Monenus Leta Official
СтатистикаTo be a source of learning, knowledge and prosperity as well as happiness in growing up with a positive attitude. 🌷 🌷🌷🌷🌷🌷🌷🌷🌷🌷🌷🌷🌷🌷 Fuulaa channel kanaan Kan argattan: ☆ Odeeffannoo Leenji Guddina dhuunfa ☆ Odeeffannoo Business
- Последний пост
- 6 авг.
- Последнее чтение
- ещё не заходили
- Постов за неделю
- 0
- Всего постов
- 46
- Тип
- открытый
- Язык
- английский
- В каталоге с
- 13 авг.
- 1/24сутки в ленте
- 107
- 1/48двое суток
- 122
- 1/72трое суток
- 132
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
Khabib payed fo his English Classes and Only learned three words 😂 Like me 😌 Just for Jock 😜 👉 the lesson 🫰It isn't about how much time or money you spend; it's about how much you learn and apply.
An guutuudhaa miti, hirdhina hedduu qaba" garuu amantiin koo guutuudha hirdhina tokkos hin qabu. Badii hedduu dalgaa ture garuu kan naaf araaramu Rabbii kooti, inni araaramaadha. Seddoo Martial🔥🙏 Jecha Ani hedduu jaaladheef irra Baradhedha 👌 Sedon fight kana irratti akka injifatamu Expectation kooti 🤔Ta'uus Ofitti amanamummaa , Gatii ofii beekuu , gatii oofiif ija jabinaan falmuu kunniin Bornoota Irraa argamanidha 👌 Aboo sitti Haa tolu Kutattuu ilmaa ! Maaltu beeka tariimmoo injifattee @Khamzat Chimaev Gaxxamta 🙄😁 @SedoMartialArt
✌️✌️
Kaayyoo gaariin yeroo hedduu bu'aa gaarii hin fidu. Yoo hubannaan gaarii hin taane murtiin dogoggora ta'a , gochaanis nii laafaa, kana jechuun bu'aan gaarii hin ta'uu jechuudha. Jecha salphaan, kaayyoon ifa ta'es hojii sirrii malee bu'aa dogoggoraa fida. Kun ammoo maalirraa dhufa !? Namoonnii yeroo hedduu barachuurra barsiisuuf ariifatu , waan isaaniif hin gallee namootaaf galchuuf carraaqu , beekumsa bu'uurarraa jal'ateen Bu'aa gammachiisaa eegu . Kun kaayyoo dhaabbileefii bu'aa addaan fageessa. Yoos Maaltu fala ? Kana of gaafachuun dirqama! ✍ Bornoonni ani argadhe maddi Isaa eessa ? ✍ Beekumsa kana hundeerraa namoonni dabsaniirumoo sirnaan na barsiisan ? ✍ Isaan kan nabarsiisaan waanta itti himame moo waanta isaaniif gale ? ✍ Bu'aan Beekumsa kanaa qabatamaan kami ? 👉 Kanneeniif deebii laannaan Kaayyoon barbaadameef bu'aan wal fakkaataa nii ta'a . https://t.me/sbesmart https://t.me/sbesmart
Control the noise. Keep moving. Stay silent. I promise you this: today's discipline will become tomorrow's voice. Your results will speak louder than any words ever could. Success is not about the absence of noise; it's about the presence of consistent action. https://t.me/sbesmart https://t.me/sbesmart
Waayee Falaasifaa Sokrates waan argadherraa kan hedduu nabarsiise tokko ituun isinii qoodee jedheen yaade 🤔 ✍ Mee Itti dhiyaadha ! 👉 Namoonnii Magaalaa Atens hedduun Yaadaafi Gaaffii Sokrates Kaasu irraa Ka'uun gurbaan kun brilliant wayii ta'uu hin oolu yaada jedhu qabu ture ! Guyyaa tokko Hiriyaan Sokrates dhimmaaf gara waa beekaa (Oracle) magaala Atens jiruu adeeme , wayyee beektotaaf ogeessotaas gaafate. Waa beekaanis(Oracle ) 👉 akka magaalaa keenyaattis ta'ee Akka Greek tti Ogeessiif beekaan Sokrates caaluu akka hin jirre hiriyaa Sokratesitti hime , Hiriyaan Sokrates ajaayibamee ariitiin Gara Sokrates deebi'ee "Sokrates har'a dhimmaaf gara waa beekaa (Oracle) magaalaa keenyaa deemeen ture beekaan kunis namni Si'ii ol ogeessiifii beekaan akka hin jirre natti himee" jedheen . 