Biiroo Barnoota Oromiyaa
Статистика“We shall make Oromia flood of genius students who score high grades in national exams”...!!!
- Последний пост
- 13 авг.
- Последнее чтение
- 15 авг.
- Постов за неделю
- 7
- Всего постов
- 81
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- Категория
- Новости и СМИ (по похожим)
- В каталоге с
- 13 авг.
- 1/24сутки в ленте
- 8 360
- 1/48двое суток
- 9 580
- 1/72трое суток
- 10 332
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
#Yaadachiisa 1 -Barattoota Giddu Gala Qormaataa (#Exam_Center) Jijjiirrachuu Barbaadan "#Edit" gochuu ni dandeessu. 2- Galmeen Guyyaa Boruu Xumurama. ------- BBO - Hagayya 07/2018 Barattootni MBIBBA, MBWMOfi MBA Sad. 2ffaa Dorgomuuf Giddu Gala Qormaataa…
#Yaadachiisa 1 -Barattoota Giddu Gala Qormaataa (#Exam_Center) Jijjiirrachuu Barbaadan "#Edit" gochuu ni dandeessu. 2- Galmeen Guyyaa Boruu Xumurama. ------- BBO - Hagayya 07/2018 Barattootni MBIBBA, MBWMOfi MBA Sad. 2ffaa Dorgomuuf Giddu Gala Qormaataa 'online'n filachuun keessan ni beekama. Haaluma kanaan barataan ''Exam Center' dogoggoraan ykn yaada jijjiirrate Giddu Gala Qormaataa isinitti dhihaatu/mijatutti jijjiirrachuu yoo barbaaddan "#Edit" gochuu ni dandeessu. 2- Galmeen Barattoota MBIBBA, MBWMOfi MBA Sad. 2ffaa Dorgomanii Seenuuf ulaagaa guutaniifi fedhii qabanii guyyaa boruu Hagayya 08/2018 waan xumuramuuf carraa kanatti akka fayyadamtan isin beeksifna. Maatiin barataa, barsiisotni hawaasnifi qaamni dhimmi dhalootaa isa ilaallatu hunduu barattootni akka galmaa'an jajjabeessaa kan jedhu dhaamsa keenya ta'a. Gaafa galmeen eegalamerraa hanga har'aa, Waaree Boodaa sa'aatii 10:00tti , #barattootni -13,010 yoo ta'an, #dhiirri - 7 644, #dubarri - 5 366 ta'uun beekameera. Kanaafuu, Barataan fedhii qabuufi ulaagaa guutu Giddu Gala Qormaataa Isaaf Mijatu Filachuun Akka Galmaa'u Yaadachiifna. #Liinkiin Galmeetis: https://exam.oeb.gov.et/ #Waan_nu_hordoftaniif_Galatoomaa! #share t.me/BiirooBarnoota_oromiyaa t.me/BiirooBarnoota_oromiyaa t.me/BiirooBarnoota_oromiyaa
#BEEKSISA #Galmeen_Barattoota MBBAfi MBA Guyyaa 2 Qofatu Hafa; #Guyyaan_Qormaataa Hagayya 20/2018 Ta'uunis Beekame. --------- BBO - Hagayya 06/2018 Barattootni Qormaata Naannoo Kutaa 8ffaa Bara 2018 Qabxii Olaanaa Gameessisuun Manneen Barnootaa Ifa Boruu Bultuu Addaa, Manneen Barnootaa Bultii Addaa Waldaa Misoomaa Oromiyaafi Manneen Barnootaa Addaa Sad. 2ffaa Oromiyaa Galuuf fedhii qaban #galmeen_hanga_Hagayya_08/2018 qofa ta'uu ibsuun keenya ni beekama. Haaluma kanaan #Guyyaan #Qormmaata_Seensaa itti kennamu immoo #Hagayya_20/2018 Waan Ta'eef Giddu Gala Filattanitti Ganama Sa'aatii 1:30tti Argamuun Qormaata '#online'n /Kompitaraan(CBT) akka fudhattan isin beeksifna. #Waan_nu_hordoftaniif_Galatoomaa! #share t.me/BiirooBarnoota_oromiyaa t.me/BiirooBarnoota_oromiyaa t.me/BiirooBarnoota_oromiyaa
Waan barfanneef dhiifama Gadhiifamera🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥 Waan barfanneef dhiifama jechaa Diraamaan hiree jaalalaa kutaa 93ffaan Channel kanarratti gadhiifameera.
