Aalam Media
Статистика♦️Aalam Media is a Non-Profit Broadcasting Organization that provides Islamic based media Contents to Oromos and Muslims
- Последний пост
- 31 мар.
- Последнее чтение
- ещё не заходили
- Постов за неделю
- 0
- Всего постов
- 22
- Тип
- открытый
- Язык
- английский
- В каталоге с
- 15 авг.
- 1/24сутки в ленте
- —
- 1/48двое суток
- —
- 1/72трое суток
- —
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
Galaanni Beekkumsaa, Majliisni/ Halqaan Daarul Iimaan kan Sheikh Iliyaas Abbaas Shwwaal 16 Darsii Isaa eegaluuf deema. Aalam Media : Shawwaal 12/1447 Adaama Naannoo Oromiyaa, Godina Harargee Bahaa, Aanaa Kombolchaa keessatti kan argamu, Halqaan (Majliisni) Daarul Iimaan kan jedhamu Barattoota hedduu oomishuun bu’aa olaanaa argamsiise jiru. Majliisni/ Halqaan Daarul Iimaan kun waggoota darban akka burqaa beekumsaa Islaamaati Bekkumsa Islaama raabsaa, hedduun tajaajilaa turee jira. Har’a ammoo, Barattoonni Muslimaa (Darasoota) gammachuu guddoo irratti argaman. Sababni isaas, erga ji’a kabajamaa Ramadaanaa xumuramee booda, Halqaan Daarul Iimaan darsii isaa kan waggaa haarawaaf 2026/1447 deebi’ee itti fufuuf qophaa’ee jiraachuun isaa beeksifameera. Boqonnaa Ramadaanaa fi Deebii Barnootaa:- Akkuma aadaa Ulamaa’ota keenyaa, yeroo Ramadaanaa keessatti Barnootni idilee dhaabuun ibaadaa, Qur’aana, fi qalbii qulqulleessuu irratti hojjachuuf dhaabbata. Amma garuu erga Ramadaanni xumuramee booda Guyyaa Shawwaal 16, Sanbata dhufu irraa eegalee Halqaan Daarul Iimaan barnoota isaa haala guutuu fi Bifa bareeda ta’een itti fufuuf qophii xumuree jira. Majliisni/ Halqaan Daarul Iimaan Iddoo Beekumsa Qofa Osoo Hin Taane – Majliisni Daarul Iimaan: Iddoo jaalalaa fi obbolummaati, Iddoo naamusaa fi Iimaanati, Iddoo rahamataa fi tasgabbii qalbii, Barattoonni kumaatamaan lakkaa’aman, Godina Oromiyaa hunda irraa, Akkasumas naannoolee biro irraa Dhufanii Barnoota diinaa baratu Bekkumsaan if ijaaranii gara hawaasa isaanii deebi’ani bekkumsa barsiisaniidha. Sirna Barnootaa fi Fannoota Kennaman Barnootni Halqaa Daarul Iimaan keessatti kennamu: Sirna qindaa’aa, Gadi fageenyaan kan deemu, Hojii irra ooluun beekkaman Fannoonni ijoo keessatti barataman: 1- Hadiisa Nabiyyii ﷺ 2- Aqiidaa sirrii (Iimaana) 3- Lughaa Arabia (Afaan Qur’aanaa) 4- Tafsiira Qur’aanaa 5- Fiqihii (Seera Islaamaa) 6- Siiraa Nabawiyya 7- Musxalaha Hadiisa fi kanneen biroo hedduu Hogganaa fi Barsiisaa – Sheikh Iliyaas Abbaas Halqaa kana duuba kan dhaabbatu, Aalim beekamaan Sheikh Iliyaas Abbaas Beekaa Umrii xiqqaa keessatti beekumsa guddaa horatan, Ulamaa’ota gurguddoo irraa baratan, kanneen keessaa Sheikh Aadam Tuulaa hanga Dr. Jeylaan Kadiir Gammadaa baratanii barsiisaa jiran. Barsiisaa cimaa, Qajeelchaa dhaloota, Fakkeenya Ulamaa’aa har’aa ta’uun tajaajilaa jiru. Dhaamsa Hoggantootaa fi Waamicha Barattootaa: Hoggantoonni Halqaa Daarul Iimaan akkana jechuun dhaamsa dabarsan Warra haaraa dhufan hundaaf “ Yeroon