tgindex
Afaan Oromo News

Afaan Oromo News

Статистика

Afaan Oromo News 🅿 Contact : @admiinii_bot Buy ads: https://telega.io/c/AfaanON

Последний пост
29 нояб.
Последнее чтение
13 авг.
Постов за неделю
0
Всего постов
22
Тип
открытый
Язык
om
В каталоге с
13 авг.
Подписчики
24 204
−26 за 3 дн.
Сутки
−4
−0,02%
Неделя
 
Месяц
 
Просмотров на пост
4 431
22 постов
Вовлечённость
18,3%
к подписчикам
Постов в день
0,0
всего 22
Упоминаний
0
каналов
Охват размещения
оценка
1/24сутки в ленте
1/48двое суток
1/72трое суток

Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.

Посты

  • 29 нояб.9 972134

    Baankiin Istaandaardi Itoophiyaatti irra deebiin eeyyyama haaraa argachuun himame Baankiin Biyyoolessaa Itoophiyaa Waajjira Bakka Bu’aa Baankii Istaandardiif eeyyama haaraa irra deebi’iin kennuufi beeksise. Kunis labsii Baankii biyyaleessa Itoophiyaa haaraa fooyya’e jalatti dhaabbata biyya alaa eeyyama argate keessa isaa jalqabaa akka ta’e himameera. Baankichi Ibsa har’a waaree booda baaseen, eeyyama baankichaafi kennuu ibsuu kun immo “erga qajeelfamni haaraan bahe isaa jalqaba’’ ta’uu yaadachiseera. Kanaanis, to’annoon waajjiraalee bakka bu’ummaa baankota biyya alaa guutummaatti baankii Biyyaaleessa jalati kan bulani ta’uutu eerame. Akka Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa jedhutti labsiin haaraan fooyya’e kun eeyyamafi to’annoo Waajjira bakka bu’aa Baankii biyya alaa ta’aan kallattiin bulchuuf kan ragga’ee ta’us dabalee ibseera. “Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa waajjiraalee bakka bu’oota baankota biyya alaa kanaan dura eeyyama kennuf aangoo kan qabu Ministeera Daldalaa fi Walitti hidhaaminsa Naannoo ta’uu ibsuun amma erga labsiin irraa deebiin bahee as eeyyama argachuu akka eegale” ibseera. Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa iyyannoowwan haaraa dhiyaatanis bu’uura labsii haaromfame irratti hunda’uun gamaggamaa jiraachuu baankichi ifoomseera. Akka Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa jedhutti, Waajjiraaleen Bakka Bu’ootaa kunneen wiirtuu qunnamtii fi daldalaatti ciminaan kan hojjatan, qorannoo gabaa gaggeessuufi hariiroo dhaabbilee cimsuufi kan tajaajilan yoo ta’anis, garuu tajaajila daddabarsaa maalaqa raawwachuufi eeyyama kan hin qabne ta’u ibseera.

  • Waldaaleen hojii gamtaa kaappitaala qarshii biliyoona 59 ol sochoosaa jiru ++++++++++++++++ Onkoloolessa 17/2018(Gaazexaa Pilaas): Waldaaleen hojii gamtaa guutuu biyyattii keessa socho’an kaappitaala qarshii biliyoona 59 ol sochoosaa jiraachuu Komishiniin Waldaa Hojii Gamtaa Itoophiyaa beeksise. Hoggantuun Hariiroo Hawaasaa Komishinichaa Aadde Caaltuu Taammiruu Gaazexaa Addis Zamaniif akka ibsanitti, sadarkaa biyyaalessaatti miseensota waldaalee hojii gamtaa miliyoona 28 oltu jiru. Waldaaleen kunniin kaappitaala qarshii biliyoona 59 ol sochoosaa jiraachuu ibsaniiru. Haata’u malee, yeroo ammaa hirmaannaan isaan dinagdee keessatti qaban gadaanaa ta’uus eeraniiru. Keeniyaan muuxannoo waldaalee hojii gamtaa Itoophiyaa fudhattee hojiitti galuushee yaadachiisanii; yeroo ammaa waldaaleen hojii gamtaa biyyattii keessatti argaman omisha waliigalaa biyya keessaa (GDP) biyyattii keessaa %46 ol akka qaban beeksisaniiru. Kunis akka biyyaatti damicharratti hedduu hojjechuu akka qabnu kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.