Beeksisa Qacarrii Barsiisotaa BBO - Hagayya 04/2018 Qacarrii Barsiisota Manneen Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sad. 2ffaa ; 1)Gosoota Barnootaa Barsiisaniifi 2) Afaanota Biyya Alaa Barsiisaniif Ulaagaalee Qacarrii Guutan Hundaaf: 1- Gosoota Barnootaa: 1. English 2. History 3. Geography 4. Economics 5. ICT 6. Maths 7. Physics 8. Biology 9. C/Ship 10. A/Study 11. Physics Lab. 12. ICT Technician kan barsiisan yoo ta'u, 2) Barsiisota Afaan Biyya Alaa Barsiisan immoo: 1- Arabic Language 2.- French Language barsiisan qacaree Manneen Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sad. 2ffaa 7nitti ramaduu barbaada. Kanaafuu, Barsiisotni fedhii qabdaniifi ulaagaa qacarrii guuttan galmaa'uu ni dandeessan. #Odeeffannoo_Beeksisaa_Guutuu Isaa Argachuuf #Chaanaalii_Telegraama_Keenyaa_Ilaalaa. Liinkin Telegraamii:👇👇 http://t.me/OromiaEducation_Bureau #Waan_nu_hordoftaniif_Galatoomaa! #share t.me/BiirooBarnoota_oromiyaa t.me/BiirooBarnoota_oromiyaa t.me/BiirooBarnoota_oromiyaa
Hanga Ammaatti #Barattootni_Kuma_4_Ol Ta'an Galmaa'an. ---------------------- BBO - Hagayya 03/2018 Biiroon Barnootaa Oromiyaa Barattoota Qaxalee Qormaata Naannoo Kutaa 8ffaa Bara 2018 Qabxii Olaanaa Galmeessisuun Gara Kutaa 9ffaa Darban Dorgomsiisee Manneen…
Hanga Ammaatti #Barattootni_Kuma_4_Ol Ta'an Galmaa'an. ---------------------- BBO - Hagayya 03/2018 Biiroon Barnootaa Oromiyaa Barattoota Qaxalee Qormaata Naannoo Kutaa 8ffaa Bara 2018 Qabxii Olaanaa Galmeessisuun Gara Kutaa 9ffaa Darban Dorgomsiisee Manneen Barnootaa Bultii Addaafi Addaa Sad. 2ffaatti Fudhachuuf Beeksisa Baasen Hanga Ammaatti (03/12/2018 Waaree Booda Sa'aatii 11:45tti) Barattootni #Dhiirri -2 908 #Dubarri - 1 554 #Walitti_Barattootni - 4 462 Galmaa'un Giddu Gala/Buufata/ Qormaataa (Exam Center) Itti Qorataman Filataniiru. Kanaafuu, Barattootni Dorgommiif Ulaagaa Guuttan, Hanga Ammaatti Hin Galmaa'in Guyyaan Galmee Otuu Hin Goolabamin Daddaftanii Akka Galmooftan/Giddu Gala Qormaataa 'Online' Isiniif Kenname Irratti Galmaa'un Carraa Kennametti Akka Fayyadamtan BBO'n Dhaamsa Dabarseera. #Dhumarratti, Hoggansi Barnootaa #Waajjira_Barnootaa_Godinaalee, Magaalotaa, Aanaalee, Dura Bu'aan Manneen Barnootaa, #Barsiisotniifi_Maatiin_Barattootaa Ijoollee Qabxiin Isaanii Ulaagaa Dorgomichaa Guutan Akkuma Kanaan Duraa #Adda_Baafachun_Carraa_Kanatti_Akka_Fayyadaman Kakaasuufi Jajjabeessun Akka Galmaa'an Gargaarsi Keessan Murteessaa Ta'uu Beektanii Cinaa Akka Dhaabbattan 'Adaraa' /Yaboo/ Isin Bira Kaawwanneerra. - BBO - #Waan_nu_hordoftaniif_Galatoomaa! #share t.me/BiirooBarnoota_oromiyaa t.me/BiirooBarnoota_oromiyaa t.me/BiirooBarnoota_oromiyaa