keessan amma! Gara beekumsaatti tarkaanfadhaa. Carraan galmee halqa isin hin dabrin.” Jedhan. Warra duraan barachaa turan gara Majliisaa Deebi’aa. Warri Boqonnna booda dhuftanii wal gargaara, wal qubsiisaa obsaa fi ciminaan itti fufaa hanga barnoonnii eegalamuu. Xumura – Iddoo Dhaloota Ijaaruu Dhugumatti, Majliisni Daarul Iimaan * Mana barnootaa Islaamaa * Warshaa Hayyoota/ Ulamaa’otaa * Iddoo dhaloota iimaana qabu itti ijaaran * Burqaa Ifaan diin hawaasa keessa irraa faca’uudha. Halqaa/ Majliisaa Daarul Iimaan namni achi seenu, Beekumsa argata, Naamusa barata, Iimaana cimsata, Hawaasaaf ifa ta’a Majliisa/ Halqaa Daarul Iimaan haa dagaaguu. 📜 BARII MAJLIISAA 📜 Bara 2026 📜”Halqaan Ulamaa’ota Keenya,University teenya”📜 🗳️🗳️🗳️ Halqaa Naannoo Keessanii nu biraan gaha. Call 📱 09 15 63 63 02 / 07 12 02 52 83 🗳️🗳️🗳️ Qopheessaan:- 🪀Misbah Sheikh Husein 🌎Aalam Media ♦️Nu Hordofaa Facebook: https://www.facebook.com/aalammedia1.php?id=61560395330900 Telegram: https://t.me/aalammedia1 YouTube: https://www.youtube.com/@AalamMedia-cc8lj Tiktok :tiktok.com/@aalammedi
Galaanni Beekkumsaa, Majliisni/ Halqaan Daarul Iimaan kan Sheikh Iliyaas Abbaas Shwwaal 16 Darsii Isaa eegaluuf deema.
☪️ Obboleeyyan - Guyyaa jumu'aa keessa namoonni sadarkaa garagaraa qabu. Irra Milkawaan isaanii; nama salaata jumu'aa salaatee, urgaa qilleensa kheeyriilee isii kan bubbisu saniis booji'ateedha. Obboleeyyan - Irra Hongawaan isaanii nama salaata guyyaa kanaa hadiyyeeysee urgaa fii mi'aa qilleensa kheeyriilee guyyaa kanaa of dabarseedha. Tirfii fii kasaaraa kana irraa ati eessa akka jirtu of barbaadi. Aakhiratti akkuma asitti of ilaaltee of agarte san taati. Obboleeyyan - Ibaadallaah! Daqiiqaalee fii sekondiilee hanga Rasuula ﷺ keessan irratti salaawa heddummeeysuun,ofii keessan,haadhaa fii abbaa keessan,ilmaan keessan,firoota keessan,jaalalleewwan keessanii fii muslimtoota hundaaf du'aa'ii gochuu heddummeeysaa dabarsuun booji'adha. اللَّهُمَّ صَلِّ علَى مُحَمَّدٍ………..) 🪀Misbah Sheikh Husein 🌎Aalam Media ♦️Nu Hordofaa Facebook: https://www.facebook.com/aalammedia1.php?id=61560395330900 Telegram: https://t.me/aalammedia1 YouTube: https://www.youtube.com/@AalamMedia-cc8lj Tiktok :tiktok.com/@aalammedi
Muslimoota (yaa Muslimoota) Sa'atiin xumura Asrii guyyaa jumu'aa sun kinoo as garagalte. Aalam Media : Zul-Qaidaa 18/1446 Adaamaa Obboleyyan Muslimaa ofii kee,haadhaa fii abbaa kee,obbolewwan kee,obboleettiiwwan kee,haadha manaa kee,firoota kee,hiriyyoota kee,jaalalleewwan kee,ilmaan keetii fii muslimtoota hundaaf Rabbii kee kadhachuu irraa bakhiilaa waakkataa hin ta'in. Obboleessi kee waggaa meeqa dhukkubsatee siree dhukkubaatirra ciisu sababa du'aa'ii keetiitiin fayyee qulqullaa'ee gammadee kolfee alhamdulillaah jechuun rabbii isaatiif gala galchuun si hin gammachiisuu?. Allaaha Allaaha yaa ikhwataah ofii keenyaa fii obboleewwan keenyaaf du'aa'ii gochuu keessatti jajjabaachuu keessatti. 💧Misbah Sheikh Husein 🌎Aalam Media ♦️Nu Hordofaa Facebook: https://www.facebook.com/aalammedia1.php?id=61560395330900 Telegram: https://t.me/aalammedia1 YouTube: https://www.youtube.com/@AalamMedia-cc8lj Tiktok :tiktok.com/@aalammedia1
