tgindex
Falaasamoota Oshoo fi saayikoolojii

Falaasamoota Oshoo fi saayikoolojii

Статистика
Последний пост
31 мая 2023 г.
Последнее чтение
13 авг.
Постов за неделю
0
Всего постов
20
Тип
открытый
Язык
om
В каталоге с
13 авг.
Подписчики
6 300
+7 за сутки
Сутки
0
0,00%
Неделя
 
Месяц
 
Просмотров на пост
13,2 тыс
20 постов
Вовлечённость
208,9%
к подписчикам
Постов в день
0,0
всего 20
Упоминаний
0
каналов
Охват размещения
оценка
1/24сутки в ленте
1/48двое суток
1/72трое суток

Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.

Посты

  • 31 мая 2023 г.27 тыс162

    PRINCIPLES OF SUCCESS (Qajeelfamoota Milkii) December 12, 2020 by ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ➥ Namni addunyaa kana irra jiru hundi milkii ni jaalata. Dandeetti ittiin milkaa'uu dandeessisus ni qaba.  ● Rakkoon guddaan dandeettii qabaachuu dhabuu miti, akkaataa itti milkaa'uu danda'uu beekuu dhabuudha malee. Mee qajeelfamoota gama daandii milkaa'inaa irratti nu deemsisan kunniin waliin haa ilaallu.  ● Qajeelfamoota kanniin itti amantee hojjannaan umrii kam irrallee jiraattu, bakka feete jiraattus milkaa'uu ni dandeessa. Wanti si irraa eegamu kutannoodhaan jalqabuudha. Imala gaarii siif haa ta'u.  ➊. KAAYYOO KEE ADDA BAASII BEEKI! ➥ Waaqni gaafa uumama kana uumu kaayyoo uumeef qaba. Wanti universy kana keessa jiru hundi kaayyoo uumameef qaba. Wanti akkanumatti kaayyoo malee uumame tokkoolleen hin jiru. Uumamni hundi ergama addunyaa kana irratti bahuu qabu wajjiin dachii kana irratti fidame. Wanti uumama kana hunda irraa eegamus ergama inni ergameef adda beekee bakkaan gahee addunyaa kana irraa deemu dha.  ○ Namni eessa akka deemu hin beekne jalqabuus xumuruu hin danda'u. Karoorfatu bakka hin ga'u. Namni Jireenya isaa keessatti eessa akka deemuu fi kaayyoo dachii kana irratti fidameef beekee hubate jireenyi itti mi'aawa. Waan hojjatu hunda ifannaa malee jaalatee hojjata.  ○ Rakkoon irra guddaan keenya eessa akka deemnu beekuu dhabuu fi Maalif akka addunyaa irratti dhufne wallaaludha.  ○ Nuti hundi galma gahuuf imala irra jirra, garuu eessa akka imallu hin beeknu, imala keenyaf wantoota nu barbaachisan adda beeknee hin fudhanne.   ➋. MUL'ATA QABAADHU! ➥ Mul'atni humna jabaa qaba. Mul'ata jechuun waan fuula dura ta'uu feetu keessa keetitti arguudha. Mul'atni dandeettii ati qabduu fi fedhii keessa kee jiru irraa madda.  ■ Nu hundi jireenya keessatti waan barbaadnu qabna. Waan barbaadnu kana galmaan gahuudhaaf mul'atni barbaachisaadha. Mee waan takka si haa gaafadhu.  ➛ Fuula dura eessa gahuu barbaadda?  ➛ Maal argachuu barbaadda?  ➛ Mul'atni kee maali?  Gaaffiilee kanaaf deebii isaa argatte taanaan imala daandii milkaa'inaa irra jirta beeki! "Mul'atni waan namni si keessatti hin agarre, kan ati qofti of keessatti agartuu dha"      — Albert E. ■ Mul'ata kee adda baaftee yeroo beektu namni si keessatti waan hin agarreef si irraa fudhachuu dhaba. Akka ati hin dandeenye sitti himuu danda'a. Sitti seequu fi qoosuu danda'a, ati garuu waan isaan jedhaniif dhageessee abdii murtee hin taa'in! Itti amani! Atummaan mul'ata kee adda baaftee beeknaan galmaan gahuu ni dandeessa.  ■ Mul'ata kee galmaan gahuuf wanti si irraa barbaadamu dandeettii addaa qabaachuu miti, itti amanuudha. Mul'anni kee hangam guddatus itti amantee ammuma hojii jalqabnaan wanti itti gahuu irraa si dhoorku tokko illeen hin jiru. keessi kee waan akka sitti ulfaatu sitti himuu danda'a. Garuu, sammuu kee amansiifnaan fudhattee yaada itti mul'ata kee galmaan gahuu dandeessu siif burqisiisuu jalqaba. Sammuu kee akka dandeessu fudhachiisi! amansiisi! Jijjiirama inni fidu arguuf teessa. Hangam guddatus hin sodaatin galma ni geessa!  ➌. MATAA OFIITTI AMANI! ➥ Mee waan tokko si haa gaafadhu! Waan tokko hojjechuuf karoorfattee sodaattee hin dhiifnee? Hin danda'u jettee osoo hin jalqabin hin dhiifnee? Deebiin kee 'ee' yoo ta'e ofitti amantummaan kee shakkii irra jira jechuudha.  ➢ Galma gahuu barbaannaan waan hojjettuuf ofitti amani! Hin shakkin waan feete yoo barbaaddes bakka gahuuf dandeettii ni qabda. Garuu dandeettii qabaachuu kee qofti galma sin gahuu hin danda'u.  ➢ Galma gahuudhaaf dandeettii keetti amanuun waan akka mul'ataatti qabatte galmaan gahuu keetti amanuu qabda. Namni si irraa fudhachuu dhabuu mala. Waan ati akka kaayyoo qabattee namni biraa yaalee dadhabuu mala. Ati garuu atuma. Isaan yoo dadhaban atis ni dadhabda jechuu miti. Ati hanga dandeessutti yaali! Of tuffattee shakkitee yoo dhabuu baatte booda firii namni hin arganne ati argatta. ➢ Kan addunyaa kana irratti akka milkooftu siif godhuu danda'u dandeettii adii qabdu osoo hin ta'in, amantii of irratti qabduun madaalama. ➢ Guyyaa tokko Barsiistuun barattoota ishee qormaataaf qopha'an hundaaf filannoo tokk