Barattoota #MBBAfi_MBA Kutaa 9ffaa Seenuu Barbaadan Hundaaf: --------------------- BBO- 03/12/2018 Akaakuu Barnootaafi Qabxii Madaallii Qormaata Seensa Kutaa 9ffaa MBBAfi MBA ilaallata. #1_Akaakuu_Barnootaa Qormaata Seensaa Kutaa 9ffaa Manneen Barnootaa Bultii Addaa 2ffaaf Kennaman: 1 - Afaan Oromoo 2 - Ingiliffa 3 - Herregaafi 4 - Saayinsii Walii Galaa keessaa kan qophaa'an waan ta'eef itti qophaa'aa kan jedhu ergaa keenya yoo ta'u, duraan dursitanii '#online'n: #Galmaa'uufi #Buufata_Qormaataa_filachuu hin dagatinaa! Liinkin Galmeetis:- https://exam.oeb.gov.et/ #2_Qabxii Madaalli Ulaagaalee 1- Qabxini Qormaata Seensaa barreeffamaan kennamu - 80% 2- Qabxiin Qormaata Naannoo Kutaa 8ffaa Bara 2018 - 15% 3- Qabxiin Tiraansikriiptii kutaa 7-8 - 5% keessaa kan qabamu yoo ta'u, 100% keessaa barattootni walduraa duubaan caalmaan galmeessisan gara Manneen B arnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sad. 2ffaa, Mana Barnoota Bultii Addaa Waldaa Misoomaa Oromiyaa Sad. 2ffaafi Manneen Barnootaa Addaa Sad. 2ffaatti kan ramadaman ta'uun beekameera. Kanaafuu, Ammaa achi qormaata seensaa 'online'n kennamu irratti xiyyeeffannoon qophaa'un murteessaa ta'uu hubachuun barbaachisaadha. #Carraa_Gaarii! t.me/BiirooBarnoota_oromiyaa t.me/BiirooBarnoota_oromiyaa t.me/BiirooBarnoota_oromiyaa
Liinkii Galmee:- 👇👇 https://exam.oeb.gov.et/ #Waan_nu_hordoftaniif_Galatoomaa! #share t.me/BiirooBarnoota_oromiyaa t.me/BiirooBarnoota_oromiyaa t.me/BiirooBarnoota_oromiyaa
SIRREEFFAMA Galmee Barattoota Manneen Barnootaa Bultii Addaafi Addaa Sad. 2ffaa Dorgommiin Galuu Barbaadan Hundaaf BBO - Hagayya 01/2018 Biiroon Barnootaa Oromiyaa Barattoota Bara Barnootaa 2018 Qormaata Naannoo Kutaa 8ffaa fudhachuun qabxii olaanaa galmeessisuun gara kutaa 9ffaatti darbaniifi #Manneen_Barnootaa_Ifa_Boruu_Bultii Adaa Sad. 2ffaa, Manneen Barnootaa #Bultii_Addaa_WMOfi #Manneen_Barnootaa_Addaa Sad. 2ffaa dorgommiin Seenanii barachuuf fedhii qaban hundaaf Adoolessa 29/2018 beeksisa baasuun ni yaadatama. Haaluma kanaan: #Ergaawwan sirrachuu qaban #lama yoo ta'an; 1) #Iddoo_Galmee :- Iddoon Galmee ibsaman sunniin hin barbaachisan. Kanaafuu, Galmeen Oonlaayiniin(#Online)n Waan Gaggeeffamuuf barataan kamiyyuu bakkuma barbaade jiraatee(taa'ee) #Liinkii asii gadiitti fayyadamuun #Lakkoofsa_galmee (Registration Number) kan kutaa 8ffaa ittiin qormtan galchuu, itti aansuun maqaa #Akaakayyuu(Grandfather's Name) Galchuu, itti aansee filannoon isiniif dhufu immoo, bakka itti qoramuu barbaaddan/Giddu Gala Qormaataa/(Exam Center) yoo ta'u, bakka qoramuuf isinitti dhihaatu filachuun iyyachuu (Apply) gochuu ni dandeessu. #Guyyaan_Galmee har'a (01/12/2018) Sa'aatii ammaa kanarraa kaasee hanga Hagayya 08/2018 qofa bakka jirtanitti Giddu Gala Itti Qoramtan (#online)n filachuu galmaa'uu ni dandeessu #Liinkichis : https://exam.oeb.gov.et/ 2) #Guyyaa_Qormaataa : Fuuldura Murteessinee isin beeksifna. #Waan_nu_hordoftaniif_Galatoomaa! #share t.me/BiirooBarnoota_oromiyaa t.me/BiirooBarnoota_oromiyaa t.me/BiirooBarnoota_oromiyaa