Muslimoonnii biyyaa teenya Ethiopia Jaarraa kana keessa nama akkaa Ustaaz Ahmedin Jabal kana muraasa qubaan lakkawamu qabdii Aalam Media : Shawwaal 30/1446 Adaamaa Dhugaa lelisuun soba salphisee, Daba balleessun haqa guddisuuf akka dhugaa mo’atee olaantummaa argatuuf bekkumsa Isaa, yeroo Isaa, qabeenya Isaa, humna isaa fii jireenya isaa kan wareege Ustaaz Ahmedin Jebal. Ahmedin Jabal Akkuma Maqaa Abbaa Isaatii gaaradha,akka Inni dhugaa fii haqa galmaan hin geenyef gareen faallaa muslimootaa Isa sakaaluuf Gufuuwwan garagaraan yoo Isa danqan nama Osoo Abdii Hin Kutatiin Ofitti Amanamummaan Gara Fuula duratti Tarkaanfatuun har’aa gahee 💧Misbah Sheikh Husein 🌎Aalam Media ♦️Nu Hordofaa Facebook: https://www.facebook.com/aalammedia1.php?id=61560395330900 Telegram: https://t.me/aalammedia1 YouTube: https://www.youtube.com/@AalamMedia-cc8lj Tiktok :tiktok.com/@aalammedia1
без подписи
без подписи
без подписи
без подписи
без подписи
без подписи
Koolleejjiin Imaam Al-Shaafii'i gara Yunivarsiitiitti ol guddachuuf wal tajjiin guyyaa har’aa godhee jiraa Aalam Media : Shawwaal 30/1446 Adaamaa Magaalaa Adaamaatti kan argamu koollejjiin Ilaamu Al-Shaafi'ii sadarkaa Yuunivarsitiitti akka ol guddatuuf hojjatamaa jira. Kollejjichi Perezidaantii Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Sheyik Hajjii Ibraahim Tufaatiin kan hundaa'e yoo ta'u, waggoottan dheeraaf barattoota simatee dameewwan beekumsa Islaamaa garaa garaatiin barsiisaa kan jiruudha. Sagantaan Koolleejjicha gara Yunivarsiitiitti ol guddisuuf qophaa'es guyyaa har'aa magaalaa Adaamaa mooraa Koolleejjichaa keessatti gaggeffamee jira. 💧Misbah Sheikh Husein 🌎Aalam Media ♦️Nu Hordofaa Facebook: https://www.facebook.com/aalammedia1.php?id=61560395330900 Telegram: https://t.me/aalammedia1 YouTube: https://www.youtube.com/@AalamMedia-cc8lj Tiktok :tiktok.com/@aalammedia1
без подписи
без подписи
без подписи
без подписи
без подписи
Obboleeysoo Gaafa ilillii fii daraaraan qalbii keetii dhaame; Kitaaba Rabbii keetiitiin dheebuu baasii deebisii magarsii. Aalam Media : Shawwaal 20/1446 Adaama Guyyaa silaa gaafuma tokko dhugumaan lagaa fii burqaa qur'aanaa buutee irraa dhugdee kalaa guuttatte,silaa mi'aa fii urgaa isaa san takkuma dhandhamtee bustaanaa isaa san keessaa ilillii,daraaraa fii abaaboo isaa san funaannattee haxiraa fii shittoo isaatiis takkuma funyaan jala qabattee urgeeyfattee….!🌺 Obboleeysoo kukkutaniituma ajjeesanii si guuran malee isa qara'uu,hubachuu,barachuu,keessa gad lallaaluu fii isatti saahibuu irraa namni tokkolleen wanti tokkolleen sin deebisu. Onnee teenya gammachuu,raahaa,khabajaa,nuuraa fii toliinsa dheebboote tana Qur'aana Malee wanti isii Dheebuu baasu gonkumaa hin jiru. 💧Misbah Sheikh Husein 🌎Alarm Media ♦️Nu Hordofaa Facebook: https://www.facebook.com/aalammedia1.php?id=61560395330900 Telegram: https://t.me/aalammedia1 YouTube: https://www.youtube.com/@AalamMedia-cc8lj Tiktok :tiktok.com/@aalammedia1
