- Последний пост
- 8 авг.
- Последнее чтение
- 15 авг.
- Постов за неделю
- 0
- Всего постов
- 22
- Тип
- открытый
- Язык
- und
- Категория
- Криптовалюты (по похожим)
- В каталоге с
- 13 авг.
- 1/24сутки в ленте
- 51
- 1/48двое суток
- 58
- 1/72трое суток
- 63
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
أسباب دخول الجنة 1- التوحيد والإخلاص Towhiida/Rabbi tokkichomsuu. 2- الإنفاق في سبيل الله. Karaa Rabbii keessatti kennatuu 3- الخلق الحسن. Aklaaqa gaarii 4. الإصلاح والإحسان إلى الناس. Namatti Tola ooluu 5- إماطة الأذى عن الطريق. Waan nama dararu karaa irraa maysuu 6- محبة المؤمنين في الله. Muumintoota jaallattuu 7- الحياء. Qaanfii 8- ذكر الله تعالى. Yaadannoo Rabbii 9- الإحسان إلى الجار. Ollaaf Toluu 10- شكر الله على نعمه. Rabbiif galata galchuu 11- كثرة السجود. Sujuuda baayisuu 12- التواضع لله. Of-gadi qabuu 13- صلة الرحم. Rahima maxxanfatuu 14- بر الوالدين. Haadhaa fi abbaaf tola òluu 15- قراءة القرآن والعمل به Qur'aana qara'uu fi itti hojachuu 16- الأمر بالمعروف والنهي عن المنكر. Toltuutti nama ajajuu fi hamtuu irraa nama dhoorkuu 17- الرفق بالحيوان. Bineensootaaf Rifatuu(toluufii) 18- الذكر عقب الصلوات. Salaata shanan booda Rabbi zakkaruu 19- طاعة الرسول صلى الله عليه وسلم Rasuula qaalii godhuu. 20- الصبر. Obsuu 21- الصدق. Dhugaa dubbatuu 22- المحافظة على الصلوات الخمس. Salaata shanan tikfatuu 23- عيادة المريض. Dhukubsataa gaafatuu 24- الدعاء. Rabbi kadhatuu 25- إفشاء السلام وإطعام المساكين. Salaamtaa facaasuu fi nomoota harka qalleeyyii nyaachisuu 26- تعلم القرآن وتعليمه Qur'aana baratuu fi barsiisuu 27- الصلاة على النبي صلى الله عليه وسلم. Nabiirratti salawaata buusuu (SAW) 28- التعاون على البر والتقوى. Waliif gargaaruu Toltuu fi sodaa Rabbiirratti 29- الدعوة إلى الله. Karaa Rabbiitti nama waamuu 30- حسن الظن بالله تعالى Rabbitti zannii toluu انشرها لتكون صدقة جارية لك. Share godhaa akka sadaqaa jaariyaa isiniif taatuuf https://t.me/GNPGP
Sunnaawwan Gaa'ilaa keessaa: 1. Dubarti Umuriin isii guddatte fuudhuun sunnaadha. 2. Dubartii hiikamte fuudhuun sunnaadha. 3. Dubartii abbaan manaa irraa du'e fuudhuun sunnaadha. 4. Dubartoota hojii mana keessaa, kan akka nyaata qopheessuu, mana qulqulleessuu, uffata dhiquu fi kkf, gargaaruun sunnaadha. 5. Yeroo nyaataa haadha manaa kee gurshuun(nyaachisuun) sunnaadha. 6. Jaalala, dinqisiifannaa fi ulfina isiif qabdu jechootaan ibsuun sunnaadha. 7. Dogoggora isii dhiisuufiin sunnaadha. 8. Haadha manaa keetiif bareedee mul'achuun sunnaadha. 9. Miira haadha manaa keetii beekuuf yaaluun sunnaadha. 10. Haadha manaa kee waliin taphachuu fi yeroo gaarii walii wajjiin boqonnaa gochuun sunnaadha. (Dorgommii faa, oduu himuu, muuxannoo gammachiisaa ishee waliin dubbachuun) sunnaadha. 11. Miila haadha manaa keetii irra ciisuu fi boqochuun sunnaadha. 12. Haadha manaa kee maqaa gaariin yaamuun sunnaadha. 13. Dhimma dhuunfaa (Iccitii) isii nama biraa irra dhoksuun sunnaadha. 14. Warra isiidhaa jaallachuu fi kabajuun sunnaadha. 15. Yeroo isiin gadditu jajjabeessuun sunnaadha. Fakkeenya hedduuf kan nuuf ta'an Ergamaan Rabbiiti (S.A.W.) haadha manaa isaanii wajjin ni taphatu, yeroo gaarii walin dabarsu turan, yeroo tokko tokko immoo dorgommii fi fiigichaan wal , Rabbiin (S.A.W) sunnaawwan kana hunda kan hordofnu nu haa taasisu. Kan hin fuudhiniif immoo haadha manaa gaarii tan hin Heeruminiif Ammoo Abbaa manaa gaarii nuuf haa kennu. Hunda caalaa Rabbiin beekaadha. 👉by Seyfedin Ebrahim وشكرا share hiri
58- الذبح لغير الله عز وجل ✍ Rabbii jabaatee guddateef malee waan birootiif waa goorra'uu59- فيمن ادعى إلى غير أبيه وهو يعلم ✍ Osomaa beekan maqaa Abbaa birootiin waamamuu60- الجدال والمراء واللدد ✍ Mormii /morkii /falmii soba 61- منع فضل الماء ✍ Bishaan namarraa hafu nama biroo dhoowwachuu 62- نقص الكيل والذراع والميزان ✍ Kiiloo, Ciqilee fi Madaala keessatti yeroo namaa kennan waa hirdhisuu 63- الأمن من مكر الله ✍ Mala Rabbii amanuu homaa nun godhu jedhanii 64- أذية أولياء الله ✍ Jaalalloowwan Rabbii miidhuu 65- تارك الجماعة فيصلي وحده بغير عذر ✍ Uzriin malee Salaata Jamaa'aa irraa hafanii kophaa sagaduu 66- الإصرار على ترك صلاة الجمعة والجماعة من غير عذر ✍ Salaata Jama'aa irraa hafuu heddummeessuu fi Jum'aa irraa Uzriin /hayyama Shari'aan Islaamaa gooteen malee hafuu irra turuu 67- الإضرار بالوصية ✍ Dhaamsa namni du'e dhaamate miidhuu hojii irra oolchuufii dhabuu Ykn dhaamsa dhaamatan keessatti miidhaa hojjechuu 68- المكر والخديعة ✍ Mala badaa fi ganuu barachuu 69- من جس على المسلمين ودل على عوراتهم ✍ Muslimtoota basaasuu fi Awraa/iccitii isaanii irratti nama qajeelchuu 70- سب أحد من الصحابة رضوان الله عليهم أجمعين ✍ Sahaabaa Ergamaa Rabbii 💖ﷺ💖 kamuu keessaa arrabsuu• احذروا.. 