HUBACHIISA BEEKSISA GALMEE Barsiisota Bu'uura Boruu ▫️Ulaagaa Galmee Leenjii Ogummaa Guyyaa 29/11/2018 Maxxanfamee Ture Barsiisummaa #Barnoota_Bu'uura_Boruu #Ragaa_Barnootaa Dorgomtoonni leenjii ogummaa barsiisummaaf dorgomuu barbaadan ragaa barnootaa tiraaniskiriiptii sadarkaa lamaffaa (kutaa 9-12ffaa) mallattoo dura bu’aa mana barumsaafi ogeessa rikardii chaappaan mirkanaa’e, ragaa kutaa 8ffaa fi sartafikeetii kutaa 12ffaa ittiin xumuran orjinaalaafi koppii qabatanii dhihaachuu qabu. #Akkaatuma_Kanaan #Dorgomtoonni tiraansikiriptii kutaa 9-12 qabxii giddu galeessaan 50% fi ol qabaachuu qabu; #Dorgomtoonni barnoota sagantaa sertifikeetiin (12+1) ogummaa barsiisummaa leenji’uuf iyyannoo dhiheeffatan kutaa 12ffaa xumuranii qorumsa seensaa Yuunivarsiitii fudhatan ulaagaa kanaa gadii kan guutan ta’uu qabu: #Qabxii_dorgommii_Bara 2017 Fo’annoofi #Filannoo_Kaadhimamtoota_Barsiisotaa sagantaa Seertifikeettiifi (12+1) qophaa’e, Ibsa Gosa Barnootaatiin Qabxii Dorgommii Sagantaa seertifikeettii (12 +1) #Saayinsii_uumamaafi saayinsii hawaastiin barattoota idileefi galgalaa dhiiraaf, naannoo horsiisee bulaa osoo hindabalatiin #180 fi isaa oli #Saayinsii_uumamaafi saayinsii hawaastiin barattoota idileefi galgalaa dubaraaf, naannoo horsiisee bulaa osoo hindabalatiin #162 fi isaa oli #Naannoo#horsiisee_bulaa jiranii Dhiiraaf 168 fi isaa oli #Naannoo_horsiisee_bulaa jiranii Dubaraaf #162 fi isaa oli #Saayinsii_hawaasaa Barattoota Qaroo dhabeeyyii dhiiraaf 140 fi isaa oli #Saayinsii_hawaasaa Barattoota Qaroo dhabeeyyii dubaraaf 135 fi isaa oli #Qabxii_dorgommii_Bara #2016 Fo’annoofi Filannoo Kaadhimamtoota Barsiisotaa sagantaa Seertifikeettiifi (12+1) qophaa’e, Ibsa Gosa Barnootaatiin Qabxii Dorgommii Sagantaa seertifikeettii (12 +1) #Saayinsii_uumamaafi saayinsii hawaastiin barattoota idileefi galgalaa dhiiraaf, naannoo horsiisee bulaa osoo hindabalatiin 162 fi isaa oli #Saayinsii_uumamaafi saayinsii hawaastiin barattoota idileefi galgalaa dubaraaf, naannoo horsiisee bulaa osoo hindabalatiin 150 fi isaa oli Naannoo horsiisee bulaa jiranii Dhiiraaf 156 fi isaa oli Naannoo horsiisee bulaa jiranii Dubaraaf 150fi isaa oli Saayinsii hawaasaa Barattoota qaama miidhamtoota 130 fi isaa oli Saayinsii hawaasaa Barattoota qaama miidhamtoota dubaraaf 125 fi isaa oli Kaadhimamtoota Barsiisotaa bara 2015 qabxii darbiinsaa sagantaa Seertifikeettii (12+1) qabaatanii dhuunfaan Fo’annoofi Filannoo K/Barsiisotaa bara 2018 dorgomuu danda’an Ibsa Gosa Barnootaatiin Qabxii Dorgommii Sagantaa seertifikeettii (12 +1) kan bara 2015 qaban ➻ Saayinsii