Makkaan Maqaa 10 ol qabdi. Sana keessaa; Bakkaa, Baladul Amiin, Haramul Amiin, Ummal Quraa fi kanneen kana fakkaataniidha.👇 Aalam Media : Ramadaana 4/1446 Adaamaa Makkaa:, makkaan biyya Rabbiin [swt] isii bareecheedha. Makkaan maqaa 10 ol q abdi. Sana keessaa; Bakkaa, Baladul Amiin, Haramul Amiin, Ummal Quraa fi kanneen kana fakkaataniidha. Biyya Ergamaan Rabbii [s.a.w] keessatti dhalataniidha, Akkasumas keessaa ergamaniidha. Biyya qiblaan muslimtoota addunyaa hundaa keessatti argamuudha. Biyya gaarreen hedduu of keessaa qabduudha. Seenaan makkaa baay’ee guddaadha. Qur'aanni yeroo jalqabaatiif Achuma gaara Hiraa'a keessatti Ergamaa Rabbii irratti buufame. Muslimtootaaf malee makkaa fi madiinaa seenuun hin hayyamamu. Garuu Fiizaan makkaa fi Madiinaa "Laa Ilaah illallaah muhammadan Rasuulullaadha. Addunyaan hundi bakka kanatti wal gahuun dirqama isaanii bahatu. Dirree walqixxummaati. Giddugala lafaa akka taates seenaan ni addeessa. Manni Rabbiin [swt] Ilmaan namaatiif bu'uurse isa makkaan jiruudha. Qur'aanni akkana jedha: إِنَّ أَوَّلَ بَيْتٍ وُضِعَ لِلنَّاسِ لَلَّذِى بِبَكَّةَ مُبَارَكًا وَهُدًى لِّلْعَٰلَمِينَ "Dhugumatti manni jalqaba ilma namaatiif haala barakeeffamaafi aalama hundaaf qajeelfama ta’een kaayame isa Bakkaan (Makkaan) jiruudha.[Suuraa Aal-Imraan 3:96] $Ammas Qur'aanni namni achi keessa seene naga ta'a. فِيهِ ءَايَٰتٌۢ بَيِّنَٰتٌ مَّقَامُ إِبْرَٰهِيمَۖ وَمَن دَخَلَهُۥ كَانَ ءَامِنًاۗ وَلِلَّهِ عَلَى ٱلنَّاسِ حِجُّ ٱلْبَيْتِ مَنِ ٱسْتَطَاعَ إِلَيْهِ سَبِيلًاۚ وَمَن كَفَرَ فَإِنَّ ٱللَّهَ غَنِىٌّ عَنِ العالمين "Isa keessa mallattoolee ifa ta’an Maqaama Ibraahiimtu jira. Namni isa seenes nagaa ta’a. Rabbiif nama irratti, kan gara isaa deemuu danda'e irratti, manicha hajja'uutu dirqamni jira. Namni k*afares, dhugumatti Rabbiin aalama irraa duroomaadha. [Suuraa Aal-Imraan 3:96] 🔸️Hikmaan Masjiida Haraamitti salaatuun qabu keessaa tokko; Masgiida kaawwan irra sadarkaa kuma dhibba tokkoon (100000) caala. Itti aansee Masjiida Ergamaa Rabbii isa Madiinaa jiruudha. Ajriin Masjiida kanatti salaatuun masjida birootti salaatuu irra kuma tokkoon (1000) caala. 🔸️Inni sadaffaan immoo, Masjiidul Aqsaa isa biyya Falasxiin jiruudha, Salaanni achii immoo, dhibba shaniin (500) caala. 🔸️Sababbiin muslimtoonni gara ka'abaatti garagalanii salaataniis ajaja Rabbii fudhachutti jiran. Lammaffaa; Qiblaa Muslmtootaati. 🕋Dachee Makkaa 🕋Azaana Makkaa 🕋Zamzama Makkaa 🕋Salaata Makkaa 🕋Qilleensa Makka 🕋Daawwannaa Makkaa RABBIIN dhiyotti siif haa murteessu 🕋🤲 💧Misbah Sheikh Husein 🌎Aalam Media ♦️Nu Hordofaa Facebook: https://www.facebook.com/aalammedia1.php?id=61560395330900 Telegram: https://t.me/aalammedia1 YouTube: https://www.youtube.com/@AalamMedia-cc8lj Tiktok :tiktok.com/@aalammedia1
без подписи