MADDA BEEKKUMSAA🌳
Статистика"Abdii uummata bal'aa!" -dhimma oromoo fi oromiyaaf -galaa jireenyaaf -seenaa qabsawotaaf -imanaa beektotaaf -Madda beekkumsaf ▷kayyoodhaf hojanna ☆Waliintaanee seenaa galmeessin! YOUTUBE KEENYAF👇 https://youtu.be/p51FnhhOuDY
- Последний пост
- 21 июл.
- Последнее чтение
- 15 авг.
- Постов за неделю
- 0
- Всего постов
- 21
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- Категория
- Видео
- В каталоге с
- 14 авг.
- 1/24сутки в ленте
- 587
- 1/48двое суток
- 672
- 1/72трое суток
- 725
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
💢 DHIBEE KINTAAROTII (Hemorrhoids) ⚠️ Mallattoolee Kintaarotii 🤕 Dhukkubbii yeroo baay'ee 🔥 Hooksisuu fi gubuu 🌵 Naannoo munnee dhiita’uu 🩸 Dhiiguu danda’a 📊 Sadarkaa Dhiitoo 1️⃣ Sadarkaa 1: Meeshadhaan malee hin mul’atu. 2️⃣ Sadarkaa 2: Yeroo hagan ykn ittanuu gadi baha, ofumaan ol deebi’a. 3️⃣ Sadarkaa 3: Yeroo harkaan ol deebisan ni deebi’a. 4️⃣ Sadarkaa 4: Ol hin deebi’u, gadi baheetuma hafu. 🎯 Sababoota Nama Saaxilan 👵 Umuriin ol siquu 🚽 Yeroo baay’ee ittanuu 💺 Yeroo Dheera mana fincaanii irra turuu 🍔 Furdinaa Dabaalu 🧳 Ba’aa ulfaataa yeroo dheeraa ol fuudhuu 🧼 Hudduu akka malee riguu 🧍♀️ Dhaabbannaa fi taa’umsa yeroo dheeraa 🤰 Ulfa 🚨 Rakkoolee Hordofsiisuu Danda’u 🩸 Hir’ina dhiigaa 🧱 Dhiigni dhiita keessatti itituu 🦠 Dhiitan 'infection' ta’uu 🩹 Madaa’uu ❌ Sagaara qabachuu dadhabuu ✅ Maloota Ittisa Kintaarotii 💧 Bishaan gahaa dhuguu 🥗 Soorata faayibarii (fiber) qaban fayyadamuu 🚽 sagaran yoo si qabee yeroo dhufu, tursisuu dhisuu ⚖️ Ulfaatina hir’isuuf yaali 🏃♂️ Sochii qaamaa gochuu 📦 Ba’aa ulfaataa yeroo dheeraa ol fuudhuu dhiisuu 🩺 YAALA KINTAAROTII 🥦 Soorata gogiinsa garaa ittisan fayyadamuu 💧 Bishaan sirritti dhuguu 🚽 Yeroo baay’ee ittanuu dhiisuu 🛁 Bishaan hoo’aa keessa taa’uun madaa tasgabbeessuu 🧼 Hagan booda bishaan ho’aan dhiqachuu 🚫 Gogaan hudduu akka hin haqamne eeggachuu 💊 Qoricha dhukkubbii hanbisu – ajaja ogeessa fayyaa irratti 💉 Qoricha buubbu keessatti kaa’amu 🌿 Qoricha naannoo buubbu dibamu 🏥 Yeroo barbaachisaa ta’ee yaala baqaqsaa (surgery) gochuu – ogeessa waliin mari’achuun gaariidha! Dr. Mohammed Kedir ~~ #share #Subscribe #YouTube 👇👇👇 @JECHOOTAHAYYOOTA
Yaa maqaa kee Haacee koo Maqaa kee toltuu kana Yaa garaa kee kormee koo Garaa kee loltuu sana... Dhugaaf dhaabattuu sana Gumaa baafattuu sana! Utuu si ta'ee yoona Goota kee dhabdee hin raftu Utuu si ta'ee yoona Golatti cabdee hin haftu... Utuu si ta'ee yoona Xiiqiin kee saafaa abiddaa Utuu si ta'ee yoona Buddeena gumaa didda! Kan qacceen dirra dhaanu Gindii baattuu sangootaa Irmii nyaattuudha nuti Irmii nyaattuu dhalootaa! By......Lata kenei @JECHOOTAHAYYOOTA @JECHOOTAHAYYOOTA
Ilmaan Hachalu Hundessa Wabii🥰 Milkii🥰 Giiftii🥰 @JECHOOTAHAYYOOTA