  • 30 мая 2023 г.18,6 тыс29

    ''Bilisummaa jechuun, dandeettii eeyyeen jechuu yeroo eeyyeeniin barbaachisetti; lakki jechuu yeroo lakkiin barbaachisettii fi yeroo tokko tokkos callisuu yeroo wanti callifamu hin jirretti, wanta tokko jechuu dhiisuu! Yeroo waantonni kun hundi jiran kanatti haalli kun BILISUMMAA jedhama!''

  • 30 мая 2023 г.19,2 тыс41

    Oshoon yeroo tokko " Maaliifidha kan lakk. Hordoftoota dubartii kee kan dhiirota caaleef? " jedhame yoo gaafatamuu.. " #Seexanni_jalqabaa_gara_dhiiraa_kan_hin_deemneef_maaliifiidha??" jedhee deebise. "Dhiirti dafre irratti walii hin galu falmaadha, onnee isa irra hin dhaggeeffatu, kan dhaggeeffatu waan keessa isaa jiruudha. Seexanni booda boodarra dhiira amansiisuu danda'us, yeroon itti fudhatu garuu dheeraadha. Osoo isa hin amansiisin Waaqayyoo dursee irra gahuu danda'a. Kanaaf seexanni waan gochuu barbaade yeroo gabaabaatti gochu ture. Dubartiin onnee ishee irra dhaggeeffatti, Onneen moo ariifataadha. Sammuun dadhabaa ta'uu irra kan ka'e dabalataan waan baay'ee isa amansiisu barbaada. Achii irraatti gaaffiin kaasu dhuma hin qabu. Seexanni jalqaba kan wal arge shakkaa, gaafataa /dhiiraa / waliin osoo ta'e gaafataan (dhiirti) Wanti hundi amma ifa tahufitti waan barbaaduuf hanga hammaattuu gaaffii hin xumuru ture.Hewaan garuu waan hunda beekuuf fedhii hin qabduyyuu. Ogummaa/ #Wisdom / ykn dandeetti argachuun kun gaha ture isheef....."

