hin dhalle. Maryam garuu osoo hin heerumon dhalte. Lamaan keessaa eenyutu qorannoodhaaf dhiyachuu qaba? Akkamitti ishee ijoollee hin deenye sana xureessitanii, isii joollee deesse san immoo qulqulleessitu? Garuu nuti Qur'aana keessatti lamaan isaaniitu hamtuu hundarraa ni qulqulleessina!" Mootichi yeroo kana dallansuu keessa akka waan maraatuu fakkaate! ⚔️Mootichi itti fufuun akkana jedhe: * Mooticha: "Nabiyyin keessan ni duulaa turee?" * Abuu Bakr: "Ee." * Mooticha: "Inni hiriira duraarratti ni lolaa?" * Abuu Bakr: "Ee." * Mooticha: "Ni mo'ataa?" * Abuu Bakr: "Ee." * Mooticha: "Ni mo'amaa?" * Abuu Bakr: "Ee." Mootichi koflee: "Ajaa'iba! Nabiyyiin ni mo'amaa?!" Ja’e. Abuu Bakr deebisee akkana ja’e: "Iyyasuus (Iisaan) ni fannifamee?" Mootichi: "Ee." Abuu Bakr: "Ajaa'iba! Rabbiin ni fannifamaa?!" Yeroo kana mootichaa fi moloksoonni hundi afaan qabatan, deebiis dhaban. Fabehatalladhii kafar! 🔺Seenaa nama ajaa’ibu kana dubbistanii yoo xumurtan Ergamaa Rabbii irratti (ﷺ) salawaata buusaa..! Madda ; Kitaabu Duruus , Salaah Munajjid ,page 129