#DHUKKUBA_NERVII ☆☆☆☆☆ Dhukkubni narvii gosoota hedduu fi bal'aa of keessa qaba. Kana keessaa garuu kan yeroo baay'ee nama dhibuu fi kanan har'a kaasuu barbaade dhukkuba narvii kan gara alaa (peripheral neuropathy) kan jedhamudha. Dhukkubni kun erga nama qabatee mallattoo akkamii argisiisaa? ✍Qaama keenya keessumaa miilaa fi harka keenya gubuu ✍Miira gara garaa kan akka dhukkubbii qaamni keenya dabarsuu dadhabuu ykn hadooduu. ✍Dhukkubbiin akka waraansa miila fi harka keessaa nama dhukkubuu ✍Qaamni keenya keessumaa miilaa fi harki keenya humna guutuun socho'uu dadhabuu ykn nuuf abboomamuu diduu. ✍Dhukkuboota kana yeroo hedduu maaltu nutti fidaa? ✍Dhukkuboota biroo keesumaa dhukkuba sukkaaraa ✍Hir'ina nyaataa keessumaa vitaaminoota B1 B6 B12 ✍Sanyiidhaan ykn genetics ✍Alkoolii hedduu dhuguu ✍Miidhama qaamaa kanneen akka kufaatii, caba fi kkf kan narvii qaama keessaa kutuu cafaquu fi miidhuu danda'an. ✍Cafaqamuu (compression) narvii qaama keessaa kan sababa gara garaa akka dhukkuba dhiitaa qaama keessaa fi miidhama alaan nurra ga'urraa dhufu ✍Qorichoota dhukkuba biraaf fudhataman kan akka kaanserii; HIV fi kanneen biroo #Akkamiin ofirraa ittisuu ykn gargaaruu dandeenyaa? 🙏Boqonnaa ga'aa fi sochii qaamaa ga'aa walitti fufaa ta'e gochuudhaan 🙏Nyaata madaalamaa ta'e haga dandeenye keessumaa kuduraaf muduraa nyaachuu qabna. 🙏Alkoolii kan dhugnu yoo ta'e xiqqeessuu ykn dhaabuu -🙏Dhukkubsataa/ttuu sukkaaraa yoo taane qoricha nuuf kennamu seeraan fudhachuun giluukoosii qaama keenya keessaa bakka barbaadametti eeguu 🙏Dhangala'aa ga'aa dhuguudhaan hirriba ga'aa rafuu 🙏Yoo kana hundaan nutti fooyya'uu baate gara mana yaalaa deemuun qoricha fudhachuu qabna. ✍️ Dr. Mohammed Kedir ~~~~ @JECHOOTAHAYYOOTA @JECHOOTAHAYYOOTA
видео или голосовое, без подписи
#Wantoota_6_har'a_ofitti_himi! *** 1.Ani qaaliidha. 2.Haala har'aa keessaa boru nan baha. 3.Ani miidhagaa/miidhagduu dha. 4.Jaalatamuun naaf mala. 5.Nagaafi gammachuun barbaada. 6.Ani dandeettii gahaa nan qaba. ☆☆☆☆☆ © Dr. Bulti Likisa (Bultoo),2023 #JOIN & #SHARE🙏 👇👇👇 @Jechootahayyoota
DIRQAMA KEE BAHII *** Hamma ati ofiif hin dhimmineetti, homtu siif dhimmaa hin qabu. Addunyaa kana irraa waanti dhaabbatan tokko illee hin jiru, kanaafuu addunyaa jijjiiramuu kanaa faana jireenya kee jijjiiri (of haareessii). Waan dagachuun sirraa jiraatu kamiyyuu dagadhuu. Guyyaa kee jaalala fi Gammachuun eegalii. Namoota jireenya kee irratti gufuu sitti ta'anif dhimma hin qabatiin(tuffadhu). Waan sii barbaachisuu xiyyeeffannoo guddaan rawwadhu. Abjuun gudda jedhame biraa hin gahamnee tokko illee hin jiru. Abjuu kee bira gahuuf immoo ifaajii (xaarii). Kan kanaan alaa abjuun kee abjuudhuma ta'eetu hafa. Ifaaji(xaarii)n ala abjuun kamiyyuu du'aadha. Kufaatiin immoo ragaa waan tokko yaaluu keetii, kanaaf kufuu hin sodaatiin irraa deddebi'i yaalii. MILKAA'II Guyyaa gaarii 🙏🙏🙏 ** #share gochuu hin dagatin. Join 👇👇👇 @JECHOOTAHAYYOOTA @JECHOOTAHAYYOOTA
Namicha tokkotu osoo karaa deemuu ibidda haalaan boba'aa jiru tokkotti dhufa. Akkuma ibidda boba'aa jiru kanatti dhiyaateen, bofa ibidda sana keessatti gubachaa, lubbuuf watwaachaa jiru argee, bofa kana ibidda kana keessaa baasuun qaba jedhee murteesse. Osoo baasuuf yaaluu bofni sun harkasaa iddee dhiigsee, deebi'ee ibidda sana keessa of buuse. Ammas namichi kun, sibiila ittiin lubbuu bofa kanaa oolchu barbaadee baaseen. Namni biroon namicha kanatti dhufee, ''bofni kun osoo si iddee jiruu maaliif lubbuusaa oolchitee?'' jedhee gaafate. Namichis, ''bofti nama idduun amalumasaati, waan na iddeef, kennaakoo ganamaa ilaalcha gaarii sana na jijjiirsisuu hin danda'u!''jedhee deebiseef. 👉Ilaalcha gaarii Uumaan ganama siif kenne, sababa miidhaa sirra gaheef hin jijjiiriin. Onneekee gaarii sana akka si jalaa hin banneef, of eeggannoo gaarii taasisi. ~~~~~~~ © Bulti Likisa Muleta, 2025 👉Kanan dubbiserraa, gara Afaan Oromoottin hiike! #Share 👇👇👇 @JECHOOTAHAYYOOTA
