- Последний пост
- 21 июл.
- Последнее чтение
- 15 авг.
- Постов за неделю
- 0
- Всего постов
- 20
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- В каталоге с
- 13 авг.
- 1/24сутки в ленте
- 86
- 1/48двое суток
- 98
- 1/72трое суток
- 106
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
#KUULAANII_PARTII_2meessoo #Laphee tiyyaarraa ciisii Haara na galfachiisii dirra kee na hammachiisii koommee na boqochiisii #Okisijiinii jiruu koo Sirna hargansuu kiyyaa Sittu na maaraachaa Siif duuti lubbuun tiyyaa #Yenna cufa si yaadaa ciisus taatu rafee mi'aa jaala keetii santi onnetti na hafee #kophaa koo yeenna duumuus Waa'ee ke offitti hasaasaa ta dhibii Akka hin jaallannee yaanni kee na basaasaa #Abjuudhaan narra deemtaa halkan ciisus hin rafuu argee sidhabuu caalaa argaan kee osoo hin hafuu #Madaala jaalalaa hunda naaf guuttee turtee osoo nu wal jaallannuu hireen adda nu kuttee #Ija koo keessa laaltee hantuu natti hin deebisnee waan woliin mari'annes cufaa narratti hin dinnee #Onnee teeti qulqulluu kalee ittiin na jaallattee yeroo narraa fagaattuu akkami obsa godhattee? #Tarii achuma teessee atis na yaaduu dandeessaa yaadannoo waliin qabnu tokko yaaddee hunda keessaa #Natti hima miirri koo Akka yaada koon miidhamtee Itti fuftee jiraachuufis qalbiin kee si hiramtee #Jireenyi sitti ulfaatee rakkattu koottu dhiisii Onneen koo siif banaadhaa boqadhu keessa ciisii #Nagaan koo sii yaagahu garaas bu'ee bayee tarbee baddaa bosona Oromiyaa hunda keessa loyee darbee #Jaalalleen te jalqabaa sifaana tokko taatii Isheen marroo lammeessoo sitti Ida'amuuf dhamaatii #jaallalli tokko ta'uudhaa hin ta'u ida'amuu kan torbee qofa jiraatee ji'a tokkotti dedhamuu #Jaallalli ni ulfaataa hunduu isaaf gaggabaa rabbi isin irraa oolchuu dhaba jaalallee jalqabaa‼️ JOIN GODHA .. @obsiilink
-Ilkaan ishii dirribii adii akka cabbii ajab ajaa'iba irgoon tumaa rabbii -mallaanshii dimpilii burtukaana dhooqa hidhiin karameellaa onnee nama hooqa -moormi masalaaluma jannataan koranii nyaarri sobaa miti uumamaan qoranii -funyaan ishii ol diriiraa tisiisa gufachiisu ilkaan ishii hiriiraan cabbii of tuffachiisu -rifeensa dheerattii akka eegee fardaa duraan qofaa miti duubni ishiitis addaa😜 -mudhii ni qal'attii hirphi ishii birciqqoo faanti ishii qabbanaa lafan quuyxu xiqqoo . . . @obsiilink
MAG/BADDEESSA 💝💘👌 Arra haa dubbadhu Waa'ee biyya tiyya An warra harargeeti Baha oromiya Handhura Carcari Maqaan isi baddessa Qabeenya uumama Ta qabdu if keessaa Arra me yaadaanin Si gessa baddessa Qilleensi isii owwaa miti Ammas qabanawaa Abbaa fedheef ta'a Hundaafu mijaawaa Iddoo sirna gadaa Seenaa oromoota Odaa bultum qabna Caaya maanguddota Rahaadha guutudha Hiraar tokkon qabnu Biyya jaalalaatii Jibbas naman qabnu Dubra warra ituu Tan bifaan magaalaa Waye isaani dubbachiif Ofii koon zigaala Dardarri isaanitis Jaalala qabani Isaanin yoo wal barte Lubbuu siif dhabani Ayyoon si eebifti Aabbonis daranii Aboo bar baddessan Tanuma itti galanii @obsiilink