  • 26 мая 2023 г.15,1 тыс6

    видео или голосовое, без подписи

  • 26 мая 2023 г.15,6 тыс88

    HAADHA MANAA ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ Halkan tokko utuu barattoonni ga'eessonni barataa jiranii ogeessi xinsammuu tokko kutaa seenee, har'a tapha qabna jedhe. ■ Barattoonnis tapha akkamii jedhanii gaafatan. Barsiisaanis barataan fedhii isaatiin ka'u jennaan barataan dhiiraa tokko ka'e. Barsiisaanis barataa sanaan namoota baay'ee jaalattu 30 gabatee gurraacha kana irratti barreessi jedheen. ■ Baratichis maatii isaa irraa eegalee, oollaa isaa, fira isaa fi hiriyoota isaa hamma nama 30tti barreesse. Barsiisan, kana keessaa namoota si hin fayyanne 3 balleessi jedhe. Innis maqaa ollaa isaa balleesse. Ammas maqaa nama 5 balleessi jennaan baratichi namoota fagoo ta'an fira isaa keessaa balleesse. ■ Akkuma kanaan maqaa barreesse hunda balleessee fixee maqaa haadha, Abbaa, haadha manaa fi ilma isaa qofatu hafe. Ammas barsiisan maqaa arfan kana keessaa maqaa nama 2 balleessi jedheen. Barataan sun baay'ee na'ee akka nama dirqamaan balleessisee maqaa haadha isaa fi Abbaa isaa balleesse. ■ Barsiisan dhuma irratti warra hafan 2 keessaa maqaa nama 1 akka balleessu itti hime. Ammas baratichi sammuun isaa baay'ee jeeqamaa, harki isaa hoollachaa, sodaachaa maqaa ilma isaa keessa balleesse. ■ Barsiisaan gad taa'i ittiin jedheen. Achiin booda daqiiqaa muraasa booda barsiisichi: ➛ "Maaliif maqaa haadha manaa kee hambifte? ➛ Maatiin kee siif nama ati yeroo hunda itti of abdattudha. ➛ Ilmi kee qaama kee nama baay'ee sitti aanudha. ➛ Haadha manaa garuu kan biraa fuudhuu dandeessa. ➛ Maaliif hunda isaaniirra haadha manaa kee caalchifatte?" Jedheen. ■ Barataan sunis suuta jedhee akkas jedheen: ▷ Tarii guyyaa tokko maatiin koo na dura biyya lafaa kana irraa darbuu danda'u. ▷ Ilmi koo immoo gaafa guddate sababa barumsaaf yookiin hojiin na dhiisee deema. ▷ Bara jireenya koo guutuu hamma lubbuun lafa irra jiraadhutti kan na bira jiraachuu danda'u haadha manaa koo qofa jedheen. Yeroo kan barattoonni kutaa guutuun harka rukutaniif. ➦ #Dhugaadha. Hundi keenya iyyuu maatii keenya hammam yoo jaalanne iyyuu guyyaa tokko dhiisnee deemna. Maaliif yoo jennee haadha manaa yookiin Abbaa manaa fi Ijoolleen keenya hammam yoo nu jaallatan iyyuu nu dhiisanii deemu. Dhuma irratti kan nu biratti hafu haadha manaa keenya yookiin Abbaa manaa Keenya. ■ #Eyyeen obboloota koo. ➦ Haati manaa kennaadha malee filannoo miti. ➦ Haadha manaa fuudhun barbaachisummaan isaa galgala galgala sitti yaadatama yoo ta'e ati fuudhuu barbaadda osoo hin taane nama wajjin bultu barbaadda. ➦ Haadha manaa fuudhun kan sitti dhaga'amu yeroo uffati kee, manni kee, xuraa'u qofaa yoo ta'e, ilaalchi kee galma murtaa'aa namni hiriyaa gaa'elaa qabaachuuf jiru kamiyyuu irratti yaaduu qabu irraa kan fagaatedha. ➦ Haadha manaa qabaachuun kee ilaalcha jaalalaa, fedhii saalqunnamtii, hiriyyummaa yookiin ijoollee godhachuuf qofa irratti kan hundaa'e ta'uu hin qabu. ♻️ Share waliif godhaa 😉Galatoomaa