  • Paarlaamaan Jibuutii Ismaa'il Omar Gilleetif karaa banuuf daangaa umurii pirezidaantummaa kaase Finfinnee, Onkololeessa 27, 2025: Paarlaamaan Jibuutii Wiixata darbe sagalee guutuun daangaa umurii pirezidaantummaa kaasuun, pirezidaantiin Jibuutii Ismaa’il Omaar Gileen marsaa 6ffaaf akka dorgomaniif karaa baneera. Gilleen bara 1999 irraa eegalee pirezidaantii Jibuutii, biyya xiqqoo Gaanfa Afrikaa, buufata doonii guddaa buufata waraanaa Ameerikaa, Faransaayifi Chaayinaa ture. Heerri Jibuutii akka jedhutti, waggaa 75 booda aangoo pirezidaantummaaf dorgomuun hin danda'amu. Kunis ganna 77 kan ta’e Gilleen filannoo Ebla 2026 gaggeeffamu akka hin dorgomne taasiseera.

  • 27 окт.4 5582

    Dhaabbati Saa’udii buufata Taajuraa bulchuuf walii galtee mallatteesse Dhaabbati daldalaa Saa’udii Arabiyaa Reed Sii Wiingeetis (Red Sea Wingates) jedhamu buufata doonii Taajuraa waggoottan soddomman dhufan bulchuuf Abbaa Taayitaa Buufataa fi Naannolee Qaraxa irraa Bilisaa Jibuutii waliin walii galtee mallatteesse. Akka marsariitiin odeeffannoo Maariitaayim Egziikiyutiiv gabaasetti, walii galteen kun erga biyyooti lameen Bitootessa 2025 dhimmoota sochii galaanarraa fi loojistiikiirratti walii galtee taasisan hordofee ta’uun ibsameera. Gama biraan walii galteen kun kaayyoo tajaajila geejjiba gama hundaa Kaaba Jibuutii fi Itoophiyaa jidduu baballisuu waliinis yaada wal simu kan qabudha jedhameera. Fakkeenyaaf torbee darbe Koorporeeshiniin Baaburaa Itoophiyaa daandii baaburaa sararoota akka Taajuraa, Asab, fi Mitsuwwaan wal qunnamsiisu ijaaruuf pirojaktii Doolaara Biiliyoona 1.5 ifa gochuun isaa ni yaadatama.

  • 27 окт.3 9553

    #Hidha_Koyishaa Pirojektiin madda anniisaa Koyishaa Naannoo Itoophiyaa Kibba Lixaa yaa'a gadii Laga Oomoo madda humna elektiriikii Gibee 3rraa kiiloomeetira 129 fagaatee qe'ee Koyishaatti dhiyaatee argama. Maddi humna anniisaa Koyishaa, dandeettii humna meeggaawaattii kuma tokkoofi 800 maddisiisuu qabu kun, yaa'a anniisaa waliigalaa Itoophiyaarratti jijjiirama hiika qabu kan fidudha. Pirojektichi haala fedhii anniisaa Itoophiyaa guddachaa dhufeef deebii kennuun waggaatti humna elektirikii giiggaawaattii kuma jahaafi 344 maddisiisa.