🤏 Kun hundinuu cubbuu gurguddaa nama halaakan/balleessaniidha of yaadachiisa Irraas fagaadhaa وحذروا أحبتكم منها Cubbuulee kanneen irraas hiriyoota keessan baqachiisaa/akeekkachiisaa أعاذنا الله وإياكم منها Rabbiin hunduma keenyaa isaa irraa nuhaa baraaru ربما أحدنا يرتكب بعضها بغير قصد Tarii osomaa hin beekin tokkoon keenya garii isaa hojjechuun ni mala فالحذر الحذر يا عباد الله ⚠️👁👁 Kanaafuu of haa eegnu yaa Gabroota Rabbii إذا أهملت الصلاة، ☪ Salaataaf dantaa yoo dhabde, وهجرت القرآن، ☪ Qur’aanaan yoo oodde, وغفلت عن ذكر الله، ☪ Zikrii/yaadannoo Rabbii irraa yoo laafte, فانتظر ➡️ kanneen arguuf teessaa eegi 👇🏿 🤏الهم،😮💨 Yaada, 🤏والغم،😉 Dhiphina, 🤏والحُزن، 🥲 Rifaatuun, 🤏والكدر، 😏 Rakkoo, 🤏والقلق؛💔😱 Sodaa; لأن ذكر الله أمان، 🥰🤙 ☪ Zikriin/yaadannoon Rabbii nageenya waan ta'eef, والغفلة عنه خذلان،☺️👎 Gaflaan\laaffachuun xiqqeenya waan ta'eef هناك حقيقتان: ✌️ Dhugaan jirtu 2 : 👇🏿 ١- ❞ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَتَطۡمَئِنُّ قُلُوبُهُم بِذِكۡرِ ٱللَّهِۗ أَلَا بِذِكۡرِ ٱللَّهِ تَطۡمَئِنُّ ٱلۡقُلُوبُ❝،🌸 ☪ Isaan warra amananii, 𝐎nneen isaanii zikrii Rabbiitiin tasgabbooftuudha; Dhaga’aa! zikrii (faaruu) Rabbiitiin 𝐎nneen🫀 ni tasgabboofti. ((Suurat Al-Ra'ad: 28 )) fi ٢-❞وَمَنۡ أَعۡرَضَ عَن ذِكۡرِي فَإِنَّ لَهُۥ مَعِيشَةٗ ضَنكٗا وَنَحۡشُرُهُۥ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِ أَعۡمَىٰ❝، ❝Namni yaadannoo (Qur’aana) kiyya irraa garagale, dhugumatti, isaaf jireenya dhiphoo ta’etu jira; Guyyaa Qiyaamaas jaamaa😵 goonee isa kaafna•❞ ((Suurat Xaahaa: 124 )) اللهم أعنّا على ذكرك، وشُكرك، وحُسن عبادتك ☪ Yaa Allaah yaadannoo kee irratti, ammas sigalateeffachuu fi ibaadaa kee bareechu/tolchuu irratti nugargaari• آميـــــــــــــــــــــــــــــــــــــــــــــــــــــــــن♥️ 👇 ╔══════🔹🔹🔹══════╗ 👉🔹 by seyfedin 🔹Ebrahim 🔹👈 ╚══════🔹🔹🔹══════╝ ╔══════🔹🔹🔹══════╗ 📤🔹šhãrê & hìrì وَشُكْـراً🔹📤 ╚══════🔹🔹🔹══════╝ 💯💯💯💯💯💯💯💯💯💯💯💯 💯💯https://t.me/GNPGP 💯💯 💯💯💯💯💯💯💯💯💯💯💯💯
الكبائر السبعيــــــــــــــــــــــــــــــــــن (Cubbuulee gurguddoo 70) 👇 1- الشرك بالله ✍ Rabbitti qindeessuu 2- قتل النفس ✍ Lubbuu tokko murto sheri'aan male ajjeesuu 3- السحر ✍ Falfala/xinqolaa hojjechuu 4- ترك الصلاة ✍ Salaata dhiisuu 5- منع الزكاة ✍ Zakaata dhoowwatuu 6- إفطار يوم من رمضان بلا عذر ✍ Uzriin malee guyyaa Ramadaanaa irraa ta'e keessa hiikuu/nyaachuu √ 7- ترك الحج مع القدرة عليه ✍ Dandeettiin wajjiin hajjii dhaquu dhiisuu 8- عقوق الوالدين ✍ Haadhaaf abbatti jallachuu/hammachu 9- هجر الأقارب ✍ 𝐎llaan ooduu 10- الزنا ✍ Sagaagalummaa hojjechuu 11- اللواط ✍ Qaama saalaa dhiisanii bakka birootiin walqunnamuu 12- أكل الربا ✍ Mallaqa dhalaa nyaachuu 13- أكل مال اليتيم وظلمه ✍ Horii yatiimaa sobaan nyaachuu fi Yatiima irratti miidhaa hojjechuu 14- الكذب على الله ورسوله ✍ Rabbii fi Ergamaa isaa irratti kijibuu 15- الفرار من الزحف ✍ Lola irraa dheessuu 16- غش الإمام الرعية وظلمه لهم ✍ Bulchiinsi ummata irratti soba hojjechuu fi isaan/hawaasa miidhuu 17- الكبر والفخر والخيلاء والعجب والتيه ✍ Of jajuu of tuuluu boonuu tuffii 18- شهادة الزور ✍ Soobaan ragaa ba'uu 19- شرب الخمر ✍Farsoo/Haraqee dhuguu 20- القمار ✍ Qumaaraa taphachuu 21- قذف المحصنات ✍ Dubartii Qulqulluu sobaan maqaa balleessuu/hamachuu 22- الغلول من الغنيمة ✍ Horii boojuu keessatti qooda ofii malee dabalataan nyaachuu 23- السرقة ✍ Hanna 24- قطع الطريق ✍ Karaa cufuu 25- اليمين الغموس ✍ Kakuu gadi-liccisiifamtuu 26- الظلم ✍ Miidhaa hojjechuu 27- المكاس ✍ Daldalaa irra mallaqa kaayuun akka gibiraa godhanii nyaachuu 28- أكل الحرام وتناوله على أي وجه كان ✍ Kallattii kamiinuu yaa ta'uu Haraama nyaachuu fi fudhachuu 29- أن يقتل الإنسان نفسه ✍ Namni ufumaa isaatii of ajjeessuu 30- الكذب في غالب أقواله ✍ Irra jireessa dubbiilee isaa keessatti soba dubbachuu 31- القاضي السوء ✍ Murtee soba/badduu kennuu 32- أخذ الرشوة على الحكم ✍ Murtee irratti mattaa'aa fudhachuu 33- تشبه المرأة بالرجال ✍ Dubartiin dhiiratti fakkaachuu 34- وتشبه الرجال بالنساء ✍ Dhiirti Dubartitti fakkaachuu 35- الديوث المستحسن على أهله ✍ Warra ofii irratti akka Badiin hojjatamu haala mijeessuu 36- المحلل والمحلل له ✍Jaartii/hadha warra ofii namni biroo akka itti fayyadamu hayyamuu kan hayyamamuufis/kuunis hayyama sana fudhachuu 37- عدم التنزه من البول ✍ Ficaan irraa qulqullaahuu dhabuu 38- الرياء Na'argii/if goggodhuu/fakkeessuu 39- التعلم للدنيا وكتمان العلم ✍ Duniyaaf barachuu fi Beekumsa baratan sana namarraa dhoksuu 40- الخيانة ✍ Ganuu hojjechuu 41- المنان ✍ Kennaa tokkoon nama kennaniif sana irratti of dhaadhessuu 42- التكذيب بالقدر ✍ Murtee Rabbii olta'ee sobsiisuu 43- التسمع على الناس وما يسرون ✍ Waan namni Iccitiin gadi qabatee haasawu dhageeffachuu 44- النمام ✍ Nama walitti buusuu 45- اللعان ✍ Abaarsa 46- الغدر و عدم الوفاء بالعهد ✍ Gantummaa hojjechuu fi waadaa seenan ganuu /guutuu dhabuu 47- تصديق الكاهن والمنجم ✍ Raagduu/qallu dhugoomsuu 48- نشوز المرأة على زوجها ✍ Dubartiin abbaa warraa ishee irratti finciluu/dugda itti galuu 49- التصوير في الثياب والحيطان والحجر وغيرها ✍ Uffata irratti, Dhaaba ijaarsa irrattii fi Dhakaa irratti fakkii waan lubbuu qabuu kaasuu 50- اللطم والنياحة وغيرهما ✍ Gadda biratti of kabaluu fi iyyaansa akkasuma faaruu adda addaa fi kkf godhuu 51- الاستطالة على الضعيف والمملوك والزوجة والدابة ✍ Nama laafaa irratti, Gabra irratti, niitii irrattii fi beyladoota irratti hamii oofuu /miidhaa hojjechuu 52- أذي الجار ✍ 𝐎llaa miidhuu 53- أذي المسلمين وشتمهم ✍ Muslimtoota miidhuu fi isaan arrabsuu 54- أذية عباد الله ✍ Gabroottan Rabbii kamuu miidhuu 55- إسبال الإزار والثوب واللباس والسراويل ✍ Marxoo /Uffata /Surree dheeressuun~Dhiirotaaf 56- لبس الحرير والذهب للرجال ✍ Warri dhiiraa Uffata Hariiraa fi warqii irraa tolfamu/hojjetamu uffachuu 57- إباق العبد ✍ Gabri nama isa handhuurfate/bitate jalaa baduu