  • 26 мая 2023 г.12,3 тыс20

    "Waan isinitti himame hunda kallattiidhaan akkuma bu'etti amantanii hin fudhatinaa!. Dhugummaasaa abshalummaa fi dammaqinaan barbaaduuf dhama'i. Dhugaan yeroo hunda muuxannoodha.Dhugaan koo kee ta'u hin danda'u. Dhugaa koo himuu hin danda'u, wanti ani siif kennuu danda'u hubannoo qofa.Kanarraa kan hafe namni kamuu dhugaa ofiisaa irra deddeebi'ee barbaade argachuu qaba.Kanaaf qorachuu, gaafachuu, yaaluu fi hojjirra oolchuuf carraaqi." @Falaasamoota Ooshoo fi Saayikoolojii

  • 23 мая 2023 г.12,8 тыс7

    видео или голосовое, без подписи

  • 23 мая 2023 г.13,4 тыс52

    "Namni akka yaadu gochuu yoo dadhabde, akkanni yaaduu danda'u barsiisuu ni dandeessa" ---------—-------------------------------—--------------------------------- "Namni akka yaadu gochuu yoo dadhabde, akkanni yaaduu danda'u barsiisuu ni dandeessa" kan jedhu jechama Falaasota duriidha. Yeroo baay'ee namootni tokko tokko 'Yaaduu' jecha jedhu dhimma dhuunfaa isaanii qofa irratti xiyyeeffatanii waan godhanitti hiikkatu.Garuu,Yaaduu jechuun Ofii keenyaafis ta'u nama kamiifiyyuu ilaalcha sirrii fi dhugaa irratti hundaa'e qabaachuu waan jedhutti hiikama. Namni akka yaadu gochuu yoo dadhabde, akkanni yaaduu danda'u barsiisuu ni dandeessa"namichi beekaan biyya Giriik durii #Sooqiraaxes jedhamu yeroo baay'ee bakka deemu hundumaatti Yaaduu waan jedhu namoota barsiisuu jaallata ture.Bakka Sooqiraates uummata barsiisutti namootni argamanii barumsasaa dhaggeeffatan "Yaaduu yoo dadhabanillee, Yaaduu akka danda'aan baranii galu" jedhu barreessitootni seenaa. . Guyyaa tokko Sooqiraates magaalaa #Ateens keessa deemaa utuu jiruu, beektota magaalaa Ateens keessaa nama Ogeessa tokkotu galma magaalattii keessatti namoota walitti qabee jecha"Gootummaa" jedhu barsiisaa utuu jiruu dhaga'ee itti gore.Namoota gidduu taa'ees barsiisa beekaa sanaa dhaggeeffachuu itti fufe.Xiqqooma utuu hin turinis Sooqiraates sagaleesaa ol kaasee waca guddaa dhaan Ogeessicha gaaffii gaafatee barsiisa isaa addaan kute. #SOOQIRAATES= "Haasaakee addaan kutuu kootiif dhiifama si gaafachaa, 'Gootummaa' gaafa jettu maal jechuu akka ta'e hiikasaa nutti himtaa?" ittiin jedhe. . #OGEESSICHA= "Gootummaa jechuun Lola irratti Diinni kee gaafa sitti dhihaachaa dhufu, atimmoo bakka tokko dhaabbattee eeguu jechuudha" jedhee deebiseef. . #SOOQIRAATES = "Bakka jirtu dhaabbattee gaafa eegdu, Kaayyoon kee addaan citee yoo mo'amtehoo?"jedhee deebisee gaafate. #OGEESSICHA= "Kunis tahuu danda'a garuu,kunimmoo Gootummaa biraa ta'a" ittiin jedhe. . #SOOQIRAAXES = Kanaafiyyuu, Gootummaan bakka jirtuu socho'uu dhiisuu fi bakka jirtuttis qabamuu dhiisuu erga ta'ee,kun akkamitti Gootummaa jedhamaree?" jedhee gaafate. Ogeessi fuula namaa dura dhaabatee barsiisaa jirus gaaffii kana gaafa gaafatamu rom'uu jalqabe. Naasuu guddaadhaan roqomaa Sooqiraatesiin akkas jedhe. #OGEESSICHA = "Sooqiraaxes koo, na qorteem,nama duratti na qaanessiteem, Anumtuu gaafan gaaffiikee kana deebisee yaadu, jecha Gootummaa jedhuu hiikasaa sirriitti akkan hin beeknen bare" ittiin jedhe. #SOOQIRAATES = "Obboleessako, Anis hin beekuum,garuu Gootummaan Sammuukeetti fayyadamtee yaaduudhaan waan gootu, jechuurraa waan adda ta'u natti hin fakkaatu.Kanarraa adda ta'a taanaan garuu baay'ee na dinqa" ittiin jedhe."Kan biraa,akka yaadakootti hiika sirrii ta'a jedhee kanin yaadu'BALAA AKKAMII KEESSA UTUU JIRTUU WAAN SIRRII TAHE QOFA GOCHUU YOO DANDEESSE KUN GOOTUMMAADHA!'" ittiin jedhe. . Namoota Galmicha keessa ta'aanii dhaggeeffachaa jiran keessaa namni tokkos sagaleesaa ol kaasee "Hiikni Gootummaa inni sirriinis kanuma ta'a" gaafa jedhu, Sooqiraatesis gara namicha kana dubbateetti naanna'ee " Kanaafiyyuu, Gootummaa jechuun Waan gochuu qabdu yaaddee gochuu jennee, Faallaa Gootummaa immoo sammuu ofii miiraan dirqisiisuun fuudhanii deemuu,hiika jedhu irratti yeroodhaaf yoo itti waliif gallehoo?" Jedhee namoota sana gaafate.Sooqiraates irraa fuulasaanii fi Onneesaanii ka'anii namootni isa dhaggeeffachaa turan hundumtuus jechasaa irratti waliif galuusaanii harkasanii walitti reebanii gammachuudhaan ibsaniif. Ogeessi fuuladura dhaabatee barsiisaa tures jechasaa irratti akka waliif gale baruuf jedhee, Sooqiraates naanna'ee gaafa ilaalu Ogeessichi bakka sana hin jiru. Madda: Kitaaba Afaan Amaariffaa 'Tibab ke philaaxos' ጥበብ ከጵላጦስ ''kan jedhu irraa waabeffadheen isiniif katabe.