Wow ammaa nagayan dachanee
Maalin sitti balleesse Hijaa narraa qabdaa Ka biraa janaajjana Maa salfii dhaabda Onnee lama qabdaf Atis dhala namaa Akkami dandesse Jinjana bakka lama Ati kiyya naan jettee Abdii ma natti horta Gaafan tiyya sin ja'u Kararraa maaf gorta ✍️ Masho Kondo #Walaloodha....🤝 ... @obsiilink
haala barat si fageessee erga deemtee yoom gad teessee naaf ergii mee bakka geesse yaaduma kee na hiraarsee silaa akka wal jaalannuu gargar fagaannee hin jiraannu halaala irraa wal hin yaannu sooriis waa nan gammachiisuu irkadhuus yaanni nan ciibsuu quuqamni kees waa nan dhiisuu gola onnee koo waraantee jaalala keen na sakaaltee maaliif na dhiistee godaante JOIN ...GODHA ... @obsiilink
Onnadhu Ee Onnadhu ati Onnadhu akka dhiiraa Wa baay'ee si eegaa Seenanii hiriira Jiruun tabba baay'atti Hin sehin diriiraa Tanaafin siin ja'aami Onnadhu akka dhiiraa Arra wanti hundi Yoo bitaa sitti galee Rakkonif gidiraan Kumaatama caalee Tarkaanfi si dhoorgus Hidhee si sakhalee Onnachuu qabda ati Onnadhu ammallee Jiruun tun qormaata Gufuu hedduu jiraa Tarkaanfi si dhoorkite Sitti-kuttulle hafuura Gufattee okkoltus Jabaatani dabran bira Gufuu tana dabruuf Onnadhu akka dhiiraa ✍️ Masho Kondo #Walaloodha.....💪Onnadhu Ee Onnadhu ati Onnadhu akka dhiiraa Wa baay'ee si eegaa Seenanii hiriira Jiruun tabba baay'atti Hin sehin diriiraa Tanaafin siin ja'aami Onnadhu akka dhiiraa Arra wanti hundi Yoo bitaa sitti galee Rakkonif gidiraan Kumaatama caalee Tarkaanfi si dhoorgus Hidhee si sakhalee Onnachuu qabda ati Onnadhu ammallee Jiruun tun qormaata Gufuu hedduu jiraa Tarkaanfi si dhoorkite Sitti-kuttulle hafuura Gufattee okkoltus Jabaatani dabran bira Gufuu tana dabruuf Onnadhu akka dhiiraa ✍️ Masho Kondo #Walaloodha.....💪 .. @obsiilink
waa'een kankee anan kunoo nan raffisuu nan ta'a yoon jedhes taa'uu nan feesisuu halkanii fi guyyaa jiruu nat hadheessee oliif gad na oofaa akkat na rateessee maaluman si godhee maalan sit balleessee maaliif jiruun hiitee golatti ol na keessee an siifin dhara'aa bar siifin dheeboodha sagalee kee dhaga'uuf hedduun ariifadha kanafin deddeebi'ee hedduu si kadhadhaa tole nan jedhi mee ano sin abdadhaa waraana jaalala keen jireenya koo moo'atte haala fi Amala gaariin qalbii kankoo to'attee siif moggasuuf nan dhabe maqaa gaarii si ibsuu gaafan ittiin si waamadhu kan garaa koo na ciibsuu Damma koo yoo sin jedhee dammas ni nuffaa namnii Anaanni jedhee moggaasuus itti makama dhamnii urjii koo sin jechuuf ifnishee dimimmiisaa jaalalli kee baqee onneetti na dhimmisaa ....JOIN ... ...GODHA .... @obsiilink