GARTUU DHIIGAA FII AMALOOTA NAMAA.! 📈#Qorannoon baayyee cimaa fi gad-fagoo tahe jiraachuu baatus gartuun dhiigaa fi amalli namaa hariiroo akka qabu ni dubbatama! Haa ta'uu Malee Qorannoo dhigaa tasisuun gartuu dhigaa kenyaa bekuun fayyidaa Heduu qabaa. 🔰#Gosotaa dhigaa ✍️1.Namni dhigni isaa A+ tahe √kan kannuf- A+, AB+ √Kan irra fudhatu- A+, A-, O+, O- ✍️2.Namni dhiigni isaa O+ tahe √kan kannuf- O+, A+, B+, AB+ √Kan irra fudhatu- O+, O- ✍️3.Namni dhiigni isaa B+ tahe √kan kannuf- B+, AB+ √Kan irra fudhatu- B+, B-, O+, O- ✍️4.Namni dhiigni isaa AB+ tahe √kan kannuf- AB+ qofaa √Kan irra fudhatu- Gosa dhiigaa hunda irraa fudhatu nii danda’aa. ✍️5.Namni dhiigni isaa A- tahe √kan kannuf- A+, A-, AB+, AB- √Kan irra fudhatu- A-, O- ✍️6.Namni dhiigni isaa O- tahe. √kan kannuf- gosa dhiigaa hundaaf ni kenna √Kan irra fudhatu O- qofaa ✍️7.Namni dhiigni isaa B- tahe √kan kannuf- B+, B-, AB+, AB- √Kan irra fudhatu- B-, O- ✍️8.Namni dhiigni isaa AB- tahe √kan kannuf- AB+, AB- √Kan irra fudhat- AB-, A-, B-, O- irraa fudhatuu ni danda’a ♻️#Amaloota gosotaa dhiigaa ✔️#Gartuu dhiiga A Namoonni kun 👉cimoodha 👉gadi fageenyaan yaaduu 👉kalaqaan beekamu 👉hojjii kan jaallatanii fi 👉nagaa barbaadu 👉amanamoodha 👉hojjii kamuu tartiiban akkasumaas qulqullinaa fi yeroo tokkotti hojjii tokko duwwaa hojjachuu filatu 👉 waan sirrii qofa hojjachuuf dhama'u. 🔱Amalli badaan isaanii waanuma xiqqoof dhiphachuu fi waan hunduu sirrii akka ta'u barbaadu! ✔️#Gartuu dhiiga B Namoonni kun 👉hojjii kalaqaan beekamu 👉waan karoorsanii amma galmaan gahanitti hin dhisan. 👉 yeroo tokkotti waan hunda dhiisanii wanta tokko duwwaa irratti xiyyeeffatu! 👉hawaasummaa cimsuu Jalatuu 👉Amala namaa yaaduu fi nama hubachuu qabu! 🔱Rakkoon isaani immoo of jaallachuu, jijjiiramuu, maal naa dhibee fi balleessaa namaaf irraa kan hin darbinedhaa.! ✔️#Gartuu dhiigaa AB Namoonni kun makaa A fi B ti. Amalli isaaniis 👉 namaf yaaduu 👉Nagaa buusuu 👉 namaan walii galu 👉amanamummaa fii namaa kununsuu jalatuu 👉Namoonni kun sammuu cimaa fi dandeettii waa yaaduu cimaa qabu 👉kaayyoo ofiif namoota cichaniidha. 🔱Rakkoon Jaraa kanaa imoo Hanqinaa waa irranfaachu fii waa murteesuu dadhabuu qabu.! ✔️#Gartuu dhiiga O 👉Namoonni kun dandeettii gaggeessummaa cimaa kan qabaniidha 👉ofitti amanoodha 👉waan xiqqqoon warra hin qabamneedha! 👉arjummaa qabu 👉namaaf gaarii yaaduu nii jaallatu! 👉amanamuumma qabu 👉abdiidhaan kan guutamanidha 👉waan haaraa dafanii baru, 👉ejjennoo cimaas qabu! 🔱Rakkoon Jarra kana imo hinaaffaa, of jajuu, of jaallachuu fi kiyya malee jechus qabu! 🗣#Hubachiisa Gartuu dhigaa kenyaa addan basnee bekuun Fayya kenyaaf fayyidaa waan qabuf Gartuu dhigaa kessani bekaa.!! Fayyaa Qabaadhaa https://t.me/GNPGP
﷽ ﴿ إِنَّ اللَّــــــهَ وَمَلَائِڪَتَهُ يُصَلُّـونَ عَلَـى النَّبِـيِّ يَا أَيُّهَـا الَّذِيـنَ ءَامَنُـواْ صَلُّـوا عَلَيْـهِ وَسَلِّمُـوا تَسْلِيمًـا ﴾🩷
❤️ Jaalallee irraa adda bahuun akka qaawwa marfeen hafuura fudhachuutti ulfaata Qophumaan jabduun kan jaalalloon adda bahuudha 📚 Imaam al-Qushayriin jecha Suleymaan (a s) لأعذبنه عذابا شديدا ) (Dhugumatti adabbii cimaadhaan isa adaba.) "Adabbiin cimaan sun waan inni jaallatu irraa adda isa baasuudha" jedhe. 🌸 nam jaallatan irraa adda bahuun akka qaawwa marfeen hafuura fudhachuutti ulfaata 🎤 Ahbaab Jedhama Arabootaa keessaa inni bareedaan tokko: فقد الأحبة غربة 💔 Nabiyyichi keenya , Jaalalloo isaanii kabajamtuun haadha ilmaanii zabana aakiramtu Barri sun bara gaddaa jedhamee moggaafame 🌹 Haadha manaa hedduu fuudhanus isii dagachuh hin dandeenye 🌺 inumayyuu "Rabbiin haadha manaa Khadiijaa caaltu naaf hin kennine jedhu turan ilaamee 👉🏻 Nama biraa keessa nama hin barbaadin namni tokko bakka ofii isaa malee Bakka kan biraa guutuu hin danda'u https://t.me/GNPGP