  • 23 мая 2023 г.10,8 тыс49

    #Jaallachuu fi Of ta'uu hin dhiisin "Nama tokko yoo jaallattu namticha guutummaan guutuutti ni fudhatta.Hanqinna isaa wajjiin.Sababni isaa hanqinni kun kutaa(part) namtichaa keessaa tokko.Nama jaallattu jijjiiruuf hin yaalin.Akkana yoo ta'e sin jaalladha hin jedhiniin.Sababni isaas jijjiiruudhaaf yaaliin gootu " ani kan jaalladhu walakkaa keeti"ilaalcha jedhu of keessaa qaba.Namni si jaallachuu baatus of ta'u kee hin dhiisin.Abaaboon namni hin jiru jedhe bosona keessatti guddachu hin dhiisu.Jaallachuu yoo barbaaddes salphumatti jaalladhu." @Falasamoota Ooshoo fi saayikoolojii

  • 23 мая 2023 г.10,4 тыс4

    видео или голосовое, без подписи

  • 23 мая 2023 г.10,8 тыс22

    Mootummaa Gaariin, Mootummaa kan hintaanedha.Gammachuu guutuun siyaasaa, diina keessa kan dhokateedha.Mootummaan tapha siyaasaa Jibbisiisaa addunyaa irratti fe'ameedha. Namoota dammaqiinsa Gadaanaa qabantu Siyaasa jaallata.Namooti kun Hoogganuu, Aangoo qabachuu, namoota harqota gabrummaa isaanii jala galchuutu itti tola. Adolf Hitler kitaaba isaa barreesse keessatti Gama siyaasaan nama jabaa ta'uusaa agarsiiseera. Kana jechuun nama Gadheeee ykn jibbisiisaa ta'uu isaati. Akka jedhutti '' Aangoo irra turuuf Waraanni dirqama barbaachisaadha'' itti fufuun ''Waraanni yoo hinjirre namoonni akka nama Aangoo hinqabne nama gad bu'aa tokkootti si ilaalu, Waraanni yoo jiraate qofa Gootni dhalata.'' Jedha.Dhugaadha, Osoo Waraanni hinjiraannee Siyaasessitoonni maalta'u ture? Naapoliyoon, Iskindir, Jooseef stalin maal ta'u ture? Hitler mataansaa maalta'a ture? #Falaasamoota Oshoo

  • 21 мая 2023 г.10,2 тыс32

    "Beekamtii barbaaduun, sanyii salphinaa facaafachuudha" # Ooshoo

  • 21 мая 2023 г.10,4 тыс42

    "Dandeettii kee warri hin liqimfamneef, Bishaanirra miillaan deemteyyuu waan bishaan daakuu hin dandeenyeefi siin jedhu!" @ooshoo

  • 21 мая 2023 г.10,4 тыс4

    видео или голосовое, без подписи

  • 21 мая 2023 г.15,8 тыс38

    Addunyaa kana irratti ulaagaa tokko malee wanti gaarii ta’e maali? Jechuun gaafata Imaanu'eel kaant yeroo falaasamaa isaa jalqabu.Gaaffii kanaaf deebii ofii isaatif akkana jechuun kenna. #Maallaqaa ? Lakkii;maallaqni gaarii kan ta'u yoo wanta gaariif oolchine qofa malee maallaqni uummama isaatinu gaarii miti. #Beekumsaa? Lakkii.Beekunsi gaarii kan ta'u yoo nama gaarii argate qofa. #Gootummaadhaa? Lakkii isas miti.Gootummaan gaarii kan ta'u yoo kaayyoo gaariidhaaf oole qofa.Fknf Hitler goota garuu gootummaan isaa #gootummaa gadheedha. #Kanaafu maalinnirree? Kaantiif deebii tokkicha.Addunyaa kana irratti ulaagaa tokko malee wanti gaarii ta’e Gaarummaa ykn garalaafina .(Kant 1987:7) Beekumsi,Maallaqni fi Gootummaan yoo gaarummaa wajjiin ta’an humna guddaa qabu. Galatoomaa

  • 16 мая 2023 г.12 тыс30

    Kennaakee Barbaadi! Dhalli namaa kamiyyuu ogummaa dhokataa fi kennaa garaagaraatiin dhaangi'amee gara dachee kanaatti afeeramee dhufe. Dirqamni hireen kenniteen baayyeen namootaa carraa irratti utuu himata banuu,himata galmeensaa hincufamneen hawwii fi fedhiisaa qofaan hidhii sochoosaa jiraata. Kanaaf abjuu hanga har'aatti hin abjoonneen, hanga har'aatti qooda kee adda hin baafatin jirta taanaan of barbaaduutti deebi'i.Kennaan kee suma keessa jira.Kennaa dhokatee awwaalame abbuumaatiin kan isa barbaadu dhabee jiru barbaaddee baasuun kee siin olitti dhaloota si booda jiraniif hoji kennaa ofii barbaaduu uumtaaf! Kennaakee argattee mul'atakee waliin walquunnamsiisuuf haalota danqaa ta'anii gaara sitti fakkaatan qalbii fi oogummaadhaan hurriitti akka inni jijjiiramuuf tooftaa dhahi!