DIRREE DHAWAA! Araddaan Afran-qalloo Onni Baabbilee’f Alaa, Qe’een Oborraa’f Dagaa Isheen Oromoof dhalaa, Seenaafi seera kamiin Somaalee jala galaa..? Ulfoo jaalala malee Jibbi si keessa'n jirre Biiftuu barii Oromoo Dirree Dhawaa, yaa dirree.. Dhawaa Elemoo Muudee Ka’umsa maqaa keetii Ormi akkamiin dagattee Si’iin nu saamuu feetii? Seena qabeettii lafaa Manguddoo umriin qaataa Handhuuraa Oromootaa Kan ormaa akkamiin taata? ••• Guddina kee inaafee Oromummaa siin jibbee, Warri har’a si saamuuf Rukuchiifatu dibbee, Dhangaggoo fi Calanqoo Qullubbiif Haramaayaa Qarsaa, Kombolchaaf, Huursoo Ollaakee eessa kaayaa? Uumaatoo keenya godhee Nuun marsee si diriirsee, Alagaan maaf dhama’a? Daba kuma hiriirsee... ••• Dahoon guyyaa rakkinaa Goototaaf wabii taate, Gucni aartii Oromoo Dungoon dukkana-baate, Gaazni qabsoo sabichaa Qaanqeen jalqaba kaate, Dirreen; dirri Oromoo Dirmammaa’ee dhaanamaa Qe’een uumamaan keetii Alagaatti waamamaa? Osoo argaa dhageessuu Cuqqaalamtee teessaaree? Ormaaf golaa gad-baatee Diinqa kankee keessaaree? Gaaffiin koo dhalootaafi Deebii isiniifan dhiisaa, An waa-koo ormaa'n kennu Irra turuu dadhabu - du’eefiin jala ciisa! ...JOIN .....GODHA ..... @obsiilink
Arra haa dubbadhu Waa'ee biyya tiyya An warra harargeeti Baha oromiya Handhura Carcari Maqaan isi baddessa Qabeenya uumama Ta qabdu if keessaa Arra me yaadaanin Si gessa baddessa Qilleensi isii owwaa miti Ammas qabanawaa Abbaa fedheef ta'a Hudaafu mijaawaa Iddoo sirna gadaa Seenaa oromoota Odaa bultum qabna Caaya maanguddota Rahaadha guutudha Hiraar tokkon qabnu Biyya jaalalaatii Jibbas naman qabnu Dubra warra ituu Tan bifaan magaalaa Waye isaani dubbachiif Ofii koon zigaala Dardarri isaanitis Jaalala qabani Isaanin yoo wal barte Lubbuu siif dhabani Ayyoon si eebifti Aabbonis daranii Aboo bar baddessan Tanuma itti galanii Walaloodha....🤝 ....JOIN .....GODHA .... .... @obsiilink
Walloo koo seenaan waldayaatis kan warra Heemanuu godaanisaa jira if hima inninuu waa'ee dirree Boruu odeeffadhaa Dasee kan warra Qaalluutis gaafadhaa Kamisee maqdalaa taraaraa ceehot barakkataa ye seetun annawqim ka wand andi saw moota nuun jetti dabtaraan seenaa faalleessitee Suuraa reeffa Teediroos shuguxii qabsiiftee akkasii miti moo seenaan daba haftee jajjabee Warqituuti jedhan tan Teediroos ajjeefte isaan nu dhooysanis faranjiin barreessitee jirtii duuba Teediroos moo Warqituudha dhiirti ✍️ walaaloo Jafar Ali .... JOIN ....... GODHA ... @obsiilink
Jaalala keetiin Kaayyoo ko dagadhee Osoon numa nyaadhu Qaamanis huqqadhee Hedduus yaadun dhiise Sammuunis dhiphadhe Essuma fidde garuu Hammeenya akkanaa Deebillee naaf dhabde Gaafii tiyya tanaa Sin jaaladha je'ee Waywaachuu kiyyaatu If qaaleysuun si gahee Kanaaf ka boontu Boona kana dhiiftee Yaada koon hubattuu? Je'ee si gaafannan Deebisaa naaf dhabde Jaallalti kadhaa mitii Sirra oole aaddee #Walaloodha..🤝 ...JOIN ...GODHA ...@obsiilink