Some days you won't feel motivated at all. Do it anyway.Show up for your responsibilities quietly. The days you push through without inspiration build a different kind of strength—one made of discipline. This is how you prove to yourself that you can be trusted. Endurance is the quiet engine of real change. 🌷 Positivity 🌷 @JECHOOTAHAYYOOTA
You are the narrator of your own life. Pay attention to the script you're writing in your mind. Is it one of struggle,or one of strength? Is it about lack,or about possibility? You can't control every event,but you can edit the story. Choose a narrative that empowers you to keep going. 🌷 Positivity 🌷 @jechootahayyoota
Hammeenya keessa keetti namaaf qabattee hin deemin, kufaatii hiriyyaa keetii hin hawwin, jiruu nama biraati hinaaftee hirriiba hin dhabin, nama si amane hin ganin, hamii namaatiin guyyaa dheeraa hin fixin, yeroo hunda bakka kaleessaa irraa tarkaanfii takka fuul duratti ja'i. Yoo ati lubbuun jiraattee waggaa lamaan arraatti wanta karoorsite dhugomsuu baatte hin argita ! Halkan dansaa qabaadhaa 🫂🖤 @JECHOOTAHAYYOOTA
Sagaggaalummaan dulluma umrii maleeti namatti fida. Hin sagaggaalin bareeda kiyya, bareedina kee fi humna kee isa amma qabdu kana na duraa dhabdaa. Yoo haalli ittiin sagaggaaltu siif mijjate illee if qabi qashtii kiyya🥹🙏❤️ @JECHOOTAHAYYOOTA
SAMMUU KEESSAA JALQABAA. Wanti namni sirraa fudhachuu hin dandeenye tokko bilisummaa sammuu keetii ti. Sammuu kee jabeessi, dursa sammuu kee cimsi...sana booda wanti kamiyyuu ni danda'ama. ━━━━━━━━━━━ @JECHOOTAHAYYOOTA
https://youtu.be/AW7qkzmNxyk?si=F-BKvhPr4hSUUSal
Nama kamiif iyyuu homaa mirkaneessuu hin qabdu. Yeroo kee fudhadhu. Boqonnaan qaama imala kanaati. ━━━━━━━━━━━ @Jechootahayyoota
Waa'ee weera dhukkuba haarayaa amma mudate kana waan muraasa! ************ Maalummaan dhukkubicha guutuu guututti adda bahuu baatus dhukkubni kun VHF tahuu akka hin oolle mallattoolee inni agarsiisaa jirurraa ka'uun shakkamaa jira. "Viral Haemorrhagic Fever " jechuun walitti qabaa dhukkuboota Vaayirasii garaagaraatin dhufaaniiti.Vaayirasiiwwan kunneenis:- - Ebola Virus. - Marburg virus. - Yellow Fever . - Lassa Fever isaan ijoodha. Dhukkuboonni kun heddumminaan naannoo tropical area tti deddeebin mul'atu. Weerara fiduudhanis beekamu. Mallattooleen dhukkuba kanaa maali? - Qaama gubaa - Dhukkubbii buusaa - Ballaqamsiisaa gadi teessuma(kan dhiiga makatellee ta'uu danda’a - Dadhabbii qaamaa - Dhiiga garaa qaawwa qaamolee garaagaraa (Afaan,funyaan gurra fi kabiroo) Dhukkubni kun akkamiin daddarba? - Nama dhukkuba kanaan qabame waliin tuttuqaa qabaachuu. - Dhangala'aa namoota dhukkubichaan qabameen tiqamuu. - Bookee