  • видео или голосовое, без подписи

  • Kanaan dura Waan asirratti maxxanfamu hundi jecha kiyya osoo hin taane jecha falaasfaa oshoo akka ta'e isinitti himeen ture.Kanaaf jecha isaa akka ta'e akka hubattanin barbaada. "Bofichiif Adamsichi lama miti; lamaan isaanii tokkodha. Waaqayyo Addaamiif hewaan yeroo uumee fi muka hubannaa kennu irraa akka hin nyaanne yeroo ajaju, isaanis nyaachuu akka hin qabne yeroo walii galan, waaqayyo bofa ta'ee mukatti marame. Hewaan akka muka sana nyaattu sossobe. Waaqayichumatu bofa sana ta'e. Ani seenaa kana nan jaaladha; kiristaanonni baay'ee rifatu. Garuummoo waaqayyo qofaadha kana gochuu kan danda'u. Eenyumtuu hin danda'u. Bofichi eessaa dhufuu danda'a?Inumaayyuu waanti hunduu, dursee kan murtaa'edha. Waaqayyoo dhalli namaa daandii isa sirrii irraa akka bahu barbaadee ture.Waaqayyoo akka namni cubbuu hojjetu barbaadee ture. Sababni isaa, cubbamaa irraa gara qulqullummaatti dhufuu qofaadha kan danda'amu. Kan biraa daandiin tokkollee hin jiru. Kanaafidha 'muka kana irraa hin nyaatiinaa!' Kan jedheef. Kun xiin-sammuu salphaadha. Kan kiristaanonni jedhan dhugaa yoo ta'e, waaqayyoo Akkuma #Firud illee ogeessa xiin-sammuu miti jechuudha.Kun xiin-sammuu salphaadha. Ani kan kiristaanotaa tasumaa itti hin amanu. Sababni isaa akkaataan hiika kiristaanotaa waaqayyoo gowwaa fakkeessa.Akka ani yaadetti, akka ani dubbadhettI, akka raawwatamudha kanan tilmaamu. Waaqayyo itti yaadee ta'uu qaba. Addam akka hin nyaanne eerga dhorkamee, eerga ajajamee, ajajajni murannoo eerga kennamee,'ija muka kanaa hin nyaatiinaa' eerga jedhamee, sana akka nyaatu itti amanuu qaba. Waaqayyo guyyoota muraasa eegee yeroo ilaalu, addaam gara mukichaa deemuu dhiisuu isaa yeroo argu, gara bofaatti jijjiramuutu irra ture. Kanaafuu karaa dubartitti yaaluu kan qabu. Sababni isaa, karaa isa dhiiraa homaa gochuu eerga hin dandeenyee, karaa ishee dubartii gara isaatti dhiyaachuu dha daandiin sirriin. Kanaafidha waaqayyoofi bofichi tokkoodha kanan jedhuuf!" #Ooshoo

  • "Wanti cubbuu jedhamu hin jiru. Cubbuun mala ittin namoota sodaachisanii fi toortorsanii dha. Wanti ati cubbuu jettu cufti/hundi dogoggora malee homaa miti. Dogoggorri immoo karaa ittin barataniidha. Namoonni gonkumaa dogoggora hin hojjenne namoota doofaa/wallalaa ta'aniidha. Sababni isaas, guddatanii hin beekan, namootni akkasii amantii keechatti qulqulluu fi qulqulloota jedhamuun isaanii nama ajaa'iba. Dogoggora akka hojjettu si barsiisa kanaaf gonkumaa hin sodaatiin. Waan tokko qofa beeki, dogoggora tokko yeroo lama hin hojjatin. Sababni isaas, dogoggora walfakkaataa irra deebi'uun gowwummaadha." Join fi share godhaa #Falaasama oshoo