shaggee kuulee magaala dawoo too naa ta'i si jalattin dheessaa dhukkubni koo sumaa suma dawaan isaa ijarra si dhabnaan baayyeen si beelawaa suman ilaaluudhaaf caffaa irraa naannawaa Burqaa caffaa dawaa bishaanin yoo guutu dhungoo narraa fudhuu akka na yaadattu akka birri bissii kan sirra shaggisuu mee na kudhaamadhu garaan koo haa ciisu .... JOIN .... GODHA ... @obsiilink
Naaf waa hunda geessa Miira jaalalan na yaabdee Onnee keessa na teessa Siida jaalala ol dhaabdee.... Ani abjudhan si lagadhu Natti dhufta halkan qixxee Qalbiin tiyyas si dagattuu qaama koo keessa na lixxe.. Idditee na keessa yaata Akka kannisa gaaguraa Dhangalaate narran baata Akka hadiida baaburaa... Na danfistee na gugubde Akka aduu arfaasaa Sin argadha mooree Lubbuu tiyyan if baasa? ✍Obsa Ali .....JOIN ........ GODHA ... @obsiilink
Ni dandessa Ee ni dandessa ati Jabaattee hojjachu Akkuma nama kaani Guddattee mullachuu Businessman taate Millionan taphachuu Ni dandessa eyye Kan si dhoorgun jiru Fiinfinnee laaqante Dubai tti faxaruu Ferrari fi lambarghini Yo feetes bugaati Ni dandessa bitachu Jabaannaan hojitti Ee ni dandessa Apartment jaartee Rahaa tante godhuu Kan rakkate hundaanu Jette tana hoodhuu Garuu kana hunda Wanti akkas si godhu Jabaatte hojjachudha Tana qalbeeffadhu Ee hojjachu qabda Jabaatte akka gabraa Arra yo barattes dubbisa jabaadhu Qomoo ko hadaraa Milkoofne guddannee Gaaf tokko wal garra Walaloodha...🤝 ....JOIN ......GODHA @obsiilink
Mee Walaloo kanaan buhaara Mee ka'ee barreessaa, Waa'ee jaalala keen Asiin gad tarreessaa, Ati anaaf doktoora Wallaantuu qaamaa, Fooliin jaalala kee Halaalaa na yaamaa, Gaafaan Angatame Jaalallee Koo duriin, Sinaaf kenne qashtii Rabbiin osoon turin, Rabbii sinaaf kenneef Galanni hin dhumuu, Wanti ati naaf taate Jechaan hin himamuu, Anaa gatamee taa'u Abdii jiruu muree, Rabbiin sinaaf kenne Siin na tolche hiree, Mee warqii siin jedhuu Kan namuu barbaadu, Innis sin madaalu Olmaa keetu hedduu Sin duraas jaaladheera Jaalala keetu caalee, Ergaan si jaaladhee An firaan wallaalee, Jaalalli kee namoo'ee Qaama Koo na dhoree, Ba'aa ulfaataatu Onneerra na koree Gammadaatiin bula Guyyaan ijaan siargee, Dhugumaan jaalalli kee Onnee kiyyarra margee! Erga na filattee Aniis sifiladhee Siin kunuunfadha Waan danda'u godhee ✍️ obsinan Alii follow tolchaa ... JOIN .... GODHA @obsiilink
qashtii kiyya na koottuu haajaan sirraa qabaati onnee tiyya naa fuutee siitu harkaa qabaati urgaawaa akka xiiba shiittoo oromiyaatii osoonin an si yaamuu nan dheeysin halaalatti gaaddisaatti as gori haara baafanna itti Baddeessaa fi macharaa Odaa Bultum jalatti teenyee wal garsifannaa dhukkuba jaalalaatii kam yaameetiin kam dhiisaa Alangaa biyya tiyya Ciroo fi Hirna,Waaccuu dhaqu kaantu kaan daran ka Qunnee fi Darakkuu looshii looshaa masaalaa ija keessaan si laalaa kaarruu dasii Dabasoo mosinni kee jaalalaa qashtii dardara Oromoo mee eenyuut si naa caalaa Me ❤️ ❤️ ✍obsa Ali ...JOIN ...GODHA @obsiilink