*nama biraatiif share godhuu hin dagatin⭕️ *karoora Akka Qur'ana ittiin katamuu/Buusuu dandeesu Ramadana kana, Kan akkaan si fayyadu in sha Allah.*🌟 □ Juza 30 Guyyaa 30 keessatti Xumuruuf karoora kana fayyadami👇🏼 Salaata subii booda/duratti : Fuula 4. Salaata Zuhrii Booda/duratti : Fuula 4. Salaata Asrii Booda/duratti Fuula 4. Salaata magriba Booda/Durati : Fuula 4. Salaata ishai booda/Durati : Fuula 4. □ *Karoora Qur'ana juuza 30 Guyyaa 15 Buusu dandeetu*👇🏼 Salaata Subii :*Fuula 8* Salaata Zuhrii :*Fuula 8* Salaata Asrii. :*Fuula 8* Salaata Magriba :*Fuula 8* Salaata ishai :*Fuula 8* □ *Karoora Qur'ana juuza 30 Guyyaa 12 Buusuu dandeetu*👇🏼 Salaata Subii. :*Fuula 10* Salaata Zuhuri :*Fuula 10* Salaata Asrii :*Fuula 10* Salaata Magriba :*Fuula 10* Salaata ishai :*Fuula 10* □ *Karoora Qur'ana juuza 30 Guyyaa 10 Buusu dandeetu*👇🏼 Salata Subii. :*Fuula 12* Salaata Zuhurii. :*Fuula 12* Salaata Asrii. :Fuula 12 Salaata Magriba. :*Fuula 12* Salaata ishai. :*Fuula 12* □ *Kun warra Hamileen isanii Akkaan Guddaati, Qur'ana juuza 30 Guyyaa 6 Buusu dandahan.*🥰👇🏼 Salaata Subii. :*Fuula 20* Salaata Zuhurii. :*Fuula 20* Salaata Asrii. :*Fuula 20* Salaata Magriba. :*Fuula 20* Salaata ishai. :*Fuula 20* ⚡ *Qur'ana juuza 30 Guyyaa 3 Masha ALLAh.*🤭👇🏼 1. Salata Subii Juuza 2 (Fuula 40) 2. Salaata Zuhrii Juuza 2 (Fuula 40) 3. Salaata Asrii Juuza 2 (Fuula 40) 4. Salaata Magriba Juuza 2 (Fuula 40) 5. Salaata ishai Juuza 2 (Fuula 40)🤍 *Ramadan Mubarak🌻 warra irraa fayyadamu Nuhaa godhu.*🤲_Hiriyoota Kee Kan jaallattuuf Qoodi Ajrii tee Rabbirra Eegadhu_💚 *Assalamualaikum warahmatullahi wabarakatu*👋🏻 🤗 🌹 🌹🌹🌹 🌹🌹🌹🌹 🌹🌹🌹🌹🌹 🌹🌹🌹🌹🌹🌹 🌹https://t.me/GNPGP 🌹 🌹🌹🌹🌹🌹🌹 🌹🌹🌹🌹🌹 🌿🌹🌹🌿 🌿🌿 🌿 🌿 🌿🌿 🌿 🌿🌿🌿 🌿 🌿🌿🌿🌿 🌿 🌿🌿🌿🌿 🌿 🌿🌿🌿🌿 🌿 🌿🌿🌿 🌿 🌿
Deebii 90: Erga Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) du’an booda ji’a Shan (5) turte duute. ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ Gaaffii 91: Zeeynabaan intalli Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) gara Madiinaa yoom godaante? Deebii 91: Hijraa irraa ganna lammaffaatti (2) ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ Gaaffii 92: Ilmi Abbeera Kadiijaa kan gaafa Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) ergame Kadijaan bira geessite eenyu? Deebii 92: Waraqaa ilma Nowfil. ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ Gaaffii 93: Boojuu Banii Qureeyzaa keessaa intalli Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) lubbuu isaatif filate tami? Deebii 93: Rihaanaa intala Zeyid. ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ Gaaffii 94: Gaafa kam Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) ani Nabiyyiidha hin kijibu, ani ilma Abdulmuxxalibi jedhee dhaadate? Deebii 94: Gaafa duula Huneeyniiti. ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ Gaaffii 95: Jaartin Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) hedduu soomuu fi hedduu halkan dhabbatte salaatun tan beekkamtu tami? Deebii 95: Hafsaa intala Umar ilma kaxxaabi. ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ Gaaffii 96: Aayanni qur’aanaa erga Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) du’e booda buute tami? Deebii 96: Hin jirtu (wahyiin ni dhaabbatte). ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ Gaaffii 97: Gurbaan warra ibiddaa Kan Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) qamisa isaaniitiin kafananii irratti salaatan eenyu? Deebii 97: Abdallah ilma Ubeyyi ilma Saluul (mataa munaafiqaa kan ta’e). ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ Gaaffii 98: Intalli Rabbiin Rasuulaaf (Sallallaahu aleyhi wa sallam) nikaaya hidhe tami? Deebii 98: Zeeynabaa intala Jahshi. ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ Gaaffii 99: Jaartii Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) keessaa tan hin deenne tami? Deebii 99: Aa’isha intala Abbaa Bakriiti ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ Gaaffii 100: Sahaabtichi ijaan Rasuula (Sallallaahu aleyhi wa sallam) hin argin eenyu? Deebii 100: Abdallah ilma ummi Maktuum Kan ballaa ture. ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ https://t.me/GNPGP
Deebii 46: Baatii sha’abaanaa hijraa irraa ganna afraffaa keessa dhalate. ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ Gaaffii 47: Zeeynabaa intala jaahshi Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) yoom fuudhan? Deebii 47: Hijraa booda ganna Shanaffatti (5) ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ Gaaffii 48: Osoo Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) hin fuudhiniin dura dalagaan Kadiijaa maal ture? Deebii 48: Daldaltuu turte. ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ Gaaffii 49: Aa’ishaan bara mootummaa ennuu duute? Deebii 49: Bara mootummaa Mu’aawiyaati. ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ Gaaffii 50: Abuulahab gabrittii isaa Suweybaa maalif bilisoomse? Deebii 50: Waan isheen dhalachuu Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) itti himtee gammachifteef jecha. ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ https://t.me/GNPGP