  • 27 окт.3 8082

    #Keessummaa “Pirojektiin gaazii uumamaa olka’iinsa biyya keenyaa daran kan guddisuudha” - Doktar Dastaawu Makuwaaninti *** Gaazexaa BariisaaItoophiyaan Pirojektii Gaazii Dhangala’aa Uumamaa Goodee waggaatti gaazii kaaluubii liitira miliyoona 111 omishuu danda’u marsaa jalqabaa dhiyeenya eebbisiisteetti. Pirojektii marsaa lammaffaa waggaatti liitira biliyoona 1.33 omishuu danda’us jalqabsiisteetti. Gaaziin uumamaa biyyattiin omishuu jalqabde industiriiwwaniif, geejibaaf akkasumas tajaajila anniisaa mana keessaatiif kan fayyadu ta’uun sirna eebba pirojektichaarratti ibsameera. Gaaziin uumamaa kiiloo giraamni tokko jiddugaleessaan anniisaa konkolaataan tokko kiiloo meetira 35 ittiin deemuu danda’u kan kennu yoo ta’u, oggaa gatiisaatiin ilaalamu ammoo gatii beenzina ykn naafxaa liitira tokkorraa daran hir’ateen gabaarraa argachuu akka dandeessisus ibsameera.

  • 27 окт.4 0913

    Sarara baaburaa Holqa Soofumaritti diriirfametti yaalii milkaa'aan taasifame ++++++++++++++++++ Onkoloolessa 16/2018(Gaazexaa Pilaas): Sarara baaburaa yeroo jalqabaaf dandeettii biyya keessaatiin holqa Soofumarirratti diriirfametti yaalii milkaa’aan taasifamuu Korporeeshiniin Baaburaa Itoophiyaa beeksise. Raawwachiistuun Hojii Korporeeshinichaa Injiinar Hilliinaa Balaachoo, yaa'ii Bizinasiifi Invastimantii Baaburaa Biyyaalessaarratti akka dubbatanitti; Itoophiyaan biyya seenaa daandii baaburaa waggaa 100 ol qabdu ta'us, damee kanarratti guddina umriisheef malu hingalmeessisne. Haata’u malee, yeroo ammaa korporeeshinichaan bu’uuraalee misoomaa sadarkaa idiladdunyaa guutan ijaaramaa jiraachuu eeraniiru. Daandiin baaburaa dandeettii biyya keessaatiin yeroo jalqabaaf holqa Soofumarirratti diriirfametti yaalii milkaa’aan taasifamuu eeranii; kunis akka biyyaatti bu’aa guddaa ta’uu ibsaniiru.

  • Manni marichaa boru bakka Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad argamanitti marii gaggeessa * Gaazexaa Bariisaa Manni Marii Bakka Bu'oota Ummataa RFDI walga'iisaa idilee boru, Onkoloolessa 18 bara 2018 bakka Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad argamanitti sa'aatii 2:30 irraa kaasee adeemsifata.

  • 26 окт.4 4251

    Damee teknikiifi ogummaatiin lammiilee miiliyoona 5.2 ol leenjisuuf karoorfame +++++++++++++++++ Onkoloolessa 16/2018(Gaazexaa Pilaas): Bara barnootaa 2018 damee teknikiifi ogummaa sagantaalee idileefi gaggabaabaatiin lammiilee miliyoona 5.2 ol leenjisuuf karoorfamuu Ministir De'eetaan Hojiifi Ogummaa Doktar Tashaalaa Bareechaa ibsan. Akka ibsasaaniitti, waggaa waggaan leenjii idileefi gagabaabaan dhaabbilee teknikiifi ogummaatiin lammiilee miliyoonaan lakkaa’aman bira qaqqabamaa jira. Lammiilee bara 2017 kutaa 12ffaa xumuran kuma 454fi 106 simachuun sagantaa idileetiin leenjisuuf qophiin taasifamuu eeraniiru. Lammiilee miliyoona afur ta’aniif leenjii gabaabaa kennuun hojii biyya keessaaf qopheessuuf hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru. Dabalataan lammiilee kuma 800 ta'an leenjii gaggabaabaan gahoomsuun fayyadamoo bobbii hojii biyya alaa taasisuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Walumaagalatti barana lammiileen miliyoona 5.2 ol fayyadamoo leenjii idileefi yeroo gagabaa nita’u jedhameera.