Uumamaa sagantaa idileefi galgala dhiiraaf 180 fi ol, ➻ Saayinsii Uumamaa sagantaa idileefi galgala dubaraf 180fi ol ➻ Saayinsii Uumamaa naannoo horsiisee bulaatiif dhiira 170fi ol ➻ Saayinsii Uumamaa naannoo horsiisee bulaatiif i dubara 170fi ol ➻ Saayinsii hawaasaatiin sagantaa idileefi galagalaa dhiira 160fi ol ➻ Saayinsii hawaasaatiin sagantaa idileefi galagalaa dubara 160fi ol ➻ Saayinsii hawaasaatiin Naannoo horsiisee bulaa dhiira 150fi ol ➻ Saayinsii hawaasaatiin Naannoo horsiisee bulaa dubara 150 fi ol Ta'uu hubachiifna. “Carraa Gaarii”...! #Waan_nu_hordoftaniif_Galatoomaa! #share t.me/BiirooBarnoota_oromiyaa t.me/BiirooBarnoota_oromiyaa t.me/BiirooBarnoota_oromiyaa
видео или голосовое, без подписи
видео или голосовое, без подписи
Oduu Gammachiisaa! Barattoota Manneen Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa (MBIBBA), MB Waldaa Misooma Oromiyaafi Manneen Barnootaa Addaa (MBA) Sad. 2ffaa Dorgomanii Galuu Barbaadan Hundaaf. BBO - Adoolessa 29/2018 Barattootni bara 2018 Qormaata Naannoo Kutaa 8ffaa fudhachuun qabxii olaanaa galmeessisaniifi MBIBBA, WMO fi MBA Sad. 2ffaa galanii barachuuf fedhii qaban hundi ulaagaa galmeef kaa'ame Liinkii Telegraamii keenyaa banuun odeeffannoo guutuu akka argatan isin beeksifna. Liinkichi :- 👇 http://t.me/OromiaEducation_Bureau #Waan_nu_hordoftaniif_Galatoomaa! #share t.me/OromiaEducation_Bureau t.me/OromiaEducation_Bureau t.me/OromiaEducation_Bureau
BEEKSISA ARIIFACHIISAA BBO, Adoolessa 29/2018 Hoggantootni barnoota Godinaaleefi Bulchiinsa magaalotaa hundi barattoota kutaa 12ffaa xumuranii ulaagaa sartifikeetii barachuu barbaadan leenjii Kaadhimamtoota barsiisotaa Barnoota Bu'uura Boruu sadarkaa sartifikeetaan qofaan ganna ji'a hagayyaa irraa eegalee leenjisuuf qophiin Kolleejjii Barnootaa Barsiisotaa Kampaasii Yunv.Naannoo Oromiyaa (OSU)fi Manneen Barnootaa Bultii Addaa (MBBA) waliin taasifamee waan jiruuf, guyyaan galmee Adoolessa 30/2018 - Hagayya 4/2018tti galmaa'anii, calalamanii, qoramanii, barattoonni darban gaafa 10/12/2018 irraa eegalee leenjiin kan eegalu ta'uu beektanii haala akka mijeessitan hubachiisaa, barattoonni ulaagaa guuttaniifi leenjitanii barsiisuuf fedhii qabdan KBB 13 qabnu hundarratti guyyaa armaan olitti taa'e keessatti deemtanii akka galmooftan hubachiisaa caasaan sadarkaa Godinaa/Bul.magaalaa hanga sadarkaa aanaa/kutaa magaalaatti jirtan beeksisni galmee guyyaa har'aa 29/11/2018 akka maxxansamu irra deebinee isin hubachiifna. #Waan_nu_hordoftaniif_Galatoomaa! #share t.me/BiirooBarnoota_oromiyaa t.me/BiirooBarnoota_oromiyaa t.me/BiirooBarnoota_oromiyaa
видео или голосовое, без подписи
видео или голосовое, без подписи
видео или голосовое, без подписи
видео или голосовое, без подписи
видео или голосовое, без подписи