  • Ati nama. Yaada qabda. Yaanni sijijjiiree addunyaa kana jijjiira. Yaadni sagalee qaba. Abbaa qofatti dhagahama. Guunguma garaa Waaqaa kan ji’a arfaasaa sana caalaa qaqawweessa’a. Yaadni qabeenya. Qabeenya sabaati. Namni utuu lubbuun dachee kanarra adeemuu gaafa inni du’e gaafa yaada sana of jalaa ajjeesedha. Yaada sikeessaa belbelu of jalaa hin ajjeesiin. Yaadni gobaa haalotaan hingufatamu. Tarkaanfatee deema. Yaadaan tarkaanfadhu. Biyyi yaadaan geggeeffama; uumeen addunyaa kanaayyuu yaada. Kanaa natti fakkaata warri adiin ani yeroof itti kooluu gale kun “Never underestimate the power of thought; it is the greatest path to discovery.” Jetti. Yaadni riqaadha; riqaa lafaafi galaanarraati. Namnuu farad yaadaa yaabbatee addunyaarra naanna’a. Sibiila lubbuu dhabeessa sana kan human itti godhee qilleensarra fiiksise yaada. Yaadni nama hinteessisu; ciniinsuu haadah ilmaanii caalaa nama mudda. Yaadni saala hinqabu; dhiiraafi dhalaatu walfaana ulfaa’aa. Gaafa yaanni ija godhate, guyyaan sun guyyaa ililleeti. Waatu dhalate jenna. Addunyaan kun namoota yaadaan ulfaa’anii ciniinsifataa jiran baattee rakkatte. Yaadni dachee caalaa ulfaata. Laftuu bu’aa yaadaati. Yaadni fira; diinas. Namatu yaadee milkaa’a; kanaaf yaadni aantee ofiiti. Yaadni ammo diinas; diina namaa horti. Akka isaan barbaadanitti yaaduu yoo dhiiste sababa yaadakeef duuta. Kanaaf yaadn suma keessa taa’ee si ajeesisa. Yaada kanatti adda ba’uuf jedheen takka mana takka ala; takka mana kitaabaa takkammoo karaarra; takka muka jala; takka takkas galaana atlaantikaa cinaa qofaakoo taa’eera. Didee nafaana deema. Akka biyya kanaatti yoo waa nama yakke #911 gaafa bilbilan Poolisiin nageenyaa dafee nama qaqqaba. Sanas yaaleera. Gaaf tokko utuun karaarra deemuu lafti natti xiqqaattee yaadni bakeessaa lafa liqimse; na’een poolisii waame. Poolisiinis dhufee waan ta’e tokko lamaan gaafan itti himu achitti nadhiisee sokke. Yaadni qofa galeessa nama godha. Yaadni nama sooromsa; namallee hiyyoomsa. Yaadni mootii nama godha; yaadni joortuu nama godhas. Baayyinni yaadaa kan nama tokko keessa jiru lakkoofsa uummata addunyaa kanaarra caala. Gaaf tokko Piroofesera cimaa tokkotu kutaa keessa jira; koorsii ‘Universal Desgin’ jedhu nuuf kennaa ture. Akkamitti akka waan ammayyaa kun itti bocaman (Design) ta’an barsiisa. Gidduuttan gaaffii tokko gaafadhe. ‘Hi Pro. Who is the designer of this world?’ jedheen gaafadhe. ‘I am not talking about world; I am talking about machine’ jedhee na ifate. Nan gadde. Inni waa’ee maashinaa nam-tolchee natti agarsiisa; ani isa achuma dhaabeen ijasaa duran yaadaan jalaa sokkee waa meeqa bira gahee deebi’eera. Yeroon yaadaan dareetti deebi’u ammo, ‘’Beekan, the greatest force is derived from the power of thought. The finer the element, the more powerful it is. The silent power of thought influences peoples even at a distance because mind is one as well as many. The universe is a cobweb; minds are spiders.’’ Nan jedhe. Nan gamamde. Yaadni utuu iddoo lamatti nandhoosiin naqaqqabe. Of tasgabbeesseen tiradheen gamoo abbaa darbii 53 irraa gadi bu’e. Gamoo sana jalaa waan amalakoo sana mallakkee lama fudheen akkatti yaadni gamoo sana ijaaren xiinxaluutti ka’e. Nanrakkadhe yaa jamaa. Yadni hirriba nadhowwe; yoon gadi ciises kaasee nafaana xabata. Namni waldadhaba mitii? Ani garuu yaadakoon dadhaba. Lola hedduu argeera; lola miidiyaa hawaasaarraa silaa anumtuu loluufi lolamuun bara kana 1ffaadha. Garuu lolli hundaarra caalu kanan wal’aansoo qabee kuffisuu dahabe yaada nakeessa jiru kanadha.Mee yaa firaa, yaadakootti jaarsummaa naaf ba’aame. Qalma barbaachisu nan qopheessa; innumti tole naa jennaan anoo qalamaafiyyu. Inni haajiraatu; mee yaadumtikoo boqonnaa haa argatu. Ani kun yaada. Ani nama; atis nama!! Join fi share godhaa

Falaasamoota Oshoo fi saayikoolojii — tgindex