  • 26 окт.3 8365

    "Humni Galaanaa haala amansiisaarratti argama" - Riir Admiiraal Kinduu Gizaawu ++++++++++++++++++++++ Humni Galaanaa haala amansiisaarratti argama jechuun Ajajaan Olaanaa Humna Galaanaa Riir Admiiraal Kinduu Gizaawu ibsan. Guyyaan Raayyaa Ittisa Biyyaa 118ffaan Magaalaa Bishooftuutti mataduree "Biyya hintuqamne; raayyaa hinjilbeenfanne" jedhuun kabajamaa jira. Ajajaa Olaanaan Humna Galaanaa Riir Admiiraal Kinduu Gizaawu wayita kana akka ibsanitti, dhimmi ulaa galaanaafi humna galaanaa addaan kan hinbaaneedha. Itoophiyaanotaaf dhimmi ulaa galaanaa dhimma seeraa, seenaafi siyaasaati ol dhimma jiraachuu akka ta’e dubbataniiru.

  • Itoophiyaan lammiilee ishee guddifachaan biyyaa alaa jiran dhufanii biyya dhalootaa isaanii akka daawwatan gochuuf sochii eegalte Finfinnee, Onkololeessa 25, 2025: Mootummaan Itoophiyaa inisheetivii “Journey to Root “/Imala gara biyya dhalootaa/ jedhuun lammiilee Itoophiyaa guddifachaan biyya alaa jiraatan biyya dhalootaa isaanii barsiisuf hojjatamaa jiraachuu Ministeerri Tuurizimii Itoophiyaa beeksise. Ibsa ministeerichi Onkololeessa 24, bara 2025 miidiyaalef kenneen, lammiileen kun aadaa, miidhagina uumamaafi hambaalee seenaa biyya dhalootaa isaanii akka ilaalan, barataniifi dinqisiifatanii hidhata miiraafi aadaa isaanii akka cimsataniif akka ta’e hime. Ministeer Deetaan Ministeera Turizimii Indaganaa Abbabaa (PhD) gama isaaniin ibsa kennaniin, sagantaa kanaaf ka’uumsa kan ta’e waamicha MM Itoophiyaa Abiy Ahimad( PhD) kana dura sochii “ Back to Your Origins” jedhuun diyaaspooraa hidda dhalootaan Itoophiyaa ta’an hirmaachisee ture akka ta’e eere.

  • 25 окт.4 367113

    “Lagni Abbayya %84.5 Oromiyaarraa madda; ijaarsasaafis qarshii biliyoonni 12 ol Oromiyaarraa sassaabame” - Obbo Dabalaa Fiixumaa *** Gaazexaa Bariisaa Finfinnee: Akka Afrikaatti kuufama bishaanii guddaa qabaachuun Itoophiyaan biyya beekamtu yoo ta’u; kanaan dura qabeenya uumamaashii kanatti haalaan fayyadamauu dhabuun hiyyuma keessa turteetti. Qabeenya bishaanii kana keessaa lagni Abbayyaa isa atokko yoo ta’u; %84.9 Oromiyaa keessaa madda. Haa ta’uutii dhiibbaafi jibba sirnoonni darban Oromoof qaban hamaa waan ttueef seenessa qeenxeefi sobaan haqa ummatichaa dabsuun Oromoofi Oromiyaan ijaarsa biyyaa keessatti qooda kan hinqabne fakkeeffamaa ture.

  • 25 окт.4 0801

    Itoophiyaan ji’oota sadeen darbanitti galii birrii biliyoona dhibba 3 fi biliyoona 23 argachuu beeksifte Finfinnee, Onkolooleessa, 25,2025: Mootummaan federaalaa Itoophiyaa bara baajataa kanaatti ji’oota sadan keessatti galii maddoota garagara irraa qarshii biiliyoona dhibba 3 fi biliyoona 23 argachuu beeksisera. Kunis kan bara darbee yeroo walfakkaataatti kan galma’een, biliyoona 100 fi biliyoona 52, yoo ta’uu, walii bira qabame yoo madaalamuu daballii guddaa ta’uutu himame.