👉 Sokratesis "Akkamitti 🤔 ani ejjennoon qaba malee waanta murtaa'aa tokko irrattillee beekuumsa gadi fagoo ( Specialized knowledge ) hin qabu akkamiin beekaaf ogeessa inni jedha ?🤔 " jechuun gaaffii itti ta'e . 👉 Sanatti aansuun Sokrates daandii Magaala Atens irratti namoota beekumsa qabu jedhamanii yaadaman Ogeessota seeraa ,Ogeessota Siyaasaa ,Beektota herregaa fii Finance akkasumas Gorsitoota daandii irratti dhaabuun gaaffii hedduu isaan gaafata. waantota inni taajjabe keessaa namoonni kun gaaffi isaaf deebii sirrii hin laatan hedduusaa hin beekanis ,garuu akka waan beekaniitti deebii laatu, hin beeku hin jedhan! - Kana hunda eerga hubatee booda Sokrates ,namoonni kun akka beektotaatti haasa'u garuu miti , akka ogeessotaatti of ilaaluun gorsu 🤔 garuu waan tokko irrattillee beekumsa gadi fagoo (specialized knowledge ( hin qaban ) dhugumayyuu akka namoonni naan jedhan ani beekaadha ,ani Ogeessas , maaliif yoo jettan Yoo xiqqaatee ani AKKAN HIN BEEKNE NAN BEEKA ! Jarri kun garuu Akkuma hin beeknellee hin beekan , kun ammoo wallaalummaa guddaadhaa jedhe. Sokrates irraa maal baranna ? 👉 Anummaan (ego) mallattoo wallaalummaa ta'uu . 👉 Namoonni waan hedduu hasa'aniif beekoo akka hin taane . 👉 Gad of qabummaaf yeroo hunda barataa ta'uun mallattoo ogummaa ta'uu. 👉 namoonni gaafa ajaayibsiifataman maaliif jechuun gaafachuu akka qaban. 👉 Why waan goonu kamiifuu Sababa beekuu Irraa baranna . #Heddumminaan argachuuf fuula telegram kottaa! 👇👇👇👇 https://t.me/sbesmart https://t.me/sbesmart https://t.me/sbesmart https://www.facebook.com/monex.leta #be #Humble #Be #teachable @be #modest
без подписи
👉 Mee yaadi Gatiin sitti kaffalame meeqa ? Hamma gatii san geessaa moo Gahuuf imalaa jirta ? 🫰 Gatii sitti kaffalame beeki akka gatichaatti jiraadhu ! Waan dubbistaniin ulfaadhaa ! Monenus Leta Deressa @highlight
OSOO GATII SIIF KAFFALAME BEEKTEE SILAA ATI NAMA AKKANAA MITI 😥 ።።።።።።።።።።።።።።።።።።።።።።።።።።። Obbo Ryan Qonnaan bulaa USA mandara Baadiyaa Napa Valley Keessatti Hojiisaatti hedduu cimaafii dadhabbii guddaan maatiisaa jiraachisu ture . Keessumaa Mucayyoo isaa dubaraa xiqqoo Abigeil hedduu Jaalata . 👉 Abjuuf Dhamaatiin isaa guddaan isheen Bakka gaarii geessee Of dandeessee arguudha. Obbo Ryan kan gammadu yoo Abigail gammadduuf kofaltu arge qofa. Inni nama Jabaatee hojjetu ta'us namoota mandara Napa Vally jiraatan keessaa warra sadarkaa gad aanaafii rakkoo ulfaataa dabarsan dha. 👉 Rakkoo Obbo Ryad ulfaataa ture keessaa tokko Hojii qotiisaa ulfaataa hojjechaa garuu guyyaatti yeroo 1 qofa nyaachuu ture. garuu Mucayyoon isaa Abigeil guyyaatti yeroo afur ciree , laaqana , tursiistuu fii Irbaata nyaachuu ishee sirnaan mirkaneessa . 👉 Hordoffiin isaa kun Haga bara 2003 GC haga Abigeil University of California Galtutti itti fufe (Hordoffi nyaata) Isheenis Bara bara 2007 Gc University irraa eebbifamte . 👉 Abbaan ishee Ryan hedduu gammaduun sana booda yoo addunyaa kanarraa boqote humaa akka hin gaabbine haasaa guyyaa kabaja eebbashee irratti taasise irratte dubbate . Ryaniif Abigail waan hundafii hiikaa jireenya isaa turte . 