Gaaffii 24: Miqdaad ilmi Amrii, Hasan, Huseeni fi haadholee mu’umintootatiif maal dhaame? Deebii 24: Hasanii fi Huseen walitti Dirhama kuma soddomii jaha (36) dhaame. akkasuma haadholee mu’umintootatif kuma torba torba (7000) dhaameef. ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ Gaaffii 25: Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) intala ofii Zeeynabaa ganna meeqa booda dhiirsa isii Abil-aas ilma Raabii’atitti deebise? Deebii 25: Ganna jaha (6) booda. ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ Gaaffii 26: Najjaashiin masaraaxa ykn eboo meeqa Rasuulaaf (Sallallaahu aleyhi wa sallam) ergeef? Deebii 26: Masaraaxa ykn eboo sadi (3) ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ Gaaffii 27: Eboo ykn masaraaxa Najjaashin erge Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) enyu fa’af kenne? Deebii 27: Tokko ofiif hanbifatee, kaawwan Aliyyi fi Umariif kenne. ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ Gaaffii 28: Kadiijaan gaafa duutu umriin isii meeqa? Deebii 28: Ganna jahaatamii shani (65) ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ Gaaffii 29: Kadiijaa maqaan kabajaa isii eennuu? Deebii 29: Ummu Hindii ykn Haadha Hindii jedhamti. ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ Gaaffii 30: Gaafa Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) du’u umriin Abdallaa ilma Abbaasi meeqa? Deebii 30: Ganna kudha sadii (13) ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ Gaaffii 31: Namni Hamzaa waliin gaafa Lola Uhud awwaalame eennu? Deebii 31: Abdallaa ilma jaahshiiti. ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ Gaaffii 32: Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) Hasani fi Huseenin maal jedhani maqaa qoosaa Baasaniif? Deebii 32: Shabaaba lamaan jannataa jedhanin. ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ Gaaffii 33: Firummaan jidduu Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) fi Zubeeyri jirtuu maali? Deebii 33: Zubeeyrin ilma adaadaa Rasuulaati (Sallallaahu aleyhi wa sallam) Haati isaa Safiyyaa intala Abdul Muxxalib tan taate. ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ Gaaffii 34: Lakkoofsi Arbaa kan Abrahaan Ka’abaa cabsuuf yaabbatee dhufe meeqa? Deebii 34: Arba kudha Sadii (13) ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ Gaaffii 35: Osoo Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) hin ergamin dura namni afran diinii Nabiyyanaa Ibraahim barbaadaa turan eennu fa’aa? Deebii 35: 1ffaa Waraqaa binu Nowfil. 2ffaa Ubeeydulaahi binu jahshi. 3ffaa Usmaan ilma Huweyris. 4ffaa Zeyid ilma Amri. ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ Gaaffii 36: Aanummaan jidduu Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) fi Abbaa Salaamaa ilma Abdul Asad jidduu jirtu maali? Deebii 36: Ilma adaadaa isaa Barraati akkasuumas harma haadha takkaa walitti hodhan. ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ Gaaffii 37: Gaafa Hijraa bahan Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) umrii meeqa? Deebii 37: Umrii shantamii Sadii (53) ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ Gaaffii 38: Erga Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) du’anii Faaxumaan Isaan hangam turte duute? Deebii 38: Ji’a jaha (6) ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ Gaaffii 39: Faaxumaan umrii meeqatti duute? Deebii 39: Ganna digdamii Sagal (29) ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ Gaaffii 40: Hafsaan intalli Umarii yoom dhalatte? Deebii 40: Gaafa Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) Umrii soddomii shaniiti (35) ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ Gaaffii 41: Lolli cubbuu meeqa [harbul fijaar]? Deebii 41: Afuri; Isaanis 1ffaa- Gidduu gosa kinaana fi Hawaazinaatti kan argame. 2ffaa- Gidduu gosa Qureeyshi fi Kinanatti. 3ffaa- Gidduu kinaana fi Banii Nasrii ilma Mu’awiyattitti akkasuma 4ffaa- Lola gidduu Qureeyshi, Kinaana fi Hawaazinatti kan argameedha. ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ Gaaffii 42: Lola kana irratti gaheen Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) maali? Deebii 42: Xiyya Abbeerota isaatif Qopheessu ture. ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ Gaaffii 43: Maqaan kabajaa Zeeynabaa intala jaahshi eennu? Deebii 43: Ummu Hakiim. ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ Gaaffii 44: Duulli Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) baatii Ramadaanaa keessa duulan meeqa? Deebii 44: Lama (2) isaanis lola Badrii fi Fatihii Makkaati. ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ Gaaffii 45: Barri Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) dhalatan maalif Bara Arbaa jedhame? Deebii 45: Bara Abrahaan Arba yaabbatee ka’abaa diiguf dhufe, Rassuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) waan dhalataniif. ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ Gaaffii 46: Hasan ilmi Aliyyii yoom dhalate?