  • 25 окт.4 2113

    Paarlaamaan Israa'el lafa Paalistaayin, West Bank, kutee fudhachuuf sagalee kenne. Prime Media (Finfinnee) Onkololeessa 14, 2018 Pirezidaantii Itti Aanaan Ameerikaa, J.D. Vance akkasumas, Barreessaan Haajaa Alaa Ameerikaa, Marco Rubio, adeemsa Paarlaamaa Israa'el qeeqan. Karoora nagaa buusuu, Tiraampi, gufachiisuudha jedhan hooggantoonni lamaan. Keessattuu, J.D. Vance, akki jedhe, 'yoo qalbii ummataa qabachuu, mataduree miidiyaa ta'uufi gaafii Paalistaayinootaa fudhatama dhabsiisuuf kana kan godhanis taate, anaaf gowwummaadha"; Dabalees imaammanni Ameerikaa West Bank muranii fudhachuu hinhayyamu jedheera. Pirezidaantiin Ameerikaa, Doonaaldi Tiraampi, dubbiin 'West Bank murachuu waan hinyaadamne; Israa'eel kana gooti taanaan, deeggarsa Ameerikaa dhabdi; ani waadaa biyyoota Arabaatiif gale guutuun qaba" jechuun miidiyaaf yaada kennan. Miniateerri Haajaa Alaa Paalistaayin gochi Paarlaamaa Israa'el fudhatama hinqabu, Israa'el lafa Paalistaayinirraa mirga wahiituu hinqabdu jedheera.

  • Murteef dhaddachatti kan dhiyaatan Obbo Taayyeen ammas beellamaman; Bu’aan qorannoo sarbiinsa mirga namoomaa himatamaas murtee eeggata jedhame Finfinnee, Onkoloolessa 24, 2025: Himatawwan sadiin himatamanii mana murtiitti ofirraa faccisaa ka jiran Deetaan Ministiraa Ministeera Nagaa duraanii ObboTaayyee Danda’aa kaleessa Onkoloolessa 13, 2018 Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Lidetaa Dhaddacha tokkoffaa kan dhimmoota farra shorokeessaa fi heeraatti dhiyaatanii jiran. Obbo Abarraa Nigus Abukaatoon Obbo Taayyee, manni murtichaa dhaddacha Adoolessa 30, 2017 dhimma Obbo Taayyee irratti taa’ee turreen kaleessa jechuun Onkoloolessa 13, bara 2018 murtee kennuuf beellama kan qabatee ture ta’uu ibsanii, ammas manni murtii garuu “waa’ee murtii kana ilaalchisee waan nuti hin xumurretu jira” jechuudhaan Onkoloolessa 24, 2018f beellama biroo qabachuu Addis Standard tti himan.

  • "Kooyshaan madda anniisaa qofa otoo hintaane, hojiilee hawwata turizimiis kan hammatedha" - Obbo Tamasgeen Xurunaa ++++++++++++++++ Onkoloolessa 14/2018(Gaazexaa Pilaas): Kooykshaan madda anniisaa qofa otoo hintaane hawwata turizimii ajaa'ibaa kan hammate ta'uusaa argeera jechuun Ministira Muummee Ittaanaan Obbo Tamasgeen Xurunaa ibsan. .Ministirri Muummee Ittaanaan kana kan dubbatan wayita Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad ministiroota waliin raawwii guyyoota 100 dinagdee gooroo hidha Kooyishaatti gamaaaggamani. Ministirri Muummee Ittaanaan, hojiin pirojektii Kooyishaa saffisaan raawwatamaa jiraachuu ibsanii; yeroo xumuramu madda anniisaa qofa otoo hin taane hawwata turizimii ajaa'ibaa hammachuusaa argineerra jedhaniiru. Kooyishaan humna ibsaa meeggaa waattii kuma tokkoofi 800 maddisiisuu bira darbee gaarreen loojiifi bakkeewwan gahumsa turistii ijaaruu dandeessisan naannawasaatii akka qabu ibsaniiru.