👉 Eebbifamtee turtii baatii tokkoo booda June 28 Gara magaalaa San Fransisco deemtee akka Hojii barbaaduu qabdu haala mijeesseef , Wanta nama ajaayibu Abigail Ji'oota 6f Hojii argachuu hin dandeenye ! Sanuu America tti. - Kanarraa ka'uun Abigeil abdii kutannaa cimaa keessa seente , qonnaan bulaan abbaanshee bilbila yeroo bilbiluuf hin deebistu , maatiin wal quunnamuu hin barbaaddu , ani gatii hin qabuu jettee of amansiisteetti , araada hin barbaachisne Hedduuf saaxilamte , namummaa gadi dhiistee jirti! Kun hundi Magaalaa San Fransisco tti ! Abdiin abbaa Ishee Obbo Ryan lammaffaa dukkanaaye , 👉 Ryan gammachuu Abigeil ala jireenyi isaaf hiika hin qabdu . Mucaa isaaf Haga dhumaatti gatii kaffaluu murteesse, Mala barbaaduu Jalqabe. 👉 Baadiyaa Napa Valley irraa imaluun magaala San Fransisco deemee Kubbaniyyaa hedduu akka mucaa isaa qacaran gaafate . Humtuu tole hin jenne 😢 eeyyamamoo miti . 👉 Dhumarratti Gara Kubbaaniyyaa Linuxcare Kan tajaajila technology irratti hojjetuu seenee "Maaloo nagargaaraa Mucaan koo rakkoo Hamaa keessa jirtii mucaakoo naaf baraaraa" jechuun Ciminaan kadhate . Isaanis " Mee haala Kamiin si gargaarru" jechuun Gaafatan . 👉 Mucaakoo naaf qacaraa Jedhe sitti fakkaataa ! Lakki akkas jedhe," Mucaankoo Abigail dhuftee isin bira Haa hojjettu, ani ji'a ji'aan yeroo hundumaa Gara Herrega keessanii maallaqa nan galcha , isin ammoo Abigail f naaf kaffala " jedhee kadhate isaanis tole jedhan. ✍️ January 09 ,2008 Kubbaaniyaa Linuxcare Qacaramtee hojjechuu jalqabde . Kaffalameefii osoo hin taanee Abbaan ishee Ryad Kaffaleefi 😥 GARUU turtii ji'a muraasaa booda abbaan Abigail Maallaqa xiqqoo akka gargaartu gaafata. Deebii Abigail 👉 " Dad ati akkamittii rakkoo bara kanaa hubachuu dadhabde maallaqa nagaafattaa? Jireenyi magaalaa San Fransisco hagam qaalii akka ta'e ati hin beektu , Sanuu Hojii kana argachuuf dorgommiin ani dorgome , rakkoon ani dabarse akkamitti sitti hin mul'atu , Dad really Dad shame on you ! Ani akkamiin galiikoo guddisaan yaada malee ammaf siif kennuu hin danda'u , I'm Sorry Dad 😏" Jette Abigail . Obbo Ryad Hedduu ajaayibsiifatee , 👉"Mucaakoo Gatii siif Kaffalame osoo beektee silaa ati nama akkanaa miti , Ammas anaaf hiikni jireenyaa jiraachuuf gammaduu guddachuu keeti naaf Jiraadhu mucaakoo" jedhee Haasaa isaa xumure ! ✍️ dhugaayyuu namni gatii isaaf Kaffalamee Osoo beekee nama akkamii ta'a ture! ✍️ Dhugaayyuu namni gatii isaaf kaffalame osoo beekee yeroosaa bakka dhimma hin baasneef haasaa dhimma hin baasneen hin fixu ture. ✍️Dhugaayyuu namni gatiisaaf Kaffalame gaafa hubate jiruu fakkeessaa dhiisee gatii isaaf kaffalame baasuuf jiraata .
без подписи
без подписи
Ani kan na ajaayibeme Confidence tu Beekumsa irraa dhufemoo Beekumsatu Confidence irraa dhufee 🙄 moo Hariiroo hin qaban jarri kun 🤔 hadaduman FB koo lixuun hunduu confidence dhaan dubbatee lallabawo 😎 kaan immoo Waan hin beeknes confidencen Haasa'a 😣 Maal kun @Qadaaddoon ! 🤨 Obboleessoo 🤫 Waan kunuunsaa jirtuuf gara deemaa jirtu sirnaan beekuuf eeguu feesisa Of irratti xiyeefadhu, Waan fayyadamtuuf yoo hin beekin Miidiyaan Hawaasaa Gabaa kasaaraa Ta'uu quba qabaadhu 👨
Let's ask How many years have you already lost waiting for someone else to believe in you before you believed in yourself?