Gaaffii 1: Masjiinni Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) Kabajamaan yoom ijaarame? Deebii 1: Hijraa irraa ganna tokkoffaatti (1) ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ Gaaffii 2: Faaxumaan intalli Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wasallam) umrii meeqatti heerumte? Deebii 2: Ganna kudha saddeetitti (18) ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ Gaaffii 3: Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) ergaa ergamanii booda ijoollee dhiiraa meeqa argatan? Deebii 3: Ijollee lama; Isaanis Ibraahimii fi Abdallahidha. ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ Gaaffii 4: Jalqaba Namni salaamtaa Islaamummaa Rasuula (Sallallaahu aleyhi wa sallam) irratti qara’e eenyu? Deebii 4: Abu-zarri Al-Gifaariyu. ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ Gaaffii 5: Irra caaltuun Jaartii Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) tami? Deebii 5: Kadiijaa intala kuweylid. ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ Gaaffii 6: Keessummaan Gosa saqiif yoom Rasuulatti (Sallallaahu aleyhi wa sallam) dhufte? Deebii 6: Baatii Ramadaana keessa Hijraa irraa ganna saglaffaatti (9) ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ Gaaffii 7: Abbaan Kadiijaa intala Kuweylid yoom du’e? Deebii 7: Duula Harbul fijaar keessatti du’e. ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ Gaaffii 8: Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) ergamanii waggaa kurnaffatti maaltu argame? Deebii 8: Aamul Huzni (Bara gaddaati). Sababni isaas Abbeeraa fi Jaartiin isaani waan irraa du’aniif. ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ Gaaffii 9: Haadha mu’umintootaa Safiyyaa Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) yoom fuudhan? Deebii 9: Hijraa irraa ganna shanaffatti (5) ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ Gaaffii 10: Bakka bu’aa muslimtootaa tan deette intalli warra Haashim eenyu jedhamti? Deebii 10: Faaxumaa intala Asad, Bakka bu’aa sunis Aliyyi bin Abii-xaalib. ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ Gaaffii 11: Kadiijaan niitin Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) yoom duute? Deebii 11: Baatii Ramadana Hijraa dura ganna sadaffaatti (3) ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ Gaaffii 12: Maalif maqaan Abdallah ilmi Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) kan qoosaa Xayyibii fi Xaahir jedhamee yaamame? Deebii 12: Waan eega Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) ergamanii booda dhalateef. ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ Gaaffii 13: Gaafa ijoollen Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) Zeeynaba fi Ruqiyyaan dhalatan umriin Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) meeqa? Deebii 13: Gaafa Zeeynaban dhalattu ganna soddoma, gaafa Ruqiyyaan dhalattu immoo ganna soddomii sadi. ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ Gaaffii 14: Salaannii yoom dirqama godhamte? Deebii 14: Gaafa Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) Sami olbahan. ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ Gaaffii 15: Intalli Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) tan dura heerumte eenyuu? Deebii 15: Zeeynabaadha. ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ Gaaffii 16: Haati mu’umintootaa A’ishaan yoom duute? Deebii 16: Baati ramadaana keessa halkan kudha torbatti (17) hijraa irraa ganna shantamii saddeetitti (58) duute. ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ Gaaffii 17: Ijollee Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam) keessaa dubbii fi bifaanillee tan isa fakkaattu eenyu? Deebii 17: Faaxumaa. ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ Gaaffii 18: Durri gosa yahuudaa tan Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) Madiinaa keessaa baasan tami? Deebii 18: Yahuudaa banii qeeynuqa’a. ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ Gaaffii 19: Maalif dhaame akaakayyuun Rasuulaa nabi Muhammadin akka guddisu Abu-Xaalibitti yeroo du’u? Deebii 19: Waan abbaan Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wa sallam)fi abuu Xaalib garaa tokko tahanif. ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ Gaaffii 20: Umriin Hasan ilma Aliyyii gaafa du’u meeqa? Deebii 20: Ganna afurtamii torba (47) ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ Gaaffii 21: Isin irra caalaa warra dachitii har’aan keessati Kan Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) jedhaniin eynuu? Deebii 21: Warra hudeybiyya dhufan. ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ Gaaffii 22: Beellama marsaa lammaffaa irraa Kan Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) boodarra beellama godhe eennu du’arrat? Deebii 22: Jaabir ilma Abdallahiti. ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ Gaaffii 23: Gaafa abbeeran isaa Abbaas islaamaye Rasuulli (Sallallaahu aleyhi wa sallam) gammadanii maal dalagan? Deebii 23: Gabra isaa Kan Abuu Raafi’i jedhamu bilisoomsan. ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━