  • 24 окт.4 03923

    Chaayinaan buna Ityoophiyaa gara gabaa biyya keessaa isheetti seensisuun sadarkaa 4ffaa qabatte Finfinnee, Onkololeessa 24, 2025: Chaayinaan biyyoota buna Itiyoophiyaa baayinaan gara gabaa biyya isaaniitti galchan keessaa tokko ta’uun himame. Biyyattiin waggaa lama dura buna Itoophiyaa galfachuun sadarkaa 7ffaa irra kan turte yoo taatu, yeroo ammaa sadarkaa 4ffaa ta’uu ishee Itti Aanaan Daayreektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itiyoophiyaa Obbo Shaafii Umar himaniiru. Bara baajataa ammaa kanatti Itoophiyaan kurmaana jalqabaa adoolessa 8 irraa eegaltee buna toonii 9,470 gara Chaayinaatti erguun galii Doolaara Ameerikaa miiliyoona 65.49 argachuu ishee daayreektarri olaanaa Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itiyoophiyaa dhiheenya kana dhaabata oduu chaayina Shiinuwaa’tti himaniiru.

  • 24 окт.4 1971

    Koreen hojiraawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa har'a ganama dhimmoota biyyaalessaa addaddaafi ajandaalee garagaraa paartiirratti mari'achuuf walgahii eegalleerra. -Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmad

  • 24 окт.3 99131

    Jilli angawoota mootummaa olaanoo Itoophiyaa magaalaa buufata doonii Asab irraa kiiloomeetira 40 fagaattu daawwatan Finfinnee, Onkololeessa 24,2025: Hogganaan Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen dabalatee gareen qondaaltotaa fi hoggantoota olaanoo mootummaa Roobii Onkololeessa 22, 2025 naannoo Affaar buufata doonii Asab irraa 80km fagaattee kan argamtu magaalaa Buree daawwataniru Daawwannaa kanarratti Gorsaan Ministira Muummee Dhimma biyyoota Afrikaa bahaa Obbo Geetaachoo Raddaa, qondaaltonni olaanoo waraanaa fi qondaaltonni naannoo Affaar akka hirmaatan dhaabati miidiyaa Jarmanii Dooche Veeleen gabaseera. Magaalaan Buree naannoo Affaar, daangaa Itoophiyaa, Ertiraa fi Jibuutiitti dhihaattee argamti. Qondaaltonni kunneen daawwannaa magaalaa Buree Kamisa kamisa Onkololeessa 23, 2025 xumuruun yeroo ammaa Asab irraa kiiloo meetira 40 fagaattee argamtu aanaa Biduu keessatti bakka Gireefo jedhamu daawwachaa akka jiran odeeffannoon kun itti dabalee ibseera.

  • 24 окт.4 03121

    Gareen mormitootaa Dhaabbata Dimokiraatawaa Galaana Diimaa Affaar loltoota haaraa eebbisise Finfinnee, Onkololeessa 24, 2025: Gareen mormitootaa fi siyaasaa Dhaabbata Dimokiraatawaa Galaana Diimaa Affaar (RSADO), ji’oota sadii oliif shaakala waraanaa erga kenneefi booda loltoota haaraa eebbisiisuu ibsa baasaniin beeksisan. Ibsa eebba booda baasaniin, hogganaa garichaafi ajajaa humna waraanaa isaa kan ta’e, Ibraahim Haroohun, loltoota haaraa eebbifaman kana kutannoofi naamusa isaanii jajuun, eebbi kun dandeettii waraanaa dhaabbatichaa tarkaanfii tokko fuulduratti siqsa jedhan. Kaayyoon dhaabbatichaa mirgoota hawaasaa Galaanaa Diimaa Affaar kabachiisuufi hacuuccaa mootummaa Eertiraa mormuu akka ta’e Ibraahiim dubbatan. Eertiraan nageenyaafi tasgabbii Gaanfaa Afrikaa hokkoraa jirti jechuun komachuun, murnawwaan Eertiraa sochii diddaa mootummichaa taasisaa jiran akka adda waraanaa tokko jalatti tokkoomanii morman waamichaa dhiyeesse.

Afaan Oromo News — tgindex