ogummaa jaalalaan madaa koo wal'aantee eessanan ol jedha atoo na sakaaltee manan itti galu mukaan ijaaramee hirribaaf gad ciiseen yaada keen qabamee xiqqoo akkan rafeen abjuun dararamee sagalee ol kaaseen al tokko si waamee police jaalalaatiin marfameen qabamee waanan si jaaladheef hidhaattin darbamee hidhaa keessattillee waa'ee keen jeeqamee doctorin na yaaluuf natti jijjiramee onnee koo keessatti si qofat argamee ✍️ obsa Ali .... JOIN ...... GODHA .. @obsiilink
Ol aseenii jennaan maaliif seenuu diddee? Narraa bu'iis jennaan Narraa bu'uu diddee Herreega akkanaa eessaa natti fiddee ? ================= shaggee afran qal'oo Ituufii Hunbaannaa yaada garaa keenyaa ol baafnee dubbannaa Yaa bareeda Noolee yookaan ta Anniyyaa Eenyuu gidduu hin galuu dhimma keetiif kiyyaa ================ Yookaan na tokkosii akka Elemoo Qawwee yookaan natti sirbii akka Halloo Daawwee ija keessa iftaa akka Maagii Haaruu Sanyii gootaa malee ani hin beekuu faaruu ÷================= Hambaa Calanqootii Sanyii Bakar Waaree Oromoon hundinuu gocha sana Aaree Asheeta qacalee shonkoora Raamisii qormaannillee gahee qalbii naaf deebisii ================= Seenaadhaan baradhee Dabbaal mootii gaaraa si jaaladhee dhabuus gadi hin qabuu nyaara maaliif si jaaladhee jedhee yoomiin gaabbaa si fudhadhee galaa Dodolaaf Hadaabbaa ================== Dhoombir dhoosanillee akka Aliyyii Cirrii dhibba keessaa dhibbaa jaalalli koo sirrii dhugaa qofaaf falmaa hin beekuu fakkeessaa waabee shabaleetiin dhaamsa koo siif geessa! .... JOIN ..... GODHA ..... @obsiilink
"Jaalala" Ati anaaf badhaasaa abaaboo jannataa kanaaf Onneen kiyyaa ka'ee siif dhaabbataa gaafan si jaalladhen hunda si caalchisee kanaaf jaalalli kee Onnee na tarsaasee ifti kee addeessaa mul'atni kee aduu oolmaan kee nakeessaa yoomiyyuu hin baduu an siifan uumamee kan biraan barbaaduu = ,= tiruuns foon mitii dhiigatu ititee kee jaalala mitii hiddatu nacitee ati uumamaanuu nama keessaa addaa Onnee koo keessaayyuu iddoo guddaa qabdaa albuudata keessaa kamiin sifakkeessuu? meerkurii, diyaamendii, wariin siqixxeessuu? gatiin kee guddaadhaa isaanirra caaltaa silaa maan rakkadhaa? suuqiidhaa bitamtaa ati qarshiis mitii jaalalaan argamtaa == == Agadaa nyaadheetan alamtuusaa tufaa yaada keen qabamee karaa kaman rafaa atoo Onnee kootii ishee laphee jalaa yoon maqaa kee dhahuu xiqqoo narraa galaa kanaaf an siin wabii lubbuu koo godhadhee sumattin of kennee hedduu si abdadhee naaf hubadhu garaa koo amanee kanin hin shakkinee jaalladhee kanin hin gabbine argu malee kanin hin obsinee si'i malee eenyuree???????? Join Us// @TextJaalala @obsiilink