رَبَّنَا آتِنَا فِي الدُّنْيَا حَسَنَةً وَفِي الآخِرَةِ حَسَنَةً وَقِنَا عَذَابَ النَّار
⏰ Guyyaa jimaataa Yeroo Asrii fi Makriibaa gidduu du’aaiin ni qeebalamtii?✴️ 📢Eeyyen ni qeebalamti🤲🏽 “ Yaa warra amantan! Yeroo guyyaa Jimaataa salaataaf lallabame gara zikrii Rabbii deemaa; daldalas dhiisaaYoo kan beektan taataniif kanatu isiniif caala. Suuraa Al-Jumu‘ah 62:9 🏖Ulamaa'onni ni jedhu: Guyyaan Jimaataa guyyaa kabajaa, ibaadaa fi du’a’iin itti qeebalamtuudha. 🩵Nabiyyiin ﷺ akkana jedhan: “Guyyaa Jimaataa keessa sa’aatiin tokko jirti; Muslimni salaata godhee Rabbi wanta takka yoo kadhate, Rabbiin kadhannaa isaa ni qeebala.” Bukhaarii fii Muslim ❓️Sa'atiin sun yoomi jedhanii Sahaabonni ni gaafatan? Abdullaa ibnu Salaam (RA) akkana jedhe: Nabiyyiin ﷺ ni jedhan: “Sa’atiin sun sa’atii dhuma guyyaati(jimaata).”🌅 Abuu Daawud 1048– Hadiisni hasani Abu Hureeyraarraa gabaafamee(RA): 🩵Nabiyyiin ﷺ Jimaata kaasanii akkana jedhan: “Sa’atii takka, sa'atiin sun Asrii booda jirti.” Ahmad -Sheikh Albaaniin sahiiha jedhe Ulamaa'onni gurguddaan hedduun kana deeggaru: 🤎 Imaamu Ahmad 🤎Ibn Teeymiyaa 🤎 Ibnul Qayyim 🤎 Ibn Kasiir 🤎 Albaanii Ibnul Qayyim akkana jedhe: “Yaadni Asrii fi Makriiba gidduu jedhu hadiisa kaan caalaa deeggarsa qaba.” jedhe. ✅ Yaadni caalaa, sirrii fi jabaan: Yeroo du’a’iin caalaa qeebalamtu Jimaata: Asrii booda hanga Makriibaatti. 📿 Maal gochuu qabda yeroo kana? Yeroo Asrii fi Makriiba gidduu guyyaa jimaataa: ✅️Du’a’ii baay’isi ✅️ Istikfaara godhi (أستغفر الله) 🌏Nabiyyii ﷺ irratti salawaata baay’isi ✅️ Qur’aana qara'i ✅️ Gara Qiblaatti garagalii taa’ii qalbii qulqulluudhaan kadhadhu🤲🏽 🕋Rabbiin kadhaan Teessan Arrumatti isiniif haa deebisu🤲🏻🤲🏻🤲🏻 https://t.me/GNPGP
Maashaa allaah
Gaafii armaan gadii deebii sirrii ta'e deebisii 1. Qur'aanni rasuularratti gutumaan guututti bu'uuf waggaa meeqa fudhate? A. Waggaa 10 B. Waggaa 24 C. Waggaa 23 D. Waggaa 11 2. Jechi jalqaba rasuula irratti buufame kami? A. Bismillaah B. Iqra' C. Laa ilaaha illallaah D. Wal-asr 3. Kanneen armaan gadii keessaa suuraan qur'aanaa inni dheeraan? A. Baqaraah B. Imraan C. Faatihaa D. Yaasiin 4.Kanneen armaan gadii keessaa suuraan qur'aanaa inni gabaabaan? A. Al-ikhlaas B. Al-asr C. Al-kawsar D. Al-falaq 5. Onnee qur'aanaa jedhamuun suuraan beekkamtu tami? A. Baqaraah B. Imraan C. Faatihaa D. Yaasiin 6. Nabiyyiin maqaan isaa qur'aana keessatti irra deddeebiin eerame eenyu? A. Muusaa B. Ibraahim C. Nuuh D. Haaruun 7. Sababaa aayanni qur'aanaa tokko itti bu'e jechi ibsu kami? A. Asbaabu nuzuul B. Naskh C. Ghariibal qur'aan D. Deebii hinqabu 8. Suuraan qur'aanaa gutumaan guututti seenaa Nabiyyii tokko himu kami? A. Huud B. A'araaf C. Shu'araa' D. Deebiin hin kennamne 9. Suuraan bismillaah malee jalqabdu tami? A. Tawbaah B. Al anfaal C. Al ankabuut D. Deebii hinqabu 10. Suuraalee makkiyyii ta'aan kan adda taasisu kami? A. Towhiidaaf xiyyeeffannoo addaa kennuu B. Dambiileen jihaadaa baay'achuu C. Dambiileen bultii baay'achuu D. Dambiileen dhaalaa baay'achuu https://t.me/GNPGP
Rasuulli keenya Makkaan irraa yeroo baqatan gara Madiinaatti baqatan . Madiinaa Waggaa kudhan jiraatan. wagga kudhan keessatti wantoota hedduu dalagan. wantoota Waggaa kudhan kana keessa isaan dalagan keessaa Gazwaa (lola)Digdamii Torba qaamaan keessatti argamuun geggeessani jiru. Gazwaa digdamii Torbaa Hijraa irraa wagga 1-10 keessatti Tartiiba waggaa isaanii walduraa duubaan akka armaan gadii kanatti kaayameera. Waggaa 1ffaa keessa Gazwaa geggeeffamte; === 1. Gazwaa Abwaa'a 2 .Gazwaa Buwaax. 