📍 "Gonkumaa Xiyyeeffannaakee namoonni biroon Akka To'atan hin eeyyamin , Ofii keetiin bulchi malee ! " 👉 qalbeeffadhu! Namni kamuu Osoo araada isaa hin injifatiin Jireenya isaa hin injifatu! 👉 Qabsaa'i araadakee injifadhu! ✍️ Ani nama amantiiti araadarraa bilisaa kun na hin ilaallatuu Kan jedhus akka hin dhabamne shakkii kooti, ta'us dhugumayyuu araada irraa bilisa ta'uukee beekuuf xumuri! ✍️ Deebii kana deebistee yoo jalqabde natti tola . 👉 Bilbilakee Osoo hin tuqin Sa'aa meeqaaf turuu dandeessaa ?? 👉 deebii ofiif deebiste kana gochaan yaalii hagam of to'achuu akka dandeessu mirkaneeffadhu ! ~~~~ ~~~~ Let's Go ። Dinagdee Xiyyeeffannaa (Attention Economy) Attention (xiyyeeffannaan) namaa, qabeenya daanga'aa baay'ee Qaalii ta'edha. Addunyaa har'aa keessatti dhaabbileenis ta'ee namoonni, xiyyeeffannaa kee harkisuu, qabachuufii of bira tursiisuu dhaan wal dorgomu. Karaa salphaa akka hubattuuf: 👉 Amma toora Facebook fi miidiyaa hawaasaa kana seenuuf itti yaaddeetumoo akka tasaati 🤔 deebiisaa siifan dhiisa ! Har'a odeeffannoon daangaa hin qabu; kan daguugamee dhumaa jiru garuu Annisaa fii xiyyeeffannaa kee dha. 👉 Kanaaf xiyyeeffannaan kee,fii ati qabeenyaa qaalii namootaaf Dhaabbilee kanaati. ⛳ mee Kana yaadadhu! ganama hirribaa kaatee bilbila kee banta. Miidiyaa hawaasaa tokko banta. Viidiyoowwan nama hawwatan si agarsiisu. Tokko ilaalta, isa itti aanu ilaalta, achiis kan biraa. Osoo hin beekin sa'aatiin guyyaa keetii inni murteessaan sa'aa 1 Kan duraa laatta . Kana jechuun guyyaan kee guutuun fudhatamee jechuudha , Guyyaan kee guutuun Sa'aa kee 1 jalqabaa irratti waan hundaa'uuf. Kun jechuun appichi xiyyeeffannaa kee qabatee of bira tursiise , si to'atee jechuudha. ⛳ Haaluma kanaan Beeksisni hedduun siif mul'ata. Waa'ee fedhii kee odeeffannoon walitti qabama. Kan ati jaal'attu walitti fufiinsaan siif ergama . Kun haala Isaan itti sammuu namootaa ta'atanidha . 👉 Yaadadhu Miidiyaa hawaasaa Kana Oomishuuf Engineeroonni Miliyoonaan lakkawaayaman Beekumsaafii yeroo isaanii irratti dhangalaasuun asiin gahaniiru . @Dhugaan_jiru_garuu_Engineeroota_kanaaf_waayeen_jireenya_keetii_dhimma_isaani_miti ! waayeen abjuuf galma keetii dhimma isaanii miti . Kan isaan ilaallatu Xiyyeeffannaa kee to'achuun akkamiin abbaan platformchaa Mult billionaire ta'aa kan jedhudha . Kanaaf Maaltu fala ? Furmaata hangafaa ✍️ _Haala_Sammuun_namaa_Itti_Hojjetu_baradhu (learn how mind is work) ✍️ Haala_Miidiyaan_Hawaasaa_itti_Hojjetu_Hubadhu. ✍️ Sa'aatii_guyyaakee_Kan_ganamaa_(sa'aa1)_Jalqabaa_gonkumaa_Miidiyaa_Hawaasaaf_hin_kennin ! ✍️ _Miidiyaa_hawaasaa_kee_sababaan_seeni. Waan hundumaarra Dursa ofiif laadhu , Gatii ofiif laadhu, xiyyeeffannookee to'adhu , guyyaakee to'adhu . Waan jaallattu osoo hin taane waan raawwachuu qabdu raawwadhu ! galatoomaa ! Jaalannaan Share gochuun Hawaasa Billiona 8 Biraan dhaqqabsiisa🙋♂️ 👇👇 https://t.me/sbesmart https://t.me/sbesmart
без подписи
без подписи
без подписи
без подписи
без подписи
без подписи