busaa - Hargansuudhanillee kan darban ni jiru. - Nama dhukkubichaan du'e tuttuquu. Dhukkubni kun hangi nama ajjeesuu isaa gosa Vaayirasii dhukkubicha fidee irratti kan hundaa'ullee ta'u ragaa hanga ammaa jiruun 25-90% ta'a. Kana jechuun nama dhukkuboota kanaan qabame dhibba tokko keessaa namni naannoo 25 hang 90 du'uu danda'u jechuudha. Yoo deeggarsi yaalaa hin godhaminiif. Dhukkuba kana akkamiin ittisuun danda'ama? - Nama dhukkuba kanaan qabametti baay'ee itti dhiyaachuu dhiisuu. - Ilbiisota addaa addaa ittisuu fi farra ilbiisotaa fayyadamuu. - Nama dhukkubichaan qabamuu shakkame adda baasuu fi kkf fa'a. Dhukkubni kun yaala qabaa? Dhukkuboonni kun yaala duubatti deebisu hin qaban. Wanti mana yaalatti godhamu deeggarsa ogummaa tokko tokko gochuu qofa. Deeggarsuma saniinuu garuu hanga tokko du'aatiin ni hir'ifama. Weerarri kun biyya keenyatti ka'e taanan balaa guddaa geessisa. Rabbi nutti hin fidin jenna. Cabsee Dhufnaanis waan dandeenyun dura dhaabachuuf qophiidha. Share godhaa! Share godhuun barreeffama kana nama biraan gahuun lubbuu baraarudha. Namoota itti dhiyaattan kan social media hin fayyadamnes afaanin itti himuun dhibee kana waliin haa ittisnuu. Join @JECHOOTAHAYYOOTA @JECHOOTAHAYYOOTA
видео или голосовое, без подписи
#DHUKKUBA_AMEEBAA (AMOEBIASIS) Ameebaan, dhukkuba orgaanizimii maxxantuu xixiqqoo 'Entamoeba Histolytica' jedhamaniin kan dhufudha. Ameebaan irra caalaatti mar'immaan keenya kan miidhu yeroo ta'u, mar'immaanii alattis tiruu, onnee akkasumas somba keenya miidhuu danda'a. 📌 KA'UMSA: Dhukkubni kun yeroo nyaanni nuti nyaannuufi dhugnu orgaanizimii dhukkuba kana fiduun yeroo faalamu kan nama qabudha. Dhukkubni kun haala salphaa ta'een namarraa namatti daddarbuu danda'a. 📌 MAALTU DHUKKUBA KANAAF NAMA SAAXILA? 👉Nyaataafi dhugaatii faalame fayyadamuun 👉Yeroo nyaata qopheessan qulqullina eeggachuu dhabuu 👉Yeroo baqaqsanii yaaluu faalamuu meeshaalee wal'aansaa 👉Anal intercourse 👉Ulfa (pregnancy) 👉Daa'imman 📌 MALLATTOOLEE: 👉Garaa dhukkubbii/ciniinnaa 👉Fedhiin nyaataa hir'isuu (loss appetite) 👉Garaa yaasaa dhiigaan makame (bloody diarrhea) 👉Dadhabbii qaamaa 👉Mataa dhukkuubbii 👉Ulfaatinni qaamaa hir'isuu 👉Haqqisiisuu (vomiting) 👉Hoo'ina qaamaa 📌 KARAA ITTIIN OFIRRAA DHORKAN: 👉Yeroo nyaata qopheessan qulqullina ofiis ta'e kan meeshaalee itti fayyadamnuu sirriitti eeggachuu. 👉Bishaan qulqulluu ykn danfisanii dhuguu 👉Kuduraafi muduraalee sirriitti bilcheessanii nyaachuu 👉Mana fincaanii erga fayyadamanii boodaafi nyaata qopheessuun dura harka sirriitti dhiqachuu 👉Bakka daa'imman itti haasawan qulqulleessuufi harkasaani afaansaanii keessa akka hin galchine eeguufi kkf. dha. ~~~ © Dr. Bulti Likisa(Bultoo), 2025 #FOLLOW & #SHARE🙏❤️ 👇👇👇 @JECHOOTAHAYYOOTA
Jireenya keessatti milkaa'inaaf Akka damma mi'aawaa ta'i Akka sa'aatii idilee ta'i Akka abaabootti haaraa ta'i Akka tishuutti lallaafaa ta'i Akka dhagaattis jabaadhu. @Jechootahayyoota
Cabni Onnee baayyee Hamaadha. Akka caba Lafee cinaachaati. Namni arguu hin danda'u garuu dhukkubbiin isaa yeroo Ati Hafuura Baafattu hunda sitti dhagahama.° ━━━━━━━━━━━ @Jechootahayyoota