3.Gazwaa Alusheyraa. Waggaa 2ffaa === Gazwaa Badrulkubraa. Gazwaa Banii qeynuqaa'a Gazwaa Sawwiiq(Bassoo). Waggaa 3ffaa == Gazwaa Uhud. Gazwaa Hamraa'ilasad. Waggaa 4ffaa == Gazwaa Banii Nadiir. Gazwaa badrulaakirati Gazwaa Duumatul Jandal. waggaa 5ffaa ====== Gazwaa Banii Musxaliq. Gazwaa Kandaq (Ahzaab) Gazwaa Banii Qureyzaa. Waggaa 6ffaa ==== Gazwaa Banii Lihyaan . Gazwaa Ziiqirad. Gazwaa Hudeybiyyaa. Waggaa 7ffaa ===== Gazwaa keybara Gazwaa Umraa Qadaa'aa Waggaa 8ffaa ==== Gazwaa Fathii Makkaa. Gazwaa Huneynii. Gazwaa Xaa'if . Waggaa 9ffaa ==== Gazwaa Tabuuk. Waggaa 10ffaa === Hijjii Wadaa'aa . hubadhu. ==== Rasuulli keenya Hijraa irraa Waggaa kudhanitti Sirna hajjiitiif gara Makkaa imalan. Hajjiin isaanii Hajjii wadaa'a (Hajjii dhaammannaa) jedhama. Wanti Hajjii wadaa'a jedhamteef Rasuula keenyatu Hajjii kana keessatti akka Nama waggaa kana booda hin hajjineetti Hawaasa sirna Hajjii geessuuf biyyoota garaa gara irraa dhufanitti dhimma islaamummaa irraa waan hedduu amaanaa amaana jechuun dhaamaa turan. dhaamsa isaan Guyyaa Hajji Wadaa'a kana dhaaman keessaa muraasa kunooti; dhiiga walii jigsuu dhabu. Qabeenya walii zulmii nyaachuu dhabuu. dubartootatti Tola ooluu. Qur'aanaafi Hadiisa qabachuu. Ribaa (dhala)Nyaachuu dhiisuu. Gosummaan walnyaachuu dhiisuu. Obbolummaa islaamummaatiin walqabatuu. Namoota jidduutti walqixxummaan hojjachuu. islaamummaa Babal'dhisuu. Namni as jiru Nama as hin jjirretti dhaamsa isaanii geessuu. xumura jecha isaanii keessatti Waan ani jedhu dhageessani jechuun ummata gaafatan! Eeyyen dhageenyeerra jechuun ummanni deebii deebise. Akkana jechuun dubbatan"Yaa Rabbi Raga naaf tahi , Yaa Rabbi Ragaa naaf tahi,Yaa Rabbi Ragaa naaf tahi jechuun goolaban. dhaamsa kana kan dhaaman Ardii Arafaa irraa Guyaa Arafaati. Isaan Osoo Waggaa hin gahin Ganda duniyaa gadi dhiisan Rabbiin walgahan. ✍ https://t.me/GNPGP https://t.me/GNPGP https://t.me/GNPGP https://t.me/GNPGP
✰✰﷽✰✰ 💫اللهم صل على صاحب التاج والمعراج،صاحب الوجه الأنور،والجبين الأظهر،سيد ولدآدم رسول رب العالمين عليه أفضل الصلاة وأتم التسليم 📚Warri jannata saffii/tarree dhibbaafi digdama(120 ) isaanirra saddeettamni(80) ummata kiyya afurtamni (40)ummata birooti..... { …مُحَمَّد ﷺ…} Kana jechuun:- nuti ummanni muhaamadﷺ ⅔ warra jannataati Ummata isaatirraa tahuun kabajaa fi bakka sitti gooti....! یا من تحبون محمداً صلوا عليه وسلموا طول المدا...✨🌸 🌸✨صلى الله على محمد صلى الله عليه وسلم https.//t.me/GNPGP
✰✰﷽✰✰ 💫اللهم صل على صاحب التاج والمعراج،صاحب الوجه الأنور،والجبين الأظهر،سيد ولدآدم رسول رب العالمين عليه أفضل الصلاة وأتم التسليم 📚Warri jannata saffii/tarree dhibbaafi digdama(120 ) isaanirra saddeettamni(80) ummata kiyya afurtamni (40)ummata birooti..... { …مُحَمَّد ﷺ…} Kana jechuun:- nuti ummanni muhaamadﷺ ⅔ warra jannataati Ummata isaatirraa tahuun kabajaa fi bakka sitti gooti....! یا من تحبون محمداً صلوا عليه وسلموا طول المدا...✨🌸 🌸✨صلى الله على محمد صلى الله عليه وسلم https.//t.me/GNPGP
☆ DUBARTII JANNATAA ♤ WAAN Rabbiin Jannata keessatti Warra Qaalii isa Godhef Qoppeesse Dubbisaa Share Waliif Godhaa Keeyrii Dalagadha Wantoota Rabbiin Gabroottan isaatiif Jannata keessatti Qoppeesse keessaa Takka Huural Eyniidha Huural Eyni Jechuun Dhamaastuu ijaa Jechuudha Hoggaa isii Laalte ijji Tee Waan Biraa Hin Agartu Bareedina isirraa ( وحور عين ) Ijji isiidhaa Bakki Silaa Adiitis Haalaan Adiidha Bakki Silaa Gurraattiitis Akkaani Gurraattidha Ammas ijji isii Gurguddoodha Ammoo Mormi isiidhaa Lookoo Akkaan Diimaa Tahe Fooxaa isiin Matarraa Qabduutu Duniyaa Fi waan Duniyarra Jiraa Hundarra Caala Gaafa Fooxaan isii Akkasii Maalayya Rifeensa isiidhaati عربا أترابا Harmi Isiidhaa Kurfaa Akka Firii Rummaanaati Ammas Hoggaa Harkaan Qaqqabattu Ni Jajjabaata Yaa Salaam عربا Isiin Akkaan Jaarsa isiidhaa Jaalatti innis Akkasumatti isii Jaalata أترابا Isaan Hundii Waluma Qixa Umriinis Qaamaanis Hojjaanis فجعلنا هن أبكارا Dubrummaan isii Hoggaa Hunda Haarawa Amma Wajji Raftee 2ffaa Hoggaa itti Deebitees isiin Qaxiidha 😁 Atis Beeki Humni Tee Humna Nama 100 Ammoo Sarbaan isiidhaa Waan Biraati Faaya 70 Wal Gubbaan Uffatti ijji Tee Kana Hunda keessa Dabartee Foon isii keessa Dabartee Mogolee isiidhaa Agarti Siifi isiinis Umriin keessan Amata 33 Ammoo Dheerinni keessan Dhundhuma 60 كأنهن بيض مكنون Lallaafinni Qaama isiidhaa Akka Killee Yeroo Irraa Quncisanii sani حور مقصورات في الخيام Isiin Hanga Ati Dhaqxee Gadi Baafattutti Qalama isiidhaa Keessa Teessii لم يطمثهن إنس قبلهم ولا جان Takkaa Namaafii Jinniinis Qarqara isiidhaa Bahanii Hin Beekan Isiin Tan Eenyuuti أعدت للمتقين TA Warra Qaalii Rabbii Godhuuti Awo Warra Qaalii Rabbi Godhe Huural Eeynii Jannata Tan Akkanatti Bareeddu Tana Badhaafame Nuha Taasisuu Aaaammmmiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiin Allahumma Aaaammmmiiiiiiiiiiiiiiiiiiiiin 🤲🤲🤲🤲🤲🤲 Dubbisaatii Share Waliif ❤️🩹🕊✅ 𝗝𝗢𝗜𝗡 🔔 𝗖𝗛𝗔𝗡𝗡𝗘𝗟 📢 ✅ 𝗦𝗛𝗔𝗥𝗘 ⚡︎ 🫵https://t.me/GNPGP https://t.me/GNPGP https://t.me/GNPGP 𝐉𝐚𝐳𝐚𝐚𝐤𝐮𝐦𝐮𝐥𝐥𝐚𝐚𝐡𝐮 𝐊𝐡𝐞𝐞𝐲𝐫𝐚𝐧💔